Onkoloolessa 18,2013 Dambi Doollo
Haalli Oromoon ittiin ayyaana ayyaanefatuu fi sochii guyyaa masqalaa kana irratti taasise milishoota Wayyaanee biratti yakka waan jedhaniif sabboontota Oromoo kanneen ayyaana masqalaa kana irratti argaman walitti qabuudhaan reebichaan ummataq miidhuu fi namoota 40 ta’an gara mana hidhaa Dambidoollootti akka geessan gabaasi naannicha irraa nu dhaqabe addeessa.
Haala kanaan namoonni yerositti mana hidhaatti geeffaman keessaa hammi tokko akeekachiisaan gadhiifamanii kanneen hafan sochii ABO duubaan jirtu isa jedhuun yakkamuun hanga ammaa mana hidhaa diinaa keessatti argamu. Namootni gariin deggertoota ABO jedhamuudhaan hidhamanii jiran keessaa hamma tokko:-
- Kabbadaa
- Tamam Qana’aa
- Eebbisaa Jiraataa
- Balachoo Aalamuu
- Surraa Sanbatoo
- Gadaa Mangistuu
- Tolinaa Tafarii
- Mangistu Morodaa
- Chuuchaa Shifarraa
- Taaddasaa Tasammaa
Kanneen jedhaman aanaa Hawaa Galaan irraa mana hidhaa Dambi Doolloo keessatti kan argaman ta’uu Qeerroon godinichaa gabaasa.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment