Monday, October 20, 2014

ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት: “እስርቤቱ ኦሮሞ ኦሮሞ ይሸታል…”

ከማይሰለጥነዉ የዕብሪተኞች አንደበት: “እስርቤቱ  ኦሮሞ ኦሮሞ ይሸታል…”


by Jiituu Lammii | October 20, 2014
ዘመነ ቅኝ-ግዛት (the colonial era) ሲታሰብ ለኣፍርካ ሕዝብና ለምድሪቷ የማይሽር  መራራ ትዝታ ኣለዉ። የዚህ ክፉ ቀን የክፋቱ ልክ፣ የሕመሙ መጠንና የጸጸቱ ጥልቀት ከወሰን ያለፋ ዘመን ተሻጋሪ ነዉ።  የሀገር ባለቤትነትን ከመነጠቅ ኣልፎ ከሰብዓዊ ፍጡር ምድብ እስከ መዉረድ የደረሰ በደል የተስተናገደበት የታሪክ ጥቀርሻ በመሆኑ መቼም በጊዜ ወሰን የማይገደብ የታሪክ ትዉስታ ይዞ ይቆያል። ጥቁሩ ባለሀገር ሕዝብ (the indigenous people) በነጮቹ ወራሪዎች ዕይታ ሲመዘን እንደሳይጠን፣ ያልሰለጠነና ክፉ እንስሳ እንጂ እንደሰብዓዊ ፍጡር አይታሰብም ነበር። ይህንኑ አመለካከት ለማስረጽ ሲባልም ሁለንተናዊ ማንነቱን የሚያጥላሉ በርካታ አዋራጅ (pejorative) ስያሜዎች ተሰጥቶታል። የኣፍርካ ምድርም ቢሆን ወርቅና አልማዝ በገፍ እየታፈሰበት እንኳ የጨለማ ዕምብርት (heart of the darkness, the abode of barbarism and cruelty) ከመባል ኣላመለጠም።

በኣንጻሩ ደግሞ ነጮቹ ቅኝ ገዥዎች ለራሳቸዉ የሚሰጡት ግምትና ሁለንታናዊ ማንነታቸዉን የሚስሉት በታቃራኒዉ ገጽታ ነበር። ቋንቋቸዉ፣ ባሕላቸዉ፣ የተፈጥሮ ገፀ-ቀላማቸዉና ተክለ- ሰዉነታቸዉ በአጠቃላይ ሁለንተናዊ ማንነታቸዉ የመጠቀና የበላይ (superior) እንደሆነ ይሰብካሉ። ጥቁሩ ሕዝብ በኣእምሮ ብስለትም ሆነ በሰዉነት ብቃቱ የበታች (inferior) ሆኖ እንደተፈጠረ በጭፍኑ ይመሰክራሉ።  እንግሊዛዊዉ ታዋቂ ደራሲና ገጣሚ Rudyard Kipling ጥቁር ሕዝቦችን ማሰልጠንና ማስተዳደር የነጮቹ ዋነኛ ኃላፊነትና ሸክም እንደሆነ በድፍረት ተናግሯል። የብሪትሽ ቅኝ ግዛትን ወደ ኣፍርካ በማስፋፋቱ ሂደት ላይ ከፍተኛ ሚና የነበረዉ ፌረድሪክ ሉጋርድም (Frederick Lugard) በበኩሉ “ለዚህ ስልጣኔ ኣልባና የጭለማ ዕምብሪት ለሆነዉ ሕዝብና ምድር የባሕል ግስጋሴና የስልጣኔ ብርሃን ማምጣት ነዉ” በማለት የወረሪዎቹን ስዉር ዓለማ ምክንያታዊ ለማስመሰል ጥሯል።

ይህንን ኣንዱን የበላይ ሌላዉን የበታች ማድረግን ዓላማዉ ያደረገ ኣድሎኣዊ የማንነት አሳሳል( Identity characterization) ለመተግበር ከፍተኛ የቋንቋ ምሁራንን (lexicographers, psycholinguists, editors) ወዘተ የመሳሰሉትን እንዳሳተፋ ይነገራል። ትርጉሙ ወይንም ቃላቶቹ የሚሸከሙት ምስል(connotation) ከእዉነተኛዉ ኣፍሪካዊ ማንነት ጋር ምንም ዓይነት ዝምድና ባይኖረዉም እንኳ በሂደት ግን የሥነ-ልቦና ተጽዕኖ ማሳደሩ አልቀረም። ዛሬም ቢሆን እነዚህ ሁለቱ ቀለማት በብዙዎቹ ኣእምሮ ዉስጥ የሚፈጥሩት ምስልና የሚወክሉት ቃላዊ ፍቺ የተጽዕኖዉን ጥልቀት ያመላክታል። ያም ሆኖ ግን የሕዝቦችን እዉነተኛ ማንነት ዉጦ የሚቀር ኃይል አልተገኘምና ቀኑ ሲደርስ የጭለማ ስብከት በእዉነተኛ ብርሃን ከመሸነፍ አልተረፈም።

ለመንደርደሪያ ያህል ካነሳሁት አጭር ቅኝት ሰሞኑን በእጅጉ ሲከነክነኝ ወደ ሰነበተዉ ተመሳሳይ ጉዳይ ልዝለቅ። የኦሮሞን ሕዝብ ባህል፣ ቋንቋ፣ ታሪክና አጠቃላይ የማንነት እሴቶቹን ለመደምሰስ ዘመናትን ያስቆጠረ ዘመቻ ሲካሄድ መቆየቱ አጠያያቂ አይደለም። ሆኖም ግን ህዝቡ በዚህ ረገድ ባካሄደዉ ትግል በሚያስደንቅ ፍጥነት እዉነተኛ ማንነቱን በትዉልዱ ልብ ዉስጥ መልሶ ለመስረጽ ተችሏል። በዚህ የትግል ዕምርታ የሚደነግጡ ቀናተኛ ግለሰቦች ኣለዋቂነታቸዉን በሚያሳብቅ መልኩ በደነገጡ ቁጥር ኣላዋቂነታቸዉን የሚያጎላ አጸያፊ ቋንቋን ከመጠቀም ኣልታቀቡም።

‘ESAT Radio’ የሚባል ሚዲያ ሠሞኑን (ማክሰኞ፣ መስከረም 30 ቀን 2014ዓም) ባሰራጨዉ ዝግጅት ላይ የቀረቡት አቶ  ግርማ ታፈሳ የተባሉ ሰዉ በኦሮሞ ሕዝብ ላይ እየተካሄደ ያለዉን ስቃይ “እስር ቤቱ ኦሮሞ ኦሮሞ ይሸታል።” ብለዉ ሲያፌዙ ተደምጠዋል። ከዚህ በፊት ዶ/ር ብርሃኑ በዚሁ ሚዲያ (ESAT TV) ቀርበዉ ይህንኑ ጸያፍ ንግግር ሲጠቀሙ ተደምጠዋል። ይህ ከኣንዴም ሁለቴ ተደጋግሞ የተደመጠው ነዉረኛ ንግግር(filthy language) በኦሮሞ ህዝብ ላይ እየደረሰ ያለዉን የእስራት መጠን ለመግለጽ ነዉ ብሎ መቀበል የዋህነት ነዉ። ያንን ለመግለፅ ፈልገዉ ቢሆን ኖሮማ ከዚህ የተሻለ ገላጭ ቋንቋ ባልጠፋቸዉ ነበር። ይልቁንም ከዚህ በፊት የለመዱትን ለኦሮሞ ህዝብ ያላቸውን ንቀት ለመግለጽ የተጠቀሙበት አሽሙር እንጂ። ለነገሩማ የኦሮሞ ችግር ጉዳያቸዉ እንዳልሆነ እሙን ነዉ። ኦሮሞም ቢሆን ለጉዳዩ የነሱን ጥብቅና አይሻም።

የንግግሩን ምጸታዊ ፍቺ ለመረዳት ደብተራ መሆን አሊያም የዋሸራ ቅኔ ጠቢብነትን የሚጠይቅ አይመስለኝም። እርግጥ ነዉ ዛሬ በሚስጢራዊና ገሃዳዊ የማሰቃያ እስርቤቶች ዉስጥ የኦሮሞ ሕዝብ የስቃይ ሰለባ ሆኗል። እነዚህ እስርቤቶች በእስረኛ ብዛት ከመጣበባቸዉ የተነሳ በዉስጣቸዉ ያለዉ የንጽሕና አያያዝ ከግምት በላይ ኣሳሳቢ ነዉ።  የኣእምሮ ታማሚዎች ጭምር የሚታጎሩበት መሆኑ ደግሞ ጉዳዩን ይበልጥ አሳሳቢ ያደርገዋል። ቀን ቀን ከሰዉ ገላ ላይ የሚወጣዉ ላብና ትንፋሽ ከሚፈጥረዉ መጥፎ ጠረን ጋር እስኪላመዱ ድረስ መፈታተኑ አይቀርም። ቀን በሙቀት ሃይል የሚፈጠረዉ የሰዉ ላብ በታመቀዉ የቆርቆሮ ጣሪያ ላይ ተጠራቅሞ ሌሊት እንደዝናብ መልሶ ሲንጠባጠብ ማየት የተለመደ ክስተት ነዉ። የእስር ቤቱ ኣስከፊነት በዚህ ብቻ አያበቃም።
ታምመዉ ሕክምና ተከልክለዉ የሚሞቱ ወገኖቼ ቁጥር ቀላል አይደለም። በሕክምና ሰበብ መርዛማ መርፌ ተወግተዉ የተገደሉ፣ ለአካል ጉዳት የተዳረጉና የዘር ሕዋሳቸዉ እንዲመክን የተደረጉ ስለመኖራቸዉ የጊዜ ጉዳይ ሆኖ ነዉ እንጂ ከበቂ በላይ መረጃ ኣለ።
የነጻነት በሮች በነጻ አይከፈቱምና የኦሮሞ ህዝብ ከዚህ የበለጠ ዋጋም ቢሆን ለመክፈል ብቁ የሥነልቦና ዝግጅት አለዉ። እላይ የተገለጸዉን ጸያፍ ንግግር በማንኣለብኝነት ለመጀመሪያ ጊዜ ሲጠቀሙ የሰማኋቸዉ ሰዉዬ (ዶ/ር ብርሃኑ) አንድ ወቅት ላይ ዕድል ደርሷቸዉ ይህንን የእስርቤት ሁኔታ በመጠኑም ቢሆን አይተውታል።  ለዚህም ነዉ ይህንን አገላለጽ የመረጡት፣ በእዉን ይህንኑ አስከፊ የእስርቤት ሁኔታ ለመግለጽ ነዉ ብሎ መቀበሉ አስቸጋሪ የሚሆነዉ።

ሕዝብን መናቅ ኣላዋቂነት ነዉ። መዘዙም ቀላል አይሆንም። ከወራት በፊት አዛዉንቱ ፕ/ር መስፍን ለሚኒልክ የቀረበውን የዉዳሴ ዜማ የተቃወሙ ወገኖችን (ሲዳማዉን፣ ሶማሌዉን፣ ኦሮሞዉን፣ ሸካዉን፣ ወላይታዉን፣ መዠንግሩን) በአጠቃላይ የሚኒልክ ወረራ ሰለባ የሆኑ ሕዝቦችን  “የጨለማ ኃይሎች” ሲሉ ገልጸዋል። ለኣብነት ይህንን ኣነሳሁት እንጂ ዛሬ በየድረ-ገጹ ላይ የሚነበቡ የትንኮሳ ጽሑፎች ተበራክተዋል። ይህ ሃላፊነት በጎደለው መልኩ እንደዋዛ የሚወረወረዉ የንቀት ቃል እያደር ዋጋ ማስከፈሉ አይቀርም። ትላንት የተመላለሱበትን የተሳሳተ መንገድ ለዛሬ ጉዞም መመኘቱ ያለንበትን ነባራዊ ሁኔታ ካለመገንዘብ ይመነጫል። ከትላንት ስህተት ተምሮና ታርሞ ለመጪው መልካም ያለማሰብና ጭፍን የንቀትና የጥላቻ ጉዞ መሆኑን ያመላክታል። ፊጻሜዉም አደጋ አለዉ።

የማይሰለጥነዉ የዕብርተኞች አንደበት የመጨረሻ ዉድቀታቸዉን ያፋጥናልና – ሌተቀን ለሚያነቡላት ኢትዮጵያም ማምከኛ የሌለዉ ፈጣን ፈንጂ ማቀጣጠያ እያዘጋጁ ስለመሆኑ መገንዘብ ያሻል።

እንኳን ዘንቦብሽ ድሮም ጤዛ ነሽ  ይሉታል ይህ ነዉ።

ቸር ያሰማን!

ጂቱ ለሚ ነኝ


=>ayyaantuu

Oslo Peaceful Protesters Demand Freedom for Oromo Political Prisoners and Denounce Land-Grabbing in Oromiyaa (Oct. 16, 2014)

 
By Cameraman/Editor Oumer Ahmed:
By OroTV Oslo:

By OroTV Oslo:

Credits/Tags: , , 
 

Saturday, October 18, 2014

Waamicha Hiriira Nagayaa Hatattamaa Baqattoota Oromoo Cairo

Waldaan Baqattoota Oromoo biyya Masrii gochaa diinotaa kana balaaleffachuuf jecha Dilbata Onkoloolessa 19, 2014tti waajjira UNHCR-Cairo duratti hiriira nagaa waamee jira.
Ilmaan Habashaa biyya Masr, magaalaa Cairo jiraatan gaaffii baqattummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf jecha duula wal irraa hin cinne gochaa akka jiran irra gahameera. Duulli isaanii guddaan dhimmi baqattummaa Oromoo waajjira UNHCR keessatti akka fudhatama hin arganne dhiibbaa gochuu yoo tahu, kana milkeessuuf jecha caasaa isaanii biyya alaa waliin tahuun waajjirichatti xalayaa barreessuu bira dabranii hanga hiriira nagaa waamuu gahaniiru. Gaaffii baqattummaa Oromoo gara dabarsuuf jecha yaalii jarri kun taasiaa jiru keessaa tokko, baqattoota Oromoo hunda walitti qabanii ‘’community Muslima’’ jechuu dabalata. Kunis akka hawaasni addunyaa lammiilee Oromoo rakkoo siyaasaaf jecha biyya isaanii irraa baqatan ija shakkiitiin ‘’goolessituu Musliimaa’’ jedhee ilaalee rakkoo isaaniif xiyyeefannoo waakkatu dhiibbaa gochuuf kan akeekkatame tahuun ifaa dha. Ergamni ilmaan Habashootaa kun ergama mootummaa Wayyaanee waliin akka wal qabatus shakkii hin qabu. 
Waldaan Baqattoota Oromoo biyya Masrii gochaa diinotaa kana balaaleffachuuf jecha Dilbata Onkoloolessa 19, 2014tti waajjira UNHCR-Cairo duratti hiriira nagaa waamee jira. Hiriira kana irratti yaalii diinota Oromoo kana fashalsuuf sagaleen ni dhageessifama. Kana malees Oromoon Muslimas tahee Kiristaana yookiis Waaqeffataa, dhimma amantiif osoo hin taane dhimma sabummaa isaa qofaaf yakkamee kan biyaa bahe tahuu, akkasumas, Oromoon akka Habashoonni addunyaatti himuu barbaadanitti Muslima qofa osoo hin taane amantii hundumaa kan of keessatti hammatu (a nation of colorful religious diversity) tahuun isaa ifatti agarsiifama.
Kanaafuu ilmaan Oromoo magaalaa Cairo keessa jirtan hundi guyyaa jedhame kanatti, jechuun, Dilbata Onkoloolessa 19, 2014 ganama irraa saáa 6:AM irratti waajjira UNHCR-Cairo duratti walgahuun hiriira nagaa kana akka waliin geggeessinu kabajaan waamna. Ummanni Oromoo biyyoota alaa fi biyya keessa jiraatus, duula ilmaan Habashaa himata baqattummaa Oromoo fudhatama dhabsiisuuf gochaa jiran kana karaa danda’me maraan bakka jiru hundatti dura dhaabbachaa tumsa isaa akka nu agarsiisu kabajaan gaafanna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waldaa Baqattoota Oromoo Cairo
—————
This is so urgent! Please find the attached files for a call for
anti-Oromo protest by Ethiopian community in Cairo and a call for
counter-protest by the Oromo Refugee Association in Cairo.
I sent you this files on behalf of the association. They need this
call posted urgently to reach the community members and our mass at
large.
Ethiopian Community in Cairo

                                                             

=>ayyaantuu

Sunday, October 12, 2014

SOCHIIN OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA!

SOCHIIN OROMOO BARA 2014 WAAN NU AKEEKU QABA!
HUMNA TA’UUF BAKKAYYUTTI HAA HOJJANNU!

SEENAA  Y.G(2005)*

Bara 2014” Ummati Oromoo Mirga Abbaa Biyyummaa isaa kabachiisuuf yk deeffachuuf, Biyya keessaa fi alatti Qabsoon gaggeessaa jiru, diina irratti waloon hojjachuun bu’aa qabeessa ta’uu qofa odoo hin taanee, keessa isaatti, sochiin Nama dhuunfaa eegalee amma dhaabaatti, dabrees/darbees amma Ummataatti gumaacha yoo taasifne, Injifannoon dhihoo ta’uu kan itti hubateedha jedheen amana. Nama waan hojjatame gamaagamee, isa itti aanuuf maaltu nu irraa eegama? sochii keenya kana irra bal’ifnee yoo itti fufnee Gabrummaa jalaa ba’uu dandeenya, kana irra yoo wal dhaggeeffannee fi wal utubne…… jedhee kan herreeggateef, Barri 2014 barnootaa fi hamilee guddaa nu keessatti uumuu irra taree, sochii itti aanuuf bu’ura godhata. Ummata Mirga isaaf saganteeffatee Biyya keessaa fi alatti sochaa’aa jiru, diinni hangamuu hammeenya nu irratti hojjatu, qabsoo Ummata kanaa dhaamsuu akka hin dandeenye, Ummati kun Qabsoo walii galaaf Qophaa’aa jiraachuu fi kunis injifannoo Ummata kanaan akka Goolabamu diinni dirqamaan akka fudhatu taasisa.

Bara 2014 Biyya keessaa fi alatti sochiileen turan, Seenaa Qabsoo Ummata kanaa keessatti bakka ol-aanaa qabu jechuu dandeenya.Bara 2014 Biyya keessaa fi alatti, Sochiileen taasifaman (bifa kamiinu haa ta’uu) Addunyaa irratti dhageetti kan itti argannee fi hammenya diinaa Addunyaatti kan beeksifannee, akkasumas, Qabsoon keenya haqummaa qabaachuu isaa kan nuuf mirkaneesseedha. Sochiileen kun humna qabnu hundaan itti bobbaanee milkeessinee? moo warra dhimma Ummata isaanii guyyuu hordofantu waan kana milkeesse? yoo jenne, deebiin isaa ifadha. gabaabaatti, baayyina keenya humnatti jijjiruuf sochiilee Bara 2014 waan nu akeeku qaba yoo jenne wayya.ykn Ilaalcha kamiinu adda taanu, dhimma Oromoo irratti wal tumsuun akka danda’amu karaa nu saaqeeraa jechuus dandeenya. Diina waan hundaan Biyya keenya irratti of goobsee jiru, sochii akkasiin kan sochoofne, sochii kana dachaa sadiin illee yoo guddifne, jilbeeffachiisuu dandeenya jennee herreeguus dandeenya.

Ani akka Nama tokkotti, Daa’ima waggaa/ganna 10 wayyaanee balaaleffachuuf baatee rasaasaan dhangalaate ijaan odoon arguu, Ummati Oromoo hin dammaqinee jedhee hin dubbadhu. Dammaqisuufis hin yaalu. Karaa fi shira diinaa ittii himuun garuu waan jiraati. Maanguddoo waggaa 80 wayyaanee odoo mormuu rasaasaan jigisan osoo ijaan arguu, Dulloomtee Afaan kee odoo qabattee ta’ee, yk karaa naa gadhiisis hin jedhu. Maaliif jennaan, tokkoo, Gabrummaan Umuriin Nama hin qoodu.Lammeessoo, Dhaloota har’a lubbuun jiru hundaaf hundeedha waan ta’eef. kana malees, akka Nama baranaa, dhaabbata dhabee odoo hin kachachallee, haqa isaaf cichuun isaa, Gabrummaa mormee Ummata isaaf, Ijollee isaaf fakkeenya ta’ee wareegamuun isaa, ganamaa kaasee walabummaa Ummata isaaf falmaa jiraachuun isaa, Seenaa keessatti faarfamaa jiraachuu qaba jedhee waan itti amnuuf. Kanaaf, Barruu kiyya  kutaa 3n dhiheessuuf yaalu keessatti, Bara 2014 akka fakkeenyaatti qabxiilee sochiilee Ijoo ta’an fudhee, Sochiilee Boonsaa kanaaf hundeen Qindoominaa fi wal dhaga’uu ta’utti waanan amaneef, waan kana caalaatti jabeessuuf qabxiilee nu fayyadu jedhee itti amane kaasee, hunduu yaada irratti yoo walii hire, hojii kana caalaa hojjachuu dandeenya kan jedhu fi Bara 2015 humna qabnuun qabsoo keenya finiinsuuf gamanumaa saganteeffachuu fi qindeeffachuun murteessaa ta’uu yaadachiisuun yaade na ofkalchaa .

BARA 2014 SOCHIILEE HOJII CAALAAF NU KAKAASUU DANDA’AN :
  1. Fincila Diddaa Gabrummaa Barattootaa fi Dargaggootaa Biyya keessaa
  2. Hawaasa Oromoo Biyya keessaa ijoollee cinaa hiriiruu,
  3. Hawaasa Oromoo Biyya alaa deeggarsaa fi ajjeechaa morme hiriira qindoome gaggeessuu,
  4. Qabsaa’oonni Ilaalchaan tokko ta’an ABO jabaa gadi dhaabuuf murteessu
  5. Midiyaalee walabaa (Intarneetaanis) dhimma Ummata isaanii irratti hojjataa jiran,
  6. Dhaabbileen, Waldaaleen gargaarsaa fi Amantii dhimma Oromoo irratti hiriiruu eegaluu,
  7. Baqattootaaf birmannaa taaisfame,
  8. Aadaa, Seenaa fi Oromiyaa beeksisuuf sochiilee taasifaman,
  9. Ayyaana Irreechaa 2014 irratti Sochii Biyya keessaa fi alatti gaggeeffame,
  1. Fincila Diddaa Gabrummaa Barattoota, Dargaggootaa fi Sabbontootaan gaggeeffame fi,
  2. Sochii Ummata Biyya keessaa ilaalchisee:-
Sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa bifa haaraan gaggeeffamuu ega eegalee waggoota lakkofsiisee jira. Garuu kan akka bara 2014 hojiin Gootummaa itti hojjatamee fi wareegamni qaaliin itti kafalame mul’ateera jechuun nama rakkisa. Sochiin kun Qabsoon Oromoo Biyya keessaa fi alatti dhageettii guddaa akka argatu taasisuu irra taree,wayyaanee  fi jala deemtootaaf ergaa ol aanaa kan dabarseedha jechuun ni danda’ama. Ummati Bilisummaa Barbaadu hidhamuun, hiraaruun, ajjeefamuun, Biyyaa godaanuun waanuma Addunyaan hundi obsaa fi murannoon keessa baatee Bilisummaa labsattee itti jiraatteedha.Wayyaaneen waan hundaa tu’adheen jira jettee bakka dhaadattutti, teekinooloojiin hammayyaa hundaa ta’udhe jettee lallabaa bakka jirtutti, Humna waraanaan waa hundaa of jala galcheera jettee of mookisaa bakka jirtuutti, Bilisummaa Ummatootaa mirkaneesse, Ummati na waliin hiriiree jira, Qabsoo Ummata Oromoo ABOn durfamu laaffise, dhabamsiisee jettee yeroo dhaadataa jirtutti, Fincilli Diddaa Gabrummaa Oromiyaa keessaa guyyaa tokkotti itti dhohe kun, wayyaaneen waan qabdee fi godhiiftu wallaaltee hangam akka olii if gadi akka fiigde Seenaatu galmeessee jira. Kana malees yeroo ammaa Qabsoon Ummata Oromoo shiraa fi hololli siyaasaa bifa kamiitu irratti gaggeeffamu, ajjeechaa fi hidhaan bifa kamiitu irratti raawwatamu, dhaamsuun akka hin danda’amne, wayyaanee caalaa ragaa kan ba’uu jira natti hin fakkaatu.

Fincillii Diddaa Gabrummaa 2014 Seenaa Ummata Oromoo keessatti bakka ol aanaa qaba. akkasuma Ijoollee fi sabboontoonni Mirga Abbaa Biyyummaa Ummata isaaniif Wareegama bifa kamiitu kfalan seenaan yoomillee isaan hin dagatu.Seenaan galmeessee kaa’aa qofaa odoo hin taanee, dhalonni Oromoo Biyya keessaa fi ala jiru hundumtuu gumaa isaanii baasuuf, sochii daranii qindeessee keessattis hirmaatee diina dachee isaa irraa buqqisuuf halkanii fi guyyaa kan irratti hojjatuudha. Jabiin Fincila Diddaa Gabrummaa SEENAAn yeroo itti faarfatu ni dhufa jechaa, Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroo fi Qarree, Barataa fi Barattuu, Dargaggoo fi Dargaggeetti, Hojjataa, Abbaa Qabeenyaa, Waldaalee adda addaa kkf hammatu itti fufisiisuuf waan nu irraa eegamu gumaachuuf hundi keenya bakka jirru haa sochoonu.

Ummata Oromoo Qabsoo walii galaaf qopheessuu keessatti gumaacha mataa keenyaa taasisuuf, murannoon waliin dhaabbachuu nu barbaachisa. sochiin ijoollee keenyaa Biyya alaatti Hawaasa Oromoo sochoosee sagalee isaanii dhageesisuun akka waliin dhaabbatan san, Biyya keessattis qaama hawaasa Oromoon odoo utubamee ta’ee firiin isaa kana irra mirqaansaa ta’a ture. fkn.Ficila diddaa 2014 irratti wanni addaa mul’ate tokko. Ijoollee kana waliin sabboontonni fi Ummati sochii taasiseedha. Ajjeefamuu ijoollee mormuu, kan hidhaatti guuran gadhiisiisuu, ijoollee irraa bitamtoota dhorkuun sochiin taasifamedha. Kana caalaatti jabeeffachuu nama barbaachisa. gaaffiin ijoollee kanaa sirrii ta’uu fi Ummaticha kan bakka bu’u ta’uu dhugeessuuf, humni nama baratee fi qaama Hawaasichaa biraa isaan cinaa jiraachuun diinaaf soda guddaadha. Kana lfa qabsiisuun dansaadha.
Addatti, Dargaggootaa fi shamarran keenya, Warshaalee fi Kubbaaniyyaa wayyaanee, akkasumas Biyyoota alaa keessatti maqaa hojiin ukkaafamanii ta’aan hirmaachisuuf gama hundaan sochaa’uu nu barbaachisa. Sirna gaaffii Ummataa dhaggeeffachuu hin barbaannef furmaati jiru, dantaa isaa irratti bobba’uudha. Mormii karaa Nagaan yoo hin dhaga’u jedhee, waan biraas waliin akeekkachuu barbaachisa. Wayyaanee kan nu irratti goobsee inni adda duraa, OPDO dha. inni lamataa qabeenyaa keenyadha. Yeroo kanatti adda durummaan kan wayyaaneef bifa kamiinu irree kan  ta’eef, Qabeenyaa keenyadha. Hanga waan kana saamuuf sodaa fi yaaddoo tokko illee hin qabaatinitti, Abbaa irrummaa ishee itti fufti. Kanaaf bifa kanaan qormaata gadi fageenyaa gaggeessinee waan furmaata nuuf ta’u falachuu nu barbaachisa.

Maastar Pilaaniin Finfinnee haaraan sabbataa, Aqaaqii, Holataa fi kkf akka dabalatu kan taasisaniif, dachee kana Oromiyaa jalaa baasuu qofaaf odoo hin taanee, Finfinnee irraa hanga KM 45tti Qabeenyaan jiru irra jireessa kan wayyaanootaati. Galiin bakka kana irraa qofaa argamu lafee duddaa Biyyattiiti. Galiin kun tokkollee akka Oromiyaa seenuu fi Naannoon Oromiyaa itti fayyadamu hin barbaadan. Naannoo kanaa galii Gibiraa fi kkf irraa galiin argamu, Fedaraalaaf akka galu taasifama. Ammallee. OPDOn kan itti hajajidu muraasa qofa. Tigiraayitti garuu akkas miti. galiin hundumtuu Naannichaafidha. Nageenya isaanii Finfinnee keessaa mirkaneessuuf illee, Naannoo kana akka fedhanitti ijaaruu barbaadu. Sagantaan isaanii yeroo dheeraa kan hedduu nama sukkanneessuudha. Diina gara jabiina akkasii qabuutu nu dura dhaabbatee jira. Kanaaf sochiin keenya kan kanaan wal gitu ta’uu qaba.waan isaan rifaasisuu fi Ummati isaanillee hegaree isaaniif akka yaadan taasisuun murteessaadha.

Akka fakkeenyaatti waa tokko kaasuun ni danda’ama. Wayyaaneen Gaaffii Ummata Oromoo kana Addunyaa kana irratti fudhatama dhabsiisuuf shirri hojjattu lakkoofsa kan hin qabne ta’us, tokko Biyyoonni Addunyaa irratti dhageetti qaban, Biyyattii keessaa dantaa akka qabaatan taasisuun, wayyaaneen yoo jiraatte malee dantaan isaanii sun jiraachuu akka hin dandeenye amansiiftee bara baraaf jiraachuudha. Biyyoonni kun saamicha gaggeessaa jiran akka hin dhabneef, gaaffii Ummatootaa kana ukkaamsuun isaanii waan hin hafne.kanaaf, shira wayyaanee kana dhimma keenyatti naanneeffachuu ni dandeenya.kunis, Qabeenyaa humnoota alaa kamuu keessa ykn Warshaalee, Kubbaaniyyaa, dhaabbilee adda addaa, dhaabbilee miti mootummaa, dhaabbilee edila addunyaa, Waldaalee, Bakkoota Qonnaa fi kkf ilmaan Oromoo hojjachaa jiran gurmeessanii gaaffii wal fakkaataa kaasuun sagaleen keenya karuma isaanii deebi’ee akka dhaga’amu taasisuun ni danda’ama. Ilmaan Oromoo addatti Ilmaan Qotee bulaa dachee isaa irraa buqqifamee kubbaaniyyaa Finfinnee marsee jiru keessa hojjatan kuma 100n lakaa’aman. Abbootiin Qabeenyaa Biyya alaas ta’ee, Humnoonni alaa Biyyatti keessatti qabeenyaa horatan, dubbiin jabaachaa dhufnaan ykn humna Ummata kanaa ifatti arginaan, Qabeenyaan isaanii baduu irra wayyaanee konkolaachisuu akka filatan shakkiin hin jiru.kanaaf gama kanaan waan nu irraa eegamu yoo raawwannee, sochii Fincila Diddaa gabrummaa Ummata Oromoo kan walii galaatti ce’uu dandeenya jedheen yaada.

Sochiin Fincila Diddaa Gabrummaa Bara 2014 hundee wayyaanee raasuu isaa kan nu dhugeessu, holola siyaasaa hanga har’aatti Barattootaa fi Dargaggoota irratti oofaa jiruudha. Gabaabumatti, Fincilli Diddaa Gabrummaabara 2014 Gootummaa ol aanaan gaggeeffame, Mirga Ummata ofii gaafachuuf qofaa odoo hin taanee, Waadaa Jaallan waggoota 100 oliif wareegama qaalii kafalaniif gumaa Bilisummaan baatu jabeessuuf ta’uu dagachuu hin qabnu.Sochii keenya Nama dhuunfaa kaafnee hanga Hawaasaa fi dhaabaatti gaggeessine daran wal jabeessinee itti fufuuf haa hojjannu. Bilisummaan keenya harka keenya keessa malee, harka halgaa keessa hin jirtu. Maandeellaaf Bilisummaa isaa mana hidhaatti kan geesseef hin jiru. odoo achitti geessaniif ta’ee waggaa 27 hin hidhamu. Maandeellaatu Mana hidhaa keessaa baasee dhaqee Bilisoomu isaa labsate. Labsachuuf ammoo wareegama bifa kamiitu Ummata isaa waliin kfaleera. Kanaaf Bilisumma keenya bakkatti deeffachuuf haa hojjannu. Haa Qabsoofnu. Sochii Bilisummaa Ummata ofiif gumaacha bifa kamiituu kan taasisuu, Gammachu fi Galanni isaa Bilisummaa inni Labsatuudha.

Haalaa wayyaanee fi rakkoo keessa ofii keessa luftanii Hojii boonsaa akkasii warra hojjattaniif, sochii kana milkeessuuf yeroo keessan, lubbuu keessan …..kennitanii wareegama ulfaataa kan baaftaniif Galanni keessan Bilisummaa haa ta’u. Namni Bilisummaa Ummata isaaf quuqamu, waan hojiin mul’isuun madaalama. Haasaa miliyoonairra, gocha 1tu Bilisummaaf dhihoodha.
Kutaa 2ffaan itti fufa.

HORAA BULAA!

* SEENAA Y.G(2005): burqaa430@gmail.com


=>finfinnetribune