Sunday, March 6, 2016

ዜና የማሕበረሰብ ድረገጾች ሚና በኦሮሚያ ተቃውሞ

ጃዋር ሲራጅ መሀመድ (Jawar Mohammed) /ከፌስ ቡክ የተገኘ ፎቶ/
ጃዋር ሲራጅ መሀመድ (Jawar Mohammed) /ከፌስ ቡክ የተገኘ ፎቶ


(VOAamharic)በዛሬው ዝግጅት የማሕበረሰብ የመገናኛ ብዙሃን በኦሮሚያ የተቃውሞ ሰልፎች ያለውን ሚና እንገመግማለን። እነዚህን ሁኔታዎች በማሕበረሰብ ድረገጽ ጉዳዩን በቅርበት የሚከታተለውና ከ435 ሽህ በላይ ተከታዮች ያሉት ጃዋር ሲራጅ መሀመድ ጋር ከተደረገው ቃለ-ምልልስ ያዳምጡ።
በህዳር ወር የመጀመሪያ ሳምንት፤ በኦሮሚያ ጊንጪ ከተማ አካባቢ የሚገኝ ደን ለአንድ የግል ኢንቨስተር መሸጡና የአንድ ትምህርት ቤት እግር ኳስ መጫወቻ ሜዳም እንዲሁ “ለልማት” በሚል ተሰጠ ሲሉ የከተማዋ ወጣቶች ወደ አደባባይ ወጡ።
የማህበረሰብ የመገናኛ ብዙሃንም በዚያን ቀን #OromoProtests በሚል በብዛት በፌስቡክና በትዊተር መልእክቶች፣ ፎቶዎችና ቪዲዮዎች በስፋት መሰራጨት ጀመሩ።
Keyhole Hashtag Tracking on #OromoProtests
Keyhole Hashtag Tracking on #OromoProtests
በማህበረሰብ መገናኛ ብዙሃን ከሚሰራጩት መልእክቶች፤ ፎቶዎችና ቪዲዮዎች መካከል የሚበዙት ከዩናይትድ ስቴይትስና ከአውሮፓ የወጡ ናቸው፤ የማህበረሰብ የመገናኛ ብዙሃን እንቅስቃሴን የሚከታተለው “Keyhole Hashtag Tracking” መረጃ መሰረት።
የማህበረሰብ የመገናኛ ብዙሃን እንቅስቃሴን የሚከታተለው “Keyhole Hashtag Tracking” #OromoProtests
የማህበረሰብ የመገናኛ ብዙሃን እንቅስቃሴን የሚከታተለው “Keyhole Hashtag Tracking” #OromoProtests
41 ከመቶ ከዩናይትድ ስቴይትስ፤ 9ከመቶ ከካናዳ፤ ከአውሮፓ ደግሞ ወደ 25 ከመቶ የሚጠጋ፤ ሲሆን ከኢትዮጵያ ደግሞ 17 ከመቶ መረጃዎች መጥተዋል።
በዛሬው ዝግጅት የማህበረሰብ የመገናኛ ብዙሃን በኦሮሚያ የተቃውሞ ሰልፎች ያለውን ሚና እንገመግማለን።
እነዚህን ሁኔታዎች በማህበረሰብ ድረገጽ ጉዳዩን በቅርበት የሚከታተለውና ከ435 ሽህ በላይ ተከታዮች ያሉት ጃዋር ሲራጅ መሀመድ ጋር ከተደረገው ቃለ-ምልልስ ያዳምጡ
To hear Jawars Interview click here.


Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Bitootessa 5, 2016

Saturday, March 5, 2016

Oromo Protests – from Youtube

(Ayaantuu) *New* oromo music Magartuu Oromiyaa sichii qabsoon xumurraa didaa garbumaatti #oromoprotest 2016

Wayta amma kana Namni hundii dhugaa Oromon qabdu otuu hin gedhiin Dubachaa jira



dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran


prisoners‪(Ayyaantuu) #‎BilisummaaOromoo‬– (05.03.2016,‪#‎DhaamsaHidhamtootaa‬, Oromiyaa) Kun dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran haala yeroo amma Oromiyaa ilaalchisee ergatanii dha.
Nuti, otuu dirqama addaddaa irra jirruu harka diinaatti kufnee gatii olaanaa bilisummaa Oromoof baasaa jiraachuu keenya namuu kan hubatuudha. Yeroo biyyi keenyaa fi lammiin keenya alagaa gara laafina hin qabnee biyya abbaa isa akeessatti ajjeefamu biratti argamuu dhabuun keenya hedduu garaa nu nyaata. Goototi Oromoo kutatoo amma illee Bilisummaa Oromoof wareega ulfaataa baasaa jiran kumaatamaan bahaa akka jiran yeroo dhageenyutti immoo jajjabina guddaatu nutti dhagayama.
Ammas qabsoo keenya galmaan gahuuf namuu bakka jirutti kutannoon akka hirmaannaa isaa jabeessu yeroo dhaammannu:
  1. Haala yeroo amma kan qabsoon Oromoo irra jiru, biyya alaa fi keessaa qabsoo kana xumura itti gochuuf, qabeenya, qaaman fi wanta dandeessan hundaan akka dirmattan dhaammanna.
  2. Barattoota sad1ffaa hanga sad2ffaa, Barattoota koolejjii hanga University, Qotee bultoota fi Daldaltota, Hojjetoota mootummaa, poolisoota fi humni waraanaa kan meeshaa barachaa jirtanis ta’ee, milishaan gandaa osoo hin hafne FXG kana xumura itti gochuuf waan Oromoo tokko irraa barbaachisu akka gumaachitan isin gaafanna.
  3. Namni Oromoo tokko wareegama uummanni keenya kaffalaa jiru kana cinaa dhaabachuudhaan wayyaanee duula Oromoo irratti deddeebiin labsite kana buqqisuu qaban.
  4. Duula Wayyaanee Oromiyaa keessaa baasuudhaaf Qeerroon Oromoo daandii cufuudhaan, riqicha kutuudhaan akkasumas mala qabsooa ddaddaa baasuudhaan gaggeessaa jiru deeggaruun akka dirqama lamummaa keessan baatan issinii dhaamna.
  5. Wayyaaneen akkuma garboofattoota habaashaa darbanii Oromoo irratti hiidhaa, ajjeechaa, dhabamsisaa, saamicha dinagdee, saamicha qabeenyaa, saamicha lafaa gaggeessaa jirti. Kun immoo kan dhaabbatu, kutannee hojjachuu fi waadaa keenya kaleessaa haaromsuun FXG kana injifannoon akka goolabamu gochuun ta’a.
Kana waan ta’eef, haala kana hubattanii bakka nu bu’uun gahee keessan akka baatan dhaamsa kana haala ulfaataa keessatti isiniif dabarsine; imaanaa keenya kanas raawwachuun akka nu boonsitan immoo shakkii tokko illee hin qabaannu!!
Qabsaa’aan ni kufa! Qabsoon itti fufaa!
Injifannoo uummataa Oromoof!

Chinas-Ethiopia- Djibouti Gas Exploitation in Ogaden

(Ayyaantuu) ONLF Statement
ogaden-army
Villagers massacred at Lababaar near Calub-Jeexdin Gas fields
On March 3, 2016, the Djiboutian President participated in ceremony held for the laying of the foundation stone for a new mega gas project, which comprises a natural gas pipeline, a liquefaction plant and an export terminal at Damerjog, Djibouti from the Ogaden as reported by Global Energy. What China, Ethiopia and Djibouti are ignoring is the fact that the people who own the territory the gas is to be extracted are not party to all these deals and will fight to the last in order to protect their territory and resources whatever the cost as they have done before.
ONLF categorically states that it will mobilize the Somali both inside and outside the Ogaden in order to stop any attempt to steal the wealth of the Somali people in Ogaden until a genuine representative government that can safeguard the interests of the Somali people is established in Ogaden. Since POLY-GCL is operating within Ethiopian Army garrison camps and is paying the Ethiopian army to clear the land and displace the rural population, ONLF considers them as a party to the conflict.
Despite the false claim of Mr Barton Yu, Chairman and President of POLY-GCL, who said that: “This is an important energy project for POLY-GCL Petroleum Group … which will enhance the well-being of the Djiboutian and Ethiopian peoples while creating a positive impact on China’s energy security.”, the Somali people in Ogaden are not benefiting in any shape of form from this project. Instead, the rural population are being systematically displaced forcefully from the grasslands and forced into destitution and internal displacement. Furthermore, the Ethiopian government is still actively continuing its campaign of slow inhalation of the Somali people in Ogaden by actively maintaining trade and aid blockage and hampering the effective support of the international community to aid the Somali people in Ogaden in an efficient and effective manner.
Just few months ago, the Ethiopian government kept denying the extent and severity of the Drought in Ogaden, until the international community forced them to acknowledge the drought and then it jumped on the bandwagon and is now spinning the story that El Niño is to blame for the hundreds of deaths that could have been saved if they had a caring government that would mitigate the effects of natural disaster. The Ethiopian regime policy in the regions is a significant contributor to the inability of the people to cope with the recurrent natural disasters. Furthermore, the regime was diverting international aid to acting as the police man of the Horn region by sending thousands of troops to its neighbours and squandering money needed to build basic services by building weapons factories, buying hundreds of tanks and multi-billion Dreamliner jumbo jets and building showcase grandiose projects while millions are dying for manageable food and water.
The Chinese and Djibouti governments shall know that they are becoming accessories to the genocide committed by the Ethiopian government in Ogaden and will share the consequences of their heinous participation in that crime.
Since the International community and donor countries were fully aware of the extent of the war crimes and crimes against humanity committed by the Ethiopian regime in Ogaden as was clearly revealed in Wiki-leaks and they chose to look the other way, while rewarding Ethiopia with more money and diplomatic protection, ONLF informs the Ogaden people that unless they stand up to stop this heinous project, which threatens their very existence as people, no external power will come and defend their rights for them.
Issued by ONLF

