Tuesday, March 11, 2014

Ethiopian official: Egypt using Renaissance Dam to appease its internal problems

A picture taken on 28 May 2013 shows the Blue Nile in Guba, northwest Ethiopia, during the river's diversion ceremony 


Demeke Meknen, head of the Renaissance Dam National Coordination Council, told the Ethiopian Fana Radio on Tuesday that Egypt is using the dispute over the dam as a means to appease its internal problems.
 
“The Egyptian officials do not want to take advantage of the dam in a fair way,” he said.
 
“The success of the dam will be through the Ethiopian people, not by Egypt’s attempts to halt it,” he said, adding that his country is capable of building large-scale projects to preserve national unity without any funding from abroad.
 
Meknen praised Sudan for its position regarding the dam. “Khartoum agreed to share common resources in a fair way,” he said.
 
Ethiopia is celebrating the third anniversary of laying the foundation of the dam on 11 April.
 
Relations between Egypt and Ethiopia were strained when the latter started building the dam, as Egypt fears it will reduce its annual Nile water quota of 55.5 billion cubic meters. Egypt is also concerned about its security if the dam were to collapse for any reason.
 
Ethiopia considers the dam a sovereign development project to produce electricity. It does not accept any interference in the project from abroad.
 
Edited translation from Al-Masry Al-Youm


MINILIKOOTA BARDHIBBEE 21-FFAA : Kutaa Sadaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa


DURADUBBII
Jalatamoo fi kabajamoo warra barreefata kana duukaa-buutanii jirtan, mee waan hunda duran nagaa fi nageenya isiniif hawwa! Erga barreeffammi kun kutaa lammaffaan isinii dhiyaatee asii kunoo gara torban sadiiyii taha. Torban sadan dabran kana keessa barreeffatoonni iliitonni Amaaraa nu Oromoota irratti arabsoo fi doorsisaan, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin babbaasn danuu dha. Duulli fi waraanni isaan uummataa Oromoo fi saba Oromoo irratti banan sun homaayyuu hin dhaabannee, ittuma-fufee jira.
Ani barreeffatoota amaan tana muummiyyeewwan Amaaraa nu Oromoota irratti baasan kana yommuun dubbisu, daqiiqaawwan hedduun aara-baafachuun itti-yaada. Ofumaafan deddeebisee of-gaafaddha. Wanneen naaf galuu didantu jiru. Kanneen keessa gariin: “akkamitti yeroo ammaa kana namni tokko akkana jechuun Oromoo arrabsa! Saba guddicha naannoo Gaafa Afrikaa kana akkanatti sulphisuuf aggaama? Handhuurri gaafii kiyyaa garuu akkamitti namni barumsa addunyaan teenya tun yeroo amma kana qabduun eebbifamee baye, waamsa akaadamii (“academic titles”) kan “Dr., Pirof.” sobaan otoo hin taane, dhugumatti akkaan barate, akkaan qoratee argate kun wanneen akkanaa kana Oromoo irratti baasa? Keessumaa namoota kana keessaa gariin namoota Biyya Oromoo keessatti dhalatanii guddatan, akka nuti isaan ilaallutti namoota lammiiwwan Oromiyaa (“citzens“) tahan? Silaa maaluma barbaadu jarreen kun? Isaan: “warra duriitii akkuma durii san Toopphiyaa biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko maaloo maaloo tokko barbaadu” naanan jechuu dandeessu. Garuu yaa Oromoo koo, isaan “warra tokkoo, warra tokkeessoo” kan afaanotaa fi aadaawwan, seenaa fi muuxannoolee, biyyoota fi amantiiwwan impaayera isaanii tana keessatti argaman mara Amaaromsuuf akka dhaabatan hedduu naaf gala. Hatahu malee, kana gochuuf ibdidda ofitti qamsiisuu qabuu? Borkaana (“volcano“) riphee ciisu kana ofitti dhodhoosuu qabuu? Maali akkamitti namni summuun isaa nagaa qabu, waan raatuu fi maraatuun godhutti gadi of-deebisa?
Guyyuu ennaa nuti waayee mirgaa fi haqa uummannii fi sabni Oromoo qabu kaafnu: “walirraa hore; waljaalanne; walirraa fuune” faa nuun jedhu. Marree waan walirraa horreef akkanatti nu arrabsuu? Nu arrabsaa, nu salphisaa, jedhanii jedhaniitoo sadarkaa ilmoo namaa irraa sadarkaa bineeyyiitti gadi nu buusaa, “tokkoomnee wajjin jiraanna nuun” jedhuu? Nuti Oromoota; aadaa boonaa fi boonsisaa qabna. Aadaa Oromoo keessatti namni “walirraa hore; walirraa fuudhe” sonaan walkabaja. Mee isaan soddaalee keenya yookaan nuti soddaalee isaaniti haa jennu. Akkamitti warra soddaalee isaanii kana akkanatti sadarkaa bineessatti gadi-buusu? Erga soddaaleen isaanii kun bineeyyii tahanii isaanis mee bineeyyii tahuu qabuu! Mee Galmoon Walattee fuudhee ijoollee horan haa jennu. Silaa warri akkanatti wal-horan kun maqaalee Amaaraa babbaasuufii, Difaabbachaw fi Algaanash maaluma tahu? Achi daka sana, gola bineeyyiitti darbatamu jechaa dha moo? Akkamitti obboleewwan, abbaanii fi haati Walattee, wasiillaani fi eessuumman, durbiiwwanii fi aanteewwan Walattee marti foonii fi dhiiga ofii jechuun, Difaabbachaw fi Algaansh gara oddo-bineeyyii-tti (“ZOO“-tti) ergu?
Yaa nama Oromoos, yaa nama Amaaras dubbiin mirgaa fi haqa saba tokkoo, mirgaa fi haqa uummata tokkoo dubbii: “walfuunee walirraa horreen” cuqqaalamee, ukkamfamee jala darbamu waayii miti! Gaafiin kun, gaafii sabaa waan tahaaf, gara gaafii warra walirraa horeetti kan dabarfamee hafuus miti! Gaafichi gaafii mirgaa fi haqa uummata tokkoo waan taheef, dimokiraasii irratti bu’ureeffamanii isa yeroon deebisuutu karaa isa sirrii fi isa nama-baasuu taha. Amma armaan gadittan waraqaalee jidduu kana keessa muummiyyeewwan (iliitonni) Amaaraa Oromoo irratti babbaasan keessaa tokko callaa filachuun, yaada kiyya irratti kennaa mee na oofkalchaa!
Isaan jedhaman kanneen keessaa kanan filaddhe barreeffama Dr. Geetaachaw Hayilee-ti. Namni kun nama dassiiba (“common man“) tahe wayii otoo hin taane, nama barumsa ammayyaa kan biyyalafaa (addunyaa) tana irratti argamuun eebbifamee baye. Inni bantiiwwan barateeyyii (“educated“) warra Amaaraa keessatti kan argamu. Haatahu malee, jibbii fi tuffiin, maqa-balleessii fi maqa-xureessiin inni uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti qabu: “barumsi sammuu namaa bana moo sammuu namaa cufa? Yaada fi naamusaan ol nama-baasa moo gadi nama-buusa?“, jechuun kan wal-nama gaafachiisu. Akkamitti namni biyya Toopphiyaa jedhamtu tanan jaaladdha jedhu, sunumtuu namni aannanii fi damma Oromootiin guddate uummata Oromoo abbaa keessummaa fi abbaa hiyyeessaa, gara-laafessaa fi mata-qabeessa kana akkanatti arrabsa? Akkamitti namni barateessa tahe, sunumtuu barachiisaan mabba (unibarsitii) keessatti ijoollee barsiisuu gulantaa addaggee fi gulantaa kashalabbee gadi of-buusa?* Inni akkanatti nu arrabsaa,  akkanatti nu sulphisaa, akkanatti alaa-mana keenya xureessaa wajjin jiraanna nuun jedhaa? Erga namni kun uummata keenya fi saba keenya irratti duula arrabsoo, duula maqa-baleessii fi duula maqa-xurreessi ifumatti uummatoota Gaafa Afrikaa fi uummatoota biyyalafaa fuulduratti banee, nuti akka isaa arrabsoon arrabsoo deebisuu otoo hin taane, dhugaa fi dhugoo irratti hundeeffamnee, saayinsii fi beekumsa ammayyaa qabanneetoo akka inni dhaddhaabbata sobaa qabatee nutti ka’e agarsiisuu qabna. “Karaan sobaan dabran oggaa deebiyan nama dhiba“, jedha Oromoon waan akkanaa kana ennaa ibsu. Kanaafuu, karaan innii fi iliitonni Amaaraa gariin qabatan kun karaa badii fi badiisaa akka tahe, ibsuufin dirqama nutti tahe.
SEENSA
Mee waan hundaa durseen waan gulaaltonni “gadaa.com” ennaa waraqaa Dr. G. Hayilee isa obboo Girmaa B. Guutamaa hiike san nuuf dhiyeessan, akka qalbeeffachiisa gulaaltotatti waan gammachiisaa fi lafee irratti malee lafatti hin buune jedhaniiyyu: “The following is the English translation of an article first written in Amharic by a certain professor by the name Getachew Haile on the website EthioMedia.com, where all the fake and senile anti-Oromo professors have called home in recent months. Hidden behind a local vernacular (Amharic, in this case), hate propaganda, disguised as academic articles and directed at the Oromo people, frequently appears on EthioMedia.com, thus Prof. Getachew Haile’s article is not a first on EthioMedia.com, nor that this is the first anti-Oromo piece by Prof. Getachew Haile. Regardless, in order to expose the ongoing hate propaganda on the Oromo people to the world, Gadaa.com has decided to publish the following English translation of Prof. Getachew Haile’s Amharic article in its entirety.
Obbolaan keenya kun, gulaaltonni “gadaa.com” gara fuulduraas olola jibbaa isa jarreen kun uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti oofaa jiran, afaan warra abbootii qawwee irraa gara Afaan Ingilizii-tti akka nuuf hiikuun, addunyaa beeksisan abdii fi amantii cimaan leencota keenya kanneen irraa qaba! Warri Gadaa, ee Maatiin Gadaa akka arman gadii jirutti nu dhalawwan Oromoo maraaf waamicha dhiyeessani: “Dear Readers, the ideology brought up herein by Prof. Getachew Haile used to be the overt state ideology of the Ethiopian empire up until February 1974 – exactly 40 years to the date; with the ongoing struggles of the nations and nationalities, including the largest nation – the Oromo, in the Ethiopian empire, this Ethiopianist/Nefxegna ideology will soon see its final demise, and a morning star will rise in the Horn of Africa. All Oromo nationalists must fight back this Nefxegna ideology in order to protect the gains of the people’s 40-years of struggle, and bring the final victory to the people’s struggle.
Kun dhugumatti waamicha cimaa fi waamicha biyyaati. Waamicha harmee teenyaa, waamicha OROMIYAA-ti! Wanni beekuu fi qalbeeffachuu qabnu, nuti Oromoonni qabsoo irratti waan argamnuuf, wanneen qabsoo keenya fashalsiisuuf dura dhaabatan mara akka barbaachisaa tahetti dura dhaabachuu qabna. Ee, akkuma dhufe sanatti waltaanee, walcinaa dhaabannee ofirraa deebifna! Ofirraa qolachuun, walirraayyis qoluun diibifna. Kan qalamaan dhufe qalmumaan, kan shimalaan dhufes shimalumaan ofirraa deebifna! Kan dideetoo eeboo fi qawween nutti dhufes eeboo fi qawweedhumaan ofirraa deebifna! Gayeen gayee-dhaa, jarri kun akka durii addaan nu qoqqoodanii: Shaawaa fi Wallagga, Arsii fi Wallo, Kiristaana fi Muslima, Waaqeffannaa fi sooshalistii jechuun akka fe’anitti nu bituu gonkumaa hin dandayani! Oromoon hundi Oromodhuma; dhalawwan aayyoo fi aabboo tokkooti!
Nuti cufti isan jedhe kana beeknee yoo qalbeeffachuun oljennee tarkaanfanne, nuti galaana Laga Abbayyaatii kan nu fuuldura dhaabatu hin jiru. Kan deemnuuf mirgaa fi haqa uumaan qabnu, isa nu irraa mulqame deebifachuufi malee, waan tokkollee mirgaa fi haqa namoota biroo tuquufi miti. Dr. Geetaachaw Hayilee faa, “EthioMedia.com”-n faa, “Gareen Morash” faa, “Gareen Cuquliisaa” faa fi jalaa-jaleen isaanii, duubattafoo fi booddessitoonni cufti, uummata Oromoo burkaana (“volcano“) riphee ciisu kunoo tuttuqanii, ofitti dhodhoosaa jiru. Uummanni fi sabni Oromoo burkaana tahe kun kophaa isaas miti. Uummatoota fi saboota Kibbaa cufatu isa cinaa hiriiree jira. “Yoo funyaan dhawan ijji boochi!“, jedha mammaaksi Oromoo tokko. Uummatoota obboleeyyii keenyaa warra Kibbaa, kanneen waliin kunoo waggaalee 140 guutuu mana hidhaa Habashootaa, Karcallee keessatti argamna. Waltaanee mana hidhaa kana wajjumaan caccabsinee, yeroon keessaa baanu fagoo miti!
QAAMADUBBII
Gara barreeffama kanaa olitti kaafameetti yoo ceene, kunoo akkana jedha, namni Amaarummaa fi Habashummaa isaatiin of-tuulu, of-guuru Dr. Geetaachaw Hayilee: “Historians tell us that our diversity has really hurt us a lot in the past. The fact that we are Christians and Muslims, Oromos and non-Oromos with failed system to accommodate our differences substantially degraded us. On the contrary, had we spoken one language, followed one religion and cherished one culture, we would not have stagnated in backwardness for centuries. The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn. Perhaps, these civilizations were able to keep the country in pace with the rest of the world by the time, but they were demolished and we remained stagnated at where we were by then even to this date. Our knowledge about these two civilizations had to entirely rely on few written documents that survived the fire.
Namni yeroon hayyameef ishii inni jedhe tana, ee tan sarara (“lines“) shan qabdu irraa ka’uun yoo shimala qalamaa fi shimala sammuutiin dhaddhaye, kitaaba tokko guutuu barreessudhaan namichi kun qullaa isaa addunyaa fuuldura akka dhaabatu gochuu dandaya. Eessumattuu itti-beeknaan danaadaneen ( “diversity“) badhaadhina. Warra itti hin beeknee fi warra akka warra Dr. Geetaachaw fayiif immoo dammiyyuu isaan miidha. Akka inni gubbanatti jedhutti: afaan tokko, amantii tokko, aadaa tokkoo fi maaloo maaloon tokko wayyii waan qabaataniif ni misoomu jechaa miti. Jarreen tana jechuum miseensota gita-bittee Amaaraa fi muummiyyeewwan isaanii golfaan: “biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko, seenaa tokko, aadaa tokko, maaloo maaloo tokkoo” isaan qabeeti jira. Oddo-kabreen isaanii inni abbaa tokkeessoo kun bara Minilik irraa kaasee isaan: urgufaa, ija-babbaasisaa, hoomacha afaaniin baasisaa, lafaan dhaddhayaa jira. Oromoota kiyya, warri oggaa taabonni isaanii bawu, oggaan inni ximqataaf lagatti qajeelu, oggaa mankiristaana san oggaa sadii naannawu garri irra caaltan argitanii hin beektan taha. Oggaa kana nama isaanii, nama warra Amaaraa keessaa gariitti oddo-kabreen sun itti-ka’a.
Kunoo, Dr. Geetaachaw fi jaalleewwan isaa fi fakkaatota isaatti bardhibbee 21-ffaa kana keessallee, Oroppaa fi Ameerikaattillee oddo-kabreen isaanii sirumaa itti-hammattee, hoomacha afaaniin baasisaa jira. Namni isaanii innin kanaa olitti oggaa oddo-kabreen itti ka’u ibse, miskiinota; nama nagaati. Dr. Geetaachaw Hayilee faa garuu, namoota miskiinotas,namoota nagaas miti! Isaan warra arrabni isaanii akka bofa saafaa nama hiddu. Akka bofa saafaas summii namatti tuttufu. Isaan summii fi abjuu isaanitiin uummatoota impaayera isaanii keessaa, kan afaanota 76 dubbatan, kan aadaa, seenaa, qaroominaa fi muuxannoo garagaraa qaban balleessanii, lafarraa duguuganii: afaan tokko (afaan Amaaraa), aadaa tokko (aadaa Amaaraa), seenaa tokko (seenaa Amaaraa isa warra qaroomina qabu barbaacha Biyya Israa’eel deemu), amantii tokko (Kiristaana Ortodoksii), alaabaa tokko (alaabaa isaanii: magariisa, keelloo fi diimaa) isa alaabaawwan hortee Afro-Asiiyaa (hortee Haamii-Seem) irraa fottoquun akka isaan nu, warra Ertiraa fi warra Ogaadenyaa fayiin jedhan san fottoqxuu (“taganxaay“) tahuun warra biroo irraa ergifatan sanii miti.**
Kanaa olitti itti-beeknaan “danaadaneen badhaadhina” jedheen ture. Nuti Oromoonni isa kanatti hedduu ittiin-boonna. Mee gabaabduu wayii addaddummaa kana irratti hawaasa Oromoo fi hawaasa Amaaraa jidduu jiru haa fudhannu. Achumaanis kan warra Kibbaa itti haa daballu. Kana irratti akka Dr. Geetaachaw Hayilee kun qeesota isaa isaan Bulgaa fi Mooxaa Qaraniyoo faa wammachuun: “maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa afuura-qulqulluutiin” nama magansiisee (“gazzichaallahu“), “ni muramta, ni kutamta” (“tiqqatsafaallah“) naan hin jechisiifnen “adaraan” jedhaani. Harra fakkeenyaaf as irratti dubbii gabaabsuuf jecha, waayee aadaawwan impaayerittii isaanii keessatti argamanii yoo fudhannee, kanneen sabootaa fi sablammeewwanii yoo irra hambifnee kan saba Amaara callaa fudhanne, ishiin Dr. G. Hayilee faa ittiin boonan tun akka baaqqee kutaa jedhamuu sanii hedduu happhii wayii taheeti argamti. Mee nyaatan yoo jalqabne: kochee-n (“kitifoo“)-n uummatoonni impaayerittii kanneen addaddaa uummata Guraagee irraa fudhatan; cuukkoo, caccabsaa, qinccee fi aadaan bunaa kan Oromoon bara 575 irraa kaasee dhimma ittiin bahaa asi gaye, hardha Gaafa Afrikaa bira kutee addunyya guutuu kan badhaase kun faa,ollataan fi buldhaan (bullaan) uummatoota Kuushii kanneen Kibbaa fi warra Guraagee irraa dhufe faa hafee biddeenuma happhii kan Amaaraa sana ittee lukkuu-tiin (waxiin) qofa umurii keenya guutuu nyaanna jechaa dha.
Karaa uffataas: bollukkoon (“bullikkoo“) isaan jecha isaas uffannaa isaas Oromoo irraa ergifatan hafeeti, kutaan, jaanoon faas hafaniiti Toopphiyaa guutuun warroo fi naxalaa (baaqqee) isaanii qofa uffata jechaa dha. Karaa bifoota uffataa faas bifoonni addaddaa hafanii impaarittii guutuun guyyuu uffata adii qofa uffata jechaa dha. Isaan kanneen fakkeenyumaaf, dubbii gabaasuuf jedhamani malee, waannee sonaan baay’ee kaasutu dandayama. Kana irratti warri Dr. G. Hayilee faa Oromoo fi Walayitaa faayin “warra burraa burree” jaalatu, “warra magariisaa faa” jaalatu jechuun ija tuffiitiin ilaalu, sagalee tuffiitiin waamu. Isaan mee wanneen addunyya guutuun, biyyoonni saayinsii fi tiknolojii-dhaan sokkan marti raajeffatan kana tuffatuu, arrabsuu! Ani otoon abbaa kitilaa (abbaa miliyoonaa) taheeyyuu, jarreen kana akka waayee bifoota uffataa faa irratti barannoo jalqabaa (“crash course“) fudhataniifan gara uummatota Ameerikaa Laatinii, warra Sarbiyaa, warra Ispaanyaa, warra Rusiyaa, warra Hungaariyaa, warra Jarman Kibbaa, warra Ostiriyaa, warra Sarbiyaa, warra Kirooshiyaa, warra Hindii fi warra Shiinaa (“Chaayinaa“) faattin ergaayyu. Achumaanis kun mataan isaa qaama qaroominaa tahuu isaa tarii hubatanii deebiyu! Jarreen kana gara biyyoota armaan olitti maqaan kaafameetti kanan ergu, isaan kanneen uummanni Oromoo, uummanni Sidaamaa, uummanni Gaamoo fi uummanni Walaayitaa faa qaban waan ija tuffiitiin ilaalaniif, baargama cewuun akka qalbeeffataniifi. Yoo sammuun isaanii inni sanyummaan cufame kun, karaa kanaan waa qalbeefata tahe jechuu kiyya.
The devastating impacts of our religious diversity can be seen from the demolition of the Axumite civilization by Yodit Gudit and the burning of the Amhara civilization by the invading Muslim forces of Ahmed Gragn.” Isa kan warra Guddiittii, “Gudiit” isaan jedhaniin kanaa, jechuun kan warra Agawoo isaan qaama hortee Kuushii fi qaama qaroomina warra Kuush tahanii , Dr. G. Hayilee eenyu faa qaroomina ollaa isaa lafa irraa akka balleesse, seenaan qabmee waan jiruuf ololli jarreen kun uummata Agawoo boonaa fi boonsisaa kana irratti adeemsissaa turanii fi kunoo ammas itti-fufan kan nama dinqu. Habashoonni Amaaraa kun bara shifticha isaanii kan Yikunoo Amlaak jedhamuu, bara 1270 keessa mootummaa warra Agawoo garagalchuun qabatee, qaroomina isaanii akka barbadeesse nama dhara dubbatu yoo tahe malee, namni galmeewwan seenaa gaggaragalche sirriitti beeka. Kunoo, harrallee, ijuma keenya durattillee, qaromina Kuushota Agawoo keessaa isa Laallibalaa kan raajeffatamoo addunyaa (“Wonders of the World“) keessaa tokko tahe, warri Dr. Geetaachaw “qaroomina keenya” jechuun sobanii, silaa isaan qaroomina, aadaa fi seenaa warreen biroo asii fi achi deddeemuun ergifatanii “keenya” jechuun, sunumtuu mee “handhuura keenya, kan nuti uummanne” jechuun dhiyeeffatuu, isa kanas “keenya” jechuun imaltoota (turistoota) fi warra kaanitti gurgurachaa jiru. Namn waa dhabnaan ni ergifata, ni liqeeffata kun qaanii wayiituu hin qabu. Kana nama gadi xixiqqeessu wayiis miti. Garuu, qaaniin qaanii calu, isa ergifan kana kan ofii maddisiisanii fi kan handhuraa ofii qofa tahe, godhanii dhiyeeffachuu dha. Ginni-bittee Amaaraa fi iliitonni isaanii isa kana irratti nyaara addachuun ijuma nyaatani!

Mee WAAQNI gurraachi garaa gurraachaa, leemmooon garaa taliilaa warra abbaa tokkeessoo kana jalaa aadaa Oromoo faas, aadaa uummatoota impaayerittii tanaas haa oolchu. Kutaa kanatti aane dhufu keessatti, waayee “qaroomina Amaaraa” isa Dr. G. Hayilee Muslimoota fi Oromootu balleesse jedhu san faa ilaalla. Kana asuma irratti dhaabuun bullaa, isin marti mee nagaan naa bubbulaa!
==============  Hubachiisota Miiljalee  ==============
Mana Barumsa Bantii = MaBBa (unibarsitii – warra Afaan Ingilizii akka afaa haadhaa-abbaatti dubbatu irraa kan hafe, afaanonni Oroppaa guutuu keessatti argaman marti “y”
mitii, ”u” jedhaniiti dubbatu. Jecha kana warri Afaan Ingilizii dubbatu warra Afaan Laatiin dubbatu irraayyi ergifatani. Kanaaf, nuti kolonii warra Ingilizii faa mitiwoo maaf “y” isaanii kanatti rakkannaa? Maaf qubee “v” warreen biroottis rakkanaa? Akkuma uummanni keenya inni beekaan sun dubbatutti: unbarsitii, biidiyoo, bitaamina, foolisii faa jenna. Maaluma tahuu fi maaluma of-gochuu feeneti uummata keenya isa baldhaa kana irraa fagaachuun iliitota Amaaraa jala fiffiignaa
** Uummatoonni afaanota “Afro-Asiatic” (“Hamito-Semetic”) dubbatan marti akka itti-taa’utu addadda malee, alaabaawwan isaanii irra akkuma alaabaa saba Oromoo (gurraacha, diimaa fi adii) gurraachi, diimaa fi adiin keessaa hin dhabamu. Kuni biyyoota Arabaa, biyyoota warra Barbar, biyyoota Adaala Sahaaraa keessa kanneen afaanonni isaanii Hortee Hamii fi Seem jalatti ramadamu marti bifoota sadan kana qabu. Alaabaan warra Fara’oonaa fi warra keenya Nubiyaanota duris isuma kan saba Oromoo: gurraacha, diimaa fi adii fakkaata. Habashoota “keenya” duwwaatu warra ofii irraa fottoqe jechaa dha.
Kutaalee dabran dubbisuuf mee as tuqaa:

The Ethiopian Regional Administration in Ogaden Throws out Of Jail Ogaden 300 Battered and dying Detainees into the streets of Jigjiga

The Ethiopian Regional Administration in Ogaden Throws out Of Jail Ogaden 300 Battered and dying Detainees into the streets of Jigjiga
ONLF LOGO
The Ethiopian regional Administration Ogaden released 300 detainees from Jail Ogaden at midnight on March 6, 2014. Since then more than 20 twenty of the released prisoners died within the last three days. The detainees who are battered physical, mentally and morally are composed of young children born in the prison whose parents died while in custody, prisoners who lost their sight from torture and starvation, detainees who became raving mad after extensive torture and detainees who could no longer take care of themselves and are physically broken after being subjected to harsh and degrading treatment.
For the last three months the regime barred relative to take food to the detainees, while proving nothing of substance to the prisoners.
The regime’s butcher men in Ogaden were too ashamed to release the prisoners during the day and had to throw them into the streets of Jigjiga under cover of night. They later claimed they released the prisoners after cholera broke out in the prison.
ONLF categorically condemns the Ethiopian government for the crimes it is committed against the Ogaden people and in particular the inhumane treatment of the civilian population in Ogaden. The Ethiopian regime’s cowardly decision to collectively punish the civilian population after it failed to confront ONLF fighters is a crime against humanity and we condemn all those who prop this criminal regime by providing funds that enables it to continue committing such Crimes against the Ogaden people and the Ethiopian people as well.
ONLF call upon the UN to investigate the crimes committed in Ogaden as the situation in Ogaden has reached now a catastrophic level and demand that Ethiopia release all civilians detained as part of the Ethiopian regime’s collective punishment campaign in Ogaden.
Finally the international community should be aware of dire developing situation in the Ogaden as food stock dwindle and  the whole population in the territory are suffering from natural and man-made drought mainly due to  trade and aid embargo. The people are reporting that millions are starving because there is nothing to buy for even those who can afford.

Obboo Juneeddii Saaddoo gara uummata isaatti deebi’uuf fedhii fi carraa qabaa?

Abdii Boruutiin
Dhiyoo kana mata duree “Ob. Juneeddii Saaddoo Eenyu?” jedhuun gabaasa Obboo Ahmad Saayyootiin TVOMT irratti dhiyaate daawwadhee ykn dhaggeeffadheen ture. Yaadolee namootni dhimma kanarratti barreessanis ta’e kan bakkee adda addaatti dubbatamanis argee fi dhagyee jira. Yaadolee waliin mormantu wal bukkee waan deemaa jiran nattt fakkaata. Kanaaf, anis yaadan dhimma kanarratti qabu ibsuuf jedhee barreeffama gabaabaa kana dhiyeessuu barbaade.
Duraan dursee, dhimma kanarratti hunduu waan isaanitti mula’tu ibsuu fi yaada fi ilaalcha qabanis dhiyeessuuf mirga qabu. Haa ta’u malee, ani dhimma kana karaa lamaanan ilaala. Yeroo ammaa dhiyaachuun isaatis gaarummaas ta’ee badummaas qaba jedheen yaada. Akka waliigalaatti yoo ilaalame garuu, waan Obboo Ahmad dhiyeesse waanuma dhugaarratti hundaaye fi beekamus waan ta’eef, badii dalagame irraa barachuuf gorsa ta’a jedheen amana malee, waan akka ololaatti dhiyaate natti hin fakkaatu. Waanuma ta’eefuu, mee waayee kana karaa lamaan akkan ilaalu ibsuun yaala.
Akka hubannoo, yaada fi ilaalcha kiyyaatti, Obboo Ahmad waanuma addunyaa kanarratti ta’e fi kan seenaan ragaa ta’uu danda’u fakkeenyota gara garaatiin dhiyeessee; seena saba Oromoo keessattis waan ta’e fi ta’aas jiru waan ibseef, warri uummata isaaniirratti waan badaa dalagani fi dalagaa jiranis; akkasumas dalaguuf deemanis seenaa kanarraa akka baratan waan taasisuuf jecha gabaasni kun dhiyaate malee, waan ololarratti hundaaye natti hin fakkaatu. Kun ilaalcha dhuunfaa kiyyaa ti. Obboo Ahmadis ittisuufii miti. Kun karaa tokko, karaa ani dubbii kana ittin ilaaluu fi hubadhu dha. Karaa biraatiin yoon ilaalu garuu, dhimmi kun dhimma dhugaarratti hundaaye ta’ullee; Obboo Juneeddiinis waan badaa uummata Oromoorratti dalagullee; kanaafis ittigaafatama qabaatullee; yeroo gabaasni kun itti dhiyaate (timing) yeroo gaarii natti hin fakkaatu. Xinnoo waan muddamaan dhiyaate dha jedheen yaada. Maaliif yeroon kun yeroo gaarii hin taane? Muddamaan dhiyaate yoon jedhu hoo maal jechuu kooti? Gaafiilee kanaaf deebii gabaabaa kennuun yaala.
Innumtuu (Obboo Juneeddiin) sababaalee adda addaatiin, fakkeenyaaf qaaneffachuudhaan yookaanis waan itti amanee hojjechaa ture sanarratti hanga lubbuun isaa dabartutti irratti cichuudhaan of dhoksuu waan maluuf, gadi bayee dubbachuuf tarii fedhii qabaachuu baatus, otuu gabaasni kun uummataaf hin dhiyaatin dura Obboo Juneeddii ofitti dhiyeessanii wajjin dubbachuun ykn haasa’uun tooftaa gaarii ture jedheen yaada. Kun silaa karaa lamaan carraa bana ture. Tokkoffaa, Obboo Jundeeddiin gadi bayee waan ta’e hundaa uummata isaatti ibsuu fi achumaanis dhiifama gaafatee, xinnaatullee boqonnaa sammuu akka argatu carraa isaaf bana ture. Lammaffaa  ammoo, innumtuu (Juneeddiin) waayee kana dubbachuuf fedhii kan qabaatu yoo ta’e, mootummaa Wayyaanee keessatti nama bakkee guddaa (taayitaa olaanaa) qabaachaa ture waan ta’eef (badii inni uummata Oromoorratti dalage akkuma jirutti ta’ee jechuu kooti) waan diinni godhaa ture fi jiru akka saaxilu fi hawaasota addunyaatti akka himu malaan ittifayyadamuun ni danda’ama ture.
Dhimma kana karaa biraatiinis yoon ilaalu ammoo, wallaalaa ofii gorfachuun; jallaa ofii qajeelfachuun; beekees ta’ee otuu hin beekiin, kan uummata keenyarratti badii dalage fi dalagaa jirus balaaleffachuu fi abaaruun barbaachisaa ta’ullee, yeroo ammaa yeroo tokkummaan Oromoo abdii namatti horachiisaa jiru kanatti, obsa dhabnee waan tokkotti muddamuun gamnummaa natti hin fakkaatu. Mee fakkeenyaaf haa jennuu, otuu Habashootni namticha kana (Juneeddii) ofitti qabanii dhimma ofiitiif itti fayyadamanii, hangam aararratti aara ofitti daballa? Nama uummata isaarratti balleessa hanga kana hin jedhamne dalage/dalagde seenaanuu isa/ishii hin hirraanfatu. Innuu otuu du’ee biyyee keessa hin seenin du’ee jira. Kan du’aan addunyaarraa boqate wayya. Kan jiruudhaan du’e nama du’a lama du’e dha. Kun waan wal nama mormisiisuu mit. Kanaaf, dhimma kana itti muddamuun yeroon isaa yeroo murteessaa natti hin fakkaatu jedha.
Amma garuu, akka natti mul’atutti, namtich kun karaa adda addaatiin waan of salphiseef; kanarratti dabalamee ammoo, erga inni baqatee Ameerikaa seene kanatti dafanii waayee kanaan isa simachuun, fedhiillee yoo qabaate, namtichi kun gadi bayee Wayyaanees waan saaxilu fi ofiifillee badii dalagetti amanee uummata Oromoo dhiifama waan gaafatu natti hin fakkaatu. Namtichi kun du’a lama du’ee jira; salphina hangana hin jedhemane keessa jira. Kan isaaf wayyu silaa, kan dabre dabree, yoo kutannoo fi hamilee qabaate, gadi bayee, akka aadaa hawaasa hammayyaa keessa jirutti, waan dalagamee dabreef uummata isaa dhiifama gaafachuu dha. Kana godhuunuu silaa gootummaa (jagnummaa) dha. Seenaa xuraaye sana hanga tokko xurii irraa dhiquu ta’a jedheen yaada. Gaafii guddaan garuu, Obboo Juneeddiin gara uummata irraa dhalateetti deebi’uudhaaf carraa kanatti fayyadamuu danda’a moo akkuma seenaa isaa xureesseetti dhuma lubbuu isaa eeggatee addunyaa kanarraa boqota laata? kan jedhu ta’a.
Gara dhimmichaatti deebi’uu fi cuunfuudhaaf, waan Obboo Ahmad Saayyoo dhiyeesse, akka ilaalcha kiyyaatti, kan barumsa ta’uu qabu dha. Biyya keessattis ta’ee biyya alaatti, warri dhimma saba ofii dhiisanii; fedhii ofii guuttachuuf alagaa fi diina jala deemanii; uummata ofii miidhan, booddeen isaanii salphina fi badii akka ta’u hubachuu qabu. Karaa kanaan yoo ilaalame, gabaasni kun qeeqamuu hin qabu. Gabaasni kun dhugaa uummata keenyatti himamuu qabu dhas. Warrumti diina tajaajilaa jiranillee, beekaniis ta’ee otuu hin beekin, kan balleessa hojjechaa jiran, dhugaa kana hubatanii barumsa irraa argachuuf isaan gargaara jedheen yaada, amanas. Namni seenaa badaa hojjete, yoomiyyuu maqaa badaadhaan yaamama; du’ullee abaaramaa jiraata; kan waan gaarii saba isaatiif dalage ammoo, du’ullee saba issa biratti jaalala fi kabaja guddaa argachaa; maqaa gaariidhaan yaamama. Yoomiyyuu seenaan isa hin dagatu. Dhumarratti, gaafii tokko kaaseen, barreeffama kiyya xumura. Seenaa impaayara Itoophiyaa tana keessatti, ilmaan Oromoo alagaa fi diina tajaajilaa, uummata ofii midhaa, boodarra garuu salphatanii hafuun ykn akkuma salphatanitti du’aan addunyaa kanarraa boqachuun; sana boodas seenaa badaadhaan yaamamuun eenyurratti dhaabbatina laata?
Galatoomaa!
Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

Monday, March 10, 2014

FDG Qeerroon wal qabatee lixa Shawaa aanaalee adda addaa irraa barattooti Oromoo 24 waraana Wayyaaneen qabaman.

OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 9/2014 Godina Lixaa Shawaa keessatti goototni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo fi Midaa Qanyii M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa Yaadannoo gooticha Oromoo barataa Wandimmuu Daammanaa fi FDG itti fufisisaa jiraachuun wal qabatee baratootni Oromoo M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratootni 24 humna poolisa Wayyaaneen qabamanii dararamuun jiraachuun gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haala kanaan maatii fi uummanni naannoo diddaa bulchiinsa naannoo irratti kaasaniin barattooti kun hatattamaan akka gadhiifaman gaafataa jiru .
Itti aansuun yeroo ammaa kanatti FDG barattootaan ka’e itti fufuu irraan barattoota 24 keessaa 13 mootummaa Wayyaaneen haalaan dararamaa warri jiran keessaa:-
1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5. Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee
7. waggarii Fiixaa, barataa kutaa 10ffaa
8. kabbabaa ababaa barataa kutaa 10ffaa
9 .Zrihuum garbee barataa kutaa 10ffaa
10..Ababee Waaqumaa barataa kutaa 10ffaa
11..Obsuu Takkalaa barataa kutaa 10ffaa
12..Fedhasaa dirribaa barataa kutaa 10ffaa
13..Gaja’ee Barasaa barataa kutaa 9ffaa dabalatee baratootni 24 badii tokko malee humna poolisaan qabamanii dararamaa jiraachuun beekame.
Godinuma kana Aanota garaagaraa keessattis uummaanni walga’ii maqaa misoomaa dahoo godhatee olola siyaasa Wayyaanee gaggeeffamu uummanni hin fudhannu jechuun jibbinsa Wayyaaneef qabu argisiisa jiraachuun ibsame jira.

Ethiopia—An Abusive Home for its People? Mr. Obang Metho Address Norwegian Civil Society

obang-address-norway-300x200A review of the difficult conditions of life in Ethiopia leading to the large exodus of its people to other parts of the world and their hope for Ethiopia’s transformation.
I want to thank Frontline Club Oslo, New Frontiers, Norwegian activists, Solveig Syversen, who invited me, Marius von der Fehr, our moderator, and all of those people involved in organizing today’s event. It is an honor to be part of this public discussion on Ethiopia, entitled: In the Name of Democracy: Land Grabbing and Genocide in Ethiopia.
Norwegians are known to be some of the most socially conscious and peace-loving people in the world. I give my sincere thanks to the Norwegian people who are attending today and to all Norwegians who have opened up their arms to welcome foreigners, including thousands of Ethiopians who have decided to make Norway their second home or those who are still in the process of seeking asylum.
Read More at ayyaantuu

Baxter daadhiin jala haa yaatu

PTW BaxterGammadii Badhaasoo irraa
Torbaan darbe du'a Dr. P.T.W. Baxter ykn Abbaa Aadam (akka ummanni Kofaleewaamutti) marsaa Gadaa.comgubattiyoo dubbisuu odoma arguu dhugaa ta'uu isaa mame.
Haga diqqoo yaadaan silim jedhee yoosuu haadha manaa isaa Pat bira bilbile. “Jimaata darbe guyyaa Guraandhala 28, 2014addunyaa kana irraa darbee” nan jettee. Akkuma ta waaqa irraa dhufte lafti hin dadhabdu jedhamutti, gadda guddaa natti dhagayame ibsee isiif maatii isii hunda akka waaqni obsa kennuuf eebbise.
Alagaa jaalatama fira Oromoo kana akkamitti akka baradheefi dubbii garaa nama nyaatu ka inni natti hime ummata kiyyaan gaya jedhee yaada kana dabarsuuf abbale.
Wodhakkeessa bara torbaattammanii hujiif aanaa Kofalee deeme. Hujiin sun gara guddaa qotee bulaa wojjiin waan tureef baa'innan ummata baadiyaatiin wolnaqunnamsiisa. Akka hiree ta'ee manni akka waajjiraa itti fayyadamnu bara 1968/69tti Baxter itti fayyadama mana ture. Ummannis waa’ee isaa yoo haasayu jaalala irraa qaban irraa waan muldhataa tureef anillee waa’ee isaa beekuuf fedhii godhadhe. Ummanni naannoo kana waa’ee Baxter yoo haasayu,“Beeinni Faranjii. Garuu akkuma nama keennaati. Numa wojjiin nyaate dhuga. Bifattii san malee, afaanuma keenna dubbata. Seera keenna sirritti gaafatee barreeffataa,’’ jedhan.Ummanni Kofalee ilaalcha jaalalaa isaaf qabu irraa ka’ee ilma isaa Aadam itti moggaase. Isas abbaa Aadam jedhanii waaman.
Akka naa himanittii waa'ee Aadaa ka inni qoratukeessi isaa bal'dhaa. Fuudhaa heeruma, Ateetee, Amantii, Seera Gadaa, Waata...wontumaan inni keessa hin bayiin hin jiru. Anillee nama ummata biratti akkanatti jaalatame kana barachuu fi barreeffamoota inni aadaa keenna irratti barreesse kana argadhee dubbisuuf fedhii godhadhe. Nama baargamaa dhiisii namnummaan biyya teennaatuu magaalaa yoo gale achii deeb’ee ummata baadiyyaa waliin qunnamtii bareedduu godhatuunuu waan hin jirreef ta Abbaan Aadam tun maalala natti taate. Daddafoo Godaanaa nama jedhamu ka Abbaa Aadam hiikkaa afaaniitiin gargaaraa ture irraa teessoo fudhee barreessuufi jalqabe.
Deebii isa irratti “dura atuu eenuu?” naan jedhe. Mootummaan Dargii bara sani akka biyya hin seenne waan dhorgaa tureef, waa lamaaf wolbarumsa kiyyaa kana irraa uf qusachoo filatee. Ka duramootummaan ija shakkiitin waan isa ilaaluuf anubulchiinsa mootumma keessaa harka qabadhinnka jedhu yoo ta’u ka lammaffaa anafuu sodaate natti fakkaate. Yeroo sadi erga barreesseefii booda haga tokko yaada kiyya amanuu jalqabe. “Obbolessa kiyyaa, anuu akka nama yakkamaatitti fudhatamee, maqaa kiyyaan akka rakkoon sirra hin genne, odoo qunnamtii kee dhaabdee sii woyyinnaa?” jedhee naa deebise.
Maayii irratti hiriyyaan kiyya tokko barumsaaf London waan jiruuf isaaf haala kana barreesseefi. Akkasumatti hiriyyichi kiyyas Abbaa Aadam qunname. Saniin boodabarreeffama isaa tokko yeroo duraatiif naa ergee. Bareeffamni kuni waa’ee kurree bitachuu ture (barter trade, petty transaction and small transformation in an Arsi market). Achiin boodaa hiriyyaa xalayaa taanee yeroo yeroon barreeffama adda addaa naaf ergaa ture.
Barreeffamni kun ilaalcha kiyya jijjiiree aadaa keessaa baye kana akka jaaladhu na godhe. Hiree argadheen waa’ee aadaa irratti xiyyeeffannoo godhe barachuu jalqabe. Waan hin beenne worra kiyyas ta’e maanguddoota biroo gaafachuu jalqabe. Osoma akkasitti wal qunnamnu walgeettii qorannoo Toophiyaatiif Finfinnee akka dhufuuf yaada qabu naaf barreesseAnillee nama seena qabeessa kana ijaan arguuf hiree akka argadhe bikkee gammachuun guyyaa laakkayuu jalqabe.
Achiin booda odoma qalbiin bilbila isaa eegu gaafa tokko Asallaa Ras Hotel balbala irratti barruu walgeettii qorannoo Toophiyaa akeektu takka arge. Ani Finfinnee deeme isa arguuf yaada ture. Asittu argadhee jedhee, hiriyyaa kiyya tokko qabadhee gara sa'aa galgalaa itti qajellee. Yoo nu achi geennu keessummoonnillee baadiyyaa ilaalaa oolanii yoo galan balbalumaratti walitti dhufne. Isaan keessaa namuma afotti nutti dhufe nagaya gaafannee achii akka Dr.Baxter dhufeef hin dhufin gaafanne. Namni gaafanne sun gara hoogganaa gareetti gara Dr. Tadese Tamiratitti nu dabarse. Innillee akkuma maqaa Baxter dhofneen gaafii nutti roobse.Maaf barbaaddan? Eessatti beektan? Kanaan dura qaamaan wol argitanii beektuu?Anis fayyalummaa tiyya dhugaa itti hime. “Baxter hin dhufne. Amma achis biyya kana hin seenu. Gara hujii keesanii deemaa,” nun jedhe. Hin dhufneenuu hin gayuumaal ka qorannoo akka poolisii nu qoratu jedhaa maalalaa yoo uf irra garagallu hiriyyaa kiyya kana ka beeku keessummoota keessaa dhalotaan nama gara kibbaa ka ta'e nu waamee itti dachaane.
“Namoonni kun kessummota kiyyaanu wojjiin turuu dandaa'u,” jedhee keessumoota kaawanitti makamne. Namni Alessandro Triulzi jedhamu Oromo dubbisuuf fedhii waan qabuuf wal barannee waliin haasofne. Innis waa’ee Baxter gaafannaan,“Baxter visa waan dhorgatameef dhufu hin dandenne” nuun jedhe. Akka yakka kana Dr. Tamirat illee harka keessa qabus nuuf ibse. Torbaan itti aanu Abbaan Aadamillee xalayaa naa ergerratti kanuma naaf mirkaaneesse. Ka nama gaddiisiisu keessa qophii san irratti namni waa’ee ummata Oromo irratti qopheesse Triulziqofa ture.
Humna kiyyaafuu garuu biyya alaa kana dhaquu waan hindandenneef qaamaan akka isa hin argine sarbii tiyya rare. Hireen tun bakka nama fidduu silaa hin beekani, haga turullee turu odoma itti hin yaadin biyyaa alaa kana bara 2000 baye. Akkuma ala bayeen “Abbaa Aadamiin ima argamii?” jedhee uf gaafadhe. Hawwiin tiyya naa guuttamtee Fulbaana 2003 keessa torbaan tokkoof woliin ture.
Innis malkatumaananis suuraa kitaaba isaa ka ‘A River of Blessings’ jedhu irraa kopii waan qabuuwalitti yoo dhufnu wal beekuun nu hin rakkifne. Wal qabannee gara mana isaa yoo deemnu haguma mana seennee waa natti mudhisuuf muddamsuu irratti argaa ture.
Being first is good...wonti duraa mishaa,” naan jedhaa mana seenne. KitaabniiENCYCLOPAEDIA ETHIOPICA Volume 1 A-C jedhu torbaanuma san bayee koppiin tokko ergameef waan tureef isa keessatti ammo jechi Abbaa fi Aadaa jedhu ka Baxter gumaache fuula duraa jalqabumaratti waan bayeef kanuma gammachuun natti muldhise. Keessattuu kitaaba sadarkaa addunyaatitti baye kana keessatti jalqabni isaa waan Oromootiin ta’uu isaattu heddu gammachiise.
Guyyaa lamuu mana isaa yoo natti mudhisu, “mannii kee bosona kitaabatiif woraaqaati” jedhee itti qoose. Garuu dhugama. Mana hirribaa ka isaa hin seenneefuu hin argine. Golli kuuwwan martuu kitabaan guuttameera. Mana hirribaa ka keessummaa, bakka dhiyana itti bilcheeffatan, mana dubbisaa martuu kitaabaaf barruu adda addaattu keessa ciisa. Gara guddaa waa'eema Oromoo irratti ka hojjatamee. Nuu laali jedhanii ka barressitoonni keennaa itti ergatan, ka biyyaa erganiif, ka ala kanaa erganiif hundaa bakka itti godheera. Kaasettiin dur yeroo Oromiyaa dhaqe (1968/69) worabbates natti agarsiise. Kam ilaalanii kam dhiisan reeYoo maqaa beekanii iyyafatan hundu guutera. Namuma bishaan baaharaa keessa seene ta’ee hafe.
Akka hubannaa kiyyaatti Abbaan Aadam ogummaa woraqaa isaatiif qofa odoo hin ta'in, jaalala lafee ta Oromoo uf keessaa akka qabu natti muldhate. Dhugaa irratti hundayee yoo alagaan nama jaalatee ka keessaa dhalate caalaa na jechisisee. Yeroo achi ture waan hedduu na gorsee nataphachiise. Waan hedduu irraallee baradhe. Mee garii gaggabaabsee ibsuuf yaalaa.
Abbaan Aadam biyyoota Afrikaa hedduu argu naaf himee garuu ka akka Oromoo kolonii hamaa jala ture akka hin turre naaf ibse. Afaan isaaniitiin ‘ruthless colonialism’ jedha. Oromoota dhiisii inninuu waanuma waa’ee Oromoo qorateef akka dhiibbaa itti godhan naaf hime. Henna Kofaleen qorannaaf taa’u baadiyyaa keessatti dukkaanaa dhaabatee jiraachuuf gaafannaan dhoorgan.
Afaan Oromoo barattee, ka worra salaxxanee akkamitti hin baratiin? Maaf Afaan amaaraa hin dubbannee? Jechaa namoonni aanaa irra jirani ka akkapoolisii faa gaafiin na hacuucaa turan. Yoo afaan amaaraatiin na dubbisani ani hin beeku yoo jedhuun na hin amanan jedhe.
Ka isallee maalalchiisu ammo namoota aanaa irra jiran caalaa namoota akkaProfessor Mesfin Woldemariam jiran. Namni Itiyoophiyaa baadiyaas ta'ee magaala ka afaan Amaaraa hin dubbannee hin jiru” jedhee wolgettii Paris tokko kessatti na mormaa ture. Ani ka ija tiyyaan argee miila kiyaan kessa deeme hoo maal haa jedhu? Moo ummata bal'dhaa Oromoo afaan isaa dhossuuf? Jedhee maalala Abbaan Aadam.
Bara mootummaa nugusichaa wontumaan dhossaa gayee hujii kiyyaa na dhoorguu gayee maaf? Wontii dhorgamuu tokko daran nama cimsaa bee!Gaaf tokko Dr. Feqede Gadamu wojjiin nugusa harka fuudhuu dhiyanne. Garuu ana harka fuudhee “ati deemi” jedheeni Feqede harka fuudhuu dide!Akka nama waa moruuti!. Wollala daangaa hinqabnee. Hayyoonni Gadaa Booranaa Maal jetti laata odoo itti himee? Kanniintu Oromoo Saba guddaa gabromfate!!
Bara dargiillee wonti jijjiramee hin jiru. Ammas Oromoo lafuma isaa sii kenninee jedhanii sobaniin. Odoo sun ta'uu baatee ammoo silaa haa bubbulumalee waan dhalataniif arguuf turee beettaa? Naan jedhe.
Waan dubbatame hundaa barreffamaa kanatti xumuruun nama dhiba. Anis waan garaa na nyaate garii akka gaafii itti kaasaa ture.
Gaafii: Qabsoon Oromoo hagam waan yaadne kanatti dhiyataa jira Abbaa Adamjedheen?
Abbaa Aadam: Bara nugusichaallee ilmaan gara alaa kana ergamtee baratte Ilmaanuma Abashaati. Sun dammaqiinsa hawaasatiif bu'aa guddaa qaba. Bara Dargii Ijolleen EPRP taatee biyyaa ariamne jechaa hadhaa naanoo akka WashingtonD.C. marchadisii gangalchan Abashootuma. Ummata guddaa kana miidhaa bifaa heddutu irra ture. Kanaf yeroo fudhachoon ni mala. Hireen barumsaa yoo diqqaa ta'ee miidhaa hawaasaa irran gayuu atuu mee bikki jedhe.
Gaafii: Akkumaa Abashoonii bulchinsaaf Ummata keenna kutaan gar gar qodan, yaanni nama keenaas yeroof sobaminna? Bal'inna nu qabnus inuu argitamiijedheen.
Abbaa AadamAni kana irratti rakkoo tokkolee hin argu. Ummanii kun bakka fedhellee haa jiratuu seeraa Gadaa irraa as marge. Naannoo kamituu haa gurmaawuu, maraafuu abbaan Oromoo. Fkn, dorgomii kubbaa miilaa ka adunyaa yoo Ingliziin taphattoota ergadhaa jedhan kilabii Manchester, Liverpool, Newcastel...(ka biros) kessaa filamanii ergaman. Garuu wolii galatti England-iif taphatu.Kun na hin sodachisu.
Gaafii: Sila Itiyoophiyaa dhaquun wolgeetimaaf moo ammas waan qorattu qabda?
Abbaa AadamAni yoomuu Booranaaf horii isaanii takkattima odoo jiru deebi'ee laaluu fedha. Ummata guddaa ufiin boonu, ka nagayaa jaalatu nagaya dhorgani beettaa? Kanafuu jabadhaa barrii ka qarummaatii saba kessan gargaara naan jedhee.
Gaafii: Hacuuccaa durii silaa ijaa keetiin argitee, amma wonti dhageettee fooya'e jettee itti gammadde jira?
Abbaa AadamEe! Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin barreffamaa jiraa naan jennaan, baayisee gammadee. Hiriyaa kiyaa Professor B.W. Andrzejewski ("Goosh”) qaabadhee. Amma garuu hin jiru maal godhaa ree ka beekutu beekaa. Professor Andrzejewski waa’e afaan baha Afrika gara garaa irratti dalage. Akkasumas Afaan Oromo irrattis dalage. Jijjiirama kana odoo hin argin adduunyaa irraa deeme.
Yaa ummata kiyyaa, nama akkanatti dhiigaaf lafee nu jaalatu torbaan darbe adunyaa tana irra dhabne. Bada Uumaa!! Haadha mana isaa Pat, akaakayoota, abaabayyoota isaa waandhii obsa nuu haa kennuuf. Aadamiif ilmaan isaa lamaanis haa jabeessu. Hiriyyoota isaa, hiriyyootaa Oromoo ka inni horateefis akkasuma.
Biyyeen isaa haa salphattu, daadhiin isa jala haa yaatu.