Monday, March 10, 2014

FDG Qeerroon wal qabatee lixa Shawaa aanaalee adda addaa irraa barattooti Oromoo 24 waraana Wayyaaneen qabaman.

OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 9/2014 Godina Lixaa Shawaa keessatti goototni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo fi Midaa Qanyii M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa Yaadannoo gooticha Oromoo barataa Wandimmuu Daammanaa fi FDG itti fufisisaa jiraachuun wal qabatee baratootni Oromoo M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratootni 24 humna poolisa Wayyaaneen qabamanii dararamuun jiraachuun gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haala kanaan maatii fi uummanni naannoo diddaa bulchiinsa naannoo irratti kaasaniin barattooti kun hatattamaan akka gadhiifaman gaafataa jiru .
Itti aansuun yeroo ammaa kanatti FDG barattootaan ka’e itti fufuu irraan barattoota 24 keessaa 13 mootummaa Wayyaaneen haalaan dararamaa warri jiran keessaa:-
1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5. Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee
7. waggarii Fiixaa, barataa kutaa 10ffaa
8. kabbabaa ababaa barataa kutaa 10ffaa
9 .Zrihuum garbee barataa kutaa 10ffaa
10..Ababee Waaqumaa barataa kutaa 10ffaa
11..Obsuu Takkalaa barataa kutaa 10ffaa
12..Fedhasaa dirribaa barataa kutaa 10ffaa
13..Gaja’ee Barasaa barataa kutaa 9ffaa dabalatee baratootni 24 badii tokko malee humna poolisaan qabamanii dararamaa jiraachuun beekame.
Godinuma kana Aanota garaagaraa keessattis uummaanni walga’ii maqaa misoomaa dahoo godhatee olola siyaasa Wayyaanee gaggeeffamu uummanni hin fudhannu jechuun jibbinsa Wayyaaneef qabu argisiisa jiraachuun ibsame jira.

Ethiopia—An Abusive Home for its People? Mr. Obang Metho Address Norwegian Civil Society

obang-address-norway-300x200A review of the difficult conditions of life in Ethiopia leading to the large exodus of its people to other parts of the world and their hope for Ethiopia’s transformation.
I want to thank Frontline Club Oslo, New Frontiers, Norwegian activists, Solveig Syversen, who invited me, Marius von der Fehr, our moderator, and all of those people involved in organizing today’s event. It is an honor to be part of this public discussion on Ethiopia, entitled: In the Name of Democracy: Land Grabbing and Genocide in Ethiopia.
Norwegians are known to be some of the most socially conscious and peace-loving people in the world. I give my sincere thanks to the Norwegian people who are attending today and to all Norwegians who have opened up their arms to welcome foreigners, including thousands of Ethiopians who have decided to make Norway their second home or those who are still in the process of seeking asylum.
Read More at ayyaantuu

Baxter daadhiin jala haa yaatu

PTW BaxterGammadii Badhaasoo irraa
Torbaan darbe du'a Dr. P.T.W. Baxter ykn Abbaa Aadam (akka ummanni Kofaleewaamutti) marsaa Gadaa.comgubattiyoo dubbisuu odoma arguu dhugaa ta'uu isaa mame.
Haga diqqoo yaadaan silim jedhee yoosuu haadha manaa isaa Pat bira bilbile. “Jimaata darbe guyyaa Guraandhala 28, 2014addunyaa kana irraa darbee” nan jettee. Akkuma ta waaqa irraa dhufte lafti hin dadhabdu jedhamutti, gadda guddaa natti dhagayame ibsee isiif maatii isii hunda akka waaqni obsa kennuuf eebbise.
Alagaa jaalatama fira Oromoo kana akkamitti akka baradheefi dubbii garaa nama nyaatu ka inni natti hime ummata kiyyaan gaya jedhee yaada kana dabarsuuf abbale.
Wodhakkeessa bara torbaattammanii hujiif aanaa Kofalee deeme. Hujiin sun gara guddaa qotee bulaa wojjiin waan tureef baa'innan ummata baadiyaatiin wolnaqunnamsiisa. Akka hiree ta'ee manni akka waajjiraa itti fayyadamnu bara 1968/69tti Baxter itti fayyadama mana ture. Ummannis waa’ee isaa yoo haasayu jaalala irraa qaban irraa waan muldhataa tureef anillee waa’ee isaa beekuuf fedhii godhadhe. Ummanni naannoo kana waa’ee Baxter yoo haasayu,“Beeinni Faranjii. Garuu akkuma nama keennaati. Numa wojjiin nyaate dhuga. Bifattii san malee, afaanuma keenna dubbata. Seera keenna sirritti gaafatee barreeffataa,’’ jedhan.Ummanni Kofalee ilaalcha jaalalaa isaaf qabu irraa ka’ee ilma isaa Aadam itti moggaase. Isas abbaa Aadam jedhanii waaman.
Akka naa himanittii waa'ee Aadaa ka inni qoratukeessi isaa bal'dhaa. Fuudhaa heeruma, Ateetee, Amantii, Seera Gadaa, Waata...wontumaan inni keessa hin bayiin hin jiru. Anillee nama ummata biratti akkanatti jaalatame kana barachuu fi barreeffamoota inni aadaa keenna irratti barreesse kana argadhee dubbisuuf fedhii godhadhe. Nama baargamaa dhiisii namnummaan biyya teennaatuu magaalaa yoo gale achii deeb’ee ummata baadiyyaa waliin qunnamtii bareedduu godhatuunuu waan hin jirreef ta Abbaan Aadam tun maalala natti taate. Daddafoo Godaanaa nama jedhamu ka Abbaa Aadam hiikkaa afaaniitiin gargaaraa ture irraa teessoo fudhee barreessuufi jalqabe.
Deebii isa irratti “dura atuu eenuu?” naan jedhe. Mootummaan Dargii bara sani akka biyya hin seenne waan dhorgaa tureef, waa lamaaf wolbarumsa kiyyaa kana irraa uf qusachoo filatee. Ka duraa mootummaan ija shakkiitin waan isa ilaaluuf anuu bulchiinsa mootumma keessaa harka qabadhinna ka jedhu yoo ta’u ka lammaffaa anafuu sodaate natti fakkaate. Yeroo sadi erga barreesseefii booda haga tokko yaada kiyya amanuu jalqabe. “Obbolessa kiyyaa, anuu akka nama yakkamaatitti fudhatamee, maqaa kiyyaan akka rakkoon sirra hin genne, odoo qunnamtii kee dhaabdee sii woyyinnaa?” jedhee naa deebise.
Maayii irratti hiriyyaan kiyya tokko barumsaaf London waan jiruuf isaaf haala kana barreesseefi. Akkasumatti hiriyyichi kiyyas Abbaa Aadam qunname. Saniin boodabarreeffama isaa tokko yeroo duraatiif naa ergee. Bareeffamni kuni waa’ee kurree bitachuu ture (barter trade, petty transaction and small transformation in an Arsi market). Achiin boodaa hiriyyaa xalayaa taanee yeroo yeroon barreeffama adda addaa naaf ergaa ture.
Barreeffamni kun ilaalcha kiyya jijjiiree aadaa keessaa baye kana akka jaaladhu na godhe. Hiree argadheen waa’ee aadaa irratti xiyyeeffannoo godhe barachuu jalqabe. Waan hin beenne worra kiyyas ta’e maanguddoota biroo gaafachuu jalqabe. Osoma akkasitti wal qunnamnu walgeettii qorannoo Toophiyaatiif Finfinnee akka dhufuuf yaada qabu naaf barreesse. Anillee nama seena qabeessa kana ijaan arguuf hiree akka argadhe bikkee gammachuun guyyaa laakkayuu jalqabe.
Achiin booda odoma qalbiin bilbila isaa eegu gaafa tokko Asallaa Ras Hotel balbala irratti barruu walgeettii qorannoo Toophiyaa akeektu takka arge. Ani Finfinnee deeme isa arguuf yaada ture. Asittu argadhee jedhee, hiriyyaa kiyya tokko qabadhee gara sa'aa galgalaa itti qajellee. Yoo nu achi geennu keessummoonnillee baadiyyaa ilaalaa oolanii yoo galan balbalumaratti walitti dhufne. Isaan keessaa namuma afotti nutti dhufe nagaya gaafannee achii akka Dr.Baxter dhufeef hin dhufin gaafanne. Namni gaafanne sun gara hoogganaa gareetti gara Dr. Tadese Tamiratitti nu dabarse. Innillee akkuma maqaa Baxter dhofneen gaafii nutti roobse.Maaf barbaaddan? Eessatti beektan? Kanaan dura qaamaan wol argitanii beektuu?Anis fayyalummaa tiyya dhugaa itti hime. “Baxter hin dhufne. Amma achis biyya kana hin seenu. Gara hujii keesanii deemaa,” nun jedhe. Hin dhufneenuu hin gayuumaal ka qorannoo akka poolisii nu qoratu jedhaa maalalaa yoo uf irra garagallu hiriyyaa kiyya kana ka beeku keessummoota keessaa dhalotaan nama gara kibbaa ka ta'e nu waamee itti dachaane.
“Namoonni kun kessummota kiyyaanu wojjiin turuu dandaa'u,” jedhee keessumoota kaawanitti makamne. Namni Alessandro Triulzi jedhamu Oromo dubbisuuf fedhii waan qabuuf wal barannee waliin haasofne. Innis waa’ee Baxter gaafannaan,“Baxter visa waan dhorgatameef dhufu hin dandenne” nuun jedhe. Akka yakka kana Dr. Tamirat illee harka keessa qabus nuuf ibse. Torbaan itti aanu Abbaan Aadamillee xalayaa naa ergerratti kanuma naaf mirkaaneesse. Ka nama gaddiisiisu keessa qophii san irratti namni waa’ee ummata Oromo irratti qopheesse Triulziqofa ture.
Humna kiyyaafuu garuu biyya alaa kana dhaquu waan hindandenneef qaamaan akka isa hin argine sarbii tiyya rare. Hireen tun bakka nama fidduu silaa hin beekani, haga turullee turu odoma itti hin yaadin biyyaa alaa kana bara 2000 baye. Akkuma ala bayeen “Abbaa Aadamiin ima argamii?” jedhee uf gaafadhe. Hawwiin tiyya naa guuttamtee Fulbaana 2003 keessa torbaan tokkoof woliin ture.
Innis malkatumaan, anis suuraa kitaaba isaa ka ‘A River of Blessings’ jedhu irraa kopii waan qabuuf walitti yoo dhufnu wal beekuun nu hin rakkifne. Wal qabannee gara mana isaa yoo deemnu haguma mana seennee waa natti mudhisuuf muddamsuu irratti argaa ture.
“Being first is good...wonti duraa mishaa,” naan jedhaa mana seenne. KitaabniiENCYCLOPAEDIA ETHIOPICA Volume 1 A-C jedhu torbaanuma san bayee koppiin tokko ergameef waan tureef isa keessatti ammo jechi Abbaa fi Aadaa jedhu ka Baxter gumaache fuula duraa jalqabumaratti waan bayeef kanuma gammachuun natti muldhise. Keessattuu kitaaba sadarkaa addunyaatitti baye kana keessatti jalqabni isaa waan Oromootiin ta’uu isaattu heddu gammachiise.
Guyyaa lamuu mana isaa yoo natti mudhisu, “mannii kee bosona kitaabatiif woraaqaati” jedhee itti qoose. Garuu dhugama. Mana hirribaa ka isaa hin seenneefuu hin argine. Golli kuuwwan martuu kitabaan guuttameera. Mana hirribaa ka keessummaa, bakka dhiyana itti bilcheeffatan, mana dubbisaa martuu kitaabaaf barruu adda addaattu keessa ciisa. Gara guddaa waa'eema Oromoo irratti ka hojjatamee. Nuu laali jedhanii ka barressitoonni keennaa itti ergatan, ka biyyaa erganiif, ka ala kanaa erganiif hundaa bakka itti godheera. Kaasettiin dur yeroo Oromiyaa dhaqe (1968/69) worabbates natti agarsiise. Kam ilaalanii kam dhiisan ree? Yoo maqaa beekanii iyyafatan hundu guutera. Namuma bishaan baaharaa keessa seene ta’ee hafe.
Akka hubannaa kiyyaatti Abbaan Aadam ogummaa woraqaa isaatiif qofa odoo hin ta'in, jaalala lafee ta Oromoo uf keessaa akka qabu natti muldhate. Dhugaa irratti hundayee yoo alagaan nama jaalatee ka keessaa dhalate caalaa na jechisisee. Yeroo achi ture waan hedduu na gorsee nataphachiise. Waan hedduu irraallee baradhe. Mee garii gaggabaabsee ibsuuf yaalaa.
Abbaan Aadam biyyoota Afrikaa hedduu argu naaf himee garuu ka akka Oromoo kolonii hamaa jala ture akka hin turre naaf ibse. Afaan isaaniitiin ‘ruthless colonialism’ jedha. Oromoota dhiisii inninuu waanuma waa’ee Oromoo qorateef akka dhiibbaa itti godhan naaf hime. Henna Kofaleen qorannaaf taa’u baadiyyaa keessatti dukkaanaa dhaabatee jiraachuuf gaafannaan dhoorgan.
Afaan Oromoo barattee, ka worra ‘salaxxanee’ akkamitti hin baratiin? Maaf Afaan amaaraa hin dubbannee? Jechaa namoonni aanaa irra jirani ka akkapoolisii fa’a gaafiin na hacuucaa turan. Yoo afaan amaaraatiin na dubbisani ani hin beeku yoo jedhuun na hin amanan jedhe.
Ka isallee maalalchiisu ammo namoota aanaa irra jiran caalaa namoota akkaProfessor Mesfin Woldemariam jiran. “Namni Itiyoophiyaa baadiyaas ta'ee magaala ka afaan Amaaraa hin dubbannee hin jiru” jedhee wolgettii Paris tokko kessatti na mormaa ture. Ani ka ija tiyyaan argee miila kiyaan kessa deeme hoo maal haa jedhu? Moo ummata bal'dhaa Oromoo afaan isaa dhossuuf? Jedhee maalala Abbaan Aadam.
Bara mootummaa nugusichaa wontumaan dhossaa gayee hujii kiyyaa na dhoorguu gayee maaf? Wontii dhorgamuu tokko daran nama cimsaa bee!Gaaf tokko Dr. Feqede Gadamu wojjiin nugusa harka fuudhuu dhiyanne. Garuu ana harka fuudhee “ati deemi” jedheeni Feqede harka fuudhuu dide!Akka nama waa moruuti!. Wollala daangaa hinqabnee. Hayyoonni Gadaa Booranaa Maal jetti laata odoo itti himee? Kanniintu Oromoo Saba guddaa gabromfate!!
Bara dargiillee wonti jijjiramee hin jiru. Ammas Oromoo lafuma isaa sii kenninee jedhanii sobaniin. Odoo sun ta'uu baatee ammoo silaa haa bubbulumalee waan dhalataniif arguuf turee beettaa? Naan jedhe.
Waan dubbatame hundaa barreffamaa kanatti xumuruun nama dhiba. Anis waan garaa na nyaate garii akka gaafii itti kaasaa ture.
Gaafii: Qabsoon Oromoo hagam waan yaadne kanatti dhiyataa jira Abbaa Adamjedheen?
Abbaa Aadam: Bara nugusichaallee ilmaan gara alaa kana ergamtee baratte Ilmaanuma Abashaati. Sun dammaqiinsa hawaasatiif bu'aa guddaa qaba. Bara Dargii Ijolleen EPRP taatee biyyaa ari’amne jechaa hadhaa naanoo akka WashingtonD.C. marchadisii gangalchan Abashootuma. Ummata guddaa kana miidhaa bifaa heddutu irra ture. Kanaf yeroo fudhachoon ni mala. Hireen barumsaa yoo diqqaa ta'ee miidhaa hawaasaa irran gayuu atuu mee bikki jedhe.
Gaafii: Akkumaa Abashoonii bulchinsaaf Ummata keenna kutaan gar gar qodan, yaanni nama keenaas yeroof sobaminna? Bal'inna nu qabnus inuu argitamiijedheen.
Abbaa Aadam: Ani kana irratti rakkoo tokkolee hin argu. Ummanii kun bakka fedhellee haa jiratuu seeraa Gadaa irraa as marge. Naannoo kamituu haa gurmaawuu, maraafuu abbaan Oromoo. Fkn, dorgomii kubbaa miilaa ka adunyaa yoo Ingliziin taphattoota ergadhaa jedhan kilabii Manchester, Liverpool, Newcastel...(ka biros) kessaa filamanii ergaman. Garuu wolii galatti England-iif taphatu.Kun na hin sodachisu.
Gaafii: Sila Itiyoophiyaa dhaquun wolgeetimaaf moo ammas waan qorattu qabda?
Abbaa Aadam: Ani yoomuu Booranaaf horii isaanii takkattima odoo jiru deebi'ee laaluu fedha. Ummata guddaa ufiin boonu, ka nagayaa jaalatu nagaya dhorgani beettaa? Kanafuu jabadhaa barrii ka qarummaatii saba kessan gargaara naan jedhee.
Gaafii: Hacuuccaa durii silaa ijaa keetiin argitee, amma wonti dhageettee fooya'e jettee itti gammadde jira?
