Tuesday, December 22, 2015

Huffisii Diinaa Oromoo hin Baaragsu

Guci Warraaqsa Oromo Ambott Jimaata,Caamsaa 2, 2014 qabsiifamee golee Oromiyaa hundatt boba’ee gidduutt kan dhaame fakkaate ture. Ni dibame malee akka hin dhaamne barattootii fi jiraattoti Giincii Sadaasa 12, 2015 deebisanii yoo qabsiisan ammas Oromoon bakka jiran hundaa walharkaa fuudhanii laboobsaa jiru. Silaayyuu mirgi Oromoo mulqamuun itt fufaa, dhiigi ilmaan Oromoo dhagala’aa, bakka akeekkatame utuu hin gahin attamitt dhaabbachuu dandah jedhamee yaadamaa? Gidduutt sochiin kan caame haa fakkatu malee ilmaan Oromoo tokko tokkoon dhossaatt ajeefamuu fi hidhamu hin dhaabne. Amma dhumnus jiraannus waliin, yeroo jedhamutu gahe. Sochiin akkasii empayerittii keessatt hedduminaan haa tahu akaakuun argamee hin beeku. Oromoon, tokkummaan saanii kan hin mamsiifne tahuu firaafis hamajaajiifis mirkaneessuuf carraa argatani.

Sochichi amma ji’a tokko caalaa fixuuf adeema. Haalli saa, Oromoott qaabannoo laalaa, miidhamaa, roorroo, tuffii, hidhaa fi ajjeechaa jaallewwwanii dhandhamatan baroota darban hundaa itt fideera. Utuu isaan akaakoliin tahaanii dhiigi daa’immanii dhangala’uu arguu caalaa sukeessaa, gubaa fi wajiijaan hin jiru. Waliin imimaa laalaa darbe keessa deebi’anii jiraachuu jala hin baane. Jabinaan kaayyoo keenyatt cichinaan Wayyaanee qofa utuu hin tahin rakkina qabnu hundarra ni Haannaa. Ayyaanni gootota Oromoo darbanii yoomu qabsoo faanaa hin hafu. Nuti engada Nugusa, kaleessa Dargii harras TPLF kabaa dhufeen mo’amaa jirra. Hariiroon kan nu qabate waliin qabnu hin jijjiiramne. Haala si’ana jiruun tokko tokko “Sonni Cehumsaa 1992” itt mullachuutt kaheeera. Gamaa gamanaa wal sadaa, akka warabessa raqa o’aa argateett, yuusaan wal waamaa jiru. Sana keessa ammas gaaffiin kolonummaa Oromoo irra dibaan darbuuf deemti. Seena gara dabarsuun, dhiiga dabaankufoota Oromoon, kanneen aangott bahuuf riqaa ijaarrachuu abjootan, dursanii hamaa dhufuu dandahuuf akeekachiisuun dirqama jaalbiyyummaatii. Sochiin keenya ni bargaawe malee hin bilchaanne.

Wayyaaneen akka feetutt gadi qabuu dadhabnaan utuu rasaasa hin fixatin jettee akka addunyaan leelloon isee hubatu wawwaachuun, labsa (Awaajii) baasuutt kaateettii. OPDOnis akka ajajamtett jalaa qabaa jirtii. Kan gaafatamee deebstee badu irra, hamma qawween harka buututt ummata fixuu filattee. Sochiin ummataa ka’e kun tokkoffaa labsi dubbii fide labsaan shaaramuu, yakkamtooti dhiiga ijoollee suduudaa fi harka lafa jalaan dhangalaasan xaddachatt dhihaachuun gaafa mirkaneeffame wanti araarri gumaa manguddoota Oromoo walii wanti hin jalqabamneef hin jiru. Ilmoon namaa, qawwee roorrisaa baatu, gaafa dammaqee nama tahuu saa hubatu, qawween qoraan akka taatuu waraana Dargii irraa agarreerraa. Rincica jabaa cunqurfamootaa qofa gaafata.

Labsi jennu kun qooqota tokko tokko haa jijjuuru malee, isuma Dargiin isaan irratt baasaa ture. Sun Dargii, ummata Wayyaanee caalu haammateefuu dhimma hin baafne. Dhugaan maaliinuu golgamtee hin haftu. Ummati Oromoo didaa jiru utuu arguu, naa tumsaa ofirratt ka’aa jedhee magana. Ummata Habashaas yoo tahe, kan Tigray hin beeknu malee, erga isaa ajeeffatee tureera. Qaanii hin qabanii, waa’ee kennataa, guddinaa, demokraasii argamsiise jedhu xibaaraa. Waa’ee nammi miliyoonii digdamaa gad hin taane jeejeen dhumaa jiruu hin dhofne. Wayyaaneen ummatoota Empayera Itophiyaaf balaa dhumiisaa malee waan fide hin qabu.

Gaaffiin ummati qabatee bahe lafti Oromiyaa keenya kan mootummaa Wayyaanee miti jedhaa. Hin gurguramu, ummati saas hin buqqifamu jedhaa. Wayyaaneen nu moo’uuf nuti hayyama hin laanneef hin laannuufis jedha. Abbaa feene kan filannu nuwi malee halagaan angoon nurra hin bahu jedha. Gaaffolii ka’an kanaaf deebii kennu malee, abalutu dhiibe, abalutu afaan kaa’e jechuun gaaffii saanii tuffatee bira darbuuf mirga hin kennuufii. Ummati Oromo tokko manatt hin hafin bahee gaafataa jira.

Maqii deggertoota saa sabgidduu ittiin waammatu “shororkeessituu” jedhu dhahuun labsi olitt kaafnen, Mudde 15,2015 ummata Oromoo irratt waraana labseera. “Xabbaabota” fi “Timkiitanyoota” balaaleffata. Murni maqaa dhahe lamaan namoota yk dhaabota Oromoo fi Habashaaf dubbatan jechuu saatii. Dhaabi Oromo, akka isaa digaluu utuu hin tahin hundee gadi fagoo fi jaalala ummata ofii kan qabu. “Timkitanyaa” kan jedhuunis ofirrumman kan isa caalan miti. Isa irra isaan “Itophiyummaan” of ijaaruun seenaa saanii irra ni argama. Farreen Oromoo tahaniyyuu, TPLFn yoo walbira qaban garlamaan dubulshootii. Haa tahu malee, ummati saanii eenyuun “shorokeessituu” akka jedhan hardha kana, mee bakka ragaan jirutt haa gaafatamanii. Yoos hamma ofii bara.

Ummati gaaffiin dhigi ijoollee saa itt dhangala’ee utuu deebii hin argatin warra dhiigaa gamanatt dhiisee manatt dacha’uun hin eegamu. Akka aadaa Oromoott hamma gumaan bahutt jara akkasii wajjiin jiraachuun, waliin nyaachuun cubbuu dhaa. Waldhabdeen jiru nagaan furamuun eebbifamaa dhaa. Araarri yoo bu’e jireenyaafis guddinaafis waayyaa dha. Obsi ummataa daangaa qaba. Oromoon nagaaf durfannoo kennuuf malee akkuma inni kaan hudhu, harka ittiin hudhan isa caalu qabu. Gaafa isaan harka saanii tokkummaan hiixatan akka qabaa saanii hin guutne diinnis beekaa.

Kanaaf ulfinaan hamaa marsaa jiru kana dabarsuun cunqurfamaa fi cunqursaafis anjaa qaba. Oromoon mirgaaf lolatu. Wayyaanee humna fi qabeenya saanii kan ofii godhee hambisuuf lolata. Hariiroon Oromoon Habashaa walii qabaatu kan ollaa gaarii irra hin darbu. Sanaa ala ummati hanga murteeffatutti eenyuu kana taana sana taana jechuuf wakkilummaa hin qabu. Wayyaaneen biyya ishee waan hin taaneef gaddhiiftee bahuu gadi filmaata hin qabduu. Gaaffii fi dhaadannoo ummata rincicaa jiru kan dhaggeeffate deebiin halagaaf kennu sanaa ala tahuu hin qabu. Ummatichi kan gaafatu walalbummaa dha; sabboonaan tokko sana jechuuf yeella’uu hin qabu.

Ummati Oromoo gootumman harka duwwaa, nagaa akeeka godhatee, diinaan nakkaraa jira. Hardha hobbatii yoo dhabe, bor hidhatee itt deebi’a. Mirga saa dhalootaa utuu hin deebifatin ilmoo namaati jedhe lamuu of himuu hin dandahu. Fashistii akka EPRDF waliin nagaan qabsaawuun of ajjeesuu akka tahe ummati mirkaneeffateera. Anga’ooti addunyaa qabsoo nagaa nutt afarsan yeroo ummati keenya isaan miidhamu callisanii ilaalaa jiru. Qubqabsiisoti saaniillee akka waan tisiisi du’eett nu hin laalle. Qawwichatu kan jara saaniitii. TPLF dhukaasa meeshaa haaraa fi komandoon shee isaan leenjisaniif bakka itt shaakalan argachuu saanii gammadu.

Dhalooti haaraan gadgalummaan jiraachuun abbooliin haa dhabbatu jedheera. Sochii baratoota si’anaa irraa kan diinatt galee firoota saatt dhukaasus barumsa yaacii keessaa barabaraan isa hin baafnetu kennameefii. Rafee hin buluu; ekeraan ijoollee inni balleessee siree saa biraa hin deemtu. Yokaan ni maraataa yk faloo bahee ummata saa bira goruun ujummoo qawwee gara diina hidhachiisett deebisaa. Du’i saa kan hin oolle qajeeltuuf aarsaa tahuu wayyaafii. Barataan hidhannoon utuu hin tahin qabsoo nagaan beekama. Yeroo inni qawween ari’amu kan harka irra qabu feesisa.

Kanaaf daangaa qawween diinaa hin dabarre sararamuu qaba. Wayyaaneen gantummaa dhaalmaa Nugusa Yohaannis duraa jelqabe qabdi; kanaaf amanamuu hin qabdu. Walitt dhufi akkamiiyyuu yoo jiraate bakka ofii filatanii fi ragan hin baabsine jirutt tahuu qaba. Gonka kophaa fi bakka iseen jettutt tahuu hin qabu; Gammachis Dhaabaa, hoggana ABO tokko, waajjira ofitt waamanii ajjeesuu saanii tasa irraanfatamu hin qabu. Akeeki malbulcha saanii guddichi Oromoo sadarkaa kamittuu hoggansa dhabsiisuu dha. Sochiin ummataa ka’e kun tokkoffaa labsa dubbii fide labsaan shaaramuu, yakkamtooti dhiiga ijoollee suduudaa fi harka lafa jalaan dhangalaasan xaddachatt dhihaachuun gaafa mirkaneeffame wanti araarri waa’ee abbaa biyyumma lafa ofii irrattt Oromoon qabuu fi gumaa, manguddoota Oromoo walii wanti hin jalqabamneef hin jiru.

Sabboonoti Oromoo fi nambiyyooti Oromiyaa bakka jireenya saanii tahe kan dandahan ummatatt qaamaan makamuu, kan hin dandeenye, dandeettii, beekumsaa fi qabeenyaan bira dhaabbachuutu eegama. Qoda fudhannaan qubqabsiisota biyya alaa jiran hanga yoonaa kan raajamu. Yeroo dhaaboti halagaa gurri kenya haa dudu hin dhgeenye jedhan kana, Oromoon isaaniif qubaa wal qabaate. Akka caalaatt jabatu Oromoo hundi, akka qaroo ijaatt eeguu qaba. Hawaasi Oromoo ala kana jiru tokkummaa saa cimsee karaa dandahame hundaan sochii ummataa irratt qooda akka fudhatu abdii hundaatii. Yeroon saa yeroo xaxaa waajjirbulchiin of xaxan mitii. Isaa alatt haala jarjarsaa kanaaf shaffisaan caasaa yeroof isaan hojjechiisu uumaanii sosso’uu qabu.

