Tuesday, September 3, 2013

Haadha gootota hedduu; Ammas diinni kee haa gaddu!, Kutaa 2ffaa

Jiituu Lammii; Unbarsiitii Finfinnee   | Fulbaana 3, 2013
Dubbiin bubbulee, miidhaan jajjabaatee – ija saba koorraa imimaan qooru dide. Har’a: qonnaan bulaa meeqatu  qe’ee isaarraa buqqa’aa jira?  Xaa’oo  ykn. sanyii ‘filatamaa’ bitachuu dadhabee alagaa laga ce’ee dhufeetti lafa isaa kennee ofii du’atti harka kenna? Ilmaan Oromoo barnootaan akka hinfullaane immaammata akkamtu hojiirra oolaa jira?  Warri akkuma ta’ettuu barnoota sadarkaa olaanaa xumuranis yoo ta’e meeqatu hojii dhabee warra maatii isaa qe’eerra buqqiseef ergamuuf jooraa oola? Innuu dhibee meeqatu abdii kutatee lubbuu ofii balleessa? Meeqatu roorroo kana hunda baqaaf jecha manaa bahee gammoojjii fi galana ormaa keessatti bineensi nyaata? Qeesonni Habashaa  ‘bataskaana’ araddaa Oromoorra dhaaban keessa dhokatanii maal hojjachaa jiru? Kurnoon (buusiin) ilmaan Habashaa biyya hambaatii maqaa amantiin ‘bataskaana’ qe’ee Oromoo jirutti roobsaan Oromoorratti maal hojjata? Miidiyaaleen Afaan Amaaraatiin halkanii guyyaa lallabaa jiran guddina Oromoo fi Oromummaarratti maal godhaa jiru…?
Firoota kiyya, …dubbii dheeressee maafan isin nuffisiisa…!” jedhee anaa gara ijoo yaada kiyyaatti deebi’uuf qalbii koo sossobaa jiruuti ergaan bilbilaa na qaqqabee caalayyuu qalibii koo fageesse. Imimmaan maddii kiyyaarraan lola’u dhaggeeffachuun alatti waa gochuuf akki isaa na dhibnaanan callisee yaadannoo hadhaawaa madaa obsa hinqabne keessa kootti dhageeffadhe. Waggaa muraasa dura, Oogganaa mana hidhaa ‘Maa’ikawwii’ kan ture namni Komaandar Monii Maangashaa jedhamu ganama ganama kutaan ani ittihidhamee jiru balbala dhaabatee “ …dhiigaa keessan dhugu malee gammachuu hinargadhu!” jedha ture. Muniin Sanyiin Amaara haata’uu? … Tigree…?? Mooji Abbaasaati! Garuu bulguu dhiiga Oromoo dheebotu ta’uu innuu qaanii malee fuulleetti himata ture. ‘Maa’ikawwii’, ‘Karchallee/Alam baqqaa’, Qaallittii… Hadhaa akka kanaa dabarsanii raga dhalootaaf himuuf warra carraa argatan keessaa ani tokko. Ofuulduraaf dhaamannoo heddun qaba. Har’aaf yaadannoo ka’umsa dubbii koof tolu sinii qoodeen waliin wal jabeessina.
Xumura bara 2005, mana hidhaa Qaalittii gocha seenaaf dhaamamu qabu qofa otoo hintaane, gochaa ilmaan saba kana cufa hadheessee qabsoof kaasuu malutu uumame.  Guyyaa, sa’a 2:30dha. Aduun isaa kan dur caala lafa seenan nama wallaalchisa. Hunduu akkuma akka isaatti gariin bishaan ofitti naqaa, gariin gaaddisuma argame jala mataa dhokfatee dabarsuutti  otoo jiruu, sagalee dhukaasaa alaalaa akka tasaa dhagahamee qalbii namaa hawate. Xinnoo otoo hinturre meeshaan waraanaa xiyyoo hundarraa afaan banee hidhamaa akkanaanuu bakka seenu dhabe funaanuu jalqabe. Lafaaf amma adda kuruphee geessi. Bitaa mirgarraa abidatu rooba. Gara seenantu dhibe. Galgaltuu hanga sa’a 5:30tti otoo walirraa hincinne ittifufe. Halkan guutuu reeffa guuraa (dhoksaatti awwaalaa) bulan. Lafti bariinaan nama du’arraa hafe adda baafachuuf fakkaataa to’annaa jalqaban. Dhiigni namaa yaa’ee golba lafaa keessa ciisa. Surriifi mari’immaan… qamni namaa ciccitee lafatti titiifni irraa huursa. Wanti argan hundi qalbii nama sukkanneessa. Rifaasuu sanaan kan sammuu dhukkubsate  hanga hinqabu. Kana cufa otoo argaa jiranuuti kan qalbiin isaanii dhiiga biraa dheebochuu eegale. Loltuun Tigree tokko ilmaan Oromoo rasaasa isaaniirraa hambaa hafan erga ilaalee booda mataa of ciruu eegale. Keessa bahee “… namni du’uu qabu hinduune….!!” Jechuun miira keessa isaallee dhokfachuu dadhabe.
