Tuesday, March 18, 2014

Leenca Gurmuun Bobba’e Galli – Milkiidha!

Jiituu Lammii – Dirree Qabsoo, Zoonii kibbaarraa
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa! …”
Hanga ijji koo danda’uttan bitaa mirga koo ilaale. Mukkeen gammoojjii aduu dadhabanii baalli irraa harca’ee qoraattii qofti ittafe malee waan ijji koo irra qubattun dhabe. Hundee mukaa tokko jalatti siqeen ammas ija kootiin waa barbaaduu ittifufe. Simbirroota lamaa- sadi ta’anii takka siiquun wal waamaa, takkammoo weedduun wal faarsaa mukarraa mukkatti ce’aa jireenya uumamaa waliin waldhaansoo qaban qofatu miira abdii wayii keessa namaatti yoo uume malee sagaleen abdii tokkollee waan jiru namatti hinfakkaatu. Iccitiin manaa nabaase garuu dhugaa kana waan geeddaruuf lafa lafa onaa fakkaatu kana keessa qalbiin koo waa dhaggeeffachuu hinlakkifne. Gammoojjii gogaa, bakkuma gurri namaa sagalee abdii dheebotu kana keessa abdii abdii caalutu jira. Abdii nam-tokkee qofa osoo hintaane, abdii saba guddaa, abdii saba roorroo ormaa hadheeffatee furmaataaf sochiitti jiruutu achi keessa jira. Otoon kanuma yaadaan buusee baasuu, “… geenyeerra!”  jedhe namni karaa na qajeelchaa ture fuula gara kootti deeffachaa. Haltokko gara isaa miil’adheen ijaafi qalbii kootiin akka qeerransa beela’ee waa adamsuu bosona fuuldura koo jiru sakkatta’uutti deebi’e. Waan ijji koo argu dhugaa ta’uu isaa mameen miiraa gammachuufi rifaasuu walkeessoo tokkoon ka’ee dhaabadhe. Namoonni lama uffata bifti akka magariisuu uffatanii, qawwee gateettirra godhatanii, muka keessaan ulluuqaa gara keenyatti yoo dhiyaatanin arge. Inni dura deemu umriin ga’eessa yoo ta’u, qawween ani kanaan dura argee hinbeekne gateettiirra buufatee nama karaa na qajeelchaa ture nagaa gaafachaa miilaan gara kootti qajeele. Inni ittaanu kaa’ima reefuu yoo ta’u mataan cibiramee gurmuu keessa ciisu waliin yoo irra galchanii ilaalan leenca dheekkame fakkaata. Akka ilmoo haadhaarraa gargar turteen fiigee dabaree dabareen lamaan isaaniittuu harka maradhe. Qalbiin koo giduutti waa hedduu yaadattee imimmaan xiiqii ija koo keessaa harca’uu jalqabnaanan ciniinnadhee gadi dhoowwachaa jara gidduu bu’ee karaa ittifufe. Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kana booda yeroofis ta’u keessummaa WBO ta’uuf jirtuutii yaadaaf qalbiin dhiyaadhaa!
Imala gabaabaa booda moonaa gootaa –goota  daabee jigaa, kallacha  qabsoo Oromoo, leenca roorroo jibbee gurmuun bosonatti gale, abdii Oromoofi Oromiyaa – WBO geenye. Waraan bakka bakka isaatti battala qabatee of eeggannoon sochii jiru hordofu yoon argu moonaan kun moonaa adda waraanaatti dhiyeenyaan jiru ta’uun tilmaame. Lafa qubsumaa gahee, gaaddifni boqqonnaa erga naaf tolfamee booda bishaan qabbanaawaan naaf dhiyaate. Ittaansuun shaayiin aannan waliin danfe naa gololchamee, dhangaa WBOn qopheesse waliin fuuldura koo gahe. Keessummaa WBO ta’uun akkam nama boonsa seetan! Dhangaa dhiyaate lilliqimsaa yaada sammuu kiyyaa dhaggeeffachuu ittifufe. “….edaa ilmaan saba kiyyaa rasaasa rasaan qolachuutti jiru! ….edaa ilmaan haadha kiyyaa mudhii jabeeffatanii sibiila hidhatanii, diina afaan qawween dabaree wal furee roorroof qe’ee saba isaanii dhuunfate afaan qawweetiin buqqisuuf murannoon diina waliin waldhaansoottii jiru! … edaa goota qabna…! Edaa dhiigni ilmaan Oromo nama gumaa baasuuf qaba! …edaa dhaadannoon diinaa goluma keessattii … !?” Sammuun koo waa meeqa na yaade seetan.
