Monday, January 27, 2014

Gootummaa Qofaatu Bilisummaa Mirkaneessa!

SEENAA Y.G (2005)
Gootichi Afriikaa Kibbaa Maandeellaan, Daandiin Bilisummaa dheeraadhaa fi Sirna Appaartaayidii dhabamsiisuuf adeemsa ykn hojii yeroo dheeraa nu gaafata jedhee ganamumaa yaaduu isaa yennaa dinqisiifannu, irraas haa barannu wayita jennu, maal jechuu keenyadha? Qabsoon Oromoo waggoota 30 ol lakkoofsise, Namoota akkas yaadan hin qabu jechuu keenyadhaa? moo, hubannoon ykn jechii isaa kun, garii keessa jiraatee cichoominaan isa dhaabuu fi garii ammo cichoomiina sana of keessaa dhabee daandii salphinaatti makachuun, miidhama keenyaaf bu’ura ta’uu wal hubachiisuf itti fayyadamna laata? Qabsoon Oromoo jabaachuu fi dhiisuu isaa abbootii dhimmaa kanneen taane irra, diinatu guyyu lallaba. Dhimmi Oromoo har’a addunyaaf mata duree kan ta’e, lubbuu godhatee ka’ee of himate odoo hin taane, cichoomiina Maandeellaa sana kan qaban nuffii fi mo’amiinsa yeroo keessa dhuftuun odoo hin daddaaqamne warra hojjataniin ta’uu hubachuun dansaadha.maaliif yeroo fudhatee? kan jedhuuf garuu, hubannoo ga’aa argchuun hegareef nu fayyada. Kanas qalbii bal’aan ilaalu feesisa.
Haqi haalamu hin dandeenye, Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’uu qofa odoo hin taanee, daandii dheeraa kana keessa, bu’aa ba’ii jiru dursanii hubatanii sammuu ofii amansiisanii murannoon hojjachuu dhabuun nu miidheera. Cichoomiinaa fi murannoo dhabuun bakka meeqa akka nama dhaabdu argineerra. Galgala Goota jennee kan faarsine, ganama dabeessa ta’ee kan argame seenaan galmeesseera. Kaleessa Sabboonaadha kan jenne dhaadheessine,har’a halgaatti maxxanee dhabamtan malee nuun jedheera. Daandiin Bilisummaa dheerachuu Maandeellaan baanu kana faa’aa of keessaa qaba. kan diinni akka ati hin mooneef sirratti hojjatu akkuma daandii Bilisummaa dheeressuu, kan qabsoo keessatti umamus qabsoo dheereessa jechuudha. Addatti diinnis nama irratti hojjatee haa ta’uu, kan cichoomiina dhabee dhaaba keessaa yennaa ganee ba’u, Qabsoo Ummata sanii hangam akka gaaga’u waan walitti himan miti. Yaadoota lameen, (dheerachuu fi gabaabbachuu) kana kan araarsu, gufuuleen lameen kun akka jiran hubatanii, of qapheessuudha. Kun akka sibiilaa nama jabeessa. Dhalooti itti aanus kana hubachuu qabu kanadha. Gootummaan kana of keessaa qaba.
Gaaffiin Ummati tokko qabu, Daandii Bilisummaa dheeressuus gabaabsuus danda’a. kana irratti ammoo, gaaffii kee irratti humnoonni addunyaa ilaalchii fi ejjannoon isaan qaban dhiibbaa ni qabaata. Dantaan isaanii keessa jiraannaan karaa sii tolchan. Hin qaban taanaan karaa sitti cufan. Ammas, Qabsoo ati gaggeessitu, keessaan hojjadheen sirna jirun kuffisa, jettee kan irratti hojjattuu fi Qawweemaan wareegama kafaleen kuffisa jettee kan filattu Daandii Bilisummaa dheeressuu fi gabaabsuu ni danda’u. egaa Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’u dubbachuun isaa kana hundaa hammata.
Kana tilmaama keessa kan hin galchine, biraa harca’anii hafaniiru. Harca’uun namoota muraasaa garuu guyyaan Bilisummaan itti dhuftu hin dhorgine. Kunis barnoota. Seenaa Qabsoo keenyaa keessa kun illee ni jira. Gantummaa lakkoofsa hin qabne raawwatamus, qabsoon sabichaa daran jabaataa jira. barruun kun addatti dhaloota har’af bu’ura ta’a. dhalooti kun waan gaafatamuuf maraa deebii quubsaa mataa isaa qabaachuu qaba. daddaaqamuu hin qabu. Gootonni isaa lallabdootaan maqaan isaanii boora’uu hin qaban.sammuu bal’ifatee, yaada bal’aa qabaatee tarkaanfannaan, akkasumas, adeemsa qabsoo dhaalsifamaa jiruf kabaajaa qabaannaan Gootummaa Ummata Afriikaa Kibbaa waan hin dabaliniif hin jiru. sochiin amma argaa jirru marti, wareegama baayyee booda kan dhufeedha. Wareegamni kun hundi Qabsoo Oromoo fi gaaffii Oromoo har’aan ga’eera. Wareegamni kana boodaa Kan Bilisummaa mirkaneessu ta’u qaba.
Jaallannus jibbinuus seenaa keessa dabarre, kan tolaas ta’ee badii, yoo irraa baranna jenne nuuf qoricha. Inni guddaan waan jiru hubatanii tarkaanfii ofii jabeessuu qofaadha. rakkoon dabre akka hin dabalamneef irratti hojjachuudha. Shira diinni nu qopheesseen xaxamuun ammallee akka dhaabbatuuf irrattii hojjachuun murteessaadha. Ergamtoota diinaafis ta’e of-jaallattotaaf bakka laachuu irra, suduudaan dhaabbadhu jedhanii itti himuudha. Sadarkaan irra jirru mirga sabummaa keenyaa kabachiisuuf eenyun olitti muuxannoo itti qabna. Dhaloota akkas ofii fi lammii isaatti boonu horannaan Fincillii Afriikaa Kibbaa nuuf salphaa ta’a.
Kana waliin kan ilaalamu qabu, Maandeellaan Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo dheeraa fudhata jechuu isaa keessaan waan ofii ilaalluun dansaadha. Appaartaayidiin jireenya hawaasummaa fi aadaa Ummata Afriikaa kibbaa guutummaatti dhabamsiiseera jechuutu danda’ama. Eenyummaa fi maalummaan ummatichaa aadaa warra dhihaan dhuunfatameera. Kana Ummata keessaa baasuuf waggoota dheeraa akka fudhatu shakkiin hin jiru. waan dhalootaan sirreefatanidha. Gama kanaan sirnoonnii nu gabroonfatan, gama kanaan miidhaan nu irraan ga’an salphaa miti. Aadaan wal nyaachuu isaanii nu keessatti saaree, miidhaa nurraan ga’aa jiru argaa jirra. Wal kabajuu aadaan keenya nu badhaase gannee, wal tuffachuu isaanii dhaallee maal wal irratti akka raawwannee seenaatu hima. Ofittummaa fi gantummaan isaan irraa dhaalleen, hangam akka hammacamne walitti hin himnu.
Hanqinni kkf Biyya keessas alas ni jira. diinni of nu wallaalsisee aadaa isaa nu keessa kaa’eetti odoo hin dammaqiin, kan faranjii of irratti idaanee maal ta’aa akka jirru, warra ala jiraatantu beeka. Aadaan daboo, wal gaafachuu, kkf badanii hunduu qophaa haasa’aa deemuu dhageenya. Kan walitti dhufe ammo, Biyya keessatti yennaa aaran akkuma Afaan biraan wal cabsan, alattis Ingiliffaa fi qooqa biroon wal quncisuu jedhan. Kun hundi, dhiigaan Oromoo ta’uun keenya qofti, noormii Oromoo nu keessa akka jirutti yaannee jiraachuu irraa madda. Kana of keessaa baasuuf, duula ofirraa jalqabnee dhaloota itti aanu baraaru gaggeessuun beellamaa qabuufii hin qabnu. Bilisummaan inni adda duraa akka dhuunfaattu summii kana of keessaa dhabamsiisanii, Oromummaa isa dhugaan wal ijaaruudha. Yeroo sana wal ganuun hin jiru. wal caalchifachuun hin jiru.
Miidhaan kun salphaa miti. Ummata keenya keessaa baasuuf bara Bilisummaa kan itti eegnu miti. Ammumaa hojiin isaa eegalamuu qabna. hojiin isaa ammo of irraa eegala. Achii maatii ofii, itti aansee ollaa ofii jechaa itti fufu qaba. keessa ofii Oromummaan osoo of hin ijaarree, isa kaan komachuu akkamiin dandeenya? Ta’anii argamuun waa guddaadha. Afaan Amaaraan yaadanii Afaan Oromoon dubbachuuf yaaluun waan fafaati. Haala kanaan qulqullaa’uu dhabuun, keessa keenya hin miine yoo jenne, ammayyuu waan sirnoonni turan nu keessaa kaa’antu nu keessaa dubbata jechuudha.Oromoon Afuura Oromummaan dhaabbatee fi Oromoon Afuura halgaan dhaabbate gonkumaa walii galuu hin danda’u. Oromoon Oromummaan jiru,Oromoof gammachuu qabu, imimmaan cobsee mirkaneessuufii barbaada. Oromoon Afuurri halgaa keessaa hin baane, Ilkaaniin qofaa gammachuu isaa ibsaaf. Gama kanaan miidhaan walii keenya irraan geenye salphaa miti. kun hundi walitti ida’amee, tokkummaa keenyaaf gufu ta’ee nu rakkisaa jira. Tokkummaan Oromoo ta’uu keenya qofaan kan hundee godhatuu miti. Gandummaa fi Amantiin qofaa wal qooduun umameen hanqina qaba. afuurri hamaan kan irratti dubbachaa jirru hundee tokkummaa keenyaati. Afuura summaa’aa gubbaatti eerretu, Gandummaas, Amantiinis akka wal qoodinu taasisa. Aadaa warra safuu hin qabnee!
Odoo nuuti hin dhalatiin sirboonni tokkummaa keenyaaf sirbaman hanga har’atti hiika dhabanii dhaloota boriif illee sirbamuuf taa’an, aadaa fi hammeenya halgaan nu keessa dhaabe irraa of qulqulleessinee walitti dhufuu dhabuu keenya mirkaneessu. Keessattu ilkaaniin qofaa wal barbaachuu keenya dhugeessa. Lafee Gootootaan waliin kakatanii, kanneen ganan, Afuura summaa’aa halgaan nu keessatu salphina kanaan isaan ga’e jechuu dandeenya. Amalli fi aadaan habshootaa keessa keenyaa ba’uu qaba. Bilisummaan waa hundaa caalu isa kanadha. Maandeellaanis gocha diinaa himuun nama rakkisu sana hundaa balleessuuf yeroo fudhata jedhee dhalooti wal harkaa fuudhee akka irrattii hojjatu kan taasise kanaafi. kun nuuf barnoota. Kan boriif hin jedhamne.
Daandiin Bilisummaa dheerachuu hubachuun duuba kan jiru immoo haa ilaallu. hubannoo kanaa qabaachuu fi of qopheessuun, Daandii Gootummaa Nama goonfachiisu keessa nama seensisu qalbeefachuun dansaadha. Qabsaa’oonni har’a cichoominaan Ummata isaaniif dhaabbatan hundi, Ummata isaaniif Goota. Gootummaa kana kabajuun ammo, Bilisummaa Ummataa labsuun nama ga’a. akka ejjannaa kiyyaatti, Qabsoon Oromoo sadarkaan inni irra jiru, rakko keessa isaatti umameen hin madaalamu. Garuu akka harkifatu taasise ta’a. Hojiin inni adda duraa waan dhumate fakkaata. Hojiin dhalootaan qabsoo itti fufsiisuu lafa qabateera. Yeroo amma keessa jirru kanaan wal bira qabnee yennaa ilaallu, dhimma dhala Oromoo Maraa ilaallatu tokko hanqina jechuu dandeenya. Yeroo kanatti sochii Qindoomiina qabutti ce’uutu nurraa eegama ture. Amala siyaasaa keessa yeroo eeggachuun murteessaa waan ta’eef, haalli addunyaa, dammaqiinsa Ummata keenyaa, haala wayyaanee fi keessa ishee, Biyyoota ollaa kkf yoo ilaallee, BILISUMMAAN OROMOO ykn gaaffiin Oromoo sochii nuuti akka dhuunfaattis ta’ee Ummataatti gaggeessinu irratti akka hundaa’u hubachuu nu barbaachisa.
Addunyaan kan humna qabuuti. Humnaan of mul’isuun dirqama dhala Oromoo hundaa ta’ee asi ba’eera. Kanatti dhimma ba’uuf Ilmaan Oromoo hundi waan dabree seenaaf dhiisanii Gootummaa Abbootii isaanii irra deebi’uu qaban.wal irraa qoollifachuu ykn qabsootti deebi’uun mo’amu nutti fakkaatee of keessa marannee taa’uu keenya irra, waan dabre seenaaf haa keenyu jedhanii gama kamiin akka wal tinnisuun danda’amu wal akeekuun gootummaadha. Kaayyoon ABO ganamaa kana uumuudha. Waan karaa ga’ee kana xumura itti gochuun, Fakkeenyummaa Maandeellaafaa dhugeessu ta’a. yeroo sana,dhugumayyuu Maandeellaan Gootummaa san isaan irraa baratee nu dhugeessa. Yoo kun ta’uu baate, seenaa warqaa irraa dhaloota dhaalsisuu ta’a. kun ammo…………………….
Maandeellaan Ashabbaarii jedhamaa jiraate fi dhiibbaan gara garaa irra ga’aa ture, humna isaa fi Ummata isaan Goota jedhameera. Ashabbaarii siin jechuu keenyaaf dhiifama. Sirraa waa hedduu baranne. Ati fakkeenya addunyaa kanaati jedhameera. Hundeen injifannoo kana hundaa garuu Fincila Ummata Kibbaa Afriikaati. Akka Ummata Gibtsi Fincila waggaa 2 wal irra hin cinnee finiinsanii furmaata maayyitti ba’uun filmaata yeroon nu dhiheessituudha. Akka Giddu gala Afriikaa humnaan Mootummaa hudhanii qabanii Angoo Irraa buusanii of kabachiisuunis akka jiru addunyaatu nutti himaa jira. Akka warra Kibba Sudaan dhageetti argachuuf murachuunis filmaata nu dhihaatteedha.Akka siiriyaa maalis ta’u maal humnaan biyya miila tokkon dhaabdee, Abbaa irreedha isa jettu mariif gadi teesisuudha. Murannoon kun hundi garuu, Bilisummaaf kan taasisameedha. Wareegamuun, qabeenyaan barbadaa’uun, gubachuun …..karaa Foddaa TV arginu sun hundi, Bilisummaa ofii kabachiifachuufidha. Mee murannoo kanaan of haa madaallu. Eessa jirra laata?
Gootummaa kana keessatti hiriiruuf yoo of hin laatiin, Bilisummaa hawwuu fi qabsoo qeequu irraa dhaabbachuu qabna. Addunyaa kana irratti Bilisummaan manatti namaaf dhufte hin jirtu. Amma baayyinaa fi seenaa keenyaa hin hojjatiin jirra. Kun haqa. Kana jechuun humni hojjate hin jiru jechuu miti.
Bara injifannee waanuma dubbannu ykn kana gumaache jennu mee haa hojjannu. Oromummaa kiyyaaf kanan hojjadhe waan jennu, ykn waanuma br dhaloota keenyaatti himnu haa gumaachinu. Oromiyaa siyaasaan marfamtee jirtu BILISOMSUUN waan salphaa miti. Waan wal irratti dhiisanis miti. Diinni keenya kumaantama. Kana baayyina keenyaan dura dhaabbachuuf wal haa tumsinu. GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA kanan jedheef kanaafi! kutaa 3ffaa keessatti of kabachiisuuf, Fincilaa fi diddaa qindeeffachuun murteessaa ta’uu waliin ilaallee mata duree kana goolabna.
GALATOOMAA!

Amhara’s far right Fundamentalist ‘Moresh’ leaders officially declare war on Oromo!

officially declare war on Oromo!

sidamanetworkModerator, Sidama National Regional State Information Net Work
January 25, 2014
A highly controversial far right fundamentalists Amhara organisation advocating to reclaim its lost hegemony officially declares war on the largest Ethiopia’s Oromo Ethnic nationals, on January 24, 2014 in its officially dispatched press statement in Amharic. Known under its Amharic name ‘Moresh Wogene Amhara Dirjit’ dispatched its unpalatable, unbalanced, uncivilised and potentially venomous propagandas against the Oromo nationals –erroneously blaming them for causing death and destruction to others Ethiopian nations and nationalities; more essentially accusing them of attempting to destroy the concept of Ethiopianism created by Abyssinian king ‘Atse Menelik II’ who had colonised nations and nationalities of Ethiopia to create today’s Ethiopian Empire’s geo-political shape.
Moresh group also claims that the Ethiopian empire is being built by the bloods of their ancestors, yet, they think that the bloods of colonised nations and nationalities are less relevant thus relegated.
Conceived, crafted and being led by the historical grandchildren of those who have brutally crushed the Oromo, Sidama, Wolayta, Gedeo’s, Ogadenia, Kambatas and Hadiya, Shakacho and Kafficho and others nations and nationalities creating today’s Ethiopia; Moresh supporters strongly believe that they are the only ones who must rule their colonial subjects without being challenged. The language, culture, religion and ways of life imposed on the subjects by the colonial masters remain to this date visible in entire Ethiopia creating utter confusion on uneducated groups of people about their identities. When someone decides to stick to his/her root the claimants (Moresh groups) accuse such groups of educated subjects of being narrow minded renegade ethno-nationalists. Whoever raises the issues related with self-identity is automatically regarded as a threats to Ethiopia and Ethiopianism; by implication to those who ruled over others since their colonial expansion.
Under the pre-1991 rules of the Amhara regimes, the languages of the subjects often remain subjugated and ridiculed. It has been also emphasised and re-emphasised that if the languages of Oromo/Sidama/Gedceo/Wolayta comes to Radio, (Moresh groups used to claim) that the languages of others, other than Amharic breaks Radio or TV and others more worst claims. Such attitudes and perceptions among such groups r to this date emain pervasive; and due to such deep seated beliefs and sustained propagandas of the rulers, the subjects were unwillingly driven to forget their own identities by considering the imposed culture, language, religion and ways of life as if it was theirs. Such is the way of life of subjugation and political paradigm the Moresh groups are claiming to be bring it back. Hooray!! Well come back Slavery!!
Praising the groups of subjugated peoples who completely deny their identity was a common practice and such groups subjugated peoples have been even elevated to a higher authorities and given fake statuses and artificially created cosmetic respects to emphasise that those who deny who they are often respected as such. Changing names of the subjects to the rulers’ was also a commonly practiced phenomenon. On most occasions changing names was mandatory to go Scholl and earn employment during the pre-1974 revolution under the rules of Moresh’s current advocates, fathers and grandfathers. When the peoples of oppressed nations and nationalities raise these, Moresh groups often become extremely paranoid and act irrationally.
The others who want to stick to their roots and proud of themselves are often regarded as uncivilised who worship Devil (indigenous cultural and religious beliefs and practices-sadly forgetting their own Debra belief cultures); therefore they must be completely changed. Aaftrtwards, these groups of people often forcefully baptised to accept an Orthodox Christianity from the inception of colonial expiation; as it was the case with European colonialism whose colonisers came up with triple ‘C’ (Christianity, Commerce and Civilisation); actually I add the forth ‘C’ which was the main reason for the colonial expansion of Europeans as well as Atse Menilik II’s regime which I call it a ‘Conquest’.
Atse Meilik II’s conquering army used similar tactics, actions, also had similar ambition and drive for territorial expansion, exploitation, enslavement and ultimately had adopted similar subjugating techniques against the subjects. The Moresh groups in their press statement are telling the subjects that the subjects are still feeling inferior for the fact that the subjects don’t feel comfortable with the Status-Quo unless the nations and nationalities are effectively De-Colonised. I think they are correct!! If one thoroughly reads their yesterday’s press statement with eagle eyes and with the attention of elephant ears, one can see what I’m discussing about.
Why are they huffing and puffing unnecessarily while the fact remains that they remain the primary culprits for ongoing tragedy unfolding in entire Ethiopian empire to this date? I’m not, however, exonerating the current diabolic TPLF regime that shows its excellently progressive constitution but dehumanises the peoples of nations and nationalities.
Although the current TPLF led authoritarian regime isn’t different in its substances from its predecessors; however, theoretically it has in its constitution granted nations and nationalities rights to the level of self-determination not only exercising their cultures but also they are superficially able to use their languages as a learning and working medium despite the resistances of Moresh groups ever since it was introduced soon after 1992. Doing so obliged the Moresh groups to label TPLF led regime as pariah renegades. Therefore, Moresh groups accuse the regime of inciting violence and fuelling disagreements between the two Ethiopian largest ethnic nationals, the Oromo and Amhara; the reasons Moresh groups are beating war drum; boasting that they know how to fight against the Oromo and threaten that the worst yet to come, therefore, they claim that the unfortunate situation befalling an Oromo and others subjugated nations and nationalities will be much worse than it has ever been since the conquest. What a fantastic puff!!
Moresh groups often puffed and huffed such claims for lengthy period of time since 1991 whenever their deep seated beliefs are effectively challenged, the Oromos currently are doing with others subjugated nations and nationalities. Oromo’s Qubbe generation is defying such deep rooted beliefs of the Moresh groups, it is therefore becoming formidable power, the former rulers don’t want to see and can’t tolerate. Thus, they are extremely becoming anxious and started acting irrationally to declare a kind of an official war against Oromo people who did nothing- but demanded their fundamental rights to be firstly respected and to be recognised as an equal stakeholders in their own land; and secondly tried to decipher the historical injustices imposed on their nation to logically challenge and categorically denounce and reject these. What is wrong here? Any logical and conceptual argument contrary to doing such?
Adolf Hitler is unconditionally and continuously condemned for his barbarism to this date on daily, monthly and yearly basis. The victims of his heinous crimes against humanity are receiving compensation from the Germany government whose ancestors have caused such diabolic crimes. The Oromo whose ancestor were similarly brutalised didn’t ask for compensation from Moresh groups, yet decided to remember their victims by erecting memorial monument; does this cause the descendants of those criminals to officially declare war against the Oromo and others subjugated nations and nationalities who are logically and legally arguing the actions of such barbaric rulers shouldn’t be condoned? What do Moresh Groups think the way forward if they decided to stick to their obdurate attitudes, erroneous beliefs and illogical arguments? http://welkait.com/?p=2262?
Numerous peoples of colonised nations and nationalities advise Moresh and its supporters to walk with the walks of 21st century and its civility to think logically instead of thinking with barbarism of Stone-age mentality.
Moderator, Sidama National Regional State Information Network
January 25, 2014


Sunday, January 26, 2014

Maandela Irraa Maal Baranaa?

Baqqalaa Jiraataa irraa*
Barri 2013 barota darban keessaa adda ture yoo jedhame soba hin fakkatu. Bara 2013 kan adda isa godhee adunyaa mara yaadan walitti fiduu isaa ti. Dubbin adunyaa guutuu yaadan walitti fidee sochose, dubbachisee, gaddisise du’aan adunyaa kana irraa boqotuu Nelson Mandelaa (Madibaa) ti. Gotichi Afrika Nelson Mandelan erga dhukkubsatee mana yaalatti deddebi’uu eegale irra kaasee hawasni adunyaa kanaa guutuun waa’ee isaa jala bu’ee hordofaa ture. Midiyalee beekamoon haala isaa duuka bu’ani adunyaadhaf ibsaa turan. Dhukkubsachunis ta’e duuti hiree namaa, kan nama biraa hin hafne yoo ta’eyyuu kan Mandelaa adda ture. Hawwasni adunyaa kanaa du’a goota kanaa dhga’us ta’e arguu hin barbadne jechuun ni danda’ama. Dhugadha namni akka Mandelaa silaa du’uu hin qabu. Otuu danda’amera ta’e fakkeenya qabsoo bilisummaa, nagaa, araaraa fi namoomaa ta’ee barabaraan jirata ture. Garuu hangam jallatamaa ta’uyyuu qaamaan du’ee boqotuun isaa hin hafne.
Adunyaa kana irratti yeroo baayee yeroo namni tokko du’u hojii fakkeessa heddutu dalagama. Namichi yeroo lubbudhan jiru wanta inni hin ta’inii fi hin dalagin irra tuuludhan fakkeesu, saaduu, faarsu. Isa goota hin ta’inin goota jechuun, isa arjaa hin ta’inin arjaa dha jechun, isa badi dalagaa turen nama haqqatti jechuudhan faarsuun beekamaa dha.
Akka ilaalcha kooti kan yeroo jalqabaatif seenaa dhugatin adunyaa marti faarsee, saadee fi gadda dhugaa gaddef Gooticha Afrikaa Nelson Mandela ti jedhen amana. Mandelaa sanyii namaa kan ta’e maratu dhugumaan faarse yoo jedhame tasumaa soba hin ta’u. Mandelaa xiqaa fi guddatu faarse. Faarsuu qofaa miti ittin boonan. Mandelaan qabsa’aa, bilisa baasaa, abbaa jalala, abbaa araara, abbaa dhiifama fi abbaa adii fi gurrachaa jedhamee farfame. Goota Afrikaa kana faarsuu fi jalala isaaf qabuu ibsudhaf namni jecha isaaf gituu fi garaa isaa gahu argachuf itti rakkate.
Kana hunda maaltu fidee, maalif duti nama tokko adunyaa mara yaadan walitti fidee rasee bosisee? Deebin isaa gabaabadhumatti hojii/ dalagaa isaa ti. Kanaa ala homtuu hin jiru. Mandelan akkuma nama abbaa fedhee baatii sagalitti dhalate. Akkuma nama kamiyyuu harka, ija, gurraa, Walumaagalatti waan namni martinuu qabu qaba. Kan inni ittin nama kaan irraa adda ta’ee sanyii namaa garaa raase garuu yaada isaa fi dalagaa isatin. Mirga ummata isaatif ni qabsa’e, wareegama barbachisus ni kaffale. Waggaa 27 mana hidhaa keessatti gidiraa arge. Falmii isaa domsudhaf gabromftan biyyaa isaa irra ture aparthid waan danda’e hunda raawwatera. Mandelaan garuu biyyi Afrikaa Kibbaa hanga isheen biyyaa walqixumaa, biyyaa dimokrasii, biyyaa olaantummaan warra adiis ta’e kan warra gurracha keessatti hin mulatne umamtutti akka boodatti hin deebine mamii tokko malee ibse. Kayyoo kanafis yoo barbachisaa ta’e lubbuu isa kennuf qopha’aa ta’uu isaa kutannoo nama boonsun mirkanese xaddacha mana murtii apartheid fuullee dabbate.
Mandelan yaadaa fi fageesanii ilaaludhan warra adii caale argame. Ummatni gurrachi Afrika Kibbaa guddaa ta’uu isaa mullise. Mandelaan akka warra xiqqatti otuu hin taane akka warra guddatti yaade. Gurracha adiin tuffate hagam akka beeka fi namooma qabus ni mullise. Aadaa araaraa fi dhifama afrikallee ni agarsise. Diina tokko erga mo’anii booda haaloo darbe irratti bahun dadhabina malee jabina akka hin taane mullise. Kun dandeetti hogganummaa Mandelan qabuu fi nama guddaa ta’uu isaa agarsise. Mandelan waan hunda caalaa dandeetti hogganumaa qabun ummata isaas ta’e hawwasa adunyaa kanaa yaadan mo’e. Ummata hogganani bakka yaadame tokkoon gahuu jechunis isa kana.
Nuyi Oromoon Mandela irraa waan hedduu barachuu qabna. Akkuma isaa akka warra guddaatti yaaduu qabna. Adeemsaa fi toftaa qabsoo xiinxaludhan socho’uu danda’uu qabna. Siyaasni gabaa isa bitu qabachuu qaba. Haala qabtamaa yeroo kanaa yoo ilaalle hanga fedhe dhugaa qabatanif bakka yaadan hin gahan. Siyaasaa hawwasni adunyaa kana nama irraa bitu qabachun dirqama. Qabsoon siyaasaa adeemsisus kan hawwasni adunyaa kanaa gurra kennuf ta’uu qaba jechu dha. Kan midiyaleen adunyaa kanaa hordofan ta’ee mullachutu irra jira. Dhimma kana ilaalchisee gorsa hogganaan repheloltota bilisummaa Algeria dr. Musxafaa kan jedhamu kennef Madibbaan akkas jechudhan ibse. “Not to neglect the political side of war while planning the military effort. International public opinion is sometimes worth more than a fleet of jet fighters.” Yeroo qabso hidhannoo gaggesan siyaasnis dagatamuu hin qabu. Yaadni hawwasa adunyaa takka takka gurmuu xiyaara waraanaa caalaa jechudha gababatti. Gorsi kun kan Mandela/ Madibba f kenname baroota dheeraa dura ture. Haala yeroo sanattillee qabsoon ummata tokkoo qalbii hawwasa adunyaa argachuu akka qabutti amanama. Haala harr’atti moo yaadni hawwasa adunya kanaa bayee barbachisaa qofaa miti dirqama ta’ee argamaa jira. Kanaafuu siyaasni Oromoon adeemsisus kan qalbii hawwasa adunyaa kanaa hawwatu ta’uu akka qabu waan nama wal gaafachisu miti jedhen amana. Walumaa galatti Siyaasni/qabsoon mirgaa fi bilisummadhaf adeemsisamu qalbii hawwasa adunyaa kanaa akka hawwatuu fi dhageetti argatuf siyaasa ummata Oromootin walgitu yoo adeemsisuun danda’ame qofaa dha. Kana irratti yoo walif galuun danda’ame karaan qabsoo ni gababata, wareegamni kaffalamus ni xiqqata.
Waggoti 20 boodatti deebine yoo yaadane barota 1991 fi 1992 Oromoon ummata walif galee afaan tokko dubbatu ta’ee ture. Ummata humna qabu ta’ee mullatee ture. Sabaa fi sablamotni biyyatti gaddiduu Oromootif ulfna kennuu eegalanii turan. Barota sana Oromoon ummata simboo yookin adda qabu ture. Filannoo gandotaa bara 1992 adeemsisame irratti namotni ABO bakka bu’anii dorgoman sagalee ummataa guddaa argatanii Finifinnee keessatti filatamun isaanii ni yaadatama. Namootni duratti Oromoo tuffataa turan “ani akakayuun kiyya Oromoodha, ani garuu afaan Oromoo hin beeku jechuu eegalanii turan.:
Afaan Oromoo nuyi (dhabbileen siyaasaa Oromoo) harra sagantaa siyaasaa keessatti afaan hojii biyyatti haata’u jennu yeroo sana namootni otuu hin gaafatamin yookan hin dirqamin barachuu eegalan. Kana maaltu fide yoo jedhame tokkummaa, jabina jaarmiyaa (ABO), walii galuu fi afaan tokko dubbachuu keenya. Tokkummaan humna, yeroo tokkummaan jiru kabajatu jira, ulfinatu jira, sodatamutu jira. Ummattotni biyyatti Oromoon aangoo siyaasaa qabachutti dhiyate waan jedhanii yaadanif of qopheesuu eegalani turan jedchuun ni danda’ama. Angoo siyaasaa jechun maal akka ta’e ummatni ni beeka. Aangoon siyaasaa waan hundaa akka ta’e muuxannoo gahaa waan qabuf.
Ega bara sanaa asitti Oromoon aangoo siyaasa biyyatti irraa yeroodha gara yerootti fagata dhufe. Kun waggooti 20 darban kana ifatti mullatera. Sunimoo akka irranfatamnu nu taasisera. Ulfinaa qabnus nu dhabsisera. Numanuu garaa gara nu tamsase. Dhiyoo kana oduu aja’ibaa tokkotu karaa TV “ESAT” jedhamu tamsa’e. Innis Mootummaan Itophiyaa G7 wajjin mari’achuf gaafate kan jedhu. Dhaabni G7 jedhamu kun dheengadda dhalatee yeroo ammaa kana innis biyya Eritira madhefatee socho’aa akka jiru ibsatera. Gaafin araaraa mootummaan Itophiyaa dhiyeesef jedhamu Kun holoa Biranuu Naggaafaa ta’un ni beekama. Garuu kun nuf Oromodhaf ergaa maalii dabarsuf akka hololi kun deeme tilmaamuun nama hin dhibu. Gabaabadhumatti isin hin jirtanii jechuu dha.
Nelson Mandelaan yeroo haalli akkasi dhaba isaa ANC mudate jedhee yaade akkas jedhe: “ANC was in danger of becoming marginalized unless it stirred itself and took up a new method.” Kun jechun ANCn siyaasa keessaa gara moggeeefamutti deemaa jira kanaafuu dafee haala jiru ilaallee of sirreesuu qaba jechchuu isaa ti. Haala jiru hubatanii toftaa jijjirudhan socho’uf qophee ta’uu jechuu isaa ti. Hogganaa qabsoo ummataa irras kan eegamuu isa akkasiti.
Siyaasni biyyatti kan adeemsisamaa jiru biyyaa keenya Oromiyaa keessatti yookin irratti ta’uun isaa ifaa dha. Dr. Gammachuu Magarsaa dhiyoo kana waan nu hubachise tokkotu jira. Maqaan Itopiyaa fi Oromiyaa walirra oole jedhe. Misensotni sabaa fi sablammota biyyatti hundi kan keessatti argaman Oromiyaa waan ta’ef Itophiyaa jechun Oromiyaa jechuu dha. Oromiyaa jechunis Itophiyaa jechu dha jedhe. Kun jechuun Oromoon ykn. Oromiyaan biyya Itopiyaa jedhamtu kana akka utubaa manaa walitti qabee jirachisa jirachuu isaa ti. Waan kana ta’eef maqaa Itopiya jedhu lagachuu hin qabnu, kallatidhan Oromiyaa ilaala waan ta’ef. Amma garuu baayeen keenya damaqaa waan jirru fakkata. Gidduu kana falmii waa’e seenaa tortoraa Miniliki ilmaan habashaa afarsanin walqabatee Oromoon jijjirama yaadaa guddaa argamsisera. Kunis maqaan Itopiyaa jedhu nun Oromoo fi sabota Kush ta’an ilaala malee habashaa hin ilaaluu jechudhan paltalk irratti habashota afaan qabachisaniru. Qubattota habashotatu biyaa keenya irratti abbaa of tasisee nutti falmaudhan biyyaa asii hin qabdan nuun jedhaa jiru. Garuu dhugaan isaa Itophiyaan kan keenya malee kan isaanii ta’uu hin dandeesu.
Yeroon kana jedhu Itophiyaa Oromoo qofti dhuunfatee akkuma habashotaa kophaa abbaa itti ta’ee ummatota hafan hacuuca jechuu miti. Mirga abbaa biyyummaa Oromoo mirkanesudhan sabota fi sablamota biroo wajjin biyya walqixummaa fi walkabajanii keessa jiratan umuu jechu dha. Nuyi Oromoon qabsoon keenya eenyummaa keenya akka hin sochonetti deebisnee gadi dhaabuu, sirna federalism sabdanesaa dhugaa ijaaruu, biyya sabotaa fi sablamotni biyyatti waqixummadhan keessa walin jirataan Itophiyaa haaraa ijaarudhan oftuulummaa hundeedhaa buqisani ballesuu kan jedhu ta’uu qaba.
Dhugaadha sabbontotnii fi qabsa’otni gameesotni Oromoo yaada kana qabatanii dhaaba haaraa Adda Dimokratawaa Oromoo (ADO) jedhamu hundesani sochii irra jiran jiru. Dimokraasin aadaa Oromoo ti. Sirna gadaa Oromoo ti erga jennee dhugadhumatti dimokratawaa taanee argamuu qabna.
Ammas yaada Madibaa tokkotti fayadamuun barbada asiratti, innis akkas jedha: “That only a democratic state, based on the will of the people, can secure to all their birthright without distinction of colour, race, sex or belief.”Kunis mirga umaadhan ummattotni qaban mirkanneesuun kan danda’amu yoo mootummaan dimokratawaa fedha ummattotaa irratti hunda’e ijaarame qofaa dha jechudha.
Sirni Gadaa Oromoos duratti akkasuma ture. Sirna Gadaa keessatti namni hudumtuu walqixa, garagarummaan hin jiru ture. Sirna gooftaa fi garbumaa kan nutti fide halagaa dha. Sirna gadaa dimokraasii keenya kan ittin boonuu dandeenyu yoo dhalotni ammaa kun hojidhan agarsisuu danda’e qofa dha. Hojidhan agarsisu jechun moo yoo biyyatti Itophiyaa jedhamtu kana akka isheen sirna dimokratawaa irraatti ijaaramtuf Oromoon adda durummadhan socho’e qofaa dha akkuma ADO lafa ka’etti.
Hawasni adunyaa kanas kan Oromoo irraa eega jiru kanumadha. Kanaafuu, nuyi Oromoon heera haaraa biyyi itopihyaa ittin bultu qopheesudhaf itti gaafatamummaa guddatu nu irra jira jedhen amana. Sabootaa fi sablamotni biyyatti Oromoo eegaa akka jiranis beekuu qabna. Ani kana qabatamatti afaan guutee dubbachuu nan danda’a, yoo xiqate ganna shanif dhabbilee siyaasaa sabota biyyatti bakka bu’an wajjin dhimma siyaasa biyyatti irratti yeroo hedduu mari’adhera waan ta’ef.
Kana mirkanesachuf yaada ummattota/ sabaa fi sablamootaa/ gaafatanii ilaaluu ni danda’ama. Harr’a haalli mija’aadha yada ummataa gaafachudhaf. Muuxannon Madibbafa/Mandela/ kanaf ni gargara. ANC n dokumantii “Freedom Charter” jedhu qophese. Ummata biyyatifis gaafii akkas jedhu tamsase. “If you could make the law … what would you do?”Otuu heera baasaa isinin jedhame maal gootuu kan jedhu gaafin ummataf tamsa’e.
Yaadni ummatni kenne adeemsa siyaasa ANC tif bu’aa guddaa buuse. Isa irratti hunda’ee ibsa akkana jedhu baasee guutuu ummata biyyatii fi hawasa adunyatif labse. Labsin isaas akkas jedha ture: “We, the people of South Africa, declare for all our country and the world to know that South Africa belongs to all who live in it, black and white, and that no government can justly claim authority unless it is based on the will of the people.” Kunis afaan Oromootti biyyi Afrikaa Kibbaa kan ummattota keessa jiratanii, kan gurrachaa fi adii yoo taatu mootummaan kamiyyuu fedha ummataa malee aangoo irratti qabachuu hin danda’uu jechu dha.
Nuyi Oromonis wacaa fi holola abdii kutannaa ilmaan habashatif gurra kenninee yeroo keenya ballessuu dhiisnee yaada ummata guddaa fi aadaa dimokrasii qabu tokko irraa eegamuu fi dhiyaachuu qabu tokko ummattota Itophiyaa fi hawasa adunyaatif labsuu qabna. Dhabbileen siyaasaa Oromoo walitti dhufanii ejjennoo akkasi fudhachuu qabu jedhen amana. Tarii Addi Dimokratawaa Oromoo (ADO) kana irratti ni hojjeta jedheen amana. Hojjechus qaba. Kun hojii hattattama ta’uu qaba akka yaada Koo ti. Kana irratti beektoti, hayyotii fi maanguddoti Oromoo yaada kana deggaran ADO cinaa dhabbatanii yaada isaanii gummachuu qabu. Yaadni akkasii gonkumaa akka kaayyoo gatutti yookan akka “revisionist”tti ilaalamuu hin qabu. Akkuma Mandelaa mormitota keenya yaadaan caallee argamuu qabna. Seenaa abbatu tolfata malee namni namaaf hin tolchu. Oromonis akkuma Ummata Afrikaa Kibbaa seenaa isaa haresuudhan tolfachuu qaba.
Nelson Mandelaa kan du’a irra hambisee adunyaa kana irratti nama mararfatamaa akka ta’uu kan godhe ilma Oromoo kapiten Guutaa Dinqaa ti. Guutaa Dinqaa guddina ummata Oromoo aduynaan kun akka beeku godhera.
Janaral Taddasaa Birruu erga Mandeladhan wal arganii booda haala ummatni isaanii keessa jiru hubatanii gara falmii mirgaa ummata Oromootti akka fuullefatan kan jedhu yaadni ni jira. Janaralich Mandelaa irraa waan baratan qabuu jechuu dha. Isaan waan baratan sana hojirra oolchuf socho’anii utuu bakkaan hin gahin hafaniru. Dhalotni Oromoo harraa kunis Mandela irraa waan baratu qaba. Siyaasa bilchataa ademsise Itopiyaa jijjiruf qopha’uu fi hojjechuu.
Kun yaada koo dhuunfaa ti. Namni waan of harkaa qabu darbate sodataa hin jedhamu jedha mamaksi Oromoo. Namootni keessumaa yaada kana hin fudhane akka jiran ifaa dha. Garuu akkuma Oromoon dubbi baha hin dhorkin gala dhorki malee jedhe sana, maalif yaada kana dhiyeesite jedhamee abaramuu hin qabu. Yaadan garagara ta’uun kanuma jiru dha.“Despite our disagreements, we were all gentlemen.” Yaadan garaa garaa yoo taanes hundumti keenya yyuu naamusa qabna jedhe Mandelaan. Kunillee waan isa irraa baranu keessa isa tokkoo fi isa angafa jedheen yaada.
Hayyee, Hayyee!
Waaqa Umaa, Waaqa Umamaa!
Afaan keenya tokko godhi!
Warra walif galee alaa galu nu godhi!
Galatoma.
Baqqalaa Jiraataa – Swidin irraa (bji2050@yahoo.com)

MTCDA: All Oromo Community Associations and concerned Oromo individuals in the Diaspora

macha-tulama

MEMO

Date:     January 22, 2014
From:     The Board of Directors of Macha-Tulama Cooperative and Development Association (MTCDA), USA, Inc.
To:        All Oromo Community Associations and concerned Oromo individuals in the Diaspora
The Board of  Directors  of  MTCDA-USA,  Inc.  is  writing  this  memo  to  inform  you  about the formation of 50th Anniversary Organizing Team of the Macha-Tulama Association (MTA) in the United States and to request you to fully cooperate with and provide your moral and material support to the team for facilitating the planning and celebration of this glorious anniversary. For your information, the MTCDA is a legally registered not-for-profit organization in the United States.
As you know the Macha and Tulama Association was formed in 1963 and banned in 1967. The government of Haile Selassie (1930-1974) banned the Association so quickly because the leaders of the Association organized huge mass meetings at which through fierce oratory, dramas, poems and prayers in Afaan Oromo, which was banned during those days, moved the Oromo into tears of anger against the oppressive Ethiopian system. The leaders of Association not only united and provided the Oromo with central leadership, but also made them conscious of their unity and their dehumanization as second-class subjects and inspired them to be agents for their freedom and human dignity. In short, the Macha-Tulama Association planted the tree of Oromo political consciousness. The limited gains the Oromo achieved since the 1970s was the fruit from that tree of political consciousness. The Tigrayan People’s Liberation Front has dominated Ethiopian regime, which is determined to deprive the Oromo of any independent organization, once again banned the Macha-Tulama Association. As a result in 2014 the oldest Oromo civic association cannot celebrate its fifty’s anniversary among our people in Oromia itself.
Those of us who live in freedom beyond the long brutal arms of the Ethiopian state have a sacred mission for celebrating the 50th anniversary of the establishment of the Macha- Tulama Association. It will give us  a wonderful opportunity for informing the international community that  the  Oromo,  who make the single largest national group in the Horn of Africa and the third largest in Africa, are denied their basic human and democratic rights in their own country. What is greater shame for the Ethiopian government that beat the drum of democracy than denying the Oromo the right to celebrate the 50th 
anniversary of their civic organization? Together, let us celebrate a very successful 50th anniversary, expose the brutality of the Ethiopian regime and lift up the spirit of our people. Now is the time for the Oromo Diaspora to rise to the challenge of organizing a wonderful fifty’s anniversary that will make our people proud. Those of us in the Diaspora must prove by our practical actions to our people, friends and foes that nobody can stop us from rebuilding our national institutions, including the Macha- Tulama Association. By uniting our energies and resources we can brighten the future of our people.
It is our moral, intellectual, spiritual, and national obligations not to allow the destruction of our national institutions by our enemies by standing up for the rights of our people and defending them by rekindling the principles of Oromummaa and liberation for which huge number of our heroines and heroes have sacrificed their precious lives. Supporting the celebration of 50th anniversary of the MTA both morally and materially is one of the practical manifestations of our nationalist commitment for the cause of our nation. If we are committed to stand with our people at the time when they are not allowed to celebrate the 50th anniversary of their oldest civic organization in their own country, let us joyously celebrate it in the Diaspora and demonstrate to the Ethiopian regime that they will never be able to kill the spirit of freedom and human dignity that the Macha-Tulama Association planted in the heart, mind and soul of the Oromo nation.
Therefore, the Board of Directors MTCDA earnestly requests you to assist the team so that the celebration will successfully take place on August 1, 2014 in Washington, DC. We will be very grateful to all who will accept the challenge and support us with all kinds of imaginative efforts such raising funds for the 50th anniversary and making the preparation for the event known as widely as possible. In the spirit of what the Macha-Tulama Association stands for, we urge all Oromo nationals, community associations, civic and religious groups, and political organizations to support the preparation for the 50th anniversary celebration. Together we will make it a memorable event, which may inspire the renaissance of other Oromo organizations.

Saturday, January 25, 2014

ODF @ FINAL EXAM

Malkaa Caffee Irraa*
Wal Ijibbaannee Beenaa!
Dabartan Sanuu Feenaa,
Yoo Kuftan Xurii Seenaa!
——————————–
Gadaa.com“የወያነ (TPLF) ባለስልጣኖችን በፍርድቤት እጋፈጣቸዋለሁ”
Gadaa.com“Aangawoota Wayyaanee (TPLF) Wajjin Mana Murtii Duratti Wal Ilaalla!”
- Leenco Lata
Kana kan dubbatan Obbo Leenco Lata (I/A HD-ABO) kan yeroosii, oggaa dhaqanii Dirre Xayyaaraa Booleetti bu’an tahuun media Wayyaanee irraa yeroo sanatti waan dhagahamee dha.
——————————–
Gadaa.com“ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮ የተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ”
Gadaa.com“Itoophiyaa keessa haqni hin jiruum! Obbo Leencon sana irrattitu dogoggoran.”
- Galaasaa Dilboo
——————————–
Yeroo Obbo Ibsaa Guutamaa Walgahii “Confirensii Araaraa” jechuudhaan yaalameef deemanii Wayyaaneen qabdee hiinaan, Obbo Leenco Lata ammoo “Obbo Ibsaa Guutamaa gadi dhiisisuufani.” jedhanii deeman, Raadiyoo Sagalee Ameriikaa sagantaa Amaarinyaa irratti jecha armaan olii kana kan dubbatan ammoo Obbo Galaasaa Dilboo(HD-ABO) yeroosii ti.
Waggaa 20 dura. Ani ijoollee dha. Ona Anniyyaa (Baha Harargee) Raasaa Qumbii, Qarree Raammis, Duyda/Gooroo Dhaddachaa. Bir’eensa xiqqaa tokko jala dugdaan ciisee osoon urjii samii ilaalaa waa’ee oduu rifaasisaa sanaatitti aaruu fi  baasee buusuu, Jaal Tarree Dhaddachoo (Rabbi Rahmata haa godhoof) “J____VOAn geesse.” naan jennaanin radio banadhe.
Galmee yakkaa Poolisa mootummaa Itoophiyaa kan yeroosii keessatti nama sadarkaa duraa (Lakk. 1ffaa)tti barbaadamu jechuudhaan ibse radion Itoophiyaa yeroo sanatti. Addunyaa Polotikaa Oromoo fi mooraa ABO kan yeroosii keessatti ammoo nama 2ffaa dha. Obbo Leenco Lata. Nama galmee yakkaa poolisa mootummaa Itoophiyaa keessatti Lakk. 1 irratti galmaawee tohannoo seeraa jala akka oolfamuuf barbaadamaa ture jedhame kanatu murtii ofii isaatiin osoo namuu isa hin dirqisiisin xayyaaraan balali’aa dhaqee dirree xayyaaraa Booleetti xayyaara irraa bu’e. “የወያነ (TPLF) ባለስልጣኖችን በፍርድቤት እጋፈጣቸዋለሁ” “Aangawoota Wayyaanee (TPLF) Wajjin Mana Murtii Duratti Wal Ilaalla!”  jedheeti inumaayyuu uggee qoma dhiibee dubbate jechuudhaan miidiyaan Wayyaanee hafarse yeroo sanatti.
Oduu kana osoon gurraa qabuutin VOA caqasuuf radio banadhe. Kanin gaafas dhagahe keessaa ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮየተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ” “Itoophiyaa keessa haqni hin jiruum! Obbo Leencon sana irrattitu dogoggoran.” Jecha jedhu irraanfachuu hin dandeenye. Addunyaa Polotikaa Oromoo yeroo sanaa keessatti nama sadarkaa duraa (Lakk. 1) irra turan Obbo Galaasaa Dilbootu akkas jedhe.
Radion mormituu warra Amaaraa tokko ammoo (maqaa radio sanaa amma hin yaadadhu) “አቶ ሌንጮ ለታ ወደ ወያነ ዘፍጥያ ተወረወሩ።” erga jedhee booda itti fufee “አቶ ሌንጮ ለታ በሁለት መሥላል ወደ ስልጣን ኮርቻ ለመዉጣትስሞክሩ ክፉኛ ወደቁ።” jechuudhaan waan mudate sanatti hedduu gammadanii ‘Iskistaa’ bu’aa fi Shaampaanyii buqqisaa jiraachuu isaanii haala ifatti mul’isuun dubbate.
Osoon kanas gurraa qabuun Oduu VOA dhaggeeffachuu itti fufe. Gazexeessaan VOA yeroos oduu sana dubbise nama dhiiraa tahuu malee eenyu akka tahe amma hin yaadadhu. Oduu waa’ee akka tasaa Shaggar seenuu Obbo Leenco keessatti “Ija jabinni (uggiinsi) fi gootummaan akkanaa seenaa namoota bara durii keessatti malee yeroo as dhihoo kana keessatti mul’atee hin beeku” jechuu isaa nan yaadadha. Jecha sana gaazexeessuma VOA sanatu ofii dubbate moo yaada namni alagaa waan sana irratti kennate keessaa fudhatee dubbachuu isaa garuu amma sirriitti hin qaabadhu. Itti dabalees HD-ABO kan yeroosii kan tahan Obbo Galaasaa Dilboo sababa deemmaa tasaa kan quba qabeenyaa Dhaabaan ala tahe kanaaf jecha Obbo Leencon Aangoo fi Gaafatama isaa irraa kaasuu kan ibsu ABO irraa ibsi bahuu isaatu oduu sana keessatti himame.
Oduu booda gaaffii fi deebii HD-ABO yeroosii Obbo Galaasaa Dilboowaliin taasifametu itti fufe. Dubartiitu gaafate. Akkuman olitti ibse, achi keessaa kanin yaadadhu tokko  “ኢትዮጵያ ዉስጥ እኮ ፍትሕ የለም። ኣቶ ሌንጮየተሳሳቱትም እዚያ ላይ ነዉ” jechuu Obbo Galaasaa Dilboo ti. Kan biraan “Amma Obbo Ibsaa Guutamaa fi Obbo Leenco Latas hidhaa keessa jiruu kana irratti maal jettu?” jechuun gaaffii dhihaateef Obbo Galaasaan oggaa deebisu “Obbo Leenco fi Ibsaa qofa osoo hin taane miseensota ABO fi Oromoota qulqulluu kumoota hedduutti lakkaawaman yeroo ammaa maqaa ABOtiin mana hidhaa Wayyaanee keessa jiran hundi isaanii badi tokko illee waan hin qabneef Wayyaaneen hatattamaan akka gadi lakkisu gaafanna.” Jechuu isaan yaadadha. “Galatoomaa! Waaqayyo obsaa fi jajjabina isaa isiniif haa kennu !…” jechuudhaan sagalee garaa nama nyaatuu fi gaddi keessaa mul’atuun gaaffii fi deebii sana xumurte gaazexeessituun VOA, Oromtittiin, Intalti Fitowraarii Balaachoo, Tizitaan. Dubbiin isii iyyuu gaddisiise maalayyaa anaa gaafasii? Nan booye. ….Booyicha aarii. ….Imimmaan gubaa. …Imimmaan xiiqii. ….Garaa ijoollummaa. …Dheebuu Bilisummaaf !
Guyyoota muraasa booda Obbo Leenco fi Obbo Ibsaanis lamaanuu hidhaa irraa hiikamanii nagaadhaan xayyaara koranii Itoophiyaa irraa gara alaatti balali’an jechuu dhageenyee gammadne. Guyyuma sana ammoo xayyaarotni lolaa fi helikopterootni waraanaa loltoota Wayyaanee fi galaa isaanii deddeebisanii fi madoo isaanii kaasan nu irra balali’aa oolan. Hibboo dha. ….Hibboo QBO. …Iccitii Polotikaa.
Biyya ol’aantummaan seeraa fi haqni hin jirre keessa haqa barbaachaaf qoma dhiibanii “gootummaadhaan” bifa sanaan itti deemuu fi kuni sirrii mitii maaliif kana goota? jedhanii wal adabuu (aangoo fi gaafatama irraa wal kaasuu) sana lamaan gidduu garaagarummaan jiru yeroositti guddoo natti hin mul’atu ture. Akkuman jedhe anoo yeroos ijoollee dha. Ana qofas miti. Warruma gurguddaa jedhamuttuu yeroositti wanti kun wal qixa hundatti mul’ate hin sehu. Yookaan ammoo warri galeefis “Nuti ilaalcha lama kan akka Dhaaba tokkichaatti qabatanii waliin deemuun hin danda’amne qabna” jedhanii walittii fi ofittis dhugaa himanii gar-gar bahuu mannaa “Akeeka tokkicha (bilisummaa ummata keenyaa dhugoomsuu) qabna” kan jedhu of amansiisuudhaan obsanii dhukkubbii isaa kulkulfachaa walumaan tirachuu filatanis taha. …Wal amantii dha. …Wal irratti abdii dha. …Wal jaalala. “Jaalalaa fi wal amantii Oromummaa.” Garaa gubaa (Stomachache) Polotikaa Oromoo.
Akkanaan waggoota 20 dabraniif ilaalchi kun lamaan wal fudhachuu ykn. wal injifatanii wal bulfachuu ykn. wal ijibbaatanii gargar galuu dadhabanii/hanqatanii wal gangalchaa ABO fi QBO jeeqaa bahan. Maayyii irra akkuma tahettuu addaan bahamee inni achi bahe ADO/ODF ofiin jedheera. Sadarkaa kana gahuuf adeemsi akkamii akka hordofame, shirri/dabni akkam akka dalagamee fi miidhamni hangam QBO fi ABO irra akka geessifame bifaa fi sadarkaa barreeffama akkanaatti amma dura wanti hedduun namoota hedduudhaan barreeffameera. Anis waggaa tokkoo fi walakkaa dura (Waxabajjii 2012 keessa) mata duree “Meetni Nama Harka Jiru Dhagaa Fakkaata.” jedhu jalatti dhimma kana irratti waa barreesseen ture waan taheef amma seenaa waan keessa dabramee sana keessa seenuu hin fedhu.
Amma gara ijoo dubbii barreeffama kiyyaattin suduudaan seena. Baatiilee 10 dura yeroo Dhaabni ADO/ODF jedhamu hundeeffamuu (ijaaramuu) isaa labsatu Oromoo keessaa:
a) QBOtiif Dhaaba/Jaarmaya filmaata tahuu danda’u kan kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo ABO irraa adda tahe qabatee garuu Bilisummaa Oromootiif qabsaawutu dhalate jedhanii ilaalcha gaariidhaan kan simatan jiru.
b) Lakkii jarri warra qabsoo hifatee maqaa qabsootiin biyyatti galee harka kennatee jiraachuu barbaadutu wal gurmeessee galuufi malee waan QBOtiif bu’aa buusan mitii kan jedhanis jiru.
c) Xannacha bara dheeraaf ulfa fakkaatee gadameessa QBO keessa turetu bahe jechuun hedduu hadheeffatanii warri yaada kennachaa turanis jiru.
d) “Maaloo! Maaloo! Maaloo Jaallan, Obboleeyyan, Ilmaan Aayyaa, akki kun nuuf tolaa ree? Wal haa dhageenyu! Wal haa dandeenyu! Ilaalcha keenya wal fudhachiisnee Bilisummaa Ummata keenyaaf ilaalcha tokkoon waliin qabsaawuu gara dandeenyutti wal haa luucceffannuu maaloo dhaaphaa!” jechuudhaan hanga gaafa ODF of labsuutti warri waywaachaa turan “Fayyaaleyyiin ykn. Daalleewwan”akka kiyyaas jiru.
ODF gadameessa keessatti umrii dheeraa qaba malee qaamaan erga dhalatee lafa gahee waggaa hin guutne. Hanga ammaatti (osoo garaa jiruu fi erga dhalatee lafa gahees) kan isa mudatee fi mudachaa jiru jaalatamuu caalaa jibbamuu, amanamuu caalaa shakkamuu/ciicatamuu, faarfamuu caalaa arrabsamuu, eebbifamuu caalaa abaaramuu fi balaaleffatamuu…..kkf. dha. Kun hundumtuu isaaf murteessoo akka hin taane beekamaa dha. Isaaf “Dhaabichaaf” murteessaan eenyummaa fi hojii isaa qofa. Oromoo biratti Wayyaanee fi Lukkee isaa (OPDO) caalaa kan jibbame, tuffatame, arrabsamee fi abaarame hin jiru.
ODF qormaata xixiqqoo (test) hanga ammaa isa quunnamte jabinaa fi qabxii gaariidhaan keessa dabre. Qormaata isa xumraa (Final Exam) garuu murtii dhiheenya ifa baasee labsate kan “Shaggar seennee QBO karaa nagaa gaggeessina.” jedhuun amma itti seenaa jira.
Akkamitti?
1) Murtiin ABOn ilaalcha mooraa isaa keessa jiru xaliilchuuf fudhate tokko tokko dhidhiibee osoo hin jaallatin, akka barbaadanitti qophii fi wanneen feesisan hunda osoo hin guuttatin, miiltoo karaa dheeraa fi hamaamota gaafa cidhaa osoo addaan hin baafatin amnicha haa jalqaban malee, namoota maqaa ODFn galaa jiran keessaa sadarkaa nam-tokkeettis tahu kanneen dhugumaan Qabsoon Bilisummaa Oromoo daandii sanaan caalaatti milkaawa jedhanii itti amananii fi sanaafis wareegama feesisu baasuuf of qopheessan hin dhabaman (ni jiru) jedheen abdadha. Gariin ammoo, dheerina qabsoo hifachuudhaan bifa fedheenuu (garuu maqaa qabsootiin) Oromiyaa keessa nagaadhaan jiraatanii bishaanii fi midhaan, akkasumas, qilleensa Oromiyaatiif dharraa qaban bahachuudhaaf kanneen carraa kanatti dhimma bahuu murteeffatan tahuun shakkii hin qabu. Ayyaan-laallattootnii fi gantootni (abbootiin garaa) kanneen sadoo jireenyaa fi bolola aangoof jecha kana keessa gugatanii ‘Fake’ kan tahe aangoo maqaa/kijibaa kan Wayyaaneen kennuufii maltu (kan ittiin ergama wayyaanee raaw’atan) fi ofii ammoo media irratti mul’ataniin abjootanii kan deemaa jiranis hedduu dha. Eenyummaa fi aynaan namootaa buburreen kun oggaa achi gahee shirri diinotaa irratti dabalamu wal harcaasuun, hamtuuf dabarsanii wal kennuunii fi Dhaabicha (ODF) ooyruu Wayyaaneen lukkeelee haaraya keessaa oomishattu taasisuudhaan, waan Ummata keenya ija alagaa duratti salphisu, xiqqeessuu fi qaaniidhaan mataa lafa ilaalchisu raaw’achuuf kan jiran tahuun  waan arguu fi dhagahuuf teenyu keessaa tokko tahuu danda’a. ODF kana irraa dandamatee Dhaaba Siyaasaa mormituu dhugaa kan keessa isaatti itita qabu, Qabsoo Bilisummaa Oromoof akka filmaataatti kan dhihaachuu danda’uu fi   Wayyaanee fi diinota QBO kaanis ‘Challenge’ godhu ni tahaa?
2) ODF gaafa ijaaramuu isaa labsatu Itoophiyaan Empaayera tahuu isii, qabsoon Oromoon hoogganummaa ABOtiin gochaa turee fi jiru kan haqaa fi qoodni namoota ODFs keessa jiru tahuu akka amanuu fi har’as taanaan Kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo ABOn ittiin masakamu akka hin morminee fi ofii garuu kaayyoo fi tarsiimoo qabsoo kan biraa filachuu isaa qofa ibsate. Amma yeroo Shaggar gahee Heera Wayyaanee jalatti buluu jalqabu waan gaafas jedhe kana ni fafaallessa moo irratti cicha? Ejjennoo mootummaa Wayyaanee kan Qabsoo Hidhannoo Balaaleffachuu, ABO akka Dhaaba Shoororkeessaatti fudhachuu, diraamaa/fiilmii dharaa ABO ittiin yakkuuf Wayyaaneen tolchitee, qooda namootni ODF ABO keessatti qabaachaa turanii fi ……kkf. ilaalchisee gaaffii fi dhiibbaa Wayyaanee irraa isa mudatu bifa kamii fi jabinaa fi bilchina akkamiitiin keessummeessa?
3) ODF Alaabaa Oromoo ilaalchisee kanuma Dhaabaa (ABO) maxxanfatee harkaa qaba. Waajjiroota ODF Oromiyaa keessatti banamuu malan duratti alaabaan “Dhaaba Shoororkeessituu” tuni fannifamuun ishii yoo Wayyaanee sodaachisee fi ‘ምርጫ ቦርድ’ Wayyaanee biratti ittiin galmeeffamuun rakkoo tahe ODF hangam Alaabaa mararfatu tana irratti cichuu danda’a?
4) Qabeenya biyyattii kan qawweedhaan dhuunfatee fi gargaarsa mootummoota qabeenyicha saammachuu keessaa qooda qabaniitti dabalee, utubaa jireenya Wayyaanee tahee kan jiru humna waraanaa, tikaa fi poolisaa inni ofii isaaf jecha akka isaaf tahutti namoota isaaf tahan irraa ijaarratee dha. “ሕገ መንግስቱንና ሕገ መንግስታዊ ተቋማቱን በማክበር……” jechi jedhu kan Wayyaaneen oggoyyuu lallabu “Isaan kana hanga dhuunfannee harkaa qabnutti aangoon keenya iggitii qaba.” amantii jedhu qabaachuu irraa ti. Tarsiimoo qabsoo karaa nagaatti waan gufuu guddaa tahe kana maqsuuf meeshaa fi tooftaa mormitootni biroo hanga ammaa itti hin gargaaramin kan ODF harkaa qabuu fi itti gargaaramee jijjiirama fiduuf abjootu maali?
5) Walumaagala ODF Shaggar seenee maqaa Qabsoo Bilisummaa Oromootiin Wayyaaneef ‘Mask’ dimokiraatummaa dabaleefii/taheefii, sadoo jireenya nomoota dhuunfaa guutuuf jecha seenaa gantummaa (Goobanummaa) haaraya dalaguuf deema moo dhugumaan wareegama barbaachisu hunda baasee waan QBOf bu’aa qabaatu dalagee mul’achuudhaan Bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf kan abdatamu Dhaaba filmaataa tahuuf jiraata?
Gaaffiilee (qormaata) kanneenii fi kan biroo kan dhimma QBO wajjin walitti hidhatan irratti deebisaa ODF kan boru hojiidhaan lafa irratti mul’achuuf taa’utu ODF Qabsoo Bilisummaa Oromootiif Dhaaba filmaataa tahuu fi hanqachuu isaa murteessa. ODF Qormaata Maayyii kana ni dabra moo ni kufa ???
Wal Ijibbaannee Beenaa!
Dabartan Sanuu Feenaa,
Yoo Kuftan Xurii Seenaa!
Xumura:
Hamii fi guungummiin, akkasumas, yaaddoo fi shakkiin ODF ilaalchisee turee fi jiru hundi kijiba tahee, kaayyoo fi tarsiimoon qabsoo ODF maxxanfatee fi murtiin inni amma ifa baafatee itti deemaa jiru kun kan QBO bakka gahe irraa fuul-duratti furgaasee galiin gahuutti gumaachuu fi Guyyaa Bilisummaa Oromoo dhiheessuu keessatti qooda gama ofii qabaatu akka tahu haa hawwinu !
Malkaa Caffee
Amajjii 23, 2014
Malkaacaffee@gmail.com




Bekele Gerba kept in prison for bureaucratic reasons

FreeBekeleOlbana2012
Ethiopia’s opposition politician Bekele Gerba is not legible for release until next month and may not be released until next year, Horn Affairs learnt.
Bekele Gerba, former dep. Chairperson of Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM), was detained in August 27, 2011. He was sentenced to eight years imprisonment on charges of “provocation crimes against the state” and collaborating with the Oromo Liberation Front, an organization designated as terrorist by Ethiopian Parliament.
The sentence was reduced to three years and seven months after Bekele appealed to the Federal Supreme Court.
There have been claims on social media that Bekele was supposed to be released on probation last weekend, but has been kept in prison for bureaucratic reasons.
Public Relations officer of the Federal Prison Administration Commission contradicted the claims.
Addisu Tedros told Horn Affairs today that:
“A prisoner’s release on probation is determined based on a thorough evaluation and finally submitted to court for approval. However, Bekele Gerba’s case has not reached that stage yet.
If Bekele Gerba is to be released on probation it would not be sooner than February 10, 2014. Otherwise, his prison term will end on May 11, 2015.”
Asked whether the dates are counted correctly, the officer added that it is based on a computerized data base.
On the other hand, a senior official in the Ethiopian government told Horn Affairs that Bekele Gerba won’t be released on probation.
The official, speaking off-the-record, said that: “The government has no intention of releasing [Bekele Gerba] until he completes the full prison term.”
No more pre-release of prisoners?
The Ethiopian government has not released any high-profile prisoner since the pardon for the two Swedish journalists on September 2012, when Prime Minister Hailemariam Desalegn was still an acting PM. Though tens of thousands have been granted pardon on the eve of the Ethiopian New Year, last September, there are reports that the government rejected the petition for pardon by journalist Wubshet Taye and opposition politician Zerihun G/Egiziabher.
Remarking on the matter, during an exclusive interview with Horn Affairs last week, Minister Rewan Husien claimed that this doesn’t mean that the government has closed the door on pre-release of prisoners.
Referring to the high-profile prisoners, Redwan added:
“Currently, the government has not arrived at a conclusion that there is anyone who is ready to change, who has been corrected and who has reached a point of becoming an example to others. But that doesn’t mean we won’t reach a different conclusion at some future date.”
Though Redwan was commenting on pardon – which is technically different from a release on probation -, both matters lie under the discretion of the government. Thus, presumably subject to similar raison d’etre.
Source: Horn Affairs

Do you remember this:

Ethiopian opposition leaders detained after meeting with Amnesty International

Amnesty International | 31 August 2011
Bekele was held immediately after interviewed by Claire Beston, Amnesty International U.K
Bekele was held immediately after he was interviewed by Claire Beston of Amnesty International U.K
Two Ethiopian opposition leaders have been arrested after meeting an Amnesty International delegation, which was afterwards expelled from the country, the organization said today.
One of the men was accused of terror-related offences, while the charges against the other man are not known.
“We are extremely concerned that the arrests of the two men occurred within days of talking with our delegates. Although the Ethiopian government has denied it, we are worried that their arrests are not a coincidence, but because they spoke to Amnesty International,” said Michelle Kagari, deputy programme director for Africa.
Bekele Gerba, deputy Chairman of the opposition Oromo Federalist Democratic Movement (OFDM) and Olbana Lelisa of the Oromo People’s Congress party (OPC) were both arrested on 27 August.
On the same day that the two men were arrested, the Amnesty International delegation was called to a government meeting, where they were ordered to leave the country.
Bekele Gerba, an English teacher at Addis Ababa University, was arrested on allegations of belonging to the Oromo Liberation Front (OLF), a charge the government often uses to silence members of the Oromo political opposition. It has not been made public what Olbana Lelisa is accused of, but it is anticipated that the charges will be the same.
Amnesty International delegates had met with Olbana Lelisa the day before his arrest, to exchange information. They also met with Bekele Gerba, four days before his arrest. Amnesty International delegates were photographed by secret service agents leaving his office after the meeting.
In that meeting Bekele Gerba had explained to Amnesty International the irony of Oromo politicians being accused of belonging to the OLF. ‘The OLF don’t like us,’ he said. ‘They say we are legitimising the rule of the EPRDF [the ruling party], they say we are their puppets and our struggle does not bear any fruit.’
Both men were long-standing opposition politicians, who had campaigned openly in the 2010 national elections. “The arrests are indicative of the constant harassment of opposition politicians, and severe stifling of freedom of expression in the country”, said Michelle Kagari.
The two men are now being held in the federal police investigation centre, ‘Maikelawi’, from where Amnesty International has received countless reports of the use of torture. Furthermore, detainees at Maikelawi are, as a general rule, denied access to lawyers or family members, for periods of up to one or two months.
The Amnesty International delegates were under constant surveillance during the twelve days they spent in the country before being expelled. “We are now extremely concerned for the safety of everyone our delegates met with while they were in the country,” said Michelle Kagari.