Sunday, June 8, 2014

OROMOO FI OROMIYAA GABRUMMAA KEESSA TURSIISUUF AMMAS ITTI QOPHAAYAMAA JIRAA?

Abdii Boruutiin*


Yeroo tokko tokko dabree dabree waan tokko tokko ilaaluuf yoo ta’e malee, anillee “Facebook” tti fayyadamuuf yeroos ta’ee, dhugaa dubbachuudhaaf,  fedhiillee hin qabu. Haa ta’u malee, marsaa kanarratti akka tasaa waan tokko argeen, sababa kanaan barreeffama kana dhiyeessuu barbaade. Inni kunis, jaarmayaan Tigray People’s Democratic Movement (TPDM) Afaan keenyatti yoon hiiku: Sochii Diimookraasii Uummata Tigraayi kan jedhamu, loltoota kumaatamaan lakkaawaman leenjisee akka eebbisiise kan agarsiisu ture. http://www.youtube.com/watch?v=R9rYKScsdDM
Kumaatama ta’uu isaaniitiif ragaa qabaachuu baadhullee, xinnaatanis baay’atanis, humnootni kun ammas Oromiyaa teenya gabrummaa keessa tursiisuu fi olaantummaa Tigree ittifufsiisuufis waan qophaayan ta’uu malu jedheen yaada. Humnootni kun, Oromiyaa gabrummaa keessa tursiisuuf kaayyoo akkanaa qabaachuu akka malan wanti ifatti mul’atan hin dhabamne. Tokkoffaa, alaabaa gabroonfataa (alaabaa impaayarittii) ol kaasanii mul’isuu yoo ta’u; lammaffaa, sirbi ykn weedduun fiilmii kanarratti duubaan dhagayamu, dhaamsa maalii akka qabu hubachuun waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.
Sirba: “ba innaateem Abashaa, ba abbaateem Abashaa, aandi naat Itoophiyaa iska macarrashaa” Haadha tiyyaanis Habashaa, abbaa kiyyaanis Habashaa, (kanaaf) hanga xumuraatti Itoophiyaan takka, jedhuun dhaamsa cimaa fi kaayyoo ifa ta’ee, shakkii hin qabne dabarsanii jiru. Kun ifaa ifatti kan mul’isu, humnootni kun mootummaa Wayyaanee kuffisanii aangootti kan dhufan yoo ta’an, mirgi hiree murteeffannaa uummata keenyaa fi egereen Oromiyaa gaafii guddaa keessa akka galuu dha. Humnootni kun, olaantummaa Tigree ittifufsiisuuf waan qophaayan ta’uu malu kanan jedheefis, akka hubannoo kiyyaatti, jarreen kunis tooftaadhuma walfakkaataa Wayyaaneen itti fayyadamtetti fayyadamanii; maqaa tokkummaa Itoophiyaatiin sabaa fi sab-lammoota hammatanii garuu sana booda akkuma obbolaawwan isaanii (Wayyaanotaa) olaantummaa aangoo harkatti galfachuuf waan deeman waan fakkaatuufi. Karaa biraatiinis yoo ilaalme, jaarmayootni lamaanuu (TPLF fi TPDM) maqaadhuma uummata tokkootiin ijaaraman. Garaagarummaan isaan jidduu jiru, tokko bilisummaa (walabummaa) uummata isaaniitiif yoo ka’u; kan biraa garuu maqaa diimookraasiitiin of mul’isuu isaanii qofaa dha.
Wanti biraa, sochii jaarmayoota lamaanii keessattuu wanti argamu, lamaan isaaniituu Eertiraadhaan deeggaramuu isaanii ti. Wayyaanotas, kan humna cimaa ta’eefii Finfinnee isaan qubachiise bilisabaastota Eertiraa yoo ta’an, humnootaa haaraa kanas kan ciminaan gargaaraa jiru Eertiraadhuma akka ta’e hubatama. Kanaaf, adeemsi jaarmayoota lamaaniituu walfakkeenya baay’ee akka qabu ifa dha. Walfakkeenya adeemsaa qofaa otuu hin taane, kaayyoon isaaniitiis garaaagarummaa waan qabu hin fakkaatu. Wanti hubatamuu qabu garuu, kana booda Oromoon humna ofii jabeessee; diina injifatee; bilisummaa fi abbaabiyummaa isaa deebisee, hanga hin argatinitti, humni kamiiyyuu aangootti dhufee; handhuura Oromiyaa Finfinnee yoo qabate, gaafiin mirga keenyaa awwaalamuuf akka deemu fi Oromiyaan dhiiga fi lafee Sabboontotaatiin ijaaramte tunis kaartaarraa haqamuuf akka deemtu shakkii akka hin qabnee dha. Kun sodaatanii wal sodaachisuuf otuu hin taane, balaa nutti deemaa jiru alaalatti arguu danda’uu dha.
Shakkiin biraa kan ani qabu, Wayyaaneedhumtuu gara lafa jalaatiin jara kana (TPDM) jabeessaa waan jirtu natti fakkaata. Maaliif yoo jedhame, jaarmayaa sochii cimaa akkanaa (keessumaayuu gara hidhannootiin) qophii guddaa godhaa jiru kana, Wayyaaneen gaaf tokkollee maqaa isaanii kaasuun ishii waan hin dhagayaminiifi. Jaarmayoota qabsoo hidhannoo gaggeessan kan akka ABO fi ABBO (ONLF) akkasumas jaarmayaa Ginbot 7 jedhamu, hunda isaaniituu maqaa shororkeessitootaatiin galgalaa ganama yoo kaastu, jaarmayaa obboleewwan ishii kana garuu balaaleffachuudhumti ishiituu hin hubatamu. Wayyaanotni, kufaatiin isaanii yoom akka ta’u beekamuu baatullee, aangoorra turuu akka hin dandeenye waan beekaniif, olaantummaa Tigree ittifufsiisuuf; obboleewwan isaanii kana bakka isaanii buufachuuf, lafa jalaan isaan qopheessuuf shira xaxuu malu jedheen yaadas. Egaa asirratti ragaa qabatamaan jiraatee otuu hin taane, haaluma deemaa jirutu shakkii kana uuma jechuu dha.
Rakkoo jiru fi balaa namatti deemaa jiru hubachuu qofaa otuu hin taane, gaafiileen asirratti ka’uu qaban: Yeroo Habshootni olaantummaa Habashaa faarsaa; humna ofii cimsaa jiran kanatti, Oromoon maal godhaa jira? Maal godhuus qaba? fi kan kana fakkaatanii dha. Yeroo ammaa sababa sochii barattoota keenyaatiin, tokkummaan uummata Oromoo yoomiyyuu caalaa gammachiisa haa ta’u malee, kan baay’ee nama gaddisiisu fi yaaddessu garuu, ammallee karaa adeemsa siyaasaatiin jaarmayootni keenya gara gara faffaca’anii; humni Oromoos sababa kanaan akka laafee jiru hubatama. Akka ilaalcha kiyyaatitti, wanti Oromoon seenaarraa barachuu fi haala impaayara Itoophiyaarraa hubachuu dadhabe tokko, har’allee yeroo qawween biyya bulchaa jirtutti, qabsoo karaa nagaa yaaduu fi isa kanarratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi qabeenya Oromoo balleessuu dha. Biyyattii sana keessatti, karaa nagaatiin jijjiiramni ummataaf tolu dhufuu akka hin dandeenye seenaatu ragaa ta’a. Kun otuu beekamuu, dhugaan kun ifa ta’ee lafarra otuu jiruu, ammas karaa hin taane deemuudhaan umurii gabroonfataa dheeressuuf yookaanis gabroonfataa dabaree eeggatee dhufuuf jiruuf haala mijeessuuf karaa hin taane deemuu keenya dha.
Kan humnaan, qawweedhaan bilisummaa nurraa fudhatee; biyya keenyarratti abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa ta’e, humnaan malee karaa nagaatiin nurraa ka’uu akka hin dandeenye maaliif hubachuu dadhabna? Dubbii gabaabsuudhaaf, karaan bilisummaa keenyatti nu geessuu danda’u qabsoo hidhannoo jabeessuu qofaa dha jedheen amana. Kanaaf, warri (jaarmayootni) karaa qabsoo hidhannootti hin amanne, tokkummaa yaamuun isaanii akkamitti waliin hojjechuufi? Akkamitti waliin deemuufi? Karaa tokkoon gabroonfataa wajjin tumsa uumuuf yaadaa ykn yaalaa, karaa biraatiin ammoo humna mooraa ofii cimsuuf yaaluun akkamitti waliin deema? Har’a ijoolleen teenya karaa nagaatiin gaafii mirgaa kaasanii sababa kanaan kuun mana hidhaatti guuramanii dararamaa fi du’aa; kuun ammoo irbaata rasaasaa ta’aa yeroo jiranitti, jaarmayootni Oromoo warri har’allee karaa nagaatiin qabsoofnee mirga keenya argachuu dandeenya jedhan, haala keessa jirru hubatanii jiruu laata?? Tokkummaa uumuuf hawwiin kan jiraatu yoo ta’e, tokkummaan uumamu kun kan qabsoo hidhannoo hin jabeessine yoo ta’e, akka amantaa kiyyaatitti, bu’aa fi jijjiirama tokko fiduu hin danda’u.
Tokkummaan yeroo ammaa gamaa gamanaa yaamamaa jiru kun, tokkummaa dhugaa, kan qabsoo hidhannootti amanu fi isa kanas cimsee mooraa keenya keessatti humna Oromoo abdachiisaa ta’e uumuu kan hin dandeenye yoo ta’e, eessanuu nu gayuu waan danda’u natti hin fakkaatu. Tokkummaa uumuuf yaamicha godhuu dura, tokkummaan hawwamu kun akkamitti firii qabaachuu akka danda’u dursanii itti yaaduun baay’ee barbaachisaa dha. Yoo kana hin taane, akkuma kanaan duraa, yaalii bu’aa hin fidne ta’ee hafuu danda’a. Kun yaaddoo kiyya dha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani jaarmayaa tokkotti hirkadhee kan biraa komachuuf otuu hin taane, walumaa galatti, haala keenya gamaaggamnee kan ilaallu yoo ta’e, qabsoo hidhannoo fi hunma waraanaa qofaatu galii hawwinutti nu geessuu danda’a jedhee waanan amanuufi. Uummatni Oromoo, akkuma kutannoodhaan ka’anii kunoo meediyaa walabaaOMN dhugoomsanitti, akkasumas tokkummaa fi kutannoodhaan ka’anii Waraana Oromoos ijaaruu fi cimsuun waan hin danda’amneef sababni ni jira jedhee hin yaadu. Humna keenyatti amanuu fi kutannoo qofaa nu barbaachisa.
Egaa, gara xumuruu barreeffama kiyyaatti deemuuf, Habshootni, kan nu nyaachaa jiran quufanii otuu hin deemin, kan biroo beelayanii; nu nyaachuuf hamuummachaa akka jiran; kanaafis humna isaanii (humna hidhataa) jabeeffachaa akka jiran hubatnee; Oromiyaa teenya badiirraa oolchuuf; mirga hiree murteeffannaa uummata keenyaas mirkaneessuuf, humna mooraa keenyaa cimsuun, keessumaayuu waraan keenya ijaaruu fi jabeessuun waan filannoo biraa hin qabne ta’ee mul’achaa jira. Kanaaf, Tokkummaan Oromoo kan dhugaa lafarra jiru kana hundeeffatee, humna mooraa keenyaa jabeessu fi cimsu ta’uu qaba malee, tokkummaa waraqaarraa kaayamee, maqaadhumaaf taa’u ta’uun bu’aa takkallee hin fidu. Dhumarratti, dhaamsi ani carraa kanaan dabarfachuu barbaadus, jaarmayootni Oromoo waliin haasa’aa; karaa humni keenya (humni waraanaa) itticimuu danda’urratti waliin hojjedhaa; wal hin sakaalinaa; walgayii yaamuu fi ibsa ejjannoo dabarsuu qofaatti hin hafinaa; waan yaaddan, waan karoorfattan, kan humna keenya cimsuu danda’u yoo ta’e, isa kana hojiidhaan agarsiisaa.
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Ethiopia Recruits Bloggers to Attack Oppositions and the Eritrean Government

Regime in Paranoia? From Jamming sattelite trasmissions, blocking websites, criminalise using Skype and arresting bloggers to recruting paid online attackers and arresting bloggers to training paid social media recruits?
Regime in Paranoia? From Jamming satellite transmissions, blocking websites, criminalise using Skype and arresting bloggers to recruiting paid online attackers and arresting bloggers to training paid social media recruits?
IN an attempt to reduce online criticisms and shower positive image of itself, the Ethiopian Government recently started to train and recruit paid attackers on the web to anything critical of its administration, the Ethiopian Satellite Television Service (ESAT) reported.
In the the second round of new recruits, 235 bloggers were trained in Adama town, focusing on how to shape public opinion on Facebook and other social media technologies by posting comments and documents that support the regime.
The training was given to selected people from different ethnic groups who support the regime, and that the trainees report directly to government officials, ESAT said.
So far, the trainees have opened 2,350 Facebook, Twitter and blog accounts to show the Ethiopian regime in a favorable light, and to criticize anti-government articles, websites, the Ethiopian opposition and the Eritrean government.
With a dismal one percent of people having access to the internet in Ethiopia, the likely intended target of the regime’s online strategy are the Ethiopian and Eritrean Diasporas, an observer noted.

Saturday, June 7, 2014

THE TORTURE AND BRUTAL MURDER OF ALSAN HASSEN BY ETHIOPIAN POLICE WILL SHOCK YOUR CONSCIENCE

alsanHassan(OPride) A 21-year old Oromo student, Nuredin Hasen, who was abducted from Haromaya University late last month and held incommunicado at undisclosed location, died earlier this month from a brutal torture he endured while in police custody, family sources said.

Members of the federal and Oromia state police nubbed Hassen (who is also known by Alsan Hassen) and 12 other students on May 27 in a renewed crackdown on Oromo students. Friends were not told the reason for the arrests nor where the detainees were taken.
Born and raised in Bakko Tibbe district of West Shawa zone, Alsan, who lost both of his parents at a young age, was raised by his grandmother.
The harrowing circumstances of his death should shock everyone's conscience. But it also underscores the inhumane and cruel treatment of Oromo activists by Ethiopian security forces.
According to family sources, on June 1, a police officer in Dire Dawa called his counterpart at West Shewa Zone Police Bureau in Ambo and informed him that Alsan “killed himself” while in prison. The officer requested the local police to tell Alsan's family to pick up his body from Menelik Hospital in Addis Ababa, Ethiopia's capital.
The West Shewa zone police relayed the message to the district police station in Bakko Tibbe and the latter delivered the message to Alsan’s family. Three family members then rushed to the capital to collect the corpse of a bright young man they had sent off, far from home, so that he can get a decent shot at college education.
Upon arrival, the hospital staff told the family to search for his body from among 30 to 40 corpse’s kept in a large room. According to our sources, what they saw next was beyond the realm of anyone's imagination. The details are too gruesome to even describe.
They found their beloved son badly tortured, his face disfigured and barely recognizable. His throat was slit leaving only the muscles and bones at the back of his neck connecting his head to the rest of the body. There were large cuts along his eyelids, right below the eyebrows as if someone had tried to remove his eyes. There were multiple wounds all over his face and head. Both of his arms were broken between his wrists and his elbows.
It appeared as if the federal forces employed all forms of inhumane torture tactics, leaving parts of his body severely damaged and disjointed. The family could not grasp the cruelty of the mutilation carried upon an innocent college student.
Their ordeal to recover Alsan's body did not end there either. Once the body was identified, the federal police officer who brought the body from Harar told the family to pay 10,000 birr (roughly $500) to cover the cost of transportation the government incurred. They were informed that the body will not be released unless the money is paid in full.
The family did not have the money, nor were they prepared for the unexpected tragedy. After friends and relatives raised the requested sum to cover his torturers costs, Alsan's body was transported to Bakko Tibbe, where he was laid to rest on June 2. There was little doubt that Alsan was murdered while in detention, but in police state Ethiopia, the family may never even know the full details of what happened to their son, much less seek justice.
In an increasingly repressive Ethiopian state, being an Oromo itself is in essence becoming a crime. To say the gruesome circumstances surrounding Alsan's death is heart-wrenching is a gross understatement. But Alsan's story is not atypical. It epitomizes the sheer brutality that many Oromo activists endure in Ethiopia today.
NimonaTilahunOn June 6, another Oromo political prisoner, Nimona Tilahun passed away in police custody. Tilahun, a graduate of Addis Ababa University and former high school teacher, was initially arrested in 2004 along with members of the Macha Tulama Association during widespread protests opposing the relocation of Oromia's seat to Adama. He was released after a year of incarceration and returned to complete his studies, according to reports by Canada-based Radio Afurra Biyya.
Born in 1982, Tilahun was re-arrested in 2011 from his teaching job in Shano, a town in north Shewa about 80kms from Addis Ababa. He was briefly held at Maekelawi prison, known for torturing inmates and denying legal counsel to prisoners. And later transferred between Kaliti, Kilinto and Zuway where he was continuously tortured over the last three years. Tilahun was denied medical treatment despite being terminally ill. His death this week at Black Lion Hospital is the third such known case in the last two years.
On August 23, 2013, a former UNHCR recognized refugee, engineer Tesfahun Chemeda also died  under suspicious circumstances, after being refused medical treatment. In January, a former parliamentary candidate with the opposition Oromo People's Congress from Calanqo, Ahmed Nejash, died of torture while in custody. These are the few names and stories that have been reported. Ethiopia holds an estimated 20 to 30 thousand Oromo political prisoners. Many have been there for more than two decades, and for some of them not even family members know if they are still alive.
While Alsan, Chemeda, Nejash and Tilahun's stories offer a glimpse of the brutality behind Ethiopia's gulags, it is important to remember thousands more face similar heinous abuses everyday.
Since Oromo students began protesting against Addis Ababa's unconstitutional expansion in April, according to eyewitnesses, more than a 100 people have been killed, hundreds wounded and many more unlawfully detained. While a relative calm has returned to university campuses, small-scale peaceful protests continue in many parts of Oromia. Reports are emerging that mass arrests and extrajudicial killings of university students are far more widespread than previously reported. Last month, dozens of students at Jimma, Madawalabu, Adama and Wallaggauniversities were indefinitely dismissed from their education. In addition, an unknown number of students from all Oromia-based colleges are in hiding fearing for their safety if they returned to the schools.
Given the Horn of Africa nation's tight-grip on free press and restrictions on human rights monitoring, in the short run, the Ethiopian security forces will continue to commit egregious crimes with impunity. But the status quo is increasingly tenable. For every Alsan and Tilahun they murder, many more will be at the ready to fight for the cause on which they were martyred. As long repression continues unabated, the struggle for justice and freedom will only be intensified. No amount of torture and inhumane treatment can extinguish the fire that has been sparked.
*The writer, Amane Badhasso, is the president of International Oromo Youth Association, and a political science and legal studies major at Hamline University. Badhatu Ayana is an Oromo rights activist.

Waxabajjii 20, 2014: Waamicha Hiriira Mormii Haawaasa Oromoo Awroopaa Maraaf Brussels

Gadaa.com
Waa’ee Qotee bultoota Oromoo handhuura Oromiyaa irra buqqisuu, qabeenya isa saamuu, ajechaa fi hidhaa barattoota Oromoo irra gahaa jiru mormachuuf jecha, hawaasotni Oromooo biyyoota Awuroppaa jirru gamtaadhaan Hiriira Mormii bahuuf murteesinee jirra.
Haaluma kanaan, qaamotni dhimmi kun nu ilaala jettan hundi yeroo murtessaa kanatti hiriira mormii gamtaa kana irratti argamuun aantummaa saba keessanii akka agarsiiftan kabajaan gaafanna.
Arihatama, saamichaa fi ajechaa sukanessaa saba Oromoo irra gahaa jiru handhuura Awuroppaa kana taate Belgium, magaala Brussels ti argamuun Parlamaa fi angawoota kanatti akka iyyannu karoorfamera.
Kotta saba keenyaaf sagalee haa taanu !!!
Guyyaa: Waxabajjii 20, 2014 (Jimaata) ykn (Friday, June 20, 2014)
Sa’aa: 10:00–13:00
Bakka ka’umsaa: Parlamaa Awuroppa Fuldura
European Parliament, Leopold park
Belliardstraat 125, 1000 Brussels
Koree Qiindesitu Hiriira Mormii Hawaasa Oromoo Awuropaa
Brussels, Belgium
Email: oromoeuprotest@gmail.com