Ilmaan Oromoo kaayyoo dhiigaan isaan qaqqabe dhiigaan galmaan gahuuf karaarra jiru. Ijoolleen WBO- fedhii namummaafi jireenya dhuunfaa hunda tuffatanii qooqa hidhatanii, hidhannoo jabeeffatanii, bilisummaa sabaafi walabummaa biyyaa dhugoomsuu akeeka godhachuun of kennaanii, diina saba isaanii goolu abiddaan kaaraa dhufettii godaansisuuf kuffisanii kufaa jiru. Isaaniif: haadhaa – abbaarra, obbooleessaa – obboleettiirra, dhalaa – ilmoorra, qabeenyaa – qananiirra…. kaayyoo sabaatu caala. Kaayyoof taanaan, wanti isaan waakkatan hinjiru. Tarii warri ammas mamiitti jirtan, akka kiyyaa fagaattanii otoo hindeemneyyuu ilmaan Oromoo mudhii hidhatanii sibiila qabatanii diina haadhaa fuulduratti tarkaanfachaa jiran qe’uma keessanittuu isin qaqqabuuf jiruutii – obsaa …!
Anumaa akkuman callisetti waa hedduu of keessatti dhageeffachaa jiruu jaalli tokko gara kootti siqee “…hinceeka’iin…! Jedhe. Akka loqoda gara biraatti ‘hinmukaayiin…!’ jechuudha. Kabajamtoota keessumma WBO, jaallummaan ijoollee WBO biratti ulfina jabaa ta’uu qalbiitti qabadhaatii amma gara yaada harkaa qabnutti deebina. Jaalli kun qawwee isaa qomatti hirkifatee tamboo isaa harkisaa ijaan karaa bal’aa battala gama keessa qaxxaamuru fageenyarraa  ilaalaa  innis  yaadaan  fagaate.  Aduun  gamoojjii  gogaa  qaama  isaa  qaqee cilaattesseerra. Jajjabinni qaama isaa garuu alaalumaa beeksisa. Takka haala kanaan erga turree booda, haala qabsoon hidhannoo irra jiruufi sochiin uummataa maal akka fakkaatu odeessa gabaabduu walii qoonnee, baakki amma jirru kun lafa waraanni itti ka’uu danda’u ta’uu natti himee mooraa biraatti akka na dabarsan ijoollee WBO sadi waliin na geggeesse.
Fuuldura kiyya imala dheeraatu jira. Bakkan gahe hundatti sochii WBO daawwachaa, lafa dhiyetti, tokkos lamas bulaa, bubbulaa, fedhu aanan fedhu damma, fedhu foon gadamsaa, ykn. saalaafi gugguuftuu kan fedhe murachaa, kalaankalee ciffachaa, akka ilmoo leencaa sooramaa, akka mucaa dhabaa ururfamaa jabina jajjabee, tumsa hawaasaa, jaalala jaallumaa ….. haalkanii guyyaa otuman dinqisiifadhuu dadhabbii qaama koo madaa barruu miila koo otoon hindhaggeeffatiin amna dheertuu deeme. Biyya, bal’aa dirree bilisa wayyaaneef waraanni ishii abjuu baddeenillee garas miil’achuu  hinfeene, kan to’annaa WBOfi leenca gammoojjiin qofaa bulu deemee… deemee… waliin gahuu dhiisii ijaanuu ilaalee akkan hinfullaafne ergan hubadhee booda bakka tokko qubadhee waanan arge xiinxaluu murteeffadhe. Feetan achuma waliin turra.
Amma lafan bubbulee haala jiru xiinxalu gaheera. barruun miila koo hangi lafa tuqu hundi bishaan abbuuqatee lafa ejjachuu na sodaachuutti jira. Bishaan dhiqadhee uffata ergan jijjiirradhee booda haala jiru hordofuuf qophaa’e. Anumaa reefu dugda lafaan gahee sammuun xiqqoo akka shilim jechuu na kajeeluuti wanti tokko deebisee qalbii koo hawate. Waraanni gaaddisa qubatee gariin saddeeqa gariin ammo akkuma fedhii isaatti taphachaa ture huursee lafaa ka’ee “ ….dhiiroo bishaanii …. bishaani…” yoo jedhan dhaga’een “…maaltu maalte’e…!?” jedee anis lafaa ol ka’ee gara jaraattifuula deebise ilaale. Waraana furgaatuu bobbaarra turtee deebitu simachuutti jiraachuun hubadhe. Gaaddisa boqonnaa mijeessaniifi, bishaan dhugaatiin dheebuu erga baasanii booda, ammas warrii kaan bishaan buufatanii warra dadhabee dhufe toora galchanii miila dhiquu aansan. Gochaan inni kun akka isa kaanii  ilaalee callisuuf na hindandeessifne. Qalbii guutuunan raajeffadhe.  Jaala qabsoo jechuun waa hundaa oli. Jaallummaa faayidaarratti hundaa’u miti. Hariiroo naaf godhii – siifan godhaa of keessaa hinqabu. Hariiroo kaayyoofi wal abdachuu, hanga wareegamaatti wal kunuunfachuu….hariiroo dhala namaa gidduutti uumamu keessaa isa fixee ta’uun mirkaneeffadhe.
