Friday, March 21, 2014

Buqqifama Oromoota Shaggarii fi Naannoo Isaa – Kutaa Sadaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa*-
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kutaalee lamaan dabran akka argattanii dubbiftan nan abdaddha. Xumura kutaa lammaffaa keessatti, kunoo akkana jedheetan buleeyyu: “Kutaa isa kanatti aanu keessatti waayee seenaa Oromoo Gullallee waggaalee hedduu dura walitti qabe keessaan waa isinitti qicaa, mee hammasitti nagaa fi nageenyi qeyee hunda keessanii irraa hin dhabamini!” Ilaamee, amma akkuma jedhame kanatti kallachumaan inni jedhame kun jalqabamaa, yoo yeroon fi wanneen biroo isiniif hayyaman mee duukaa-bu’uuf yaalaa!
SEENSA
Akkuman kanaan dura barreeffatoota kiyya garii keessatti deddeebisee ibse sana, Oromoonni kalachumatti daangaa Biyya Habashaa wajjin qaban, bara akkaan dheeraa tahe, waraana weerartoota Habashaa ofirraa ittisaa turani. Gaafiin: “Oromoonni kun eenyu fayi?”, jedhu dhiyaachuun isaa waan ooluu mitii, mee amma eenyu faa akka isaan tahan ibsama. Oromoonni duris, harras qarmammeettii-tti daangaleen isaanii daangaa Habashootaa wajjin waltuqu Oromoota: Raayyaa fi Asibuu, Walloo, Tuulamaa keessaa (Bacho Kaabaa, Jirruu, Abbichuu, Darraa, Jaarso Salaalee, Kuyyuu, Jidda, Galaan, Ada’a Waayyuu, Ada’a Liiban, Jillee Kaabaa fi Gimbichuu faa), Macha Bahaa keessaa Torban Kuttaayee, Calliya, Torban Guduruu, Jimma Raaree,  Kudhalamaan Horroo  fi Amuuruu fayi. Oromoonni kun gara waggaalee 300 olii akka dallaa sibiilaatti waraana warra Habashaa dura dhabatanii ofi irraayyis, Oromoota biroo irraayyis, dabraniituu uummatoota Kibbaa hedduu irraayyis dhoorkaa turani. Isaan warreen kanaa olitti kaafaman kanneen irraayyi waraana Habashaa dhoowwina jedhanii otoo hin taane, isaan ofuma irraa dhoowwuu sanatu mataan isaa weerartoonni kun warreen jedhaman kana akka hin qabamneef ittisaa ture.
Haatahu malee, bara 1868 irraa kaasee dallaan sibiilaa sun waan humna Habashootaa kan meeshaa Oroppaa irraa maqaa Kiristaanummaatiin argatee fi leenjiftoota-waraanaa, riqicha-tolchituu fi kaarta-qartuu warra Oroppaatiin gargaaramee dallaa sibiilaa kana olitti ibsame san cabsuu dandaye. Oromoonni kun Minilikiin cabsamanii qabamuun Oromoonni biroo fi uummatoonni Kibbaa akka cabanii qabaman taasise. Keessumaa erga akaakayyuun Minilik kan Sayila-Sillaasee jedhamu akka namoonni Oroppaa biyya isaa seenaniif karaa baneefii: imaltoonni, daldaltoonni, misiyoononni fi jabdooteewwan (“adventurers“) hedduun Biyya Habashaa isa karaa kanaan jiruu, gara Manjeetti yaa’aa turani. Inni yoo xiqqaate waggaatti yeroo lama Oromoota Tuulamaa: Abbichuu, Jirruu, Darraa, Salaalee, Bacho Kaabaa, Jillee Kaabaa, Gimbichuu, Galaan, Meettaa, Muloo (Sululta), Gullallee, Aabbu, Ada’a Liibanii fi Eekkaa faatti duulaa ture. Kun kan inni gaggeessaa waraanaa tahee, abbunni taabota baachisee duukaa-yaa’u malee, inni abbootiin duulaa (“raasonni“) duulchisan waggaatti jahaa torba faa ture. Namoota Oroppaa kanneen qeyee Saayila-Sillaasee turan keessaa gariin fakkeenyaaf, kan akka Major Harris (nama Biritaaniyaa guddoo), J. L. Krapf (nama Jarmanii) faa duukaa-deemuun oggaa warranni Habashaa kun qeyee Oromoo fi midhaanillee oobruu (maasii) keessatti ibiddaan barbadeessu, loonii fi fardeen kumaa hedduun lakkaawaman boojiyatu, namas gabaa baasee gurgursiifachuuf qabatu: ijoollee, dubartoota, daddhabdootaa fi dhukkubsatoota daggalaa fi tusii keessa dhokatanillee qabsiisee gorraasisu jarreen kun arguun barreessanii jiru.*
SEENAA OROMOO GULLALLEE
Warri abbootii ibiddaa, warri abbootii gabraa, warri abbootii qawwee kun, eekaa mootoliin Amaaraa garri irra caalan silaa shiftootaa, silaa gaadduu fi saamtuu dhaa, Biyya Oromoo isa Shaggar irraa gara kaabaatti argamu guubaa, barbadeessaa oggaa daangaa Oromoota Kurnan Gullallee gawuuf waa hafu, silaa Oromoonni naannoo kanaa marti oggaa san sirna gadaatiin buluu, yaa’iin Kurnan Gullallee hatattamaan waamame. Yaa’iin seena-qabeessichi kun wiirtuu Finfinnee Shaggar, bakka durattumaa yaa’iin Gullallee itti-tahutti ture. Bakki kun Tulluu Daalattii kan jedhamu iddoo amma silaa Mallas Zeenaa sokkee, amma Hayila-Maaram Dassaalany taa’ee, ajajaa fi abboommii warra Wayyaanee fixaan-baasu kana, isa afaan warra abbaa qawweetiin “Taallaaquu Beetamangist” jedhamu.**
Yaa’iin Gullallee guyyaa guutuu wal-mariyaachaa oolee, booda sagalee tokkoon waraana Minilik dura dhaabachuuf murtii dabarse. Yaa’ii sana irratti yaada lamatu wal nama falmisiisaa ture. Inni tokko: “Sidaamni nuti dur eeboo fi wantaan (gaachanaan) ofirraa ittisaa turre, amma miya waraanaa Biyyoota Faranjii irraa argateen nutti dhufaatoo jira. Nuti garuu miya waraanaa kan akka eeboo fi wantaa faa malee, homaayyuu harkaa hin qabnu. Kanaaf, odoo hin lolin harka-kennannee wanna tokko tokkorratti waliigalu dandeenya. Waraanni Oromoota biraa kan nurra jajjaboo Abbichuu fi Galaan faayyuu moyamanii jiru.”  Yaanni inni lammafaan garuu, “waanuma qabnuun dura gorra malee, diinatti harka hin keennannu. Oromoon diinatti harka keennatee hin beekuu, nuti kana gochuun maqaa Gullallee, maqaa Tuulamaa dabrees maqaa Oromoo hin balleessinu!”, kan jedhamu ture. Booda guyyaa guutuu wal-mariyachuu fi wal-amansiisuun sagalee tokkoon dura dhaabachuuf murtiin dabarfame.
Murtii yaa’ii seena-qabeessicha kanaa keessaa gariin Ernisto Cerulli: “The Folk-Literature of the Galla of Southern Abyssinia, Cambridge, 1922“, keessatti barreeffamee jira. Inni kanaa gaditti isiniif dhiyeeffamu garuu, kanan Oromoota Gullallee fi Oromoota ollaalee isaanii: Aabbuu, Eekkaa fi dabrees Oromoota erga Oromiyaan qabamtee asii dubbii, gibraa fi “waltaraa“-f Shaggaritti marmaaraa turan, kanneen gosaan Jahan Bachoo fi Afran Walisoo tahan irraan dhagayee walitti qabeeyyu. Namoonni kun Shaggar gayuuf, keessumaa ganna-ganna guyyaalee lamaa fi sadii faa isaan irraa fudhata ture. Otoo wiirtuu Shaggar hin dhaqqabin gandeen warra Gullallee keessa waan dabraniif yookaan bulaniif, gariin isaan wajjin firummaa hundeeffatu ture. Egaa, kanaaf namoonni Bachoo fi Walisoo kanneen akkanaa kun, seenaa Oromoota Gullallee akka gaariitti beeku. Naannoo kana: biyya Jahan Bachootti,  Sadeen Sooddotti, Afran Walisootti, Jahan Ammayyaatti, Torban Kuttaayeetti, Sadeen Aabbuutti, Afran Abbichuutti, Jahan Galaanitti, maarree Tuulama guutuu fi Macca Bahaatti harrallee namni sirba geerrarsaa fi dhiichisaa keessatti maqaa jagnicha Oromoo Gullallee, maqaa Tufaa Munaa kaasuun sirba. Oromoota Gullallee gabroomfatoonni Habashaa isaan duris, isaan hardhas dachee isaanii irraa buqqisanillee maqaan isaanii buqqifamee hin bannee kunoo ni jira.
Egaa, isa kanaa gadii kana waanan kanaan dura, kitaabee “MANDIISUU” jedhamtu irratti baaseefan isuma keessaa waa isiniif tuqa. Ilaamee akkana jedha, murtiin yaa’ii Oromoota Gullallee bara sanaa (1875) inni walaloo-dhaan dabarfameeyyu***:
Koottu,
Dhufe, Akka ati dhufte,
Nagaan biyyattaa dhufu,
Toltuun warrattaa dhufu,
Kormi gorbattaa dhufu,
Midhaan qeyeettaa dhufu!