Twitter: @oromoeuprotest
Mobile:
+32 489 367 123 – Mootummaa
+32 466 418 066 – Solan
Tokkummaan Humna!

Ethiopia: Has the Government suspended Mayor of Addis Ababa?

Khartoum (HAN) June 6, 2014. Ethiopian News Opinion By, MINILIK SALSAWI, Breaking News. Abadula Kuma Mayor of Addis Ababa has suspended from any type of activities, Stripped-off their passport and fall under 24 hours surveillance. the ruling party took such radical measure and start to swallow even his own loyalists following the dispute of Adis Ababa master plane expansions. No one knows where to end perhaps it may go further down to the grassroots level. Eradicate all the Network planted by Abadulla and his compatriots for the past two decades is not going to be an easy task with out that “evil genius” who used to manipulate the balance power.
“Those who make peaceful evolution impossible will make violent revolution inevitable” ~John F. Kennedy

The Tigray ruling party tplf  of 6% that controls over 98% of the military leadership of some of the 90 million Ethiopians from the time it arrived to addis as well as using divide and rule tactics of survival of the minority over the majority will now engage in mobilizing Amhara patriots from corner to corner against Oromos.
That is for the purpose of weakening the Oromo people’s rights, in general as well as in the coming 2015 make believe one party election acrobat, while currently Amara patriots are gleeful and too much over glad, just similar to the bygone time in 2005 election period when the tplf banished Oromia administration office form Addis Ababa to Adama to clear the ground for CUD’s land slide victory that almost swallowed the tplf and its leader from existence on spot, but again now Amara patriots saying “what goes round, comes round” to oromos while they themselves are now living the flowery days in their ususal opinion while waiting for the right occasion and for their turn to be an object of  TPLF’s devious attack that is sure to happen just when the current dust concerning the Addis plan settles down and the Amara jubilation slowly but surely cools down to realities.
Oromo people are asking themselves, Why Oromo region is under military rule?


General Samora Muhammad Yunis said the military ae in Oromo regional state specific area because “of the violence in Bangkok and many parts of the country that resulted in loss of innocent lives and property, [which] was likely to escalate”.
General added: “We ask the Ethiopian public not to panic and to carry on their lives normally.”
A curfew has just been declared some parts of Oromia, so the Ethiopian military is obviously making efforts to make sure there is no immediate response to its announcement.




Friday, June 6, 2014

Nimoonaa Tilahuun wareegame

(Oromedia, 6 Waxabajjii 2014) Mana hidhaa mootummaa Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf dararamaa kan ture, sabboonaa Oromoo, Nimoonaa Tilahuun guyyaa har’aa addunyaa kana irraa boqote.
Nimoonaa Xilahuun
Nimoonaa Xilahuun
Sababa gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo deeggareef humnoota tikaa wayyaaneetiin Waxibajjii 26, 2008 hidhattoota mootummaa konkolaataa gabatee isaa 3-F ta’een qabamee kan hidhame Nimoonaa Xilahuun, manneen qorannoo fi hidhaa Itoophiyaa kan akka Maa’ikalaawwii fi Qaallittii keessatti hiraarfamaa akka ture ni beekama.
“Namni mul’ataa jabaa qabu kun hojii barsiisummaa jalqabee otuu baatii tokko hin gahiin Poolisii Federaalaatiin ukkaamfame,” kan jedhan hiriyooti isaa yeroo sanatti ijaan argan, “Konkolaataa kana keessaa namootni uffata sivilii uffatan utaalanii bu’uudhaan balleessaa tokko malee barsiisaa Nimoonaa ukkamsanii fuudhanii sokkan,” jedhan.
Hiraarfama waggoottaan dheeraatiin dhukkubsatee wal’aansa gahaa dhabee kan ture sabboonaan Oromoo kun, yeroo sana irraa kaasee haga dhiyeenya kanaatti tajaajila gahaa dhabuu irraa kan ka’e hedduu hubamuu isaa ibsan.
“Woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaayitti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee arge,” kan jedhan raga-baatoti kunneen sababa kana irraa kan ka’es dhukkuba irra bu’uu isaa mirkaneessan.
Yeroo hedduu erga hubamee booda akka yaalamuuf gara hospitaala Xiqur Anbassaa geessamus, qaamni isaa hubame deebi’ee dandamachuu waan dadhabeef du’a irraa hafuu hin dandeenya.
Nimoonaa Xilahuun sabboonaa, kutataa fi qaroo dhimma sabaa irratti ejjannoo jabaa qabu ta’uu hiriyooti isaa ragaa bahu.
Nimoonaa June120142Hiriyooti isaa akka ibsanitti, Nimoonaan akkuma maqaa isaa, yeroo  mana barumsaa ture irraa kaasee haga gaafa hidhameetti, otuu garbummaa fi garboonfataaf hin jilbeeffatiin nama kutannoon qabsaa’aa  tureedha.
Mana hidha akeessattis doorsissaa fi reebicha diinaaf otuu hin jilbeeffatne, ejjannoo isaatiin waan dhaabbateef murtiin guddaa itti darbee ture.
Seenaa isaa irraa akka hubatamutti, Nimoonaa Xilaahun bara 2007 Yunversiitii Finfinneetii eebbifamee godina Shawaa Kaabaa  mana barumsaa Shanootti barsiisaa ta’ee ramadame. Waxabajjii 26, bara 2008 immoo humnoota tikaatiin ukkaamfamee woggootii ja’aan darbaniif Manneetii hidhaa Mayikelaawwii, Qaallittii, Qiliinxoo, akkasumas Ziwaay keessatti gidiraa ilmoon namaa arguu hinqabne baayee argaa ture.
Dhukkuba isaa kanaafis yeroo dheeraa fuundura woldhaansa haakimaa argachuun irra ture hinargatiin hafe. Bulchiinsi mana hidhaa lubbuu dargaggoo kanaa baraaruuf gargaarsi woldhaansaa hakimaa olaanaan akka isa barbaachisu otuu beekanii yeroo dheeraadhaaf wal’aansa ugguran.
Dhuma irratti guyyaa muraasa fuudura waardiyyoota poolisii federaalaa afuriin marfamee eegamaa hospitaala Xiqur Anbessaa akka seenu godhan. Haata’uutii, qaamni isa adhukkubaan hubame dandamachuu wana dadhabeef hospitaala “yaalamaa” ture keessatti waxabajjii 6, bara 20014 ganama addunyaa kana irraa darbe.
Nimoonaan akkuma sabboontota Oromoo, sababa garbummaa didee bilisummaa filateef hidhaatti darbame;  mana hidhaa dararamaa ture keessatti lubbuu isaa jijjiirraa hin qabne bilisummaa Oromoof wareege.
Oromedian maatii isaatiif jajjabina; lubbuu isaaf immoo qabbana hawwa.

Eutelsat Fingers Ethiopia as Jamming Incidents Triple

By Peter B. de Selding 


PARIS — Satellite fleet operator Eutelsat said intentional interference, which accounted for just 5 percent of the disruptions to its fleet in 2010, was responsible for 15 percent of the signal disruptions in 2013.
The tripling of intentional interference events, tied in part to the expansion of Eutelsat’s fleet serving Middle Eastern and African television audiences, is unlikely to drop in 2014 with the latest round of jamming by an unidentified source in Ethiopia.
Eutelsat said the jamming, which has affected Riyadh, Saudi Arabia-based Arabsat’s satellites as well as at least two Eutelsat spacecraft, has been geolocated in northeast Ethiopia.
The way the jamming is conducted has resulted to interference not only on the presumed target broadcaster, but to all broadcasters sharing the affected satellite transponders.
Jean-Francois Bureau, director of international affairs at Paris-based Eutelsat, said the company has relayed its jamming data to the French National Frequencies Agency (ANF), which will forward it both to the International Telecommunication Union (ITU) in Geneva and to the Ethiopian government as part of a protest.
Arabsat has similarly said it is taking its protest to the ITU, although industry officials admit the United Nations affiliate has no real power to impose penalties on governments, even those that are identified as conducting or sanctioning the interruption of satellite signals.
Alexandre Vallet, head of regulatory affairs and spectrum and orbit resources at the French ANF, said France will be working within the ITU this year to push forward an ITU proposal to use a global network of antennas to geolocate jamming sources more quickly.
Satellite operators, especially those that have joined the Space Data Association and are contributing to a data pool at that organization, already are able to use each other’s satellites to identify, with a precision to within 100 kilometers — and usually much less — a source of jamming.
Mark Rawlins, head of payload operations and engineering at Eutelsat, said June 4 that it took Eutelsat just a couple of hours, using two of its own satellite located near each other, to pinpoint the Ethiopian jamming source.
Rawlins said the jamming source is using a high-powered antenna to disrupt programming on the uplink to transponders on two Eutelsat satellites, located at 7 degrees west and 21 degrees east.
Rawlins declined to speculate on the reason for the jamming, saying jammer motivations, while usually political in nature, are not always easy to discern.
The Eutelsat spacecraft affected carry a channel owned by Oromia Media Network of Minneapolis, a network that has been jammed before. The network launched in March to provide independent, citizen-driven reporting on Ethiopia and Oromia, the country’s largest and most populous state.
“We believe this is part of the Ethiopian government’s  [policy of] silencing alternative voices,” the network said in a June 5 statement, citing previous examples of Ethiopian government officials’ defense of jamming techniques.
Arabsat does not carry Oromia broadcasts, but one industry official speculated that the jammers are aware that Arabsat may soon sign a contract that would put Oromia on an Arabsat satellite at 26 degrees east.
While Eutelsat and Arabsat both say they have localized, beyond a reasonable doubt, the national territory in which the jamming is occurring, their claims as interested parties do not carry the weight of a neutral oversight network.
That is why France and other nations are backing the ITU proposal to create a network of antennas recognized by the ITU has being objective.
“Our understanding is that the proposed contributors to the network have agreed to participate, and what we want to do now is close the loop with the ITU,” Vallet said here June 2 during the Global Space Applications Conference, organized by the International Astronautical Federation.
Lyudmyla Karpenko, of the Ukraine State Center of Radio Frequencies, said a Ukrainian antenna farm near Kiev is one of the proposed contributors to the ITU network and has agreed to take part.
Most satellite signal interference events are due to poorly aimed or maintained ground antennas that accidentally cause interference. The Space Data Association and other industry organizations, including the Global VSAT Forum and the Satellite Interference Reduction Group — backed by industry heavyweights including fleet operators Intelsat, SES, Inmarsat and Eutelsat — are promoting ways to stop accidental interference.
The methods include systematic training of ground operations and the adoption of “Carrier ID” by satellite antenna manufacturers enabling quick identification of antennas that are causing interference.
But Carrier ID will not resolve the problem of intentional jamming, which in Eutelsat’s case has reached about 15 percent of total annual interference events. Bureau said part of the reason for the increase is that Eutelsat’s fleet has increased from 28 satellites to 34 in the past three years, meaning the company is now a larger target in interference-prone zones.
“What is clear is that over the past three years there has been a significant increase in deliberate jamming,” Bureau told the conference.
Vallet said that given the lack of enforcement muscle at ITU, the best way to combat jamming for now is “naming and shaming” the perpetrators and using diplomatic pressure to get them to stop.
Rawlins said the SDA grouping of satellite operators — to date, Asian operators have not been persuaded to join the group — is working on automating their geolocalization so that they interconnect automatically. The new system should be operational by early 2015.