Gabaasa Qeerroo Haromaya, Gurraandhala 03,2014
Haala kanaan barattooti hedduus magaalaa keessatti rakkataa akka jiran gabaasi qeerroo Haromaya addeessa. Kanneen heddumminaan miidhamanii mana yaalaa jiranii fi kanneen arihaman keessaa sochii dargaggoota Oromoo ta’uun beekama.
Gaaffiin FDG barattooti kaasan kun har’a itti fufuun gara university Hawaasaatti tarkaanfatee gaaffii gurguddaa kaasaa jira. Kanneen gaaffii kana kaasan barattoonni Oromoo hedduus humna poolisa Federaalaan adamsamaa akka jiranii fi dallaan Yuniversitichaas humna waraana adda addaan marfamee eeggamaa akka jirudha.barattoonni dallaa lameeniis dallaa kanneen hafan maraaf iyyannoo nu qaqqabaas iyyachaa jiru.
Gabaasi dabalataa gama fuula dura itti fufa.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment