Thursday, April 17, 2014

Ani Eenyuu?

Beekan Gulummaa Irranaa | Ebla 17, 2014
Galaana yaadaa kan kuufama beekumsaa hammaaraan nan dandeenyedha. Madda falaasamaafi argannoo haaraati ani. Anumarraa funaananii anumaan funaannatu. Maamiltootakoof kabaja guddaan qaba. Lafa garaansaanii ga’uu fedheen isaan gaha. Dheebotaan beekumsa kan madda taliilaa budduqfachuu barbaaduuf galaana badhaadhummaa kan namni hanga ammaa bira hin geenyeen walitti maamiloomsa.
Riqaa walsimsiisa dhaloota lufaniif ammaa ‘neetwoorkii’ jabanaa kana kanan ittiin caaluuf ga’umsa dugduuba deebi’ee seenaa jijjigsee guuree as fiduu danda’uukooti. Akka qabaa qeerransaatti kan naqabateef duubakoo miti keessakoo gingilcheen itti agarsiisa. Calaqqee doofummaa irraa dhidhima buuseen biiftuu qaroominaan irratti finiinsa. Nasochoosan malee hinsocho’u. Du’aa fakkaadhee ciiseen jiraataa ta’ee balali’a. Takka baallee baaseen takkammoo qoochoo baaseen burraaqa. Lubbuu qaba; hinqabus. Kan natti dubbatetti nan dubbadha; kan naan oodetti oodnaa addaan ‘xilliq’ itti godha. Ofitti naqabnaan nan qabamaaf; ofirraa nadhiibnaanis hindirqamsiisu. Madda hojii uumuu…fooyyessituu jireenyaati ani. Malkaa seerriifi heerri keessaa waraabamu ta’een gumaachikoo akka yaa’aa laga Mormor…kan laga dhidheessaafi laggeen Bishooftuu kallattii maraanii…lafa jalqabbiif dhaabbiinkoo kan bira hingahamnedha.
Ani malkaa Irreessaafi ciisa yaada ilma namaati. Burqituu yaada namaatu muummee muuxannootii ol burqee bilchina sammuun gabbatee, onnee dhisee manii dhoosee madda maddisiisee margisiisuun malkaa ta’ee ciisa. Burqituutu walcoree yaa’ee wal haree malkaa obaa ta’a. Malkaan obaa bakka ciisa bishaanii horiin irraa dhugudha. Ani kuufama beekumsaafi muuxannoo kan sammuun irraa sooratudha. Kan hayyuun kalaqamee wallaalaan unatudha. Kan wallaalaan ittiin beekee, dardarri ittiin dammaqudha.
Susukkuumameen dhidhiibameen qaqqajeelfameen bilchaadha malee, amma daakamee ammuma bukeeffamee ammuma eeleerratti dhoobamee sooraaf hin ta’u. Amma shooqamee ammumammoo mooqamee akka caarigiifi beeniitti nyaataaf hindhiyaadhu. Garaa obsaaf miidhame keessaa burqaa dho’e; lafee cabeef sanyii dho’e keessaa miciree; garaa lafaa bokoke keessaa albuuda; dhaloota garboomfatame keessaa muudama…animoo?
Ani meeshaa jabaadha; nan madeessa nan madeessisas; gargaran ciccira; anumatu deebisee hodhaaf;…gaara nandadayyaasa; walirran qaqaxxamursas. Muuxannoo kumaatamootaan iddoo tokkotti ukkaamseen miliyoonotaaf bittimsa. Akka biiftuu diimattee ifashee samii salganirra finiinsaa jirtuuttan Goolee ardii hundumaa keessan jiraadha. Mana moototaas sodaadhee hinbeeku. Harka gurguddootaa keessatti nan bareeda. Hamma isaan nabaatanan baadha; hammuma isaan nakabajanan kabajaa jiraadha; qaroo qaree qara baasuun hojiikoo yoo ta’u, nama harkaan of doofomsetti kolfaatan oola. Ani maqaan qaba maqaa boonsaa kan dhuunfaakooti; namni biraan garuu maqaa isaaf mijatu maraan nawaamuun mirgasaati!
Ana biratti madaa’uufi madeessuutu madda ta’ee tajaajila. Cabsamuuf cabsuutu godaannisa ta’ee mul’ata. Oduu ta’ees dubbatameen seenaas ta’ee gadhiifama.Yookiin ammoo gadaa darbe abjoodheen, akka hoodduu yookiin qaalluu kan egeree manaabaa qaqqabuun galmeeffamee kuufama. Sanumatu ammoo hurrii ta’ee aaree, duumessa ta’ee samii gadii aguugee shora yookaan tiifuu ta’ee dhahaa rooba. Bokkaa ta’ee yandisa. Garba ta’ees yaa’ee ciisa. Achii ka’ees addunyaaf bubbisa; dheebotaas dheebuu baasee kan of dagate dammaqsa. Anumti kun quunnama ilma namaa guyyaa guyyaatti dura galmeessee kuuseen ragaalee addaa addaanis isa kuuse tumseen