Tuesday, October 1, 2013

Sirna Gadaa Deebisuu

Jaallatamoo fi kabajamoo ilmaan oromo fi  firoottan keenya.  Yeroo yaada asiin gadii kana isinitti dhiheessinu gammachuu guddaan nutti dhaga’amaati. Yeroon yaada guddaa akksii uummata keenyatti dhiheesinus amma kana jedhnee amana. Yeroo waaee yaada kanaa irratti mariachaa turre waan hedduu nama gammachiisutu ta’aa ture. Tokkoffaa, Waldaan Qoannoo Oromoo yaadaa kana akka tuqaa tokkotti yaalii isaa baranaa keessatti qaba ture. Kana malees, suduuddin Oromoo tokko tokkos waaee kanaa kaasanii irratti yaada kennaa turan. Kabajamoo Dr. Gammachuu Magarsaas waaee kana TV Oromoo irratti gaafii fi deebii godhaniin hedduu jajjabina nuuf tanii turan. Yeroo amma kanas Oromoon keessaa fi alaa haadaa Oromoo keessaa isa tokkoo fi isa hedduu qululuqaa tae irreecha yeroo itti kabajachaa jiru dha. Yeroo waliin hojjennu humtuu nuuf hin dadhabamu. Barruun kun teessoo isaanii arganne hundaafuu ergamee jira. Yoo hin arganne tae dhiifama guddaa isin gaafatna. Waan kun tauu dandaeef waa lama kofa ta’a. Yookaan teessoo keessan hin arganne yookaaan unka/formii keessani isa suduuda keessani irra jirutti gargaaramuu hin dandeenye. Suduudota warra teessoo warra kaanii nuuf kuusaniif, keessumaa iyyuu Gadaa.com galateeffachuu feedhna. Abdiin keenya, waarri dhageenye, dhaabotii, meediyaa fi namoota hin dhageenye hundaatti akka walitti himnu dha. Ka’aa haa dhammaqnuu, ammuma kana haa hojjeenuu.
Galatooma.

Yaada Bu’uuraa Mariif Dhihaate:
 Sirna Gadaa akka Waltajjii Tokkicha Oromoo Tokkoomsuu dandau.
  
Seensa
 Oromoon erga humnaan lafaa fi qabeenya isaa irraa fudhatamee jalqabee mirga namummaa fi uumamaa sarbamee jiruu fi jireenyaan qaanii fi gadadoo keessatti kufee jira.  Uummatni keenya yeroo dheeraaf barnootaa fi qarooma irraa dukkanatti hidhamee akka hafuu, carraa barnoota hammayyaa irraa dhowwamee akka hafuu yeroo hedduu mootummoota Itoophiaa darbaniin gochaa suukaneessaan irratti raawwatamaa tureera. Seenaa Oromoo jarrumti uumanii, jarrumti akka fedhanitti jallisanii, xureessanii, burreessanii jiru. Oromoon akka biyya hin qabne, akka sammuu hin qabne, akka seera bulmaataa hin qabne barreessuu irra darbanii namummaa Oromoo hanga haaluutti seenaa isaan bareessan keessatti addaatee jira.
Haala suukanneessaa ijaa fi gurratti hin tollee kana keessaa bahuudhaaf ilmaan Oromoo yeroo fi bakka adda addaatti haalli migaa’aa haa taus hin tainis roorroo qe’ee issatti itti dhufe of irraatti cal-jedhee ilaalee hin beeku. Haa tau malee amma hara’a jaarraa 21ffaa kana keessattu gadadoon ilmaan Oromoo daran itti caale malee wanti irraa fooyyae hin jiru.
 Hara’a Oromoon yeroo kami iyyuu caalaa seenaa isaa kan itti barate qofa utuu hin taane seenaa fi eeynummaa isaatti kan boonu, eenyumaa isaa fi mirga isaa kan falmatu taee jira. Erga qabsoon fara wara cunqursitootaa ABOn bakka tokkootti akka qindau qodhamee as Oromoon seenaa isaa isa dhugaa barachuu irra derbee eeggachuutti jira. Aadaa isaa isa mallattoo eeynumaa isaa tae haala nama gammachiisuun simatee ittiin boonaa jira.  Kun hundinuu dhiigaa fi lafee ilmaan Oromoo jiruu fi jireenya isaanii caalaa kabajaa fi ulfina uummata isaanii caalsifataniin kan argame haa tau malee ammallee mirgi keenya kun harka alagaa keessaa qulgulaaee hin bane.
Diinni Oromoo duraan cabse haras mirgi Oromoo argame kun harka isaa keessa akka jiru har’a illee uummata keenyaan kana uffadhu, kana bitadhu ittiin jechaa jira. Kana amannes dhiisnes Oromoon har’a iyyuu harka diinaa jala jira. Uummatni Oromoo sabni guddaan kun akkamittii diinaa bicuun cabe, maaliifis har’a diina jalaa bahuu dadhabe jennee yoo wal gaafatne, deebiin isaa waa tokkittii dha.-tokkummaa dhabuu.
Dur yeroo jalqabaa diinni nutti dhuftes haa tau, hara’a yeroo diinotni keenya Oromoo cabsuu fi bituu irratti walii-galan, ilmaan Oromoo diina irratti qabsaauu irratti walii- galtee hin qabnu.  Yeroo dur warri Amaaraa Oromoo cabsani warri Tigree mormii hin qabani turani. Yeroo warri Tigree har’a Oromoo akka fedhan ajjeessani, hidhani, biyyaa hariani warri Amaraa mormii tokko illee hin qabani.  Warri kun lamani akkamitti akka Oromoon qabamu irratti wal-diddaa tokko illee hin qabani. Oromoo garuu Amaraa tae Tigree loluu fi mormuu irratti walii hin gallu. Oromoo inni kaan gara diinaa goree saba isaa irratti daabbachaa ture, jiras.
Yeroo Oromoon inni tokko Itoophiyaa lolu, tokko immoo Itoophiyaaf lola. Warri diinaa uummata adduynaa biratti wanti isaan Oromoo caalaa fudhatama qobaniif Itoophiaa tiksuu irratti walii-galu. Oromoon nuti garu yeroo uummatni adduynaa nu gaafatu dhimma kana irratti walii hin gallu. Kanaafuu deggersa hawaassa adduynaa argachuun rakkoo ta’ee jira.  Utuu ilmaan Oromoo diinaa fi fira isaa walii baree yaadni adda addaa kun hin jiraatu.
 Dhugaadha ilmaan Oromoo hedduun har’a iyyuu barnoota hin qabani, seenaa fi eeynumaa isaanii sirriitti hin beekani. Warri beekan iyyuu garalacha(copy) warri diinaa bareessani malee seenaa isa dhugaa hin beekani. Kanaaf akka bishaan gabatee irraa gara qabanitti jara oofa. Wallaalumni  diinaa keeyna isa guddaa  haa tau malee iyyumnii fi rakkinis ilmaan Oromoo fidhii fi amantaa isaanii malee qabeenyaa fi mirga isaanii harka diinaa keessaa kadhachaa jiru. Haa tau malee rakkoon Oromoo inni guddaan waaee mirgaa, seenaa fi qabsoo diinaa irratti yaada tokko dhabuu dha. Yoo tokkummaan kana irratti jiraate wallaalaan beekaa ilaalee dafee barata; iyyeessii fi rakkataani abdii mirga isaa gonfachuu dihootti ilaalee ofi hin xiqqeessu, kadhaa mana warra mana isaa saamtee hindhaqu. Mirga isaa fi mirga uummata isaa waan xinnootti hin gurguru. Seenaa isaa seenaa Goobanaa hin godhu. Kana hundaaf malli jiru tokkumaa ilmaan Oromoo ti.
 Akkamitti tokkumaa akka malee hedduu barbaachisaa tae kana argachuu dandeenya egaa? Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand yaada miseensa isaa tokkoon kae yeroo dheeraaf irratti mar’achaa turreera. Yaada kana waldaan keenya irratti irra deddeebi’ee haa mar’atamu malee yaada bilchaataa gara hojiitti deemuu kaa tauuf beektonni Oromoo waaladaalee Oromoo biyya adda addaa jiraanif jaarmiyaaleen Oromoo, yaada kana irratti qo’annaa fi marii akka geeggeesan jechaa ifa baasuuf murteessine. Yaadni kun akka amantii keenyaatti ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi ala jiran yeroo dhihoo walitti kurfeessuuf yeroo dheeraadhaaf waliin qabuu danda’a.
Akka beekamu sirni Gadaa sirna hedduu fedhii ummataa irratti hundae, sirna hedduu diimookraatawaa tae fi kan uummata Oromoo gaaddisa tokko jalaatti walitti qabee bulchuu irra darbee diinota isaa irratti injifatnoo fi ol-aantummaa gonfachiifa ture dha. Yeroo adduynaan du’aa fi ajjeechaan wal-jeequ sirna kana keessatti bulchitootni Oromoo wal-diddaa tokko malee aangoo walitti dabarsaa turan. Akka beekamu bulchitota lama yookaan sadii utuu hin taane waggaa saddeetti saddeetin baroota dhibaan laakka’amiif rakkoo tokko malee nagaadhaan aangoo wali-harkaa fuudhaa turani.
 Sirni Gadaa ilmaan Oromoo hundaa guyyaa dhalootaa kaasee hanga duanitti kan dirqama misoomsa hawaasa Oromoo kan itti kennu qofa utuu hin taanee, mirga Oromommummaa isaaniis eegeefii gulantaa gara gutantaatti kan gammachuu fi jaalalaan jiraachisaa ture dha.  Sirna kana keessatti haalli itti bulchitoota filan, haallii itti komee ilaalani, haalii itti daaiman, jaarsaa, dadhabaa fi dhukkubsataa kunuunsan har’a illee jiruu fi jiraayna uummata keenyaa keesatti ni argama. Sirni Gadaa sirna bilchaataa, tolaa fi sirna ammayaa ti.  Sirni Gadaa qabeenya ilmaan Oromoo qabnuu keessaa isa tokkoo fi isa guddicha dha. Kanaafuu ilmaan Abbaa Gadaa hundi keenya sirna Gadaatiiniif abootii keenya warra sirna Gadaa uumeetti boonuu qabna.
