Saturday, December 21, 2013

“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Y.G(2005) | Mudde 21, 2013
Gootummaan Maandeellaa sadarkaa Addunyaattu dorgomaa akka hin qabne, du’a isaan booda huabachuu kiyyatti ofittan gadda. Akkuma koo kana, Maadibaan nama akkasii turee ? jedhee kan of gaafachuu eegalee fi hubannoo kanaa qabaachuu dhabuu isaatti kan of gaafatu hedduu natti fakkaata. Maandeellaan Umurii isaa guutu of kennee murannoon waan inni raawwaten, eenyummaa isaa mirkaneessee jira. Namni na argaa na argaa hin beekne kun, Addunyaa keessa lo’ee seenaa amma kana hojjachuu isaa fi Addunyaa guutuun isatti amanuu isaa , du’a isaan wal-qabatee amma dubbatameef kana, lubbuun wayita jiru, kan dubbatame natti hin fakkaatu.(hanqinni jala bu’uu keenyaa akkuma jirutti ta’ee) Waan maraafuu Maandeellaa irraa kan barachuu barbaadu yoo jiraate, jalqaba adeemsa isaa waliin of madaaluu, itti aansee, adeemsi Bilisummaa maal akka fakkaattu fi barbaaddu ilaalanii  of qopheessuudha.
Maandeellaan Injifannoo sadarkaa addunyaatti nama boonsu kana gonfachu kan adanda’e, keessa ofiii ilaalee fi adeemsa diinaa ilaalee, dhaadannoo “Bilisummaan daandii dheeraa akka qabdu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf yeroo dheeraa akka gaafatu (Bilisummaan boodallee akka irratti hojjatamu qabu)”akeekkatee fi murteeffatee,  daandii dheeraa kana hunda  irra imaluuf ammoo, cichoomiina hin daddaaqamne akka isa barbaachisu of amansiisee kaanis amansiisee tarkaanfachuu isaati jedheen amana. Adeemsa jireenya Maandeellaa kana irraa kan baratamu kan biro, yoo ati humna qabaatte, addunyaan fuula sitti guurte hundi akka si waliin dhaabbattuudha. Kana malees ejjaannoo hin daddaaqamne qabaannaan, kan har’a dantaa isaaf jedhee sirraa galagalu hundi gaaftokko sitti galagalee akka si hammatuudha. Kana hundaaf bu’urri,KAAYYOO ofii yoo nutti qorree irraa dheessinee, yoo nutti ho’e itti fiigne odoo hin taane, yeroo qorraas, ho’aas waliin dhaabbannee irratti hojjachuu qofa. ODAAn bargaagee boonee kan dhaabbatu , hidda yk hundee isaatti abdateetu. Qabsoon Ummata tokkos hundeen isaa nama tokko irraa akka eegalu Seenaa Maandeellaa fi waa’eellan isaa yeroo rakkoos, gammachuus wal irraa hin dheessine irraa barachuun dansaadha.
Namoonni dhuunfaatti adeemsa isaanii ilaalanii of sirreessan, bu’aa argatan irraa ka’anii waloon wal ilaaluu yk gamaagamuun barbaachiisaa ta’u irratti hojjatu.adeemsi kun kaleessa irraa baratanii hegaree isaanii warra tolchuu badadaniif murteessaadha. Namni mana isaattis ta’e bakka maraattu, “of-ilaalii yk daawwiti”n of ilaalee , qaama isaa, uffannaa isaa/ishee, rifeensa isaa kkf tottolfatee Ummatatti asi ba’a. kun hundi maaliif akka ta’ee wal hin gaafannu. Namni isa ilaalu har’a akkam bareedda ? ykn uffannaan kee akkam namatti tola ? yennaa jedhamu gammachuu keessa keenyaa waliif haa dhiifnu. Gammachuun sun hundi of-ilaaliin dursinee of ilaallee dansaa ta’uu keenyatti amanuu keenya irraati. Garuu yeroo hundaa irra keenya ilaallee gaaffii of gaafannee, deebii sirreessii hatattamaa  akkuma ofii laannu, keessa keenya daawwitiin nu mul’isuu hin dandeenye gaafannee, deebii ofii ni laannaa ? isa jedhu ilaaluun barbaachiisaadha,
Maandeellaan Injifannoo addunyaa booji’e kanaaf kan ga’e, waan hundaa hojiin irra aanna, gaaffii keenyas gaaffii Ummataa ta’u hojiin argisiifne diina amansiifna jedhee halkanii fi guyyaa hojjachuun ta’uu miidiyaan guyyuu mul’isaa jira.Gootummaa Maandeellaa kanaaf bu’urri ammo Taaddasaan faa’aa keessa jiru. kana jechuun waanuma of harkaa qabnu gannee barbaachaa jirra jechuudha. Kanaafan of keessa ilaaluun dansaadha kanan jedheef. Seenaa Taaddasaa Maandeellaa qarutti ni dhaadanna taanaan, Taaddasaa faarsuu qofaa odoo hin taane, Taaddasaa taanee argamuu keenyatu alaa nu galcha. Addunyaa irratti kan arginu ilmi gootaa, goota abbaa isaa caalu ta’ee Biyya boonsuu argina. Keenyawoo ? kan seenaa faarsu moo, kan seenaa hojjatu taane dabruu qabna ? Nuuti seenaa Taaddasaa jennee faarsina. Dhalooti itti aanu seenaa abbootii isaa faarsu dhabee, seenaa akaakilee isaa faarsa jechuudhaa ?miidiyaaleen qooqa Oromoon tamsa’anis ta’e kaaniin tamsa’an, waan isaan gurra ummataaf ga’an akka dhaga’amuuf qofaa odoo hin taane, kan har’a jiru akka of ilaalee seenaa yeroo isaa akka hojjatuufi.
Of ilaaluun , bakka jiran hubachuudha. Yoo qalbii Ummata ofiif quuqamu qabaanne, Tokkon tokkoo keenya. dirqama sabummaa eenyullee kan itti nu hin dhiibiin garuu raawwachuu qabnu of harkaa qabna. Ammuma daawwitiin of ilaallee irra keenya namaaf tottolchinu , keessa keenyas odoo tottolfannee, Oromoo ta’u keenya qofaan, Waan sabbummaa keenyaaf raawwachuu qabnu lakkoofsa hin qabu. Hundeen isaa keessa ofii ilaalanii socha’uudha. Namni dhimma Ummataa yaadu , dantaa dhuunfaa ykn gaaffii dhunfaa kaasee, qabsoo keessaa ba’ee hin taa’u , yk akka maandeellaa odoo taane jedhee gaaffii of irratti hin kaasu . maaliif jennaan, Maandeellaan, Bilisummaan adeemsa waan ta’eef hanga waggaa 95 guute boqatutti irratti  hojjatee akka hin xumuramne waan beekuuf dhalootallee bakka buusuun akka irra jiru itti amanee tarkaanfataa waan turee fi bu’aa ba’ii isa mudatu maraa keessa yoo dabre qofaa BILISUMMAA harkaan qabachuu akka danda’utti amana waan tureef. kana of keessaa dhabuun ammoo yaadi fi fedhiin keenya hundi habuujuu ta’uu huabchuu qabna.
Bilisummaa caalaa Wanni nama gammachiisu maali ? gabrummaan akka namatti hadhaawu nu caalaa ragaa kan ba’u jira natti hin fakkaatu. Gabrummaan namatti hadhaawu dubbachuu ykn ragaa ta’uu keenya seenaa taasifannee dubbanna taanaan kun qaaniidha. Ammuma kana , gabrummaan nu miidhee jennee addunyaa irratti wayita iyyinu , keessa isaanitti, “maal jarri kun Ummata gootaati ofiin jechaa hin jirtu ?” jechaa gaaffii keenya fudhataniima akka irra taa’aan hubachuu hafnaa laata? asis qabnu achi, addunyaa humnatti amantee, wal balleessuuf meeshaa waraanaa kilo-meetira 2000 ol furgaafamu wal irratti hidhaa jirtu keessatti , yoo beeksifachuuf ta’e malee , sirna jiru irratti dhiibbaa umanii fala tokko nuu fidu jechuun fagoo nu tarkaanfachiisu.
Akka Maandeellaa of kennu . jirenya guutu qabsaa’uu , of ilaalii keessa ofii qabaachuu,daadii dheeraa keessa gufulee hedduun jiraatanis keessa baana jedhanii amanuu , waan lubbuu nama kumaantamaa barbaadu halkan tokkotti xumurama jedhanii yaadu dhiisuu, Bilisummaan booda kan jiru fi Anga’oota addunyaa irraa ykn wayyaanee akka ta’an ta’utti of tilmaamuu dhiisuu , yoo hojjanne qofaa waan yaannu akka argannutti amanuu, Qabsoo jechuun gama maraa kan ilaallatu ta’uutti amanuu, dhaaba irraa qofaa eegne eessallee akka hin geenye kkf qalbifachuun hegaree keenya tolcha. haqa tokkon barru kutaa 1ffaa kana xumura.
Keessa ANC , (Afriikaa kibbaa) warri beekan hedduutu jira. ANCn Maandeellaan hiikamuun bayyaannate, yeroo Angootti dhihaatu, humni isaa hangam akka ture kan beeku waa hedduu barata. Caasaan isaa hangam akka turee fi ammamtu cichee waliin ture ? isa jedhu kan dhaga’e keenya kana ilaalee abdii hin kutatu. ANCn meeshaa of harkaa hin qabu. Garuu cichoomina hin daddaaqamne qaba ture. Ummati ANC irratti waan hundaa gatee osoo taa’ee , waan har’a keessa jiran hin argan. ANCnis, Namoonni isaa dhumaa jiraachuu irraa waan jiru Ummatatti ceesisuu irratti murteeffate ture. Dhuma irratti Faranjoota warra gabroonfattootaa miti, ANC iyyuu caalaatti kan dammaqsee Fincila Ummataati jedhan. Miseensoonni ANC Ummata keessatti waan raajii hojjachaa jiran , Bilisummaa booda kan kaadhimamaniidha.warra gubbaa jiran dabalatee jechuudha.ANCn dikitaatara waan ta’eef Angoo gadhiisuu didee ? ega dikitaatara ta’ee ,warri dikitatarummaan qeeqan maaf Maandeellaaf kabajaa ammanaa kennaniif ?
Haala kanaan yoo of ilaalle maal keessa jirra ? bara 2013 waliin, kutaa 2ffaa keessatti ilaalla. BARRI 2014 BARA MURANNOO ISINIIF HAA TA’U !!!!
Galatoomaa !!!!!!!!!!!

Walitti Bu’insii Godina Harargee Bahaa Lubbuu Galaafate

Jaallannee Gammadaa

WASHINGTON, DC — Godiina Harargee Bahaa aanaa midhagaa tolaa keessa kan jiran gandeen 6 keessaa hidhattonni bulchiinsa naannoo Somaalee kanneen Liyyuu Poliis jedhaman nama afuur ajjesanii kanneen biroo lama madeessuu isaanii jiraatonni naannoo ibsanii jiru.
Uummanni bulchiinsa naannoo somaalee oromiyaa keessaa kilo meetra 30 seenuun qubachuu isaa fi qonnaa fi qabeenya Oromootaatti ibidda qabsisuun akka baqatan godhu jedhu jiraatonni aanaa midhagaa tolaa.
Sababaa tarkaanfii kanaan kan ka’e uummanni Oromoo abba warraa dhibba shan ta’an manaa fi qe’ee ofii gadhisanii godaanuu isaanii kan ibsan jiraatonni manneenii fi oomishatti ibidda qabsiisan jedhu.
Waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa midhagaa tolaa keessatti abbaan deemsa hojii walitti dhufeenya uummataa jajjabeessu kan ta’an Obbo Abduul Jabbaar Hamiid waa’ee rakkoo kanaa gaafatamanii namoota lamatu wal dhabe malee waan gara bulchiinsa naannoo ga’e miti jedhan.
Jarreeen wal dhaban lameen garuu gandeen bulchiinsa naannoo lameen irraa ta’uu hubachisanii Liyyuu poliis harka keessaa hin qabu jechuun falman.Sababaa rakkoo kanaaf namni mada’an lama wal’ansa argataniiru garuu kanneen du’an ilaalchisee gara fuula duraatti qorannee ibsina jedhan.
Rakkoon nama lama giddutti uumame battaluuma waan tasgabii horateef uummanni qe’ee ofii irraa godaanan kan jedhu soba jedhu Obbo Abdul jabbaar Haamid.
Mee tana ammoo caqasaa

Friday, December 20, 2013

Request to remove and ban the usage of term Galla in Kenya

FROM: OROMO REFUGEE TEACHERS, THE OROMO
REFUGEE COMMUNITY LEADERS, KENYA.
December 20, 2013
TO: KENYAN EDUCATION MINISTRY
NAIROBI, KENYA.
P.O.BOX 30040-00100,  

REQUEST TO REMOVE AND BAN THE USAGE OF TERM GALLA IN KENYA.
We, the Oromo teachers from Oromo refugee community in Kenya, are writing to you to bring into your attention the negative impact of the usage of a derogative and abusive word Galla to identify the Oromo in the text books of social studies used in primary and secondary education in Kenya. It is wrong terminology usage against Oromo identity which is unjustifiable historically to educate the nation.
In fact the people identify themselves as Oromo and their language as Afan Oromo, which is the correct terminology usage.
Although the Oromo nation is the second largest in Africa, it is forgotten by or still unknown to the majority of the world today, even the name Oromo. This is partly because of the colonial Ethiopian Emperors Menelik and Haile Sellesie and their successors which continued until today to treat Oromo with utmost cruelty due to their resistance to colony. The Oromo people endured a stagnant existence where ignorance and famine have been coupled with ruthless oppression, subjugation, and exploitation in all spheres of  life and above all extermination. Everything possible was done to destroy Oromo identity, language, culture, custom, tradition, name and origin.
In short, the colonizers maintained the general policy of genocide against the Oromo and use the term Galla to dehumanize and victimize Oromo and to destroy their identity and language. Such insulting name to the nation were abolished and eradicated by oppressed nation of 1974 revolution in Ethiopia and the usage of the term Galla is officially banned.
And sadly, to deny the Oromo the right to identity and as if this is not enough and to add insults to injuries, the term Galla is in use interchangeably for Oromo in text books of social studies used for education system in Kenya. To cite few books; the Evolution World, a History and Government course Form 1, by Oxford new edition 2010, under the topic Cushitic…………………the  Cushites group comprised of……….Galla(Oromo)………>> on page 78 and under the topic  Borana…………..the Boran are branch the Oromo or Galla people……….they speak Cushitic language called Galligna……on page 81 and also in other course book-Milestone in History and Government Form 1 by Longhorn publishers…..reprinted in 2010 under the topic Eastern Cushitic comprise of the Elmolo, Gabra, Oromo(Galla)….on page 40. And also in some many other course books published by Kenya Literature Bureau.
Hence, as we clearly tried to indicate above, such wrong terminology usage for Oromo identity  is illegal and it allows subjugation and victimization of Oromo children and people at large,infact it is clear violation of basic human Right Declaration of children’s basic right to good education and right to identify of Oromo nation.And this should not be allowed to continue by free and Democratic nation of Kenya and Africa.
Therefore,kindly we the Oromo refugees in Kenya would like to request the honourable education office and concerned authorities of institutions to totally remove the use of the term  Galla from educational books and further ban the usage of such abusive term against people in any written or oral form in Kenya.
THANKS FOR YOUR UNDERSTANDING AND LEGAL ACTION!
YOURS TRULY,
THE OROMO  REFUGEE TEACHERS
THE OROMO REFUGEE COMMUNITY LEADERS
KENYA

Ethiopian Boeing 767 crash-lands in Arusha


A Boeing 767 passenger jet rests at the end of the runway after making an emergency landing at Arusha Airport, which is designed to handle only light aircraft.  PHOTO | JOSEPH LYIMO 
By Zephania Ubwani,The Citizen Reporter

  • The Ethiopian-registered jet with more than 200 passengers and crew on board cruised the entire length of the runway before skidding and coming to a stop on the grass

Arusha.A Boeing 767 ferrying more than 200 passengers and crew had to make an emergency landing yesterday at Arusha Airport, which normally handles light aircraft. The Ethiopian-registered jet cruised the entire length of the runway before skidding and coming to a stop on the grass.
The mid-day drama raised questions about safety at the busy airport, which was thrown off balance last week when the tyres of a PrecisionAir plane that had just landed burst.
No one was injured in yesterday’s drama, which saw the plane skid into the rain-soaked grass at the end of the runway. It took hours, though, for the passengers to leave as the airport did not have the stairs normally used for disembarking and boarding.
Aviation officials were hard put to explain the circumstances in which the plane landed at Kisongo along the Dodoma-Arusha highway instead of Kilimanjaro International Airport (KIA), some 50 kilometres away. “It probably landed here by mistake,” said airport Manager Esther Dede. “The pilot was not supposed to land here because this is not an airport its size.”
Operations at the airport, which is used by scheduled and charter flights, came to a halt as rescue and fire teams and security officials rushed to the scene.
Arusha Regional Commissioner Magesa Mulongo arrived at around 3pm and took charge of the frantic efforts to free passengers stuck in the plane for lack of appropriate elevators. “What is being done now is to have people out of the aircraft and then reduce the cargo so that the plane can take off easily for another airport,” he told The Citizen on the phone.
The regional administrator, who is also the chairman of the Defence and Security Committee, confirmed that the plane “landed safely” and that nobody had been injured. Teams of security officials, including armed police, were at the scene to ensure law and order.
The doctor in charge of Mt Meru Regional Hospital, Dr Josiah Mlay, said doctors and nurses had been rushed in though nobody had been brought to the medical centre.
An aviation official, who spoke on condition of anonymity, said the aircraft may have been destined for KIA or any other major airport in the East African region. He hinted that the mishap could have been caused by human error or little knowledge of the area by the pilot.
Mr Bakari Murusuri, a senior official at Kilimanjaro Airports Development Company, which manages KIA, was unable to confirm whether or not the plane was headed to KIA but said the airport handles at least three Ethiopian Airlines flights a day.
He was also puzzled as to why the big aircraft landed at the Arusha airport. “In case of such emergencies, the plane could have been diverted to Dar es Salaam, Zanzibar or Nairobi,” he said. “We have not seen such a thing before.”
Immigration, customs and health services are not available at the airport because it does not handle passengers flying directly into the country. Arrangements were being made yesterday to transfer the passengers to KIA.
A local Arusha radio station reported late yesterday that it took hours for the doors of the plane to open. They did so only after special equipment was brought in. The plane made the emergency landing around noon.
Sources in Arusha said the plane approached from the east, leading to speculation as to why an aircraft that size was heading to the small airport. Said a source who did not want to be named: “We sensed something was wrong because of the way it was flying. It looked like it would crash.”
Hundreds of Arusha residents dashed to the scene, many of them watching the unfolding events from the safety of the main road as access to the airport was restricted.




Ethiopia's 'own Darfur' as villagers flee government-backed violence

BY STEVE BLOOMFIELD IN BOSASSO

Early one June morning, in Kamuda, a village of 200 families in the remote Ogaden region in eastern Ethiopia, 180 soldiers announced their arrival by firing guns in the air.

The village, they said, had been providing food and shelter for the Ogaden National Liberation Front (ONLF), a separatist rebel group . As the villagers froze in horror, the soldiers plucked out seven young women, all aged between 15 and 18, and left.

The following morning the youngest girl was found. Her body, bloodied and beaten, was hanging from a tree. The next day a second girl was found hanging from the same tree. A third suffered the same fate. The others were never seen again.

Shukri Abdullahi Mohammed, 48, a mother of seven children, lived in Kamuda. As she describes the fate of the seven girls – "the most beautiful girls in the village" – she tightens her headscarf around her neck to indicate the way they were killed. "I will not forget it," she says.

Days later, a 12-year-old boy from the same village was kidnapped by soldiers and gang-raped. Every night, soldiers would knock on doors looking for women to rape. "I did not want to wait until it happened to my family," said Mrs Mohammed. They left Kamuda and made their way across the porous border with Somalia, before travelling a further 300 miles by foot to the hot and humid port town of Bosasso.
About 100 Ethiopians are now arriving here every day. Their stories reveal the brutality of Ethiopia's hidden war, a brutal counter-insurgency that some aid officials believe has parallels with Darfur. Some estimates put the number of people displaced by the violence at 200,000 already.

According to accounts from refugees, Ethiopian troops are burning villages, raping women and killing civilians as part of a systematic campaign to drive them from their homes. They reported dozens of villages destroyed and accused the Ethiopian government of forcibly starving its own people by preventing food convoys reaching villages and destroying crops and livestock.

A former Ethiopian soldier who defected from the army said how he had been ordered to burn villages and kill all their inhabitants. He said the Ethiopian air force would bomb a village before a unit of ground troops followed, firing indiscriminately at civilians. "Men, women, children – we killed them all," he said.
"We were told we were fighting guerrillas – the ONLF," he said. "But we were killing farmers – they were not ONLF."

Those who managed to escape are living in a series of ramshackle refugee camps on the edge of Bosasso. Their shelters are made from pieces of cardboard and old rags, scraps of plastic sheeting and rusting corrugated iron.

Sat outside the shelters, on the grey expanse of dust and stone, voices overlap as refugees list the villages that have been destroyed. Kor u Celista, Gallaalshe, Fooldeex, Yoocaalle – places that were all once home to hundreds of families, now abandoned and empty, the huts burnt to the ground.

Abudllahi Shukri Mohammed, 30, a cattle herder from Dega Bur province tells how he was forced at gunpoint to work as a porter for a group of 300 soldiers. They took his 18 cows and made him and five other nomads carry heavy loads. After three long days marching through the Ogaden, Mr Mohammed tried to escape.

"They caught me and started beating me. They kicked me in the head and hit me with the back of their guns." With his right arm he motions the steady, repetitive smack of the guns against his body. His left arm lies limp on his lap. He has been unable to move it since the attack, his fingers fixed in an ugly formation.

"They beat me for two hours," he says, "then I fell unconscious. They thought I was dead so they left me."

Ethiopia claims it is defending itself against an insurgency launched by the ONLF in a region that has long been marginalised.

It claims villagers have been giving the fighters shelter and food. Analysts say Ethiopia has been attempting to reduce that support by emptying the countryside. Thousands have been moved to towns heavily controlled by the military. Anyone left in the villages is considered a possible ONLF supporter.
The Ethiopian military is not the only destructive force in the region. The ONLF launched its most daring assault in April. The group attacked a Chinese oil installation in Abole, killing nine Chinese and 65 Ethiopians.

It was that attack which sparked the fresh counter-insurgency – a fierce scorched-earth policy. In the Ogaden's main towns, Jijiga and Gode, the prisons are overflowing. "They are arresting anyone who they think might have a connection with the ONLF," says one human rights worker in Bosasso. "Some are being killed if the security forces don't believe they are telling the truth."

Human rights investigators are gathering evidence of widespread use of rape, with women reporting gang-rapes by up to a dozen soldiers. In some villages, men have been abducted at night, their bodies dumped in the village the next morning.

While in Darfur, aid agencies have been able to establish camps and provide humanitarian support, they have been blocked from setting up operations in the Ogaden. The International Committee of the Red Cross has been thrown out and Medicins Sans Frontieres has also been prevented from working. 

Journalists trying to enter have also been banned – those that have tried have been promptly arrested.
A UN team was allowed into the Ogaden last month to investigate allegations of abuse by Ethiopian troops. Its report was not made public but the team called for an independent inquiry.

But while Khartoum's counter-insurgency in Darfur has been described by the US as "genocide" and by the UN as "crimes against humanity", international condemnation of Ethiopia has, so far, been limited. Indeed, the US has given its backing to Ethiopia. America's top official on African affairs, assistant secretary of state, Jendayi Frazer, visited one town in the Ogaden last month.

On her return to Ethiopia's capital, Addis Ababa, she criticised the rebels and said the reports of military abuses were merely allegations. "We urge any and every government to respect human rights and to try to avoid civilian casualties but that's difficult in dealing with an insurgency," she said.

America sees Ethiopia as its principal Horn of Africa ally in the "war on terror". The US gave tacit approval for Ethiopia's Christmas invasion of Somalia which ousted the Union of Islamic Courts.
It also provided logistical and technical support for the operation and continues to help co-ordinate a response to the insurgency in Somalia's capital, Mogadishu, which seeks to destabilise the transitional government, propped up by Ethiopia.

The US provides some $283m (£140m) in military and humanitarian aid to Ethiopia and has trained its military – one of the largest and strongest in Africa.

The Ogaden has become the latest flashpoint in a broader conflict in the Horn of Africa. On one side is Ethiopia and the weak transitional government of Somalia, on the other is Eritrea and two insurgent groups, the ONLF and the Alliance for the Re-liberation of Somalia (ARS).

From West's favourite leader to grave-digger of democracy

Sat between a beaming Tony Blair and Sir Bob Geldof, Ethiopia's Prime Minister, Meles Zenawi, could hardly have wished for a stronger endorsement. The launch of Mr Blair's Commission for Africa report in March 2005 in Ethiopia's capital, Addis Ababa, enhanced Mr Meles's position as the British Government's – and the West's – favourite African leader.

Handpicked by Mr Blair to sit on the commission, Mr Meles was viewed as the man to lead the "African renaissance". He was seen as a leader committed to development and democracy.

But within two months of the commission's report being published, Mr Meles's star began to fade. Huge street protests erupted in Addis Ababa in May 2005 following a general election which both the government and opposition claimed they had won. Security forces opened fire on protesters, killing 193 people, and thousands of opposition supporters and leaders were arrested.

More than 100 opposition leaders were put on trial for treason while the police crackdown intensified. Text messages, which had been used to organise the demonstrations in 2005, were banned. The next time Mr Meles and Mr Blair found themselves sat next to each other, at a summit in South Africa, the stiff body language and the lack of eye contact between the pair underlined the deterioration in the relationship.

Britain still gives Ethiopia £130m in humanitarian aid each year – more than any other African country. Like the US, Britain has tried to retain a relatively close relationship with Ethiopia – one of its few allies in a volatile Horn of Africa.


Nelson Mandela Received Training From Israeli Agents, Secret Documents Say

Mossad Tried To Encourage Sympathy for Zionism

Icon and Israel: Nelson Mandela meets with Ehud Barak during visit to Israel in 1999.
GETTY IMAGES
Icon and Israel: Nelson Mandela meets with Ehud Barak during visit to Israel in 1999.

By Ofer Aderet and David Fachler


(Haaretz) — Nelson Mandela, the former South African leader who died earlier this month, was trained in weaponry and sabotage by Mossad operatives in 1962, a few months before he was arrested in South Africa. During his training, Mandela expressed interest in the methods of the Haganah pre-state underground and was viewed by the Mossad as leaning toward communism.
These revelations are from a document in the Israel State Archives labeled “Top Secret.” The existence of the document is revealed here for the first time.
It also emerges that the Mossad operatives attempted to encourage Zionist sympathies in Mandela.
Mandela, the father of the new South Africa and a Nobel Peace Prize laureate, led the struggle against apartheid in his country from the 1950s. He was arrested, tried and released a number of times before going underground in the early 1960s. In January 1962, he secretly and illegally fled South Africa and visited various African countries, including Ethiopia, Algeria, Egypt and Ghana. His goal was to meet with the leaders of African countries and garner financial and military support for the armed wing of the underground African National Congress.
A letter sent from the Mossad to the Foreign Ministry in Jerusalem reveals that Mandela underwent military training by Mossad operatives in Ethiopia during this period. These operatives were unaware of Mandela’s true identity. The letter, classified top secret, was dated October 11, 1962 – about two months after Mandela was arrested in South Africa, shortly after his return to the country.
The Mossad sent the letter three recipients: the head of the Africa Desk in the Foreign Ministry, Netanel Lorch, who went on to become the third Knesset secretary; Maj. Gen. Aharon Remez, head of the ministry’s department of international cooperation and the first Israel Air Force Commander-in-Chief; and Shmuel Dibon, Israel’s ambassador to Addis Ababa between 1962 and 1966 and former head of the Middle East desk at the ministry.
The subject line of the letter was “the Black Pimpernel,” in English, the term the South African media was already using for Mandela. It was based on the Scarlet Pimpernel, the nom de guerre of the hero of Baroness Emma Orczy’s early 20th century novel, who saved French noblemen from the guillotine during the French Revolution.
“As you may recall, three months ago we discussed the case of a trainee who arrived at the [Israeli] embassy in Ethiopia by the name of David Mobsari who came from Rhodesia,” the letter said. “The aforementioned received training from the Ethiopians [Israeli embassy staff, almost certainly Mossad agents] in judo, sabotage and weaponry.” The phrase “the Ethiopians” was apparently a code name for Mossad operatives working in Ethiopia.
The letter also noted that the subject in question “showed an interest in the methods of the Haganah and other Israeli underground movements. “It added that “he greeted our men with ‘Shalom’, was familiar with the problems of Jewry and of Israel, and gave the impression of being an intellectual. The staff tried to make him into a Zionist,” the Mossad operative wrote.
“In conversations with him, he expressed socialist worldviews and at times created the impression that he leaned toward communism,” the letter continued, noting that the man who called himself David Mobsari was the same man who had recently been arrested in South Africa.
“It now emerges from photographs that have been published in the press about the arrest in South Africa of the ‘Black Pimpernel’ that the trainee from Rhodesia used an alias, and the two men are one and the same.”
A handwritten annotation on the letter refers to another letter sent about two weeks later, on October 24, 1962. The annotation noted that the “Black Pimpernel” was Nelson Mandela, followed by a short review that quoted from an article about Mandela in Haaretz.
This letter was kept for decades in the Israel State Archives and was never revealed to the public. It was discovered there a few years ago by David Fachler, 43, a resident of Alon Shvut, who was researching documents about South Africa for a Masters thesis on relations between South Africa and Israel at the Hebrew University’s Institute for Contemporary Jewry.
Born in Israel, Fachler grew up and received his Masters of Law degree in South Africa. “If the fact that Israel helped Mandela had been discovered in South Africa, it could have endangered the Jewish community there,” Fachler told Haaretz.

=>forward

Thursday, December 19, 2013

MINILIK WARRA HABASHAA – HITLER AFRIKAA-TI

Taammanaa Bitimaa iraa


DURAANDURSA
Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee kunoo hardha immoo waayee dubbii mataduree kanaa irrattin waa isiinii dhiyeessa. Akkan kana irratti waa jedhu kan na kakaase, waggaa dhibbaffaa du’aatii Minilik faashistichaa sababeeffachuun: duula ginni-bittee, iliitoonni fi jalaa-jaleewwan warra Habashaa keessumaa kan warra Amaaraa uummata Oromoo irratti adeemsisaa jirani. Hubaddhaa barri amma keessa jurru kun bardhibbee 21-ffaa dhaa! Dirreen duula warreen kanaa inni hangafni kan irratti tahaa jiru Oromiyaa dhaa! Jarri duula hamaa fi fokkisaa kana uummata, sabaa fi biyya Oromoo irratti oofaa jiran kun: “tokko taanetoo Toopphiyaa warra Wayyaanee harkaa baafnee ijaarranna” nuun jedhuu!
Yaa Oromoo, yaa uummatoota Kibbaa, yaa addunyaa dubbii akkanaa kana maal jenneetoo himna? Maal jenneetoo barreessina? Waan hundaafuu, dursinee seenaa faashisticha warra Amaaraa, seenaa Hitler Afrikaa kana keessaa hamma tokko wajjumaan mee haa ilaallu!
SEENAA OLLUMMAA OROMOO FI WARRA HABASHAA
Iliitonnii fi barreessitoonni gita-bittee Habashaa seenaa ofii akka fedhanitti dhiyeeffachuu dandayu. Garuu, seenaan isaanii garri irra caalu kan sobaa fi dharaan laaqame. Isaan sobuufis, seenaa ofii sobaan lallaaqufis “mirga qabu“. Garuu, seenaa sobaan lallaaqame kana nutti fe’uuf mirga wayiituu hin qabani. Seenaa Habashaa isa ifumatti sobaan lallaaqamee keessaa inni tokko, Minilik Lammaffaan isaanii kun “Toopphiyaa tokkoomse” kan jedhu. Minilik Biyya Habashaa tokkoomsun, kunis isa Teediroosi fi Yohaannis faa jalqaban fiixaan-baasuun isaa dhugaa dha. “Toopphiyaa tokkoomsuun” isa soba. Ammoo, impaayera Toopphiyaa jedhamtu saba Oromoo fi uummatoota Kibbaa: Afaar, Kafichoo, Kuulloo-Kontaa, Walaayitaa, Hadiyyaa, Sidaama, Gedewoo, Koonsoo, Moochaa, Gimiraa fi warreen hafan hedduu humna meeshaa waraanatiin qabatee koloneeffachuun empaayera Toopphiyaa jedhamtu ijaaruuun isaa mirkana.
Sana dura guruu, uummanni Habashaa (Amaaraa-Tigree) fi uummanni Oromoo akka uummatoota ollaalee tahaniitti bardhibbee hedduu wal-cinaa jiraatanii jiru. Wal-cinaa jiraachuun kunillee kan lolaa fi nagaan walmake ture. Bardhibbee fi jaarraawwan hedduu uummanni Oromoo Habashoota daangaa isaa cabsanii itti-dhufan ofirraa ittisaa ture. Ofirraa ittisuu kanaaf garuu, inni ollaalee isaa irraayyis tahee, baargama cewuun meeshaa waraanaa fi loltuu alagaa barbaacha hin dhamaane. Isaan garuu, baargama cewuun kan biraa hafee, bardhibbee 17-ffaa faa keessallee loltuuwwan Porchugaal dhibba danuu of-cinaa hiriirsaa turani. Haatahu malee, uummata Oromoo jilbeeffachiisuu fi dachee Oromiyaa taakkuu takkallee qabachuu hin dandeenye. Garuu, walakkeessa jaarraa 19-ffaa irraa kaasee maqaa Kiristaanummaa isaanitiin humnoota Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaliyaa fi Rusiyaa irraa meeshaa waraanaa fi loltuuwwan argachuun waraana waggaalee 31 (1868 – 1899) fudhate booda Oromiyaa dagabaafachuu (koloneeffachuu) dandayanii jiru.
LAFARRAA DUGUUGGII MINILIK UUMMATA OROMOO IRRATTI ADEEMSISE
Barreessitoonni Habashaa sobaa fi dharaan waayee Minilik “Toopphiyaa Tokkoomsuu” faa nutti odeessuu dandayu. Garuu, dhugaa fi dhugoon lafa jiru inni hojii fi gocha Hitler naazichaa Oromoo irratti adeemsisuu isaati. Mee duguuggii warraanni isaa, abbootiin duulbantiiwwan (“Raasonni“) isaa Oromoota: Walloo, Darraa, Salaalee, Gullallee, Aabbuu, Galaan, Gimbichuu, Ada’aa, Bachoo, Sooddoo, Walisoo, Ammayyaa, Kuttaayee, Caboo, Noonnoo, Caliyaa, Daannoo, Iluu Galaan, Gaamoo Jibaat, Jimma Raaree, Iluubbaa Booraa faa irratti oofan maqaa dhoofnetuma, gara waraana inni mataan isaa bantii waraanaa tahuun gaggeesseetti haa ceenu. Kanas lamaan tokko callaa: isa kan Oromoo Arsii fi Oromoo Barentuu gabaabinaan haa ilaallu!
Waggaalee torba guutuu waraanni Minilik kan gariin isaa isuma Minilikiin durfame, Oromoota Arsii irratti oofe. Ammoo, gichilloonni Oromoo Arsii akka nama tokkootti hiriiruun ofirraa faccisuun ofirraa deebisaa turani. Waraana kana garii isaa irratti Minilik mataan isaa yeroo xiqqoof boojiyamuu jalaa baye. Ammoo, duula isa bara 1886 irratti waraanni Minilikii fi wasiila isaa Raas Dargeen durfame, meeshaa waraanaa isa ammayyaa Oroppaa irraa argateen itti-dhufe. Oromoon Arsii “Amaarris Amaaara duraanii miti! Meeshaan waraana isaaniis isa duranii miti!” kan jedhe: Minilik meeshaa waraanaa kan Oroppaa rifeensa mataa isaa irraa hamma qeensa miila isaatti hidhate, kaarta-qartuu fi riqicha-tolchituu Oroppaa, leenjiftuu fi gorsituu waraanaa isaan Faranjii, phaaphasii Habashaa taabota bachisee fannoo rarraafatee Minilik cinaa gaangee irra taa’etoo dhumaatii Oromoo kana eebbisu duraa-dubaan of-cinaa qaba ture. Oromoon Arsii garuu, meeshaa waraanaa isa kan Oromoo fi kutannoo biyya ofiiti fi bilisummaa ofiitii du’uu san malee, wanni inni qabu hin turre.
Waraana fokkisaa fi jibbisiisaa kana irratti Oromoonni Arsii, leenconni sanyii leencaa akka okaatti haamamani. Isaan waraana irratti dhumuu irraa hafanii boojiyaman, Raas Dargeen tarree galchisiisee guyyaa tokko duwwaa namoota 12 000 harka isaanii irraa cirsiisuun morma isaaniitti rarraasise. Kana kan barreessee nutti dabarse Oromoos miti; Faranjiis miti. Seena-tarreessituu Minilik kan Gabra-Sillaasee jedhamu, isa Minilik duukaa-deemee waa barreessu san ture. Hubaddhaa harka-muraan kun isa booda bowwaa Aannoleetti tahee mitii! Gara boodaa immoo Oromoota “silaa duulli raawwatee“, “silaa biyyi keenya qabamee” jedhanii erga gara qeyee ofiitti deebiyuun bubbulanii, warri Minilik ganda gandaan waamsisanii, afaan qawwee itti-qabuun gayyaasanii Aannoleetti dubartoota kuma sadii ol (3 000) tahan irraa harma, akkanuma dhiirota kuma hedduun lakkaawaman irraa harka-mumursiisani. Kun mee isa Hitler naazichi uummata Yuudaa irratti adeemsise sanaa gadii mitii! Isa akkanaa kana Waaqatti, uummatoota Afrikaa fi addunyaatti iyyachuu malee, akka kun deebiyee nutti hin dhufneef, tokkummaa keenyaaa fi qabsoo bilisummaa keenyaa sonaan jabeeffachuu malee maal goona?
Waraanni Habashaa kan Minilikii fi phaapphasii Habashaatiin durfame, inni meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee loltuu 20 000 hidhachiise, Oromoo Barentuu kan Carcar irraa hanga gooroo Meettaa Calanqootti deemu haleelaa ture san ofirraa ittisaa Calanqoo dhaqqabe. Oromoonni Afran Qalloo akka nama tokkootti hiriiruun Calanqootti biyya isaanitiif, lubbuu isaanii takkittii san kennuuf yaa’ani. Kana biraa kuteeyyuu obbolummaa fi walmararfannoof jecha, uummata Adaree kan amiira isaanitiin durafamee fi obbolaa Oromoo Sumaalota keessaa garii of-cinaa hiriirsanii gayyaa’ani. Hubadhaa waraanni Oromoo kun meeshaa Oromoo kan duudhaa: eeboo, shootala, furrisa, gaachana, hablee fi mancaa faa malee homaa hin qabu turee! Tahus qeerransoonni Afran Qalloo, qeerransoonni sanyii qeerransaa biyya abbaa gadaa fi biyya haadha siiqqeef jecha, guyyaa guutuu waraana Minilik isa meeshaa Oroppaa hidhate san dura dhaabatanii kan dhume dhumee, kan hafe boojiyame. Gooroon Calanqoo sun dhiiga Oromootiin lafa goggogaa mitii haroo fi hara fakkaate. Minilik naazichi Afrikaa asittis akkuma Arsiitti godhe san harka bojiyamtoota Oromoo mumursiise. Itti-dabaluun funyaani fi gurra namoota irraa cirsiise. Phaaphasiin Habashaa sunis: “maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa hafuura qulqulluutiin!”, jechaa akkuma isa bowwaa Aannolee eebbisee sana isa gooroo Calanqoo kanas eebbise.
Sana booda Oromoon Barentuu, Arsii, Tuulamaa, Walloo, Gujii, Maccaa fi kaan lafni lafee isaa tahe irraa fudhatamee gabbaarii tahe. Kaan qabamee gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti gurgurame. Kana hojii fi gochi Minilik warra Amaaraa, kana gochi naazicha Afrikaa kan Minilik jedhamuu! Namicha akkanaa kana, bineessicha garaan bineessaa kana, naazicha sammuu fi hojiin naazii kana kunoo amma iliitonni Amaaraa: “inni goota keessanii fudhaddhaa” nuun jedhu. Raajii dha; akkamitti dhaloonni fi barri gara duubaatti deema?
LAFARRAA DUGUUGGII MINILIK UUMMATOOTA KIBBAA IRRATTI ADEEMSISE
Uummanni Oromoo duris kophaa isaa dagabaafattoota Habashaatiin hin gabroomfamne. Hardhas kophaa isaa mitii manneen hidhaa impaayerittii keessatti kan argamu. Saboota, sablammiiwwanii fi uummatoota Kibbaa kanneen lakkoofsaan baay’ee tahan wajjin dirree waraanatti cabe. Ammallee isaan wajjin Karchalleewwan impaayerittii keessa jira. Lafarraa duguuggiin suukkaneessaan Minilik bineensichi garaan bineensaa Oromoo irratti adeemsise uummatoota obbolaa Oromoo isaan Kibbaa hedduu isaanii irrattis adeemsifamee jira. Waraana Minilikii fi dhibee namaa-sa’aa kan isaan wajjin Oromiyaa seeneen uummanni Oromoo kumaa-kitilaan dhumee, lakkoofsa uummatichaa kitila kudhan irraa gara kitila shaniitti gadi-bu’ullee, humna heddummina lakkoofsa isaatitiin kunoo ammallee numa jira. Garuu, uummatoonni Kibbaa gariin isaanii dhumaatii sana irraa hafuu hin dandeenye. Kan waa hafanillee hardha lakkoofsi isaanii daran xiqqaa dha. Mee amma dubbii keenya gabaabsachuuf jecha, waayee uummatoota obbolaa Oromoo keessaa kan sadan isaanii callaa akka fakkeenyaatti waa haa mildhannu!
Akkuma Minilik mataan isaa phaaphasii Habashaa of-dukaa buusuun Oromoo Arsii fi Oromoo Barentuutti duule san, inni waraana Habashaa gaggeessuun uummata Walaayitaatti duule. Uummanni Walaayitaa keenyaa inni boonaa fi seenaa boonsisaa qabu kun, biyya isaa guutuu irratti waltahuun waraana warra Habashaa isa ibidda tufaa namaa-sa’aa, lafaa-marga gubaa deemuu san dura gore. Torban sadii guutuu waraana faashistootaa kana ofirraa ittise. Gandeen Walaayitaa barbadaawanii, uummanni Walaayitaa biyya isaa guutuu irratti akka dullacha masqalaatti gorra’ame. Mootiin Walaayitaa seena-qabeessichi sun, Xoonaan: “silaa nu fixanii, mee sanyumaafillee namni kiyya waa haa-hafu” jechuun harka kennate. Minilik, phaaphasiin Habashaa fi jeneraalonni Habashaa: sabbata, shaashii fi uffata baaqqee faa funyaan ofiitti marachuun hamma daangaa Walaayitaa dabranitti adeemaa turani. Foolii reeffa uummata obbolaa keenyaa isa akka hoolotaatti qalamuun torban lamaa faa ture sanitu Habashoota dabarsuu dide. Yaa uummata Afrikaa, yaa uummata Afro-Ameerikaa kanaan maal jetta? Kan hunda caala nama dhibu, waraanni Minilikiin durfame sun inni bowwaa Aannoleetti Oromoota irratti harma-muraa fi harka-muraa adeemsise sun, inni gooroo Calanqootti dhiiga Oromootiin dacheen haroo akka taatu godhe sun, uummata Walaayitaa isa ajjeese fi isa madayee lafa ciisu san gadi-jedheetoo dhiiga isaa xuuxxachuu sani! Mee yaa Waaq, Minilik faa uumaa ilmoo namaa irraayyi gara bineessa daggalaatti of-geeddaran moo? Kun hojii fi gocha Hitler naazichaa kan hin taane, maaltu taharee?
Waraana warra Minilik bara dheeraa ofirraa-ittisaa uummatoota turan keessaa inni tokko uummata Kafichoo ti. Ofirraa-ittisa kana irraa kan ka’een uummanni obbolaa Oromoo kun, Kaficho sonaan lafarraa duguugame. Warri Minilik uummata Kafichoo dhibbayyaa 65 (“65%”) akka fixan nu Oromootanii mitii, obbolaa keenya Kafichootanii mitii, barreessitoota Biyya Faranjii-tiin (Oroppaatiin) galmeeffameeti jira. Akkanuma uummanni Diimee dhibbayyaan 70 lafarraa duguugameeti jira. Kana irraa kan ka’een hardha lakkoofsi uummata Kafichoo keenyaa 400 000 callaa yoo tahu, kan Diimee immoo 800 (dhibba saddeet) callaa dha. Kana irratti lafa uummatoota Kibbaa fi Oromoo dhibbayyaa 70 irraa fudhachuun uummatoota bilisaa fi birmada turan kana gabbaarii fi gabra taasifatani. Lafa uummatoota Kibbaa fi kan Oromoo isa fudhatame kana keessaa dhibbayyaan 30 bataskaana isaanii, kan Ortodoksiitiif kenname. Kanaaf, bataskaanni Habashaa akkuma Raas Daargee fi Raas Masfiin faa abbaa-lafaa isa olaanaa ture.
Kana bira dabree uummatoonni kun akka bineeyyii dagalaatti adamsamuun qabamanii gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti heddumminaan gurguramaa turani. Minilik mataan isaa abbaa-gabraa fi daldaltuu gabraa isa olaanaa ture. Ennaa uummata Walaayitaa gabroomfatee qeyee isaatti deebiyu, Walaayitoota akka gabraatti qabate 3 000 ooffatee gale. Kan biraa hafee loltuun warra Habashaa inni dassiibnillee (“common soldier“) Walaayitoota lamaa-sadii gabra godhachuun fudhatee biyya ofiitti deebiye.Uggum yaa Waaq! Minilik abbaa-gabraa fi daldaltuu gabraa kanatu, Minilik harma-mursiisaa fi harka-muriisaa kanatu, Minilik dhiiga ilmoo namaa dhugsiisaa kanatu, Minilik lafarraa duguugaa fi duguugsisaa uummata Diimee fi Kafichoo fayitu “jagnaa fi goota” nuuf tahuun, ayyaanni waggaa dhibba isaa kabajamuuf deema jechaa dha. Abadan ammas warri Habashaa lafarraayyi nu duguugu malee, otoo nuti jirruu kun dachee Oromoo irratti hin tahu!
XUMURA DUBBII
Yaa Oromoota alaa-manaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo ergan kanaa olitti hamma tokko waa isiniif dhiyeessee mee ammammoo kanaa gadittan waan nu Oromoota, ee nu Oromoota harmi akaakileewwan teenyaa fi harki abaabileewwan keenyaa mummuramee, maal-maal faa gochuun akka nu irraa eegamu waa lafa-kaayuuf yaala. Raajii Waaqaa, safuu namaa akkamitti namni mataan isaa fayyaalessa tahe, namni sammuun isaa waa yaadu, nama harma harmee teetii fi harka abbilee keetii mummure san: “inni jagna keetii fudhaddhu” siin jedha? Akka amma dhagayaa jirruutti iliitonni Amaaraa waayee kanaa irratti, jechuun waayee du’iisa Minilik kan waggaa dhibbaa ayyaaneffchuu irratti alaayyis, biyyaayyis dibbee rukuchaa jiru. Kunoo jara kanatti erga waggaa sadiyiitii asii, oddokabreen isaanii sun itti-ka’uun lafaan isaan dhaddhayaa jira. Keessa kutaniituu nuti oddokabree isaanii kana hoo’isuun, akka isaan waliin finfina (“xabala“) dhaqnu fedhu. Nuti harkatu nu hanqate malee, silaa akka amantii Waaqeffannaatti “dhalli namaa marti” obboleessa ofiitii, jarreen maraatan kana finfina Finfinnee faa mitii gara hospitaala Qarree Kolfee (“Amaanu’eel“) sana isaan geessinaayyu!
Jibbi hamaan daangaa hin qabnee fi maqa-xureessiin hamaan isaan amman tana uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti oofaa jiran, isaantu hin beekne malee, Oromoota alaa-manaa tokko taasisaa, Oromummaa fi adeemsa walabummaa Oromiyaa kana caala akka cimsatan gochaa jira. Xurree qalloo hamma qaajjisa rifeensaa geessu, kan isaan wajjin walqixxummaan bulluuf waa jirtu wayiillee amma kunoo akkuma jirutti jirma sibiilatiin cufaa jiru. Kanaaf, nuti Oromoonni waltaanee Oromummaa keenya daran cimsachaa, karaa bilisummaa keenyaa daran qulqulleeffachaa Oromiyaa boruu ishii walaboomte san, hardhuma gadameessa impaayerittii isaanii keessatti akka daran jabeeffannu nu taasisaa jiru. Kana irratti “hayyee itti-cimaatii itti-fufaa” jechuu malee, wanni biraa kan isaaniin jennu hin jiru. Otoo hin beekin bilisummaa fi walabummaa keenyaaf nu kakaasaa akka jiran ganamumaan beekuu qabuuyyu. Waan hundaafuu, mee armaan gadittan dubbii cimtuu tana jala harriquuf wanneen tokko tokko isiniif tarreessa:

  1. Dhalawwan Oromoo dhiiraa-dubartiin, jaarsaa-jaartiin, gayeessaa-gayeettiin, shamaraa-dargaggeessi hundi alaa-manaa waltahuun tokkummaa ofii isa ammaa caala cimsatanii tarkaanfachuu qabu! Walmararfachuu fi walii-nahuun, waldhagawuu fi walgargaaruun, walii-iyyuu fi walii-birmachuun, waljajjabeessuu fi gamtaan hojjachuun amma yeroon isaa! Hardhuma waamichi isaa!
  2. Hayyoonni Oromoo alaa-manaa dhugaa fi dhugoo seenaa keessaa gaggaragalchuun, wanneen Minilik naazichi Afrikaa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti adeemsise Afrikaa teenyaa fi addunyaaf dhiyeessuu qabu! Isaanis, Oromoonni biroos mammaaksa Oromoo isa: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu“, jedhu san sa’aa takkoofillee dagachuu hin qabani!
  3. Dureewwan Oromoo tokkoomanii uummata Oromiyaa galaana Abbayyaa kana karaa hundumaan: kakaasuu, ijaaruu, gurmeessuu, walitti-qindeessuu fi karaa maraan hindachiisuu qabu! Kana immoo seenaa keenya keessaa dureewwan Oromoo warra Waladaa Maccaa-Tuulamaa isaan bara Hayila-Sillaasee san irraa akka fakkeenyyaatti fudhachuutu mishaa taha.
  4. Otoo lubbuun teenya jirtuu ayyaanni Minilik faashistichaa kun dachee teenya irratti hin kabajamu! Warri gocha Minilik isa kaleessaa faarsuu fi kabajuuf kurfaawu kun boru gocha Minilik bowwaa Aannolee, gooroo Calanqoo, baddaa Gullallee, Biyya Walaayitaa fi Biyya Kafichoo faa irratti adeemsise san deebisee gochuuf waan irraa deebiyuu mitii, uummanni Oromoo kana fashalsuuf karaa maraan of-qoppheessuutu kan nama baasu taha!
  5. Siidaan Minilik naazichaa fi kanneen biroo kan Teediroosi fi kan weerartoota kaanii magaalaawwan Oromiyaa keessaa bubuqqifamuu dha qabu! Akkanuma manneen barumsaa, hospitaalonnii fi daandiiwwan maqaalee yakkamtoota Habashaa kanaan waamaman jijjiiramuu qabu! Dursee Minilik sangaa fardaa Oromoo irraa boojiyate san yaabbatee wiirtuu Shaggarii fi wiirtuu Oromiyaa kan tahe, Birbirsa keessa (“Piyaassaa“) dhaabatu sun hatattamaan buqqifamuu qaba! Kun waamicha dubartoota Oromoo Aannoleetti harmi irraa cicciramee fi waamicha dhiirota Oromoo Aannolee fi Calanqootti harki irraa mummuramee ti!
  6. Walii-tumsuu fi walirratti du’uun sun: ee onneen Ilaansoo Halloo fi Abbishee Garbaa, kan Firrisaa Abbaa-Foggii fi Leenjisaa Diigaa faa, kan Biiftuu Amoosaa fi Tufaa Munaa faa kan deebitee nu keessatti cimtu kunoo amma! Yaa Oromoo koo nuti onnee fi seexaa: Elemoo Qilxuu fi Jaarraa Abbaa-Gadaa, Waaqoo Guutuu fi Magarsaa Barii, Nadhii Gammadaa fi Guutamaa Awaas, Hayila-Maaram Gammadaa fi Taaddoo Birruu, Alamuu Qixxeessaa fi Maammoo Mazammir, Jaatanii Alii fi Baaroo Tumsaa faa, kan Saartuu Yusuufi fi Raggaatuu Roobaa, Leelliftuu Leellisaa fi Lalisee Nadhii faa qabnawoo, ekeraalee isaanitu nu bira ijaajjuun nu jajjabeessaa jirawoo wanni duubatti deebinuuf tokkollee hin jiru. Yaa Oromoo amma gayeen gayee-dhaa karaa hundaan cimnee walchimsuun garuma fuulduraatti haa tarkaanfannu! Ilaa, lafarraayyi duguugamnee dhumna malee, bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa irraa kakuu-dhaa, laguu-dhaa duubatti hin deebinu!