Wednesday, May 21, 2014

DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’UU KEENYA IRRATTI HUNDAA’A !!

SEENAA Y.G(2005) | Caamsaa 21, 2014
Gaaffiin Ummata Oromoo, Gaaffii haqaa akka ta’e, Wayyaaneenis deebii quubsaa akka hin laanne, Addunyaatu ragaa ba’a. keessattu yeroon kun , Ummati Oromoo qabsoon gaggeessaa jiru haqa ta’uu isaa, inni itti hadhaawaa jiraate illee ofitti fudhatee, dhugaa qabu jechuu irra ga’e jira. Dhiigni ijoollee Biyya keessatti dhangala’ee, waan Biyya sana keessatti humnaan Ukkaamemee jiru ifatti baasee, gurra addunyaa hawwatee, hundumtu takkaa dhaabbatee akka of gaafatu taasisuu fi isa of-dagee jireenya dabeessummaatti of kenne illee akka dammaqisee hin shakku. Keessattu wayyaanee waan hundaa fixadhee jettee diriiffattee rafuuf yaalte, utaalchisee kaasee wawwaachiisaa jira. Addunyaa dantaa ofiif jecha, dhiiga dhangala’aa jiru akka bishaanitti lakkaa’uu dhiisanii , takkaa mil’atanii ilaalanii dhiiga ta’uu akka hubatan taasisee jira. Dhala Oromoo diina jalatti of gatee kurkuraa jirus, gurra dhaabsiseera.
Dhala Oromoo addunyaa maraa keessa jiru bakka jiru akka waliif birmatu taasisee jira. Biyyoota ollaa wayyaaneef harka laatanii Biyya ollaa keessaallee baqattoota keenya ariisisuuf shira hojjatanii fi qabsoo Ummata kanaa irratti shira warra hojjatan, Lakkii Ummati kun gaaf tokko… jedhanii akka of duuba mil’tan taasisee jira. KanneenOromoo bifa adda addaan gaadi’anii habjuu isaanii gama hundaan milkeessu barbaadan, warra maallaqaan jaamanii Ummata isaan jiraachisetti hammeenya yaadan, eenyummaa Oromoo dhabamsiisanii , kan isaanii itti fe’anii , Oromoo tajaajiltuu isaanii taasisuu warra barbaadan, callisuun Oromoo wallaalummaa fi gabrummaaf jilbeenfachuu odoo hin taanee, yeroo kan eeggatu ta’uu isaa akka gaaritti akka hubatan taasisee jira.
Kana malees, Sochiin baatii kanaa, Oromoon waan irratti raawwatamaa jiru wallaaluus akka hin taane, hammeenya kan nu irratti yaadu tokko tokkon qomaa akka qabu, kan akeekkachiiseedha. Kana qofaa miti, Oromoon Qabsoo waligalaaf illee Qophii ta’uu nu akeekeera. Akka walii galaatti, Dhiigni dhaloota har’aa akka bishaanii dhangala’e diina qofaa odoo hin taane, nuutillee waa hedduun akka of keessa ilallu nu taasiseera. Jaallannus jibbinus, Kan dhangala’ee dhiiga Lammii keenyaati. Kana  akkamiin gumaa baafnaa ? ykn gaaffiin ijoollee kanaa firii akka horatuuf maal gochuu qabnaa ? jennee of gaafannee waan hojjannuutu Gootummaa yk  lammummaa keenya mirkaneessa hubadhaa. Waan hundaan olitti , Waan kichuun keenya hojjattee kana, Seenaa irratti qofaa galmeessanii kaa’uun ykn yaadachuun bu’aa akka hin qabne qalbifachuudha. Irratti hojjachuu nama gaafata . keessattu hangafoonni isaanii Qabsoon dhufee mana kenya ga’e malee jedhanii hamilee of buusanii jiran, qabsoon eessa ga’ee ? qofaan kanneen gaafachaa olanii bulan, kanneen  waan hojjatan wallaalanii maal nu wayyaan keessa isaanitti gubatan, yoo yaadaa fi fedhiin isaanii lammii isaaniif ta’ee, dirreen qabsoo mana isaanii fi qe’ee isaanii ta’uu hubatanii, waan ija isaanii duratti ijoolleen kun Gootummaa raawwattee jirtu irraa barbachuu qaban.
Kana irratti waan nama gaddisiisu tokko kaasuun barbaada. Wayyaaneen holola oofaa jirtu irraa kan dhageenyu, jecha Daa’imman ykn ijoollee waa hin beeknetti dhimma ba’an kan jedhuudha. Akka kiyyatti , hangafoonni isaanii kana dhaga’an itti qaanfachuu qabu. Hangafoonni isaanii waan ijoolleen kun gaafattu keessaa hin qaban jechuudhaa ? wayyaaneen nutti toleeraa jedhanii harka laataniiru jechuu isaaniitii ? ijoolleen kun gaaffii Ummata miliyoona 40 wayita gaafatan, gaafachuu isaaniif ammoo lubbuu itti kennan kana irraa hangafoonni isaanii haajaa hin qaban jechuudhaa ? deebiin kun hangafoota isaanii hundaa ka ilaallattudha. Oromoon gabrummaa jala jiraachuun, keessa isaanitti gaaffii kaasisuu qofaa odoo hin taanee, akkuma ijoollee kanaa ba’anii gaafachuu fi deebii argachuuf hojjachuu qaban. Keessattu sagaleen koleejoota keessatti diina rifaasisaa ture, mindaa ji’aa qofaaf akka hin taane hin shakku. Maarree maaf ijoollee cinaa dhaabbatee itti fufu dide ? gaaffiin ijoollee kanaa Angafoota isaanii waajjiraalee keessa jiran, hojiilee adda addaa keessa jiran odoo hammatee ykn of cinaati qabaatee, injifannoo ol-aanaa ta’a ture. kana sirreeffachuu nu feesisa. Beektoonni Biyya keessa jiran , walii galanii gaaffii ijoollee kanaa waliin akka jiran murannoon beeksisuu qabu.
Wayyaaneen gaaffii ijoollee kana, gaaffiima ijoollee taasiftee bira taruu barbaaddi. Angafoonni isaanii akkuma ijoollee kanaa maaliif of hin ijaarree ? maaf gama hundaan dhiibbaa taasisuuf of hin qopheessine ? kun hundumtu odoo qindaa’ee dhiibbaan ajjeechaa fi hidhaa ijoollee kan irratti hin heddummaatu ture. kanaafan , “DEEBIIN GAAFFII KEENYAA, HUMNA TA’U KEENYA IRRATTI HUNDAA’AA” kanan jedhef.
Sochii barattootaa Biyya keessaa odoo hin yaadamnee fi wayyaaneen odeeffannoo tokkollee osoo hin qabaatiin gaggeeffamuun isaa injifannoodha. Jabiina qaama sochii kana qindeesseeti. Hunda irra, keessi keenya hangama jabaataa akka jiru, icittii keenya hangam eeggachaa akka jirru nu hubachiisa. Yoo jabaannee kana irra hojjachuu akka dandeenyu nu dhaama. Sochii qindaa’aa wayyaanee raase kana waliin, Hawaasi Oromoo Biyyoota hambaa jiraatan hundi yeroo tokkotti ijoollee kana waliin dhaabbachuu fi waan wayyaaneen irratti raawwate addunyaa mara irratti dhageesisuun isaanii , ofuma keenyaan of takaallee teenye malee, waan hundaa hojjachuu akka dandeenyu nu akeekee jira. Waan hunda irra Dhimma Oromoo irratti wal tumsuu fi ilaalcha walii illee kabajuun hangam nu tarkaanfachiisuu akka danda’u argineerra. Kun guddina siyaasa keenyaa mirkaneessa. Ummata SIRNA GADAA qabaachaa turee fi dhiiga tokko ta’uu keenya kan nu mirkaneessu kanadha. Kana jabeeffachuu barbaahcisa. Waa hunda irra diina kan rifaasisu isa kanadha. Gama kanaan rakkoo keessa keenyaa godhachuu akka hin qabne hiriira hedduu irrattis dubbatameera.
Yoo humna taane, Addunyaan deebii akka nu kennitu ykn gaffii keenyaaf bakka akka laattu akka dansaatti hubannee jirra. Midiyaan Afaan Oromoo addunyaa irra bifa gara garaan jiran, bu’aa fi dhimma Ummata isaaniif qooda akkamii akka gumaachan ilaalleerra.Addunyaan deebii quubsaa akka nuu laattuf , gaaffii keenya bifa gara garaan itti fufu barbaachisa. Keessattu Biyya alaa keessatti sochiin jiru qindeeffamee yeroo yeroon haala itti deddeebi’uu danda’u irratti hojjatamu qaba, dhimmi Oromoo yoo xiqqaate baatitti tokko qindeeffamee , miidiyaa addunyaa irratti ajandaa akka ta’uuf irratti hojjachuu nu barbaachisa. Karaan nu saaqame gonkumaa deebi’ee cufamuu hin qabu. Addunyaan warra yeroof ho’ee deebi’ee qabbanaa’u nu gochuu hin qabdu. Gaaffii keenya bifa adda addaan dhiheessuuf kan dirqisiiu haaluma jireenya Biyya hambaa keessaa waan ta’eef, qindoominni barbaachisaadha.
walii galatti qindoomiina Biyya keessaa fi alaa kanatti, addunyaatu hawwatamee jira. Gaaffiin Ummata Oromoo baatii tokko caalaaf qophaa isaa ajandaa qaamoota addunyaa hundaa ta’eera . kun dhiiga ijoollee wareegamteen kan argameedha. Dhiigi sun akka bakka nu bu’u, sochii wal irra hin cinnee argisiisuun mirkaneessuu qabna. Addunyaan gaaffiin keenya akka simattuuf, tolummaa isaanii eeggachuu odoo hin taanee, humna ta’uu keenya argisiisutu bu’aa qaba. Humna ta’uu keenya wayyaanettis , addunyaattis argisiisuu qabna. Wayyaaneen Gaaffii Ummata miliyoona 40 olii kan namoota muraasaa taasisuuf, dhimmicha gara fedaraalaatti ol guddisuu jabbaaf, OPDOn akka deebii itti laatu taasiftee, ilaalchi hawaasa addunyaa akka rakkoo keessaatti akka fudhatu taasisuuf yaalaa jirti. Nuuti ammoo kana caalaa hojjannee Hiwaatoota dubbachiisuu qabna. Miidiyaa qabnuun Hiwaatoota harkifnee waan itti hadhaayee akka liqimsan taasisuu qabna.  Gaaffii keenya addunyaatti wayita dhiheeffannu, waan sadii hubachiisuudhaaf ta’uu hubadhaa . gaaffiin kun Hawaasa addunyaa, wayyaanee, tajaajiltootaa  fi deeggartoota ishee ilaallata .
  1. Ummati Oromoo Gaaffii Abbaa Biyyummaa qabaachuu ykn gabrummaa jala jiraachuu,
  2. Sirni Angoo irra jiru gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa ol-aanaa nurraan ga’aa jiraachuu fi (hidhaa, Biyyaa baasuu, ajjeeechaa, hiyyummaa kkf.) kun akka nu irraa dhaabbatu akeekuu,,,
  3. Gaaffii keenya ukkaamsuuf miidhaa bifa kamiitu of irraa qolachuuf tarkaanfii fudhannu hundaaf itti gaafatamummaa hin qabnudhaa beeksifachuufi.

Hubachiiisa: qabxii 3ffaa kana yeroo baayyee namoonni hin qalbeeffatan. Miidhaa nu irra ga’u qolachuuf sochii taasifnu qofaa odoo hin taanee, Biyya keenya ega dhuunfannee boodallee kan hojii irra oolchinu hundaa fi waan bara gabrummaa raawwatame hundaaf beekamtii laachuu fi dhiisuun, fedhii Ummata ajjeefamaa ture irratti akka hundaa’u hubachiisuu ta’u hin dagatiinaa .
Akka walii galaatti kan nu hafu, Qabsaa’oonni bu’ura kaa’an mirkaneessuudha. Ummata qabsoo walii galaaf qophii ta’uu mirkaneeffate kanaaf deebii laatamuudha. Namnis ta’ee humni Ummata kanaaf dhimmu kamuu, sochiin akka dhuunfaattis ta’u akka gurmuutti taasisu, bakka akka qabu hubachuudha. Har’a gargar fagaannee kan jirru nutti fakkaatu kun, hangama wal-keessa akka jirru, hojiin yeroon itti argisiifnu dhihaataa jira. Eeenyullee waamicha odoo nu hin taasifnee, Diina irratti yeroon itti waliif birmannu fagoo hin ta’u. sochiin har’aa kun bu’ura waloo nuuf haa ta’u. sochii amma qindoomiinaan gaggeffame kana yoo itti fufne, kan walii galaatti ceesisuuf, waggoota hin eeggannu ta’a. walii gala, humna ta’uu keenya qofaatu,  gaaffii keenyaaf deebii quubsaa akka kennu gadi fageessaati qalbeeffadhaa.
Xumureera.
HORAA BULAA !


XALAYAA BARATTOOTA OROMOO MANA HIDHAA JIRAN IRRAA DHUFE

“Amma Maaloo Dammaqaa Yaa Ilmaan Oromoo!!!!” Caamsaa 20, 2014
Kan barreeffame Caamsaa 16, 2014 –Egaa amma maaloo dammaqaa yaa ilmaan Oromoo. Ijoolleen Oromoo hedduun isaanii mana hidhaa keessatti yeroo ammaa kana dararamaa jiru. Yaa saba Oromoo maaloo wal irratti hin callisiinaa dhugaa isiniin jechuuf hidhaan nu irra gahe kun haala kanaan itti fufnaan isin irras gahuun isaa hin oolu.
Hidhamuuf Du’uun keenyaa isiniif malee ofii kenyaaf miti, lakki yaa saba kenyaa. Dhiigni Kenya akka tasaa dhangala’aa jiru kun isinitti haa dhaga’amu. Oromoon durii kaasee hanga amma kanaatti Dhiitamaa, Hidhamaa, D¬ u’aa, biyya isaa keessaa Ari’amaa jira… Isiniif haa galtu maaloo carraan hidhamuu keenya har’aa kun bor immoo keessan ta’uuf deemtii. Sin hara’a mana keessan teessanii kolfuu, taphachuun, hirriba nagaa rafuun keessan wanta nuffii fi, tuffiin jiruuf malee wanta mootummaan wayyaanee isin kabaje isinitti hin fakkaatiin!!!!!!!!
Egaa dubbiin barattoota Oromoo mana hidhaa keessa jiran kan magaalaa Naqamteetii hidhaman keessaa barattoonni Yunivarsiitii Wallaggaa (WOLLEGA UNIVERSITY)  kudhan (10) halkan walakkaatti mana hidhaa keessaa fudhatamanii achi buuteen isaanii dhabamee jira. Yeroo amma du’uuf jirachuun isaanii wanti beekamu tokko ille hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun barattonni mana barumsaa kutaa 11ffaa fi 12ffaa baratan:- • barataa Tasfaayee Tufaa, • barattuu Boontuu Hayiluu fi • barattoota kan biraa saddet (8) Immoo mana hidhaa duwwaa keessatti qofaa isaanii harkii fi miilli isaanii hidhamee hidhamanii jiru,….kana irratti reebichi sukkanneessaan irratti raawwachaa akka jiru nuuf barreesaniiru……..Kanaaf maaloo adaraa kesaan ekeraan gootota Oromoo durii ille akka nu hin taajjabneef Oromoonii adunyaa kana irra jirtan hundi keessan dammaqoo ta’aa.
Barattooni eessa akka bu’an hin beekamne 50 ol ta’an, achi keessaas durbi 13 fi hojjettoonni immoo 7, isaan keessas durbi 3 halkan saatii 3:30 irratt nu biraa fudhatamaniiru. Kana malees mucaan Oromoo kan MEDICINE Barachaa jiru tokkos manuma hidhaa kana keessatti reebichi hamaan irratii raawwachaa akka jiru ija kootiin argeen jira……wanti nama gaddisiisu magalaa Nekemtee keessa qofa dhiheenya kanatti namoonni 250, dhibba lamaaf shantama ta’an yeroo ammaa kanatti mana hidhaa akka seenan beekamaa dha………. kanaaf yaa saba koo callisuun furmaata nuuf hin ta’u!…….Isin warrii bakkee jirtan maaliif callistu ree??? Gaaffii kana isinumaafan dhiisaa….. “Dhiignii kenyaa bishaan dhugdan issinitti haa ta’u!!!”
NUTII BARATTOONNI HIDHAMNE QABENYI KEENYA SAAMAMUUN ISAA SIRRII MITI JENNEETU KAN AKKAS TAANE. NAMNI BARREFAMA KANA ARGE IMAANAA GUDDAAN SITTI AKKA KENNAMEETTI ILMAAN OROMOO HUNDATTI AKKA HIMTU, DABARSITUU, ADARAAN JEDHA. DHUMA IRRATTI BARATTOOTNI ARMAAN GADII HARKA MOOTUMMAA FEDERAALAATTI KENNAMUUF JEDHU:
1. Chalaa Fekaduu Gashe Kutaa 12ffaa
2. Chalaa Fekaduu Rajoo Kutaa 12ffaa
3. Nimoonaa Kebede Wollega University 5th year law student
4. Moi Bon Misganuu Wollega University
5. Abdii Gaddisaa Kutaa 12ffaa
6. Abel Dagim Kutaa 12ffaa
7. Qalbessa Getachew Kutaa 12ffaa
8. Mulgeta Gemechu Kutaa 12ffaa;

NUUF DIRMADHAA JEDHU!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!”
*ARIITII DHAAN WAANAN BARREESSEEF DOGONGORA HUNDA ISAAF DHIIFAMA!


Tuesday, May 20, 2014

Heddummina,Bakkaa fi Manneen Hidhaa Oromoonni Keessatti Hidhaman Ilaalchisee, Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

FDG Ebla 2014 Ka’een Walqabatee Oromoonni 2390 Ta’an Mannneen Hidhaa Adda Addaa Keessatti Dararamaa Jiru. 1700 ol Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Hin beekamne. Hidhamuu Jeeffamuu fi Bakka Buuteen Dhabamuu Oromoof Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamaa Dha!!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 20,2014. Finfinnee

Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran.

Gabateen Armaan Gaditti Argamu FDG Ebla 2014 Oromiyaa Keessatti Qabatee Mirga Abbaa Biyyummaa Gaafachuu Irratti Mootummaa Wayyaaneetiin Hidhamanii Jiran Oromiyaa fi Sadarkaa Federaalaatti  Baayina Namoota Mana Hidhaa Keessatti  Dararrii Guddaa Keessa Jiranii fi Yeroo Ammaa Nuuf Birmadhaa Jedhanii Iyyachaa Jiran.
Oromoonni 2390 ta’an kun manneen hidhaa armaa gadii keessatti haalaan dararamaa jiran fi kanneen 1700 ta’an bakka buuteen wallaalames dabalatee hatattamaan akka gadhiifamanii fi gaaffiin mirgaa Oromootaa deebii gahaa argachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa gadi jabeessee dhiheessa. Oromiyaa Keessa Ilmaan Oromoo Mana Hidhaa Garagaraa Keessatti Dararamaa Jiran. Caamsaa 20 2014

Yaakki Ilmaan Oromoo Irratti Raawwatamu Itti Fufee Har’a Caamsaa 20,2014 Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa 4 Waggaa Tokkoof Barnoota Irraa Akka Arihaman Bulchiinisi Mooraa Beeksise.


Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Caamsaa 20,2014
Q NEWS3AAMooraan Yuunivarsiitii Jimmaa erga mooraa dabbaallee siyaasaa EPRDF/TPLF/OPDO ta’ee tasgabbii dhabee barattootaa fi loltoota Wayyaanee jidduu rakkooleen ilaalcha siyaasaa haalaan babbaldhatee jira.Moorichis mooraa waraanni bulchu malee bulchiisa mataa isaa kan qabu hin fakkaatu. Baratooti Oromoo qaroo fi barnoota isaanii irratti qabxiilee jajjabaa qaban barnoota irraa kan ari’u bakka bulchiinsa bu’ee Tikoota Wayyaanee dha.
Haala kanaan barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa Caamsaa 20,2014 Waggaa tokkoof barnoota idilee isaanii irraa ari’aman keessaa:
1. Barataa Falmataa Bayechaa barataa Medicine Waggaa 5ffaa,
2. Barataa Galaanaa Ababaa barataa Governance and Developmental studies Waggaa 3ffaa
3. Barataa Zabbanaa Barasaa barataa Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi
4. Barataa Abdii Turaa barataa Seeraa Waggaa 5ffaa kanneen waggaa tokkoof barnoota irra arii’ataman yoo ta’u, barattootni lama ammo akeekkachiisa dhumaa itti kennamera.
1.Barataa Israa’el Haptaamuu fi
2.Barataa Huseen Umaar kanneen jedhamanitti immoo akeekkachiisa
dhumaa kennuun gochaan diinuummaa karaa dabbaloota Wayyaanee EPRDF fI TPLF mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa ilmaan Oromoo nagaa irratti rawwacha jira.

Source: qeerroo

Monday, May 19, 2014

Egypt willing to negotiate over Ethiopia's dam: Foreign minister

Egypt has previously remained adamant that Ethiopia's planned Grand Renaissance Dam will compromise its share of Nile water

Nabil Fahmy
Egypt's FM Nabil Fahmy during meeting with a European-American delegation(Photo: Courtesy of Fahmy's official Facebook page)

Egypt's Foreign Minister Nabil Fahmy has stressed that Egypt is still willing to negotiate with Ethiopia over its Nile dam project, Al-Ahram's daily Arabic newspaper reported.
Fahmy's comments were delivered during a meeting with a European-American delegation in Cairo on Saturday in which the focus was on Ethiopia's Grand Renaissance Dam.
Currently under construction on the Sudanese border on the Blue Nile, a main Nile tributary, the dam is set to be the biggest hydroelectric dam in Africa, producing as much as 6,000 megawatts of energy.
Egypt has repeatedly expressed concern that the dam will affect its share of Nile water. Ethiopia insists this will not happen.
Among those in attendance on Saturday was the Special Coordinator for Water Resources at the US Department of State Aaron Salzberg along with a special representative from the European Union (EU) Alexander Rondos.
Also in the delegation was the US Chargé d'Affaires in Egypt Marc Sievers and the ambassador of the European Union, James Moran.
Salzberg arrived in Cairo from the Ethiopian capital, Addis Ababa, where he held talks with Ethiopian officials over the Renaissance Dam issue.
He is expected to stay in Egypt for two days as part of a regional tour that will also take him to Sudan.
Meanwhile, Ethiopian Foreign Minister Tedros Adhanom Ghebreyesus said in a meeting on Thursday with the Yemeni president in Sanaa that Ethiopia is "committed to genuine negotiations with Egypt" over its controversial Grand Renaissance Dam.
In late April, Ethiopian Prime Minister Hailemariam Desalegn invited Egypt and Sudan for another round of tripartite talks, while in March the Ethiopian foreign minister said his country was adamant about holding talks with Egypt.
Fahmy also said on Saturday that previous negotiations were held in three stages but "unfortunately didn’t show an indication for positive development."
Last year, Ethiopia and five other Nile Basin countries – Rwanda, Tanzania, Uganda, Kenya and Burundi – endorsed an accord, the Co-operative Framework Agreement, which replaces a 1929 treaty granting Egypt veto power over any project on the Nile in upstream countries.




