Jiituu lammii, Ful. 23, 2014
Halkan dhawaata bari’a. Hanga obsaa fi murannoon itti deeman mallattoo barii lafaa eeru arguu fi dhaga’uu jalqabu. Hangasitti garuu cichaa fi murannoo gaafata. Seenaa qabsoo bilisummaa Afrikaa keessatti Hanga xumura waraana Addunyaa 2ffaa (WWII)tti dukkanni gabrummaa dachee Afrikaa dhuunfate tasuma waan bari’u hin fakkaatu ture. Haa ta’uutii garuu taateen seenaa kana jijjiiru guyyaa isaa eegee dhalachuu hin oolle. Innis sochii barattoota Afrikaa ti.
Barri 1935 – 1960 bara sochiin barattoota Africa jabinaa fi heddumminaan itti mul’atee dha. Baay’inni dhaabbilee barnootaa dachee Afrikaarratti mul’achuun, lakkofsi ilmaan Afrikaa mana barnootaa seenan akka dabalu taasise. Lakkoofsi barattoota ilmaan Afrikaa biyya keessaa fi alaatti dabalaa deemuun dammaqiinsa siyaasaa fi hadheeffannoo gabrummaarratti isaan qaban jabeessuu eegale. Dammaqinsaaa fi hadheeffannoo kana keessaa warraaqsi dammaqinsa hawaasaa uumu dhalate. Dhaloota warraaqsa kanaatu dukkana gabrummaa dachii Afrikaa dhuunfatetti daangaa kaa’uun waldhaansoo haaraaf karaa saaqe. Waldhaansoo Diddaa Gabrummaa!
Sochiin jalqabarratti seenaa fi aadaa sabaa dhaadhessuutti fuulleffate, dhawaata bifa fincilaa fi diddaatti geeddaramuun gaaffii bilisummaa kaase. Warraaqsi kun hidda jabeeffatee dhaloota jaarmiyaalee bilisummaaf karra saaqe. Hoogganoota siyaasaa jajjaboo magarse. Tarsimoo fi tooftaa bilisummaa biyyaa dhugoomsan akeekuun qabsoo tarkaanfachiise. Akkaataa kanaan biyyoonni Afrikaa: Gaanaa (1957), Nayijeeriyaa (1960), Seeraliyoon (1961), Keenyaa (1963), Ugandaa (1962), Tanzaniyaa (1961), Tunisiyaa (1956) fi kanneen biroo hedduun Gabrummaa ofirraa cabsuu danda’an.
Akkuma seenaa biyyoota Afrikaa kanneenii faana seenaa Qabsoon saba Oromoo keessa darbe yoo yaadanne, sochiin barattoota Oromoo seenaa fakkaataa qaba. Jaarmiyaa Oromoo walaba (independent Oromo Organization) ijaaruu dabalatee diddaa Oromoon bifa faffaca’een gabroonfattootarrattii geggeesssu bifa qindoome akka qabaatu gochuuf barattoonni Oromoo seenaa seenaan hin daganne kaayaniiru. Aadaa, seenaa fi walumaa galatti eenyummaa Oromoo ifa baasuun Oromoo dammaqsaniiru. Akeeka jabaa fi tarsiimoo fulla’aa kaa’uun qabsoo Bilisummaa Oromootti bu’uura jabaa tolchaniiru.
Qabsoon Oromoo haala ulfaataa fi qormaata jajjabaa keessa bahee dhimmoota waan hin danda’amne fakkaatan danuurra aanee isa kaleessa fageenyatti ilaalamee “kuunno ti!” jedhamaa ture har’a dhiyeenyatti “kunoo ti!” akka jennuuf itti wareegamaniiru. Barattoonnii fi Barsiisonni Oromoo carraa dhiphoo bara seenaa qabsoo Oromoo keessatti bara ce’umsaa ykn ‘Charter’ jedhamu keessa argamtetti haajamuun akeeka bilisummaa Oromoo ABOn barsiise saffisaan simataniiru. Akeekni kun hundee jabaa horatee qe’ee Oromoo keessatti akka dagaagu itti cichaniiru. Akeekni Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo Onnee Oromoo keessatti akka biqilu gatii jabaa baasaniiru. Ifaan bilisummaa gaafas qabate har’a balbala Oromoo hundarraa ifa. Kanatu hidhata qabsoo Oromoo fi sochii brattoota Oromoo gidduu jiru jabeessa. Kanatu diina yaaddessa.
Har’a sochii barattoota Oromoo addunyaatu beeka. Jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf dubbatanii fi midiyaaleen addunyaallee sochii kana haalaan dhaggeeffatu. Tokkummaa Oromoo jabeessuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fuulduratti furgaasuu bira darbee wiirtuu siyaasa Impaayerattii sochoosu danda’eera. Kanaaf jarmayaaleen siyaasaa Impaayerattii maqaa dhahatan hedduun miiraa fi akeeka adda addaatiin sochii kana xiyyeeffannoon hordofuuf dirqamaniiru. Sochiin kun seenaa sochii barattoota Afrikaa keessattillee yoo ta’e sadarkaa dursaatti akka yaadatamu boru seenaan dhugaa bahuuf dirqama.
Kuni yaadannoo seenaa kaleessaa qofa miti. Dhugaa har’aa fi ta’innaa boruullee of keessaa qaba.Qabsoon Oromoo qabsoo si’aawaa (active struggle) shaffisaan of fuulduratti ce’aa jiru ta’eera. Duubbee isaa Qeerroo fi Qarree barattoota Oromoo miliyoonatti lakkaawamantu hiriire. Ka’umsaa fi galma isaanii beeku. Jalqabaa fi xumura imala isaanii yaadatu. Kayyoo fi karoora ofii qabu. Isaan masakamu. Kanaaf Qabsoon kun dhiigaa fi lafee Qeerroo fi Qarree Oromoorraa ijaarame. Hidhata addaa walirraa qabu. Hammeenyii fi gidiraan bifa kamiituu walirraa gargar baasuu dadhabe. Sobaa fi sossobbaan hin dagachiisu. Shiraa fi gooliin hin gufachiisu. Kumoota ajjeesanii kumaatama yoo hidhan, akeekaka sabaa kaayyoo ganamaa galmaan gahuuf dacha dachaatu bakka bu’a. Inni dhufaa jiru isa argaa jirru caala. Hirbuun dhiigaan eegalame bilisummaan xumurama.
Gadaan Gadaa Bilisummaa haata’u!!
Ani Jiituu Lammii ti!
No comments:
Post a Comment