Friday, November 1, 2013
Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti diddaan barattootaa Oromoo Itti Fufe
Gabaasa Sadaasa 1,2013 Haromaya ,Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Debre Berhan keessatti diddaan barattootaa dhalachuun mootummaa Wayyaanee muddama keessa seensisee jira.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti Onkoloolessa 28,2013 irraa eegalee barattootni Oromoo gaaffiilee mirgaa cunqursaa Afaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa hedduu kaasanii jiran. Baajata mootummaan Wayyaanee barattootaaf ramadame dhimma siyaasaaf oolchuu irraas akka of qusatu barattootni gamtaan bulchinsa mooraatti gaaffii dhiyeessanii jiran. Yuunivarsiitii Dabra Behaan keesssattis gaaffiileen wal fakkaataan finiinuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee Impaayera Biyyattii keessatti gaaffiilee mirgaa jala deemtotaa ishee mudde dura dhaabbachuuf baajata olaanaa ramadaa akka jirtus saaxilmee jira.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti Onkoloolessa 28,2013 irraa eegalee barattootni Oromoo gaaffiilee mirgaa cunqursaa Afaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa hedduu kaasanii jiran. Baajata mootummaan Wayyaanee barattootaaf ramadame dhimma siyaasaaf oolchuu irraas akka of qusatu barattootni gamtaan bulchinsa mooraatti gaaffii dhiyeessanii jiran. Yuunivarsiitii Dabra Behaan keesssattis gaaffiileen wal fakkaataan finiinuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee Impaayera Biyyattii keessatti gaaffiilee mirgaa jala deemtotaa ishee mudde dura dhaabbachuuf baajata olaanaa ramadaa akka jirtus saaxilmee jira.
=>qeerroo
Hanga Tokko Waa’ee Jaal Obsee Margoo Irraa
Yahyaa Jamaal*
Waa’ee du’aan boqochuu Jaal Obsee Margoo yoon yaadadhu ammayyu garaan na laalata. Akkuma tasaa dhibamtee yeroo gabaabduu keessatti addunyaa kanatti nagaa dhaammachuun ishii dafee naaf amanamuu dide. Ammayyuu soba natti fakkaata. Duuti nama hin filattu malee Obseef kun hin malle. Obseen akkuma maqaa fi bifa isii haadha obsaa ti. Obsa barattee obsa barsiisaa jiraatte. Hamilee jabaa hidhattee abbaa warraa isii, jaallanii fi firoottan isii mara hamilchiisaa baate.
Akka tasaatti boqochuun Jaal Obsee du’a jaallan qabsoo fi sabboontota Oromoo bakka adda addaatti kufan irraa adda taheef miti, kanin maqaa isii kaasee faarsu. Yookiis haadha warraa Hayyu duree ABO taateef miti kanin barruu kanaan isii yaadadhu. Obseen intala Oromoo kan dhiiraa dhalaan keenya, xiqqaa guddaan keenya beekkumsa qaalii irraa barachuu dandeenyu takka turte. Hanga ammaatti waa’ee isii barreeffamee ummataaf dhihaate keessaa kanin ni hanqate jedhu, kaniin keessa kootti dinqisiifachaa bahe gad baasee ragaa bahuufiifan waa xiqqoo kana katabuuf dirqame.
Dhuguma dubbachuuf Jaal Obsee Margoo Oromtittii dhugaa, tan maalummaa Oromummaa isa dhugaa barsiisuuf dhalattee jiraatte takka turte. Obseen amantii mataa ofiif hordoftu qabaattu illee, amantiin Oromoon hordofu hundi amantii isii ture. Obseen Kiristiyaana dhugaa turte. Obseen Musliimas. Obseen Waaqeffattuudhas. Gabaabumatti Obsee Margoo obbolummaa amantiilee Oromoon hordofu hundumaatti nama amantu turte. Kun dandeettii fi bilchinna Oromummaa ol’aanaa dha. Baay’een keenya kennaa fi hubannoo bilchaataa akkasii kana waakkatamne. Gariin keenya hangamuu sabboonaa Oromoo haa taanu malee, dhimma amantii irratti garuu womatu nurraa calaqqisa. Jireenya keenya keessatti yeroon amantiin Oromummaa keenya nu dagachiisu al danuu nu mudata. Amantii ofii keenyaaf hordofnu amantii warri kaan hordofu irraa addatti mararfachuu yaaluun bakka hedduutti ni mul’ata. Obsee Margoo goota dhimma akkasii kana irratti hin hamatamne turte. Obseen sabboontittii Oromoo qabsoof jecha biyyaa baate qofa osoo hin taane, haadha manaa hayyu duree dhaaba guddicha kanaa taatee waamamuufis obsa, gahummaa fi hamilee ol’aanaa itti qabaachuu isii jabina kanaan agarsiifte.