Firoottan kiyya, maali keessa jirra!? Maalitti jirra!? Eebbisaa Addunyaa, Daraaraa Kafanii, Dirribee Jifaar, Jaagamaa Badhaanee, Kabbadaa Badhaasaa Simee Tarrafaa, Girmaa Bayyanaa, Getuu Dirribaa, Alamuu Disaasaa Alamaayyoo Garbaa, Injiner Gaaddisaa Hirphasaa, Naasir Abdoo, Masfin Moosisaa    Ahimad Mahammad Kuree fi Ayishaa Alii (Ajjechaa gaara Suufii), Suleyman Ahimad, Bayyan Ibraahim, har’ammoo Injiner Tasfaahun Camadaa … Oladeemtuu Oromoo, beekaa saba kanaa, namguddoo ulfinaa qe’ee isaaniitti qalaman lakkoofnee ittihinbaanu. Booyichi haadha Oromoo hanga dhabe. Garuu birmachuu gahaa hinarganne. Qe’een Oromoo diigamee daa’imman  haadhaa – abbaa malee hafan. Shirri kun har’as itticaalaa jira. Bineensi dhiiga lammii kiyyaa  dhuguuf ba’e  of duuba deebi’uu tasuma fedhii hinqabu. Ofirraa deebisuun dirqama dhalootaati. Mar’immaan koo gubatee garaan na raafamullee imimmaan koo qoorfadheen gara yaada koottii deebi’e – Goota gaafa giitii, kan imimmaan hadhaa qoorsu barbaacha! Isaan dura garuu seenaa tokkon isiniif qooduu hawwe.
Dubartii haadha gootaa tokkotu ture jedhama. Akeekaafi kaayyoo ittamantu dhugoomsuuf ofii ishee gatii guddaa baaftullee, umriin dheeratee, dullumnis dhufee humni dhibnaan ilmaan ishee gahanii dabaree dabareen kaayyoo sanaaf dhaabachuu eegalan. Ilmi hangaftichi dabaree dursaa fudhatee deeme. Hojii jajjabaa erga hojjatee booda wareegame. Wareegamuu isaa kana firri dhagahee, ollaan walitti himee, inni boo’us inni boochisus qophaa’ee hunduu walguuree barii abboroo karraa haadha goototaa saqqatanii ol seenan. Haati goototaa dhimma kana dursitee dhageessee ilma ishee isa ittaanu qophiifi hidhannoo barbaachisuun gonfitee eebbaan kaayyoof yoo bobbaaftu ilaalan. Gaddis hinturre. Booyichis hinjiru – dubbiin dubbii kaayyooti waan ta’eef. Biyyi “…raajiidha!” jechaa ofirra deebi’ee gale. Akkuma kana ilmaan ishee dabaree dabareen otuma ergitu, biyyis haala ishee baree manuma keessatti otoo gumgumuu gaaftokko waanti qalbii nama hawatu dhagahame.
Haati gootaa du’a ilma ishee isa dhumaa gaafa dhageessu boossee qabaan dadhabe. Gadditee obsi dhibe. Kanaan dura haati goototaa hinboossus; hingadditus ture. “…har’a maaltu ishee argate laata…!?” jechuun hunduu iccitii haadha goototaa boossise dhagahuuf kutaa oolbatee gurra qeensaa gara ganda haadha gootaatti xuruure. Haatii gootaa mudhii hidhattee, gamaa gamana geessee, miira hadhaawaan ciniinsifatti. “… ilmaan koo hunduu kaayyoo haqaaf wareegamaniiru… garuu kan na boossisu isa kanaa miti…!” imimmaan ishee facaasaa, mudhii ishee jabeeffachaa “… kana booda dahee ilmoon kaayyoo dhugaaf bobbaasu dhabuu kootu naboossisa…!!”  jettee  jamaa imimmaan ishee ilaalee boo’utti gadda ishee himatte jedhama. Kaayyoon haqaa ilmoo ofii caala nama marara. Waaqayyoof haa galatuu hireen haadha Oromoo isa kanarraa adda. Kumni wareegamu kumaatama bobbaasuu dandeessi! Kuni abdii jabaadha.
Firoottan koo Hammeenyaa diinaa hadheeffachaa hanqina keenya golguu yaalun fala hinta’u.  Gatii jaallan kumaatamaan ittiwareegamaa jiran galmaan gahuuf asxaa warra kufee ol kaasuun, hiriira ittaanutti siquutu furmaata. Qe’ee Oromoo keessa goota ofirraa hafee ormaafu ta’utu akka galaanaa ciisa. Galaana kana warraaqsanii bidiruu diinaa raasuun garuu hojii jabaa xiyyeeffannoo gaafatu ta’a. Kana gochuuf garuu qooda nurraa eegamu bahaa jirraa laata!? Kuni yeroof qalbuma keenya keessa haa buluuti – seenaa armaan gadii ilaallee anis dubbii kiyyatti xumuraan gaha.
“….ministeera ittisaafi dura taa’aa OPDO kan ta’an, Abbaa Duulaa  Gammadaa (General) waraana addaa fudhataanii magaalaalee Oromiyaa saditti duuluuf qophaa’uun isaanii dhagahame.
…sochiin barattoota Oromoo (Ambo, Naqamte, Gimbiitiin) qabsiifame qabanaawuu waan dideef waraana addaa ilmaan Amaaraafi Tigree of keessatti qabate qindeessuun akka  duulan oogganaa humna tikaa, obbo Getaachoo Asaffaarraa qajeelfama fudhataniiru…  
  -Gaazexaa Mogad, Waggaa 4ffaa Lakk. 143, Bitootessa 21, 1994 (ALH)
Dubbistoota barruu kanaa, haatii Oromoo gota hedduu deesseetti. Ragaa hedduu dhiyeessuun nama hindhibu. Garuu, goota didhanii kaasuun, duchiisaanii lochiisuun, xiiqomsanii si’eessuun, qoqopheessanii, gugurmeessanii bobbaasuun hojii walooti. Nama miira akkanaa uumee galaana ciisuu kana warraaqsutu barbaadama. Sagaleen Oromoo hangumti xiqqoon ‘brigade’ diinaa raasuu akka dandeessu nu caala diina keenyatu akeekkate. Kanaaf sagalee kana gargar tamsaasee humna dhoowwuuf tattaafata. “…gamanaa fi gamas goraa…” jechuun gidduu keenyatti sababa sobaa uumee ilmaan saba tokkoo gamaa gamasitti faffacaasuu yaala. Sagalee farraa, waamicha diinaa tuffaatanii dhugaaf karaa dhugaarra hanga du’atti dhaabachuun dirqama. Kunis akka danda’amu barannoo seenaarraa arganne yaadachuu feesisa.
     … gammojjii Ogaadeen, bakka Shinniggaa jedhamu yeroo gahan haalli isaan    hin eegne isaan mudate. Waraanni Somaalii kun jibba guddaa ABO fi ummata Oromoo irraa waan qabuuf jaallan keenya guddaa hiraarse… Osoo isin hin ajjeesin  “warri kiristaanaa taatan gam tokkottiwarri islamaa taatan gama biraatti bahaa!” jedheen. Jaallan  kun  garuu “…nuti  Oromoodha!! amantii fi gosaan adda hin baanu !!” jedhanii didan. shiftoota Somaalii kanaan rashanamanii boolla tokkotti awwaalaman. -Seenaa gootota Oromoo, Ebla 15, 1980
“…waanan citee sittafeef keessa garaa koo qaba…” Jedha geeraraan. Kabajaan bara baraa jaallan dhugaatti citanii seenaa kana dhaloota dhaalchisaniif haata’u! Har’a dhaloonni dhugaa kana dhaale hedduudha. Ulfinni namummaa fi kabajaan sabaa seenaa kana keessa jira. Sagalee diinni sodaatu; Sagalee jabaa diina hidhannoo hiikkachiisu; hidhannoo jabaa Oromoon cufti qabatee bobba’uu qabu… dhaallee wali dhaalchisuu qabna. Gaafas rakkoo sabaaf furmaata taana. Nuti Oromoodha!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!

–Barreefamoota Jiituu Lammii:

Baraafii furguggee

Baraafii furguggee,
gad jedhanii jalabahuu
Mammaksa jedhamu
gaafuman dhagahuu
Battala yaadadhee
rakkoo bara hongee
Akkam nama godhu
rukuttaan forguggee
Mala gaarii kanatti
fayyadamuu qabee
Gugguufeen dabarsa
bara natti dabe
Anaan na hinargatu
furguggeen nuu cabe
Garuu, garuu waan hubadhe……
…lammii koo irra bu’a
furguggeen nadarbe
Barri tokko yoo tare
bara biraat dhufaa
Kiyya jiruun ta’ee
gad gugguufuu qofaa
Gadi jedhee gugguufee
jirachuun kun fafa
Akka saree ta’uuf,
eegeetu na hafaa……!!!
———————————————–
Kan Waleesse: Bokkuu Kallachaa

Hawaasti Oromoo Gooticha Oromoo, Inj. Tasfahuun Camadaa fi Ilmaan Oromoo Ajjeefaman Yaadatan

Hawaasti Oromoo Gooticha Oromoo, Inj. Tasfahuun Camadaa fi Ilmaan Oromoo Ajjeefaman Yaadatan

Hawaasti Oromoo Gooticha Oromoo, Inj. Tasfahuun Camadaa fi Ilmaan Oromoo Ajjeefaman Yaadatan

Posted by on 9/02/2013
Fulbaana 2, 2013 | Madda Oddu ABO
Konyaan ABO Victoria gooticha Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti ajjeefame, Injinar Tasfaahuun Camadaa, ilaalchisuun sagantaa yaadannoo mata duree “Oromiyaaf Haa Dubbannu” jedhu jalatti qopheesse; hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne waliin marii gaggeeffate.
Sagantaa yaadannoo fi marii hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun ture.
Yaadannoo gaggeeffametti aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa’aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru.
Ob Bantiin akka ibsanitti akeekne sagantichaa ajjeefamuu goota Oromoo Injinar Tasfaahuun Camadaa, akkasumas Ummata Oromoo dhiyeenya kana Kofalee, Aniyyaa, Boorana, Karrayyuu, Walloo, Wallaga bahaa fi dhiyaatti, walumaagalatti guutuu Oromiyaa keessatti gahaa jiru balaaleffachuu dha.
“Kanuma waliin miidhaa, dararaa fi roorroo ummata keenya biyya keessaa fi kanneen baqatanii biyyoota ollaatti bahan irra gahaa jiru attamiin akka falmachuu qabnu, nuti warri biyya nagaa fi bilisa keessa jirru maal gochuu dandeenya? Attamii fi yoom?? kan jedhu irratti marii gaggeeffannee sagnataa hojii fuula duraa waliin akeekkachuuf,” jedhaniiru.
Miidhaa fi roorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru ilaalchisuun kanneen raga bahan keessaa mana hidhaa Wayyaanee keessa Injinar Tasfaahun Camadaa waliin turtee dhiyeenya kana kan baate, Addee Lalisoo Wadaajoo akka ibsitetti roorro fi dararaa Ummata Oromoo irra gahaa jiru hedduu ulfaataa fi hamaa dha. “Miidhaa gahaa jiru jechootan ittiin ibsu hin qabu, hedduu hamaa fi sukkaneessaa dha,” kan jette Ad Laliseen, “haata’uutii hidhamtooti Oromoo hundi isaanii jajjaboo, abjuu boru wareegama ilmaan Oromoon ni bilisoomna jedhu abjootu malee hidhamtoota laafanii haamlee wal laaffisan argee hin beeku,” jechuun jabina hidhaa fi dararaa keessatti illee qaban addeessitee jirti.
“Addatti ammoo Tasfaahuun Camaadaa nama hunda keenya jajjabeessu, haamlee keenya haaromsu,“ Jabaadhaa! Kanas Irraa aanna, ni moonaa!” jedhee carraa nu arge hundatti nu jajjabeessuu, haamlee keenya eeguuf jedhee miidhaa fi dararaa isarra gahaa ture takkaa nama hin dubbanne, garuu ammoo amma mana murtii waliin nu geessaa turanitti dararaa irraa gahaa tureen miidhamni guddaan qaama isaa irraa akka mul’achaa ture, qobaatti baasanii kutaa dukkanaatti waan galchaniif galmee himannaa keenyaa Tasfaahun Camadaa waamamu illee nu waliin mana murtii akka hin dhaqne waan godhaniif haaromsa qalbiin keenya isa irraa argataa turre otoo dheebonnuu ani hiikamee ijoollee fi maatii koo dheebodhetti yommuun dabalamu gootichi Oromoo Iinjinar Tasfaahuun du’uu isaa yommuun dhagahu gadda guddaatu natti dhagahame jechuun raga baatee jirti.
“Gumaa gootota keenyaa kan baafnu, abdii fi hawwii wareegamtootaa fi hidhamtoota keenyaa kudhaammannee harka wal qabannee tokko ta’uun sirna wayyaanee cabsinee bilisummaa keenya yoo dhugoomse qofa,” kan jette Ad Laliseen, “sabni keenya maal gochuu akka qabuu fi danda’u waliin maryatee umurii sirna garboomsaa waan gabaabsu irratti bobba’uu qaba,” jechuun dhaamtee jirti.
Biyya Sudaan baqattummaan otuu jiraatuu ukkaamsamee mootummaa Wayyaaneetti dabarfamee kannamuun mana hidhaa maa’ikalaawwi keessatti dararamaa kan ture Ob. Fayisal Mahaammad gama isaatiin raga bahummaa kenne keessatti hidhaa fi hiraarsaan ulfaataan biyya keessaa fi biyya ollaa keessatti gahaa akka jiru mirkaneesse.
