Mudde 18, 2013
Kanatti ansuun Dr. Warquu Burraayyuun jabiina, laaffinaa fi carraa haawaasni oromo naannoo Phoenix qabu irratti ummata dukaa mari bal’aa gaggeessaniru. Walgahii seenaa qabeessa kanarratti hirmaattoonni walgahichaa tuta tutaan hiiramani jabinaa fi laaffina haawaasa Oromoo Phoenix akka marihatan kan taasisame yeroo ta’u sana booda bakka bu’aan tuuta (group) cuunfaa maree taasisame akka ummataaf ibsan taasisameera. Sana booda Dr. Warquun cunfaa tuuta huundaan dhiyaate walitti qabani eerga manaaf ibsaniin booda carraa jiruu ilaalchise ummata marihachisaniru.
Akka marii taasisame kanarraa hubatameetti hirmaattoonni walgahi kanaa deebi’ee ijaaramuu haawaasa phoenix irratti yaada tookkoon kan waligalan yeroo ta’u ijaarsi kuun akkammiin ta’uu akka qabu irratti gaaffi fi yaaddoon mana keessaa ka’ee erga irratti marihatameen booda koreen haarayaa ummata keessaa akka fiilamu fi koreen filamu kuniis kooree community duraani waliin gamtaan akka hoojjetu sagalee tokkoon irratti wali galameera. Haala kanaan koreen haarayaa nama ja’a of keessaa qabu kan filame yeroo ta’u koreen lameen kuun (kan duri fi kan haarayaa) akka kooree qindeessituutti waliin dalagu. Dirqamni koree qindeessitu kanaaf keennamees:
1. Seera buulmaataa (By law) haawaasa Oromoo Phoenix barreessu.
2. Walgahi ummataa biraa yaamudhaan seera kana raggaasisu.
3. Koore haarayaa kan haawaasa Oromoo Phoenix gaggeessu filachisu ta’a.
Wali galan alaa galan!!
Waldaa Dargaggoota Oromoo Phoenix
No comments:
Post a Comment