Obseen hawwii guddaa tokko qabaachaa turte. Gaaf tokko Oromiyaan bilisoomnaan kutaa Oromiyaa tokko tokkoon daaw’attee biyyoo biyya Oromoo mara irra ejjettee mul’achuuf hawwiti ture. Ilmaan Oromoo kutaa Oromiyaa mara waliin wal gartee guddina saba isii fi bal’ina biyya isiitiin gammaddee hafuura baafachuuf hawwii qabaachaa turte. Firoota isii bahaa dhihaa, kaabaa kibbaa fi giddu galeessaa waliin guyyaa takkaaf illee taatu waliin ooltee bultee haadha fira gobbuu tahuu isii ijaan arguuf dharraati ture. Kun hawwii Oromummaa dhugaa kan sabboontota baayée biratti mulátu tahuun ifaa dha. Haa tahuutii kan Obsee garuu adda fakkaata. Huccuu aadaa kutaa Oromiyaa hundaaf ilaalcha addaa qabdi. Isiidhaaf huccuun aadaa uffattu tokko uffata qofa hin turre. Isiidhaaf huccuu aadaa Oromoo Harargee, Baalee, Arsii, Booranaa, Gujii, Jimmaa, Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa, Walloo fi Waanbaraa jechuun, huccuu qaamatti uffatamu qofa osoo hin taane, bakka bu’aa (wakiila) kutaalee Oromoo kanneenii ti. Huccuu kutaa Oromiyaa tokko yoo uffattu waan firoota isii Oromoota kutaa sanii waliin jirtu itti fakkaatee booharti.
Waggoota lamaan tokko dura gaaf tokko ayyaana Irreechaa irratti wal argine. Uffata aadaa Walloo uffattee miidhagdee mul’atti ture. Eega nagaa wal gaafannee booda “Baay’ee sirraa bareeda.”n ittiin jedhe.
Jecha kootiif na galateeffattee kaatee akkas jette. “Eega kana jettee egaa, dirqama kudhan kan biraa of irra keessee jirtaa, beekkadhu.”
“Dirqama akkam?” nan gaafadheen, deebisee.
“Amma miidhagina huccuu isa kanaaf ragaa baatee jirta. Kan biraa kudhantu si hafe jechuu koo ti.” naan jette.
Wanti isiin jechuu barbaadde dafee naa gale. Osoon kana irratti yaada hin kennin na dursitee akkas jette. “Kutaan Oromiyaa kudha tokkoonuu uffannaa aadaa babbareedaa qabu. Amma bareedina uffata isa kan Walloof ragaa baatee jirta. Kurnan hafaniifis ragaa bahuuf dirqama of irra keessee jirta. Tokko faarsitee tokko dhiisuun eessaa ta’a ree?” naan jette seeqachaa. Itti aansitees, “ Hanga milkoofnee biyya keenya tokko tokkoon daaw’annee itti gammannutti huccuudhuma mallattoo keenyaa kanaan biyya keenya yaadachaa of jajjabeessina kaa.” naan jette. Dhugaa ishee ture.