Oromoon biyya saanii irratt mirga abbaa biyyummaa fi ulfina saanii namummaa deeffachuuf sochii guddaa lubbuu ilmaan saanii galafate finiinsaa jiru. Sun laalaa guddaa, kan qaama fi sammuquwii akka qabu ifaadha. Itt dhiigan, madaawaan dhukkufatanii fi itt du’an malee ulfini namoomaa fi birmadummaan hin argamtu. Kanaaf biyya ofii keessatt halgaan gad ilaalamanii, deeganii, salphatanii jiraachuu irra didaa waliin dhumuu filatanii. Wayyanee fi kittillayyoon see yakkamoota yoo angoo irraa bu’an balaatu eeggata. Kanaaf haalli jiru akka hin jijjiiramne abbaa fedhe ni ajjeesti. Akkasumas Oromoon diddaa saanii yoo dhaaban kanneen qooda fudhatan mana fudhamanii rasaasa tokko tokko adda keessa buufamu yk guraarama fafeessaa fi hidhaan isaan eeguu mala.

Ijaajjanii du’uun surraa barabaraa argatu malee waan dhaban hin qabanii. Wareegama saaniin dhalooti egeree carraa ulfina, gammachuu fi nagaan jiraachuu gonfata. Daayaa qabsoon ummata saanii bartokko sadarkaa kana gaha jedhuuni, kan angafooti darban bara hundi waliigalatt ofbara malbulchaa hin qabaatin kumkumaan kan aarsaa tahan. Hardhas malbulcheesitooti Oromo sanumatu irraa eegama. Utuu akeeka bu’uura qabsoo Oromo roga hin dhabsisin ummata kutatee bahe kana gargaaranii gaaffii saa taliilaan hiriira saa nagaa irratt ifsatef deebii akka argatu gochuutu abdatama.

Ummati Finfinnee jireenyi saa araddoota naannaa saa jiran irratt hundaawaa.Yeroo akkasii callisee ilaaluu hin qabu. Akkuma ummati Masir godhe Waltajjiin Hulluuqoo Kormaa, “Waltajjii Tahiriir” tahuu dandaha. Finfinneen kan Oromooti yeroo jedhamu, rakkinni seef ballinni see fedha Oromoo irratt kan hundaawe jechuufii. Magaalaa guddoo ummatooti empayerittii fi ollootaa fi addunyaa keessa jiraatanii. Hamma isee keessa jiraatanitt fedhasee eeguun akka. Oromoon kan sodaachisan jara homaa hin hojjenne qabeenya isee qofa dhuufachuu barbaadanii. Namaaf hafee binoo fi naannaa uumaaf kan seera qabu akka Oromo hin jiru. Sochii Oromoo gargaaruun nagaa fi durooma ofii gargaaruu dha.

Reeffa keenya dhiichaa, ililchaa, weeddisaa awwaallana malee irra dhaabbannee hin gadoodnu. Kan keessatt boonyuu fi imimnu nu gaha. Haadholiin dabankufootaa sabbbataan garaa hidhatanii kan hafan qabsoott jajjabeesuu malee ijoolleen saanii gootummaan darbaniiruu, sichi hin deebi’anii. Dhigii saaniis utuu walabummaa hin magarsin tola dhangalaatee hin haftu. Haala hamtuu kana injjifannoon xumuruuf kan qabnett haa cichinuu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2015

No comments:

Post a Comment