1.
Waliigala
Ani Juneeydi Saaddoo Cirrii Siyaasaa Ummata Oromoo keessattis ta’ee siyaasa
biyyatti keessatti haala adda addaatiin bara 1976 irraa jalqabee hirmaachaan
turee. Dhaloonni kiyyaa Godina Arsii, Dheerinna Gaara Cilaalo gara bahatti,
labbaa Tulluu Denestari jedhamtu, ollaa Tullu Begoo, ganda Sheemachaa
keessattidha. Akka waligalaatti Godina Arsii keessa waggoota gara 19 yo
jiraadhu, Finfinne keessammo waggota 32 jiraadhee. Waggota 4 mana barnootaa
keessa turee malee kan hafan hojii motumma keessatti biyyaafi ummata tajaajilaa
turee.Bara 2000 irraa jalqabee sadarkaa hoggansa ol’aanaatti Oromiyaafi
biyyattidhaaf hojjachaan turee. Syaasaa biyyatti keessatti, bara 1991 booda
adeemsifamaa turee, kallattiidhaan akka miseensaatti kan hirmaachuu jalqabee
bara 2001dha. Baatii Qaam’ee 2001 Magaaalaa Naqamtee keessatti Yaaii OPDOn
adeemsifteerratti miseensaafi hogganas ta’e filatame. Ergasi ka’e hanga
Onkololeessa 11, bara 2012tti siyaasaa biyya sani keessaa qooda qabaachuun
kiyya ifaa. Rakko bara 2012 guutuu na mudataa tureerraa kan ka’e, gara baqaa
deemudhaan kunoo amma Ameerikaa keessattin argamaa.Ibsii asi gaditti dhiyeessu,
seena kiyya dabre keessaa wantoota gabaabdu qofa Ummata biyya keessa jirufi
biyya alaa jiruf dhiyeesudhaan Saba Oromoo dhiifama gaafachuudhaafi.
2.
Bara ijollummaa
Yeroon kuni bara dhaladhee kaasee hanga mana barnoota Yunivarsitii Finfinnee
xumurutti kan ilaaludhaa. Ilma qonnaan bulaa, baddaa Arsitti jireenna hamaa
Ummanni keenna keessa jiraatu keessatti dhalachu qofa oso hintayiin seenaa,
odeeffanno, rakkoo fi makko ummatichaa kan na waliin dhalate keessatti waggota
5niif mana barnoota sadarkaa 1ffaa, magaalaa Loodee-Jimaataatti Kiloometrii 12
deddebi’udhan baradhee. Bara Sochiin barattota Yunivarsiti jalqabuu, ani
sadrakaa 1ffaa keessan turee. Bara HSn kufuu kutaa saddet turee. Labsii lafa
baadiyyaa gammachuudhaan fudhachuudhanis hirira qabsoo, isa jalqabaa, keessatti
uf argee. Baruma sana gaazeexa Ihiaappaa (EPRP) kan dimookraasiyaa jedhamtus
dubbisee. Bara ittiaanu, 1975, Assallaatti seeraan sosochi barattoota
keessa galudhaan hirmaannaa bal’ina qaba jedhamee waamamu dndayu taasiissa
turee. Manni barnootas akka cufamu hiriiroota adda addaa keessatti qooda
fudhachuudhaan barnoota dhaabee gara Magaalaa Hurutaa deebi’udhaan sochii lafa
jalaa bal’aa adeemsiissa turee. Bara ittiaanuu dirqamaan gara mana barnoota
nudeebisaniyyu sochiin kuni itti fufee. Dargiin ijoollee hiriyyoota kiyyaa
heddu hidhuun, ajjeesufi tumuun (torcher) (goolii diimaa), qabsoon kuni akka
laamshayu taasiisee. Waggoonni lamaan hafan, bara “siyaasaa fi Korreenti
fagootti” jedhamee namni hundi mataa gadi qabate turee. Bara 1981 yeroo
jalqabaatiif gara Finfinnee deemudhaan Kaampaasi Kiilo 4 seenudhaan barnoota
itti fufee. Waggoonni 4n kunniin yeero “politically dormant” ittiin tureedha.
3.
Bara Hojii Ogummaa
Bara 1984 irraa kaasee hanga 1991tti, seektara bishaani keessatti hojjachaan
turee. Yeeroma kana, waggota lamaaf gara Ingiliiz (Fuulbaana 1987) deemudhaan
barnoota digrii lammaffaa waa lamarratti wagoota lamaan kessatti barachuudhaan
gara biyyaatti deebi’ee. Waggota 7n kana keessatti Dargii hamachuufi jibburra
dabree wanti qabatamaan godhee hinturree. Marii guyyota Jimaataa hunda
waajjiraalee motummaa keessatti adeemsifamanirraa hafuu, buusii adda addaa
diduufi seera laaffisurra waan dabre hinhojannee.Bara 1991 yeroo Dargiin kufuu
ani waajjira bishaan Magaalaa Finfinne keessatti Projektoota gugurdorrattiin
hojjachaa turee. Yeroo bishaan Finfinnee keessa hojjadhuu, magaalaa Finfinnees
akka baru carraa guddaan argadhee. Maastar Pilaani 1990-2006 hojjatamee
kessattis qooda fudhadheen turee. Ilaalchi magaala sana maal akka ta’e,
fedhiinifi hawwiin maal akka ta’e kan baree yeeroo sana turee. Jijjiramicha
1991 akka gaaritti fudhadheen garummo ufeggannodhaan ilaalaa turee. Naannoleen
Afaaniifi Aadaa isaanitiin uf habulchan, seenaan Itophiyaa waggaa dhibba tokko
qofa, hire ufi ufiin murteeffachu, hacuucaa sabummaa fonqolchuu, lafti akka
hingurguramne, kkf dhimmoonni anaaf ijoo tayan kun sirnicha haraya dhufe kanaaf
gurra akka keennu nataasiisee.Bara 1995 Jia Adooleessa, Mootummaan Naanno
Oromiyaa, kan OPDOn gaggeeffamu nawaamudhaan seektara Bishaaniifi Albuudaa
akkan hogganu nagaafatee. Gaaffi kana fudhachuudhaan Hojii naanno keennaa
jalqabee. Yeero kanatti namni waan miseensummas taye waan biraa natti kaase
hinturree. Hojii bishaani garaa guutuudhaan itti uf gadiidhiisee hojjadhee.
Biiroo deebiseen akka gaaritti ijaaru, caasaa godinaalee cimsuu, sirna sivil
sarvisi diriirsuu, ogeessa baliinaan qaxaruu, ogeessa baliinaan biyya keessaafi
biyya alaatti ergani horachuu, sirna hirrigaa fi qabeenna motummaa hannaaafi
saamicharraa tiksuu kan dandyu sirna ijaaruu, koontraatoota gurguddo biyya
alaatiifi biyya keessa raawwachuudhaan dhiyeessiin bishaan dhugaatii baadiyyaa
fi magaaloota Oromiyaa keessatti akka diriirfamu tasiisuu fi kkf hujeen jiraa.
Sadarkaa biyyaa qofa oso hintaanee sadarkaa Afriikaatti ilaalamu kandandayan
hojileen gurguddoon hojjatamani jiruu. Lafa Oromoo, ganda Oromoo, kan dur essa
jiraan hinbeekkamne, Moyaalee kaasee hanga Cinaaksan, Hidhabu Aboteeti kaasee
hanga Mandiitti, badda fi gammojji barachuu, nama barachuu, rakkoo qabatamaa
hiikudhaan Ummata kiyya bira dhaabbadheen jiraa. Lafa ABOn keessa jiru
hindeemiin oso naan jedhan lafa akka Gawgaw, Breeda Leenca, Milqaay, Raayituu
KKf keessa deemeen hojjadhee jiraa. Uf keenne hojjadhee. Ennuyyu gammachiisuuf
miti. Caasaa Oromoo kan lubbu qabu tokko ijaaru kiyyattis gammachuun qabaa.
Haala Kanaan uwwisa bishaani dhibbentaa gara 15 qofa turee waggota shanan
keessatti dhibbentaa 41 olitti kaasuun dandayameera! Hojjattootafi ogeessota
bishaan Oromiyaa yoomiyyu hinirranfadhuu!Bara paartii biyya bulchaa jiru
keessatti rakkoon baqaquu ka’e, ani dame dinagdee Naanichaan hogganaa turee.
Gara dhumatirrattis haala heeddu rakkisaa tayee keessatti hojiwwan dame kiyyaa
qofa oso hintayiin kan dameelee heddu (kan waajjira Preezidaantichaas
dabalatee) halkani guyyaa hojjachuudhaan Waajjirri Motummaa Naanoo Oromiyaa
akka hincufamne taasiseen turee.Akka seensa kiyyarratti dubbadheetti, bara 2001
Jia Onkololeessaa keessa, Preezidaantii naanichaa tayeen Caffeedhaan Filatamee.
Hojiwwan walxaxaafi rakkisaa tayanis hojjachuu kan jalqabee yoonarraa
kaaseetii. Yeeroon kuni yeeroo motummaan jiddugaleessatiifi kan naannolelle
heddu dadhaban turee. Motummaan maqaa malee caasaan isaa hinhojjatu turee.
Mormiin Ummataa gara hundaan akka ibiddaatti bobayaa turee. Haala kana
keessatti hojiin hojjadhee, hanqinoota turan, dogongoroota turaniifi badilee
turan akka itti aanutti Ummataaf dhiyeessaa:
·
Haalli hojii naannicha hogganuuf itti fudhadhee akka salphaatti
hinturre. Waggaa tokkoo lama dura barnoota dooktarummaatiif biyya Ingliiz
deemen erga egaleen booda rakko mahallaqa mana barnootaarratti na qunnameerra
kan ka’e biyyatti deebi’ee mahallaqa gara Dolaara kuma 54 dhaabbolee adda addaarra
ergan walitti qabeen booda motummaan deemsa naa’eyyamuu waan dideef hafee. Haa
tayu malee deebi’ee deemuuf fedhii guddaa waan qabaachaa tureef yeroo hojiin
Preezidaantumma natti kennamu mormii torban tokkoo olif, marii ta’amaa
turerratti, dhiyeessen jira. Haa tayu malee sochii naannicha keessatti
adeemsifamaa tureerraan kan ka’e namni hundinuu (gaggeesitoonni OPDO)
naannorratti ramadamani hojjachuudhaaf diddaa waan agarsiisaniif ani hojii kana
akka hojjadhu murtaayee.Erga hojitti seeneen booda garaa guuraa hinhojjannee.
Caasaafi motumma Ummata Oromoo kan lubbu qabu ijaarudhaaf carraaquttin seenee.
Akkaa amantaattis biyya Itophiya keessatti sirni bulchiinsa Fedeeraalizimi
kunii haqaan hojirra yo oole, Ummanni keenna mirgi isaa kabajamu dandayaa,
kanaaf immo nuti Oromoonni ufii keenna “prove” uf godhu qabna, biyyarraa
baqachuudhaan, ummatarraa addaan ciccituudhaan bu’aan dhufu hinjiru, rakkoon
siyaasaa OPDO keessattis tayee, OPDO fi dhaabbolee biraa jiddutti jiraachu
nidandaya, ha tayuti garuu, qabsoo dimookraatawaa, qabsoo olaantummaan seeraa
keessatti kabajamu, qabsoo mirga hiree keennaa ufi keennaan mirkaneeffachu itti
dandeennu karaa nagayaatiin adeemsiisudhaan carraa Saba Oromo jijjiiru
nidandeenna, jijjirus qabna jedheen itti amanee hojjadhee.
·
Oromoon uf bulchuu hindandayu kan jedhamu furshii taasiisudhaan
caasaa ufitti amanuufi ummataa isaa bulchu, rakko isaa hiikuu dandayu
ijaarudhaaf guddaa dhama’een ture.
·
Haala Kanaan qaamolee sadan motummaa (qaama raawwachiiftuu,
qaama seera baasuufi qaama seera hiikuu/mannen murtii) akka addaan bahani
ijaaraman, yeero jalqabaatiif taasifneerra. Qaamoleen kunii mirga guutuu
qabaatuu baatanille, tarkaanfii karaa sirrirratti fudhatameedhaa. Caasaa
Motummaa gutumatti akka haarayaatti deebifnee ijaaruu, Naannichi kaabineen akka
hogganamu taasiissuu, caasaa godinaaleefi kan aanootas kaabineen akka
hogganaman taasissu fi humna namaatiin hanga dandayameetti akka guutaman
taasifneerra.
·
Beela biyyattirratti bu’e (bara 2001-2003 nama miliyoona
13-14ttu beelaaf saaxilame) ilaalchisee Ummata Oromoo Miliyoona 3.8 beelawee
turee, oso balaan hamaan nuhinqunnamiin toyachu akka dandayamu aantummaafi
kaka’umsa sabbonummaa guddaatiin caasaan naannicha hundi hirmaanna guddaa akka
taasiisufi balicha akka dhaabbatu taasifneerra. Seena biyya sani keessatti
waggota lama keessatti qofa namoota kuma 300 oli qubachiifneerra. Yeroo Dargii,
waggota heeddu keessatti nama kuma 600 qofa (sanummo akka biyya guutuutti) kan
qubachiisan yo tayeelle, dhumarratti qubannaan sun, %85 kan fashalaaye tayuun niyaadatamaa!
Baroota 2002-2003 garuu, naannoon Amaaraafi Naanoon Tigraayi ummanni waan
dideef, kan qubachiisu dandayaan namoota kumoota kurnaniin laakkayamanidha.
Oromiyaan maaliif milkoyte? Yeero jalqabaatiif Ummanni Oromoo qubachu
barabaadufi waan nuti (bulchiinsii naannicha) jennu nu amanurrayi. Kana malees
tokkummaafi birmannaa Ummanni keenna walii godhuu qabatamaan waan argeefidha.
Warra tokkummaa keenna shakkuufis deebii amansiisaa kan itti muliifnee yeero
kanaa. Ummanni Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Iluu Abba Boraa fi Jimmaa
mana qubataa ijaarudhaan, biddeena oo’aa mana isaati fiduudhaan, eddo tokko
tokkottimmo saawwa dhaltii dabarsee keennudhaan waan ajaa’iiba tayee tokko
hojjatee jiraa. Hojiin kuni halkani fi guyyaa toyannaa cimaafi, bakkatti (eddotti)
argamuudhaan kan hojjatameefi hirmaannaa Saba Bal’aatiin kan milkaaye, caasaan
Oromiyaa halkaniifi guyyaa karaa ijaarudhaan, bishaan baasudhaan, Kiliinika
horiitifi kan namaa ijaarudhaan, ogeessi ufi isaati itti amanee eddoolee
kanatti argamee akka hojjatu taasiisudhan wanta seena qabeessa taye raawwaanne
jirra. Ar’allee, Ummata Oromo kan qubateefi kan qubachiisee, hojjattootaafi
hoggantoota Oromoo aarsaa kaffalani Ummata keenna baraaraan galata guddaa
galchaafi. Ijoon dubbi kanaa; yeeroo kamiyyu, yo rakkoon si mudatuu, abbaa
falaafi abbaa malaa kan tayee Saba bal’aa Amani, Sabatti uf kenni, ajajuu oso
hintaane yaada isaa irraa fudhadhuuti hojitti geeddarii, Ummatatii uf kenni.
Kuni hojii kamiifu, yeero kamiyyu, eddo kamittu nihojjata jedheen amanaa.
·
Rakkoon inni biraa cimaan naqunnamee turee haala siyaasaa
Oromiyaa kan ilaaludhaa. Akkuma asi olitti tuqeetti yeero lola Ertraafi
Itophiyaa jiddutti adeemsifamaa tureerra ka’ee, paartii biyya bulchaa turee
jiddutti rakko siyaasaa umameen, keessa keessa dubbiin danfa’aa dhuftee
motummas haalan dadhabsiisaa kan fidde yo ta’u, Oromiyaa keessatti mormiin
barattootaa garmalee cimaa akka turee niyaadatamaa. Bara 1999 yookiin 2000(?)
keessa bosona Baaleefi Gujiitti ibiddi qabatu waliin walqabatees sosochiin barattoota
Oromoo heddu owwaa turee. Bara 2001-2003ttis sochiin kuni keessattu godinaale
gara lixaa jiran (Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaafi Lixaa) keessatti rakkoo turee.
Rakkoon yeeroo sanii akka ammaa kana, gadi bayu dhorkamuu ijollee oso hintayiin
jeequmsa adda addaa toyachuutu rakko turee. Barattoonni mannen barnootaa fi
qabeenna adda addaarratti miidhha geessaa turan akkamitti toyanna kan jedhu
motummaa reefu debi’e dhaabbata jiruuf qormaata guddaa turee. Fakkennaf
Magaalaa Walisootti kan argamu, manni barnoota Garasuu Dhukii gubachuun ni
yaadatamaa. Haala kana keessatti gara tokkoon sochi ijoolle kana toyachuun
akkasumas toyannaa kana keessatti miidhaan namarra akka hingeenne godhuun
akkamitti dandayama kan jedhu dubbi hamaa akka tayee namni hundi hubachu nidandayaa.
Kanarraa kan ka’een tooftaan ani itti fayyadame (1) sochiin ijoolle harka
keenna ala akka hinbaane tooyachuu, yeerodhaaf ijoolle eddo muraasa tayanitti
qabani tursiisudhaan spoorti hojjachiisani gadi lakkisuu akka filannoo tokkotti
fudhadhee. Hanga ani beekutti haala kana keessatti ijoollen hidhamte torbaan
4-5 yeero hincaallef qofa akka tureedha; (2) dhimma ijoollen kaasan qabanne
gara Ummataatti deemudhaan ijoollefi Ummatichaa mariisisuudhan rakko furuu, (3)
pooliisiin Oromiyaa nama akka hinajjefneefi akka hinmadeessiine ufeggannoon
ol’aanaan akka godhamu taasiisuu, (4) poolisiin Oromiyaa muxannoo jeequmsa
toyachuu waan hinqabneef, yeero jalqabaatiif biyyatti keessatti humna jeequmsa
bittinneessu (Riot Police) nama 500 ijaarudhaan meeshaan waraanaa dirree
hiriiraa kamiyyu akka hinseenne taasiisu, (5) hidhamtoonni mana hidhaa Oromiyaa
jala jiru hunda keessa jiran akka hintumamne qajeelfama cimaa poolisi fi
bulchiinsa mana adabaa/hidhaatiif dabarsuufi kkf raawwachuudhhan balaan caalu
akka nuhinmudanne taasisuf hojjadheen jira. Fakkeennaaf Bulchiinsa Motummaa
Ummattota Kibbaa keessatti mormii Ummanni Sidaamaa Magaala Hawaasaa irratti
kaaseen guyyaa tokko keessatti namni 25 akka du’e niyaadatamaa. Garuu Oromiyaa
walakkaa keessatti (Lixa Oromiyaa guutuu) jeequmsii yeeroo dheeraaf
adeemsiifama turee, balaan guddaan oso hinqunnamiin kan dabreef iccitiin isaa
maali, jedhee namni hundi yaadu nidandayaa. Ijoolleen Yunivarsiti Finfinnee
Biiroo tiyyatti dhufudhaan akka fedhanitti yaada mormii isaani dhiyeeffachaa
akka turaniifi mariilee babal’aa adeemsiisaa akka turrefi nagayaan addaan akka
deemaa turre beekkamu qabaa. Kana keessatti hanqinaafi dogongorri hinturre
jechu kiyyammo akka hintaanee namni hundi akka naaf beeku gaafachaa eddo
isatti, barreeffama kana keessatti akka kaasu nan mirkaneessaa.
·
Yeroo ani bulchaa tureetti hidhamaan mana hidhaa keessa jiru
rakko dhiphiina eddo, rakko nyaataafi saaniteeshinii qabaachaa turani. Kuni
durumarraa kan dhaalameedhaa. Haala manneen hidhaa keessa turan foyyeessuf
hanga dnadayametti tarkaanfiwwan kanatti aanan fudhadheen turee; (1) bara 2003
namni 5800 akka dhifatamaan gadilakkifamu, bara 2004mmo 3500 akka galakkifamau
taasiisneerra; kuni immo seenaa biyya sanii keessatti (keessahu sirna kana
keessatti) kan jalqabaa turee, (2) mannen hidhaa hedduurra deemuudhaan ilaaluu,
hidhamtoota waliin marii gaggabaabaa adeemsiisu, (3) manni fincaanii,
dhiyeessiin bishaan dhugaatitiifi kan dhiqannaa akka dhiyaatuu taasiisuu, (4)
eddoon midhaan itti bilcheessan akka foyya’an taasiisuu, (5) nyaata
hidhamtootarratti jijjirama guddaa taasiissu fi kkf raawwatamaniru.
·
Dhiimmi biraa rakkisaan hanga ammaa hinfuramne dhimma Magaala
Finfinneeti. Isa kana qorachiisuuf yo yallelle, dubbichi dhimma seeraa oso
hintayiin dhimma siyaasaa tayuun isaa adeemsaan hubannee. Finfinneen lafa
Tuulamaa, lafa weerara diinaatiin qabamtee, lafa Ummanni Oromoo Tuulamaa kuma
hedduun laakkayamu lola yeero heddu (Eekkatti, Gaara hexootti, Gullalletti,
Ejereetti) adeemsiifameen irratti dhumeedhaa. Qe’een Oromootaa, guututti
ibiddaan barbaadaye, qabbenni isaa guutumatti saamamedha. Finfinneen AWWAALA
Oromoo irratti ijaaramtee. Finfinneen handhuura Oromiyaa qofa oso hintaanee,
seenaa Sabni nagaya biyya ufii keessatti mirga lubbuun jiraachuu dhabee itti
dhume qabdii. Dhiigni namaafi looni weerartootaan gadi naqame akka bishaani
laga keessa akka ya’aa ture seenaan nimu’lisaa. Dhimmi akkanaa, dubbi ogummaa
seeraatiin hikkamuu oso hintaane, deebii siyaasaa qofaan akka tayee beekudhaan,
haala yeeroo san tureen (ammas ni hammaatee malee wanti foyya’ee hinjiruu),
gutumattis tayu dhabuu, akkamitti furmaata xixinnaa keennuun dandayama ka jedhu
ilaallee turree. Haaluma Kanaan, (1) bulchaan Magaala Finfinne nama Oromoo akka
tayu (mayor of the city), (2) mana marii bulchiinsa magaala Finfinne keessa
barcuumaan %25ni Oromoodhaaf qofa akka hambifamee Motummaan Naannoo Oromiyaa
namoota dandeetti qaban Magaala Finfinnee keessayis tayee Oromiyaarraa
waldorgoomsiisee akka ramadu, barcumaa hafanirrattis namni Oromoo namoota saba
biro waliin waldorgomee yo filatamee eddo qabachuu akka dandayu, carraan banaa
akka tayu, (3) galii Magaalli Finfinne galchiitu keessaa %10-20 tayu
Oromiyaadhaf akka galu, (4) xurii, hasbaafi shama Finfinnee keessa gadiyaa’u
warshaaleen hundi fayyisani (treated waste) malee akka gadi hinlakkifnee
akkasumas manni qopheessaa, xurii fi kosii goggogaa seera egumsa naannoo
eggateen akka maqsuufi Buulchiinsa Motummaa Naanno Oromiyaa waliin akka hojjatu
kan jedhuuf kan biroolle akka mariatamaa tureefi wixineen yaadaafi seeraa akka
dhiyaataa turee ninbeekaa. Kannen hunda keessa laakkofsa 1ffa jalatti kan tuqe
qofti hojirra yoo oolu kan hafan akka hojirra hinoolles ninbeekaa. Rakkoon
Siyaasaa Finfinnee Rakkoo Siyyaasa Ummata Oromootiin addaan baafame ilaaluun
akka hindandaymnee adeemsa kana keessatti baradheen jiraa. Hanga sani
bulchiinsi motummaa Oromiyaa Magaala Finfinne keessa akka turuu, dhimmoonni
Oromummaa agarsiissan tokko tokkos akka ijaaraman, fakkennaaf manneen barnoota
afaan Oromoo, jiddu gala aadaa Oromoo…. Kannen keessayis wanti jalqabame yo
jiraatelle harkifannaafi foqooqaa akka tayee amanuun barbaachiisaadhaa.
·
Rakkoon Siyaasaa Ummata Oromoo, gara tokkoon yoo ilaalamu,
rakkoo magaalaa fi baadiyaa tayee argamaa. Ummanni Oromoo gaafa ani Oromiyaa
turee (2001-2005), %89 baadiyyaa keessatti bittinnaayee jiraataa. Magaaloonni
naanno Oromiyaa, keessattu Finfinnerra gara bahaatti kan argaman kan ijaaraman
Ummata Oromootiin akka hintaanee namani hundii nibeekaa. Magaalli lafa
siyaasaan, daldalli, walqunnamtiifi odeeffannooon baliinaan keessatti
argamuudhaa. Caasseffama (socio-economic hierarchy) hawaasoota biyya guddataa
jirani keessatti magaaloonni mataa yoo tayan badiyyaan isaani gadidhaa. Ummanni
Oromoo, Magaalota keessaa akka ari’atamu, magaaloonni lafa hidhaa, lafa
afaaniif aadaan isaa itti qaaneeffamu, walumaagalatti biyya isaa oso hintayiin
akka waan biyya ormaa dhaqeetti akka itti dhagayamuu godhamani ijaaramani.
Bulchiinsii, ilaalchii, amantiin, propogaandaan midiyaale, qaani tokko malee
waggota 136f ololaafi maqaa balleessaa Orommoorratti adeemsiisaa turani. Bara
1991 booda erga bulchiinsii naannolee ijaaramee kaasee, Magaaloota Dirre
Dhawaafi Finfinnee malee kan hafan Oromiyaa jalatti akka bulan yo taasifamu,
ummanni magaaloota kana keessa jiru garuu garri caalu Oromoo waan hintayiiniif
rakko ifatti mul’atu akka ta’ee hubachuudhaan Ummanni Oromoo magaaloota Naanno
isaa keessa jiranitti akka galu yaalii godheen dhiibbaan ifaafi ifa hintaanee
narratti adeemsifameeraa. Projeektiin kunis akka fashaalaayu taasifamuun isaa
dhimma gadda guddaadhaan yaadadhuudhaa. Sababni isaas, Oromoon lafa qotee,
horii horsiisee qofa ummata biro kan magaalotaa fi kanafu, siyaas-dinagdee isaa
toyatu qallabuun yakkaa jedheen waan amanuufi. Ummanni Oromoo ar’aa oso
hintayiin bara 1990mman keessa magaalota isaa toyachuu qaba turee. Ummata
Oromoo biyya keessa jiruufi daayaasporaa adda addaa akka biyyatti galee lafa
fudhatu yeero jalqabaatiif anatuu yaali godhee. Yaanni kiyyas kan maddu, lafa
Oromoo gurguruuf oso hintaanee siyaas-dinaggee magaaloota isaa akka inni
toyaatuuf turee. Haluma amma jiru keessattis dhimmi sirrifi mirga ennuyyu oso
hintuqnee mirga Oromoo kan tarkaanfachiisuu dandayu ajandaa ebbifamaa turee.
Kuni danqaa siyaasaa fi dhiibba bal’aafi olola dubbi micciruutiin fashalaaye.
Kuni aangoo Motummaa Naanno Oromiya fi mirga OPDOti turee; garuu hintaanee.
·
Dhimmi biro dhimma Jimaatii. Jimaan, keessayyu kan baha Oromiyaa
amma sadarkaa lammaffarratti sharafa biyya alaa kan galchiitudhaa. Jimaa tana
garuu, Oromoon keessatti miskinayee, gadadoofi hiyyuummaadhan jala deeme
omishuu, gaheen inni keessa qabuu, heddu xiqqaadhaa. Saamtoonnii (motummaafi
motummaa alas kanjiran) adda addaa daldaltoota Oromoo hintayiin waliin
waltayuudhaan Oromoo dhiiga isaa xuuxaa jirani. Kana jijjirudhaaf qonnaan bulaa
godinaalee Hararghee lamaan keessa jiran waldaya gamtaatiin waliitti
ijaarudhaan gandi hundi waldaya tokko akka qabaatu godhuudhhan waldaalee godina
lamaanimmo Yuniyeeni (union) Humbanaa-Carcar ijaarudhaan sosochi abdi nama
keennu uumnee turree. Haa tayu malee, caasaan hannaan xaxamee daldaltoota
saamtootaa Oromoo quncifachaa jiraniin waliigaludhaan Yuniyeeni keenna akka
diiggamuufi waldaaleen b’uuraas akka diiggaman taasifamu isaa, gadda zamanni
hinshaarren yaadadhdhaa! Rakkoon Jimaa Oromiyaa dhimma Ijoo siyaasaati malee
dhimma daldaalaa, kan teekinika akka hintaanees hubadheen jiraa. Jimaan qabxii
qabsoo Oromoo keessaa isa tokko akka tayees niinamanaa! Ragaa Oromoon qabeenna
isaarratti abboomu dadhabuu Jimaafi Bunaa ol wanti dhiyaatu akka hinjirree,
qabsaayeen, hojjadheen argeeraa.
4.
