Sadaasa 26,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar
Waraanni TPLF Yuuniversitichatti bobba’uun barattoota irratti rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Wayyaaneen barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan Sadaasa 25,2013 barattoota Oromoo diddaa gaggeesitan sababa jedhuun hedduu hiraarsaanii kanneen diddicha qindeessitan jedhaman ammo nama 3 fi kanneen kaan hedduun gara mana hidhaa hin beekamneetti ukkaamsee fudhate,kanneen kunis:-
- Barataa Taarikuu Tolosaa veternary waggaa 4ffaa
- Barataa Teediroos Beezii barataa Veternary waggaa 4ffaa
- Barataa Teediroos barataa waggaa 4ffaa veternary dhalootaan naannoo Bishooftu
Kanneen jedhaman dabalatee barattootni hedduun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran. Barattooti Oromoo Yuuniversitii Goonder keessatti argaman kaanis Ilmaan Oromoo martis iyya keenya akka nuu dhageessan jechuun dabarfatanii jiru.
Gama kaaniin barattooti Oromoo mooraa Yuuniverstii keessaa bahanii magaala keessa deemuu fi afaan Oromoon haasawaa daandii irra deemuun sadarkaa sodaachisaa ta’etti yakka ta’ee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment