Thursday, December 26, 2013

Simbirtuu: Oduu fi Minilik II Irratti Yaada Dr. Makuraa Bulchaa

Simbirtuu: Oduu fi Minilik II Irratti Yaada Dr. Makuraa Bulchaa


K/ 1ffaa:
K/ 2ffaa:

Tedy is a modern Minelik II weapon to wage genocide against Oromo

Itana Guteta |  26 Dec 2013
Oromo have their own country Oromia
Oromia is Oromo country annexed by Abyssinian- the modern Ethiopia in 1890s. The Abyssinia got help from supper power of that time: USA, Russia, France, and Italy. Since then, Oromo people have been struggling in different ways to get back their country. Thus, about 45000 Oromo political prisoners are serving in Abyssinian colonial jail as Dr. Troman reported.
When Oromo activists claim their God given rights, the Habasha ( Abyssinian) defile the name of Oromo activists as narrow nationalists or extremists. I can take the current ongoing debate about Tedy, the Habasha musician who supported the genocide made by Menelik II whose target was to demolish the Oromo from the face of the earth. Tedy said that the war Minelik waged against Oromo people which resulted in 5 millions of death of Oromo heroes and heroines is holy war. But Oromo human rights activists like Jawar Muhammad, Abdi Fixe, Garsuu Tufa and others are seen as extremists and condemned as Anti-unity by colonizers ( Abyssinian).
By the way, what is extremism? Is it speaking true history or denying it?, If exposing what the colonizers did unto the oppressed is extremism, then, what do we call those who label such exposes as “extremist”? However, you like it or not, you will go no where with such a medieval mindset. I would like to inform you that Oromo people is ready more than ever to pay all the sacrifice to reestablish Oromia, to clean Finfinnee that your ancestors defiled since they annexed it. I hope that as Oromo is people of “safu” means respect, we will offer Abyssinian equal rights and equal opportunities to live in Oromia. I swear you that Oromo people will not avenge you, but what they need is freed Oromia. Be that as it may, know that, there is no place for subduing Oromo and their country Oromia under your colonial power. To wrap it up, what the Oromo heroes and heroines human rights activist said is incredibly true: Tedy is recognizing the genocide against millions of Oromo is holy war. On top of that, if Tedy believes that such inhuman act is a holy war, the historical memory directly goes to religion which in Abyssinian cases reflects on the Ethiopian Orthodox Church. I will not go deep now, I will come back to it.
When we- Oormo talk about Tedy we are not arguing the that Tedy represent Oromo. For that matter, Oromo have never ever accepted Tedy as our friend or as he represent us in any ways. What we are talking is simple. Tedy clearly showed us that he is our enemy reconsigning what Minelik II has done. Otherwise both Tedy and Minelik II are our enemies from 1890s. Minelik can be a hero for Habasha- Abyssinian because he build the country in which they are enjoying higher standard life by selling land of thousands of Oromo farmer by evicting them. So they can celebrate him. The TPLF should know that Oromo people have a goal of restablishing Oromia, the country destroyed by Minelik II .
Sadly, the owner of Bedele Beer sponsored Tedy to prepare concert in the big city of Oromia, Finfinnee. Politically, this concert is going to be held in memory of Menelik II who massacred 5 million Oromo. This can be easily deduced from Tedy’s speech. Thus it would be surprising if Oromo tolerate, allow him to accomplish this mission without confrontation. It will be bad memory in Oromo history if any attend this concert Oromo which is prepared to humiliate Oromo dignity. Once again, I urge Oromo people not sell, buy and drink Bedele Beer. In addition, it is pivotal to take legitimate action against Habasha workers at this company in Oromia, to remove them from our country. Indeed, it the time to remove the termite- Habasha not only from Bedele Beer company but also from nervy corner of Oromia.
In addition, OPDO also know that this is true thus why many of them were thrown into jail in Ethiopian empire.
Above all, I would like urge every able bodied Oromo: intellectuals, farther, businessmen, students, OLF guerrilla arm group, all Oromo citizen in Oromia and around the globe to continue to fight for their legitimate rights to set free their human resource and natural resource from Ethiopian colonial rule.
Itana can be contacted at itanaguteta@gmail.com

Wednesday, December 25, 2013

Ethiopian minister: most of committee’s recommendations on Renaissance Dam achieved

Grand Ethiopian Renaissance Dam
MENA
Ethiopian Minister of Water and Energy Alemayehu Tegenu has announced that most of the recommendations offered by the international expert committee on the Renaissance Dam have been achieved.
 
Ethiopian TV quoted Tegenu as saying, during a workshop on the dam in Addis Ababa, that there has been progress achieved regarding the recommendations and that the rest will be concluded within a short period.
 
The minister explained that the committee was formed because of a lack of accurate information, which caused concern for the downstream countries of Egypt and Sudan. Ten experts were convened--including two from Egypt, two from Sudan and two from Ethiopia--and carried out a year-long evaluation process. 
 
The final report with recommendations to governments was submitted in May 2013. Ethiopia and Sudan approved the report and agreed to work together to accomplish the recommendations, while Egypt initially refused them. However, foreign ministers of Egypt and Ethiopia reached an agreement following their meeting in Addis Ababa in late June for cooperation on achieving the recommendations.
 
The minister added that the three countries decided to set up a follow-up mechanamism for achieving the recommendations following a series of meetings in November and December in Khartoum. The representatives are scheduled to meet again in Khartoum in January to finalize the pending issues.
 
In related news, the Ethiopian TV said that workshop participants urged Ethiopian universities to work with international research institutions to inform the international community of the mutual interests of the dam. They also urged the Ethiopian media to drum up local and foreign support for the dam through posting reports highlighting its positive effects. 
 
 
Edited translation from MENA


“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Y.G(2005) kutaa 2ffaa


Barri 2013 goolabamaa jira. Waggaa keessa dabarree tana, akka dhuunfaattu maal fakkaata ? jedhanii of gaafachuun , isa dabree fi isa haaraa giddutti garaagarummaa Namummaa uumuuf tola. Waan dhuunfaatti yaadan walitti ida’amee kan waloo ta’u kan eegalu, yoo akka walotti yaadu eegalleedha.Dhalli Oromoo addunyaa kana irra jiru, karoora baafatu keessatti, waan sabummaa isaa hin yaadatu taanaan, Ani Oromoo ofiin jechuu irraa dhaabbachuu qaba. Namni eenyummaan isaa fi sabni isaa gaaffii jala jiru, ykn gabrummaa keessa jiraatu, garaan quuftee bulteef ykn sirbee buleef ykn ija of jaamsee waan ta’aa jiru callisee ilaalee addunyaa mataa isaa keessa gangalataa jiraatu tokko, ani jiraadhe jedhee kan jireenya fakkeessii keessa dabre dinqisiifata taanaan kun namummaa hin ta’u. of sobuudha.Umuriin gabrummaa keessaa umurii miti. Akka Amantiittis , akkuma namummaattis umuriin gabrummaa keessaa umurii hin ta’u. gabrummaa keessa jiraate, GALATA ISAA ! jedhee kan of gawwamsu dondha qofaadha. Sababaan namni umamaan waan kennameef itti ihiri’atee jiraate, namummaan isaa mataa isaa hir’uudha jechuudha. Lafa kana irra deemanii dabruuf yoo ta’e ammo, Ilbisoonnu ni jiraatu mitiree ??????????
Bara 2013 keessa addunyaa irraa namoonni hedduun godaananii jiru. kanneen keessaa , kanneen akka MAANDEELLAA FI MIRGA UMMATA ISAANIIF KANNEEN WAREEGAMAN BAKKA OL AANAA QABU . maaliif jennaan, Seenaa dubbatamuuf waan qabaniif jennee deebii laachuu dandeenya. Haala kanaan namni Ummati isaa gabrummaa jala jiraachuu odoo beeku, jiraachuuma filatee lubbuun dabarte, dhaabbittu du’ee turewoo maal gadduuf ? gama kanaan namoonni bakka jiranitti saba isaaniif gootummaa meeqa raawwachuu danda’an, odoo bara lakkaa’anii fi qaama biro irraa bilisummaa eeganii kan dabran meeqatu jira ? ofittummaa isaanii irraa ka’anii, beekumsaa fi dandeetti isaaniin  ummata isaanii osoo hin fayyadiin, yeroo lubbuun jiranitti addunyaa irrattu bakkoota murteessoo  kanneen turan, Sirnuma gabrummaan Qsimattee lakkoofsa qabu laata ? Namni akkamiin waan waggaa 100 oli irraa hin baratu? Dhalli Oromoo bakka maraa jiru wayita of-gamaagamu, kana illee ilaallachuu qaba. inni lubbuun jiru ammoo, isa bakka akkasii jirutti fayyadamuuf tattaafachuun barbaachisaa fi waan ilaalalmu qabuudha. Waan har’a fagoo nutti fakkaatu dhihaachuun hin hafu. Maal gumaachiteen ? of gaafachuu fi wal gaafachuun waan hin hafne.
BARA 2013 FI QABSOO OROMOO ,
Qabsoo Oromoo gamaagamuuf yeroo isaa natti hin fakkaatu. Akka walii galaatti ilaalufis, qaama ana irra odeeffannoo fi humna isaa qabu waan jiruuf gamaagamu kanuma ilaallatufan dhiisa. Garuu waan mooraa qabsoo Oromoo jajjabeessuuf taasifamu, kan bara 2013 keessatti kaasuun rakkoo kan qabu natti hin fakkaatu. Bara 2013 Mooraa qabsoo Oromoo keessatti wanni mul’atu inni guddaan, tasgabbaa’uudha. Mooraa kana keessatti kan hirmaatu hundi isaa, Qabsoo Oromoofis ta’e, Ummata Oromoof, Oromoon ala eenyullee akka hin jirre kan huabtame fakkaata. Waan keessa dabran irraa waa hedduus kan baratame fakkaata. Wal abaaruun eenyufillee akka hin tolle nu akeekeera. Mooraan qabsoo haala kana keessa jiru, ilaalcha siyaasaa gama lamaa ifatti nu baasee, hundumtu irratti dubbateera. Ilaalchi gama lamaanu Ummata Oromoo biratti maal akka fakkaatu hundumtu quba qabaateera. Kan ilaalcha tokko qabus gama tokkotti ba’ee of ijaaraa jiraachuun dansaadha. Yeroo fudhachuun isaa komee kaasaa jiraatus. Tarii wanni amma asi ba’u qabsoo kanaa fi hamilee Ummata bakka maraa finiinaa jiru kanaaf murteessaa ta’a. murteessummaan isaa ammo hammaataa ta’uu hubachuun dansaadha. Garuu wanni Ummata biraa hin hafne , waan maraaf qophaa’ee isaan eegaa jiraachuudha. Gama biraan ammo seenaa siyaasaa Biyya kamiyyuu keessatti kan arginu, gamni tokko ol aantummaa qabachuun akka hin hafneedha. Kanaaf wanni eegnus gama lamaan ta’sus dhiisuus, wareegama kafallee diina injifachuuf qophaa’uun dansaadha. Garuu gama kamittu haa ta’uu waan Ummati eegaa jirutti yaaduu fi waan Ummati bara 2014tti raawwachuu malu irratti xiyyeeffachuun dansaadha. Gama kanaan kan jiru, Qabsoo Oromoo hegareef heddu hedduu murteessaa ta’uu keenye dabruun ga’aadha.
ABO ILAALCHISEE :-
ABOn har’allee diinaaf yaaddoo , Ummataaf gammachuu ta’uu itti fufeera. Wayyaanee irra kanneen alaa gufu itti ta’uuf yaalanii fi warra bakka dhaabbatan har’allee hin beekneen qormaati irra ga’aa jiru salpha miti. Haa ta’uuti ABOn akka diinni hawwu ta’aa hin jiru. warri ABO cichoomiinaan waliin dhaabbatan har’a boonaa jiran. Dhaabni kun hiree ummata kanaa ta’uu ifatti meeqatu dubbachaa jira. Ummati Jaalala dhaaba kanaaf qabu, diina miti warri haala gara garaan achi ba’anii cichoomiina Ummatichaa ilaalanii yaa waaqi nuu dhiisii jedhan hedduudha. Biyya keessatti bifa gara garaan tarkaanfiin fudhataa jiru daran jabaate, wayyaanee irriiba dhawweera. Jaallannus jibbinus ABOn hidda dhiigaa Ummataa ta’uu isaa kan gadi jabeessee mirkaneesse adeemsa 2013 kana keessadha. Amma yaadame hojjateeraa ? yk amma irraa eegamuu fi muuxannoo qabu tarkaanfateeraa ? jechuu dandeenya. Garuu deebiin kanaa bal’isani yoo ilaalan deebii quubsaan argama jedheen yaada. Akka walii galaatti garuu diinni karaa gara garaa dhaaba kana qabsaa’oota harkaa baasuuf ifaajjuu fi amma akka itti jiran yennaa ilaallu jabiina hedduu kaasuu dandeenya. ABOn Ummata dammaqisuu xumuree jira. Eenyummaa ummata kanaa addunyaatti ibsuus xumuree jira. Waan inni deemuuf hundaa amma tokko goolabeera. Ragaan kanaa Ummata kanadha. Itti aansee qeerroo wayyaanee nagaa dhorkaa jirudha. Isa itti aanuuf ammo, sochii nama dhuunfaa kaasee taasifamu walitti ida’amee bu’aan argamsiisuu fi karaan irra jiranitti jabeessanii karaa akka qabsiisan barri 2014 qooda isaa ni gumaacha.
Hubachiisa :
kanatti aansee bara 2013 keessa hojii boonsaa kanneen hojjatan wayitan kaasu hojii isaanii waliin kaasuu nan danda’a. garuu barruu kana na jalaa dheeressa waan ta’eef, jabiina isaanii qofan kaa’aa na OFKALCHAA !!
MIIDIYAALAA QOOQA OROMOO ILAALCHISEE:-
Ani akka nama tokkotti , miidiyaalee qooqa oromoo hundi fedhiin isaanii tokko ta’uuttan hubadhe. Kun miidiyaalee walabaa ilaallata. Kana irraa kan hubannu fedhiin ummataas isaan faana jiraachuu nu ibsa. Miidiyaaleen maxxansaa Intarneetaan gaggeeffamaa jiran hundi jechuu dandeenya, akka bara 2013 waa hundaa hordofanii hojjatanii hin beekan. Addatti kanneen Intarneeta irratti marsaa maqaa gara garaan hojjatanii fi sagantaa raadiyoo intarneeta irraa hojjatan hundi isaanii, nama boonsu jechuu dandeenya. Kan hamaa hojjate hin jiru miti. Garuu yaada isaanii gama tokkotti luuccifatanii wal irratti abdatanii wannii isaan hojjatanii fi hojjataa jiran, seenaan kan dagatuu miti. Warri Intarneetaan dhimma ummata isaaniif of kennanii hojjatan kunniin ega biyyaa ba’anillee yeroo gabaabaa fi maallaquma jireenya isaaniif argatan irraa hanqisanii hojjachuun isaanii gootummaa isaanii mul’isa.
Kana malees yaada eenyullee odoo hin hanbifnee dhimma Oromoo irratti waan jiru hubachiisanii akka irraa baratamu taasisuu isaanitti hedduun gammada. Waan isaan qalbii ummataa keessatti uuman , tasgabbaa’uu siyaasaa har’aaf bu’ura ta’anii waamamu.
Gama kanaan sochiin eegalame gama TV intarneetaa irratti babal’atee UmmatI waan arguun irra jiru tamsaasuun isaanii jabiina isaaniiti. Harka maratanii taa’uu irra isa jedhu irra taranii har’a , Hojii boonsaatti tarkaanfachuun sagantaa Raadiyoo miidiyaa jabaa gadi dhaabuuf sochiin taasifame hojiilee gurguddoo bara 2013 dha jechuu dandeenya.BU’URRI FI FAKKEENYUMAAN ISAANII MIIDIYAA JABAA HAR’AAF BU’RA TA’ANII YAADATAMU.Hojiilee boonsaa Intarneetaa fi miidiyaa jabaa dhaabuun itti jiran hundaa maqaan kaasanii galateeffachuun ni dadna’ama. Garuu sochii wal fakkaataa irra kan jiran maraa galiin isaani tokko waan ta’eef bara 2014tti hojii caalaatti dhimma keenya addunyaatti beeksisu irratti akka jabaatanii fi warri humnaa fi beekumsa isaa qabanis akka isaan waliin dhaabbatan hin shakku.kana malees, beekumsaa fi dandeetti addunyaan ajaa’ibsiifattu qabatanii kan callisanii taa’aan kakaasanii addunyaan akka dhimma oromoo ilaaltu akka taasisan hin shakku.  
“OSA” ILAALCHISEE :
OSAn bara kana keessa hojiilee boonsaa hedduu hojjateera. Keessattu dhimma Oromoo addunyaatti beeksiisuu fi miidhaa ilmaan Oromoo irra Biyya keessaas ta’ee alatti irra ga’aa jiru akka gaaritti qopheessee mana isa ilaallatutti dabarsuun hojiilee boonsaa hedduu hojjateera. Hojii isaa kanaanis har’a waamicha adda addaatu isaaf dhihaataa jira. Kaleessa iyyatee dhaqa ture. Har’a garuu waamamee dhimma ummata kanaa addunyaatti ibsaa jira. Kana irra hojjachuun akka danda’amu ifadha. Sochiin gama hundaan taasisaa jiru kana caalaa jabaatee bara 2014tti hojiilee injifannoo asi butan irratti qooda mataa isaa akka gumaachuu hin shakku. OSAn seenaa fi aadaa akkasumas eenyummaa ummata kanaa kan tiksudha jechuutu danda’ama. Kanaaf seenaa tikisuu jechuun seenaa qabsoo Ummata kanaa tiksuu ta’uun nama hin shakkisiisu. Mooraa qabsoo keessatti waan umamu bilisa ta’ee tasgabbeessuu, yaada laachuu , gorsuu , abbaan fedhe ABO jechuun ana jedhee wayita ummata kana salphisu callisanii ilaaluu faa’a dhiisanii , haqa jiru ummatatti ibsuun gaarii natti fakkaata. Kana malees dhaloota itti aanu qopheessuu fi waan qoratamee jiru Bilisummaa eegu irra Ummata karaa dana’an barsiisuuf hojjachuun caalaatti jabiina OSA mul’isa jedheen yaada.
SOCHII HAWAASA BIYYA ALAA ILAALLATEE:
Sochii hawaasa Biyya hambaa kana akka lamatti ilaaluutu dansaadha. Kana gurmmaa’anii dhaabilee siyaasa Oromoo jalatti hojjatanii fi kaka’umsa mataa isaaniin kanneen dhimma Ummata isaanii waliin hiriranii hojii boonsaa gaggeessaa jiran adda baasuun dansaadha. Har’a hawaasi Biyya alaa jiru, Biyya kamitti jabaatanii fi laafatanii tarrisuun ni danda’ama. Kaleessa Oromoo hundaaf fakkeenya kan turan har’a rafaniiru. Kanneen hin eegamiin ammo hojii boonsaa hojjataniiru. Sochii Biyya keessaa waliin yennaa ilaalaman garuu nama taajjabsiisa. Biyya waa hundaa dubbachuun danda’amu keessatti daawwataa ta’anii taa’uun isa biyya keessaa odoo itti dhukfaamu wayyaanee mormaa jiruuf hamilee cabsuudha.
Hiriirri mormii , wal ga’iilee, wal ga’ii diinaa fashalsuu kan ilaallatuun waan ajaa’iibaa hedduu argineerra. Kanneen akka tasaa mul’atanii raajii jedhaman ammo, kan Afriikaa kibbaa fi Gibtsi keessaa waan salphaa miti. Awustiraaliyaa keessatti , jarman keessatti, Kaanaadaa keessatti , oslo fi kkf keessatti wal ga’iin diinaa salphina waliin dhorkisisanii jiru. kun hojii boonsaadha. Kanneen fakkeenya hawaasa Biyya alaa hundaa turanii fi amma callisanii jiran, Biyya hundaa keessaa baqataan oromoo kuma 20 ol keessatti argamu garuu sochiin isaanii guyyu yerachaa jiru, miniyaapolisfaa’a ni jiru.
Akka dhuunfaati ammo kanneen Qooqa Oromoo , aadaa oromoo , Seenaa Oromoo addunyaa nu hin beeknetti barsiisuuf tattaafatanii hojii boonsaa galmeesisan heddduutu jiru. kanneen Ummata isaanii barsiisuuf tattaafatan lakkoofasa hin qaban.kan qabsoo Oromoo maraaf gama hundaan hojjataa jiru galateeffachuu fi jajjabeessuun dansaadha. Hojii akkasiitu AFRIIKAA KIBBAA APPAARTAAYID JALAA BAASE WAAN TA’EEF !!!!!!!!!isa dhugaa dubbachuuf garuu amma baayyina keenyaa fi beekumsa keenyaa hojjachaa hin jirru. Kan ammaa irra garuu 2014tti yoo murteeffanne ni hojjanna.yoo kana hin ta’iin halgaanu ka’ee ani Oromoodha ofiin jechuu danda’a.mitiree??????????!!!!!!!!
GALATOOMAA !!!!!!!!!!
Kutaa 3ffaan itti fufa.
Kutoolee dabran:

Tuesday, December 24, 2013

Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee Diiguuf Mootummaan Wayyaanee Shira Xaxaa Jiraachuun Beekame.

Mootummaan Wayyaanee diigumsa waldaalee maqaa Oromoon ijaaraman irratti aadeffate har’as qaanii tokko malee itti fufee jira.Haala kanaan Gumii Aadaa fi Afaan Oromoo /GAAO/ University Finfinnee keessatti hundeeffamee waggoota dheeraaf ture shira Wayyaaneen diiggamuuf tattaaffiin godhamaa jira.Kuniis sodaa gumii kana irraa qabaniin Koree gumii kanaa yeroo yeroon waamuun gumii kana diiguun gumii saboota kaanii waliin walitti maknee gumii biyyooleessaa/national/ tokko dhaabuun barbaachisaadha,kun garaagarummaa babal’isaa jira malee tokkummaa guddisaa waan hin jirreef diigamuu qaba jechuun doorsisaa jiraachuun beekame.
Koreen gumii kanaa yaada mootummaan isiniin jedhu kana fudhattanii miseensotaa fi deeggartoota amansiisuun dhimma kana irratti hojjechuu qabdu jechuun halkanii guyyaa doorsisuun jiru.doorsisinni ykn shirri kun karaa nama Dr. W/Amanu’eel jedhamu irraan tika Wayyaaneen wal qabatee gaggeeffamaa jira.kun akkanaan haa deemu malee koreen gumii kanaas ta’ee miseensonnii fi deeggartoonni kun yoomuu gonkumaa akka hin ta’iiniifii fi tattaaffii bifa hundaa deemsisuun gumii kana akka dagaagasan hubachiisanii jiru.

Madda Salphina Keenyaa

Hireen ilmaan namaa yeroo hundaa waan wal hinqixxaanneef carraan isa kaan bitaarra kaaniinimmoo mirgarra akka Abiraamifi Looxii bobbaasti. Uummtni Oroomoos ta’e sab lammiiwwan biraan ulfaatina jireenyaa jalaa miliquuf biyya keessatt ta’e biyya ambaatti bu’anii ba’uun carraa isaaniif ba’ee dha. ‘Mechees maal godhanii, farsoo maskaramii qaxanxan godhanii’ jedhu ollaan koo tokko dur. Waanti godhan injiruuf ittiin bulinnaaf hundumtuu isa maluufi inmalle hojjeta.
Moototni Imaapyerattii kana bitan martinuu yoo haala jireenya saba kanaa foyyeessuuf indandeenyellee hirree diinaa irratti olfudhatamu maqsuuf aarsaa hamma du’aatti kaffalaniiru, baayyeen booji’amaniiru, hidhamaniiru, du’aniirus. Sablammiiwwan yartuuf farra haata’aniyyuu malee Miniiliik, Hayilasillaseenfaa daangaa biyyattiifi ulfina saba isaanii eegsisuuf ciisanii inbulan ture. Barreeffama kana kessaatti saba kootiif mootoota gaarii dha jedhe ibsuu koo utuu hin ta’iin yeroon wal-cina qabe ilaalu ta’uusaa na beekaa.
Kan baranaa garuu baatuudha. Daandiin isaan ka’an sun bifa biraadhaan ‘warraqsi ilmaanshee nyaatti’ akka jedhan sabasaaf falmmuurra akka naachaa boo’aafii nyaachuusaa malee mootummaa sabsaaf falmu arguun waakkuu ta’eera. Mootummaan wayyaanee sabsaaf waan ho’u fakkaataa imimmaan sobaa busaa saaba ofiisaa gaafa raakkoo biyyaa Saudi Arabia tti irra gahe homaa qooda deebii qabatamaa fudhatuuf daannoo sabasaa mirkaneessuu, dhaga’ee akka waan indhageenyee ta’uun, warra jiranii gadiifi kan du’unii ol isa taasisa.
Mootummaa birmaddummaa sbasaarra taayitaafi angoo mataasaaf adda durummaa kennu jarra darban keessatti illee inargamne miti jaarraa qaroominni akka samii olka’e kana keessa. Akkuma dubbachaa jiruu mootummaan wayyaanee warra Saudi Arabia irraa deebi’an kunuunsee simaatee maatii biran ga’eera garuu 1:5 ijaaramaa dhaaba kana deggeeraatii liqii isiini laannaa kanachi wadoon keessan wadoodha jedhee dorsiisaa jira. Kana baqaaf garuu jarri kun ammalle akka bishan laastikii keessaa karaa dhangala’uu barbaaduu karaa biraan biyyatti keessaa karaa ba’aan barbaadaa jiru. Kan tokkoyyuu hin tolle budaan lakku dhalti jedhuu silaa kan baqanne akka itti deebinuuf miti hanga dhugaan jallatte quuquxuutti, mirgi saba keenya sarbamee dabi’uutti jaabannee ittin mormuuf balaleeffachuun fedhii keenyaas dirqama keenyaas.
Maandeellaan ofiisaarra saba isaaf nama jiraatee, diinotasaaf araara godhe addunyaa mara biratti jaalatamaafi seena qabeessa isa taasisee hafe, du’us awwaala garasii seenaan isa waamaa hafa. ‘Yaadannoon nama tola bara baraan jiraata’ akka macaafni qulqulluun jedhu, kana mootimmaa jal’aa akka wayyaanees fuula namaafi waaqaa duratti olka’amee jiraata. Murtoon kan sabaa bal’aafi waaqa guddaa kanaati.
Motuumma akka kanatti gara-jabina qabuu saba isaarratti mullisaa jiru kanrra jijjiramatuu argama jechuun dubbii sobaa ti. Har’as ta’ee bor yoo eejjeennoo ofii keenyaa fudhannee sochoone malee teenyee eeguun” buddeena abjuu” isaa jedhan nutti ta’a. Hojjii dhabuurran kan ka’ee Lammiin keenya biyya isaaniirra biyya hormatti salphinni, gudedamuun fi ajjeechaan irra ga’uu isaaf sabaabni guddaan Mootummaa Wayyaanee ti. Kan Motuummaan keenya akkas nutti ta’ee hormi gochaa amma kana ga’uu yoo nurraan ga’ee waan nu diinqiisiisuu miti “ Sangaa abbaan gaanfa caabse hormi ni burksa” nurrtti raawwateera. Madda hamaa nutti ta’ee kan jiruu kun Motuummaan Wayyaanee sodaa qabnurraan kan ka’ee Bishaan laga ya’uu coree irraa kaafnee hanga galaana isa nuliqimsuutti kan geesiise nuuyi malee Madda hamaa kana dhabaamsiisuuf bakka itti sodaannee liqimfannee jirru keessa of baafnee yoo karaa dandeenyu hundaan irratti qabsoofne duwwaatu furmaata ta’a. Yoo kana hin gonuu ta’ee garuu hanga Wayyaaneen jiruutti salphinni fi hammenyi ulfaataan caaluu nurra ga’uun itti fuufa.
Injiifannoon Uummata Oromoof
* Kan na qunnamuu barbaddaniif: itanaguteta@gmail.com

Gaaffii Dabalinsa Mindaan wal Qabatee Ka’e Irraatti Hojjettooti Hidhaa Laga Abbayyaa 31 Hojii Irraa Arihaman.

Gaaffii dabalinsa miindaan wal qabatee finiinaa ture ittuma fufuun hojjettootni hidha abbayyaa gaaffii kana itti fufinsaan gaafachuu irraa isin duuba falmattoota bilisummaa jira jechuun Wayyaaneen hojjettoota 31 hojii irraa ariite
Bittinnaa’uu keessa mootummaa tasgabbeessuuf wayyaaneen shira shirte keessaa wayyaaneen projektii hidha abbayyaa eegaluu dha. Maqaa hidha kanaanis duula saaminsaa gaggeessaa turte. Hojjettootni hidha kanaa garuu rakkina jireenyaa guddaa keessatti argamuu isaanii irraa dabalinsa miindaa gaafachaa turan. Hojjettootni 5000 ol tahanis gaaffii mirgaa kana finiinsaa turan. Gaaffiin mirgaa kun osoo gaafatamaa jiruus rakkoowwan fayyaa qulqullina irraa mudateen hojjettootni 200 ol tahan rakkoo fayyaaf saaxilaman. Rakkoowwan kana dura dhaabbachuufis gaaffii dabalinsa miindaa ittuma fufan. Mootummaan wayyaanee garuu hojjettoota gaaffiiwwan mirgaa kana akka gaafatan kan kakaasu isini, isin duuba falmattoota bilisummaatu jira jechuun hojjettoota 31 hojii irraa ariitee jirti. Hojjettoota kanneen keessaa
1. Daanyee Garramuu
2. Biraanuu Kiflee
3. Lammii Saamu’eel
4. Tasammaa Dalasaa
Keessatti argamu. Hojjettootni kunneen arii’amuu irraa daran diddaan jabaachuun hojjettootni hidha abbayyaa diddaatti seenuun wayyaanee dhiphina jabaa keessa naqanii jiran.