Dhimmoota dogongoraa fi dhiifama irratti Gaafadhuu:
Bara 2001-2012tti motummaa amma biyya bulchaa jiru kessatti eddo gara
gararratti sadarkaa gaggeesummaatti hojjadheen jiraa. Yeroo kana keessatti
dhimmota imaammataa fi dhimmota seeraafi siyaasaas dabalatee murtilee gurguddo
murteesseen jiraa, yookaan immo akka murtaayan sagalee kiyya keennudhaan qooda
keessatti fudhadheen jiraa. Kuni, motummaa naannos tayee motummaa feedeeraalas
nidabalataa. Murtilee kana hunda isaanituu Ummanni Oromoos tayee Umaanni
biyyatti akka miidhaman, akka badan, akka cunqurfaman yaade murtii kamiyyu
murteessu baadhuulle, murtileen ani murteessefi akka murtayaan ani gargaaree
Ummattooto biyyattifi Ummata kiyyas (Ummata Oromoo) kan miidhan yo jiraatan hal
duree tokko malee dhifaman gaafadhaa. Ani ilma qonnaan bulaa, haccuccaafi
hiyyummaan baadiyya maal akka taate beeku, Ummata waggota 136f mirga isaa
gonfachuuf qabsaayu keessaa bayee. Ilaalchi kiyya yoomiyyu hawwi Ummata
Oromootiin addaan hinbayuu. Murtiwwan ani raawwadheen Sabni bal’aa fi namoonni
dhuunfaas kan waliin hojjadhees taye hojjachiise kan miidhaman yo tayan
dhiifaman gaafadhaa.Bara 2001-2003 ykn 2004 jeequmsa barattoonni kaasaa turan
keessatti hanga ani beekutti barattoonni lama rasaasa poolisi Oromiyaatiin
du’un isaani ni beekkamaa. Haala asi olitti baliinaan ibsee sana keessatti of
eggannoon ol’aanaan fudhatamulle garuu, dogongoronni akkanaa dhabamu waan
dandayan hinseyu. Mgaala Shaambuutiifi Magaala Amboo kessatti akkuma rakkoon
kuni umamuu dhagayeen poolisooni dhukaasa kana banan to’annaa jala oolani akka
seeratti dhiyaatan yo taasiisu, gara biraatiin Gumaan Lubbu waarra ijolleettif
oso oolee hinbuliin akka kafalamu taasiiseen jiraa. Tayulle lubbuu namoota
dabraniitiif haal duree tokko malee dhiifamaan gaafadhaa.Barattota Yunivarsiti
Finfinnee 300 tayan kan arisiisee Juneeydidha jedhame kan haasayamee citu didee
hanga ar’aa deemaa jiru kijiba adiidhaa. Ijollee kana kan ari’ee motummaa
Fedeeraalaati. Dubbiin oo’itee jennaan warri feedeeraalaa gara keenna darbatee.
Oromiyaa guutuu keessatti ilmaan Oromoo Yunivarsitii keessa jiran hundi akka
waan ari’amanitti waan ololfameef deebii gara midiyaatiin ani akka keennu OPDOn
murteessee. Haaluma Kanaan gabaasa warri fedeeraalaa gara keenna ergeerratti
(ijolleen foodda layibraarii caccabsuu, sirni baruufi barsiisuu akka gufatu
taasiisuu, preezidanticha Yunivarsiti waajjira isaatti marsuudhaan guyya
walakkaaf (hotage) godhuufi kkf) hundaayudhaan ibsa kennee turee. Ibsi sunis
(1) namni Oromo Yunivarsitiwwan saddettan yeero san turan keessatti baratu kuma
10ni ol akka taye, (2) ijoolleen kuni karaa nagayaatiin mormii isaani
dhiyeffachuu oso dandayaan qabeenna caccabsuufi preezidaanti hostage godhani
qabachuun sirri akka hinturrefi murtiin motummaan fedeeraalaa fudhate sirridha
kan jedhu turee. Kanarratti dogongorri kiyya akkataa ibsa san itti kennedha
malee murtii keenname sani anis tayee OPDOn jijjiruu hindandayu turee!
Hinbeekus turee! Murtiin ariisaa ijoolle sanis murtii siyaasaa turee malee
murti bulchiinsaa hinturre. Murtii qaamni biraa murteesserratti ibsa akkasi
keennuun kiyya dogongora akka tayee bara 2005 Baatii Adooleessa barattoota
Yunivarsitii, kumaatamatti laakkayaman baati tokko oliif, Hadamaarratti OPDOn
leenjisurratti, guyyota 5nif anis qooda fudhadheen, achirratti barataaf haala
kana ibseefi gocha oso hintayiin jecha kiyyaf dhiifama gaafadhee barataan
guutuun gammachuufi oo’ina guddaadhaan harka dhayee narraa fudhateera. Ani nama
barnoonni Oromiyaa gandoota 6500 keessatti akka diriirfamu taasiiseedha. Bara
kiyyaa, hojiiwwan hojjataman keessa inni guddaan mannen barnootaa gandoota
baadiyyaa Oromiyaa akka walgayan, Oromoon humna isaatiin, qabeenna isaatiin,
mana barnoota akka ijaaruu, mana barsiisota baadiyya akka ijaaruu, manneen
barnnotaa akka qabeenaa ufitti fudhatee akka qooda keessattis fudhatuu Ummata
Keennatti warwaadheen amansiisee hojii guddaa hojjadhee jiraa. Oromoon waggaa
dhibbaf akka farda lugaamame bishaan taliila yaa’u dhuguu dadhabee bira
dhaabbatutti barnootarraa ittiifamee turee; amma garru seenaa kana hajijjirru
jedheen Ummatati booyee, boochisee haala jijjiree. Ar’aa “dhaloota qubee”
jedhamee kan waamamu kuni kan ardii Oromootirra oldammaqee Oromummaa finiinsaa
jiruu kuni qabsoo hadhaawaadhaan dhufee. Bara san bara barsiisaan paantiitti deebi’ee
Chalk ittin barsiisuu lafa kaayee dhoqqee dhiitee mana maarigee/laambubeedha.
