Onkoloolessa 08,2013 D.Doolloo
Kana malees mootummaan Wayyaanee Oromooti mirga qabeenyummaa falmatan keessaa garii hidhaa waggaa 5nii itti murteessaa akka jiru beekamee jira. Amma akka odeessaan madheelee keenya mootummaa keessaa bahaa jiruutti mootummaan Wayyaanee jiraattota aanaa Anfilloo irra guddaa buqqaasisuun lafa qaban abbaa qabeenyaatti akka gurguruuf deemu murteessuun isaanii himama.
Haala kanaan uummanni guyyoota muraasaa asitti uummanni hunduu gara itti iyyatu dhabee dargaggoota Oromoo jiran hundatti iyyannaa keenya nuuf dhageessisaa jedhaa akka jiraniidha. Mirga qabeenya keenya falmachuu dhabneerra,yoo falmanne hidhaa fi dararaatu nu irra gahaa jira jechuun ummanni aanaa kanaa gadda guddaa keessa akka jiru gabaasaan Qeerroo aanaa kanaa addeessa.
Onkoloolessa 06,2013 gaaffii mirga qabeenyummaa gaafachuu irraan namoota hidhaa waggaa 5n 5nii itti murtaa’e nama 12 dhalootaan Anfilloo ganda Ashii fi Dullii ykn bakkuma tokkotti ganda Ashii kan tahan kanaan gaditti kan argamaniidha.
- Mulugeta Dagguu
- Birhanuu Dheeressaa
- Mokonin Dhibbisaa
- Abiyoot Hirkisaa
- Masarat Fayisaa
- Jabeessaa Taaffasaa
- Dassalee Ittaanaa
- Raggaasaa Taasisaa
- Dafeera Shuumaa
10. Lammeessaa Qana’aa
11. Bilii Solomon
12. Imaammuu Bal’inaa
Kanneen jadhaman yeroo ta’u. Namootni kun qabeenyuma dhuunfaa isaanii mootummaan weerare falmachuuf hidhaa waggaa 5n 5niin adabamanii jiru.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment