22.10.2013
WASHINGTON,DC — Sirbitootii Oromoo afran biyyaa dhufan, Jaamboo Jootee,Nigusuu Taammiraat, Hacaaluu Undeessaatii fi Abbush Zelleqee eegii biyyaa dhufanii kutaa Amerikaa akka akkaa irra maranii sirbuutti jiran.
Hacaaluun CD isaa haaraa Waa’ee Keennaa keessatti waan Oromoon keessa jiru,oolmaa fi bultii isaatii fi waan innii itti jiru sirbe jedha.
Abbush ammoo CD isaa haaraa Jaala Jiloo keessatti “aadaa fi seenaa qamnu wal barsiifachuuf aadaa walti qabee sirbee,” jedha.
Sirbii isaani kun gabayaa internet irraa Amazon,itune fi fulaa akka akkaatti sirboota Afrikaa keessaa Amazon MP3 download irraa bitachuuf waraabbaman ka Hacaaluu tokkeessoo ka Abbush ammoo lammeessoo tahan.
Jarii kun yoo dhiyoo studio VOAtti dubbifnellee rakkoo sirba Oromoo,qooda artiin seenaa ummata tokkoo guddisuuf qabaattu, jaalala ummatii artistootaa qabu,aadaa artii fi seennaa Oromoo guddisuuf waan nama biyya alaa irraa eegan,midhaaguma waan ufii qabaachuutii fi waaan hedduu nutti hime.
Akka Hacaaluutti sirbii Oromoo sadarkaa addunyaa irra gahuun ballinnaa fi seenaa ummata kanaa agarsiisa.
Abbushii fi Hacaaluulleen jaalala ummatii biyya keessaa fi biyya alaatti isaan agarsiisetti akka isaan jabaatanii hojjatan isaan tolche.Yo asi deebinellee yoo humna jabeeffanne studio keenna banannee rakkoo guddoo studio dhabiitiin nutti fidde ufi irraa hambifna jedhan.
Jarii afranuu Amerikaa gama Kaabaa Canda dabalee biyya gara garaa keessa yaahee sirbuutti jira.Sirba isaanii haaraa kanallee dhiyoo tana MN,Amerikaatti gabayaatti gadi lakkisan.