Waxabajjii 03,2014 Dambi Doolloo
Barataa Oromoo wareega qaalii kafale kana bosona keessatti reebanii erga hamma du’aatti deemsisanii booda galgala daandiitti baasaniiti rasaasaan akka rukutan kan ijaan argan ni dubbatu. Barataan kun maqaan isaa Daawwit Waaqjira jedhama.Guyya har’aa sirni awwaalcha isaa kan gaggeeffame yoo tahu humni waraana agaazii wayyaanee jedhamu kun uummata naannessee marsuudhaan hamma reeffi mucaa awaalamee xumuramutti akka waan rukuttaadhaaf qophiin jiruutti bakka qabachuudhaan gandi Ashii jedhamtu dirree waraanaa fakkaattee ooltee jirti jedhu maddi gabaasa Qeerroo Anfiilloo!
Kana malees ganama Waxabajjii 03,2014 dargaggoon Addisuu Aagaa jedhamu magaalaa Laaloo Qilee keessa Motorbike qabatee osoo nagaan deemaa jiruu poolisoonni Oromiyaan reebamee Hosptala Ayiraa gullisoo galee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
=>qeerroo
No comments:
Post a Comment