Tume seera,
Muree seera,
Seerri seera Gullalleeti,
Seerri seera Tuulamaati,
Seerri seera abbootii Oromooti,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!
Luugama fardarraan baasin,
Meendhacha harkarraan baasin,
Kan dhufaa jiru diinaa,
Diinatti harkan kennatin!
Dhakaa kattaa tayii,
Dura jaajji,
Wantaa baldhaa tayi,
Dura jaajji!
 Tume seera,
Mure seera,
Hin darbatamu,
Hin dagatamu!
Kurnan Gullallee murtee kana dabarsee, kutannoo daran jabaadhaan waraana Habashaa isa ibidda tufaa, margaa-muka, sa’aa-nama barbadeessaa deemu sana dura dhaabate. Booda dubbiin dubbii meeshaa waraanaa isa kan ammayyaatii, akkuma uummanni keenya jedhu sana “qawwee ibiddaatiin” gubatee moyamuu dandaye. Kutaan kun akka nutti hin dheeranneef, asuma irratti dhaabuun bullaa, mee nagaa fi nageenyaan naa bubbulaa!
============    Hubachiisota Miiljalee    ============
* Barroolee Faranjoota kana lamaanii dubbisuun hedduu barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, Krapf Afaan Oromoo qubeedhuma (fidaluma) Saabiyaa (warra Gi’iizii) sanan barreessuu jalqabeet ture. Garuu, lubeewwan (qeesonni) Amaaraa daran isa rakkisani. Akka lammata gara Manjeetti hin deebinellee kan mooticha isaaniitti himuun dhoowwisiise abbootii bataskaanaa kana. Inni Biyya Oromoo isa karaa kanaan jiru, Oromiyaa seenuu dhoorkamnaan gara Biyya Oromoo isa Keeniyaa keessaatti qajeeluun, qorannoo isaa itti-fufe. Hubaddhaa, jarri kun oggaa sana, bara 1838 faa irraa qabaniiti kan farra Afaan Oromoo fi farra Oromoo tahaa deemani.  Major Harris yommuu Amaartonni Habashaa Oromoota Tuulamaa irratti gara-bineensummaa isaanii agarsiisan sirriitti ijaan argee kitaabe. Dabaleesoo, barreeffata obboleessi keenya Barachiis (Pirofeesar) Makuraa Bulchaa nuuf dhiyeesse mee ilaalaa! a) J. L. Krapf: “Travels, Researches, and Missionary Labours, 1858″, b)  Major Harris: “The Highlands of Aethiopia, 1844″, c) Mekuria Bulcha: “A DECADE AFTER THE ABORTED OROMO EVICTION FROM FINFINNEE - A Persistent Story of Expropriation, Humiliation and Displacement“, Gadaa.com, isa gaafa 10. 01. 13. 4) Tamene Bitima/ Jürgen Steuber: “Die ungelöste nationale Frage in Äthiopien -  Studie zu den Befreiungsbewegungen der Oromo und Eritreas“, 1983.
** Tulluun seena-qabeessichi kun waan mukkeen isarra turan keessaa, kan akka heexoo faa bona-bona baalli fi midhaan baala sana irra jiru faa daalachaawanii muldhataniif, “Tulluu Daalattii“, jedhame. Akkanuma bakki loon Gullallee hammi tokko oolaniiyyu, urufni keessa oolan sun dhooqee loonitiin (faltiidhaan) dhoqqaayeef, iddoon sun: “Urufa Boombii” jedhama ture. Achi boombiin silaa akkuma nuti damma jaalannu dhooqqee loonii jaalattii, urufa sana keessa uursaa oolittiyyu. Warri abbaa geeddaraa isa kanas geeddaruun, “Jaan Meedaa” jedhaniini. Maqaa baasudhaan eenyutu Oromoo keenyaan morka-ree? Mee warri Shaggar shaggaa biyyaa kana beektan takkaa boombii, “Jaan Meedaa” isaanii kana keessatti agartanii beektuu? Jarri kun akkuma namoota keenya fixan sana: boombii keenyas, leenca keenyas, gafarsa keenyas, arba keenyas, mukkeen keenya faas lafarraa duguugani.
*** Taammanaa Bitimaa: “SEENAA OROMOOTA FINFINNEE SHAGGAR“, MANDIISUU, Hidhaa 6, Lakk. 1, Bitootessa 2004, fuulee 10-29.
Tamene Bitima: “ON SOME OROMO HISTORICAL POEMS” – in, PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325.
———————–
*- Taammanaa Bitimaa: gurree@web.de

No comments:

Post a Comment