“Biyyuma Sudaan keessatti ji’a afuriif erga nu hidhanii booda harka, miilla fi ija keenya nu hidhanii karaa Matammaa Mootummaa Itoophiyaatti nu darbatame ; sana boodan Tasfaahun Camadaa fa’aa Maa’ikalaawiitti arge,” kan jedhe Ob Fayisal, “dararaan mana hidhaatti ilmaan Oromoo irra gahu yaadachuunuu mata isaatiinuu waan nama dhukkubsuuf jechaan ibsuun natti ulfaata,,” jedhee jira.
“Haa ta’u malee hidhamtoonni Oromoo akkuma Obboleettiin koo Laliseen jettee takkaa hamlee kutatanii hin beekan,” kan jedhe Ob Fayisal, yeroo mana hidhaa san keessaa bilisaan isa gadhiisan dhaamsa Tasfaahuun isatti hime deebisee ummataaf ibsee jira.
“Warri har’a shororkeessitoota jedhanii hidhanii nu dararaa jiran kaleessa “Wanbadee” jedhamanii waamamaa akka turan haa yaadannu, Barri ni dabartii, Haqaa fi mirga keenya falmachuu irratti haa Jabaannu!” akka jedhe kan hime Ob Fayisal, gumaa gootowwan keenyaa baasuuf dhaamsa nuuf dhaamanii darban qalbeeffannee Wayyaanee qawween malee aangoo gadhiisuuf hin jirreef garaa laafuu dhiifnee tokkummaan dhaaba qabnu ABO fi WBO haa jabeeffannu jechuun dhaamaniiru.
Qindeessaa Gurmuu Tumsa Oromoo kan Australia Ob. Maaramaa Quufii: marii kana irratti dhiittaa mirga dhala namaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi jiru addunyaan akka beekee ummata Oromoof gurra kennu hojiilee jajjabduu hojjachaa akka jiru ibsan.
Ibsootaa fi odeeffannooleen OSGAn mootummoota Addunyaa fi “NGO” mootummaa Itophiyaa irratti dhiibbaa gochuu danda’an maraaf dabarsaa turee jiru hedduu ta’an illee har’a hunda kan caalu ragaa ijaa Addee Lalisee fi ob. Fayisal nuuf ibsan arganneerra. Miidhaa fi dararaa, roorroo fi Cunqursaa Ummata Oromoo irra gahaa turee fi jiru ibsuuf ragaan kana caala barbaadamu hin jiru.
Cunqursaa, gabrummaa, dararaa fi rorroo ummata Oromoo irra gahaa jiru, hunduu miidhaadha. Akka sabaatti yoo ilaallu kan hunda caala nu dhukkubsu alagaan qee keenya irratti nutty roorrisuudha. Roorro kana hambisuuf Sabummaa keenya haa jabeeffannu, Oromummaa keenya ijaaruu irratti haa jabaannu! jechuun dhaamaniiru.
ABO bakka bu’uun marii kana irratti argamuun miidhaa fi dararaa, ajjeechaa fi roorroo Ummata Oromoo irra gahaa jiru kana qolachuuf hojiilee jajjaboo ABO hojjataa turee fi jiru kan ibsan MGS ABO fi gaafatamaan BBOA Ob. Gaashuu Lammeessaa turan.
Ibsa isaanii kana keessatti diddaa Ummatni Oromoo Habashoota irratti bara Minilikii kaasee agarsiisaa ture; Diddaa gaggeeffamaa turee fi jiru kana keessatti wareegamni gootowwanii fi hayyoota Oromoo hedduu akka ta’e yaadachiisan. Ficiloota Ummanno Oromoo bifa fi haala adda addaatiin gaggeessaa ture qindeessee Jaarmayaa Siyaasaa ititaatti kan jijjiire ABO, guyyaa hundeeffame irraa kaasee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii qindeessee wareegama gurgurdaan injifannoolee cuccululuqoof duubatti deebi’uu hin dandeenye galmeesseera.
Qabsoon keenya jabaataa deemuu irraa diinni keenya Wayyaaneen yaaddoo guddaa waan qabduuf Ummata Oromoo Abdii kutachiisuuf miidhaan geessisaa jirtuus hedduu jabaachaa akka jirus ABO raga qabu irraa sirriitti hubata.
Akkuma fakkeenyaatti Wagguma tokkicha kana keessatti ABOtti hidhata qabdu sababa jedhu itti moggaafamee barattoonni Oromoo hidhaman kan galmeen dhaabaa beeku 497, Barsiiftonni 362, Qonnaan Bultoonni, hojjsttoonni, kanneen jiruu dhuunfaan jiraatan 1,757 akka ta’an ibsuun, lakkoofsi kun kan caasaan dhaabaa quba qabaatee gabaasee fi dhaabni ibsa itti baase qofa akka ta’e, baadiyyaalee Oromiyaa keessatti ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa Ummata oromoo irra gahu ammoo lakkoofne akka bira gahuu hin dandeenye, kanneen hojii irraa har’aman, baruumsa irraa ari’amanis baayyina isaanii irraa as irratti akka hi ibsamne addeessan.
Kanuma waliin jedhan Ob. Gaashuun hordoftoonni Amantii Musiliimaa guyyaa guyyaan FF keessatti mirgi amantii isaanii akka kabajamuuf hiriira bahanii gaafachaa jiru, hoggantoota isaanii malee kan hidhame hin jiru, Habashoonni guutuu biyyaatti hiriira Mormii gaggeessaa jiru, kan isaan hidhu hin jiru.
Isilaamoonni Oromoo Asaasaa irratti, Kofalee irratti Wallo irratti, Anfilloo irratti hiriira bahu jedhamee waan yaadame qofaaf maaliif rasaasaan simataman? Yakki Ummata Oromoo Aniyyaa irra gahe, kan Karrayyuu irra gahe, kan Boorana irra gahe lakkofnee kan keessaa baanu hin ta’u.
ABO miidhaa fi dararaa kana hunda hambisuun kan danda’amu hojii fi qabsoodhaan jedhee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi kan dipilomaasii qindeessuun yeroo kamuu caala jabaatee hojjataa jira. Miidhaa Ummata keenya irra gahaa jiru raga guutuu waliin ibsoota adda akka dhaabaatti bahutti qabsiisee addunyaa fi Ummata Oromoo beeksisaa jira. Kun qofti gahaa miti. Mirtiin isaa Ummata Oromoo harka jira. Gabrummaa baadhee bara baraan hidhii xuuxuu ykn Sirna Wayyaanee hundeen buqqisuuf hojii ABO hojjataa jiru tumsee himneessuun galii QBO dhiyeessuu keessaa qooda fudhachuu fi dhiisuu kan jedhu murteeffachuun, kan Ummata Oromooti. Ummatni Oromoo of gaafachuu qaba jedhaniiru.
Marii kana irratti walaloon Qaallitti dubbadhu jedhu miidhaa fi dararaa akkasumas ajjeechaa mana hidhaa Qaallittii keessatti gaggeeffamaa turee fi jiru qalbeeffachiisu dargaggoo Aluulaa Moosisaan dhiyaate qalbii hawaasaa kan harkise ture.
Hirmaattota irraas yaadonni bilchaataa fi ijaaraan dhiyaatan ABO dhugumatti qabsootti akka jiru nu caala diinni raga bahaa jira. Qabsicha keessaa ala of baafnee ususuu dhiifnee ABO jabeessuu qabna. Hojiileen akka hawaasaatti hojjannu amma Jaarmayaa siyaasaa jabaa hin qabaannetti bilisummaan hawwinuun nu hin gahu.
Kanaaf dhaaba qabnu ABO, Waraana guddaa qabnu WBO jabeessuuf haa murteeffannu.
Hidhannoon keenya guddaan tokkummaa keenya. Hidhannoo keenya kana jabeeffachuun qaawwa diinni ittiin nu seenu hunda cufachuu qabna. Ijaaramuu, Oromummaan wal jaalachuu, wal guddisuu, wal jala deemuu, wal amantaa keenya haa gabbifannu,
Sagalee Ummata keenyaa haa dhageessifnu, sagalee Ummataa fi qabsoo keenyaa ol kaasuuf hawaasa Oromoo addunyaa guutuu keessa faffacaanee jiraannu qindoomina akka qabaannuuf akka irratti hojjatamu.
“Media” jabaa kan Oromoo fi Oromummaa irratti hojjatu haa horannu, hogeeyyonni hojii kana qindeessuu irratti, hawaasni Oromoo bal’aan ammoo waan danda’u gumaachuuf akka of qopheessinu
Kana booda laafina keenya irratti dhiifnee jabina keenya irratti akka xiyyeeffannu! Fi kkf dhimmoota jajjaboo QBO humneessan dhiyeessuun qaamota dhimmi ilaalutti akeekuun haamlee fi fuula xiiqii gumaa gootowwan keenyaa baasuuf gah

“Sammuun bilisoomnee, qaaman of bilisoomsuutu nu afee jira”

Qabsoon mirgaa fi bilisummaa keenya goonfachuuf itti jirru yeroo ammaa sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira. keessumaa qabsoon Oromoo bara dheeraaf taasifamaa ture dhaloota haarawaa itti guddifatee jira. kana booda dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo itti gaafatama kan qabu, nama dhuunfaa, garee murta’e ykn dhaaba siyaasaa tokko duwwaa otoo hin taane dhimma sabaa ta’ee jira. kun mataa isaatiin injifannoo guddaa dha.
Qabsoon waggoota dheeraaf taasifamaa turee fi haarsaa guddaa gaafate, injifannoo dhaloota ammaa jiru dhaalchisee jira. garbummaa bara dheeraa Oromoo irra ture of irraa buusuuf bu’aa bahii heddu gaafata. Sabni bilisummaa isaaf falmu yeroo hunda daandiin qabsoo isaa irratti gufuleen heddu ni baayyatu. Gufulee qabsoo keessatti baayyatan keessaa kan diinni namatti tolchu irra kan qabsa’onni bilisummaaf falman wal irratti tolchantu bakka guddaa qaba. qabsaa’ota gidduutti tasgabbii yaadaa, tokkummaa, tumsaa fi wal hubannoo dhabuun yeroo hunda mooraa diinaa jabeessa. Kan qabsoo keenyas mudate kanuma. Kun ammoo qaamuma qabsoo ti. Adeemsa keessa wal hubachaa fi kan darbe irraa barachaa deemuun dirqama qabsa’otaa ti.
Keessumaa hoogganootiin siyaasaa haala qabsoon keessa darbee fi egeree sabaaf qabu garaa qulqulluun irraa barachaa fi wal hubachiisaa deemuun dirqama ta’a. dhalooti kaleessaa kan isa irraa eegamu dalagee jira. ardha akka kaleessatti yaaduuf siyaasa keessatti bakka olanaana hin qabu. dhalooti haarawaan akka isaaf aanja’uu fi sirna bittaa garbummaa jalaa bahutti yaaduun dirqama ta’a. kanaaf dhalooti haarawaan akka kaleessatti yaaduu qaba jennee komachuu ykn garasitti akka luuca’u dhama’uun yeroo fixuu fi garbummaa of irra bubbulchuun ala fayidaa hin qabu. kanaaf dhalooti kaleessaa galateeffatamee dhalooti haarawaan amma jiru eebbifamuu qaba. kana gochuuf dhaabbileen siyaasaa mirgaa fi bilisummaa Oromoof falman hunduu of amansiisuu qabu.
Waltajjiin amma irra jirru kun yeroo kamuu caala dhimma Oromoo irratti fala yeroo waloodhaan itti barbaannuu dha. kaayyoon ykn galiin dhaabbilee siyaasa Oromoo garaa garummaa qabaatus garuu waliin mari’atanii daran mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo gabbisuu fi tasgabbeessuun ni danda’ama. Namni yeroo hunda waliin mari’achuuf qophii ta’e wal irraa baraa fi dadhabbina jiru waloon irra aanaa deema. Aadaan kun gabbachuu qaba. kan koo malee kan jedhu yeroof bulcfachuun gaaffii waltajjii yeroo ti. Qabsoon bilisummaa haarsaa lubbuu duwwaa otoo hin taane haarsaa waliin mari’achuu, Waliif dhiisuu, ilaa fi ilaamee, kabajaa dhuunfaa dura dhimma qabsoo dursuu fi maree roga hundaa gochuu gaafata. Kun haarsaa akka salphaatti dhufu miti. Keessumaa hoogganootiin of irratti murteessuun dirqama ta’a. dhaloota haarawaatti qabsoo eebbaan dabarsuuf haarsaa nama gaafata. Haarsaa bifa kanaa kaffaluuf yeroo dheeraa nama gaafata. Haarsaa lubbuu kennuuf garuu sakondii laka’amuu hin dandeenye nama gaafata. Kanaaf garbummaa nurra jiru jalaa bahuuf haarsaa yeroo dheeraa nama gaafatu kaffaluuf qophii ta’uun murteessa dha.
Keessumaa qabsoon ABO bara dheeraaf taasisaa ture injifannoo guddaa galmeessisee jira. injifannoo argaman keessaa inni guddaan Oromoon akka sammuun bilisoomu taasisee jira. sammuun bilisoomuun yeroo dheeraa nutti fudhatee jira. ummati Oromoo akka Oromootti sammuun bilisoomuuf haarsaa ilamaan Oromoo qaqalii gaafatee jira. jagnoota keenya kan akka General Taaddasaa Birruu, general Waaqoo Guutuu, Elemoo Qilxuu Jaraa Abbagadaa fi jaallan xurree qabsoo saaqan eddu itti wareegamanii jiru. Wareegamni isaanii oromummaa nugoonfachiisee jira. yeroo ammaa Oromoo ta’ee oromummaa isaatti kan hin boonnee fi ani Oromoo dha ofiin hin jenne yoo jiraate lakkoofsa keessa kan galu miti. Oromoo ta’ee mooraa qabsoo keessatti haa irmaatuu, haa dhiisuu dhimma Oromoof kan hin quuqamnee fi gochaa diinaa kan hin hubanne hin jiru. Namoota dhuunfaa garaaf bulaniin ala dhimma Oromoo irratti Oromoon harka sagaltaamaa ol ta’u sammuun bilisoomee jira. kun injifannoo ABOn galmeesse keessaa isa olaanaa dha. injifannoo kana argamsiisuuf yeroo dheeraa fi haarsaa qaqalii fudhatee jira. tarii injifannoo sammuu bilisoomsuu amma goonfanne kana, bifa shaffisaa ta’een argachuuf adeemsa keessatti gufuulee edduu dursinee irra darbuu qabnu yeroon irra darbuu dhabuun keenya yeroo dheeressee jira.
Amma garbummaa sammuu jalaa bilisoomnee jirra. Kan nu afee jiruu fi ammas qabsoo dheertuu nugaafachaa kan jiru qaama keenya bilisoomsuu dadhabuu keenya. Qaamni keenya ammas garbummaa keessa jira. kun fuula qabsoo haarawaa dha. dhaloonni amma jiru qabsoo sammuu bilisoomsuu otoo hin taane qabsoo qaamaan bilisoomuu ti. Qaama keenya sammuu keenyatti dabaluu qabna. Kun amna guddaa nugaafachuuf deema. Kana gochuuf bilchinaa fi beekumsa guddaa ilmaan Oromoo mara gaafata. Abbootii siyaasaa Oromoo hunda gaafata. Kanaaf sammuun bilisoomnee qaaman garbummaa keesaatti hafuun keenya hunda keenyaaf gaaffii yeroo ti.
Qaama keenya garbummaa jalaa baasuuf hunda dura maree tokko kan biraa mo’achuuf otoo hin taane waloon mo’achuuf nudandeessisan gochuu qabna. Dhaabbileen siyaasaa Oromoo, jaarmiyaan hawaasa Oromoo, beektotiin. Dargaggoo fi jaalattootiin qabsoo Oromoo hundi al duree tokko maree ilaa fi ilaameedhaan mari’achuun murteessaa dha. baayyina keenya gara humnaatti jijjiruuf kun hunda dursuu qaba. maree mala gara garaa of keessaa qabu bilchinaan gaggeessuun ni danda’ama. Maree walitti baquu, wal tumsuu, adda waliin uummachuu kabajaa fi wal ubannoo waliif kennuu, dhiifama waliif gochuu fi kkf gochuun ni danda’ama. Kana gochuuf garuu olala diiggaa fi kan koo malee kan biraa bakka hin qabu jechuu keessaa bahuu qabna.
Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo tasgabbeessuu fi injifannoo nu aftee jirtu goonfachuuf haarsaa akka nama dhuunfattis ta’ee akka dhaaba siyaasaatti nu gaafatu kaffaluuf qaphii ta’uu qabna. Diinni keenya yeroo kamuu caala yeroo tumsa waloo uummatee , bilisummaa nu afte akka hin goonfanne nu tolchaa jirutti nuti diina keenya caallee argamuu qabna. Diina keenya injifachuuf hunda dura keessa keenya mo’achuun murteessaa dha. diinni keenya rakkoo keessa keenyaatti dhimma bahee garbummaa jala nu bubbulchaa jira. kanaaf diina keenya caallee argumuun hunda dursuu qaba. ABOn akkuma muldhata isaa keessatti ifatti kaayyatee jiru, gabrummaa jalaa bahuuf baayyina keenya gara humnaatti jijjiruu qabna kan jedhuu dha. baayyina keenya gara humnaatti jijjiruuf ammoo dhimma dhuunfaa fi garee dura dhimma sabaa dursuun dirqama. Tokkummaa fi wal tumsi dhufuu qabu dhimma sabaa fi egeree qabsoo Oromoo irratti ta’uu qaba. muldhataa fi ilaalcha galii siyaasaa tokko qabu jalatti ta’uu qaba. wal hubannoon ilaalcha siyaasaa irratti hin hundoofne hundee hin qabu. kanaaf jecha ABOn akkuma muldhata isaa keessatti ifa godhe, tokkummaa Oromoo ilaalcha siyaasaa irratti hunda’ee fi mooraa qabsoo Oromoo irraa diina haphisuuf mala qabsoo hundaatti gargaaramuu qabna. Daandii jijjiramaa ABOn qabatee jirus kallattii Oromoo humneessuu ti. Oromoo humneessuu keessatti dhaabbilee siyaasaas ta’ee qaamota hawaasaa Oromoo wajjin akkuma kana duraa ABOn mamii tokko malee ni hojata.
Injifannoon Ummata Oromoof.
Camadaa Hundee
camadaa@gmail.com