Jechi Jaal Obsee Margoo kun gaafas dilas adda tahee natti hin mul’anne ture. Har’a garuu gurra koo keessaa baduu dide. Jechi isii sun hangam tokko jecha bara baraan jiraatu tahuun isaa har’a eega isheen du’aan nurraa adda baatee booda naa gale. Obseen naannoo turte keessatti sassaabduu firooma Oromummaa taatee beekamti ture. Dubartoota Oromoo walitti sassaabuun obbolummaa Oromummaa dhugaa barsiifte. Mooyxannoo gaarii qabdu kana babal’iftte. Akkuma maqaa isii obsa, akkuma bifa isii haadha simboo ta’uun hawaasa naannoo isheef fakkeenya taatee jiraatte. Jaala qabsoo qofa osoo hin taane giiftii kabajamtuu, garuu ammoo hundumaa waliin walii galtee fi amala namootaa hubattee waliin jiraachuuf nama kennaa guddaa qabdu turte. Oromoon hafnaan alagoota ollaa ishee illee biratti gaarummaa fi beektuu jireenya hawaasummaa tahuu isheetiin mararfatamti ture. Haadha Warraa Hayyu-Duree ABO akkuma jedhamte hunda naatoo fi ulfina Giifti-Durummaa guddaa nama gonfatte tokko turte Obseen.
Garuu duuti gara jabeettii dha. Obseen akkasitti faarsinuu fi jaalannu, jaalti teenyaa fi obboleettiin teenya qaaliin har’a nu waliin hin jirtu. Akka lamuu hin deebinetti akka tasaa deemteetti. Sirni owwaalcha ishees guyyaa muraasa dura biyya Norway, magaalaa Bergen, Waldaa Kiristyaanaa tokko keessatti raaw’atameera. Ani guyyaa owwaalchaa san bakka sanitti hin argamne. Namoonni dhibbaan lakkaawaman akka sirna owwaalcha ishee irratti argaman garuu quban qaba. Ilmaan Oromoo sirna owwaalcha Jaal Obsee Margoo irratti argaman keessaa gariin kanneen ilaalcha siyaasaatiin addaan babahanii bara dheeraa booda lafa sanatti wal argan faa dha. Suuraa namoota sirna owwaalchaa kana irratti argamanii yoon daaw’adhu, sagalee Jaal Obsee tokko waanin dhagahe natti fakkaate. “Yaa obboleeyyan koo ilmaan biyyaa! Hanga yoomitti gaafa du’aa qofa iyyaafattanii adda tokkotti walgeessuu? Maaloo utuma jiraan jirtanii wal iyyaafadhaa! Ana qofaaf hin booyinaa; walii keessaniifuu boohaa!!!….” kan jedhu.
Jaal Daawud Ibsaaf, maatii fi firoottan, akkasumas jaallan du’a Jaal Obseetiin gadditan maraaf jajjabinan hawwa.
Jaal Obsee Margoo biyyeen sitti haa salphattu!
Waaqayyo jennataan si haa qanansiisu!
* Yahyaa Jamaal: gulummaa75@gmail.com
=>gadaa
Oromo Beauty Pageant
Hegeree Media/OPride.com Present: Oromo Beauty Pageant (#OromoWeek Summer 2013)
Gochaa suukkanneesaan biyya Yamanittii baqattoota Oromoo irra gahaa jira.
Gochaan suukanneesaan baqattoota Oromoo daangaa biya Yaman keessatti akka irratti raawwatamaa jiru ibsame. Gochaan gara jabinaan dhala Oromoo irratti raawwatame kun ilmaan Oromoo mootummaa gabroomfaataa fi nama-nyaataa jalaa baqatanii lubbuu isaanii baraarfachuuf gara biyya Yaman yeroo seenaan kan irraattii rawwaatame ta’uun beekameera. Lammiin Oromoo marti akka beekuuf jedhamee odeeffannoon dabre akka ibsutti, “abbootiin garaa kanneen naatoo tokko ilmaan Oromoof hin qabne biyya Yaman keessatti maadheffatanii keessattuu handaara galaana Aden irrattii ilmaan Oromoo fixaa jiru,” jechuudhaan sagalee miidhaa hamaa Oromoo irra gayaa jiru beeksisan. Madheen Aden Yaman keessa jiru kun caasaa isaa magaaloota keessa diriirfachuun ilmaan Oromoo dinagdeen shaarafataa akka jirus madden oduu kanaa saaxilaaniiru. Madheen kun kan bu’uureffaame naannawa bara 2005 akka lakkoofsa awroppaattii yoo ta’u, hammeenyi kun ilma namaa kan ija keessaa baasu, kan qaamaa hir’uu godhu, dhiira qaama salaa kolaasu, shamarran immoo baatii tokko ykn sanaa ol halkaanii-guyyaa sagaagalummaa irratti raawwachuudhaan hojiin ala gochaa jiru. Jarreen kun alagaa wajiin ta’uun ergama diinaa bakkaan ga’uuf akka tattaafataa jiranis maddi oduu kun ifa godhee jira.
Dhuma irratti dhaamsi lammii Oromoo gama Yaman jiraniif dabre, bakka jiranitti daba irratti dalagamu hunda waliin tahanii akka dura dhaabbatan akkasumas sagalee isaanii gara dhaabbilee mirga dhala namaaf falmaniitti akka dhageessifatani fi Oromoon martinuu miidhama lammii Oromoo irra gahaa jiruuf gama dandayamee hundaan akka dhaqqabuuf sabboontonni ibsaa jiruu.
Thursday, October 31, 2013
Ethiopian opposition says members beaten, illegally detained
An Ethiopian opposition group accused police and security officials of beating, illegally detaining and abducting more than 150 of its members between July and September this year.
The Horn of Africa country has won international plaudits for delivering double-digit growth for much of the past decade, but rights groups often accuse the government of using state institutions to stifle dissent and silence political opposition.
Addis Ababa, long seen by the West as a bulwark against militant Islam in the Horn of Africa, denies charges that it is quashing dissent.
In a 39-page report launched on Thursday, the Unity for Democracy and Justice (UDJ) detailed what it said were "gruesome rights violations" committed against its supporters and members.
"One hundred and fifty members and supporters of the party have been subject to severe beatings, illegal detentions and abductions by police and security officials," party chairman Negasso Gidada told reporters.
"We are asking the government to stop these human rights violations and take those responsible to justice," said Negasso, who served as the country's president from 1995 to 2001, before joining the opposition.
A government spokesman declined to comment saying it had to receive the report.
Earlier this month, Human Rights Watch said many former detainees - including politicians, journalists and alleged supporters of insurgencies - were slapped, kicked and beaten with sticks and gun butts during investigations at Addis Ababa's Federal Police Crime Investigation Sector, known as Maekalawi.
Ethiopia intensified its clampdown on peaceful dissent after the disputed 2005 election, the New York-based watchdog said.
Back then, the disputed polls ended in violence and the killing of 200 people. Opposition candidates won 174 seats but many did not take them up, saying the vote was rigged.
In an interview with Reuters this month, Prime Minister Hailemariam Desalegn said the government was not to blame for the opposition's poor showing.
He has also accused some opposition party members of collaborating with rebel groups the government had previously labelled as terrorist organisations
.
But UDJ's leaders deny any links with the outlawed rebel groups, and warn the government that "stifling" dissent may encourage violence in the country.
"We are not requesting anything from the government side, we are requesting a level playing ground," Girma Seifu, a senior UDJ official and the sole opposition politician in Ethiopia's 547-seat parliament.
(Editing by James Macharia and Alison Williams)
=>reuters
Indian land grabs in Ethiopia show dark side of south-south co-operation
The takeover of peoples' land and water by corporations – even if they are from the global south – is a new form of colonisation

Women pick pigeon pea in eastern Ethiopia, where 80% of the population are engaged in agriculture. Photograph: Mark Tran for the Guardian
Women pick pigeon pea in eastern Ethiopia, where 80% of the population are engaged in agriculture. Photograph: Mark Tran for the Guardian
The idea of south-south co-operation evokes a positive image of solidarity between developing countries through the exchange of resources, technology, and knowledge. It's an attractive proposition, intended to shift the international balance of power and help developing nations break away from aid dependence and achieve true emancipation from former colonial powers. However, the discourse of south-south co-operation has become a cover for human rights violations involving southern governments and companies.
A case in point is the land grab by Indian corporations in Ethiopia, facilitated by the governments of both countries, which use development rhetoric while further marginalising the indigenous communities that bear the pain of the resulting social, economic and environmental devastation. It is against this scenario that international solidarity between communities affected by the insanity of a development model that prefers profits over people is reclaiming the principles of south-south co-operation.
Ethiopia's late prime minister, Meles Zenawi, welcomed India's expanding footprint in Africa as essential for his country's wellbeing, a vision shared by his successor, Hailemariam Desalegn. The Export-Import Bank, India's premier export finance institution, gave the Ethiopian government a $640m (£412m) line of credit to develop the controversial sugar sector in lower Omo. Indian companies are the largest investors in the country, having acquired more than 600,000 hectares (1.5m acres) of land for agro-industrial projects.
With 80% of its population engaged in agriculture, Ethiopia is home tomore than 34 million chronically hungry people. Every year, millions depend on aid (pdf) for their survival. Amid such hunger, large-scale land deals with Indian investors are portrayed as a win-win situation, modernising agriculture, bringing new technologies and creating employment.
Research by the Oakland Institute, however, contradicts such claims. Most of what is produced is non-food export crops while tax incentives offered to foreign investors deprive Ethiopia of valuable earnings. The promises of job creation remain unfulfilled as plantation work at best offers menial low-paid jobs.
Worse still, the Ethiopian government is using its villagisation programme to forcibly relocate (pdf) about 1.5 million indigenous people from their homes, farms and grazing lands to make way for agricultural plantations. Those who refuse face intimidation, beatings, rapes, arbitrary detention and imprisonment, and even death. The repression of social resistance to land investments is even stipulated in some land lease contracts: "[it is the] state's obligation to 'deliver and hand over the vacant possession of leased land free of impediments' and to provide free security 'against any riot, disturbance or any turbulent time.'"
It was to challenge this form of south-south co-operation that the Oakland Institute, in partnership with Indian civil society groups the Indian Social Action Forum (Insaf), Kalpavriksh and Peace, organised an Indian-Ethiopian summit on land investments in New Delhi in February. Obang Metho of the Solidarity Movement for a New Ethiopia and Nyikaw Ochalla from the Anywaa Survival Organisation, members of the Anuak community of Gambela, Ethiopia, travelled to India with shocking testimonies of how their community has been dispossessed of livelihoods, ill-treated and subjected to misery while the Ethiopian government leases land to Indian corporations at giveaway prices.
This coming together of Indian and Ethiopian civil society groups marks a turning point in the struggle for land rights and livelihoods in the two countries and beyond. For the first time, the agony of communities who face human rights abuses as their lands are taken over has reached the investors' doorstep, sending a powerful message to the investors and governments of Ethiopia and India. At the same time, it initiated a rewriting of south-south co-operation where the takeover of communal lands that have been homes, grazing grounds and water sources for generations, by corporations – even if they are from the global south – is being recognised as a new form of colonisation. It was a starting point, and plans for further collaboration are under way.
Unlike the Ethiopian leaders who met the Indian business delegations in person, Metho and Ochalla did not get a hearing with Indian government officials, despite several requests. Instead, it was activists who are challenging land grabs across India who travelled to New Delhi to meet them. They told how control over land and natural resources is spurring violent clashes in nearly 130 districts of India. Meanwhile, reports came in that 12 platoons of police had moved in on villagers in Govindpur and Nuagaon in Odisha, to forcibly clear lands for the Korean Steel Posco project. Women and children were beaten indiscriminately and people were arrested as they tried to prevent the demolition of their betel vineyards – one of the most viable local livelihoods.
We need to challenge the paradigm of development that trivialises and ignores the human consequences of these land acquisitions by corporate investors and governments. The idea that "some have to be sacrificed" for the "larger national good", which is nothing more than the double-digit economic growth that benefits a few, must be rejected – even if the deals are between developing countries and framed by the rhetoric of south-south co-operation.
• Anuradha Mittal is founder and executive director of the Oakland Institute, an independent policy thinktank based in Oakland, California
Subscribe to:
Posts (Atom)