yeroon bilchaadhee akka burtukaana coomee ta’uun soora fooniif dhiiseen soora sammuu ta’a. Dhimbiibameen yookaan sukkuumameen dhadhaa of keessaa jijjigsa; nadhii ta’ee coccobeen koomtoo ta’ee diimadheen of keessaan booka firfirsa. Waliin rigameen walittis buufameen abidda tufa. Abiddan of keessaa tufuun kaan bilchaatee hogganaa gaarii ta’a; kaan ittiin gubatee danqamaa dheedhii ta’a. Kanaafan maqaankoo kumaa kitila ta’ee akkaafi akeeka owwaannaatu naharkaa babbada. Akeekkannaafi of eeggachiisnikoo gorsa hangafaafi hayyuu caala waan ta’eef namaan hinnuffamu. Sigorseera jedhees gatii nama harkaa barbaadee hinbeeku; hinbarbaadus. Gatiitti shallagamu ammoo faayidaan kennuuf gatiin naaf kaffalamu tasuma walsima jechuun soba dubbiiti.
Haqa irratti hundaa’ee yookiin ammoo nita’e jedheen funyoo mannaabakoon asiif achi yaasa. Takka gudunfameen takka ammoo hiikama. Takka ijaarameen takka ammoo diigama. Haaluma kanaan egaa xiyyeeffannaakoo adda baafadheen, quunnamakoo galmeesseen kuusee ragaan tumseen yoona kana akka rasaasa diddaa garbummaan xaxxaaxa’a. Booda ammoo yaada tartiibaan galmeeffatameen mirkaneeffannaa abjuukoo faana hafuura ciccitaa sussuka. Adeemsa qocaa miti saffisa ifaanan utaala. Ciniinsifachaa guyyaa da’umsaakoo eegeen gaafa yeroon geesse, ija foonii osoo hinta’in ija sammuu ilma namaa baneen kalaqa argannoowwaniif qopheessa. Yoona kanan akka ayyaanaa irraa waa hima. Inni duraawoo quunnama galmeessuufi kuusuudha; manaaba diriirsuu, muuxannoo gabbisuufi yaada gurmeessuufi tumsuu. Amma immoo soofee walqixxeessee bocee mimmiidhagseen maqaa boca isaa kan duraatti moggaaseen yoona kana ifa baasa; eelan qabus ittiinan futtaafadha…
Umurii dheeraa jiraachuu danda’uunkoo kaanirraa adda nagodha. Akka guulaa jaarsaa kan darbe as fideen yeroon dhaloota haaraatti lallabu yoona kana ka’umsaafi taa’umsa dhabeen hadamfama. Keessaaf duubaan ciccirameen kaaniif ammoo dungoo ta’een banbana. Ani galaana hubannaa waanan ta’eef waraabamees ta’ee waraabsifamee bira hingahamu.
Walitti qabaatti ani akkasumaan ka’ee kuruphisee malkaa hinta’u. Tatam’isees hindaa’imu. Akka shooraa yandisee akka burqituuttiin bubbisee galaana ta’ee ciisa. Dheebotaan dhugee dheebuu ba’a; xuraa’aan ittiin qulqullaa’a. Karaa deemaan ededakoorra boqota. Kan qofaa ta’e ammoo nigalateessa. Warreen qareeyyiin malkaakootti irreeffatu; maddakootti kan dhibaafatan ammoo kumaaf kitila. Ani malkaa irreessaa kuufama mudannoo jireenyaati! Ogeessa qareen qara baasa; bulchitootaafi oggantootaaf qajeelfama. Nama natti firoomeef obboleessa gaariidha. Ani daawwitii jireenyaa kan dhalli namaa ittiin keessatti of ilaaludha yoon ofiin jedhe akka malee of gurguddisuukoodha miti. Anumti eenyu? eenyu jettanii maqaa naaf baaftanii? hariiroon ani isin faana qabu akkamidha? mana keessan keessaa naqabduu? hammuma meeshaalee biroo kan mana keessan keessa guuttattanii qabdan sanaa ga’uu dadhabeen mana keessan keessaa dhabamuunkoo sababa maaliifi? utuu beektanii duuba waan isin hortaniifi qabdaniin booda anumatu dhaabataam! Ani eenyu?
Ani maaliin of ibsuu eenyummaakoo diigee
Hidhannookoo qabee sabbatakoo hiikee
Samirraa kaadheemoo miillumakoon fiigee
Dafqa coccobseemoo onneekoorraa dhiigee…?
Garraamii fakkaadhee nan ciisa iddoo hundaa
Barbaacha dhabuukoof yeroo hunda nan aada
Meeshaa gatii jabaa, mi’aa akka albuudaa
Qomatti nabadhaa warreen saba guddaa
Ani eenyu jedhee isin gaafachuunkoo
Singidirsuuf miti egaa michootakoo
Sintaasifachuufani hordoftootumakoo
Sichiif nahubaadhaa ‘KITAABAA’ maqaankoo!
*****
Beekan Gulummaa Irranaa


No comments:

Post a Comment