Thursday, May 1, 2014

Ethiopia: Stop killing and attacking innocent unarmed protesters

IOYA_Logo
May 1, 2014
Oromo students in Ethiopia are currently facing assault, imprisonment, and death due to the mass protests in Universities against the “Integrated Development Master Plan, “also known as the,  “Addis Master Plan” The proposed plan aims to expand the current territory of Ethiopia’s capital by evicting and displacing thousands, if not millions of Oromo peasants from their lands. Student protestors are opposing the eviction of peasants from their lands and illegal expansion at the expense of indigenous people.
Students at multiple universities including Jimma, Wollo, Haramaya, Ambo, Wollega, Metu, Bolu Hora, Adama, Maddawalabu and Dire Dawa University campuses continue to express their concerns through ongoing peaceful protests. On April 29, 2014, an estimated 25,000 people in Ambo marched in the streets of Oromia in opposition to the government’s plan. In an attempt to intimidate and deter further protests, Ethiopian security forces responded with gunfire and killed several students, leaving many others injured. To date, the numbers of deaths are still rising and Security forces are sent into various cities to silence further protests.
The current crackdown on innocent students is no surprise to the international community. The Ethiopian government has been silencing dissenting voices by violently intimidating, killing, and torturing those who dare question or oppose its policies. Local reports indicate that the protests will continue so long as the Ethiopian government ignores the basic constitutional and free speech rights of the Oromo people. The atrocities and dehumanization of Oromo students must be stopped. Ethiopia continues to devalue basic human rights of the Oromo people and we cannot affirm their policies by staying silent.
Our organization as a collective will be making a campaign video to raise awareness about the issue unfolding in the Oromia Region. We are asking for other communities to follow in solidarity and demand their respective communities to condemn atrocities being committed against students in Oromia.
IOYA calls upon all Oromo and all human rights organizations to write letters to the international community and publicly stand in solidarity with the protesters right to condemn land eviction, displacement and disregard for regional constitutional rights.
Sincerely,
International Oromo Youth Association
Website: www.ioya.org

Breaking News:-Yuunivarsiitii Finfinnee keessatti FDG finiinuu irratti argama. Wayyaaneen waraana Agaaziin Mooraa Yuunivarsiitii Finfinnee marsee jira.

Caamsaa 1,2014 Finfinnee

FinfinneeGaaffiin abbaa Biyyummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee keessaa sagalee isaanii dhageessisuu itti fufan. Haala kanaanis Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee baratan Yuunivarsiitii Finfinnee Kiiloo 6 keessatti walitti qabamuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa Uummatni Oromoo gaafatu deebisuufii qaba malee ajjeesuu hin qabu jechuudhaan sagalee isaanii dhageessisaa jiran. Dhaadannoowwan garaa garaa Barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee dhageessisaa jiran keessaa
  1. Mootummaan wayyaanee Garboomfataa dha
  2. Siidaan Minilik Haa buqqa’u
  3. Ilmaan Oromoo ajjeefamaniif wayyaaneen itti gaafatamummaa haa fudhatu
  4. Saaminsi lafaa haa dhaabbatu
  5. Sagaleen Oromoo haa dhagahamu
  6. Gumaa Gootawwan keenyaa ni baafanna
  7. Finfinneen handhuura Oromiyaati
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhageessisuun hiriira jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa finiinaa jirutti kan baarage waraana Agaazii bobbaasuudhaan ilmaan Oromoo fi Barattoota Oromoo reebuu irratti argama. Mootummaan waraana bobbaasuu irra gaaffii mirgaa kan bilisummaa fi Walabummaa osoo deebise isaaf salphata jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Finfinnee addeessuun Uummatni Oromoo bakka maraa ka’ee falma jabaa akka gaggeessu waamicha Oromummaa dabarsanii jiran.

The Ambo Massacre: TPLF Military Kills 30 Oromo Students,Residents in 1 Day


By Qeerransoo Biyyaa

Endale Desalegn, 9th grade. 1 of 30 Victims of the Ambo Massacre.Picture by @abiy_atom


During a mass demonstration in which over 27,000 people participated from Ambo and its surrounding  areas against the Addis Ababa Master Plan, TPLF's Agazi elite military division killed 30  unarmed students and members of the general public, including distraught families arriving at the scene to collect the dead bodies of their sons and daughters.




At the Ambo Massacre, Oromos were targeted on the the basis of their ethnicity by Tigrigna-speaking security forces who don't speak the victims' language, Afan Oromo. 

Students from Ambo University and 11 high schools from the area were peacefully protesting the master plan designed to commit a systematic ethnic-cleansing against an estimated 8-10 million Oromo people from several Oromia's cities and rural districts over 10 years.  



 So far, many of the victims of the brutality have not been identified by name, age and gender, but most of them are high school and university students.  Edale Desalegn (pictured above), a 9th grade student; and Tasfayee Gashe, also a 9th grade student from Liban Macha High School in Ambo, were among the confirmed 13 students gunned down by heavily armed Ethiopia's TPLF soldiers.  An eyewitness in the Afan Oromo audio above describes a horrific scene of how families carrying corpses were made to abandon corpses and flee under heavy fire.   



To save themselves from further atrocities and to prevent the convoys from crossing over to Wallaga and carrying out similar atrocities, Qeerro reported that residents of Ambo and its surrounding fell big trees and blocked main roads going west at 16 different places. 


The Tigrean Peoples Liberation Front government soldiers doing the killings were seen heavily armed not with AK-47, but with high-tech foreign weapons never seen in the area before. While they were taking Oromo lives by many dozens,  the soldiers were seen wearing bulletproof vests to spare their own lives even when they knew people were unarmed.

The protest against the ethnic-cleansing master plan, the Addis Ababa Master Plan, is spreading from universities, to high schools, elementary schools and to rural areas involving a diverse cross section of the Oromo public. 

Despite the non-violent and unarmed nature of the protest all over Oromia, the Ethiopian government has  responded to Oromo questions with heavy violence, which has been its tradition for the last 24 years of  TPLF tyranny.

In a related news, the TPLF soldiers fired on students of Madda Walabu University and residents of Robe town in Bale, southern Oromia.  Widespread violent crackdown and arrests were reported at Adama University, Dire Dawa University and many high schools in the area. 

Frustrated by the tragic news of massacre coming out of Oromia, Oromos in the diaspora tried to tip international media such as CNN, Fox News, Al Jazeera, BBC and CBS to cover the events, but the media have so far turned deaf ears to the plight of the Oromo people just like many of the countries they are based in have done. 

Many on social media expressed disappointment that such a major breaking/developing news is denied international attention. Even one killing by a government who is not a US ally is sure to make it to mainstream American media, but in the case of the Oromo, the gruesome killings of tens of people on the basis of ethnicity are swept under the rug because Ethiopia is considered a US ally in the Horn. 

