Dhaabasaa Waaqjiraatiin
Guyyaan Irreechaa sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajame. Sagantaan sun akka xumurameen kaa ijoollee fi maatii isaanii waliin gama qe’ee isaaniitti deebi’aan; kaan immoo gara qophii isa galgalaa, kan haga halkamaa (halkan-maayessa) fulla’uuf karoorafametti imalan. Sagantaan qophii bashannannaa kun kan qophaa’e galgala keessaa haga halkan waariitti waan ta’eef, namuu suuta gara qophiitti yaa’ee dhufe.
“Bagan nagaan dhuftan keessummoota keenya, kabajamoo fi jaalatamoo!”ergaan jedhu yeroo darbu, namuu bakka jiru irraa gurra isaa gara waltajjiitti kennuu eegale. Kan duraan dubabchaature, bakkuma jirutti use, wana darbuuf jedhu caqasuu eegale.
“Waa Malli Nu Dhibe”
Sagantaa yaadannoo daqiiqaa muraasaa gochuun dura maqaaa artistoota Oromoo wareegaman tarreessuun kan eegale Artisti Tasfaayee Dhimmaa akka ibsetti, artistooti Oromoo aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf wareega ulfaataa baasaa jiran lakkoofsaan hedduu dha.
“Yeroo Afaan Oroomoon dubbachuun akka boodatti hafummaatti ilaalamaa turee fi Afaan Oromoo tuffatamaa ture keessatti waltajjiitti bahuun akka aadaa fi eenyummaan Oromoo goobanee mul’atu gahee qaraa baasaa jiran,” jedhe.
Artisti Tasfaayeen, itti dabaluunis, “artistooti Oromoo ijaa fi qaroo ummataa ta’an hedduun wareega qaalii waan baasaniif, har’a nuti bakka aknatti boonnee ittiin bashannanaa fi weellisaa jirra,” jechuun haala ulfaataa ummati Oromoo keessa taraa jiru yaadachiisee jira.
Kanneen mana hidhaa keessatti wareegaman, kanneen eelaa hidhaatiin ergamanii dhuman, kan akka Usmaayoo Muusaa, kanneen biyya Ambaatti wareegaman, kanneen biyya keessatti haala gara jabeenyaaatiin ajjeefaman keessaa haga tokko tarreessuun yaadannoon qalbii godhameefii jira.
Ittaansuunis, qophii kana irratti sirbi beekamaa fi jaalatamaa, “ Waa Mallii Nu Dhibee, Jenna Bitaa Mirgaa,” jedhu akka dhiyaatu qindeessitoota waltajjiitiin beeksisame.
Walleen kun kan durii ti; seenaa fi ergaa jabaa qaba. Bara durii san keessa waan sirbameef, haala addaan yaadatama; dhibdeen bara san ture amma illee hundeen waan hin furmaneef immoo seenaa fi ilama qabsoon saba Oromoo keessatti akka ajaa’ibaattii jaalatama; leellifama.
Mannis akkanaan gara sagantaa bohaarsaa galgalaatti ce’e.
Agarsiisa fi Shubbisa Aadaa
Asiif achi gaggaragalanii wal-lalaa, wal-mil’ataa yeroo isaaniif kenname keessatti of-mul’isanii ofirra deebi’an. Yeroo kan duraan bahee mul’ate deebi’u, kan ittaanu immoo caalatti addoomee as bahuun waltajjiichi akka miira gammachuun guutamu godhan.
Galgalli aadaa kun shubbisa Oromiyaa keessaatiin kan dabaalame yoo ta’u, sanatti aansuunis walleen aadaa fi ammayyaa haala hedduu miidhagaa ta’een dhiyaatee jira. Gidduu gidduutti seenuun gahee artistooti keenya aadaa, seenaa, afaanii fi eenyummaa saba keeyaa guddisuu keessatti bahaa jiran kan yaadachiisaa qophii bashannanaa kan qajeelchaa oolan, Aluulaa Moosisaa fi Iftuu Qaasim, immoo ummati Oromoo bakka iyuutti artistoota isaa jajjabeessuu akka qabu illee dhaamsa jajjabaa dabarsaa turan.
“Yeroo hambi haga ummata Oromoo hin geenyee waan xiqqoo qopheessee artisottota isaa gurra guddisaa jirutti sabni keenya qophii isaaf yaadamee, dadhabii fi bu’aa bahii hedduutiin qindeeffame irraa hanqachuu hin qabu,” jedhee kan dhaame Aluulaan, dubbii xiiqessaa akkanaa illee watajjicha irratti dubbatee jira.
Namuu aadaa Oromoo bahaa, dhiyaa, kaabaa, kibbaa, giddu galaa- moggaa kan aadaa fi kan ammayyaa waloodhaan shibbisaa, mirriqsaa ture.
Kessaayyuu, Artisttoti Jawwee Booraa, yeroo sirba onnee namaa kakaasu, kan akka dammaa mi’aawu, kan oggayyuu yaadaa fi qalbii namaa keessaa hin banne, kan eebbaa fi marabbaan guutameen gara watajjiitti bahe gammchuun mana keessaa dhageessisame akka hangaasuu hagayyaa gamanaa gamasii ka dilgaasee -qillesse ture.
Muuxannoo Halkamaa
Namooti sagantaa kana irratti armagamn yaada kenaniin qophiin akkanaa keessayyuu dhalooti akka deebi’ee walqunnamuu fi aadaa fi eenummaa isaa waliin jiraatuuf gahee guddaa baasa jedhan. Kana malees, waan biyya isaanii keessatti deemaa jiru karaan itti beekanii fi argatan keessaa tokko qophii bashannanaa akkanaa waan ta’eef jabaatee itti fufuu qaba jedhanii jiru.
Qophiin galgala Bashannanaa Artistoota Oromoo dararaa mootummoota Habashaa dhufaa darbaan wareegaman yaadachuuf qophaa’e kun, dhugaatti, qophii haala hedduu miidhagaa fi hoo’aatiin eegalee xumuramee dha.
Qophii akkaan miidhagaa kanaan Oromoo kanneen bohaaressan, kanneen qunnamtii hawaasummaa jabeessan, kanneen ofitti amantummaa dhalootaaf hundee ta’an, kanneen Oromoota biyya isaanii irraa fagaatanii jiran deebisanii hundee isaanii walleedhaan walitti hidhuun akka waan biyya isaanii keessa jiraniitti waaressan kanneen taasisan mara, akkuma Irreechaatti, kan galateeffachiisuu dha. Gatiin isaanii illee jabaa dha. Irreechaa Halkamaan duuba dhaamsi darbes, waan tokko kan akeekuu dha; haga tokkummaan jirutti, dhibdeen keessaa hin bahamne akak hin jirre kan ifatti mul’isee dha.
=>oromedia
No comments:
Post a Comment