Maandhee Leenca Gaara Muul’ataa gamtaa Qeerroo YSTA(Yuuniversitii Adaamaa)
Gaaddisa ABO,Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Diimookiraasiifi Bilisummaa Oromoo(Qeerroo) Onkololeessaa 27/10/2013
Sagantaa keenyaa yaadannoo sammuu gootota haqaa,walabummaa biyyasaanii Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof kumaatama,dhiiraa fi dhalaan aarsaa (kitima)lubbuu kaffalaniif daqiiqaa muraasaf yaaddannoo sammuu gochuun kan eegallee yeroo tahu,itti fufnee irbuu(waadaa )Oromummaa afuura OROMUMMAAN haaressinee jirra.
Itti fufee haasawa sagantaa duunqoo qabsiisuu kabaja maandhee gaara muuldhataa kan waggaa 3ffaatu qabsiisame. Haasawatu taasifame walitti qabaa mandhichaa Jaal Marii Hordofaa Gadaati.
Kaayyoo fi muuldhata ,ABO adda durummaan fudhachuun, kaayyoon ABO kaayyoo ganamaa ifaa fi gabbataa walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof hundeeffaa fi bu’ureeffama sirriin kan aangeffaamii fi aanjeffamee qabsoo gita hin qabne diina irraatti toofta qabsoo sasalphaa irraa hanga duula hidhannootti dhaaba haqummaa fi eenyummaa Oromoof wareeggama lubbuu buuse,buusaa jiruufi hanga dhumaatti buusu tahu manni marii hoo’aa fi gammachuun badhaadhe irraatti darbarsee jira
Tarkaanfii ABO erga qabsoo hidhannootti galee buuse,dhimmoota Afaanii, Aadaa fi seenaa, abbaa biyyummaa waliin wal qabatee bu’aan dhaloonni qubee xiqqaattus argan dafqa ABO tahuu firaa miti diinnii akka ragaa bahu illeen ifaan irraatti dubbannee oollerra.
Qabxiin itti aanu hojiilee Maandheen keenyaa gamtaa qeerroo Leenca Gaara Muul’ataa yuuniversitii Adaamaa waggoota lamaan darbee raawwatee tokko tokko kaasne irraatti marii baldhaa geggessinee jirra. Kannen guyyoota kan FDG sadasaa 9 fi guyyaa gootota Oromoo Amajjii 1 kabajuufi barrulee qeerroo mooraa keessaatti bakkee adda addaatti maxxaansuun diinaa raasuufi ilmaan sabaa hamillee kaasun dabarsaa tureerra. Ayyaanlaallattuu,galttuu fi fakkaattuu diinaa waliin ergama diinaa dhimmaa Oromoo itti bobba’an tokko tokko dhaabaf saaxiluufi duraa dhaabbachaa hojii sabboonummaa dabarsaa tureerra.walumaa gala dhimma Oromoo fi Oromiyaa gaafa rakkoos ta’ee gaafa gammachuuf akka quba wal qabannuuf jaarmiyaa dhaabbatee tahuu asuma fuulleen gabaabsee ibsuun barbaada. Guca gaaddisa Oromoo,dhaaba dhiigaa ABO irraa gaaffii inni gaafatu kamiifi deebii akka taanu walii gallee,itti galuu keenyaas cimsinee hubachiisu barbaadna. Dhumarraatti bara kanatti hojii boonsaa fi fooyyee qabu dhimma qaboo irraatti waadaa Oromummaan haaressani marii keenyaa kan goolabne tahuu sin hubachiisna.
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment