Adoolessa 30,2013 Anfilloo
Haalli kun amma illee daran hammaachaa deemuu irraan ummatis diddaa isaa itti fufee jira.
Haala kanaan Qeerroon aanaa Qeellam Adoolessa 29-30,2013 barruulee warraaqsaa mormii sirna Wayyaanee fi gochaalee farraa mootummichaa kan muldhisu maxxansaa fi alaabaa ABO bakkoota adda addaatti fannisaa jiru. Haalli kunis heddumminaan manneen barnootaa fi waajiraalee hojii mootummaa irratti waan baayyateef jecha mootummaan wayyaanee rifaatuu guddaa keessa galee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Waraqaa maxxansuu ilaalchisee. Kun yeroodhaa yerootti maxxanfamaa ture jira. Waraqaa maxxansuu irratti baayinan tahullee hanga tokko yeroo darbe hidhamuu namootaa irratti magaalaa Muggii keessatti waraqaa dhaadannoowwan :
ü Hidhamuun Keenya Garbummaatti Nun Hambisu!
ü Wayyaaneef Hin Jilbeenfannu!
ü Amantaan Garagara Tahuun Keenya Tokkummaa Keenya!
ü Oromiyaan Ni Bilisoomti!
ü WBOn Ni Injifata!
Kan jedhu waajjiralee magaalaa fi manneen barnootaa jalatti maxxanfamee jiraachuun gabaafame.
No comments:
Post a Comment