Akka amantii miseensota Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaanditti kan uummata keenya tokkoomsuu danda’u sirna Gadaa qofa dha. Kanaafuu sirna Gadaa akka seenaatti haasauu fi bareessuu irra darbinee haala Oromoon ittiin jiraachuu jalqabu irratti hojjechuun waa hunda caalaa ariifachiisaa dha. Waldaan keenya Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand waldaalee Oromoo biyya  adduynaa hundaa keessa jiraniif, beektota Oromoo biyyaa keessaa fi ala jiraniif, jarmiyaalee fi dhaabotii humnoota siyaasaa Oromoo hundaaf waamicha kana dhiheesina. Dhaamsi keenyas kottaa sirna Gadaa keenyaan wali- bulchinaa kan jedhu dha.
 Akkuma hundi keessan yaaddani waamichi kana hojii irra oolchuun salphaa hin tau. Garuu waa tokko yoo yaadanne abootiin keenya jaarraa hedduun dura beekumsaa murta’aa fi haala mijuu hin taane keessatti waan uummata isaaniitiif tau uumanii hojii irra oolchaa turani. Yeroo sana yaadannu yaadin kuni yeroo keenyatti amma kana hamaa hin tau. Kana malees sirni Gadaa barbaachisaa kofa utuu hin taanee Oromoof dirqama taee jira. Sirna kana qofatu tokko nu taasisa waan taeef.
 Waldaan Hawaasa Oromoo Ayerlaand uummata keenya keesumaa iyyuu uummata Oromoo naanoo Booranaa waarra haalaa hedduu suukanneessaa diinnii Oromoo irraatti rawwachaa ture ofi irraa qolachuun hanga hara’aatti fiixee sirna Gadaatti cichanii har’an gauu isaaniittif jaalalaa fi kabajaa isaanii qabnu isbachuu feena. Uumantin kuni harra’s sirna Gadaatiin wal-bulchuun akka dandaa’amu nutti agarasiisaa jiru waan taeef yaada kana hojii irra oolchuun hin rakkisu. Gaarummaan fi bilchinni sirna Gadaa inni tokko sirna ammayyaa sinra diimookraasii warri dhihaa waliin kan wal hin faallessine tauu isaa ti. Yoo wanti wal-darbu jiraate kan akka mirga dhala namaafaa illee akka salphaatti wal- irraa dhaaluu danda’u. Sirna keenya sirna Gadaa seenummaa irra dabarsinaa jiraataa fi dhugaa gochuun dirqama ilmaan Oromoo hundaa ti.
 Yaadaa  Bu’uuraa
 Akkamittii fi eessaa akka jalqabu yaadni gara garaa jiraachuu mala. Waldaadhuma keenya keessa iyyuu waan tureef, gamma keessanis jiraachuun dirqama ta’a. Issa iyyuu haa jalqabuu galiin sirna Gadaatiin waliitti dhufuu  fi tokkumma ilmaan Oromoo it. Akka yaada keenyaatti sirni Gadaa sirna tokkicha ilmaan Oromoo hundi ittiin wal-bulchaa ture waan taeef sirna kanaan yoo har’a wal-bulchine tokkummaa Oromoo gutumaan guutuutti mirkaneessuu ni dhanda’ama.
Akka jalqabaatti yaadni keenya asiin gadii kun akka kaumsaatti ilaaluun ni dagaa’ama.
 1.   Jalqaba lammiiwwan Oromoo, waldaaleen Oromoo fi beektonni Oromoo , ilmaan Oromoo hundi sirna Gadaa akka barrutti warra  sirna Gadaa hin beekne sagantaa qabanne walbarsiifna. Kaayyoon sirna kanaa inni duraa fi guddaan Oromoo tokkumsuu, achiis biyya isaa goonfachiisuu dha.
2.   Ilmaan Oromoo biyya keessattis tae alatti akka seeraa fi heera sirna Gadaatti wal- kurfeessanii (Waldaa sirna Gadaa Oromoo uummatanii) oogantoota akka sirna kanaatti filamanii, aangoos akka sinra Gadaatti akka walitti dabarssan seeraa ka’atu.
3.   Akka itti filmaataa, bulmaataa fi daagaan aangoo isaanii seeraan murtaa’a. Seeri kun kan sirna Gadaa fi sirna diimokrasii ammayyaa walitti baqsee uumamu tau. Kuni beektotaa, maanguddootaa fi qaamota uummata Oromootiin  murtaa’a.
 4.   Waldaaleen Oromoo bakka jiranii walitti dhufanii oogantoota ol-aanoo filatu.
 Biyya alaa warri jiru akka biyya keessa jiruutti dura biyya  yookaan zoonii(county, state) irratti, achii booddee Ardii irratti( Awuroophaa, Ameriikaa, Austiraaliiyaa) irratti dumaa irratti addunyaa irratti Abbaa Gadaa isaanii filatu. Biyya keessattis yoo haalli mijate akkuma kanatti walitti fiduun ni yaalama.
5.   Abbaan Gadaa fi warri isaa/ishee waliin filaman oogantoota Oromoo (Leaders of Oromo Gadaa Community, effectively Government of Oromia) tau. Waan uummatani filamaniif aangoo ga’aa qabu. Kanaafuu yeroo booddee uummata Oromoo alaa fi biyyaa walitti fiduun tokkumaa Oromoo cimsu. Rakkoo Oromoo irra gau adunyaattii beeksisu. Oromoon mirga isaa kaee akka falmatu waamicha godhu, sochii sana ni qindeessu.
6.   Oogantootni Gadaa filaman kun uummata biyya keessa jiruun, keesumaa iyyuu warra sirna Gadaan bulaa jiruun walitti dhufee bulchiinsa Oromoo keessaa fi alaan jajabeessa. Ilmaan Oromoo rakkoo biyya isaanitti irra gaeen biyya alaa jiran rakkoo eenyumaa fi lammummaa isaan qabaniif fura barbaada.
7.   Sirni Gadaa jalqabamu kun uumna fi aangoo akka ilmaan Oromoo biraa argatu bajata ittin sosochous ilmaam Oromoo biraa argata. Kun karaa waldaa Oromoo fi dureeyyota Oromoo bu’ursamuu danda’a.
8.   Oogantootni filaman uummatan waan ta’aniif adeemsa siyaasa keessatti qooda guddaa bau. Fakkeenyaaf, uummata jajjabeesuu, gorsuu, dhaabilee walitti fiduu.
9.   Amantiin sirna kana keessatti wal-qixxummaan akkamitti haala siyaasaa keessa utuu hin galin wal-kabajuun waliin jiraachuu  akka itti dandau tolcha. Amantiin sirna Gadaa keessatti akkuma jochaa turre sagantaa isaa dabalatee oogantoota filama muuduuf eebbisu, oogantootaa fi biyyaa Waaqa kadhachuu, kkf ta’a.
10. Warri sirna kana keesstti filaman bara tokko keessatti guyyaalee ayyaana adda addaa uummata Oromoo keessatti kabajamuu qabuu murteessanii uummata beeksisu.
11. Aangotiin kun dhimma uumatoota biraa biyya Oromiyaa keessa jiraatanii qo’atanii uummataaf gorsa, oogganaa fi qajeelcha dabarsu. Dhimma uummata Oromoo biyya keessaa fi ala jjratanii,
12. Anngotiin kun dhimma biyyaa fi qabeenya ishee hundaa irratti uummata gorsu, waan dandaa’amu hundaan saamicha irraa eegu. Ilmaan Oromoo diinaaf hunma ta’a karaa isaan gara fedhii uummata isaaniitti deebian qo’atu, ojii irra oolchu.
 Xumura
 Yaadni armaan olitti kaa’ame kun akka yaadaatti malee, akka seeraatti miti. Akkuma gara jalqabaatti ibsame yaadni kun mareedhaaf dhihaate. Akkuma argamuu waan hedduun wanti ifa hin taane jira. Abdiin keenya garuu maree fi qoannoon hunda isaatiif hiikaa
qaba jenna. Kanaafuu waldaan keenya waldaaleen Oromoo hundi akka irratti mariatani; midiyaaleen Oromoo hundi. beektotaa fi maangguddoo Oromoo akka irratti mariachiisani; jaarmiyaaleen siivilii fi qoannaa  keessumaa akkamitti sirna Gadaa fi sirna diimokraasii ammayya walitti baqsuun dandaa’amu qoannoo irratti akka geggeessani; jaarmiyaaleen sisaasaa Oromoo gaee isaanii akka bahani; uumman keenya biyya jirus yaada kana irratti bakka dandaa’ame hundaddatti akka irratti marianiif jijjiramaaf qophii
akka ta’ani waamicha keenya kan lammummaa dhihesina. Yaadni kun yaaada dubbistanii cali jettan miti. Yaada akka beektaniif barreeffame miti; yaada akka irratti haasoiftanii fi irratti hojjechuu jalqabdani dha.

Abdiin keenya kana. Sirni Gadaa sirna aadaa fi sirna ammayyaa kan Oromoon jaarra hedduun dura uumame taee beekama, nutis abbootii keenyatis tae Orommummaa keenyatti daran boonna.  Gaafa oogantoota keenya biyya alaatti jabeessinee guddifannu, uummatni keenya kan biyya jiran oogantoonni isaa baqaatani biyya alaa akka jirutti amanu, ooggana diinaa irratti qabsoo finiinsu. Oromoon biyyaa isaa kabajaa isaa beebie gonfachuu danda’a.

Galatoomaa.
 Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand www.oromocommunityireland.com

Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru.

“ Hunda irra waan nama dhibuu uumata keenyas guddoo aarsee jiru keessaa inni guddaan, guyyuma uumanni Oromoo Irreecha kabajatu Warri Habashaa magaalaa Finfinnee keessatti  hiriira bahanii turan,Muutummaan Wayyaanee nama irraa qabdee hiite hin agarre.Ammoo Oromoo nagaan malkaa isaa irratti Irreefachuuf deemu karaatti qabdee hiraarsuu fi mannen hidhaatti guuraa turte. Gidiraan daangaa dhabeessi akkasii hamma yoomiittii??””  Gabaasa Qeerroo Bilisummaa
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2013 Finfinnee
Irreechairreeirreecha2013
Akkuma beekamu akka biyyoleessattis tahee akka addunyaatti kan beekamaa jiru guyyaan kabajaa ayyaana irreeffannaa magaalaa Bishooftutti Fulbaana 29 xmuramanee jira. Akkuma Qeerroon dursee uummanni Oromoo nageenyaan irreeffatee gara manaa isaatti galu labsama ture kanaan durfamee uummanni Oromoo hora Harsadee kana irratti nageenyaan irreeffatee milkaa’ee jira.Haata’u malee akkuma amaleeffate mootummaan wayyaanee guyyaa kana ilmaan Oromoo hidhuuf akeekkatee ka’ee jira kun duras kan guyyoota ayyaana oromoo irratti dargaggoota Oromoo hidhuun gidirsaa turuun isaa kan haalamu miti. Shakkii fi sodaa isaa irraan kan ka’e uummata bal’aa guyyaa jala bultii irraa kaasee hanga Fulbaana 29 tti magaala Bishooftuu fi naannoo isheetti konkolaataa dhaabsisuun korojoo uummataa hanga borsaa isaaniitti sakattaasisaa turuun isaa ifaadha. Akka karoora mootummaa wayyaanee irreecha baranaa kana irratti qophiin isaanii ciminaan akka irratti qophaayaa ture keessattuu dargaggoota oromoo hidhuuf karoorsee akka ture gama caasaa mootummaatiin odeessi isaa nugahaa tureera. Uummata Oromoo hora Harsadee kana irratti argaman gidduutti haala adeemsaa fi yaada uummataa kan toohatan huccuu civil fakkeessuudhaan tikoota isaa uummata keessa tamsaasee akka ture hubatamaa dha.Ilmaan Oromoo doorsisaa fi akeekkachiisa inni mul’isaa ture kanaaf sodaa fi boodatti jechuu malee uummanni bal’aan kuni ayyaanicha jalabultii irraa eegaluun haala oo’an kabajanii oolanii jiru.
Guyyaa; Fulbaan 29 uummanni Oromoo magaalaa Bishooftuu,Dukaam Sabbataa fi bakkoota adda addaa akkasuma daandii gubbaa asii fi achi socho’uudhaan sirboota aadaa fi seena uummata bal’aa faarsu weellisuun maalummaa fi sabbonummaa uummata oromoo kabachiisaa fi beeksisaa turaniiru. Sirboota aadaa uummata oromoo keessaa kan weellifamaa turan keessaa:
Guutummaa Gabaasa Kanaa Dubbisuuf:Gabaasa haala Irreecha harsadee 2013


Monday, September 30, 2013

Mootummaan Wayyaanee Ayyaana irreechaa Uummatni Oromoo Nagaan Waaqa Isaa itti Kadhatu Fashalsuuf sakatta’insa jabeessuun Hidhaa Jabeesse

Fulbaana 29,2013 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee aadaa, seenaa fi duudhaa ilmaan Oromoo ukkaamsuuf kan hojjetu ayyaana irreechaa 2013 irratti sakattainsa hedduummeessuun dargaggoota Oromoo yakkees mana hidhaatti ukkaaamse. Mootummaan EPRDF irreecha bara 2012 irratti dargaggoota Oromoo 200 ol diddaa kaasuuf jettu yakka jedhuun ukkaamsuun isaa kan yaadatamu bara 2013 kanas magaala Duukam keessatti jala bultiidhaa qabatee sakattainsa eegaleen Oromoota heddumminaan hidhaa jira. Ilmaan Oromoos uffata aadaa isin uffattan kan ABOti jechuun mana hidhaatti ukkaamse. Dargaggootni kunneen Godina Shawaa lixaa fi Horroo Guduruu irraa ayyaana irreechaa deemaa kan jiran magaalaa Geedoo,Gindebert fi Dukam irratti keellaa tolfachuun dargaggoota hedduu hidhaa akka jirtu gabaasi qeerroo addeessa. Galmee dargaggoota hidhamanii qeerroon faana bu’ee ni gabaasa.
Ammatti magaala Dukam irratti kanneen qabaman keessaa gariin,
1. Dargaggoo Tarreessaa Haayiluu Shawaa lixaa magaala Amboo irraa
2. Dargaggoo Fioomsaa Oljirraa Horroo Guduruu irraa
3.Biqilaa Dibaabaa Ambo irraa
4.Dasgodhaa Ittaanaa magaalaa Baakkoo irraa
Dargaggoowwan kunneen mana hidhaa waajjira Poolisii Bishooftuutti kan hidhaman yoommuu tahu isin mootummaa irratti dargaggoota kakaaftu malee ayyaanaaf hin dhufne jedhamuun qoratamaa jiru. Mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa gaafatu kan dura dhaabbachuu itti kan fakkaate daran diddaa babalisaa jiraachuu qeerroon bilisummaa addeessa.

Sunday, September 29, 2013

UN General Assembly:Ethiopia's Leaders Misrepresent Poverty and Conflict

Ethiopia's Leaders Misinform the World

New York has hustled and bustled with heads of state and delegations visiting the city to attend the 68th UN General Assembly. Ethiopia's PM Hailemariam Desalegn and Foreign Minster Dr. Tedros Adhanom each made speeches on themes relating to sustainable development, conflict and security in Ethiopia and Africa. The PM spoke as a head of state and as chairperson of the African Union during the General Assembly "Debate", while the FM Dr. Tedros Adhanom spoke during the after party by Global Citizen Festival,an anti-poverty advocacy concert ambitiously campaigning to end extreme poverty in 2030, at Central Park, New York. This analysis focuses on unpacking for readers how the two leaders of the known autocratic and genocidal Ethiopian state went to great heights using the international opportunity afforded them to take a domestic version of their propaganda to international levels.

Making speeches at such important global venues is assumed to be a "deliberative process" that influences UN policy and decision-making. Because of the global reach of their speeches, we cannot take the speeches very lightly. The speakers had single purpose in minds when they delivered two speeches that relied on a fundamentally similar narrative framework: Ethiopia's economic growth and its asserted "success" in meeting the Millennium Development Goal on child morality, the promotion of a false sense of peace and tranquility while the country is  in ever-increasing turbulence in reality because of the excessive repressions in Oromia, Ogaden, SNNP and other regions of the empire. Those who have ever watched Ethiopian Television, there is nothing new in what the leaders claimed. We heard incessant propaganda like that for the last 22 years of Tigray domination of Ethiopian politics and economy via the fake coalition known as the Ethiopian People Revolutionary Democratic Front (EPRDF). Tigrean People Liberation Front (TPLF) is the engine of this totalitarian party.  Tired of such propaganda back home, some have even broken their TV and radio sets. 

Dr. Tedros Adhanom's "Public Diplomacy" at Global Citizen 

Festival employed what appeared to be an innocuous sense of humor as way of connecting with the audience.  The Minster preached the importance of diversity to New Yorkers and told them how Ethiopia's economy is growing and how Ethiopia met its MDG "3 years in advance of the 2015 deadline." The hard fact about preaching diversity to audiences like  New Yorkers is aimed to hide the reality that his regime  not only suppresses diversity for people different from Amhara and Tigire ethnies such as Oromo in Ethiopia, but also hides it is genocidal aggression towards them. Predictably, the aim of the speech was to hide and misrepresent the brutality of the Ethiopian "government" and to paint a rosy picture about the genocidal sate. Tedros demonstrated that he felt satisfied when he used the opportunity to misrepresent and mislead the so-called "global citizens" (I wonder if they consider themselves such). The Minster could not hide his excitement when he immediately took to his Twitter account on a smart phone and pic-tweeted: 
For UN to facilitate, and for Global Citizen Festival to give a hot mic to  a leader of one of Horn of Africa's sadistically tyrannical Ethiopia, which murders tens of thousands of Oromos alone, jails and tortures tens of thousands of Oromos alone, exiles millions, impoverishes and starves millions of others, is nauseatingly offensive to our collective moral character. If the the more than 75,000 New Yorkers the Minster addressed knew the atrocity crimes that his regime commits in Oromia and Ogaden, it would shock their moral character that someone brought a speaker from a government that persecutes others based on ethnicity. They would probably run out of Central Park if they knew a representative of Nazi-regime type from Ethiopia was speaking to them. Most of the free and democratic New Yorkers had no idea that they were being exposed to speech from someone whose state practices genocide and slavery; where there is no concept of citizenship even in the 21st century when other people are beginning  to rally behind a dubious and new idea of "global citizenship."  

After being introduced by Jeff Sachs, a Columbia University economist and a  supporter of the Tigirean hegemony in Ethiopia, as "an absolutely amazing leader....", FM Dr. Tedros Adhanom, an absolute con artist for his regime, claimed:

 "I bring you peace and good will from Ethiopia and Africa...The reason I was invited here is to tell you the success of Ethiopia and Africa. Ethiopia has done lots of strides in economic, political and social fronts. In economic growth, it has registered more than 10 percent for the last ten years. It has already achieved MDG for under 5 mortality rate 3 years in advance of the 2015 deadline...Ethiopia and Africa are on the rise...The other reason you should visit Ethiopia is because everybody comes from Africa..."    
The direct quote from the speech illustrates how the FM employed core elements of common pro-regime propaganda strategy to swindle the New York audience. Most of his assertions are incorrect and sometimes foolhardy, including his inability to distinguish between models of New York as  melting pot (very outdated) from  a new "salad bowl" concepts of diversity. It made him look foolish when he claimed that everyone is from Africa in front of NYC crowd who would at least know that is not true. 

Claims relating to meeting MDG goals on reducing child morality are also very deeply questionable as it is very likely that Ethiopia furnished the numbers and UNICEF just run with with it like a rabbit without a second thought. 

As far as the common 10% fabricated economic growth figure goes, some serious researchers have found out that in fact,  it  is a myth in works such as "The Myth of Africa's Rise," It is known already that simple presence of GDP and increase in trade volumes are not economic development, according to Rick Rowden (2013). Besides, there is little manufacturing as evidence of economic growth that Ethiopia can point to as its economy is ideologically-driven to exclusively enrich a narrow group. The economy is also dependent on aid.  It was clear that the Minister was firing a makebelieve narrative or a myth on economic growth and improvement in health conditions in his empire. What is problematic is not that he blurted out whatever came to his mouth;it is shocking the UN and Global Citizen Festival decide to hold up Ethiopia as the best example of development on the continent once again just like theWorld Bank does. Some have even asked critical questions such as "Why are we funding abuse in Ethiopia?" and attempted to  provided answers. 

At best, Dr. Tedros Adhanom, was doing a public relations work on behalf of an illegitimate regime that perpetrates genocide in regions like Oromia and Ogaden.

Hailemariam Desalegn and the Fear of ICC  

 Except that they delivered speeches to two different kinds of audiences, Desalegn's speech in the General Debate, is fundamentally similar to the strong case Dr. Tedros Adhanom was making on behalf Ethiopia's regime. Showing the usual posture of Ethiopia to benefit from the war on terror, HMD opened his speech by expressing his solidarity with Kenya on the Westgate Mall attack in Nairobi by Somali extremist militants linked to Al Shabab. That was fair enough, but the problem is that he goes onto opposing international approaches relating to fighting the culture of impunity among heads of state in Africa.  He talked about "development" deliberately avoiding the link between the human rights abuses record of his government and poverty and underdevelopment in Oromia and other well known conflict regions of the country.  Hailemariam Desalegn made these inaccurate statements meant to build the image of already conflict and diseases-ridden Ethiopia and Africa:  

Africa has indeed turned the  corner in reducing the number of conflicts plaguing the continent...ICC has degenerated into a political instrument targeting Africa and Africans.

 If you do a bit of psychoanalysis on these statements, you will know that Ethiopia's leaders are self-conscious and insecure about atrocity crimes they commit and they are interested in hiding the fact that conflicts and human rights abuses exist in the country. That is why the PM was castigating the ICC efforts to arrest few African heads of state who committed war crimes and crimes against humanity.They know they will be next unless somehow they characterize the ICC effort as some sort of the continuation of European colonialism in Africa half a century later after colonialism officially ended. If indeed Africa is seriously concerned that ICC is being used as a political instrument, why did not he propose the establishment of an African alternative to ICC, something like the International Criminal Court of Africa (ICCA)?

His government carries out atrocity crimes from murdering prominent Oromo activists  in jail to genocidal massacres all over Oromia and Ogaden under excuses of fighting the war on terror and religious extremism when there is none. In reality, these innocent people murdered daily by the regime are ethnic others being isolated and targeted based on their ethno-nationality.

Second, the PM's assertion regarding the reduction of conflicts in Africa is half false because research shows while intrastate conflicts have been declining in Africa, intrastate conflicts, including in Ethiopia, are on the rise. The Oromo Liberation Front and the Ogaden Liberation Front respectively have been at war with the Ethiopian state since 1977 and 1993 respectively. OLF and ONLF claim they seek self-determination for politically unrepresented Oromia and Ogaden regions respectively. OLF and ONLF also mention that they were drawn into these conflicts because the Tigrean Liberation Front has violently excluded them from peaceful competition in their constituencies. Researchers put the intensity level of armed conflicts in Ethiopia at the level of "war" or moderate to medium intensity (Thmener and Wollensteen, 2012:10; IISS, 2013). Armed conflict databases says that there are >25 battle-related deaths in Oromia and Ogaden as result of this conflict, qualifying Ethiopia well for a country suffering from internal armed conflicts between state and rebels.  Although Ethiopia's PM claimed that there is democracy and good governance in Ethiopia, the hard fact is the opposite--there is an absolute tyranny of unelected minority elites who grabbed power in 1991 through the barrel of the gun and a degree of US assistance.

Using a public forum afforded to them at the UN General Assembly and at the Global Citizens Festival, these two Ethiopia's EPRDF leaders have proven to us that they were globally implementing  propaganda and image-building strategies they have perfected over the last 22 years, basically misinforming the world about what is going inside its closed door (to media and journalists). They succeeded in doing so since the international community now buys their false ideas about peace, economic growth, development and meeting millennium development goals. For Oromos and most people living in the Ethiopian empire under tyrannical conditions threatening their collective  and individual existence, the speeches were offensive and they were doubly offensive that they were allowed  deliver it on a global stage. The PM and FM were making the case to continue exercising the culture of impunity without international or local objections. The sprawling Oromo diaspora in Western countries alone is testimony to the fact that the cause has been repression and conflicts resulting from a rigid government policy isolating and targeting Oromos for massive rights abuses.

The right thing to do for the UN and the Global Citizens Festival was to categorically distance themselves from being conveyor belts for image-building propaganda campaigns targeting New Yorkers who may have no idea about the atrocity crimes the Ethiopian regimes. Exposing people of the free and democratic world to such nonesenses do nothing short of damaging to the peoples who are really facing brutal repression in their homeland, Oromia, Ethiopia. A good moral character would be to dissociate from criminals whether they are heads of state or not. Therefore, UN's and Global Citizens Festivals giving of hot mics to Ethiopia dictators to misinform the rest of humanity is repulsively objectionable among 94 percent of Ethiopia's population, at least.               
  

Video Links:
FM Dr. Tedros Adhanom's speech at Global Citizens Festival in New York  
http://gpp.mlbam.com/video/v31019021

PM Hailemariam Desalegn's speech at the General Debate

http://webtv.un.org/search/ethiopia-general-debate-68th-session/2695115132001?term=Ethiopia 

=>oromopress

Irreecha 2013 “Thanksgiving” Oromo National Holiday Colorfully Celebrated in Oromiyaa and Across the Globe

(September 29, 2013) – An estimated 2-3 million festival goers and pilgrims celebrated this year’sIrreecha at Hora Arasadi in Bushoftu, Oromiyaa, despite Woyane’s attempt to disrupt the Oromo National Holiday with trivial distractions in the capital. Hundreds of Oromos across the globe have also celebrated the month-long Irreecha “Thanksgiving” festival, which was kicked off in Toronto on August 31, 2013.

More at gadaa

Walga’iin Angawoota OPDO Adaamaa Keessa itti Geggeeffaamaa ture Irraatti Mormiin Guddaa Dhalachuun Milkii Malee Adda Bahe.

opdo
Walga’iin Angawootaa OPDO kabinotaa Aanaa, Godinaa fi Oromiyaa akkasumas itti gaafatamtoota Wajjirotaa Secterotaa garaagaraa irraa walitti waamuun Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaa jedhamu keessa itti akka L/Habashaatti Fulbaanaa 4/2006 irraa egalee hangaa Fulbaana 16/2006 Oromiyaa keessatti bakka bu’oonni Wayyaanee Muktar Kadirii , Abdulaaziz fi Asteer Maammoon guyyaa kudhanii oliif gaggeeffaamaa ture milkie dhabuun mormii guddaan miseensota OPDO irraa bakka bu’oota Wayyaanee irratti dhalachuun bu’aa tokkoo malee diddaa guddaan gargar kan bittina’an ta’uu Odeessii qabatamaa keessaa OPDO bahee saxilee jira.
Kayyoo fi qabxiin gurguddaa walga’ii dhoksaan gaggeeffaamaa ture kanaa qabxiilee gurguddaa sadii irraattii kan xiyyeeffaate ta’uu beekama, kanneen falmisiisoo ta’an keessaa warri gurguddaan.
1ffaa, Baha Oromiyaa keessatti saboota olla Oromiyaa irraa yeroo irraa gara yerootti Ummataa Oromooa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabatee Somaaleen lafa Oromiyaa Harargee qabachaa jirtuu irraatti marii gochuu kan jedhuu.
2ffaa, ABO FDG nurraattii kaasaa jira, Ummaata mootummaa Ithyophiyaa irratti kakaasuun fincila qindeessaa jira, Dargaggooti Oromoo maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaatti of gurmeessuun sochii mirga Oromoo falmuu jedhuun mootummaa keenya irratti ummata kakaasaa jiru waan ta’eef kana dura dhaabbachuuf malaa fi tooftaa baafachuu.
3ffaa. Mormii yeroo irraa gara yerootti hordoftotni Amantaa Muslimaa Oromiyaa keessaattii nurraatti gaggeessaa jiraan dura dhabbachuu fi mormii isaanii duubaa humnooti adda addaa waan jiraniif saaxiluu fi marii irraatti gochuu kan jedhuu fi
4ffaa. Qaama hojii sekterotaa karooraan rawwaachuu xinxaluu.
Kanneen jedhan irratti marii guddaa gochuun walii galtee malee akka ka’an gabaasi kun ni ibsa. Kana keessatti qabxiin guddaa dhimma ABO irratti fuulleffate keessa hogganoota OPDO kan jeeqee fi mormii guddaa kaasee guyyoota lamaa oliif akka wal falmisiisaa oole beekamaa dha. Qabxii marii lukkeelee ilaachisuun yaadaa fi mormii kabinotaa Godinotaa fi Aanotaa irraa hogganoota OPDO irratti ka’ee dhiyaate keessaa gariin
Waa’ee ABO irraatti mormiin dhalatee, jira. kunis asiin fulduraa  maqaa ABO’n namoota sabboonummaa Oromoo qabanii fi  uumata itti akka farrummaatti labsaa dhaa turre,mootummaanis akkasum jechuun galmuma kana keessatti nuu ibsee hin turree?? Har’a deebi’een ABOn uumata nurratti kakasaa jira sochii godhaa jira yoo jennee barattootaa fi jiraataa Oromiyaa hunda yoo seeratti dhiheessaa jiraanne waanni kun deemee deemee numa warra OPDO iyyuu qofaa ni hambisa. ABOn bara kana nama osoo hin taane akeeka dha.Akeeka kana akkamiin uumata keessaa baafna yoo jenne waan matumaa hin dandayamne waan ta’eef mootummaan keenya if goyyomsuu osoo dhiifnee irra wayyaa dha. Yeroo barbaannu ABOn nama ijaara jenna,gaafa kaan ammoo ABOn hin jiru badeera jenna,yaada wal dhahaa akkasiin hamma yoom uumata sobaa jiraannaa???
Amma immoo ABO’n nu rakkisaa jira, nu duraa dhaabbaachaa jira, dargaggotaa ijaaree socho’aa jira, ummataa nurraa fudhachuuf, goolii kaasaa jira jennee yeroo wawwatnu ummaannii kaleessaa ABO’n hin jiruu jenneen sun maal nun jedhaa? jechuun gaaffii kaasaan, kanaaf nuti kanan uummataa keessaa deemnee salphinaa hin uffannu har’a ummaanni nu darbee deemee waan jiruuf nuti kanaan waan ololluu hin qabnu isinumti warri aanga’oo gurguddaa gadi bu’aa uummata itti himaa jechuun hogganotaa ol anoo OPDO akka Abdulaaziz fi Moktaar afaan fajjefaman.
Kana malees yaada mormii hirmatotaa irraa dhiyaate keessaa itti qabxiin ABO’n qofti maleef dhaadheeffaamee balaaleffatamaa ? Diinni akka G-7, Arbanyoochii fi Ogadeen maaliif akka diinaatti fudhatamanii mariin irraatti hin taasifamne jechuun gaaffin kaabinoota aanaa irraa ka’e guutummaa walgahichaa jeeqee akka turee odeessi keessa OPDO addeessa.
Ajandaan gama biraa  Waa’ee waraana Ogaadeen yeroo yeroon Wayyaaneenhidhachiifamee Oromoo ajjeesaa jirtuu fi lafa Oromoo fi qabeenyaa Oromoo samamaa jiruuf ilaalchisuun yaadaa mormii fi waldiddaa guddaatu dhalate. Innis yaadni garee Lammaa Magarsaa itti gafatamaa wajjiraa milishaa Oromiyaa duraanii kan yeroo amma Biroo Daldalaa Oromiyaa hojjechaa jiruu irraa dhiyaate naannoo ittisa Oromoo irraa gochuuf jecha tarkaanfii walfakkatuu fudhachuu qabna,daangaa keenyaa keessaa baasuu qabna jedhuu yeroo dhiyaatuu gareen Muktaar Kadir ammoo kun tasumaa ta’uu hin qabu jechuun mormii dhiyeessan.Nuti ajaja mootummaan keenya nutti kenneen malee akka naannoo Oromiyaatti ittisa mataa keenyaa gochuu hin dandeenyu jechuun yaada mormii kaasan.
Yaadaa gareen Muktar Kadir kun dhiyeessan Kabinotaa Godinaa Booraanaa Yabelloo, Gujjii fi Harargee irraa dhufaniin balaaleffatame, gareen kaabinotaa Godina Harargee, Booraanaa Yaabelloo fi Gujii yaadaa Lammaa Magarsaa dhiyeessee jabeessuun deggeruun ummanni Oromoo fi mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromootti balaa dhufe ittisuu qabna.Yoo kana hin goonu ta’e faaydaan OPDO maalii? jechuun mormii guddaa dhiyeessaan. Kanumaan kan ka’e gariin kun walgahii kaabinoota OPDO torbaan tokkoof gaggeefame dhiisanii walga’ii cabsanii ka’an. Yeruma kana haala kanaan , Kanneen qajeelfama TPLFn masakamuu qabna jedhan kanneen akka Muktarii fi Abdullaaziz warra walgahii cabsee bahe duukaa bu’uun kara karaa kadhatanii ifaajja guddaan walgahiitti deebisan.
Kana irraa ka’uun sabbontotn Oromoo walga’icha irraa hirmaatan nuti Oromoonni hanga yoomitti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa? hanga yoomitti Obsinaa? Obsi nuu game, Angoo maaliis qabna waranaa? Erga duula Oromoo irratti banama ittisuu hin dandeenye,dhaloota Oromoo dhufaa darbaan ABO jennee hidhaa fi biyyaa ari’aa erga jiraanne aangoo fi gaafatamni nuti Oromoof qabnu kun maali?  Jechuun walgahicha irrati ifatti yaada dhiheeffatan.
Gama kaaniin qabxiin dhimma amantaa Isalaamaa fi gamaagama karoora hojii ilaalchoisuun yaadni dhiyaatee, qabxiiwwaan armaan olii mataa dabbaalotaa diinaa waan nanneesseef utuu sirnaan hin hubatamiin hafee kabinotaa Aanotaa, Godinotaa fi Oromiyaa walumaa galatti namota 1000 ol-n guyyotaa kudhanii oliif taa’amaa ture, fi walga’iin guddaan kun kan ETV fi Radiyoo Oromiyaa illee dabalee osoo hin darbiin wakkatameef bu’aa tokkoo malee diddaan guddaan waan jeeqameef gara fuula duraatti baallamamee adda bahuu gabaasi keessa OPDO irraa nu gahe addeessa.

Irreecha bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Harka Wal-Qabannee Wayyaanee Haa Balaaleffannu

Irreecha bara 2013 Kana’ratti Hundi Keenyaa Bakka Itti Ayyaaneeffannutti Harka Wal-Qabannee Dhiittaa Mirga Namoomaa fi Ukkaamsaa Wayyaaneen Nurraan Gahaa Jirtu Haa Balaaleffannu, Adduunyaattis Sagalee Keenya Haa Dhageessifannu!
Impaayera Itiyoophiyaa keessa ayyaanoonni fi qophiileen sabaa fi sablammoonni biyyatti heeddumminaan irratti hirmaatan danuu dha. Ayyaanoonnii fi qophiileen kun baay’een isaanii kan amantiidhaan walitti hidhaman yoo tahan kaan isaanii ammoo kan mootummoonni abbootiin irree Impaayerittii bulchaa turanii fi jiran dirqiidhaan akka uummattoonni biyyattii irratti hirmaatan taasifamanii dha. Qophiilee fi sirni kabaja ayyaanota uummattoonni biyyattii keessattuu uummanni Oromoo heddumminaan fedhiidhaanis ta’ee dirqiidhaan irratti hirmaachaa ture heddu kaasun ni danda’ama. Kanneen uummanni Oromoos ta’ee saboonni Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiran fedhiidhan irratti hirmaatan keessaa ; kan akka guyyaa Irreecha/Waaqeeffannaa, Iida, fi guyyaa Dhaloota Kiristoosii fi kanneen biroo kaasuun ni danda’ama.
Itiyoophiyaa keessatti qophiilee dirqamaan mootummoonni abbootiin irree humnaan akka uummattoonni biyyattii bahanii kabajan taasisaa turanis heeddu tarreessuu dandeenya. Akka fakkeenyaatti bara mootii H/Sillaasee “guyyaa dhaloota isaa fi hangoo itti qabate” uummanni bahee kabajuun, hiriiruun, isaaf sagaduun dirqama ture. Bara Dargii ammoo guyyaa” Abiyootii” bahanii hiriiraan kabajuu diduun nama adabisiisa, farra warraaqisaatiis nama taasiisa. Bara ammaa; bara wayyaaneen uummattoota Impaayera Itiyoophiyaa keessa jiran humnaan dhiittee saamaa bulchaa jirtu kana keessa ammoo wanti hunduu caalaatti cimee guyyaan hiriiraa fi ayyaanaa mootumichaa dachaa heedduun dabaleera. Kan akka “Ginboot 20, ye higga mangisti qan, ye biheerasabooch qan, Ye baandiraa qan”, fi kanneen kana fafakkaatan hedduu dha. Irratti argamuuniis dirqama.
Qophiilee fi ayyaanoota mootummoota abbaa irreetiin qophaawan kana hundumaa yoo walitti qabnee laallu garuu kan faayidaa uumataatiif qophaawan osoo hin taane; sirnoota abbootii irree kana dheereessuuf kan akka waltajjii holoolaatti tajaajilanii dha. Mootummaan wayyaanee / IHDG ammoo sirumaawuu hiriiraa fi ayyaanoota ofii qopheessee uummattoota biyyattii humnaan irratti hirmaachisu itti hanqannaan yeroo ammaa kana akkuma argaa fi dhagahaa jirru sirna Irreecha/waqeeffannaa, Guyyaa ayyaana amantaa Musliimaa, Kiristaanaa fi kanneen biroo waltajjii sanarratti argamuun keessas galuudhan akkan ani isin qajeelcheetti deemaa, akkan ani fedhuu fi hawwutti tarkaafadhaa jechaat jira. Guyyaa ayyaanni akka Irreecha, Iidaa, kiristaanaa fi kanneen biroo kabajaman dabbaloota isaa bobbaasuun amantii gara dirree siyaasa wayyaanee/IHDGtti jijjirat jira. Oggantoonni amntoolee kanaa akka isa faarsan, akka isa deeggaranii fi isaaf sagadan taasisaat jira. Haala kanaanis uummattootaa fi Ordooftoota amntii gar-gar keennaa fi gurshaa adda addaatin qooduun wal dura dhaabbachiisuuf amma danda’e wixxirfachurratti argama. Yoo dafee itti yaadamee deemsi isaa kun gabaabatti cite malee gochaan wayyaanee kun uummata gabrummaa jala jiruf, uummata bilisummaa dheebootee jiruuf balaa guddaa qaba. Oolee bulee rakkina wal-xaxaa uumuu danda’a.
Uummattoonni biyyattii yeroo sirna waaqeeffannaaf, adaa isaanii agarsiisuudhaaf, ykn dirqiisiisa mootummaa wayyaaneetin iddoo tokkootti wal argan/dhufan ykn hiriira adda addaarratti hirmaatan waa heddu dalaguu danda’u. uummattoonni cunqurfamoonni biyyattii keessa jiran shira wayyaaneetiin wal-dura dhaabbachuu dhiisanii iddoo waaqeeffachuuf walitti qabamniittis haa tahu iddoo hiriira adda addaatiif walitti dhufanitti humna isaanii iddoo tokkootti walitti dhufe sana faayidaa walootiif, kabajamuu mirga isaaniitii fi bilisummaa isaanitiif oolfachuu danda’u. Keessattuu uummanni Oromoo yoo itti yaadee, karoorfatee ka’ee mirga isaa kabachiifachuuf iddoon akka Irreecha, masijiidaa fi mana amantaa kiristaanaa bakka olaanaa qaba. Madda jijjiramaa fi sirreefama sirnaa ta’uu danda’a. Kanaaf fakkeenya guddaa tahuu kan danda’u qabsaawaa mirga gurraachoota Ameerikaa kan ture DR. Maartine Lutter King 2ffaa dha. Ka’uumsi nama kabajamaa fi jaalatamaa kanaa fi Ordoftoota isaa mana amantaa Kiristaanaa ture waan ta’eef.
Har’a Impaayera Itiyoophiyaa keessatti fedhii fi dirqiidhaan Ayaanaa fi qophiilee gara garaa sababeeffachuun walgahii fi hiriirri hedduumaatee jira. Keessattuu ayyaanootaa fi qophiilee fedhii uummataatiin qophaawanirratti kan hirmaatan lakkoofsaanis haata’u fudhatamummaadhan iddoo olaanaa qabu. Sabaa fi sablammoonni hedduuniis ayyaanoota kanarratti ni hirmaatu. Carraan akkasii ammoo uummatoota cunqursaa fi gabrummaa jala jiraniif keessattu uummata akka Oromootiif carraa faayidaa guddaa qabuudha. Kan yeroo ammaa kana biyyoota gara garaa keessatti argaa fi dhagahaa jirus kanuma. Uummanni ayyaanoota adda addaa kana kabajuuf walitti dhufes haa tahu inni dirqamaan mootummaaan baafame eennaa mirga isaa fi bilisummaa isaaf falamatu argaina. Qaanqeen iddoolee sirni amanataa fi aadaa itti gaggeefamuu kaate yoo biyya heedduu keechatti laboobdee abbootii irree waaddituu fi hangoo humnaan qabatanirraa buuftu argaat jira.
Yeroo ammaa kana biyya arbaatti, salaata jimu’aan booda, biyya kiristaanaatti kadhannaa sanbataatiin booda, hawaasni iddichatti argame gaafii mootuummoota abbaa irreerratti kaase yoo jabeessee itti fufu argaa jirra. Kan bilisoomees kan bilisummaaf karaa gahees argaa fi dhagaat jirra. Gama uummattoota cunqurfamoo Itiyoophiyaa keessa jiraniitti yoo deebine ammoo carraan fi iddoon gaafilee akkasii; gaafii mirgaa , dimookiraasii fi bilisummaa itti kaasan hedduu dha. Inni tokko hiriira mootummaan koottaa na deegaraa jedhee humnaan isaan baasurratti isuma mootumaa wayyaaneetti gargaluudhaan jibbaa fi diddaa qaban agarsiisuu fi ofirraa fonqolchuuf gamtaan sochoo’uu yoo tahu; inni lammataa ammoo manneen amantaa adda addaa fi bakka akka Irreechii itti kabajamuuutti gaafii fi jabba mootummaa abbaa irreef qaban sagalee tokkoon ol-fuudhanii adduunyaaf dhageesifachuu dha.
Muuxannoo fi dhugaa adduunyaa kanarratti argaa jirruun abbootiin irree keessattuu kanneen akka wayyaanee uummanni gocha isaanii hiriira bahee akka balaaleffattuf hin heyyaman. Mootummaa akka wayyaanee kan hiriiraa hin heyyamne kana ofirraa buusuuf ammoo carraan jiru uummanni cunqurfamaan akka Oromoo wayitii ayyaanootaa fi sababa adda addaatiin walitti dhufu mormii fi jibba mootummaa abbaa irreef qabu tokkummaan dhaabbatee adduunyaaf agarsiisudha. Isa aksiitiif ammoo sirni akka ayyaanaa Irreecha Bishooftuu fi Oromiyaa Iddoo gara garaatti kabajamuu iddoo olaanaa qaba.
Uummanni Oromoo mootummaa abbaa iirree fi saamichaa wayyaanee ofirraa buusuu fi gocha isaa gara jabinaa kana adduunyaatti muldhiisuuf carraalee qabu hundattuu fayyadamuu qaba. keessattuu dargaggeessi/Qeerroon/ Oromoo karaa saaquudhaan adda duree tahuun fardii dha. Uummanni Oromoo Qabsoo hidhannoo dhaaba ijoolleen isaa ijaaran ABOdhan gaggeeffamu cinaatti bakka jirutti gurmaawee murna isa saamaa , ajjeesaa fi hidhaa jirtu wayyaaneerratti sagalee diddaa gabrummaa dhageessiisuu qaba. wayyaanee ofirraa buusuuf lafa amantaa isaa, aadaa fi duudhaa isaa itti gaggeessuu hundattuu sagalee diddaa dhageessifachuun murteessa dha.
Akkuma beekamu dhuma fulbaanaa kanarra ayyaanni Irreecha uummata Oromoo guutuu biyyatiiraa dhufu fi jaalattoota aadaa isaatiin sirna hoo’aadhaan ni kabajama. Sirni kabaja Ayyana Irreecha Oromoon miliyoona hedduun lakkaawwamu irratti argamu kun ammoo sirna achumatti wal arginee Irreeffannee sirbinee, dhiichifnee gallu qofaaf oolu tahuu hin qabu. Akkuma biyyoota Arabaa fi biyyatoo amantiilee biraa hordofan keessatti argine iddoon akkasii madda jijjiramaa fi mirga ofii itti kabachiisuuf socho’an ta’uu qaba. Ummanni Oromootis kana hubachuun sochii isaa cimsee irree tokkoon sirna Irreecha booda mirga isaa wayyaaneedhaan sarbame gaafatachuu qaba. Kanarratti dargaggeessi Oromoo /Qeerroon/, sabboontoonnii fi jaalattoonni bilisummaa Oromoo uumata cinaa goruun gaafii uummataichaa adduunyaaf calaqqisiisuudhaaf of qopheessuu qabu. uumata sochoosuudhaan, ijaaranii iddoolee akkasii baayyee murteessaa tahanitti akka sagalee tokoon rakkina isaa beeksifatu gahee guddaa taphachuu qabu. Iddoo mirgii fi bilisummaan isaa wayyaaneedhaan sarbamee, ijoolleen isaa ajjeefamaa fi hidhamaa jirtutti dhiichisee, Irreefatee galuu qofti Oromoof Gammachuu hin kennu.
Dhiichisanii sirbanii “kan baranaa kan bara egareetiin nu gahii” jedhanii irreefatanii galuun yoo mana nagahaa, tasgabaahaa fi kan ofii qabaatanii dha. Kan Oromoon keessa jiru gabrummaa dha. Gabrummaa kana jalaa baanee abbaa biyyaa fi abbaa malkaa ta’uuf ammoo hundii keenyaa carraa aragannee fi qabnuun mirga keenyaaf falmachuutu nurraa eegama. Birraan kunis yoos; birraa jijjiramaa, birraa bilisumma taha. Kanaafuu ayyaana Irreecha bara 2013 kan akka walii galaatti magaalaa Bishooftuu Hora Arsadiitti kabajamurrattis ta’ee Malkaa Oromoon qabu maraarratti mirgaa fi bilisummaa keenyaaf sagalee keenya tokko goonee ol kaafnee yaa iyyinu, Adduunyaatti haa dhageechifannu! Yoo Abbaan iyyate Ollaan namaaf mirmata waan ta’eef!