Beekan Guluma Erena irraa*
Jaarraan amma keessa jirru jaarraa qalama malee seenaa dhiigaan itti barreessanidha. Sababnisaas seenaan dhiigaan barreeffame ija waan godhatuufi. Arrabni qoraattiifi sammuu joonja’aan jaarraa 21ffaa keessatti bakka hinqaban. Sababnisaas dubbii hadhaayaa afaanii waan nama baasaniif. Warreen abashaa impaayera nuti jiraannu keessatti jaarraa tokkoo oliif seenaa Kuushiin akka hinjirre godhanii balleessuudhaan madaa hinfayyine nurratti uumaniiru.
Seenaa isaanii malee kan warra senaan isaanii Seemeetik hinta’iinii hedduu burjaajessaniiru. Keessumaayyuu Oromoo jiraataa biyya Itiyoophiyaa ta’uusaa utma beekanii, alaa galee, amantiifi biyya hinqabu jedhanii eenyummaa isaatti akkanni qaanawu taasisaa turaniiru. Har’as taanaan ilmaansaanii jijjiirama sammuu fiduu dadhabuudhaan dhimmi Itiyoophiyaa isaan malee Oromoo akka hinilaallanne godhanii qaanii tokko malee odeessu. Seenaan Itiyoophiyaa seenaa Kuushiifi seenaa Oromoo akka ta’etti tasa hin amanan.
Seenaan Nafxanyootaa bara Minilikii, bara Hayilesillaaseefi Dargii guyyaa guyyaaatti rakkina uumaa jiru; nutu caalaa Nafxanyootaati malee maalummaafi seenaa Oromoo wajjin waan wal qabate miti. Har’as taanaan hololli nutu caalaa yookiin Nafxanyoonni kun egaa har’a kan isaan barbaadan Itiyoophiyaa barbaadan dhaabbachuudha. Jarreen kun egaa Oromoos ta’e uummata kibbaa qabeenya isaanii malee isaaniin hinbarbaadan. Shirri Nafxanyootaa kana qooqa ittiin ibsinutu nurakkisa. Yeroo Oromoon cunqursamee lafti isaa irraa fudhatamee aadaansaa wanjoo jala gale, akkasumas seenaa sobaa irratti fe’ame jalaa bilisa ba’uuf ofiikootiinan ofbulcha jedhee yeroonni ka’u, ‘Gaallaan maalta’eetu’ jedhanii arrabsoon mogolee isa buusu.
Biyya bulchuun nuuf kenname isinimmoo nujalatti bitamuudha; carraan keessani jechuun Waaqa wajjin walloluudha jechuun akka waan Oromoon Waaqa malee uumameetti soba guyyaa saafaa amantii isaaniin da’ate sanaan sammuu nu hadoochaa turaniiru. Itiyoopiyaan qomoo kanaan haabitamtuun seera Waaqarraa dhufe utuu ta’ee nutis warri lafattiirra jiraannu beekuu qabna turre. Kanaafuu jarreen warra nutu caalaa kanaaf goonkumaa hinmijatu. Ummanni bittaa kana jala jiru cunqursamuusaa akkanni hin hubanne gochuudhaan biyya, aadaafi afaan boonsaa utuu qabuu mataa buusee jiraachuusaa ilaalee dhalooti hincallisne hindhibamu. Ammas ta’e durattis qabsoo eenyummaa Oromootiif goototni qabsaa’an lakkoofsi bira hinga’u.
Haaluma wal fakkaatuun uummata Oromoofi sab lammoota Itiyoophiyaa keessa jiraatan irra cunqursaa qaqqabu ilaaluu jibbuudhaan bittootaafi miiltoosaanii wajjin wal falmuudhaan saba isaaniif jedhanii kan wareegaman hedduudha. Barreefamni kun seenaa nama uummatasaa cunqursaafi bittaa jalaa baasuuf dhimmaa ture garuu waa’een isaa hedduu hindhagayamin irratti xiyyeefata. Namni kunis Baaaroo Tumsaa jedhamuun beekama. Innis seenaasaafi seenaa uummata balla’aa Oromoo dhiiga isaatiin katabee darbe. Baaroo Tumsaa bara 1942 lixa Oromiyaa godina Wallaga lixaa naannoo Gimbii ganda Karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa Obbo Tumsaa silgaafi harmeesaa Aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate.
Abbaan isaafi harmeen isaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obboloota isaa lamaan Raaheelfi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa Obbo Guddinaa Tumsaa hojiidhaan magaalaa Naqamtee keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessa isaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa Naqamteetti gatiittiitti baatanii isa fidan. Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaafi 2ffaa achuma magaalaa Naqamteetti erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo Kolleejjii Waldaa Makaane Yesuus Bishooftuutti argamurraa xumure.
Itti aansuudhaan Yuunivarsiitii Haayile Sillaasee 1ffaa jedhamuun beekamurraa barnoota Faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin Yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa Yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen Oromoo muummee barnoota addaa addaarrtti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 Waldaa Yunivarsiitii Kolleejjii Finfinnee irratti pireezedaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo Waldaa Waliigaltee Yunivarsiitii Finfinneerratti barreessaa ta’uudhan hojetaa ture.
Baroota kana keessatti baay’inni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii keessatti haaxiqatu iyyuu malee, arruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota Yunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka Maammoo Mazammirfaa wajjin ta’uun Waldaa Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera.
Finfinneefi magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘Lafti Qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra Nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo Oromiyaa keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo Tumsaa ture. Goota humna dargaggootaa ijaaruun sirna Nafxanyootaa barbadeessuuf kutatee ka’e.
Jijjiiramni inni fides Oromoo qofaaf utuu hinta’iin, bittaa warra abbaa lafaa jala turan hundaaf akka ta’e seenaan ni dhugoomsa. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf ana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera.
Haalli Baaroofi garee hojjetootaa kanaa namootni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyaniiru. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa Oromoorrti miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni Oromoo walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni Oromoo bakka maree akka hindhabneef ‘Waldaa Dhaaba Dhidheessaa’ jedhu uume. Mul’anni Baaroo keessaa finiinaa ture sun boqonnaa waan isaaf hinlaanneefiif yoo isaan karaa tokko cufan inni ammoo karaa biraan mala dhaha malee sodaachisiifamuu abashaa kanaaf goota hinjilbeenfanne ture. Faayidaalee yeroo qabsoo bilisummaa Oromoof jedhee dhabes homaa tokkottuu hinlakkoofne.
Baaroo Tumsaa sochii hedduu taasise cinatti bara 1964 Aadde Warqinash Bultoo wajjin bultii ijaarrate. Aadde Warqinash Bultii biyya Eertiraa keessatti dirqama loltummaarra utuu jiranii bara 1982 loltoota amanamoo Mangistuu Haayilemaariyaamiin ajjeefamani. Aadde Warqinash Bultoo obboleettii Jeneraal Demisee Bultoo yommuu ta’an, abbaan isaanii Obbo Bultoo Ejersaammoo Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti miseensa turani. Cidhi Baaroo Tumsaa Oromoota sadarkaa hojii adda addaarra bakka adda addaarra jiran hundaa biratti haala ho’aadhaan waan kabajameef diina biratti akka sochii siyaasaatti fudhatamee isaan sodaachisaa ture. Dargaggeessi lammiisaatiif akka guddaatti inaaffaa garbummaa hunkuteessuuf qabatee ka’e kun tarkaanfii diinaa kan itti caalchisaa deemeefi akka malee sodaachisee gara isa dhabamsiisuuf ka’ame sochii bara 1966 ka’e akkanni karaattti hafuuf gumaacha taasisera. Amma ammaatti saba Oromoo hedduu biratti akka gaariitti kan dubbifamuufi jaallatamu (The Oromo Voice Against Tyranny Document 1971) kan jedhu garee hojjetootasaa wajjin namoota hedduu bira akka ga’u taasiseera.
Barreeffamni kun gara afaan Amaaraattillee hiikamee dubbifamaa ture. Kan inni barruu kana raabsaa tureefimmoo waan Waldaan Maccaafi Tuulamaa cufameef Oromoota jajjabeessuuf qofaa utuu hintaane, baroota dheeraadhaaf cunqursaafi dabaa saba Oromoorra ga’aa ture barruun kun ofkeessatti waan qabattee jirtuufidha. Dararfamaafi cunqursaa tureef jiru saba Oromoo ittiin bariisuuf jedheetu. Baaroon bara 1972 tti Afaan Oromoo akka qubee laatiiniin barreeffamuuf Hayilee Fidaa wajjin qo’atee yeroodhaaf gaazeexaan ‘Bariisaa’ jedhamu qubee saabaatiin akka maxxanfamu taasisaniiru. Garuu utuu hinturiin mootummaan dargii itti inaafuudhaan fuudhee ministeera beeksisaa jala galche.
Har’a gaazeexaan Bariisaa faayidaa siyaasaatiif jedhamee kan qophaawu malee faayidaa eenyummaa saba Oromootiif jedhee miti. Baay’inaan waa’ee eenyummaa Oromoo irrattis kan hojjetaa jiru miti. Maqaa kana qabatee gaazexaan bahaa jiru garuu ammayyuu biyya Oromiyaa keessa jira. Qubee Afaan Oromoo har’a sabni Oromoo itti fayyadamu Baaroo Tumsaafi Hayilee Fidaafaatu bara lubbuun jiran qopheessani. Bara 1973 qabsoon Oromoo akka inni sadarkaa olaanaarra ga’uuf kaayyoo balla’aa baasuudhaan wiirtuu Qaama Qindoominaa yookaan ‘Central Coordinating Body’ dhaaba jedhu hundeesseera. Kunis immoo turee dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo jedhutti jijjiirameera.
Bara 1974 daba mootummaan Hayile Sillaaseefi jaleensaa uummaatarratti geessisaa turan qaamni qoratu hundaa’e. Kana keessattis Baaroon miseensa ta’ee akka hojjetu erga taasifameen booda namoota Oromoo hinta’iniin rakkoo keessa galafamuuf tureera. Garuu rakkoo isaan Baaroorratti qopheessan kana namoota miseensa Dargii turaniin karaatti hafeera. Baaroon dhaabbata siyaasaa bara sana keessatti hundeeffaman hunda dhiisee saba bara mootummaa Haayile Sillaasee cunqrsaan irra ga’aa ture hundaa kan ofitti haammatu dhaaba Wala’ansoo saba balla’a unqursamoota Itiyoophiyaa ‘Ye Itoophiyaa Ciqunooch Abiyootawwii Tigil’jedhu hundeesse.
Dhaabni kunis saba Oromoofi sabaafi sablammoota cunqurfamoota byyattii kan ofkeessatti haammate ture. Isaan booda Dargiin yeroo jabaachaa deemu oftuulummaasaa dabalaa deemuun dargiin dhaaba ‘EMALEDHI” jdhaman diiguutti kaanaan Oromoonni baay’een gara qabsootti seenuu jalqaban. Bara 1974 tti hundaa’ee baha Oromiyaa keessatti soch’aa kan ture Dhaabbati Bilisummaa Oromoo qabsaa’ota hedduu horachuu danda’ee ture. Baaroonis qabsoo kanatti seeenuudhaan gara bahaatti deemee geggeessummaan hojjetaa utuu jiruu bara 1977 tti lubbuunsaa darbe. Duutii Baaroo umurii gabaabaafi akka tasaa dhaaba Adda Bilissummaa Oromoofi uummata Oromoo akka malee naasiseera; miidheeras. Dargaggeessi umurii waggaa 35 tti diinaan ajjeeffame kun bara hundumaa godaannisa hindagatamne saba Oromoo irratti maxxansee jira. Diinni oldeemtota Oromoo karaatti hambisuun isa duras ta’ee isaa asitti kan itti fufaa turedha.
Akkaataa du’asaa ilaalchisee saba Oromootiif odeeffannoon hinkennamne. Haata’u malee, du’a Baaroo Tumsaan booda namootni yeroo sana turan geggeessummaarratti dandeettii dhabuu qofaa utuu hintaane, ejjennoo dhabuusaaniirraan kanka’e dhaabasaaniitiifis ta’e uummatasaaniitiif ta’uu dadhabuudhaan ummata qaanessaniiru. Kaayyoo inniifi kan isa fakkaatan itti wareegamaniif xiyyeeffannoo guddaan hinkennamne. Har’a sammuufi dandeettiin uummata Oromoo yeroo kamirrayyuu caalaa akka malee guddachaa jira. Dargaggoonni Baaroo Tumsaa bakka bu’an Oromiyaa keessaa biqilanii jiru. Dhiigi Baaroo Tumsaa, Guddinaa Tumsaa, Magarsaa Barii, Jaagamaa Badhaaneefi dhiigi goototni Oromoo hedduun bilisummaafi dagaaginaan guutuummaa Oromiyaa keessa walgayee jira. Seenaan gootota Oromoo sirna diddaa garbummaatiif qabsaa’aa turanii bara baraan gabatee seenaarra hindhabamu. Dhiigni dargaggoota Oromoo harka diinaatiin dhangalaafame bilisummaa goolee bantii lafaa hundarratti finiinu argamsiisuu akka danda’u firaafi diinni Oromoos wallaala natti hinfakkaatu.
Nama cimaa kan turaniif Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessatti geggeessummaan hojjetaa utuu jiranii Mootummaa Hayile Sillaaseetiin hidhamanii rukkuttaan gidirfamanii lubbuun isaanii waxabajjii bara 1962 umurii waggaa 58tti kan darbe seenaafi ergaa Obbo Hayile Maariyaam Gammadaatiinan barreeffamakoo kana xumura. Utuu lubbuun isaanii hindarbiin dura hiriyoota isaanii mana hidhaa keessa jiran wajjin turaniin, an kanaan booda fayyee isinii wajjin jiraachuu akkan hindandeenye beeka; garuu kun ergaakoo isa xumuraati jechuun dubbiisaani akka arman gadiitti dubbtan. Jechi Maccaafi Tuulamaa jedhu akka ‘Bofa garaa namaa keessa galeeti; nuuf bofti sun ba’us ba’uu dhiisus summiisaa waan facaaseef, summiin sun nama keessaa ba’uu hindanda’u; nutis akkuma kana inni nukeessa seene kun nukeessaa ba’uu hindanda’u; qabsoon nuti amma jalqabne kunimmoo dhala dhala keenyaan bakka ga’a malee karaati hinhafu jedhanii torban kana dubbatanitti lubbuun isaanii darbite. Har’a kunoo guutummaa Oromiyaa keessatti dhalataan Oromoo barate seenaasaa akka qoratuufi ifa godhu akkasumas utuu akka jabaa diinaan oofamuu lafasaa qabatee akka jiraatu kan taasise dhiiga ilmaan Oromoo kaleessa dhangala’e sanadha. Bittaa abbaa lafaa jalaa baanee bittaa siyaasaa jala hin seennu. Qabsoon walharkaa fuudhii waan ta’eef, har’arra bori akka wayyu dagachuun nurra hinjiraatu. Warreen har’a carraa argannee lubbuun lafa kanarra jirru qabsoo barnootaa, siyaasaa, dinagdee barreessuu keessatti qooda nurraa eegamu fudhachuu yoo baanne dhiigniifi lafeen isaanii dhangalaes ta’e caccabe sun boqonnaa nu dhowwata. Seenaanis duuba deebi’ee nutaajjaba. Qabsoon itti fufa, garboomfataan nikufa akkuma jedhamutti garbummaan wallaalummaafi of wallaaluu akkasumas garbummaan hiyyuma gama hundaa nurraa haa hunkutaa’u jechuudhaanan barreeffamaakoo kana ammaaf xumura!
Galatoomaa!
* Beekan Guluma Erena: PhD Student at the Addis Ababa University – Documentary Linguistics and Culture Department; Email: beekanguluma@gmail.com
=>gadaa
No comments:
Post a Comment