Abbaa Aadam: Ee! Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin barreffamaa jiraa naan jennaan, baayisee gammadee. Hiriyaa kiyaa Professor B.W. Andrzejewski ("Goosh”) qaabadhee. Amma garuu hin jiru maal godhaa ree ka beekutu beekaa. Professor Andrzejewski waa’e afaan baha Afrika gara garaa irratti dalage. Akkasumas Afaan Oromo irrattis dalage. Jijjiirama kana odoo hin argin adduunyaa irraa deeme.
Yaa ummata kiyyaa, nama akkanatti dhiigaaf lafee nu jaalatu torbaan darbe adunyaa tana irra dhabne. Bada Uumaa!! Haadha mana isaa Pat, akaakayoota, abaabayyoota isaa waandhii obsa nuu haa kennuuf. Aadamiif ilmaan isaa lamaanis haa jabeessu. Hiriyyoota isaa, hiriyyootaa Oromoo ka inni horateefis akkasuma.
Biyyeen isaa haa salphattu, daadhiin isa jala haa yaatu.

Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa fi Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands

Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa fi Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands
Gadaa.com
Waggaan dhibbaffaa (100ffaa) Ayyaaneffaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa, Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlandiin Bitootessa 8 bara 2014 magaalaa Amsterdam Netherlands keessatti kabajamee oole.
Sagantaan kun eebba maanguddotaa tiin eegalme. Eebba Maanguddoo kana wanti adda godhu Obbo Awwal Abbaa Bulguu bifa faarfannaa tiin eebba dhiyeessuu isaani ti.
Eebbaa maanguddootaa tti ansuu dhaan Itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan hirmaatotaaf ibsa kennanii jiru. Ibsa kennan kana keessatti;-
“Dhiibban adda addaa wanna tureef Mirgi dubartootaa akka kabajamuuf jecha sochii fi wal-ga’iin addaa addaa biyyoota garaa garaa keessatti dubartootaan taasifamaa ture. Dhuma’rrattis bara 1914 kaasee Bitooteessi 8 Guyyaa Dubartootaa Addunyaa ta’ee sadarkaa guutuu addunyaa tti, waggaa waggaan ayyaaneffamaa jira. Keessattuu bara 1977 Mootummoota Gamtoomaan jechuun “United Nation” biyyota miseensota isaa ta’an affeeruu dhaan “Bitootessi 8 Guyyaa Mootummoota Gamtoomanii mirga dubartootaa fi nageenya addunyaa tiif” labsa jedhu erga dabarsee kaasee ayyaaneffaan guyyaa kanaa hubannoo cimaan gaggeeffamaa jira.
Gadaa.com
Dubartoonni Oromoo biyya adda addaa keessa jiran guyyaa Dubartoota Addunyaa haga tokko kabajaa turaniiru. Akka Dubartoota Oromoo Netherlaand tti’mmoo yeroo calqabaaf guyyaa hardhaa kana Bitootessa 8, bara 2014 ayyaaneffamuu calqabe.
Yeroo Sabni Oromoo sirna Gadaa tiin wal-bulchaa ture, Dubartoonni Oromoo seera Siinqee tiin wal-quba qabaachaa turaniiru. Galmi maatii jiraachisu Utubaa dhaan jabaatee dhaabbata. Jiruu fi jireenyi dhala namaa’mmoo dubartii dhaan utubama. Bakka dubartiin jirtu miidhagina, gammachuu, jaalala, kabaja, quufa, gootummaa fi tokkummaatu jira. Bakka dubartiin hin jirre waanti martinuu hirdhuu dha. Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti waanti dubartii qooda hin fudhachiifne hanga ittoo soogidda hin qabnee tti.
Dhugaan jiru kana ta’ee otoo jiruu dhiibbaan adda addaa Dubartoota’rra gahaa tureera. Ammallee taanaan dhimmoota akka diinagdee, sochii siyaasa fi hawaasummaa keessatti qoonni dubartooti Oromoo qaban gahaa miti. Qooda fudhannaan dubrtootaa Oromoo maaf muraasa ta’e jennee yoo dhugaa xiinxallee ilaalle aadaa, amantii fi seera biyyaa tti wanti quba nama qabsiisu hin jiru. Garuuseerri Abbaa manaa mirga dubartii’rratti dhiibbaa gochaa akka jiru hubachuun nama hin dhibu.
Kanaafuu Tokkummaa Hawaasa Oromoo cimsuuf, akkasumas abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf hirmaannaa dubartootaa daran jabeessuun heddu barbaachisaa dha.
Gadaa.com
Akka Koree Dubartoota Hawaasa Oromoo Nederland tti waanti isin maratti dhaammannu dubartoota ykn shamarran beektan kanneen Netherlands keessa jiraatan akka ijaarsa kanatti makaman taasisuuf tattaaffii guddaa isini’rraa eegganna. Ofuma’rraa ykn manuma ofii’rraa eegaluun karaa sirrii akka ta’ellee akka hin dagatamne isini tti dhaammanna”, jechuu dhaan itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan dhaamsa ijaarsa Dubartootaa jabeessu dabarsanii jiru.
Sochii Hawaasa Oromoo Netherlands
Ayyaaneffannaa Guyyaa Dubartootaa tiin wal-qabatee waltajjiin Hawaasa mariisisu gaggeeffameera. Waltajjii Uummataa kana’rratti Dura Taa’aan Hawaasa Oromoo Netherlands Obbo Garasuu Tufaa gabaasaa fi Karoora hojii Hawaasichaa baldhinaan dhiyeessanii jiru.
Gabaasaa dhiyaate keessatti;-Koreen harayaan Hagayya 24 bara 2013 erga filatamanii yeroo gabaabaa baatii ja’a qofaa kan lakkoofsise ta’ullee hojii sirnaqabeessa ta’an adda addaa hojjatamuu isaa ibsamee jira, Akkasumas hojiilee fuula dura kanatti hojjatamuu qabaniif Karoora hojii bara 2014‘llee dhiyaatee jira.
Karoora hojii dhiyaate keessatti:-
- Jaarmiyaa HON daran jabeessuuf, gama Dubartootaa tiin, gama Dargaggootaa tiin, gama Maanguddootaa fi gama hundaanuu qooda fudhannaa miseensotaa cimsuu.
- Dalagaalee Ijaarsaa, Diinagdee, Aadaa fi Mirga Namoomaa ilaalatuun toora hundaanuu sochii HON shaffisiisuu,
- Uummata Oromoo biyya keessa jiruuf birmannoo fi tumsa mirga namoomaa adda addaa taasisuu,
- Baqattoota Oromoo Nederland keessatti waraqaa hayyama jireenyaa dhorkatamaniif gargaarsa isaan barbaachisu raawwachuu,
- Dalagaalee gaggeeffaman hundaa Gorsaa fi Towannoo dhaan ordoffii sirnaa raawwachuu,
- Seeraa fi Heera ilaalchisee qapxilee sirrachuu qaban, ykn qapxilee wixineeffamuu qaban gulaaluu/qindeessuu, Gumii dhaan ykn Koraan raggaasisuu,
- Dameelee hojii hundayyuu humanna namaa tiin utubuu,
- Offisa banuu,
- Hawaasa biyya adda addaa kanneen biyya Netherlands keessa jiraatan waliin hariiroo humuu,
- Hawaasa Oromoo Addunyaa waliin, jechuun Hawaasa Oromoo biyya adda addaa keessa jiran waliin hariiroo cimaa humuu,
- HOA (Hawaasa Oromoo Auropaa) bifa “federation” tiin, seera waloon ijaaruu,
- Adeemsa hojii sirna qabeessa taasisuu dhaan karoora wixineeffame sirnaan hojii’rra akka oolan taasisuu,
- Sagantaalee adda addaa kan akka Hiriira Mormii, jechuunis Oromiyaa keessatti sarbamiinsa mirga namoomaa gaggeeffamaa jiru hiriia mormu qindeessuu, Wal-dorgommii ispoortii, Ayyaana Irreechaa fi Sagantaa Bashannanaa adda addaa qopheessuuf akka karoorfame Obbo Garasuun gabaasa dhiyeessan keessatti ibsanii jiru.
Haaluma wal-fakkaatuun miseensota koree duraan kan ta’an Obbo Gabbisaa Laxiif, Obbo Dassaalanyi Hayilee fi Obbo Yoonaas Tarrafaa sochiin hawaasa Oromoo Netherlands haala akkamii keessa akka darbe waltajjii marii Hawaasaa kana’rratti dabaree dabareen ibsanii jiru.
Hawaasinni Oromoo Netherlands waggoottan 20n olitti tajaajila Hawaasummaa Oromummaa raawwachaa akka ture, akkasumas Qabsoo Oromoo jajjabeessaa akka ture ibsa Dura Taa’aa Koree duranii Obbo Gabbisaa Laxiif kennani’rraa hubachuun danda’ameera.
“Adeemsa waggaa dheera kana keessa tti haala yeroo tiin wal-qabatee wal-hubannoo dhabiinsi adda addaa Hawaasichaa mudachaa tureera. Haata’u malee bifa harayaan qorannoo gaggeeffameen, seera harayaa wixineeffameen jijjiramni ykn fooyyiin  Hawaasa keenya keessatti argame heddu nama gammachiisa” jechuu dhaan miseensonni koree duraanii yaada isaanii ibsanii jiru.
Uummanni heddummina qabu sagantaa kana’rratti hirmaatanii jiru. Uummanni marii’rratti argame gaaffii fi deebii dabalatee, gargaarsi baqattoota Oromoof barbaachisu jabaachuu akka qabu, wal-hubannoon hawaasummaa Oromummaa daran cimuu akka qabu, yaada adda addaa dhiyeessuu dhaan koree duraanii fi koree harayaa waliin marii baldhaa taasisanii jiru.
Itti aansuu dhaanis Koreen Hawaasa Oromoo Netherlands waggoottan dheeraaf tajaajila Hawaasummaa Oromummaa raawwachaa turan sirna galateeffannaa raawwatee jira. Sirna galateeffannaa kana’rra tti qaaman kan argaman miseensota Koree duraanii Obbo Gabbisaa Laxiif, Obbo Dassaalanyi Hayilee fi Obbo Yoonaas Tarraafaa Waraqaa Ragaa fi Abaaboo galateeffannaa isaan tiif qophaa’ee Dursaa fi Barreessaa Hawaasaa harkaa fudhatanii jiru. Bifuma wal-fakkaatuun qaama miseensa koree duraanii kan ta’an Dr. Baqqalaa G/Maariyaam tiif Waraqaa Ragaa qophaa’ee bakka bu’aa isaan tiif kennamee jira. Kana malees nama Aasxaa HON hojjate Obbo Bakkaanga’aa Margaa dabalatee namoota hojii boonsaa adda addaa raawwataniif abaaboo fi kennaan adda addaa kennameefii jira.
Dhuma sagantaa kana’rratti Koreen Hawaasa Oromoo Netherlands duraanii Galmee fi Chaappaa dabalatee “dokumentii” adda addaa koree harayaa filatamanitti dabarsanii kennanii jiru.
Akkuma walii galaatti sagantaan kun eebba Maanguddootaan eegalamee naamusa Oromummaa fi qindomina nama hawwatuun hirmaatota gammachiisee xumuurameera.
Oromummaa Waloon qabnu waliin haa jabeessinu!
Gabaasaan: Bakkaanga’aa Margaa
Barreessaa Hawaasa Oromoo Netherlands
hawaasaoromoonetherlands@gmail.com
Amsterdam Netherlands’rraa
—————
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com
Gadaa.com

Sunday, March 9, 2014

North Norway Oromo youths Demonstrate against the ongoing human rights violation By TPLF/EPRDF regime in Trondheim, Norway


Report by Getinet Dinkayehu
Oromo Youth in North Norway on March 1, 2014 protested against the ongoing human rights violations, inhuman killings, and the repression being done by the criminal Ethiopian Government and urges the TPLF/ERPDF to stop dictatorship with Impunity. It is terrifying and unjust that the continuing suffering of Oromo people through systematic human rights abuses by the Ethiopian Government is largely ignored by governments around the world. Yet the heinous crimes of the TPLF/EPRDF government rank high in the catalogue of human right abuses committed by African governments.  Over the past two decades, the TPLF-led Ethiopian government has imprisoned tens of thousands of Oromo political oppositions, several thousands of innocent Oromo have been deteriorating in prisons and secret camps, and many have been and are being cruelly tortured, killed, uprooted, raped and exiled. Others have been abducted in broad daylight, and made to disappear or murdered secretly.
There is no peace and stability, no freedom of speech, no freedom of press, no freedom of assembly and no rule of law in Ethiopia. What truly exists is totalitarianism of one party and gross violations of democratic and human rights.  The TPLF led Ethiopian dictatorial regime continuation of targeting the Oromo people through brutal suppression to prolong its grab on power should not be tolerated any more. The TPLF/EPRDF repressive “Anti-Terrorism” law, which came into force in 2009, has worsened the condition of Oromo individuals of all walks of life. As repeatedly reported by international human rights organizations, this Law is being used by the Ethiopian government as a powerful instrument to crack down on political dissent, including peaceful political demonstrations and public criticisms of government policy that are deemed supportive of armed opposition activity in Oromia. Today more than any time in the past the Oromo people are subjected to systematic killings, disappearance, torture, mass arrest, harassment and imprisonment in villages, workplaces, towns and cities of Oromia. The forced Eviction of Oromo peasants from their ancestral farm lands for leasing several millions of hectares of Oromo lands to foreigners under obscure terms, denial of job opportunities and dismissal of employees from their jobs on flimsy excuses are a daily experience of Oromo people in Ethiopia. Oromo’s and Oromia are discriminated against in employment, promotion, education, and other social services. The TPLF Regime own the media, the internet and most communication means. They use the justice system as a tool to torture and demoralize dissents instead of using it for fair and free justice system. We remember what has happened with the two Swedish journalists, they are living evidence how the Ethiopian justice system is corrupt. The policies and practices of the TPLF/EPRDF regime have forced millions of Oromo to become political refugees in Africa, Middle East, Europe, Australia, and North America.  We remember the recent victim Engineer Tesfahun Chemeda, the well-known freedom fighter who was deported from Kenya with Engineer Mesfin Abebe in 2007 is killed on August 24.08.2013 in the notorious TPLF/EPRDF prison of Qaallittii.
We know that Mr. Bekele Gerba, prisoner of conscience and lecturer in Addis Ababa University who were thrown into prison On August 27, 2011 by the TPLF regime is still suffering with poor health and his life is in danger due to lack and denial of medical care In Qaliti prison.
International human rights organizations have extensively documented the torture, disappearance, extrajudicial killings of Oromo activists and lists of extensive chilling crimes against the politically oppressed Oromo people. With an estimated 25,000 Oromo political prisoners in official and secret prisons simply because of their nationality and their resistance to injustice, it has been reported that Ethiopia’s overcrowded prisons speak Oromo language. However, despite its well-documented dismal record on human rights, Ethiopia, a key western ally in the Horn of Africa, is being fueled by the $3 billion it receives annually from the EU and United states, as reported by Human Rights Watch and amnesty international. While this all violations happening against oromo humanity, it is completely unfair to keep silent and watch the damages.
Therefore, the Aim  of the protest was to condemn the current Unlawful and inhuman Acts of TPLF/EPRDF Government against Oromo and to call on the US and EU and the Norway governments to stop their relationship with the Ethiopian dictatorial regime, to review their strategy towards the oppressive brutal regime and instead support the genuine struggle of the Oromo and other peoples for freedom and equality which could serve for lasting peace in the Horn Africa region, to act on behalf of justice for the sufferings of Oromo and put the necessary pressure on the Ethiopian government to release all political prisoners of which the overwhelming majority are the Oromo.
During the event, Mr.  Bent Houge who is long known as a human rights activist in Trondheim and Mr Kiya Gonfa one of the organizing group has delivered a speech on the ongoing human right violation in Ethiopia.
Among the slogans raised and chanted during the demonstration are:
The TPLF/EPRDF Government is the most repressive government In Africa ,TPLF stop killing murdering torturing and kidnapping Oromo, stop Evicting Oromo from their Land, Stop selling Oromo lands to Foreign investors, Killing will not be a solution ,TPLF you can kill thousands but you cannot kill 40million Oromo , we Oromo will never stop our struggle until Freedom, TPLF respect human rights, Free Bekele Gerba and all Oromo political prisoners ,TPLF is a killer, a liar ,a murderer, TPLF is Ruling Ethiopia for 22 years(USA, EU, Norway… is this democracy? Is this respecting Human rights? ), TPLF is brutalizing people in Ethiopia for 22 Years, There are about 25,000 Oromo suffering in Ethiopia( EU; USA; Norway you know this but we are wondering why you support this dictators),Several Thousand Oromo are suffering and dying in Neighboring countries and in middle east  (USA, EU, Norway you know this ,stop allying with Dictators), USA, EU; Norway stop sending your money for TPLF Government ,your money is supporting and strengthening dictators ,your money is killing Oromo, USA; EU; NORWAY support the struggle for freedom , Support our Struggle, Supporting the struggle for freedom is International obligation Etc…..
At the end of the Demonstration, all participants promised to continue to be a voice for their voiceless people and to struggle till the freedom of Oromo and Oromia.

Victory for the Oppressed Oromo people!