Adoolessa 22, 2013
Bifa qindoomina, sirna naamusaa fi tartiiba qabuun mormii fi dura dhaabbannoo hadhaawaa hawaasni keenya magaala kanaa fi naannoo ishii jiru adda durummaan of kennuudhaan maanguddoo, shamarran, ijoollee/daa’imman, dargaggoo fi ga’eeyyii otoo hin jedhiin heddumminaan hiriiruudhaan gamtaa fi jabinaan taasiseen walgahiin ergamtootaa fi bakka bu’oota mootummaa abbaa hirree Wayyaanee (Qaama Imbaasii wayyaanee irraa dhufe dabalatee) diigamee fashaluudhaan, konkolaattonni isaan ittiin dhufan yeroodhaaf to’annaa poolisaa jala oolanii, deggersa humna poolisaa fi qaama bulchiinsa magaalichaan Autoobisa magaalaa (City Bus) poolisnii fi bulchiinsi magaalaa qopheessetti fe’amanii karaa boroo/dudduubbee galma walgahichaan hari’amanii baqachuu danda’aniiru. Qabsoon hawaasni keenya guyyaa kanatti godhes kan ergamtoota wayyaanee kana qixxaan mormu qofa otoo hin taane sagalee, gaaffii fi kaayyoo haqa isaa fi uummata isaa qaamni poolisa naannoo, qaamni bulchiinsa magaalaa, fi kanneen biroo dhimmi akkasii ilaalus akka hubatanii shoora karaa isaanii taphatan murannoodhaan ifattti tattaaffii jabaa gochuudhaan gurra hawwatee sagalee isaa haalaan dhaggeessifachuudhaan irra aanuu danda’eera.
Ergamtootni kunis akkuma aadaa mootummaa isaanii uummata sobuudhaan sa’aa 3:00wb eegalama jechuun beeksisanii sa’aa 11:00wd irratti eegaluuf waytii isaan sochii godhan haaluma hordofaa tureen irratti qaqqabuudhaan uummatni keenya waliif labsuudhaan battalumatti mormii fi dura dhaabbannoo isaa eegale. Haaluma kanaan sabboontonni hawaasa keenyaa qaamota bifa adda addaan dhimma kana keessatti shoora qabaachuu malan marayyu mormii haqa-qabeessaan hudhanii qabachuudhaan walgahii ergamtootaa kana fashalsiisuun injifannoo seena-qabeessa galmeessisaniiru.
Dhaadannoolee dhaggeessifamaa turan keessaa: Boondii gurguruu dura mirga kabajuuti dursa, mirgi uummata keenyaa haa kabajamu, haqni uummata keenyaa haa eegamu, mootummaan Wayyaanee goolessituu dha, saamichi lafaa haa dhaabbatu, hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman, hidhamtootni dura buutota amantii Muusliimaa haa hiikaman, mirgi amantii haa kabajamu, hidhaa fi duuti uumata keenya irraa haa dhaabbatu, hayyoonnii fi barattootni keenya haa hiikaman, Oromiyaan ni bilisoomti, fi kkf fakkaatan turan.
Dhimma kanaafis hawaasni keenya magaalaa kanaa galata quddaa qaba.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Hawaasa Oromoo Edmenten, Kanaadaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
Hawaasa Oromoo Edmenten, Kanaadaa
No comments:
Post a Comment