Friday, February 14, 2014

Mozambique: Nampula Police Arrest 20 Ethiopian Migrants

Maputo — The Mozambican police in the northern province of Nampula have detained 20 Ethiopian citizens who entered the country illegally, and were trying to make their way to South Africa.
According to a report in the Beira daily “Diario de Mocambique”, after a three month journey from Ethiopia, the 20 were crowded into a Nampula house, where they were making plans for the next stage in their journey.
But the presence of so many foreigners in the same house was noticed, and people living nearby called in the police, who arrested the 20 Ethiopians, plus the Mozambican owner of the house, Mussa Raul.
Raul told reporters that he accepted the Ethiopians into his house in good faith. He said a man whom he named only as Ibrahimo gave him 2,500 meticais (about 82 US dollars) to accommodate five people for two hours.
But when Ibrahimo returned he was accompanied by 20 Ethiopians, whom he said he would collect the following morning.
According to Nampula police spokesperson Size Panguene, some of the Ethiopians ar malnourished and in poor health. One of them has been hospitalized suffering from severe diarrhoea.
“We're hungry and ill”, said Adinat Ashebo, one of the Ethiopians. He said the group had begun its journey in December, and had travelled through Kenya and Tanzania. They had then crossed the Rovuma river into Mozambique.
“Our country is poor”, said Ashebo. “We know that Mozambique is a country at peace where we can find asylum, and we can start a better life than the life we were leading in Ethiopia”. Nonetheless the authorities are convinced that their true destination was South Africa.
Panguene said the Ethiopians will be handed over to the National Refugee Institute (INAR), while Mussa will be prosecuted for his harbouring of illegal immigrants.
INAR will have to decide whether the Ethiopians qualify as refugees and should be accommodated at the Maratane Refugee Centre in Nampula.


Finfinnee bal’isuu, Oromiyaa jigsuu, Oromuummaa balleessu

By Hawi Chala
Hawi ChalaMagaalaan Finfinnee namicha harkaa fi harma muruun bekkamu, Minilik 2ffaan erga hundoofte kunoo har`a waggaa 128 ta`ee jira. Yeroo sanaa kaasee hamma ammaatti Finfinneen teessoo mootummoota abbaa irree(dictator) biyya Itiyoophiyaa bulchaa turanii fi bulchaa jiran ta`un tajaajilaa jirti. Ummanni haandhuraa fi naannawaa Finfinnee jiraachaa ture ummata Oromooti. Hundeffama magaalaa gudditti biyya Itiyoophiyaatti aansuun rakkinni fi gadadoon saba guddaa kana irratti gahee fi ammas gahaa jiru baayyee sukkaneessaa dha.
Namichi Miniliik II jedhamu teessoo isaa erga Finfinnee godhate booda hojiin inni raawwate saboota(lammiwwan) isaa kaabaa Itiyoophiyyaati gara giddu-gala biyyatitti godaansisuu ture. Godaansa kanaan ummanni saba Seemii lakkoofsaan hedduu ta`an Finfinnee fi naannawaa ishii qubatan. Saboonni biroos sababa daldalaa fi haala jireenya mijaawaa barbaaduuf jecha gara Finfinnetti akka malee godaananiru. Yeroo kanaa kaaseeti baayyinni ummata Oromoo Finfinnee fi naannawaa ishii jiraatu haala nama ajaa`ibuun lakkoofsi isaa gadi bu`aa kan dhufe.
Ragaan waggoota muraasa dura Waajjira giddu-gala staatistikii Itiyoophiyaa(Central statistic agency of Ethiopia) maxxanfame akka agarsisuutti baayyinni ummata Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatu 19.51% qofa dha. Parsantiin saddeetamaa (80%) sabni Finfinnee keessa jiraatu kan Oromoo hin taane dha. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda`amutti sabni Oromoo akkaataa nama gaddisisuun biyya abbaa isaa kan haandhurri isaa itti awwaalame irraa dhabamsiifamaa akka jiru dha.
Yeroo waa`ee Finfinnee yaadu gaaffiin yeroo baayyee sammuu koo keessa deddebi`u tokkootu jira.Ummanni Oromoo Finfinnee keessa jiraachaa ture parsantii guddaan yeroo ammaa kana hin jiru.
Ummanni kun eessa jira amma? ykn eessa deeme?
Karaa mataa kotiin deebiwwan lama gaaffii kanaaf ta`uu danda`u jedhu akka armaan gaditti dhiheessa.
  1. Mootummoota abbaa irree biyyatti yeroo gara garaa bulchaa turaniin ykn bulchaa jiraniin dirqisifame naannoo isaa gadhise akka godaanu taasifameera. (displacement)
  2. Dhibbaa (pressure) ummanni Habashaa karaa aadaa,afaanii fi amantiitin ummata Oromoo irratti godhaniin ummanni Oromoo eenyummaa isaa akka dhabu godhameera.(Identity loss).
Shirri kun hundi saba Oromoo irratti raawwatameera;raawwatamaas jira.  Ji`a muraasa dura mootummaa cunqursaa Wayyaaneetiin dizaayiniin magaala Finfinnee babal`isuuf dhiyaate fi booda akka hojiirra olu ragaasifame kan baayyee nama riifachisu fi cittoo irratti fanxoo kan nama jechisisu dha.  Jaarraa (bar-dhibbee) 21ffaa kana keessa ummanni addunyaa qaroomiina irraan kan ka`e ummatoota jalqaba biyya tokko keessa jiraachaa turaniif (Indigenous people) kunuunsa gochaa jiru,akkasuumas madaalli naannoo(ecology) tursisuuf kunuunsaa fi eguumsa adda ta`e biqiltootaa fi bineensotaaf gochaa jiru. Karaa faallaa (fuggisoo) ta`en mootummaan Wayyaanee shirri inni kanaan dura ummata Oromoo naannoo Finfinnee jiraatu irratti raawwate gaha otoo hin jedhiin maastar pilaanii(master plan) haaraa qopheessuun aadaa, afaanii fi eenyummaa Oromoo  akkasuumas bosonaa fi qabeenya uumamaa Oromoon qabu caalatti dhabamsiisuuf bifa haaraatin duula cimaa gaggeessuuf qophaahaa jira.
Akkaataa diizaayinii haaraa hojii irra oluuf qophaahaa jiru kanaan magaalonni fi aanoonni Finfinnee irraa fageenya kiloomeetira 100 irratti argaman hundi magaalaa Finfinnee jala galu. Mastar pilaanii(Maser Plan) kun dhugumatti hojii irra ola taanaan yeroo kamiyyuu caala ummanni Oromoo rorroo fi gidiraa daangaa hin qabneef saaxilama. Rakkoowwan ijoo(main) mastar pilaaniin kun ummata keenyatti fiduu danda`an akka armaan gaditti ibsuu yaala.
1. Hiyyuummaa babal`isa 
Kana jechuun sababa investimantii fi babal`ina magaalaatiin ummanni Oromoo lafa qonnaa isaa ni dhaba. Gali guddaan qote bulaan Oromoo qabu oomisha lafa qonnaa isaa irraa argatu dha. Lafa qonnaa isaa dhabe taanaan oomisha oomishuu hin danda`u. Sababa kanaan kan ka`e galii argachuuf jecha invastimantii lafa qonnaa isaa irratti hundeffameen waardiyyaa ta`uuf dirqama. Dabalataaniis hojii humnaa (labour) garaagaraa barbaachuuf gara magaalaatti godaanuun jireenya gadadoo fi hiyyuumaan guuttame jiraachuuf saaxilama.
2. Diigamuu maatiif sababa ta`a
Kana jechuun immoo qotee bulaan tokko lafa qonnaa isaa erga dhabee galii adda ta`e tokko waan hin qabneef jireenya isaa mo`achuuf jecha qe`ee isaa gadhisee godaanuuf dirqama. Maatiin isaas bifa walfakkaatuun sababa jireenyaatiif jecha faffaca`uun waan nama wal gaafachisu miti.
3. Barattoota fi hojjattoota Oromoo irratti dhibbaa xin-sammuu (Pyschological impacts) hagana hin jedhamne fida.
Afaan barattoonni Oromoo nannawaa Finfinnee jiran mana baruumsaatti ittiin baratani fi waajjiraaleen mootummaa kan dhimma itti bahaan Afaan Oromoo (Oromiffa) dha. Finfinneen haala amma deemaa jiruu kanaan ni bal`atti yoo ta`e aadaa fi afaan saba biraatu wajjiin guddachaa adeema. Manneen barnootaa fi waajjiraaleen naannoo Oromiyaa keessa turan hundi tajaajila kan kennan afaan hojii mootummaa feederaalaa,afaan Amaariffaatin ta`a.  Kun immoo barattoota keenyaaf gufuu guddaa ta`uun baruumsa isaanii irratti dhibbaa cimaa ta`e fida.  Afaan alagaatiin baruumsa barachuun barattoota Oromoo irratti rakkina xin-sammuu daangaa hin qabne fida. Haaluma wal fakkaatuun hojjattonni waajjiroolee garaagaraa keessa Afaan Oromootiin tajaajila kennaa turan diigamuu bakka hojii isaanii irraan ka`e hojii kan biraa barbaaduuf saaxilamu. Hojiin biraa argamuu danda`uus afaan alagaatiin ta`a.  Kuniis miidhaa mataa isaa danda`e qaba.
4. Eenyummaa Oromoo balaa irra buusa
Akkuma armaan dura ibsuu yaaleetti Oromoon Finfinnee keessa jiraatu sababa adda addaatiin eenyummaa isaa akka dhabe dha. Sababa guddina magaalaatiini fi shiira adda ta`e mootummaa wayyaanee qopheessee kanaan dizaayiniin magaalaa Finfinnee bal`isuun hojii irra ola taanaan eenyummaan Oromoo yeroo kam iyyuu caala balaa irra bu`a.  Aadaan,afaan,amantiin fi eenyummaan saba habashaa dagaagaa yeroo adeemu kan Oromoo immoo laafuu fi dhabamuuta`a.
Shiira mootummaa Wayyaaneetiin ademaa jiru kana ykn maastar pilaanii magaalaa Finfinnee haaraa kana akkamitti dura dhaabachuun danda`ama?
Ummanni Oromoo maal gochuu qaba?
Ummanni Oromoo yeroo kam iyyuu caala tokkummaa isaa jabessee wal faana dhaabachuu kan qabu yeroo ammaa kana. Tokkummaan sabni keenya shiira nurratti deemaa jiru ittisuuf agarsiise ibsuuf seenaa yeroo dhihoo «Boycott Bedele» yaadachuun gahaa dha. Tokkummaan humna. Yoo walii galan; alaa galan akkuma jedhamu garaagarummaa qabnu akkuma jirutti waliif dhiisnee dhimma Oromoo fi Oromiyaa irratti harka wal qabannee wal faana dhaabachuun dirqama lammii keenya hundaati. Tokkummaan yoo kaane sagalee keenya sadarkaa addunyaatti dhageessisuu dandeenya. Yoo nuti tokkoomne dha, gurra hawaasa adduunyaa argachuu kan dandeenyu. Kanaafuu sabni Oromoo kan biyya keessaa fi biyya hambaa jiru gurmuun wal jabeessee shiira mootummaan Wayyaannee ummata Oromoo lafa irraa dhabamsisuuf gochaa jirtu kana dura dhaabbachuu qaba jedha. Jirbiin wal gargaartee arba hiti (Mixiin wal-qabattee laga ceeti) jedhama mitiree;tokko taane haa falmannu.
Injiffannoon saba cunqursaa jala jiruuf haa ta`u!!!
Maastar plaani magaala Finfinnee haara wordpox kana keessati argachuu ni dandeechu
Hawi Chala (hhunduma@yahoo.com)

MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Lammaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa 
DURADUBBII
Jaalatamoo fi kabajamoo warra barreeffata kana duukaa-bu’aa jirtan, erga kutaa isa duraa sirriitti dhamdhammattanii kunoo kutaa inni lammaffaan isinii dhiyaatee jiraa, mee duukaa-bu’uuf yaalaa! Dabaleesoo, isa dabre keessaa kan mataduree “QAAMADUBBII” jedhu jalatti kaayame, buufata tokko callaatu isiniif dhiyaatee ture. Amma buufata sana keessaa, isaan hafantu dursee isiniif dhiyeeffama.
QAAMADUBBII
Buufanni boqonnaa ”QAAMADUBBII” kan isiniif dhiyaate waayee aadaa kadhannaa warra Amaaraa irratti ture. Kunis dubbii barachiisaan isaanii Masfin Walda-Maaram barreesse irratti kan hundeeffame ture. Mee amma waayee kanaa bakkuma dhaabanne sana irraa ka’uun itti haa fufnu! Kana irratti aadaa fi duudhaan warra Amaaraa inni barachiisaan isaanii: “beekumsa sonaan cimaa fi qaroomina akkaan sokke” godhee, nuuf addeessu kun aadaa fi duudhaa Oromoo wajjin dugdaa fi garaa dha. Homaayyuu walitti hin dhufan jechuu kiyya. Oromoo biratti kadhannaan salphina salphina caaluu fi gadaantummaa guddaa dha! Mee kana muuxannoo tokko irraa ka’uunan isinii ibsuuf yaala.
Gaaf tokko durbiin kiyya tokko Shaggar shaggaa biyyaa sanitti, otoo haasawaa jirruu waayee kadhannaa keessa waan galleef: “kadhannaan warra Amaaratii aadaa saaniti ” naan jedhe. Ani ennasuma aariin bobayeen akkuma warra Amaaraa san: “akaakii-zarraaf“, “na qabaa gadi-na dhiisaa” jechuutti ka’e. Dhugaa Rabbii, harka ayyaana Oromoo fi Oromiyaa ani hedduun aareyyu. “Akkamitti kadhannaan aadaa uummata Amaaraati jetta? Akkamitti kadhannaan aadaa uummata tokkoo tahe? Akkamitti ati akkanatti uummata Amaaraa kabajamaa kana arraabsita?”, faa jechuunan baay’ee koodee kiyya sanatti rom’e. Gichilichi Dandi Walisoo fi Abeebe Kuttaayee sun yaada sana irraayyi duubatti deebiyaa-ree? Sirumaa itti-cimsuun dubbii dhugaa fi dhugoo irratti hundaayeen na dura dhaabate. “Oromoonkoo fi Amaarrikee waan jedhee akka mammaaksaatti himu beektaa?”, naan jedheArgitanii ani isaan: “uummata Amaaraa hin arrabsin, oftuulummaa iliitotaa fi gita-bittee isaanii harkiftee Biyya Oromoottis, nuttis hin fidin“, waanan jedheef “Amaarakee“, jechuun uummata Amaaraa akkuma jirutti na dhuunfachiise. Booda ani qabbanaayeen itti-qoosaa: “mee Oromoon-kee kana irratti, Amaarri kiyyammoo kana irratti maal faa dubbatan?” isaan jedhe. “Amaarri harka namaa ilaaluurra kadhaddheen nyaaddha jedha! Oromoonimmoo kadhaddhee nyaachuurra firakoo bira deemuu naa wayya jedha!”, jechuun barumsa lafee irratti malee, lafa irratti hin buune na unachiise. Ilaa, barachiisaan Amaaraa sunis yaaduma kana cimsee nutti hima.
Amma barri isaa bara sanaa mitii, ammoo lafti isaa lafuma sana. Ee, Shaggaruma keenya sanatti. Ani bara dheeraa Biyya Faranjii (Oroppaa) jiraaddheen geeddaramni sun taanan bara 1992 keessa biyya koo, kanan  lubbuu too caalcisee jaaladdhu sanatti deebiye. Oggaa sana dabbasaa mataa hin murannuu, akka ammas mataan nu molaayee bedee, eelee bunaa cululuqxuu sana hin fakkaannee, ofumaan ofiif waada galeen: “rifeensi mataa kiyyaa, biyya kiyyatti malee hin muramuu, biyyee biyya abbaa kiyyaatu isa nyaata“, jedheen bara baay’ee, eeyyee waggaalee 20 ture. Amma Shaggar koo gallaan sirumaa warri keenya: “taagaayii warra Wayyaanee fakkaatta; barabaasoo itti-dabalannaan ati dhibbaa-dhibbatti isaanuma!”, naan jechuun qoosaa fi koflaan na jaanjessani. Amma kaachaa deemeen, namni hiriyaa kiyyaa tokko konkolaataa konkolaachisee, mana namoota Oromoo tokkotti na buusee :”isa taagaay jaraa hin seyinaa, namni keenya kun amma biyya alaatii dhufee sirriitti keessummeessaa! Sirriittis mataasaa maaxafiitii nuuf mimmiidhagsaa“, jedheenii sokke.
Duuba otoo isaan keessaa inni tokko rifeensa mataa kiyya sana akka nama xaafii Bachoo haamuutti hableen kashakkashuu, otoo isaan wal-harkaa fuudhanii qoosaa Oromoo fi qoosaa Shaggar, shaggaa sana na abbuuqqachiisaa jiranuu, jaartiin Oromoo takka uffata baadiyyaa isaa gaarii uffatte, tan naatoon ishii reeffayyuu naasifatu, dhaddhaabbata tokkoon dhaddhaabbachaa: “ijoolleetoo akkam nagumaa? Hundi keechan naa jirtuu? Yaa korommii-koo waan san mee naa jedhaa-kaa! Ani isin malee, maalan qabaree?”, jetteeni. Mana sana keessa namoonni hojjatan hunduu Oromoonni saddeet, waanuma harkaa qaban kennanii fi anis waa itti-idayeefi inni tokko geessee barruu harkashii keessa kaayefi. Ishiin hedduu nu eebbisaa deemte; haati ilmaa dhala dhabdee, biyya ofiis dhabdee harka namaa ilaalaa jirtu suni. Booda Oromoota sana keessaa inni mataa naa maaxaa jiru: “yaa Oromoo agartanii? Aayyoon teenya tun akka warra Amaaraa kadhaa hin beektuu, dhufteetuma “ijoolleetoo fidaa nuun jettii!”, jedhe. Inni tokko-mmoo dubbii sanatti dabaluun: “Oromoon keenya yoom kadhaa beeka? Maal tayeefimmoo kadhata? Maal godhuree amma dubbiin baddee, amma biyyi badee kunoo tokko tokko-saanii kadhaa calqabanii jiru. Garuu, afaan keenyas, aadaan keenyas kadhaaf hin ta’u. Beektuu Oromoonni tokko tokko gaafa kadhachuu calqaban dursaniitoo Afaan Amaaraa baratuu!”, nuun jedhe. Ani amma akka isa gaafa durbii kiyyaa sana isa kanaan: “ati Afaan Amaaraa afaan kadhannaati maaf jetta?”, jechuun itti hin kaane. Naman hin beeknewoo maal jedheen itti-ka’a-ree? Waan hundaafuu, amma baga kunoo barachiisaan Amaaraa sun waayee kadhannaa kana nu barachiise.
As irratti dubbii cimtuu takkan kaasuu fedha. Habashoonni humna qawwee ergisaa fi qawwee kadhannaatiin biyya abbaa keenyaa moyanii qabatan kun, wanneen danuu harkisanii nutti fidani. Yookaan wanneen danuutu isaan wajjin harkifamee biyya Gadaa seene. Kanneen keessaa dhibeen namaa-sa’aa kan yaadatamu. Kadhannaan faas kan isaan waliin nutti dhufe. Biyyi Oromoo durii biyya dammaa fi biyya aannanii, biyya midhaanii fi bunaa, biyya namaa-saani quufee jiraatu ture. Tahus, dabree dabree balaan garagaraa naannoo tokkotti bu’uun namni rakkachuun waanuma jiru. Rakkoolee akkanaa kanaaf garuu, Seerri Gadaa malaa fi fala qaba ture. Nama massaalee (sababoota) addaddaatiin rakkoon irra gaye, biyya keessaa lammii (qomoo) isaatu horii walitti-buusuun isa gargaara. Hammamii fi akkamitti akka tahu immoo qixxee (walgayii) lammiitu murteessa. Kun erga biyyi keenya badee, badee badullee akka happheetti dachee Oromootti maxxanee kan waa hafe, anumtuu gurbummaa kiyyaan argeen jira. Eekaa, kun Oromiyaa Waltajjiitti “Hirpha Lammii” jedhamaayyuu. Kun ammallee dachee Oromiyaa keessaa naannoo Oromoo Booranaa fi Gujiitti ni argama. Booranoonni keenya, angafoonni fi boonsisoon keenya kun hardhallee isaan dhimma bayaa “buusaa gonfaa“, jedhuuni. Raajii dha; Oromoo keenya inni durii, seera fi sirna Gadaa kan bantii dimokiraasii tahe sana keessatti isa akka “buusaa gonfaa” yaa’ii ofii irratti muree baasuun, warra Lixaa kana (Oroppaa fi Ameerikaa Kaabaa) durseeti jira. Isa isaan hardha “Social  Security Contributions” jechuun, mootummoonni isaanii nama dhabe seera baasee, seeraan gargaaru kana dursa jechaa dha, seerri Gadaa Oromoo! Duratti afaan qabamnee, hardhallee humna gayaa dhabneeti malee, nuti yoo olkaanee wanneen seena uummata rajeffatamaa kanaa keessatti argaman ifa goone, addunyaan ijaa fi gurra nutti cufatte tunillee waa nu dhageessi taha.
Mee ani amma akkuma Oromoon: “kan qabuufan dabala jettee, harreen lagatti fincoofte“, jedhu saniin anis warra Habashoota Amaaraa “keenya” kanaaf waa itti-ida’a. Isaanitti geebni addunyaa inni Barachiis Masfiin Walda-Maaram karaa kadhannaa irratti kenneef kun waan itti-xiqqaateef kan biraan itti-dabalaaf-kaa! Habashoonni Amaaraa karaa oftuulummaa fi karaasanyummaa-tiin geeba addunyaa badhaafamuu qabu. Namni akka isaanitti of-tuulu, of-guuru, of-tuulee of-tuulee samiidhaan of-gayu kan akka isaanii yoo jiraate, addunyaa tana keessa takkaataa (“rare“) dha. “Maali kanneen akkanaa guutaniwoo, eeenyu faa, eenyuu eenyu faa” naan jechuu dandeessu. Ilaamee , dubbiin dhiyoo kana: “Oromticha Biyya Jarmanii jiraatu tokkotu jedhe“-en, himamu tokkon isiniif qooda. Oromticha tokkotu guyyuu: “Jarmanoonni nu tuffatu” jechuu daran heddummeessa. Booda Oromtichi tokko kan biraa, kan isaa yeroo baay’ee nyakkisuu isaa kana qalbeeffate, gaaf tokko duubiin tun morma isa geenyaan: “abboo amma kana nurraa dhiisi! Guyyuu kanamu jettaa! Habashoonni Amaaraa-yyuu kan hamma Oromoo nyaatanii-dhuganii hin bulle, kan hamma Oromoo uffatallee hin qabne, kan hamma Oromoollee dallaani fi godoon isaanillee sirriitti hin ijaaramne, kan hamma Oromoollee keessi manneen isaanii fi alli mooraa isaanii qulqullina hin qabne, kan akka Oromoo hojii hin jaalanne“, si tuffatuu mitii? Maarree, kan isaan siyii gaditti argaman kun akkanatti si tuffatan, yoo Jarmanoonni saayinsii fi teeknolojiin samii qaqqaban kun si tuffatan kan akkana si bobeessu, kan akkana gayyaa gayyaan si rom’isiisu?”, jedheeni.
Mee yaa Waaq beekumsii fi beekaan goluma golaan jira-kaa! Oromtichi keenya inni akkanatti warra Amaaraa fi Jarmanoota Oroppaa walbira qabuun nuuf ibse kun, kan Amaartota “keenya” akka daawwitiitti nu fuuldura qabeetoo nutti agarsiise kun, of-tuulummaa Jarmanootaa gadi-xiqqeessuu isaa miti. Ani ammallee obboleessi keenya kun eenyu akka tahe hin beeku. Haatahu malee, yaadaan walbeekuu keenyatu muldhata. Inni yaada Amaartota “keenya” geeba addunyaa badhaasuu kana irratti na dursee jira jechaa dha. Nuti Oromoota waan taaneef: “Amaara jibbitan”, “maaloo maaloo jibbitan” nuun jechuutu dhufa tahaa, mee amma waayee kanaa irrattan namoota biyyoota alaa keessaa nama tokko callaa kaasee dabra. Tokkichuu ni gayaa jedheeni malee, namoota Oroppaa fi Ameerikaa waayee kanaa irratti warra Amaaraa akkuma kiyya geeba addunyaa badhaasuuf, tarree galaanii ijaajjan shantamii-shan tarreessuun ni dandayama. Waan hundaafuu, warri feetan mee barroo barreessaa biyya USA-a kan: “ G. Lipsky“, dubbisaa!* Kana irratti wanni “jibba Amaaratiifi” jedhamu wayii ka’uu hin qabu. Nama uummata Amaaraas, uummata biraas jibbu Waaqniyyuu isa jibba. Maali Masfiin Walda-Maaram, kan isaaniif karaa kadhannaatiin geeba addunyaa kenneef Amaara jibbeetii? Uummata ofii sana jibbeetii miti!
As irratti waan qalbeeffatumuu qabu tokkotu jira. Habashoonni Amaaraa oftuulummaa duwwaa miti kan qabani. Gadaantummaas ni qabu. “Akkamitti wanneen walfaallessan kana lamaan qabu nuun jetta?“, jechuun gaafii dhiyeessu dandeessu. Wanneen walfaallessoon lamaan: oftuulummaa fi gadaantummaa n kun waan walitti isaan fiduu fi hidhu wayiiti qabu. Lameen kun karaa daayilektika-atiin walitti-dhuffeenya qabu. Daangaa isaan jidduu dhaabate sana, gaafa fedhan irra tarkaanfachuu waan dandayaniif, funyoo daayilektika raagdotaatiin (falaasamootatiin) walitti-gudunfamu. Warri Amaaraa olaantummaa akka qaban waan hunduu beekuuf, isa ibsuufillee rakkisaa miti. Gadaantummaa isaanii ibsuutu irra nama rakkisa. Mee kana fakkeenyota lamaan tokko dhiyeessuunan gabaabutti ibsuuf carraaqa.
Bara warri Xaaliyaanii biyya keenya qabatan irraa kaasee barreessitoonni Oroppaa fi Ameerikaa, isaan waayee naannoo Gaafa Afrikaa irratti qorannoo garagaraa adeemsisan, uummanni Oromoo impaayerittii keessatti wayyaba (“majority“) tahuu isaa ibsaa deemani. Kunis qorannoo lakkoofsa uummataa kan malawwan saayinsii irratti hundeeffameen, Xaaliyaanonni lakkoofsa uummatootaa sirriitti lafa-kaayanii turani. Hamma hardhaattillee mootummaan Habashaa dhufee dabre, kamuu akka warra Xaaliyaanii saayinsii irratti hundeeffamuun lakkoofsa uummatoota impaayerittii lafa hin keenye. Uummanni Oromoo lakkoofsaan isaan caaluun kun qorqalbii hamaa keessa waan isaan galcheef, lakkoofsa uummata Amaaraa abjuudhaan heddummeessaa, kan Oromoo immoo dabaa fi sobaan gaxxiqqeessaa jiru. Amma keessa kutaniiyyuu Oromoon dhibbantaa 35; Amaarri immoo dhibbantaa 32 nuun jechuun sobaa gabaa keessaa nutti hafarsaa jiru. Kun muummiyyeewwan (iliitota) isaanii callaa kan ilaalu otoo hin taane, kan mootummoonni isaaniis akka imaammataatti fudhatani. Asi irrattan fakkeenya gabaabaa fi qabatamaa tokkon isiniif dhiyeessaa mee na hoofkalchaa!
Ani bara 1994 irraa kaasee hamma bara 2000-tti karaa mabban (unbarsiitiin) keessa jiruu qorannoo: aadaa, seenaa fi afaan Oromoo irratti adeemsisaa waan turreef, wagguma waggaanan gara Oromiyaatti deddeebiyaa ture. Oggaan dhaqes gara baatiiwwan sadii faa waanan achi turuuf, dachee Oromoon “nan qaba” nuun jedhu cufan waliingayaa ture.Gaazexaan “Addis Zaman” jedhamu kan duris, oggaa sanis, hardhas kan mootummaa Habashaa tahe, lakkoofsa uummata dira Shaggar keessa jiraatuu kenne. Akka gaazexaa kanaatti uummanni Finfinnee Shaggar: dhibbantaan 19 Guraagee, dhibbantaan 18 Amaaraa yoo tahu dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Argitanii! Uummatoonni kun sadeen akka waa tokkollee karaa kanaan walirraa hin fagaanneef, waadaa waliif galanii, Macaafa Qulqulluu fi Quraana Qulqulluun waliif kakatanii tokko-lamaan qofa wal-caalani! Haatahu malee, raajiin lakkoofsa kanaa as irratti dhaabatee hin hafne. Waggaa lama booda akka tasaa gaazexaa-dhuma sana yommuun dubbisuun, ammas lakkoofsa jiraattota dira Shaggar arguu dandaye. Ammammoo dhibbantaan 19 Guraagee yoo tahu, dhibbantaan 17 immoo Oromoo dha. Garuu, dhibbantaan 48 Amaara. Kun raajii kan hin taane maaltu taharee? Warri Amaaraa waggaa lama keessatti wal-horanii, lafa gootuun dhibbantaa 18 irraa dhibbantaa 48 dhaqqabani. Korupphee, booyyee fi hantuunni faanillee akkanatti waggaa lama keessatti wal-horuuree? Qorqalbii badaa; gadaantummaa hamaa! Iliitonniii fi miseensonni gita-bittee Amaaraa “gaallota” isaanii karaa maraan irra caaluun, akka waan isaan irraa eegamuutti lafa kaawwatani.
Fakkeenyin akka isa lammaffaatti isiniiif dhiyeessu immoo kan hundi keessan beektani. Ammoo, kan gariin keessan itti-yaaduun galmee sammuu keessanii keessa hin galfanne taha. Oromoonni biyyambaa (“diaspora“) hedduun keessan lammiiwwan Amaaraa kanneen naannolee keessan jiraatan isinitti qabuun hin oolu. Mee itti-yaadaa gaafa isin: “eessaayyi dhufte?” yookaan “eessatti dhalatte?“, jettaniin maal isiniif deebisu? Dhibba keessaa harki saddeettamni yookaan sanaa ol: “Shaggar irraayyi-kaa!” yookaan “Shaggaritti-kaa!“, jedhaniiti isinii deebisu. Shaggar magaalaa sadarkaa biyyalafaatti lakkaawamu waan taheef, nama magaalaa tahuuf, akka isaan itti-boonanitti araadoyyee tahuuf, bakka itti-dhalatan akka wanna xuraawaa wayitti achi darbachuun Finfinnee Shaggar himatu. Namni waan kana jala deemetoo qorate, Amaartonni biyyambaa jiraatan marti “Shaggaritti dhalachuu isaanii” bira gaya. Kunis gadaantummaa isa qullaa ofii gabaa keessa biddiiqu! Walbira qabuuf, yoo feetan Oromoonni eessayyuu haa dhufanii bakkuma irraa dhufan sanaa fi bakka itti-dhalatan sana itti-boonuun himatu. Takka takka oggaa isaan ganda irraa dhufan, yookaan magaalaattii bicuu wayii kan irraa dhufan san himatan, ani: “magaalaan beekaman bakka sanatti dhiyaatu maal jedhama?“, jechuunan bakka sana beekuuf dhama’a! Isaan ennasuma: “Gorii dha, Muggii dha, Boojjii Coqorsaa-ti; Yaayyoo dha, Buree dha, Aalle; Shabbee dha, Geeraa dha, Saqaa Coqorsaa-ti ; Ijaajjii dha, Shoboka, Baantuu Liibani; Gooroo Walisoo-ti, Harbuu Culullee-ti, Asgorii Bachoo-ti; Garba Gurraacha, Muka Xurii-ti, Tulluu Milkii-ti; Wanjii Gafarsaa-ti, Adaamii Tulluu-ti, Aduu Laalaa-ti; Daaroo Labuu-ti, Ejersa Gooroo-ti, Funyaan Biraa-ti; Kofale, Asaasa, Abbomsaa dha; Diinsho, Agarfa, Nageellee Meexamaa-ti; Shaakkiso, Meegga, Meettaa Gafarsaa-ti — faa jechuun dhugaa fi dhugoo jiru kana lafa kaayu.
Ani amma waraqaa kana keessatti waayee oftuulummaa, gadaantuummaa fiolaantummaa warra Amaaraa kana sababa malee, hin kaafne. Kunoo Minilikoonni bardhibbee 21-ffaa nuti Oromoonni farfannoo fi leellifannoo Minilik faashistichaa fudhachuu dinnaan, humnaa fi arraba qaban maraan nutti duulaa jiru. “Nuti dursinee Oromoota; kaleessas Oromoota; hardhas Oromoota; borus Oromoota! Jiraan keenyas Oromoota; du’aan keenyas Oromoota!”, waan jennee fi :”biyyi keenya impaayarittii isaanii, Toopphiyaa humna qawweetiin nutti fe’amte tana otoo hin taane, Oromiyaa dha!”, waan sagalee tokkoon jenneef, Minilik isaanis nuuf “goota fi jagna” otoo hin taane, “lafarraa duguugaa, harkaa fi harma muraa uummata keenyaati” waan jenneef, waraana xuraawaa fi cubbamaa isaanii “waaraana qulqulluu“, jechuun nutti labsanii jiru. Kana fudhachuu diduun keenya, biyya haadhaa-abbaa keenyaa, Oromiyaa bilisoomsuu fi walaboomsuuf qabsaawuu keenya kana: “Oromoonni gadaantummaa-dhaan faalamanii jiru“, nuun jedhu. Kanaaf, enyu akka dhibee hamaa oftuulummaaolaantummaa fi gadaantuummaa jedhamu kanaan akka ofumaan of-faale itti-himuun dirqii nutti tahe.
Kutaan kun akka dheeratee isin hin nuffisiifneef, dabrees akka yeroo keessan isin jalaa hin balleessineef, as irratti dhaabataa hanga kutaa isa sadaffaa irratti walitti deebinutti mee nagaan naa bubbulaa!<
*  G. Lipsky: Ethiopia -  Its People, Its Society, Its Culture; New Haven, 1962 
** Kutaa Duraa dubbisuuf mee as tuqaaMinilikoota Bardhibbee 21-ffaa: Kutaa Duraa

“Oromo First” Community Engagement in Oslo, Norway – March 29, 2014

Gadaa.com