Barri sun, bara Oromoon guyyaa tokkotti mana barnoota sadarkaa tokkoffa itti
ijaare fixu turee, barri sun Oromoon qabeenna ufi baasee, baati 3 fi 4
keessetti mana barnoota sadarkaa lammaffas tayee kan BLTO xumuratee biiro
tiyyaafi biiroo barnoota Oromiyaas dhufee barsiisaa nukeenna jedhaa turee,
barri sun bara mannen hirriba kollejjotaa gara kutaa barnootaatti jijjirre
ijoollef immo qarshii nyaataafi kiraa manaa kafalle Oromiyaa keessatti raajiin
hojjatameedha. Asirratti hojii guddaa akkanaa kana kan hojjadhee kophaa kiyya
miti. Bu’ura Obbo Ibsaa Guutamaa bara ce’umsaa lafa kaayeerratti hogganoota
Biiroo Barnoota Oromiyaa kan yeerro adda addaa hundayyu (Mulugeetaa Ammannaa,
Birhaanuu, Yohaanis Gendaa, Haaruun Hussen…) dhamaatii isaanitiif kan
galatoonfadhu yo ta’eyyu, Obbo Darajjee Asfaaw kophaattiin yaadadhaa. Darajjee
was the stabilizer of Oromiyaa Education. Kanaafi Ummanni Oromoo bal’aan kan
biyyafi biyya ormaa keessa jiru haqa turee, hanqina tureefi haala turee yaada
keessa galchee murti isaa akka keennu isaaf dhiisaa.Dhimmoonni biro kan
midiyyarrattis tayee waltajjii adda addarratti dubbadhee mala qaroomina
walqunnamtiitiin (communication science) kan hindeggaramne akka tayee
ninbeekaa. Haala Kanaan jechoota nama hinharkifne, kan nama waraananiifi kan
nama dhuunfaas tayee Saba tuqaan jiraachuu nimalu. Jechoota faallaa mirga
Oromoo tayani mul’atan hundaa, Ummanni akka irra naaf taru gaafadhaa.Bara 2012
rakko babal’aa Ummata Musliimaatiifi motummaa fedeeraalaa jiddu tureerratti ana
ilaalchiisee walhubannaa dhabiitiin akka umamee ninbeekaa. Ani Oromoodha.
Oromummaan mallatto ennummaa kiyyaatti. Ani Muusliima. Kunis ennumma kiyya.
Rakkoo deemaa turtee keessatti (hiikudhaaf) kan qooda fudhadhee gara baatii
Gurrandhala, 2012ti. Ijjannoon kiyya, (1) ummanni musliimaa bakka lamatti
walqoodee walfixuun irra hinjiraatu, kanaafis ummata kiristaanaa Ortodooksii,
Kaatolikii, Protestaantii ilaalaa, yoo walihingalles garaa garummaa keessan
walif kabajaati jiraadhaa kan jedhu, (2) waajjira majiliisa Islaamatiifi warra
Towhiida jedhaman walitti fidudhaaf yaalli godheeraa, (3) haala yeero sana
tureen kana godhuun kiyyas paarti biyya bulchaa jiruuf waan gaaridha malee
hamaadha jedhee hinyaannee, (4) haalli biyyatti keessa turee rakkisaa waan
tayeef (mummichii ministroota dhibee keessa waan tureef, yo inni fayye galee
anatu isiin fuudhee biraa dhaqnee waan barbaaddan gaafattani. Hanga sani ummata
tasgabeessa kan jedhu ture). Ani kana godhaa kan tureef namoota muusliima tayan
kan kaabinee feederaalaa keessa jiran gara 7 ykn 8 tayan keessaa, isaan caalaa
muusliima tayee oso hintayiin dhimmi ummataa, yeeroo kamiyyuu waan nadhibuuf
cal jedhee ilaaluu hindandeenne. Garuummo, Yaaliin kiyya gara motummaatinis
tayee gara ummataatiin ija gaariin hin’ilaalamnee. Asirratti amanti Ahbash
jedhamtu kan Shek Abdalla Adareetiin biyya Lubnaan (Lebanon) irra hogganamtuf
gartummaa agarsiiseen turee. Sababnis, ani (traditional Islam) kan jedhamu
hordofaa waanan tureef, amantiin Jaarsi kuni oofus Kanaan walitti waan dhuftuuf
turtee. Haa tayu malee, ani ummanni musliimaa kan Towhidaa amantii isaa
hinadeemsifatiin jedhee gaafa tokkos dubbadhee hinbeekuu. Warri matooti amantii
kanaas kan Oromoo tayan hundaayyu ninbeekaa. Gartummaa Ahbashi agarsiisuu
kiyyaf garuu, dhiifaman gaafadhaa.
5.
Dhimmota sirrayu qaban:
Ani hanqinoota heddu nama qabuudhaa. Muxanno hojiifi ogummaa adda addaa heddu
yo qabaadheelle, ammas hanqina heddu akkan qabuu nama ufbeekudhaa. Kanaafu
yeero hundaa waltajji jireennaafi qabsoo kamirrayyu dafee barachuudhaaf yaalii
taasiisaa tureera. Kanaaf hanqinni akka narra jiru barudhaan hojiifi adeemsa
kiyya foyyeessuf carraaqaan ture ammas ittiin jiraa. Haa tayu malee, ololoota
akka faashisti ani tayeetti oofaman ninbalaaleefadhaa! Ani nama waan fascism
taye bareechee beekudhaa. Ani, naanno yoon bulchaa tureefi fedeeraala keessa
yeeroon hojjadhutti nama Oromoos tayee nama biraa tokkolle, eddo kamittu akka
ajjeefamu karaa ifa tayeefi karaa dhoksaa tayeenis wanti tokko ani raawwadhee
hinjiruu. Ittis hinamanuu. Kana malees yeroon ummata Oromoo bulchaa turee,
Ummatatti ufkenneeti hojjadhe malee ummatarraa uf hinqabnee. Diriirfadhee
taaiitaa ooisaa hinbaanee. Gandoota Oromoo dhaqabuudhaan, qe’ee isaa oso
hinyaadatamne dhaquudhaan, mana isaa seenuudhan, urgaa isaa urgeeffachuudhaan
waggota afran dabarsee. Yo biiroon rakko fiddus, gara baadiyyaa deemaan turee.
Baadiyyaa yo deemu ninfayyaa! Fakkeennaaf yeero tokko Magaalaa Mandii- Wallagga
Lixaa keessatti, hojii ilaaluf yeeroon deemu waraanni biyyaa, naannawa sana
jiru hidhanno guutuu qabatee ummata bayee karaa gamaa gamana dhaabbatee
nasimachuuf bayerratti, fuulaan itti garagalee qawwee gara ummataa qabee animmo
jiddu sana akka dabru qophaayee turee. Battalumatti, waraanni kuni asi ka’u
malee lafa daaw’annaa san hindeemu jedhee diduudhaan namicha basaasaa naanno
sana jiruun hatattamaan akka kaasu itti himee. Innis nageenna keetiif jennaan,
ani ummata Oromoorra uf hineeguu, waan ummata Oromoorra dabreemmo humni dafee
dhaqabaa Oromiyaa (kan Yoonaatanniifi Dirribaa Aariqoo leenjisan) nama 10ni
gadi kan hintaaneetu nawaliin jiraa. Eegumsa warana biyyaa, Oromiyaan
hingaafanne jechudhaan waraanicha kaasiiseen ummata keessa miila kiyyaan
deemee, harka fuudhee, waliin nyadhee dhugee, Oromummaa agarsiiseen Oromummas
argeen galee. Mandiin lafa hoggansi OPDO hanga guyyaa sanitti dhaqee
hinbeekneedha. Lafti sun, lafa hoggantoonni ABO tokko tokko itti dhalatan waan
taateef akka lafa ABOtti fudhatamtii. Edoo kamittu, yeeroo kamiyyu Ummata Oromoorra
hinqoollifanne. Oloola maqaa balleessaafi ennumma namaa biyya faranjii, biyya
iftooma qabduu keessa ta’aani oso haqaafi dhara addaan hinbaafne namarratti
duuluun Oromoo diiguudha jedheen abaaraa.Waayee amantirratti Sheekkota areeda
dheeraa qaban isinirra haada jedheeni; jedhamee saalfii tokko malee warri oduu
kana gadidhiisuu, ammas Ummata Oromootiifi ana waldhabssiisuf warra
carraaqudha. Warroonni kunimmo biyya keessafi (caasaa motummaa keessafi isaa
alas) biyya alas warra jiran akka tayee ninbeekaa. Ani warra amantii dhiisiti
nama kamiyyu, garaa garummas yon qabaadhees nama kabajudhaa. Kanammo Sabni
bal’aan nibeekaa. Caasaa OPDO keessatti namni biiroo isaa Ummata Oromootiif
yeeroo jalqabaatiif bane anadhaa. Qonnaan bulaan, hojjataan, warrii amantii,
hiyyeessi, dureessi, dhiiraafi dhalaan, diqqaafi guddaan biiroo tiyya hindhufne
hinturree. Namni kaffalti geejibaa gara biyyatti galuun dhabees na bira dhufaa
turee. Mahallaqa kiisii tiyyaa fixeen hojjattoota na gargaaranirra liqeenfachaa
akka turee, gaafa tokko ragaan kun ifa tayaa.OPDO ilaalchisee yaadonni
keennaman addaan baafamani ilaalamu qabani. Yaada kana kaniin kennuf OPDO
“defend” godhuufi miti. OPDOn kan ijaaramtee TPLFn akka tayee OPDOn mataa isii
waggoota 20 booda amantee jirti. OPDOn sabbonummaa Oromummaa qabuufi kan
hinqabne akka jiran beekkamu qabaa. OPDO keessa akka namni alaa ilaalu oso
hintaanee qabsoo hamaatu gaggeefamaa. Qabsoon kunis Oromummaafi waan Oromummaa
hintaanee jiddutti adeemsifamaa. Miseensi OPDO sababa adda addaatiin kumaatamaan
ari’atamu, hojii ala tayee waan nyaatu dhabee kararratti kufuu, kan mana hidhaa
keessa jirus baay’eedha. Fakkennaf, hattertaa jedhamee kan gadi aanu, mana
hidhaatti kan darbatamuuf waan Oromumma cimaa agarsiisuufi. Hanna Yoo ta’ee
akkuma biyyattitittu, rakko hikkamu hindandeenne keessa erga lixame tureeraa.
Kanaafi humnii biyya alaa jiru, OPDO yo xinnaate miseensa miliyoona 3 qabuu,
kana keessa %80 qonnaan bulaa keenna waraqaa ennumma argachuuf miseensoome,
akkasumas sabbontoota jajjaboo, OPDO rakko qabu waliin moyyee takkatti
naqani akka midhaan findigoo, findiguun dogongora waggota 25niif irraa baratamu
dadhabameedha waan tayeef, sirrayu qabaa jedheen amanaa. Goota, goota haqqisuu;
sabboonaa bobayaa buluu, haala rakkisaa tayee keessatti aarsaa garmalee
kaffalaa kan jiru akka lafarra jiru beeknee yaadaan gargaaruun Oromummaa cimsa
malee hindiiguu, hindadhabsiisu, hinballeessu.Ani biyya tana ergan gayee
waggota lamaa. Yeroo kana keessatti haala daayaspooran keessa jiru hubachuuf
yaalaan jiraa. Yeeroo kana keessatti namootaa adda addaa waliin bilbilaan
haasayuudhan karaa Oromumman itti cimtuufi tokkummaan Ummata keenna itti
jabaaturratti yaada kiyya laadheen jiraa. Yeeroo amma kanatti dhaaba siyyas
tayee garee siyaasaa kamiyyu keessa kan hinjirreefi qo’aannaa fi barnootarra
akkan jiru ibsuun barbaadaa. Kanuma waliinis, Oromoon daayaaspooraa keessa jiru
eddo dhalootaafi qoomoodhaan walqooduun isaa, dhimma Oromummaa ifatti miidhu
tayuun isaa beekkamuu qabaa. Qomoon Oromoo hundinuu, faaya keenna. Faayaa kana
tuttuquun, walii dabarfachuu dhabuun, ufeggannoo malee jechoota nama miidhan
akkuma fedhan qomoo tokkorratti ykn kan biraarratti darbachuun waan nu
diigudhaa. Muxannoo kiyyarraa wantiin argee, Oromoo morma walqabatee walitti
booyuu malee Oromoo walirratti duulu miti. Biyya keessatti haalli kuni hinjiru
jechuun nidandayamaa. Qaawwa hintaanee ufi ufitti bannee waan ufdadhabsiisnee
natti fakkaataa. Kanaafu hojii namni hundi foyyeessuu qabu jedheen amanaa.
Galatoomaa
Juneeydii Saaddoo Cirrii
Bitooteessa 5, 2016