Galaanaa Alaanoos Irraa Godna Arsii
Haata’u malee garuu mootummaan abbaa irree kun tokko shaneen siyaasa ta’ee dhiisee tarsiimoo mootummaan diriirse waan ta’eef hundumtuu hirmaachuun dirqama jedha. Namni tokko hojjetaa mootummaa hanga ta’etti imaammata mootummichaatti amanee fudhachuun dirqama isaati jedha.Summiin tokko shaneen baattee adeemtu hedduudha,marii tokko shanee irratti namni tokko yaada inni kaase waliin galmeeffamee qaama itti waamama tokko shaneef gabaafama. Kanaan booda waajjiratti nama waamun qorannoon ija nama keessaa baasu ilaalcha fi akeeka namaa hubachuuf. Mootummaan Wayyaanee yoom kanaan gahe jedhee ummata dhiise, hojjettoota mootummaa seektaroota adda addaa irra deemuun yeroodhaa yerootti akka isaan miseensummaa guutan dirqisiisaa jira. Namni kam illee buusii dhaabaa ji’aan mindaa isaa irraa qarshii 25 kutuun dirqama jedha.Najaaladhuu jaalala hin taatu jedha Oromoon namni akeeka fi ergama Wayyaanee hubatee beeku miseensa isaanii ta’uu irra dhiibbaa dhufu fudhachuuf murtoon of qopheessan.Godina Arsii ona roobee gandoota baadiyyaa 32 keessatti buusii ijaarsa dhaaban jabeessinu tokkoon tokkoon qotee bulaa qarshii 120 akka buusu dirqisiisaa jira.Namni ani miseensa waan hin taanef hin buusu jedhee mormu ati lammii biyya kanaamiti jedhamee gidirfama.Namni mootummaa misoomaa hin deggarre farra misoomati jedhamee farrajamaa jira.
Mallattoolee kufaatii Wayyaanee mul’isaa jiran keessaa ; Fincila diddaa gabrummaa Qeerroon finiinsaa jiruudha. Yeroo ammaa kana keessatti waantotni mootummaa wayyaanee rifaasisanii yaaddessuun gidirfamuu baayisaa jiruuf diddaan karaa adda addaan waanmulataa jiruufiidha akka fakkeenyaatti:-
-Hojjettoonni mootummaa jireenyi qaalawee jira hojiin nuti hojjennuu fi mindaan keenya wal hin gitu, akkasumas miseensummaa guutuu diduu irraan mootummaa wayyaanee waliin wal finciluu keessa seenuun mootummicha humna buusee jira
-Barattoonni musliimaa mooraa yuunivarsiitii keessatti uffata sharihaa akka hin uffannee fi akka hin saganne yommuu dhoowwaman tole jedhanii fudhachuu diduu,yaadaa fi dhaamsa wayyaanee fudhatama dhabsiisuudhaan laamashessaa deemuun,
-Qonnaan bultoonni dhugaa jiru hubatanii buusii dhaabaa buusuu diduun fakkeenya gaariidha.
Kanaan wal qabsiisee uummata oromoo keessa deemee bakka jabinnii fi sabboonummaan itti cimaa jiru keessatti tikoota isaatiin toohatamuu fi hordofamuu yaadaa fi sochiin oromummaa yoo jabaate ilaalcha diinummaa fi isin ABO dha jedhuun haaluma salphaadhaan mana hidhaatti darbaa jiraachuudhaan kan beekamaa jiruudha, kunis dura isaatiif haalota aanjefachuu irratti mootummaan wayyaanee jabaatus qabsoon uummataa fi Qeerroodhaan wal deggeree jabaachuun isaa waan yaaddesseef ofiis boqonnaa dhabee uummatas boqonnaa dhabsiisaa jira.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment