A/salam Ali
Du’a Ulfaattuu
Duutii hunduu ulfaattu jechuun keessan ni mala. Ammoo duutii nama ummataa dalagee, tilmaama guddaa ummataa dhiisee, bira dabreetis ummata faarsee, dhugaa isaa bifa qabatamaa ta’een mul’isee fii mirga isaatiif diinaan mormuun falmatee du’a goddotti laalamati.
Dr. Baxter isaa ganna soddomaa gadii jiru ummata Oromootiin wal baree walitti hidhame. Bara 1950 irraa jal qabee waanuma ummata Oromo osoo dubbatu, barreessu, bakka danda’etti osoo mormuu fii falmatu guyyaan isaa ga’e boqate.
Duuba du’a nama kana fakkaatu akkamitti laalla …? Aadaa Oromo keessatti duuti nama guddaa gaachena hedduu qabdi. Uffachiisanii, weeddisanii, fardaan garmaamanii, meeshaa waraaniitiin doochisanii, eebbisanii, dhaamatanii … guyyaa bareechesani geegessan.
Dr. Baxter nama awwaala akkasii argachuun male jechuu kiyya akka ta’e ifa gala. Ammaaf yaanni isaa nu wajji tura, ulfinna isaa barriin dheeraaf nu keessaa calaqqisaa deema; … gaafa guyyaan mirga Oromo guututti mul’ate itti deebina.
Jalqaba Oromo baruu:
Dr. Baxter waa’ee Oromo qorachuuf hamilatee, biyya ‘Ethiopia’ seenuuf mootummaa zamana H. Sillaasee gaafate. Hiree biyya san seenee qorachuu dhooggatanii mala birootiin ummata Oromootti ba’uu yaaduu jal qabe.
Dr. Baxter waa’ee Oromo qorachuuf hamilatee, biyya ‘Ethiopia’ seenuuf mootummaa zamana H. Sillaasee gaafate. Hiree biyya san seenee qorachuu dhooggatanii mala birootiin ummata Oromootti ba’uu yaaduu jal qabe.
Kana booda biyya ‘Kenya’ bara 1952-3 keessa naannawa ‘Marsaabeet’ tiifii ‘Solooloo’ tti qoranna sirna jireenna Oromo godhe ragaa doktarummaa (PHD) isaa itti argate.
Kana booda, erga barriin dheeraaf irraa ture booda bara jahaatamman jal qaba keessa biyya (Ethiopia) dhaqee naannawa ‘Kofale’, kutaa ‘Arsii’ keessa qubate.
Asitti warra biyyaatiin walitti ba’ee, jiruu isaanii fudhatee warrooma uummate. Akka afaan isaatiin naa himetti akka aada Oromootti,… lammii biyyaa ta’e. Maqaan ittin waamamu, … maqaa ilma isaa hagafaa dabalatee, … (Abbaa Tiim) ta’ee moggaafame. Kanaa achittis ko’ummaa irraa akk ba’u yaadamee akka sirna gadaattii namoota gadaa isaa keessa turan wajji akka hiriyyoome yaroo wajji dabarsu gorfame, … (isaan keessaa Balambaras Waaqoo Turi … Goofingiraa tokko).
Mana isaanii dhaqee buluu, wajji nyaatee dhuguu, uffata akka isaanii uffatuu, ulee qabachuu, weedduu horii weeddisuu, … kkf gochuu aanse. Haalli kun ummata keessa seenee akka qoratu godhuu alatti jaalala guddaa isaa argamsiise.
Yaroo kanatti barruu gara garaa akka weedduu aadaa, waa’ee sirna ateetee, waa’ee hormaata loonii laaluu fii sirna gadaa laalu hubata gahaa wajjiin barreessuu danda’e.
Gama birootiin afaan Oromo barachuuf hedduu itti dadhabee hubannoo afaanii gahaa argate. Kun dhugaa ta’uu haasa’a inni godhaa ture keessatti xiinxalluun ni danda’ama. Kana malee barruudhan isaa keessatti jechoota afaan Oromootin hedduu akka gargaarame guddisee muldhata.
Ammoo Ka kana hundaa caalu “jaalala inni ummata Oromooti qabaata turee fii hawwii inni barriin dheeraaf baataa ture”. Mirgi ummata Oromo guyyaa tokko akka guutamuu fii argamu mamii hin qabu ture.
Kanaan wal qabatee rakkinni Oromo keessa jiru hedduu ta’uu guututti nama xiinxallee hubate ta’uun isaa irraa mul’ata. Kana keessa tokko akkaatan sirni ‘Habashaa’ ummata Oromo itti dhuunfate xaxaa hedduu akka qabuu fii keessaa alaan akka rakkinna fiduu danda’u xiinxallaa qabu kaasee dubbataa ture. Qabxii tana kana caala bal’isee ibsuuf bakka hin qabu … kanumaan bira dabra.
Dr. Baxter nama alagaa ummata Oromootii yaadda’u keessaa ka hangafaati. Erga biyya isaatti deebi’en booda qormaata isaa babal’isuun akka ilmaan Oromo rakkinna jiru ummata isaani hubatan nama godhe. Barattoota Oromo baruumsaaf biyyaa isaa dhaqan … akka waa’ee ummata isaanii irratti xiyyeeffatan tattaaffi guddaa nama godhe. Kana gochuun isaa ceekuu dabalata waan argamsiiseef, mormii ilmaan ‘Habashaa’ qabsoo Oromo irratti godhaa turan madaaluu fii xiqqeessuf karaa banaa dhufe. Bifa kanaan human jirtu walitti harkisuun bu’aa hedduu argamsiisuun hin mormisiisu.
Dhiibbaa barattoota Habashaa:
Barattooni habasha bifa gara garaatiin yaada inni dhiibaa ture (waa’ee Oromo) dura dhaabbata turan. Dhiibbaan kana fakkaatu caalatti isa jabeessaa akka dhufe haasa’a inni godhaa ture keessatti ni mul’ata. Haalli kana fakkaati lakkuma ilmaan Oromo seenaa ummata isaanii tiif mormataa dhufaniin laaffata deeme.
Barattooni habasha bifa gara garaatiin yaada inni dhiibaa ture (waa’ee Oromo) dura dhaabbata turan. Dhiibbaan kana fakkaatu caalatti isa jabeessaa akka dhufe haasa’a inni godhaa ture keessatti ni mul’ata. Haalli kana fakkaati lakkuma ilmaan Oromo seenaa ummata isaanii tiif mormataa dhufaniin laaffata deeme.
Keessattu OSAn ijaaramuun fii hayyoonni Oromo isa jalatti gurmaa’uun jijjiirama guddaa argamsiise. Hayyoonni Oromo soda malee akka yaada ‘Habashootaa’ dura dhaabbatan hiree hagana jedhamne akka uume Dr. Baxter dubbataa ture.
Lakkuma Oromoonni xiinxallaa isaanii yaada moromaa barattoonni ‘Habashaa’ godhan irratti xiyyeeffataa dhufanii fii hawaassiin Oromo biyyoota gara garaa keesatti ijaaramaniin; … hamilee fii hawwiin namoota alagaa Oromoof falmanii jabaata dhufe.
Ifaajeen Dr. Baxter barriin dheeraaf godhaa dhufe lafatti hin badne. Eddumaa dacha marguun haga ardha barattootaa fii hayyoonni ‘Habashaa’ sodaatanii fii gaabban gahe jechuun ni danda’ama. Haata’u malee ammallee karaa dheeratu nu eeggata. Kana nu hundinu ni hubanna jedhee laala.
OSAn bara 2010 keessaa hubata guutuu wajjiin badhaasa Dr. Baxterii kennuun ni yaadatama. Kun waan hedduu ilmaan Oromo boonsaati. Isaafis of duuba deebi’ee yoo laalu hara galfata akka ture ni hubatama.
Imala Austraaliyaa :
Dr. Baxter bara 1989 keessaa magaala ‘Melbourne’ akka dhufu hawaasa Oromo tiin afeerame. Isa wajjiin Profesaroonni (Hamdeessaa fii Mohamad Hassan) akka dhufan godhame bu’aa guddaa hamilee Oromootii argamsiisan.
Dr. Baxter bara 1989 keessaa magaala ‘Melbourne’ akka dhufu hawaasa Oromo tiin afeerame. Isa wajjiin Profesaroonni (Hamdeessaa fii Mohamad Hassan) akka dhufan godhame bu’aa guddaa hamilee Oromootii argamsiisan.
Hawaasni Oromo guutumatti akkasuma namoonni dhuunfaan isa beekan akka gadda kanarraa hedduu rifatan bir’aa hin qabu. Ammoo seenaan isaa tiifii argatan jedhee yaada.
Anaanis wal baruun bara kana keessa. Kana boodas yaroo hedduu isa dubbisee barruu gara garaa tiifii gorsa irraa argadhe. Isa beekuun kiyya xiinxallaa fii muxannoo guddaa naa kennetti amana. Akka dhuunfaatti galata guddaa narraa qaba jedhee laala.
Walii galatti duutii Dr. Baxter hamilee ummanni Oromo qabu irratti waan calaqisu qabaata. Namoota akka isaa beekkomsaafii ogummaa guddaa qaban dhabuun nu miidha. Keessattu nama alagaa akka firaatti laalluu fii nuu falmatu dhabuun irdhinna guddaa ta’a.
Ammoo ardha bakka dur hin jirru. Ilmaan Oromo yaada isaa tarkaanfachiisan hedduu qabna. Kun kun obsa guddaa nuu kenna.
Dhumarratti warri isaa akka obsa guddaa argatu hawwii qaba. Gama ilmaan Oromo guddisee gaddi itti dhaga’amuutiinis kanuma jechuu dandeenna. Gumaanni inni ummata Oromoo tiifii biyya Oromootii godhe nu wajji tura. Guyyaa Oromoon mirga ofii gonfate seenaan isaa guututti olka’a. Akka aadaa keennaatti soodduu warqiin cubuuysame maqaa isaatiin dhaabuun yookin erkisuun dirqama keenna hunda ta’a.
=>gadaa
No comments:
Post a Comment