Sunday, May 18, 2014

Duulli hidhaa fi ajjeechaa guutummaa Oromiyaa keessatti jabaachuun itti fufe

BREAKING NEWS!!!
Mootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan gahu jabeessuun kan itti fufe guutummaa Oromiyaa keessatti duula hidhaa fi ajjeechaa jabaachuun itti fufe.FDG uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf filannoo taha jedhee kan fudhate duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jira. Gaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo 2600 ol mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu. Caamsaa 16,2014 irraa hamma 17,2014 kanatti godinoota adda addaa irraa ilmaan Oromoo hidhaa jira. Akka kanaan
Wallaggaa magaala Mandii
Magaalaa Mandii keessaa FDG wal qabatee Oromoota sabboonoo ta’an Caamsaa 16,2014 irraa eegaluun hidhamuutti argamu Kanneen keessaa:-
Obbo Roobel Qannoo abbaa maatii
Obbo Gammachiis Hambisaa abbaa maatii
Obbo Bookaa hundeessaa abbaa maatii
Obbo Baacaa Kabbadee abbaa maatii
Obbo Fiqiruu Wadaajoo abbaa maatii fi mana nyaataa fi dhugaatii kan qabu
Obbo Eyob Kumarraa mana elektrooniksii kan qabu
Barataa Raajii Abbayyaa kutaa 10ffaa
Barataa Abbushee Hirphaa kutaa 7ffaa
Barataa Dabaloo Tolosaa
Barataa Surraa Caalii 12ffaa
Dargaggoo Eebbisaa Saaqqataa humnaan bulaa
Kanneen tahan keessatti argamu.
Yuuniversitii Haromayaa ,
Haaluma wal fakkaataadhaan mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti argaman Hoogganaa Gumii Afaan Oromoo dabalatee miseensota Gumii Afaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsee jira. Kunneen keessaa barattootni Oromoo
1.Barataa Nimoonaa Caalii hoogganaa Gumii Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa
2.Barataa Magarsaa Baqqalaa hoogganaa Gumii Afaan Oromoo duraanii
3.Barataa Firaayaad barreessaa gumii Afaan Oromoo
4.Dargaggoo Girmaa mooraa Yuunivarsiitii keessaa kan rifeensa sirreessu
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Shawaa Lixaa Amboo
Oromoota badii tokkoon malee har’a qabamanii mana hidhaa Wayyaanee jiran keessaa:-
1. Dargaggoo Getachoow Qajeelaa kanaan dura yeroo irraa gara yerootti sochii FDG gaggeessita jechuun mootummaa Wayyaaneetiin dararamaa fi hidhamaa kan ture,
2. Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa fi barataa mana rifeensaa hojjechuun of jiraachisaa jiru, balleessaa tokko malee humnoota tikaa wayyaanootaan hordofamee ukkaanfamuun hidhatti kan darbame.
3. Dargaggoo Deebisaa Birruu magaalaa Ambootti leenjii konkolaachisummaa barachaa kan jiru, fi nama Obbooleessii isaa
4. Getachoo Birruu bara 2011 humnoota tikaan ukkaanfamee mana hidhaa Wayyaanee Qaallitii keesatti hidhaan dararama kan jiru.
5. Dargaggoo Taammiree Caalaa hojjetaa Wajjiraa dargaggoo aanaa Caalliyaa humna poolisii federaalaan kan ukkanfamee qabamee kanneen keessatti argaman sabboontotni dargaggootni Oromoo hedduum lixa Shawaa irraa balleessa tokko malee mana hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun gabaafamera.
Wallagga Yuuniversitii Naqamtee irraa barattooti rasaasaan reebaman ammos bakka ciisanitti akka tohataman jedhame.
Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin rasaasaan reebamuu kan ta’e heddumminaan Hosptala Naqamtee seenaan keessaa haalaan madaayanii fi dhukubsatanii kanneen jiran addatti tikootaa fi loltoota Wayyaaneen akka tohataman taasifame,maatii fi hiriyyaan bira dhaqee dubbisu akka qoratamu taasifame. Kanneen haalaan qaami isaanii madaayee ammos Wayyaaneen tohatamaa jiran keessaa.1. Barataa Mokonnoon Asaffaa Barataa Yuunibarsiitii Wallaggaa
2. Barataa Gammachuu Butunaa ” ”
3. Barataa Mokonnoon Abarraa ” ”
4. Barataa Guutamaa Galaanaa ” ”
5. Barataa Sofia Kadiir ”
6. Barataa Shimaallis Caffee ”
7. Lammeessaa Balaay ”
8. Barataa Tolawaaq Shaashoo ”
9. Barataa Mul’isaa Tafarraa ”
10. Barataa Naazib Jibril ”
11. Barataa Getachoow Fiqaaduu ”
12. Barataa Galetaa Kumerraa ”
13. Barataa Gammachuu fiqaaduu ”
14. Barattuu Abbabuu Xaafaa ”
Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo:
Guyyaa lamaan kana FDG wal qabatee naannoon aanichaa waraana Wayyaaneen goolamaa jira,ummanni hedduun hidhaman keessaa hammi tokko:- 1. Gammachuu Taasisaa daldalaa
2. Wandee Nagaasaa jiraataa ganda 01
3. Daawuti Tolaa jiraata ganda 02
4. Mulaatuu Cawwaaqaa qotee bulaa ganda galoo guutee
5. Fiqaaduu Gaarii qotee bulaa ganda galoo guutee
6. Taddalee Guddataa qotee bulaa ganda galoo guute.
7. Barataa Eebbaa Kantiibaa barataa kutaa 11ffaa
8. Barataa Abdii Mokonnoon barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Qananii Daaniel barataa kutaa 7ffaa
10. Barataa Dirribaa Tasfaa barataa kutaa 7ffaa
11. Barataa Girmaa Mulaatuu barataa kutaa 10ffaa
12. Barataa Jifaaraa Busunaa
13. Barataa Obsaa Raggaasaa barataa kutaa 9ffaa
14. Barataa Obsaa Geetanee barataa kutaa 10ffaa
15. Barataa Lalisaa Indaalee barataa kutaa 9ffaa
16. Gammaachuu Waaqjiraa hojjetaa bulchiinsa lafaa,
17. Lijaaleem Immaanaa wajjira bulchiinsaa keessa kan hojjetu dabalatee uummaanni Oromoo nagaan namootni dhibbaan lakka’aman hidhamuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Lixa Wallaggaa Ayiraa Irraa:-
Godina Dhiha Oromiyaa Lixa Wallaggaa irra ilmaan Oromoo Jumlaan mana hidhaattii guuramanii dararamaa jiru, haala kanaan Aanaa Ayiraa irraa sabboontotni Oromoo Caamsaa 16,2014 hidhaman :
1. Obboo Geetanee Adabaa qotee bulaa
2. Obboo Geetachoo Oljirraa qotee bulaa
3. Barsiisaa Qabanaa Hiikaa
4. Obboo Caalaa Raggaasaa
5. Obboo Damee Daddafaa
6. Barsiisaa Malaakuu Aagaa
7. barsiiraa Hundumaa Awweetuu
8. Barsiisaa Yaared Dheeressaa
9. Barataa Efireem Qanaa’aa
10. Barataa Dirribaa Gaja’aa
11. Barataa Milkeessaa Saamu’eel,
12. Barataa Toleeraa Waaqumaa kanneen keesatti argama
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Oromoon hidhaa fi ajjeechaan qabsoo haqaa irraa akka hin deebine beekamaa dha.Bakka jinitti biyya keessaa fi alaan qabsoo finiinsuun rakkoo fakkaataa kana irraa bahuun murteessaa dha.

Oromo Protests: Amane Badhaso on SaharaTV

Oromo Protests: Amane Badhaso on SaharaTV

May 17, 2014
SaharaTV
Amane Badhaso is the President of The Oromo Youth Association in the diaspora. She is also a Political Science student in Minesota. She joins SaharaTV to discuss about the on-going protests in Oromo Region where a war of the land ensues.





Letter to the Canadian Prime Minister Regarding Massacres of Oromo Students

To: The Right Honourable Stephen Harper, The Prime Minister of Canada
Office of the Prime Minister
80 Wellington Street
Ottawa, ON K1A 0A2
From: Oromo Community in British Columbia
Re: Killings of Oromo University Students in Ethiopia
Over the past few weeks, the entire world has witnessed one of the most heinous crimes perpetrated on innocent Oromo students by the Ethiopian government security forces for merely exercising their democratic rights of peaceful demonstration. Since April 28, 2014, Oromo students in universities, colleges and secondary schools, involving over 12 institutions across the Oromia region of Ethiopia, have been peacefully demonstrating against the regime’s recently unveiled “Addis Ababa City Integrated Master Plan.” Within one week, more than 50 University students have been confirmed to be murdered by government security forces in their campuses in Ambo, Haromaya, Madawalabu and Naqamte Universities. Recent estimate put the number of student massacred at 76, injured 300, and over 2000 rounded up and incarcerated in unknown locations. International media sources, such as the BBC, CNN, Fox News, Al-Jazeera and Human Rights Watch, have been reporting on these killings.
Under this new Addis Ababa City Master Plan, more than 15 farming Oromo communities will be engulfed under the city’s jurisdiction and their farmlands will be re-zoned as “urban” lands and will be expropriated for city expansion. Implementation of this land grab policy unfolded under total secrecy with no public consultations or transparency whatsoever. The lives of 76 innocent Oromo University students have been gunned down for peacefully protesting against such an unfair and criminal project.
The Oromo Community in British Columbia is deeply saddened by the massacre of our school children by the Ethiopian regime. It is unfortunate that the Canadian government continuously provides significant economic support to this murderous regime in Ethiopia.
In light of this fresh massacre and abysmal human rights track record of the regime, our community would like to appeal to your good office to:
- Condemn the mindless killings of innocent Oromo students and farmers;
- Exert pressure on the regime to immediately stop its murderous campaign against Oromo students and farmers;
- Demand an independent investigations into the killings to bring the culprits to justice;
- Review Canada’s economic support to the regime that is bent on massacring innocent kids in their schools and Universities.
We trust that you will consider our appeal and take appropriate actions to stop the killings of defenseless students and land expropriation from poor framers under the disguise of Addis Ababa City Integrated Master Plan.
Sincerely;
Oromo Community of British Columbia, Vancouver
CC: The Honourable John Baird
Minister of Foreign Affirs
The Honourable Thomas J. Mulcair
Official Opposition Leader
The Honourable Justin Trudeau
The Liberal Party Leader