#OromoProtests – Mass Protest, March 5, 2016


tessema‪(Ayyaantuu)#‪#‎BilisummaaOromoo‬-(05.03.2016, ‪#‎JalduuLukkee‬, Oromiyaa) Kun maqaan isaa BAANDIRAA GALAANAA jedhama. Maqaan facebook isaa “Borubari Seenaaf” jedhama. Namni kuni lukkeelee diinaa keessaa nama tokko yoo ta’u, duraaniin barsiisaa mana baruumsa sadarkaa 2ffaa Jalduu ture.
Gara miseensummaa Opdo-Tplf tti kan dabalame bara 1996 A.L.H tti. Ergasi asi harka mirgaa woyyaanee ta’uudhaan waajjira dhimma nageenyaa godina Shawaa Lixaatti aangoon kennameeraaf. Waytii filannoo woyyaanee bara 1997/2005 ummata Oromoo hiisisuufi ajjeesisuun beekkama.yeroo sanitti waajjira KFO aanaa Jaldutti argamus cabsiisuni kan saamsisee ture. Ammas gocha diinumma kana itti fufuudhaan ummata Oromoo magaalaa Amboo fi Jalduu diiinaan wal ta’ee kan ajjeesisaa jiru isaa fi fakkaattota isaa ti.
Namoonni nama kana dhiyeenyatti beektan yoo dhugumaan dhiiga Oromoo of-keessaa qabaate, gocha gara jabeessummaa kanarraa akka of-qusatu gorsaa irraa deebisaa. Yoo didee kan itti fufu ta’e, Qeerroon Amboo tarkaanfii malchiisu kan irratti fudhatu ta’uu akeekkachiisa.

#‎BilisummaaOromoo‬, (05.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Diddaa fi mormii Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Magaala Maqii keessatti Bitootessa 4 bara 2016 gaggeeffameera. Fincila Qeerroowwan gaggeessaniin gaaffiin Oromoo akka hubatamu godhemee jira. Manni Barnootaa high school caccabeera; sirni baruuf barsiisuu akka aanaa sanaatti dhaabbatee jira.
Lukkeen wayyaanees walgayii taa’anii barattoota Aanaa sanaa akka hidhaman hoji gaggeessota federaalaa wajjin kaleessa taa’anii murteessan.
A. Barattoonni univarsitii kana dura hidhaman
1.Ayyaanoo Dagaagaa
2.Firaa’ol Doddee
3.Ayyaanoo Guddataa
4.Doonii Boruu ti.
B. Kan amma akka hidhaman itti muttaa’e : Barattoota M/B/S1ffaa Odaa Boqotaa:
1.Caalaa Galaashee
2.Dilboo Jaldee
3.Geetuu Badhaasoo
4.shaalloo Bokonaa
5.Mahammad Huseen
6.Fayyisaa Faqqoo
7.Dureessa Malkaa
8.Addunyaa Goobanaa
9.Galgoo Jiloo
10.Aabbuu ……
11.Siidaa Baqqalaa
12.Dabballee ……
M/B/ Odaa Boqotaa Sad. 2ffaa
1.Araarsoo beenyaa
2.Bulchaa Qondaalee
3.Gurmeessaa Damee
4.Ilaalaa Jalduu
5.Maalaloo Galaanaa
6.Adaraa Dabboo
7.Ashannaafii Bobbaa yoo ta’an.
C. Kittillayyoonni wayyaanee Ijiillee kanarraatti murtee dabarsite ammoo:
1.Darajjeee Raggaasaa I/G/M/B Odaa Sad. 1ffaa
2.Usmaan Obsaa Supervaayizara CRC Odaa
3.Taarikuwaa Guddee Barsiistuu
4.Aabbushaa Birhaanuu Barataa afaan
5.Tashoomaa Badhaadhaa l/G Dhimma nageenyaa
6.Itichaa Dabballee I/G Waajira Barnootaa Aanaa Dugdaa
7.Poolisii Federaalaa Lama Yeroof Maqaasaanii Adda nuuf hinbaafne ta’anii ti dhalataa Oromoorraati shira xaxaa jiruu.
Qabsoon itti fufa!

Kabbadaa Abarraa‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎HidhaaWalisoo‬, Oromiyaa) Dargaggoo ‪#‎KabbadaaAbarraa‬ fi ‪#‎TsaggaayeeIndaala‬ kan jedhaman mana hidhaa Walisoo keessaa baafamanii gara Maa’ikalaawwiitti dabarfaman. Dargaggoonni kunneen dhalootan aanaa Ammayyaa ti.
Yeroo darbe aanaa Ammayyaa irra namoota 175 ol wajjiin gara mana hidhaa Walisootti geeffamanii ture. Haga yoonaatti mana hidhaatti rakkisaa turan. Gaafa 02/03/2016 gadi isin lakkifna jedhanii mana hidhaa Walisoo irra fuudhanii baasanii gara maa’akalawwii geessani jiru.
Kan suuraan isaa mul’atu kun (Kabbadaa Abarraa) gaafa 7/2/2016 waraana wayyaaneen ukkaamfame. Kabbadaan kan dhalatee guddatee Godina Shawaa kibba lixa Aanaa Ammayyaa ganda qotee bulaa Arrooyyiti. Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma Magaala Gindooti barate. Sadarkaa Olaanaa University Amboo Campus Waliso irra barnootaa computer science eebbifame. Bara 2004 Mormii Magaaala gudditti Oromiyaa Finfinnee irraa Adamaatti dabarsuuf jedhan dhaabuuf taasifame irratti illee ijoollee Ammayyaa hedduu waliin hidhamee ture.

Guyyoottaan sadiif Universitin Wallagaa jechuunis gafaa Guyyaa 1-3-2016 irraa egaalee gafaa Guyyaa 2-3-2016 fi 4-3-2016s ittii fufee jira Agazi, humna Kora bitteenessaa, polisi Oromomiyaa fi polisota moora Universiticha ta’uun tarkaanfii baay’ee sodaachisa ta’e barattoota fi Guyyaa kalleesa mmoo hojjeettoonillee osoo hin hafiin rebamuun isaani argamaa ture tarkansilee isaan fudhataniin gafaa guyyaa jalqabaa ‪#‎Campus‬ FBE ‪#‎Block‬ 613 dormii barattoota itti cacabsuun barattoota 27 fi bakkee keessaas barattoota 30 ol ta”an qabuun gara mana hidhaattii halkanuma sana gessaniru hamma har’attiis achuma jiru isanuma kessaa rebichaa isaniin kan midhaamaani fi lubbuu isaani olfachuuf jecha dormirraa barattoonnii utalaan baay’innii isaanis 5 fi isaa ol ta’ uu danda’an riferi garage finfinneetti ergamaniruu jedha gabaasan keenya gafaa Guyyaa kalleessaas barattoonnii 15 ol ta’an kilikina Universiticha keessaattii akkaa yalamaa turan kan ijaan argaan nuuf himaniiru…,.@WU..

‪#‎OromoProtests‬-(05.03.2016, ‪#‎NaqamteArrest‬, Oromia) Dr. Tasamma Fufa, a veterinary specialist at Naqamtee was kidnapped yesterday night, 04/03/2016 by Agazi forces. When they kidnapped he was severely beaten and sustained injury Because of his disappearance there is no meat distribution today in the city. Until now, his whereabouts is unknown.
Dr. Tasamma is one the most respected specialists the city.
=========================================
‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎HidhaaNaqamte‬, Oromiyaa) Ogeessa beeladaa Magaalaa Naqamtee kan ta’an Dr Tasammaa Fufaa kaleessa galgala humnoota tikaa fi waraana Agaaziitiin qabamanii bakka hin beekamnetti geeffaman. Yeroo qabamanitti, hedduu reebaman; miidhaan guddaa irra gahee jira. Sababa Dr Tasammaan hidhamaniif guyyaa har’aa magaalaa Naqamtee keessatti fool qalamee gurguramu manneen daldalaatti hin qoodamne. Haga ammaatti eessa akka geeffame hin beekamu.
Dr Tasammaan magaalaa NAqamtee keessatti kabajaa fi jaalala guddaa nama qabaniidha.

‪#‎OromoProtests‬ Miseensoti koree hojii raawwachiiftu KFO afur godina Qeellam Wallaggaa keessaa akka bahaniif dhiibbaan godhamaa jira. Miseensoti KFO: Duulaa Maatiyoos, Abiyoot Taaddasaa, Masgabuu Tolasaa, fi Zalaalam Shuumaa, kana duras waggoota lamaaf ragaan sobaa itti qindaahe shororkeesssaan himatamanii ture. Hidhaa keessattis erga waggaa lamaaf hiraarafamanii booda bara 2016 gara jalqabaa Mana Murtii Waliigala OROMIYAA Dhaaddacha Naannawaa Nekemtitti bilisa jedhaman.
Haa tau malee, namootni kunneen ammas Naannoo fi Maatii isaanii dhiisanii akka biyya gadiilakkisaniif dhiibbaan guddaa fi doorsifni irratti godhamaa jira.

‪#‎BilisummaaOromoo‬- (05.03.2016, ‪#‎JimmaaOfeeggannaa‬, Oromiyaa) Odeeffannoon kun Ummata keenya Godina Jimmaa aanaa Cooraa Botor keessaa jiraattaniif kan darbee dha.Namichi maqaansaa AJaib Sheh Mahamad jedhamu kaanan misensa KFO (OFC) ture yeroo ammaa kanatti basaasaa Wayyaanee ta’ee namoota hiisisaa jira. Namni kun gantuu ta’uudhaan gochaa badaa ummata keenya irratti raawwachaa waan jiruuuf, umamti keenya akka irraa of eegagttan haa ta’u!

‪#‎OromoProtests‬-(05.03.2016, ‪#‎OromoResistance‬, Oromia) This is a continued resistance to refuse the regime’s dictatorial systems. This brave Oromo decided to burn the military uniform as a symbol of resistance to condemn the military rule on Oromo people.
=============================
‪#‎BilisummaaOromoo‬-(05.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa)Kun diddaa Oromoo sirna Wayyaanee irratti itti fufiinsaan adeema ajiruudha. Gooti Oromoo kun uffannaa watraanaa gubuuf kan murteeffate miidhaa sirnichi ummata Oromoo irraan gahaa jiru balaaleffachuun. Kun immoo ejjannoo seera waraanaa ummata Oromoo ajjeesee fixuuf jedhu dura dhaabbachuuf fudhatameedha.
Qabsoon itti fufa!
12806186_10207735591859509_4432542579085942985_n

#‎OromoProtests‬, (05.03.3016, ‪#‎OromoResistance‬, Oromia) This is Oromo soccer club solidarity with Oromo protesters from Cairo, Egypt.
===============
‪#‎BilisummaaOromoo‬, (04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Kun Gareen Kubbaa Miillaa Kaayiroo, biyya Misiraa, Oromoof deeggarsa mormii Oromoo agarsiisan.
12832358_10207734416630129_4376127579393218904_n

Friday, March 4, 2016

FXG Itti Fufee jira – Bitootessa 4, 2014

‪(Ayyaantuu) #‎BilisummaaOromoo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Kun Hubachiisa hatattamaa ti. Wayyaaneen yeroo ammaa kana bakka hedduutti namoota Ukkaamsitee hedhuuf saganteeffattee jirti. Namooti yeroo qabamanis akka gara Maa’ikalaawwiitti geeffaman ajajni kennamee jira. Keessayyuu, Oromiyaa Lixaa irraa namoota hedduu- hojjattoota mootummaa, daldaltoota, barsiisotaa fi qonnaan bultoota kanaan hunda akka faallaa OPDOtti beekaman- hidhuuf saganteeffatanii jiru. Namooti kana dura hidhamanii wabiidhaan bahanis warra irratti xiyyeeffatamee dha.
Ummatni haala kana hubatee qophii barbaachisaa ykn ofeeggannoo akka godhu Qeerroon Lixaa dhaameera!

‪#‎OromoProtests‬
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qeebbee Ganda Sichaawoo Warrabaabboo jedhamutti sababa barattooti mana barumsaa Leeqaa Kaarraa dheengadda hiriira bahaniif Agaaziin uummata reebee ajjeesaa jira. Haadha manaa obbo Shoogalee Tarfaa Tamiimaa kan jedhamtu akkasumas aadde Aashaa Ganamoo hawwan jedhaman reebicha hamaa irra gaheen du’aaf jireenya gidduu kan jiran dhiiga balaqqamaa jiru amma Sichaawoo irraa. Akkasumas Limixi bakka jedhamu sichaawoo irraa adeemsa sa’a lamaa kan fagaatu ganda qubattootaatti namni maqaan isaa Biraanee Kabbadaa jedhamu Agaaziin reebuuf yoo itti kaatu akka aadaa naannootti uleedhaan hanga humna isaa faccisee ofirraa ittisuun hamma tokko turus itti baaya’atanii reebicha guddaa waan irraan gahaniif lubbuun bahuuf jetti.”



FXG – Bitootessa 4, 2016 Kamiseeti (Walloo), konkolachiftooni taaksin hojii dhaabaan. Taxi drivers strike in Kamise (Walloo)
kamise

FXG biffa jabaa taheen Bitootessa 4, 2016 yuunversiitii wallaggaa kessatti dhohee jiran keessatti akkasumas magaalaan akkasumas magaalaan naqamteess raafamaa jirti humni federaalaas yuunversiitii wallaggaa dhuunfatee ijoollee caccabsaa jira. shufeerotaafi uummanni magaalaa naqamtees waliin ta’uun karaa naqamtee irraa gara finffinnee deemu guutummaatti naannoo hora hadiyyaa jedhamutti cufaniiru. Yeroo ammaa kanas makiinonni tokkoyyuu karaarra deemaa hin jiran.Baratoonnis gara uummataatti baqachaa jiru.

‪#‎OromoProtests‬ Wanna nama Ajaa’iban sadii ani sa’a tokko giddutti arge.
  1. Akka suuraa armaan gadii irratti agartu dubartiin Adii kun meeshaa bitattee konkolaata ittin galtu dhabdee aduu saafaa gubu keessa lafa adeemti.
  2. Ijoollen mana barumsaa betel Naqamtee taxi service dhabanii konkolaataa fe’umsaatti akka qoraamii Aduu saafaa kanaan gubachaa galaa jiru.
  3. Namichi gaarii oofu tokko namoota taxi dhabanii dhaabatanitti dhufee “hey namni Campus fi Keellaa ” dhaqu jiraa jedhe itti qoose darbe.
Dhugaadha oolmaan uummata magaala Naqamtee harraa nama ajaa’iba.”
12795445_1289155184444295_1254282117143035470_n

#‎OromoProtests‬-(04.03.2016, ‪#‎BlockingPhones‬, Oromiyaa) The terrified regime is making every thing possible to mute the sound of ‪#‎OromoProtest‬! Staring from 02/03/2016 to today (04/03/2016) they are blocking phone and internet services at Eastern Oromia particularly at Harar and Haramaya. It is kind of try and error methods! The killers and robbers will not last long!
The struggle continues!
====================================
‪#‎BilisummaaOromo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Wayyaaneen diddaa fi mormiin Oromoo ukkaamsuuf waan dandeesse mara gochaa jirti. Oromiyaa bahaa keessatti guyyoota lamaan darban internet hin hojjatu; bilbilli hin hojjatu. Nama hidhuu fi ajjeessuun immoo akka malee jabaatee itti fufeera. Qabsoon itti fufa!

‪#‎BilisummaaOromo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaShawaaBahaa‬, Oromiyaa) Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa keessatti ummanni tarkaanfii Bitootessa 2 bara 2016 fudhateen qabeenya abbootii qabeenyaa wayyaanee barbadeessan. Oomisha oyiruurra jiru dabalatee meeshaa qonnaa fi mootora bishaan harkisu heddu barbadeessan.

#‎BilisummaaOromo‬-(03.03.2016, ‪#‎GaaffiiOromoo‬, Oromiyaa) Diddaa fi moromiin Oromoo godina Booranaa, aanaa Yaabelloo, Magaala yaaballoo keesstti itti fufee jira; diddaan Oromoo kun qabsoo Qeerrootiin kan dhuunfatamtee dha, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.
Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru
Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.

Hiriira FXG Aanaa yaaballoo
Bitootessa 03,2016 Magaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera
12803251_980158832067736_8560027193511252371_n