Advocates for  Human Dignity, a human rights non-profit based in the United States, issued a press release and condemned the widespread crackdown against peaceful protesters in Oromia, saying: 
    
It is with deep concern that Advocates for Human Dignity learned of the appalling and atrocious acts of human rights violations by the Ethiopian go-vernment against peaceful public protesters and innocent university and high school students in Oromia region. In different districts of the region including Ambo, Bale, Adama, Dire Dawa, Gimbi and Dembi Dollo, where students and the public went out on the street to claim their constitutional right, the government responded with bullets and beatings and dozens are reported dead.... AHD expresses its concern that the government of Ethiopia continue to diminish its own citizens by extra-judicial killings and dispossession of indigenous people from their heritages. We strongly condemn the widespread and systematic violations of human rights - See more at

The Oromo protests across Oromia state is a developing story and the number of people killed, injured, arrested and disappeared will emerge gradually. The most concerning issue is the fact that the violence against Oromo are not receiving attention commensurate with the amount of violence suffered everyday under Ethiopia's regime. 


KARAA CABE HAA DHANGALA’U !

Y.G(2005) | Caamsaa 1, 2014
Gidduu kana Intarneeta irraa waanan dubbisee fi natti tole keessaa, Mammaaksa tokkodha. Maal jedha seetan, “Taa’anii Buqqee jedhamu mannaa/irra, ka’anii bubbee ta’u wayyaa ” kan jedhu.  Mammaaksi kun qalbii koo hawwateera. Sochiin Biyya keessaa ijoole’e GOOTA UMMATAisaanii ta’aniin gaggffamaa jiru, maaliif kutaa hawaasaa , addatti, Hojii Mootummaa ta’uu kan biroo irratti bobba’ee jiraniin utubamee mul’achuu dadhabe ? kan jedhuu fi Ijoolleen kaleessa Koleejoota keessatti gaaffii kaasaa turan, mindaa ji’aan deebii argatee ??? jedhee akkan of gaafadhu na taasise. Gaaffii kun na keessatti hafuu hin qabu jedheen katabe. Kun qalbii Namoota hedduu keessas ni jira. Warra gaaffiin kun isaan ilaallatu, deebii kennuu qaban. komeen kun dhara miti. Waanuma arginuudha. sababaan ammoo, gabrummaan walii gala keenya irra waan jiruuf. Gaaffii Ummata Guddaa kanas , Mindaa fi Abbaa qabeenyaa ta’uun qofa kan dhaabbatu akka hin taane qalbiitu beeka. Gaaddisaa Hirphasaa, Jaagamaa faa’aa, Mindaa fi Imaaxaa wayyaaneef hin wareegamne. Qalbiin keenya hanga kanas gadi bu’ee yoo ta’ee, Diinni keenya shira qorannoo jabaan utubameen nu dhabamsiisuf deemu, ykn waan nu qaraa jiru kana dubbisaa .shirri wayyaanee nu qophaa’aa jiru, Hojjataa Mootummaa fi barataa jedhee adda kan baasuu miti. Shira kana kan hubate,wareegama kamuu kafaluuf, ijoollee kana cinaa akka dhaabbatu hin shakku. Yoo dabeessa nyaatee buluun Bilisummaa itti fakkaate hin ta’iin. Ijoollee kana cinaa dhaabbachuun dirqama sabummaati.   
Hiwaatoonni waan isaan har’a deemaniif miti, Bara Chaartaraa ABO humnaan dhiibanii baasaniyyuu, maaliif akka ka’an ni hubanna turre. Ilaalachi isaanii Qabsoo Oromoof qaban eessa irraa akka eegalu ka wallaalu hin jiru. Bara Qabsoo turan walii galtee dhaabbilee siyaasa Biyyatti addatti ABO waliin qaban haala akkamiin gananii , humnoota alaan wal ta’anii sirna wayyaanee akka kuffisan qalbiitii qabna. ABO Biyyaa baasuu qofaa odoo hin taanee, Biyyoota ollaatti teessoo duubbee akka hin qabaanneef, shiroota Biyyoota ollaa keessatti gaggeeffaman numa beekna. Shirri yeroo sana ifatti gaggeeffamaa ture, har’a sadarkaa maalii irra ga’ee akka jiru, dhalooti har’a iyyuu tolchee beeka. Hiwaatoonni Qabsoo Oromoo bara baraaf awwaaluuf, kan isaan dura dhaabbate hundaa ajjeesuu jedhanii murteeffataniiru. Qabsoo kanas Sadrkaa Addunyaatti Gooltummaa keessa galchanii , ajjeechaa Ummata kana irratti gaggeessaa jiran seera qabeessa taasifachuuf tattaafataa jiraachuu, guyyuu argaa fi dhaga’aa jirra.  Kana irra taranii, Biyyuma abbaa keenya irraa nu buqqisanii, mana isaanii ijaarrachuuf hojjachaa jiraachuu , shiroota isaanii guyyuu raawwataa jiran irraa argaa jirra.
Hiwaatoonni QABSOO UMMATA OROMOO hundeetii buqqisanii balleessuu ,yoo dadhabamee ammoo, ABO ofii hajajan bakka buusanii Oromoo garba isaanii taasisuuf shirri hin gaggeessin hin jiru.ABO humnaan dhabamsiisuun qabsoo Oromoo dhabamsiisuudha jedhanii, hanga har’atti irratti hojjachaa jiru. kan gaaffii Bilisummaa kaasu hundaa ajjeesuu , hidhuu, Biyyaa baasuu hojii guyyuu godhatanii waggaa 22 oliif irratti hojjataa jiraatan. Ammallee sanuma. kanaan dura , Magaalaa gudditii OROMIYAA Finfinnee irraa Adaamaatti Naanneessuf yaalii dhaloota gaaga’ee gaggeessaniiru. Sabni kamuu Miseensa OPDO ta’uu danda’a jedhanii Namoota Afaan beekan itti naqanii, Oromiyaa dhuunfachuu yaalaniiru. Bulchiinsi Oromiyaa ofiin jedhee wawwaataa jiru, mirga Oromiyaa Bulchuu waggaa 10 dura qabu amma qabaa ? jedhanii yoo gaafatan, deebii fakkeessaa argachuun ala qabatamaan waan argatu hin qabu. Kanaaf raga hedduu of harkaa qabna. Har’a Biiroon Qonnaa, Biiroon Fayyaa, Biiroon Barnootaa, Polisiin Oromiyaa, Biiroon Investimantii Oromiyaa jedhaman mirga kaleessa Oromiyaa keessatti qaban har’a hin qaban. Harki 70 ol Sirna Fedaraa jala jiru. hojii waliin qindeeffachuu sababaa jedhuun, waa hedduu harkaa fudhanii jiru. fkn. Biiroon Qonnaa lafa of harkaa qabu keessaa amma itti hajaju meeqa ? yoo jedhame waan raajiitii . Biiroon Investimantii Oromiyaa lafa heektaara kuma 10 ol kennuu hin danda’u. Oromiyaa keessaa lafti maqaa investimantiin lammii Biyya keessaas ta’u alaaf laataman hundumtuu , wal ta’iinsa Mootummaa Fedaraalaan qofaadha. Hojiilee Investimantii Oromiyaa keessatti bifa kamiinu jiran , gibirri isaan kafalaniif Mootummaa Fedaraalaaf malee Oromiyaaf miti. Oromoon, Mirga addaa Finfinnee keessaa qabu eegamuufii miti. Oromiyaa keessaa kan argatu iyyuu dhabaa jira. Adeemsi wayyaanootaa kun Naannoo Tigiraayi keessatti faallaadha. Mootummaan Fedaraalaa waan Tigiraayi keessaa kafalamuuf dhibbeentaa 30 illee hin ta’u. gibirri kubbaaniyaa fi industirilee Tigiraayi keessa jiran irraa argamu harki 70 Naannichaaf gala. Daandiin humna qillensa Itoophiyaa , buufata xiyyaaraa Tigiraayi keessaa qabutti ni kafala.walumaa galatti Akka Bara Dargii “ye sarto addar quxixir komite” jedhamee waajjira hunda keessatti caasaa Dargii ijaarratan san, wayyaaneenis “Biiroo Kominikeeshinii ” jettee waa hundaa tu’atanii jiru. Biiroon kun waajjira Mummicha Ministirootaa keessatti, Ministeera Kominikeeshiiin suduudaan ajajamu malee naannichaaf miti.
Humna Ibsaa fi Dingadee Biyaattif lafee duddaa wanni ta’e hundi Oromiyaa keessaa saamamaa jira. Oromiyaa fi Oromoof garuu bu’aan buusan tokkollee hin jiru. shirri wayyaanootaa maqaa Biyya misoomsuu jedhuu Finfinnee irratti raawwatamaa jiru, itti fufiinsa shiroota isaanii Naannoo Oromiyaa keessatti bifa gara garaan raawwachaa jiraniiti. Kana irratti waa hedduu kaasuu ni dandeenya. Finifinnee Maqaa Misoomsuun shirri Hiwaatoonni gaggeessaa jiran, dhuma irratti sadarkaa biyyaatti waan raawwachuu barbaadantu jira. Hiwaatoonni adeemsa isaanii kana yoo mormiin Ummataa isaan hin mudatiin, dhuma irratti Sirna Fedaraalizimii kan jedhan kana geeddaruu akka barbaadan gamanumaa mul’ifachaa jiran. Qabeenyaa har’a horatanii fi jireenya isaanii hegareef yaadda’u irraa , gaaffii Ummatootaa dhaamsuuf, Sirna FEDARAALIZIMII jiru iyyuu dhaamsanii, Dizaayinii biraa karaa itti hin dammaqamneen hojjachaa jiru. Dizaayiniin wayyaanootaa Sabboonummaa Ummatootaa dabalaa dhufe dhaamsuuf karoorfate kana wayita ifa taasifnu, tarii kun akkamiin ta’a ? jettanii calliftanii bira hin tariinaa. Maaliif jennaan, Kan waggaa 3 fi 5 dura dubbatamaa ture yk karoorri isaanii galiin isaa kana jedhamaa ture, akkamiin ta’a ? jennee odoo wal gaafannu, waan sun hojii irra oolee ijaan arguu irra geenyerra waan ta’eef. Kan ammaa kunis waan hin hafneedha. Dursanii waa ofitti fudhatanii hojjachuun, adeemsa diinaa dhaabuuf waan duraa fi duubaa hojjachuuf nama gargaara.
Hiwaatoonni wanni yaadaa jiran, Magaalaa Finfinnee Daangaa KM 45n Daangeessanii Guutummaatti wiirtuu Dingdee isaanii taasisuudha. Kun hojii tokkoffaadha. Naannoo kanas ZOONII GIDDUU GALAA jedhanii moggaasaniiru. Naannoolee hafan , jechuu Km 45 ala kan jiran, bakka Afuritti qoodaniiru. Kunis ZOONII KAABAA , ZOONII KIBBAA , ZOONII BAHAA , ZOONII DHIHAA jedhanii kaa’aniiru. Kun hundeedha. Hojiileen Misoomaa gurguddaa, Daandii, Ibsaa, Bishaan kkf n , kana irratti hundaa’anii hojjachaa jiru. kan dhugeeffachuu yoo barbaaddan bu’uraalee Misoomaa Sadarkaa Biyyaatti ijaaramaa jiran irratti qorannoo gaggeessaa . fakkeenyaaf humna Ibsaa akka itti qoodanii jiran, Hidha laga Abbaayyaa irraa kan Maddu, Zoonii dhihaa fi gidduu galaaf akkasumas, Boondii Ummataa deebisuuf amma tokko Biyyoota Ollaatti gurguru. Gilgal gibe Zoonii Kibbaaf, zoonii Bahaaf karooraan qabamee jira, , Zoonii Kaabaaf Takazee fi Xaanaa ta’u. gama hundaan kun qophaa’eera. Daandiin Baaburaa, Konkolaataa irra jireessi isaanii Biyya sana bakka Afuritti qoodanii Biyyoota ollaan odoo hin hafnee wal quunnamsiisuu akka danda’anitti hojjataman. Karaa biraan, humni waraanaa, humni Tikaa, humni Polisii Fedaraalaa caasaa kanaan qixaa’aniijiru. Komishiniin Ispoortii Biyyattiis, Dorgommii kubbaa miilaa shamarranii haala akkasiin gabaasaa jira. Zoonii giduu galaa, kaabaa……. jechaa jira. Karoorri kun waan hedduun mul’ataa jira . shirri irra jireessa kan hojjatamaa jiru, waliin misoomuuf kan jedhu irratti rarra’a. akkuma Finfinnee ammaa kana . kanaaf, Piroojaktoonni gurguddaa amma Hojjatamaa jiran sadarkaa Naannootti ibsamaa jiru odoo hin taane, Naannoo kaabaaf akka feyyadutti jedhanii hojjatu. Kibba Biyyattif Daandiin kun tajaajila kenna faa’aa jechaa jiran.
Kana irraa kaanee Qabsoo nu eeggatu tilmaammatanii ka’umsa ofi tolfachuu hedduu barbaachisaadha. Sirna Fideraalizimiin Itoophiyaa keessa jiru Biyyoota ollaaf soda qaba. Biyyooti ollaas tumsa akkasii keessa galchuuf dantaa adda addaan ofitti qabuun ni jira. Ati ebaluu naa ari’ii , kanan siif godhaan hedduummaachaa jira. Kanaaf Ummata koo, shirri Naannoo Finfinneetti argaa jirru dhumni isaa waan isiniif katabe kanadha. Kana amanuun rakkisaa fakkaachuu ni mala. Kana gochuun wayyaanootaaf dhabamuudha jechuus ni dandeessu. Kana caalaa kan isaan dhabamsiisuu fi qabeenyaa keenya bara baraaf dhabuurra jedhanii kan lafa kewwaatan sabboonummaa sabootaa addatti kan Ummata Oromoo cabsuuf, ka’umsa gaaffii isaanii dhabamsiisuu qabna jedhanii karoora haaraa kana hojjatan. Balaa hegaree isaaniif  furmaata ta’u kana karaa itti hin dammaqamneen irratti hojjachaa jiru. Oromiyaa dhabuun isaaniif du’a bara baraati. Dhabuu miti, gaaffii isaanii dhaggeeffachuunu , muka of irratti muruudhaa jedhanii waan hundaa humnaan cufuuf murteeffatanii jiru.adeemsa isaanii kana humnoota alaa fudhachiisuuf irratti hojjataaa jiraachuu odeeffannoon milqixe ni saaxilti. Tokkummaa Itoophiyaa baraaruuf jedhamee.
Kanaaf dhalli Oromoo “KARAA CABE HAA DHANGALA’U !!”, mirga isaaf falmii eegale daran jabeessuun ala furmaati biraa hin jiru. Hojjattoonni Oromoo fi Ilmaan Oromoo biroon sochii Dargaggootaa fi Barattootaa akka Fiilmii taa’anii daawwatan , shirri wayyaaneen gaggeeffamaa jiru, isaaniin qofaatti  filee akka hin jiraachifne hubachuu qaban. Hojjattoonni fi ilmaan Oromoo kaleessa Yunivarsitii fi Kooleejoota adda addaa keessatti seenaa hojjachaa turan, akka waan gaaffiin isaanii maallaqa argachuu ta’etti mindaa fi hojiilee adda addaa irraa waan argataniin afaan qabatanii taa’uun qaaniidha. Shirri wayyaanootaa gola isaan dhokatanii ykn riphanii jiranitti isaan dhaqabuun waan hin hafneedha. Ijoollee har’a wayyaaneen kokkee wal qabaa jirtu faana hiriiranii gabrummaa daran nu qophaa’aa jiru irraa of haa barbaarru. Yoo ta’uu baate hima didduun du’a hin didduun ni dhugeeffama.
Dhalooti har’aa hojii boonsaa gaggeessaa jiran , daran sochiin isaanii kun kutaa Hawaasaa adda addaa akka seenu taasisuun murteessaadha. Gidduutti akka hin dhaabbanneef toftaa gegeddaruu fi sochiilee jiran babal’isuu, karaa diinnii nama eegu irra odoo hin taanee, waan hojjachuu qabnu gama hundaan taasisuun furmaata guddaa qaba. wayyaaneen Finfinnee qofaa odoo hin taanee, Oromiyaa iyyuu shiroota adda addaan nu harkaa baasuuf hojjachaa jiraachuu hubannee, Qabsoo keenyaa fi sochii keenya sadarkaa wayyaaneen nu yaadaa jirtu kana irra akka taru taasisuuf, irratti hojjachuu qabna. Sochiin har’aa kan isa kaanii irra adda kan isa taasisu , Miseensoota OPDO hedduu of bira dhaabu isaati. Kana irratti daran hojjachuutu murteessaadha. Akka walii galaatti wanni yaadu qabnu, Ummati Oromoo qabsoo walii galaaf afeeramaa jiraachuudha. Kun dhiibbaa diinaan kan taasifamuudha. Kun ta’uun ega hin hafne ammoo xuxxuqu qofaa odoo hin taanee, Gootummaa Oromoota kaleessaa dhugeessudha. Diinni Oromoo adda baasee waanan jiruuf, Qabsoo isaas laamsheessee waanan jiruuf shira koo hojii irra oolchuun danda’a jedhee wixifachaa jira. Kun akka hin taane mirkaneessuuf gama hundaan waan jiru finiinsuun hamilee walii waan ta’uuf hunduu of haa baraaru. GALATOOMAA .   
HORAA BULAA !!!!!!!!!!


ADDIS ABABA'S MASTER PLAN, A PROJECT TO FURTHER MARGINALIZE OROMOS

AddisAbabaBy Bona Geshe
(OPride) — The Addis Ababa City Administration's plan to unconstitutionally expand the city’s territorial boundaries under the guise of development have sparked a growing protest around the country.
Over the last week and half, hundreds of Oromo students at all universities in Oromia expressed their opposition. While the protests have largely been nonviolent, local reports show that at least three students were injured in confrontations with police at Wollega University's Nekemte campus.
Roots of the conflict
The 1995 Constitution of Ethiopian designates Finfinne (aka Addis Ababa) as the capital city of the Federal State under its Art 49(1). This particular provision entitles the city’s residents the right to self-governance including representation in the House of Peoples Representative. The same article makes the federal government responsible for the administration of the city without defining the nature of their relationship.
Finfinne being an Oromo land, the Constitution also acknowledges the ‘special interest’ of Oromia regional state under Art 49(5). Although the constitution leaves the specifics to be determined by law, which's so far been absent, it is possible to discern the nature of these ‘special interests’ of Oromia from the provision of Art 49(5). These interests include provision of social services, utilization of natural resources of the city and other similar matters, including those pertaining to joint administration.
One of the main purposes of the Constitution is to rectify the historical injustices committed against the nation, nationalities and peoples of Ethiopia under previous rulers. Since its inception in the 19th century following the invasion of Menelik II, Finfinne had served as the center for enforcing the aggressive assimilationist policies of subsequent Ethiopian regimes. The Oromo people were evicted from their land to give way for the settlers of the conquering force. As the capital kept on growing, Oromos were forced onto the margins — socially, economically and politically. As such, the purpose of Art 49(5), inter alia, is to rectify this injustice by constitutionally acknowledging the 'special interests' of Oromia and enabling the Oromo people to benefit from the social services, natural resources and also partake in the administration of the city. However, more than two decades after the Constitution was adopted, there is not even a single public school that provides education in Oromo language let alone enabling the Oromo people to partake in the administration of the city.  
Informal power play
The first provision of the Constitution is dedicated to proclaiming the form of government, i.e. Federalism, which in reality translates into a rarely applied pseudo structure that ensures the Tigrean-led government's continued grip on power. On paper, the constitution reorganized the country into nine regional states ‘largely’ defined on ethnic basis under its Art 47(1).
While its actual size and boundaries are contested or purposely reduced, the creation of Oromia state has greatly helped in the revival of Oromummaa, the Oromo national identity. Pursuant to Art 50(8) of the Constitution, the federal government is obliged to respect state power. In accordance with the underlying principles of federalism neither the federal government nor the Addis Ababa city administration has the power to unilaterally impose the new 'integration plan' on Oromia.
But the government's decision to implement the 'integration plan' without any consultation or input from Oromo public is not entirely surprising. Time and again, Oromo farmers were removed from their land under the guise of development without adequate compensation. The process by which the current plan was developed is yet another affirmation of the pseudo nature of Ethiopia's 'federalism.'
The rhetoric of decentralization notwithstanding, real state power still remains highly centralized in the hands of elite from the Tigrean People's Liberation Front (TPLF), the main actors in the five-party ruling EPRDF coalition. Decisions are made at the center and regional state governments are only there to implement them. In Oromia, the OPDO, a presumably Oromo-based political party, has been loyal in serving this mission.
In the last two decades, OPDO officials oversaw extensive land grab across Oromia and gross human rights violations committed against the Oromo. The Oromia state parliament (Chaffee Oromia) along with the state's executive branch is constitutionally empowered to curb the implementation of this ill-purposed 'integration project.'
Individual human rights violations
The current integration plan project is clearly not in line with those special interests enshrined in the Constitution. It is no wonder then the plan has drawn the ire of Oromo students and an unusual opposition from members of the Oromo Peoples Democratic Organization (OPDO). In addition to this flagrant contradiction, the plan also neglects a series of individual and collective human rights.
The prime victims of Addis Ababa's far reaching land grab are individuals and families who will be evicted from their only source of livelihood. Among other things, displacing Oromo farmers from their land without any consent or sufficient compensation violates their fundamental rights to life, property, health and housing.
Both under its constitution and several international human rights instruments it ratified, Ethiopia has the duty to respect these fundamental human rights and their breach constitutes a clear violation of those obligations. The TPLF-led government's pretense about fulfilling other rights could not be used to override these rights.
In Ethiopia, all land is owned by the state as provided under Art 40(3) of the Constitution. This has made it easier for the government to displace farmers from their land, with a total disregard to Art 40(4)'s provisions, which protects peasants against eviction by the state.
Linguistic and cultural rights
Art 39(2) of the Constitution guarantees the right of every nation, nationalities and peoples to develop their language, culture and preserve their history. The fact that Oromo language has been used as the working language in Oromia has greatly helped in the revival of Oromo culture and history.
But Finfinne, which the Oromo refer to as ‘handhuura Oromiyaa' — meaning the Center of Oromia — is the pillar reminder of past injustices committed against the Oromo people and their continued marginalization. Today, there is little meaningful trace of Oromo identity in the city (no museums dedicated to the preservation of Oromo history, official street names, landmarks, statues, etc.) Instead, Finfinne continues to pose a threat as the nuclei of a mission to reverse the revival of Oromummaa over the last two decades. The implementation of the new ‘integration plan’ without due consideration of its impacts will undoubtedly serve as a continuation of this purpose.
Finfinne was once a land that exclusively belonged to the Oromo people. After conquest, Oromo clans, who settled on this land, were evicted — their culture was destroyed and replaced by an identity that's alien to the Oromo. Those who remained in the city adopted a new identity, language and religion — fully assimilating to a different social structure. Those who managed to keep their identity as Oromos faced social, economic and political marginalization and discrimination.
The new plan is part of this persistent need of oppression by Ethiopian authorities to keep the Oromo people in the shadows by violating their linguistic and cultural rights. In the long run, it is not far-fetched to say that the implementation of the new integration plan will threaten the viability of Oromia as an autonomous state.  
The right to self-determination
In theory, the current constitution is billed as the vanguard of the right to self-determination of nations, nationalities and peoples in Ethiopia. It guarantees the nations, nationalities and peoples right to determine their destiny, including the right to secede from the federation through a referendum.
However, the highly stringent requirements of Art 39(1) cum Art 39(5) of the Constitution and the EPRDF regime's practice over the last two decades show that this statements are meant only as shields for the central state. Still, the Oromo people’s fundamental right to self-determination and the right to freely pursue their economic, social and cultural development are protected under the common Art 1 of the International Covenant on Economic, Social and Cultural Rights. Hence, expanding the territory of Finfinne without the participation of the Oromo people in the decision making process is an abrupt violation of these internationally-recognized rights to self-determination.
Finally, it is obvious that the TPLF government has no intention of upholding its own constitution. It only resorts to constitutional provisions as a defense for the transgressions it commits. The regime's claims that the integration plan aims to fulfill the ‘special interests’ of Oromia as provided under Art 49 of the Constitution is misleading and a face-saving attempt. There is no doubt that the Oromo people will be the prime beneficiaries any genuine development. However, TPLF's ‘development’ fails that test as it is premised merely on snatching the source of livelihood from defenseless Oromo farmers without adequate compensation and destruction of the Oromo identity. It must be interrogated, opposed and scrutinized until due attention is given to the rights of Oromo people and their constitutionally protected interests in Finfinne. Furthermore, if genuine development was envisioned, cities in Oromia can develop without requiring "integration" into Addis Ababa.
--
The writer, Bona Geshe, is a former instructor at the University of Gondar School of Law. He can be reached atboniswrld@gmail.com

FDG: Oromoon yoo har’a waliif hin mirmanne (dirmanne) yoom waliif mirmata (dirmata) laata?

Abdii Boruutiin | May 1, 2014
Akkuma sabaa-himaalee adda addaarratti dhagayamaa fi argamaas jiru, barattootni Oromoo Yunivarsitiilee Oromiyaa adda addaa keessatti diina hanga funyaaniitti hidhate dura dhaabbatanii sodaa tokko malee waayee keenyaaf falmii guddaa godhaa akka jiranii dha. Biyya seera fi heeraan bultuu fi nagaa qabdu keessatti hiriira nagaa bahuun waan nama dinquu miti. Biyya Itoophiyaa jedhamtu, kan dhiiga fi lafee uummatootaatiin ijaaramte, kan mana hidhaa sabootaa taate sana keessatti garuu ijoolleen keenya hiriira nagaa bahanis, nagaan bahanii galuu hin dandeenye. Kuun dhaanamaa (tumamaa), kuun hidhamaa, kuunis ajjeefamaa akka jiran waan hubatamuu dha. Hireen uummata Oromoo waanuma murtaayee kana ta’e fakkaata. Kan nama gaddisiisu garuu gochaa diinaa qofaa otuu hin taane, yeroo ammaa, yeroo nafxanyootni moofaa fi haaraan lafa jalaan tumsa waliif ta’anii; dhimma tokkorratti waliigalanii; uummata keenyatti roorrisaa jiran kanatti; yeroo ijoolleen Oromoo iyyaa iyya dabarsaa jedhanii sochii guddaa biyya keessatti godhaa jiranitti, uummatni Oromoo biyya ambaa jiran callisanii taa’uu isaanii ti.
Yeroo barattootni keenya harka walqabatanii tokkummaadhaan gaafii mirga uummata keenyaa kaasaa jiran kanatti; dargaggoota keenyarra miidhaan qaamaa isaanirra gayaa jirutti; warri ijoolleen isaanii jalaa ajjeefaman imimmaan bira dabranii dhiiga booyaa jiran kanatti; yeroo iyya dabarsanii waliif mirmachuun dirqama ta’etti; warri xinnaatullee biyyoota nagaa keessa jiraatan taa’aniituma akka fiilmii mana sinimaa waan biyya keessatti ta’aa jiru hordofuun xinnumallee sammuu keenya hin tuquu?? Akkuma makmaaksi Oromoo jedhu, yoo funyaan dhayame, ijji wajjin boochi. Qaama tokko waan ta’aniif miidhamuun ykn hubamuun isa tokkoo kan biraatti waan dhagayamuuf jechuu dha. Maarree, ilmaan haadha fi abbaa tokkoo koodeewwan yoo miidhamaa fi diinaan ajjeefamaa jiran kanatti; qaamaan biratti argamnee walbira dhaabbannee mirga keenyaaf sagalee keenya dhageessisuu yoo hin dandeenye, maaliif bakka jirrutti, biyya keessa jiraannutti walqindeessinee, gadi baanee addunyaatti sagalee keenya hin dhageessisne?? Maaliif uummata keenya biyya jiraniif tumsa hin taane?? Kompiyuutara ykn televisiyoona fuulduru teenyee, waan ta’aa ykn deemaa jiru ilaalaa gadduun bu’aa nuuf fidaa?
Oromoo, wanti hubatamuu qabu diinni har’a lafa keenya (biyya keenya Oromiyaa) cicciree dhiphisaa jiru kun, boru yoo haalli mijateef (yoo nuti callisneetuma taa’uu filanne) uummata keenyaa haphisuu fi dhabamsiisuuf akka deemu waan nama mamsiisu ykn shakkisiisuu miti. Gama tokkoon, yeroo nafxanyootni haaraan, maqaa misoomaatiin badii guddaa nurratti dalagaa jiranitti gama biraatiin ammoo nafxanyootni moofaan (Minilikootni haaraan) nu nyaachuuf hamuummachaa akka jiran hubachuu dadhabnee? Minilikootni haaraan kun, yoo aangootti dhufani fi deebi’anii Finfinnee qabatan, akka Minilikoota duraanii warra harka fi harma keenya qofaa muranii dhiisanii miti; isaan haaraan kun warra morma nurraa muruuf deeman akka ta’an Oromoon maaliif hubachuu dadhaba? Waayeen maqaa misoomaatiin Finfinnee babal’isuu kun gochaa fuulduratti nurratti dalagamuuf deemuuf bu’ura akka ta’u hubachuu qabana, dhiiroo! Yoo har’a tumsa waliif taanee; walbira dhaabbannee tokkummaadhaan mirga keenyaaf falmanne, gochaa (balaa) nutti dhufuuf as deemaa jiru kana alaalumatti hambisuu dandeenya; yoo kana hin goone garuu badii keenyaaf of qopheessuu jechuu ta’a.
Yeroon ammaa yeroo taa’anii wal ilaalani fi waldhaggeeffatanii callisan otuu hin taane, yeroo iyyanii iyya waliif dabarsan; karaa danda’amu hundaan qabsoo kana keessatti hirmaatnaa fudhatani fi qooda lammummaa gumaachan ykn/fi dirqama Oromummaa bahanii dha. Yeroon kun, yeroo Oromoon bakka jiru hundaa, keessaa fi alaan sagalee tokko dhageessisu ta’uu qaba. Fincilli Diddaa Gabrummaa (FDGn) kan barattootni keenya qabsiisani fi akka ibiddaa boba’aa jiru kun akka hin dhaamne; akka caalaatti bobayee diina keenya gubee balleessu, tokkummaadhaan walbira dhaabbachuun carraan isaa banamee jira. Carraa gaariin kun akka nu hin dabarre, callisnee taa’uu dhiisnee, barattoota fi uummata keenya kan waraana faashistii Wayyaaneetiin reebamaa, hidhamaa fi ajjeefamaa jiraniif tumsa ta’uun amma yoo hin taane yoomiyyuu ta’uu hin danda’u. Oromoo, kan rafte, hirriibni si gayee dammaqii ka’i; kan dubbii hubachuu dadhabde, ijaa fi gurra kee banii haala uummatni keenya keessa jiru hubadhu. Kan otuu hin beekinis ta’ee beekaa uummata Oromoorratti balleessa dalagde, kan dabrerraa baradhuutii; uummata kee bira dhaabbadhu. Oromoon wal malee gargaarsa biraa akka hin qabne hubadhu. Tokkummaa ilmaan Oromoo malee, humni biraa kan rakkoo keessaa nu baasu akka hin jirres hubadhu.
Oromoon yoo har’a waliif hin mirmanne (dirmanne) yoom waliif mirmata (dirmata) jedhii of gaafadhu!!
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

OromoProtests – Oromo Community of Minnesota (May 4, 2014) – A Public Dialogue Forum on Current Developments in Oromia, and on How to Best Support Our Brothers and Sisters; Time: 2pm-4pm; for more info: 651-890-7389 or 651-757-3040

THEME: OROMO PUBLIC FORUM ON CURRENT DEVELOPMENTS IN OROMIA
The brutal, authoritarian Ethiopian regime is once again trying its hand at expropriating Oromo lands and displacing Oromo farmers which in turn leaves a significant portion of our people landless, homeless, and their entire social fabric disoriented.
The territorial expansion of Finfinne, in the name of the “Integrated Development Plan” has rightfully been met by intense opposition by Oromos all over Oromia and demonstrations have sprouted all over Universities, towns, and high schools. However, the peaceful demands of our compatriots are being met with live bullets and mass detentions. As a consequence, our fellow country men and women are paying the ultimate price with their lives in the face of severe government crackdown, which has left many killed, injured, and imprisoned.
We cannot sit idly by and simply lament about such injustices. We are socially and morally obligated to show solidarity with our brothers and sisters back home, and dialogue and strategize on how to effectively and positively impact the rapidly unfolding situation.
To this effect, the Oromo Community of Minnesota (OCM) is calling on all Oromo political organizations, religious and social groups, and all Oromo nations to come to a public forum. Join the public forum in your thousands and let your voices be heard.
Event Details:
Date: Sunday, May 4, 2014
Time: 2-4PM
Venue: Oromo Community Center (465 Mackubin Street, St. Paul, MN 55103)
Gadaa.com

Bara Baraan Miidhama Ummata Oromoon Guddina ofiif Hawwuun Gabroofattotaa Marraa Kana Xumura Itti Gochuun Dirqama Lammummaa ti

olf_logoCaamsaa 1, 2014
Mirga ummatootaa kabajuu dhabuu irraa Mootummaan waraanaa Itophiyaa tan waggaa 24 duraa angoo irraa qaarsifame. Mootummaan waraanaa sun kan itti jabduu biyya humnaan ijaaramte waraanaan tursuu ture. Impaayerummaa isii golguu fi biyya badhadhinaa tahuu agarsiisuuf waaroo soshaalummaa kijibaan haguuge. Ilaalcha/ideology/ raggaafate kanaanis tokkummaa impaayera Itophiyaa waraanaan tiksuuf waadaa ofii seeneen lola labsee waggoota dheeraaf lolee ofiifuu lolaan dhabame. Impayera Itophiyaa ilmaan dhaalsisuuf yaades hin tikfamiin hafee kufaatii mootummaa waraanaan boqonnaan sun qadaadame.
Waggaa 24 of booda deebi’uun haala alas ture wayta ilaalamu, kaayyoon mootummaa waraanaa sanii maqaa tokkummaa, wal qixxummaa fi soshalizimiin ol aantummaa sirna gabrummaa jireessuu fi tiksuu akka tahe irraa hubatama. Wal qixxummaan akka mirkaneeffametti dhihee barihu bara sana lallabamaa ture kan kijibaa fi gowwoomsaa irra dabree hojiin mirkaneeffame hin turre. Sirni siyaasaa fi partii ittiin bulchan diriirfames abbaa irrummaa kan gadi dhaabe, ummatoota gaaffii mirgaa qaban ukkaamsee, mirga mata mataa fi gurmuu guutummaatti kan haqe tahuutti yaadatama.
Mootummaan waraanaa sun mirga ummatootaa humna waraanaa ykn afaan qawween ukkaamsuuf tattaafatullee ummatootni mirga dhaban gonfatuun fedha isaanii waan tureef, kaayyoo mootummaa waraanaa lagatanii qabsoo bilisummaa fi dimokraasii deggeruun ummatootni mirgaaf qabsaawan mootummaa abbaa irree sana hundeen buqqaasan.
Mootummaa waraanaa booda murni aangootti ol bahe qabsoo irra gaafa ture mirga ummataa fi dimokraasiif akka qabsaawu lallabaa waan tureef jijjiirraa fiduu danda’a jedhamee abdatamullee akeekaa fi galii mootummaa isa dura ture irraa guddoo kan hin faganne tahuu ummatootni hubachuuf yeroo itti hin fudhanne. Garaagarummaan yoo jiraate imaammataa fi tooftaa ittiin impaayera Itophiyaa tiksuuf raggaafatani dha. Mootummaan Dargii soshaalummaan tiksuuf oggaa tattaafatu mootummaan Wayyaanee ammoo maqaa dimokraasii fi sirna federaalummaa, mirga sabootaa fi ummatootaa kan beekuu fi kabaju fakkeessee isaa olaantummaa mirga bicuu tiksuuf dhama’uu mul’atu dha.
Har’a sabootaa fi ummatoota biyyattii keessaa kan Wayyaanee dura hin dhaabbannee fi hin mormine jira jedhama yoo tahe kanneen sirna raggaafame irraa bu’aa argataa jiran qofa. Kanneeniin alatti kan jiran hundi mirgi isaanii osoo hin daangeeffamiin akka kabajamuuf barbaadan. Kanaafis qabsaawaa jiran. Mormiilee fi tarkaanfiileen ummatootaan bulchiinsa naannoolee adda addaa keessatti fudhatamaa jiran kanaaf ragaa tahu. Gaaffiin sabootaa fi ummatootaas hanga deebii quubsaa fi qajeelaa hin arganetti kan jabaataa fi finiinaa deemu tahuu isaatiifis ragaa qabatamaa tahan.
Har’a ummatni kamiyyuu tokkummaa dharaa fi kijibaan sadarkaa hin sobamne dhaqqabee jira. Ummatootni shiraa fi daba maqaa tokkummaa fi dimokraasiin hojjatamu adda baafatuu irraa rakkina hin qaban. Eenyu haqaaf akka dhaabbate, eenyu bittaa, samichaa fi hacuuccaa itti fufsiisuuf jecha dharaan akka lallabuu fi eenyu bolola aangoo fi sirna hacuuccaa bifa biraa diriirsuuf akka dharra’u adda hin baafatu ykn hin hubatu jedhee kan yaadu ykn amanu yoo jiraate isa ummata keessa hin jirre, yaadaa fi fedhii ummatootaa dhaga’uu fi beekuu hin barbaadne qofa. Impaayera Itophiyaa keessatti jijjiiramni aynaa mirga sabootaa fi ummatootaa kabaju hanga hin argamnetti Itophiyaan hokkora, hacuuccaa fi saaminsa jalaa hin baatu kan jedhamuufis kanumaafi.
Itophiyaa keessatti waggoota dhibbaa ol dabraniif ummatni Oromoo kumootaan qe’ee fi lafa isaa irraa buqqaafamee ari’ameera. Kan Kaaba Shawaa fi Walloo keessatti raawwatame kanaaf raga isa duraa ti. Kan durii kanaa fi kan ammaa gidduu garaagarummaan yoo jiraate, kan duraanii maqaa“Maaqnaat” qaroomsuu jedhuun kan adeemsifame oggaa tahuu kan ammaa ammo maqaamisoomaa fi guddinaan kan geggeeffamaa jiru tahuu isaa ti. Sirni duraanii magaalaa biyyatti handhuura Oromiyaa keessatti gadi dhaabuuf karoorfatee Finfinnee oggaa teessoo godhatu Oromoo hedduu lafa isaa irraa ari’e. Mootummaan ammaas magaalaa dhaale bal’isuuf karoora baafateen qotee bulaan Oromoo maasii isaa irraa ari’atamee mankaraaraa jiru kan duraanii irra dacha hedduun dabalaa jira.
Gochaan farrummaa lammii Oromoo mirga jiraachuu dhabsiisu, ummata Oromoo ammo akka ummataatti eenyummaa isaa dhabamsiisuuf irratti xiyyeeffate kun jarraa 21ffaa, jaarraa ummatootni mirgi sabummaa fi namoomaa akka kabajamuu fi tikfamuuf wayta qabsaawaa jiran kanatti tahuun isaa mootummaan Itoophiyaa kamuu dhabama Oromoo irratti karoorfatee kan hojjatu tahuu caalaatti hubachiisa.
Ummatni Oromoo biyyaa fi qabeenya isaa irratti ajajaa tahuu dhabuu irraa jaarraa tokkoo oliif hiyyummaa fi hacuuccaa jala akka jiraatuuf dirqame. Aadaa isaan akka hin jiraanne, afaan isaan akka hin fayyadamne taasifame. Of tahee akka hin mul’atneef ummata eenyummaa alagaa akka maxxanfatuuf dirqame dha. Aadaa fi Afaan isaa irraa dhorkatamuun, lafaa fi qe’ee isaa irraa buqqaafamuun jaarraa tokkoo oliif deemaa ture har’as bifa irra hammmaataa fi eenyummaa isaa irratti qiyyaafateen karoorfamuun ummatni Oromoo mirga isaatiif akka caalaatti qabsaa’uuf onnachiisa malee jilbeenfatee akka bulu, hacuuccaa fi saaminsa ameen jedhee akka fudhatu hin taasisu.
Ummatni Oromoo ummata eenyummaan isaa beekamee akka kabajamuuf, dhimma isaa irratti fi biyya isaa irratti murteessaa tahuun akka beekamuuf, qabeenya isaa irratti ajajaa tahuun akka dhugoomuuf ummata qabsaawu malee, ummata alagaa irratti ajajaa, eenyummaa ummata kan biroo irratti ejjannoo farrummaa fi qabeenya ormaa irratti ajajaa tahee hacuucuu, saamuu fi lafa akaakilee isaa irraa buqqaasuudhaan dantaa ofii guuttatuu akeeka godhatee sosso’u miti. Kan ajjeefamaa, hidhamaa, qe’ee isaa irraa ari’amaa jiru mirga akka ummata kamiitti iyyuu qabu gaafatuu isaa irraa qofa. Kanneen qabsoo haqaa ummata Oromoo kana dura dhaabbatanis kanneen dantaa ofii fi murna dhaabbataniif falman qofa akka tahan hin shakkamu. Ummatni, jaarmayaanis tahe murni mirgi isaa akka kabajamu barbaadu mirga ummata kan biroos kabajuun irraa eegama. Dirqamas. Mirga ummataa, ummata biraa dhabamsiisuun kabajsiisuun goonkumaa kan hin deggeramnee fi balaaleffatamu waan taheef.
Yeroo ammaa kana ajandaan ho’aa Itophiyaa keessatti afarfamaa jiru maqaa “Integrated Regional Development Plan (IRDP)” gabaabaatti maqaa guddina waloo jedhuun mootummaan Wayyaanee Finfinnee caalaatti bal’isuuf ifa gochuudhaan dhugoomsuuf sosso’aa jiru dha. Kanaafis Master PalanFinfinnee kan jedhuun daba guddaa Oromoo irratti qiyaafateen socho’aa jira.
Wayyaaneen biyyaa fi ummataaf yaaduu irraa karoora kana karoorsuu amansifatuuf addatti ammoo ummatni Oromoo akka fudhatuuf tattaafataa jira. Dhimmi kun hundaan olitti ummata Oromoo waan ilaaluufis ummatni Oromoo karoora kanaan duuba waan jiru gadi faginaan hubatuu feesisa.
Karoorri kun hojii irra oolfamuu jechuun:
  1. Mirga ummatni Oromoo lafa isaa irra jiraatuuf qabu sarbuun maqaa guddinaa fi misoomaan lafa isaa akka gadhiisu taasisee hiyyummaaf saaxila. Maatiin akka faca’u taasisa. Alagaan akka irratti duroomuuf haala aanjessa. Magaalaa Finfinnee waggaa dhibbaan ol hundeeffamtee bal’ataa har’a geesse kana irraa midhama sukanneessaa fi lafa irraa buqqifamuun hiyyuumaa fi salphina ummata Oromoo irra hanga ha’raa gahe ilaaluun qofti gahaa dha.
  2. Mirga ofiin of bulchuu amma jira jedhamullee caalaatti dhiphisuun ykn haqee bulchiinsa Oromiyaa jalaa baasuun bulchiinsa federaalaa jala galcha.
  3. Afaan isaatiin hojjatuu fi dubbisuu qabsoo waggoota dheeraa fi wareegama ulfaataan argate haqee afaan biraan akka hojjatuu fi dubbatu dirqa. Kun tahuun hanguma qabsoon argate iyyuu mirga ummatni Oromoo Heera biyyaa keessatti raggaafame, “ ummatni, sabootnii fi sablammootni hundinuu mirga afaan isaaniitti fayyadamuu, barreessuu fi dubbisuu, akkasumas, aadaa fi seenaa isaanii beeksisuu fi guddifatu danda’u” jedhu faallessee, aadaa isaan akka hin jiraanne, hin guddifannee fi hin tikfanneef ulaa itti cufa.
  4. Galii dinagdee ummatni Oromoo/Oromiyaan naannoolee Finfinneetti dabalamuuf abuuraman keessaa argatu dhabsiisee dinagdee biyyaa irratti dhiibbaa dhalcha.
  5. Maqaa guddinaan tarkaanfii fudhatamuun ummatni Oromoo moggeeffamee kanneen lafa irraa saammatanii fi qubatan aadaa fi afaan isaanii akka fudhatu dirquun Oromummaa dhabamsiisa.
  6. Maqaa misoomaan tarkaanfiin fudhataman hundi naannoo faaluun jireenya ummata Oromoo fuula duraa gaaffii jala galcha.
  7. Ummata Oromoo qabsoo hadhaawaan tokkummaa isaa mirkaneesse Bahaa fi Dhihatti qoodee gurmuu isaa laaffisuun bittaa alagaa irratti saarsuuf karaa saaqa.
  8. Dhawaataan magaalota biroo Oromiyaa keessa jiran liqimsaa deemee ummatni Oromoo saboota biraan liqiifamaa akka deemuu fi eenyummaan isaa dhabamuuf karaa bana. Kanneen malees kan biroo hedduu tarrisuun ni danda’ama.
Karoorri Finfinnee maqaa guddinaan ummata Oromoo buqqisuudhaan bal’isuuf yaadame itti fufa karoora gabroomfattootaa bara Minilik eegale tahuun ifaa dha. Karoorri bara dheeraa kun Oromoo irraa dhaabbatuu dhabuun miidhaa Oromoo irraan geessise hubatuun hin ulfaatu. Finfinnee alagaan bal’ifatee keessa jiraatu kan dhugoomte Oromoo buqqaasuun akka tahe ummata Oromoo Gullallee, Ekkaa, Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Aqaaqii, Sabbata, Sulultaa fi bakkoota biroo hedduu irraa buqqa’ee biyya isaa irratti akka lammii 2ffaatti akka jiraatu, hiyyummaatti gatamee fi maatiin faca’e akkasumas jiruu gadoo irratti bobba’uun of jireessuu irratti bobba’e ilaaluu qofti gahaa dha.
Kanaaf tarkaanfii seeraan alaa heera biyyattiin ittiin bulti jedhamu cabsu, jireenya Oromoo gaaffii jala galchu, qabsoo walabummaaf godhu itti dheeressu ykn ukkaamsee hambisuuf akeekkatee fi alagaa irratti goobsu kun guutummaatti dura dhaabbatamuu qaba. Tarkaanfii tuffii ummataaf qabuu fi seeraan olitti of ilaaluun Wayyaaneen fudhatamu eenyummaa Oromoo dhabamsisuuf tooftaa geggeeffamaa jiru waan taheef, ummata Oromoo qofa osoo hin taane kanneen mirga dimokraasii, wal qixxummaa ummatootaa fi mirga namoomaaf falman hundaan mormamuu fi dura dhaabbatamuu qaba.
Addatti ammoo abbaan dhimmaa ummatni Oromoo karoora shiraa, isa dhabamsiisuuf farreen ummataan karoorfame kana tokkummaa isaa cimsee jabinaan dura dhaabbatuu malee furmaatni biroo kan hin jirre tahuu hubachuun barbaachisaa taha. Kaaroorri kun akka guutummaan fashalu qabsaawaa waliigala furmaata mayii kan tahe walabummaa Ormiyaaf qabsoo finiinsuuf socho’uun Oromoo irraa eegama.
Bara Baraan Miidhama Ummata Oromoon Guddina ofiif Hawwuun Gabroofattotaa Marraa Kana Xumura Itti Gochuun Dirqama Lammummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Info Desk ABO