Monday, October 21, 2013

Call for a Peaceful Rally Bergen, Norway

We Oromo communities residing in Bergen Norway, neighboring communities and friends of Oromo are very concerned about human rights violations particularly against the Oromo in Ethiopia. Therefore we have a plan to have a peaceful rally against the dictatorial regime in Ethiopia on October 25, 2013.
Time and Place:
The demonstration will be held on the 25th October 2013 from 13.00 to 15.00. We will gather at the bluestone, and we will head through the gallery, pass along the exhibition center and move all the way to the police station and thereby deliver a letter to the person in charge.
Aim
  • We shall demonstrate against human rights violations by the dictatorial regime in Ethiopia. We will turn to the New Norwegian government to press the Ethiopian government to respect human rights and release all political prisoners.
  • Call for the release of Bekele Gerba, Mesfin Abebe and other political prisoners in Ethiopia
  • Candlelight vigil to remember the Oromo activist Engineer Tesfahun Chamada, who died in the Kaliti Prison after a horrible and inhuman torture by the Ethiopian government.
All protesters are welcome to join us to stand against and say no to the dictatorial and tyranny government.

Regards,

Dandana Bafkane,
Dejene Sorry,
Members of the Committee
For Further information contact
Abdi Gameda  Chali            Tel. +4794724502

Sunday, October 20, 2013

Wallagga,Aanaa Eebantuu Keessatti Hojjettooti Mootummaa Sirna Wayyaanee Mormuun Maqaa Hidhaa Laga Abbaayyaan Maallaqa Guuramu Dursa Dhaabbatan

Onkoloolessa 18/2013 Mootummaan Wayyaanee Maqaa hidhaa /Jallisii Galaana Abbayaan/ dinagdee walitti guuruuf hojjetoota mootummaa irraa akka Diangdee/Horoo guuraniif Dabballoota OPDO Godina Wallagga baahaa Aanaa Eebantuu Magaalaa Hindeetti Hojjettoota Waajjira Qonnaa aanaa Eebantuutti bobbaasuun wal ga`ii godhuuf saganteeffatte mormmiin muudate.

Hidhaa Galaana Abbayaaf Miindaa keessanirraa dinagdee akka murtanii galii gootan jechuun wal ga`iirratti yeroo Dabballootni OPDO/Ergamtotni Wayyaanee yeroo isaan wal tajjiirraa jecha kana dubbatan hirmaattonti wal ga`ii Gaaffiin muddan. Nuti akka Hojjettaa waajjira Qonnaa Aanaa Eebantuutti ammaan duras gaaffii isin gaafanne qabna.


Gaaffiin keenya gaaffii Mirgaa fi gaaffi eenyummaati. isin gaaffii keenyaaf deebii kennuu dhiifatanii gaaffii keenya dagachuun mirga keenyarra ejjetanii Horrii nurraa guuruuf dhuftan.
Hanga gaaffiin Ummata Oromoo deebii argatutti Dinagdee tokkollee hin kenninu. Wal ga`ii OPDO-n nu waamuttis hin hirmaannu jechuun Warra wal ga`ii geggeessuuf dhufe Qaanessanii wal ga`ii isaanii dhiisanii ba`uu fi Dabballoota OPDO qaanessanii ofirraa deebisaniiru.


Humna namaa hanga 70 ol kan ta`an hojjettoota waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu murannoo fi kutannoo tokkoon gamtaa fi tokkummaan Dura dhaabbannaa isaanii Mootummaa Wayyaaneetti agarsiisuun wal ga`ii isaanii irratti akka dinagdee tokkollee maqaa hidhaa Galaana Abbaayaa jedhuun ykn guuramu akka hin kenninee fi yaada kanallee akka moramanii fi nuti gaafiin keenya gaaffii Bilisummaati! jechuun yaada isaanii ibsachuun wal ga`ii sanas diiguun murannoo fi kutannoon dura dhababannoo isaanii itti muli`saniiru.
Waan kanas akka Qilleensarra nuufa oolchitan jechuun Namootni 70 hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Eebantuu dhaammataniiru.
Gamtaa fi Tokkummaan yoo hojjennee fi diina keenya dura dhaabbanne akka in jifannu shakkii tokko hin qabnu jedhaniiru!

Dying Ethiopian language revived

Dhaloota Dhugaa Dhaale

Jiituu Lammii –Unbarsiitii Finfinnee
Bara 2006, warri ormaaf ergamuu jiruu isaanii godhatan abjuun ittihammaatee, irribni toluu dinnaan, ‘ooda’ gaafachuu gara gooftaa isaanii imalan jedhama. Gooftaan isaaniis rakkoo isaanii dhaggeeffatee hanga ayyaanni isaa ittimuul’ise fala himeef. ilmi abaarsaa gaangee abaarsaa fe’ata’ akkuma jedhan jarris ooda gooftaa isaanii fudhatanii galanii “… kitaabni barnoota afaan Oromoo tokko otoo hinafne barataarraa nuu funaanaa…!” jechuun labsii baasan. Akkuma jedhame kitaabni Afaan Oromoo walitti qabamee, ‘hogeessi’ dhibee achi keessa dhokatee abjuu nama yakku qoraachuu danda’u filatamee, kitaabicha fuula fuulaan as qabanii, achi qabanii dhamaatee guddaa boodaa “…falli argame…!” jedhanii, maddi rakkoo isaanii isuma ta’uu irratti walii galanii, daboon ba’ee suurriifi seenaan J/Taaddasaa Birruu fuula kitaaba barnootaa keessaa buqqa’ee akka gubatu ta’e. “Ishoo!! Qabbanoofne. Falli argame. Kana booda obbaafanne…!” jedhanii ililleen hanga dhabee, gooftaa isaaniif hooqubaa galchanii ofii galanii rafnaan dubbiin ittuu caale. Nagaanis hinargamnee, abjuunis hintolle. J/Taaddasaa dhugaa saba isaatu uume. Dhaloonni ittaanummoo dhugaa kana dhaale. Muul’ata kana fudhatee ba’e. Kanaaf diina yaaddessa. Kanaaf diina abjuun milkii dhabe. Otoo beekanii Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e dura dhaabbatan.
Ammas seenaa kana dhaggeeffadhaa. Waggoota jahan baranaati. “Gadaatu saddeeta naanna’e; kuni seenaa addaati… ‘millennium’ Toophiyaatu gahe…” jedhamee, addunyaan dhagahee, masaraa guddaa ijaaranii, cidhii guddaan qophaa’ee, “…maaloo nurraa hinafiinaa…!” michoota isaanii kadhatan. Guuyyaa cidhichaa, misirroon cidhichaa arraba qaratee, gaachana rasaasa qolatu gidduu dhaabatee amaamota isaa fuulduratti: Jabina abaabayyuufi akaakayyuu isaa jajee, qaroomina isaa faarsee, hunda caalammoo jabaa jabaa caalu ta’uu isaa nu akeekkachiisee guyyichi darbe. Warrii kaanis jala jalaa ka’anii isuma dur dhageenye irradeddeebi’anii, faarsanii, gabbisanii akka nuti hindagannetti nu yaadachiisuu yaalan. Dubbachuuf jarri sibiila uffatanii sibiila qabatanii qe’ee nu dhuunfatanii, otuma beeknu, akkuma isaa wallaallee otuma dhaggeeffannu bara eegganne. Gaafa guyyaan gahe, hidhannoon sibiilaa, hirree jabaataan, gaachanni sibiilaa Adda Dhaloota Dhugaa Dhaalee, saba muul’ata qabuu duratti hinoofkaluuti – Mataan warra dhugaa cabsuuf dhaadatuu harka dhoksaatiin yoo mataarra rukutamu arginee bubbultii keessa nus kunoo dhuga baatuu taane.
Dhaloota dhugaa dhaale fuuldura homtuu hindhaabatu. Dhugummaa dubbii kanaa caalatti qalbeeffachuuf ammas seenaa biraa daballee haa ilaallu. Gurmuun diina dhaloota kana fuuldura dhaabachuuf jecha karoora tokko baase. Akka karoorichaatti, koree tokka ijaaramee dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata qabu ajjeesuuf bobba’e. Hunda dura, mataan koree kanaa nama Abbaa Duulaa Gammadaa jedhamu (Jenerala raayyaa waraana Wayyaanee, yeerichatti, ittigaafatamaa dhimma oddeeffannoo raayyaa waraanaa) kan ture ta’uu seenaa boriif jecha haa qalbeeffannu. Koreen kun namoota dhugaa sabaaf dubbatan, namguddoota seenaaf duudhaa sabaa beekan ajjeesuu akeekkate. Ajaja koree kanaan Sabboontota Oromoo hedduutu galaafatame. Bal’ina dubbii kanaa seenaaf bulchinee Ka’umsa dubbii keenyaaf akka tolu qofa waa tokko ilaaluu yaalla.
Sabboontonni hedduun galmee jara kanaarratti qabamaniiru. Eessaafii eenyurraa akka jalqaban erga mar’I’atanii booda murni tokko ambotti qajeele. Eenyufaa akka du’an maqa namoota hedduu tarreeffatee, galgaltuu, magaala Amboo, masaraa mootummaa durii keessatti walgahe. “Eenyu haa ajjeefamu…?” maqaan sabboontotaa hedduu erga tarreeffamee booda, harki lakkaawamee sagalee caalmaatiin murteen kan obbo Daraaraa Kafanii ta’e. Daraaraan Ajjeefame!! Duuti sabbonaa kanaa goota lakkooftuun ittihinbaane Ambo keessaa biqilche. “…Daraaraa; dhiigni kee halkan tokkotti goota kumaatama akka biqilchu ormi hinbeeku…!” jechuun uummanni Oromoo naannoo Amboo xiiqiidhaan dhaadate. “Otoo beektee nattuu hinduttu.” jedhe qeerransii sareedhaan. Warrii dhaloota dhugaa dhaalee du’aan dhaabuuf yaalan Dhugaan laphee dhalootaa dhuunfate ajjeesuu akka hindandeenye arganii qaaniidhaan jiraatti goguu jalqaban. Warrii har’a lubbuun hafan jireenya akkamii akka jiraatan qalbfeeffadhaa! Dhiigni dhaloota dhugaa dhaalee jiraatti nama ajjeesa. Gootota lakkoofsi ittihinbaane biqilcha.
Ammas waatokkon dabala, haalli mijataa ta’uu baatullee, sabboonummaan jajjabaatee, dhaloonnii seenaa, afaan, adaa, safuu, walumaagalattii eenyummaa isaa barbaadu heddummataa deemuun rifaasuu diinaa dachaan dabale. Gaaftokko namguddoonniifi dargaggoonni muraasni Waldaa Maccaafi Tuulamaa jalatti koree Aadaafi Seenaa hundeessuun guddina sabboonummaa Oromoo daran saffisiisuu eegalan. Birraa barii, Irreessa qabatanii Irreeffannaaf Oromoo dammaqsanii gara Hora Harsadeetti qajeelan. Diina duraanuu yaaddootti jiru yaaddoo dabalataa itti ta’e. “Taa’anii ilaalurra” jedhanii, kashlabboota ganda keessaa maallaqaan bitee namguddoota kana karaatti miidhuuf yaalii godhan. Sabni dhugaa qabatee ka’e galaana. Har’a, Oromoon Ayyaana kanaaf Harsadiitti walga’u diina balbala duraa mitii ormaa fagooyyuu raajera. Warri baras Maanguddoota muraasaarratti okkara qindeessan har’a liqimfamanii harka kennanii, otoo hinjaallanne Oromoo wajjin yoo Irreessa baatan argaa jirra. Dhaaloonni dhugaa dhaale, diina duuffisa. Liqmsii bira darba. Kunis moo’icha Qabsoo Oromoof ragaa tokko.
Addi dhaloota Dhugaa dhaaalee labsii labsiidhaan diiga. Mee dubbii koo xumuruun dura ammallee waatokko waliin haa yaadannu. Waggoota muraasa dura, “Oromoon akka Finfinnee gadi lakkisu labsii baase. Labsiin kun hanga har’aatti Oromoo biratti moggaasa “guyyaa gaddaa” jedhamuun yaadatama. Waggaa tokkoo booda, haalli labsii kana labsiin diigu dhalate. “Finfinneen kan Oromooti!!!” jechuun labsii labsiin diige. Ittidaddabaluun, “manneen barnootaa Addaa Afaan Oromoo ittibarsiisan Finfinnee keessatti akka ijaaraman, Giddugalli Aadaa fi Seenaa Oromoo achumatti akka dhaabatu.” Jechuun danuu wixxifatan. Diinni faayidaa mataa isaatiif jecha olii gadi gaggaragalullee, ciniinsuu kana duuba dhugaa tokkotu jira. Dhugaan Saba muul’ata qabuu waraana dhokataa namatti kaasa. Halkan irriba dhoowwee labsii labsiin geeddarsiisa.
Dubbii koon guduunfa. Dhaloonni dhugaa dhaale galaana. – gaara jigsee, tulluu buqqisee, hededa diigee, haafaafi haasura karaarraa haxaayee deema. Dhaloonni dhugaa dhaale, sabni muul’ata qabu bu’aa bayii har’aa ilaalee galma isaarraa hingufatu; dadhabbii har’aa dhaggeeffatee waakkiin wal hindadhabsiisu; ulfina boruu caalchifata; galma buruut ilaala – Obsaaf hubannoodhaan lafa kakuu isaatti xuruura. Eebbaan galma isaa dhuunfata. Otoo diinni hinaafuu,otoo ormi danqaafi danqaraa karaa isaarraa tuuluu – akka galaana hidha diigee, furga’ee timjii isaa dhuunfata. Diina liqimsee, duuffessee, kararraa caccabsee dhawaata biyya isaa deeffata. Burqaan isaa mirgisee yaa’ee lafa gogaa magarsa; galaana hinguune ta’ee gaafa caamsaan hammaatu, bara bonni jabaate ittibaqatu. Kuni egeree saba kiyyaati. Dhugaa saba muul’ata qabuuti. Warrii egeree kana arguu dadhabdanii karaarraa maqxanii gumgumtan karaatti deebi’aa. Dhaloota dhugaa dhaaletti makamaa; Wajjiniin bobba’aatii lafa eebbaa dhuunfadha. Yookaniif “Okolee diddu, Okkotee hindiddu” akka jedhan ta’a. Dhaloota dhugaa dhaale, saba muul’ata fudhatee bobba’e wanti dhaabu hinjiru. Xumureerra!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!

Saturday, October 19, 2013

Maddi Jabina Diinaa Qabsoo Bilisummaaf Taasifamu Keessatti Wal-duukaa Hiriiruu Dhabuu Keenya Malee Baay’ina Qawwee fi Tika Qabuutii Miti!

Baareentuu Gadaa irraa                                                                           19/10/2013

Yeroo baay’ee namoonni tokko tokko beekaniis haa ta’u wallaalan jabina diina Oromoo kaleessaa haga har’aa gabroomfatee jiruu olkaasanii dubbatu. Baay’ina waraana isaanii fi jabinaa tikaa isaanii garmalee dhaadheessanii lafa nagahatti shoroorkaawu.  Bara Minilkis, bara H/sillaasees, bara Dargii fi wayyaanee harr’as karuma walfakkaatun waraanaa fi tika jabaadhan kan of ijaaran ta’utu dubbatama. Keessattuu “Wayyaaneen murna meshaa waraanaa hanga funyaanitti hidhattee dha?!,  Murna humna waraanaa eenyuu sochoosuu hin dandeenya ijaarte dha,!?   Murna tika waan halkan habjootanilleen beekuu danda’u qabduu dha!?, kanaafuu maaltu danda’ee sochoosa!?”jedhaniit hololu.  Holooltoonni kun Jaleewwan wayyaanee yoo tahan; namootni “ nu sabboonoo dha” ofiin jedhan tokko tokkos keessatti argamu!. Yeroo baay’ee “Yoo biyyi akka Ameerikaafaa nama gargaarte malee  wayyaanee dhiibanii kuffisuun hin danda’amu” jedhu. Ofii sodaatanii isa hafees sodaachisuuf, ofii abdii kutatanii isa hafes abdii kutachiisuuf ennaa dhamahan muldhatu! Hanga harr’aa garuu Oromoon holoola kanaan abdii kutatee gaaf tokkoofilleen bittoota Habashaa kaleessaas ta’e wayyaanee harr’aatif “amiin” jedhee bulee hin beeku.
Wayyaaneen humna uummattoota biyyattii keessattuu humna uummata Oromoo caaltun hin qabdu. Qabaachuus hin dandeechu. Waraanas ta’ee tikni wayyaaneen qabdu abbootii irree Itiyoophiyaa bulchaa turanii irree cunqurfamtootaatin kufanirraayis ta’e abbootii irree biyoota biraa kanneen danbalii diddaa uummataatin kufanii fi kufaa jiranirraa adda ta’ee miti. Jabinni waraanaa, baa’inni tikaa, lakkoofsi qawwee wayyaanee kan guddaa fakkaatee muldhatu hanga uummanni gabrummaa jala jiru kan akka Oromoo  bilisummaa isaa gonfachuuf “hooooo!!!!!!” jedhee bahee irra hin garagalletti.
Mootummaan  Wayyaanee/IHDG amma odeeffamaa jiruufis, amma Odeeffatus hin gahu. Keessi ona, keessi duwwaa dha, dhaaba wal nyaatinsi guddaan keessatti deemaa jiruu dha. Keessattuu yeroo ammaa kana mootummaa wal shakkii fi wal sodaadhan guutamee dha. Kanaaf raggaa guddaan wayyaaneen saboota biraarraa amantii dhabuu ishiitiin mootummaa harr’a Impaayera Itiyoophiyaa bulchaa jiru keessatti haangoo murteessaa fi olaanaa dha jette sassaabbatee qabachuu ishiiti. Kun sodaarraa madda. Waraana duraan ture ariitee kan dhalattoonni Tigraayi qofti olaantummaa keessatti qaban bifa haaraan ijaaruuf karoorfattee itti deemaa jiraachuunis ragaa lammataati.  Haangoo waraanaa, tikaa, diingdee fi dantaa alaa  walumaa galatti haangoo biyyattii dhibbantaa 95ni ol dhalattoota Tigraayin akka qabamu godhuun sodaa malee jabinarraa hin maddu! Murna sodaan guutamtee fi jeequmsa keessa jirtu ta’uu kan mirkaneessu ragaan biraa ammoo wal hidhaa, wal hari’aa fi iddoorraa wal jijjiiraa jiraachuu isaaniti. Miseensotni wayyaanee/IHADG garii ammoo kan kumootaan lakkaawwaman miseensummaa paartii gadhiisuuf iyyachuun ragaa wal-jeeqaa jiraachuu isaanii mirkaneessu kan biraati. Mallattoon akkasii ammoo gama kamiinuu mootummaan wayyaanee/IHDG diigamaa jiraachuu malee jabaachaa jiraachuu hin ibsu. Hololtoonni fi jala deemtoonni wayyaanee waan fedhanis jedhan dhugaan jiru motummaan wayyaanee/IHDG muka keessa isaa Urtoon/Riirimni/ fixxee baddaan yeroof calaqqiisuu dha.
Wayyaaneen osoo murna jabaa fi ofitti amantaa qabdu taatee saboota biyyattii dhibbantaa 95ni ol ta’an waan hundarraawuu uggurtee  mootummaa saba tokko qofaan hoogganamu hin ijaartu. Osoo jabina qabaattee bakka deemteetti gaaddidduu ishii shakkaa fi bir’ataa, dhiittaa mirgaa raawwataa hin deemtu. Murna “Harr’a- Bor…… kufinnaa laata?” jettee sodaattu waan taateef saboota biyyattii keessattuu saba Oromoo ukkaamsaa jirti. Murna akkasiitif jabina keennuun ammoo of tuffachuudha, amma gahan of wallaaludha, dukkana kaleessaa keessa jiraachuu dha.
“Wayyaaneen Erga keessi ishee bututaa fi kan hirkattummaan jiraattu ta’ee waggoota 22f akkamittiin Oromoo fi saboota cunqurfamoo biroo dhiitaa jiraatte?” kan jedhu gaaffiin ka’uu danda’a. Gaafii gaafatamuu qabuu;! gaafii hundi keenya of gaafachuu qabnuudhas, Gaafii kanaaf deebii gabaabaa lafa kaa’un ni danda’ama. Innis irree tokkoon gabroonfattoota kaleessaas ta’ee wayyaanee harr’aa irratti ka’uu dhabuu keenya! kan jedhuu dha. Tokkoon tokkoon keenya murna kana kuffisuu keessatti waan gumaachuu dandeenyu gumaachuu dhabuu keenya kan jedhuu dha.
Oromoon baha Afrikaatti uummata guddaa tahuun irra deddeebi’amee firaanis halagaanis dubbatameera. Gaafiin garuu amma guddina keenyaa bilisummaa keenyaaf qabsaawaa jiraayii ? kan jedhuu dha. Waan dandeenyuun qabsoo bilisummaa Oromoof godhamu keessatti hangam hirmaanne? kan jedhuu dha.  Diinni maal godhaa jira ? nuti hoo warri bilisummaa Oromootif qabsoofna jennu kufaatii diinaarratti hojjechaa jirrammoo waan diina fayyadu hojjechaa jirra? kan jedhuu dha.  Sana booda jabina diinaatii fi jabina lammii madaaluun ni danda’ama.
Dhugaa yoo dubbanne  biyya keessatti dhalataa Oromoo tahee isa qawwee diinni Oromoo ittiin ajjeesu sababa adda addaatin baatu fi isa lammii basaasuurraa kaasee hanga namoota biyya alaatti faallaa  qabsoo bilisummaa Oromoo hojjataniitti yoo kaafnee ilaalle  kan diinni nurratti dalagurra kan ofii ofirrati dalagnuu fi dalagnetu caala. Ennaa inni tokko bilisummaa Oromootif lubbuu isaa dabalatee waan hundaan of kennee funduratti deemu inni biraa ennaa faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo deemu muldhata. Humna, qabeenyaa fi beekumsa isaa kan bilisummaa Oromootif ooluu danda’u gita isaarratti ittiin holooluuf oolcha. Walitti dhufanii mari’atanii bilisummaa Oromootiif karaa qabsoon calqabame finiinu itti dand’u akeekurra gufuu wal jala kaa’uutu filatama. Kun ammoo karaa fedheenuu hojii diinaatii gadii miti. Oromoon har’as, kaleessas kana hin barbaadu. Deemsii akkasii akka murni wayyaanee bicuun caalaatti Oromoorratti roorriftu, akka humnaa fi dandeettii ishiitin ala maqaa argattu taasiseera. Humriin sirna murna tanaa dheerachuunis asirraa burqa. Maddi holoola jabina ishiitiis kanuma malee meeshaa waraanaa fi tikkaa adduunyaa biraarra adda ta’ee fi hin jirre qabaattetii miti. Qaawwa kana cuufanii bilisummaa ofii gonfachuun ammoo kan nama “Ani Bilisummaa Oromootifan qabsawwa!” jedhu maraati.
Kan jedhamaa jiruus ta’ee kan uummanni Oromoo barbaadu ilmaan isaa diinarratti qiyyaafattee akka Yeyyiis diina bitaa mirgaan weerartee akka irraa kufiftuu dha. Akka bilisa isa baaftu dha. Kan ummanni Oromoo jedhu, kan ta’uu qabus eennaa inni tokko fuunduratti deemu inni kuun faallaa qabsoo bilisummaa Oromoo duubatti deemuu haa dhaabudha! Wal faalleessuun, wal diiguu fi walirratti holooluun dhaabbachuu qabaa dha! Xiqqaa guddaan keenya diinarratti qiyyaafachuu qabnaa dha! Tokko taanee daandii bilsummaatti nama geessuu haa gabaabsiinuu dha. Kan ta’uu qabus kanuma!
Yoos umriin diinaa gabaabbata,Yoos Oromoon dheebuu bilisummaasaa baha.  Yoos Jabinni wayyaanee sobaan tuulame, meeshaan waraanaa fi tikni garmalee dhaadheeffamuuf akka fixeensa ganamaa baqee bada.

Jailed Ethiopian journalists challenge use of terror laws to silence dissent

MLDI and Freedom Now have submitted a petition to the African Commission on Human and Peoples' Rights asking it to declare the systematic imprisonment of independent journalists in the country a gross violation of human rights, and to refer it to the African Court for a binding ruling.
Two Ethiopian journalists imprisoned under Ethiopia’s anti-terror laws have appealed to the African Commission on Human and Peoples’ Rights arguing that their conviction and imprisonment for alleged terrorist activity violates their right to freedom of expression and to a fair trial.  Veteran journalist and blogger Eskinder Nega and freelance journalist Reeyot Alemu were convicted of terrorist activity for articles criticising the Ethiopian government and accused of using their right to free speech as a cover for terrorist activity.

Mr Nega and Ms Alemu are just two of many journalists imprisoned for voicing opposition since the Anti-Terrorism Proclamation was introduced in 2009.  In 2011, more journalists went into exile from Ethiopia than from any other country.  Those imprisoned face conditions of detention which fail to meet basic human rights standards, including the denial of the right to receive visitors. The UN High Commissioner for Human Rights, the African Commission, and a number of UN special rapporteurshave all criticised the use of the overly broad and vague provisions of the Anti –Terrorism Proclamation such as “encouraging terrorism” to imprison journalists, opposition party members and other dissenting voices. 

Both Mr Nega and Ms Alemu are award winning journalists and shared the Human Rights Watch Hellman-Hammett Award in 2012, awarded to journalists targeted for political persecution.  Mr Nega has been working as a journalist since 1993.  Prior to his most recent arrest in September 2011, he had been arrested on 7 previous occasions.  He was sentenced to 18 years imprisonment in July 2012 for various offences under the Anti-Terrorism Proclamation.  The UN Working Group on Arbitrary Detentionrecently found that Mr Nega’s ongoing detention violated international law.  His articles call for peaceful opposition to the government and expressly denounce the use of violence. 

Ms Alemu writes on topics such as government policy and spending, the lack of an independent media in Ethiopia and the mistreatment of minorities.  Her arrest in June 2011 occurred several days after she published an article criticising practices of Ethiopia’s ruling party.  She was initially sentenced to 14 years imprisonment for offences under the Anti-Terrorism Proclamation, reduced to 5 years on appeal.  Both journalists were reported to have spent time in solitary confinement.  Mr Nega was also alleged to have been beaten and Ms Alemu was deprived of medical care following surgery 15 months ago. 

The appeal to the African Commission was filed on behalf of Mr Nega and Ms Alemu by MLDI’s senior legal counsel, Nani Jansen, Patrick Griffith of Freedom Now, and barrister Korieh Duodu. 

The appeal argues that the conviction and imprisonment of the journalists for terrorist activity was solely because of their criticism of the government and violates both their right to freedom of expression and their right to a fair trial.  It also argues that the failure to provide medical care to Ms Alemu violates her right to health.  The treatment of Mr Nega and Ms Alemu highlights the serious violations of human rights that are occurring in Ethiopia under the premise of restricting terrorist activity.  In light of the widespread use of the Anti-Terrorism Proclamation to prosecute journalists and other dissenting voices, the journalists have asked the African Commission to refer their cases to the African Court on Human and Peoples’ Rights as part of a series of massive or serious violations of human rights. 

“We hope that the African Commission will recognise the serious nature of the violations of the rights of both these, and other, journalists in Ethiopia and refer the matter to the African Court.  Critical comment on political matters should never be considered as supporting or encouraging terrorist activity” said MLDI’s senior legal counsel, Nani Jansen. 

Patrick Griffith of Freedom Now commented that “The continued detention of Mr Nega and Ms Alemu is a clear violation of their fundamental right to freedom of expression and has been widely condemned by the international community—they must be immediately released and allowed to return to their important work.”
The African Commission on Human and Peoples’ Rights next meets in ordinary session is from 22nd October to 5th November in Banjul, the Republic of the Gambia. 


Ethiopia deny attack on Nigeria team bus

Nosa Igiebor


The Ethiopian Football Federation (EFF) has denied that there was an attack on the Nigerian team in Addis Ababa after their World Cup play-off first-leg tie.
The Nigeria Football Federation (NFF) said the team bus was attacked by Ethiopian fans and that midfielder Nosa Igiebor was injured.
The Super Eagles, who won the match 2-1, have reported the incident to Fifa.
But the Ethiopian FA says an investigation led to no proof of the incident taking place.
"There was no attack," EFF president Juinedin Basha told BBC Sport.
"There was no one injured - either players or individuals from the Nigerian team on Sunday. This is what we found out from our investigation.
"We have checked everything. We've got nothing that shows a player or any other individual was injured by fans.
"The Ethiopian people are known to be respectful to any African from every corner. This is our culture, this is our history and the Nigerians are our African brothers," he said.
Basha, however, acknowledged that there were some angry fans, following a late penalty, which was converted by Nigeria's Emmanuel Emenike.
"Of course the stadium was full of angry fans, who were disappointed by the referee's decision, especially after he ruled out the first goal."
The Walya Antelopes thought they had opened the scoring after 24 minutes through Saladin Said, only for Godfrey Oboabona to clear off the line.
The NFF said in a press statement that fans attacked the team bus with stones after the match, and that the rear window of the bus was shattered.
"Igiebor was the unlucky one as the stone slashed his right palm leading to profuse bleeding that was immediately attended to by team doctor, Ibrahim Gyaran," Ben Alaiya, the Super Eagles press officer, said.
The Ethiopian FA was fined last January after travelling Ethiopian fans at the Africa Cup of Nations in South Africa threw bottles at Zambian players.
The East Africans travel to Calabar on 16 November for the return leg of the play-off, with the winners progressing to the World Cup finals in Brazil.

=>bbc