Amma doo’annaa koo gara xumuruu gaheera. Ta’us garuu dhimmoota lamaan boruuf hinbulfanneen harkaa  qaba.  Mooraan amma  ittargamu  kun  mooraa madoon  keessatti waldhaanamaa jirani. Qabsoo saabaa keessatti sabaa ofiif dhiiga ofii dhangalaasuun, qaamaa- ittihir’achuun, lubbuu- ittiwareegamuun, miira akkamii akka namatti uumu bakkatti argamanii abbichaarraa baruu caalaa ragaan dhiyaatu hinjiru. Kanaaf madoowwan naannoo kiyya jiran xinxaluun jalqabe. Namni nan madaaye jedhee kulkulfatu tokkolleen ijaan barbaadee dhabe. Kaayyoo bahaniifitu laalaa madaa nama hindhaggeeffachiifneef malee, madaatu madaa laafaa ta’eetu miti. Rasaasa qaama keessatti hafte akkuma nama qoraattii walii baasuu achumatti baqaqsanii wal keessaa guru. Warra muratee bayetu akka kana. Madaa ofii otoo hintaane madaa saba isaaniit dhukkbsatu. Isaaniif qabsoorraa hafuun kan danda’amu gaafa lubbuun isaanii wareegamte qofa. Gaafas ulfinaan gaalmee seenaa barri hinmoofessinerraa yaadatamu. Kanaaf kan madaaye yoom akka fayyee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatee dhimma baheefitti deebi’u qofa yaada.
Yaada kana qalbiitti qabachuun akka toluuf jecha seenaa gabaabduu tokko waliin ilaalla. Kanaaf ammo madoo jiran keessaa namtokkon fildhe. Maqaan Murataadha. Haala isaarraa ka’uunan moggaaseef malee maqaan isaa akkas miti. Asumaanis ammo iccitii eeguuf dirqama qabaachuu koos hindagatiinaa. Murataan baatii muraasa dura luqqeettuu isaarra rasaasaan madaaye. Ammaa jaallan qabsoorraa waldhaansa argachaa jira. Madaan isaa fayyee yoo ejjetu qofa xinnuma miilaan gartokkotti dhiibbata. Gaaddifni keenya wal fuullee waan ta’eef warra kaan dura dafee natti madaqe. Hunduma caalammoo amala kolfee taphachuu waan qabuuf moora hunda mukuu baasa. ‘Daamaa’ taphatee yoo qoofu gara kiyya dhufa. Akkaataa roorroon diinaa qabsootti isa baase, milkii duula gaafa innii madaa’ee (humna diinaa guyyaa sana rukutame, meeshaa booji’ame…) tokkoo lamaan naaf seenessa. Murataan amma waa hunda caala guyyaa guutummaatti fayyee muraasa isaatti deebi’ee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatu abdiin eega. Kolfaaf gammachuu miira isaarraa dubbifamuun alatti sirbootaaf faaruu qabsoo afaan isaa keessaa hinbu’u.
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa!…..”
Jechuun  yoo  inni  maqaa  gootota  dirree  qabsootti  wareegamaniifi  barattoota  meesha maleeyyii  diinaan  ajjeefaman  dabaree  dabaareen  waamee faarfatu  dhaggeeffachuun waan hunda caala nagammachiisa. Miira xiiqii keessa kootti uuma. Gaafa deemmiin kiyya dhiyaachuu dhagahu waa tokko natti dhaammate. Dhaammannoo isaa kan koo qofa otoo hintaane kan kan Oromoo hunda ilaallatu waan ta’eef xumurattan ittideebi’aa amma seenaa fakkeenyummaa gaarii qabu tokottan deebi’a.
Daa’ima ganna sagaliiti. Yaanniif qalbiin isaa garuu nama jabaa caala. Ammaaf maqaa isaas iccitumaan qabnee yeroof ‘ Ganamoo’ haajennuun. Daa’ima sadarkaa umrii kanarra jiruuf maaltu akka barbaachisu mee sadarkaa guddina hawaasa keessa jirtanirraa ka’aatii yaadadhaa. Ganamoon garuu hiree kana hundayyuu hinarganne. Sababni isaammoo hawaasin inni keessaa dhalate qaama saba gabrummaa jala jiruu ta’uudha. Ganamoon diiramtuu ka’ee warraa isaa biraa gaala waliin bobba’a. Tikseedha. Tarii wanti inni manaa fudhatee bobba’u yoo guddate bishaan xiqqoo kobolaatti naqatu qofa. Yoo waareen ho’u, gaala isaa lafa baalli jirutti geesseetu gara hojii isaa, tarii kan irribaa yoo ka’ellee yaaddatutti fuulleffata. Kobolaa bishaan ittifudhatee bobba’e keessaa bishaan gadi xuruursee gaala haawwicha mirgisaa filatee elma. Kobolaan isaa yoo guutu aannan litira shan gateettirra godhatee gara WBO dhiyeenya isaa jirutti fiiga. Ammaammoo qabsaawaadha! Qoree saphansaafi sigirsoo bineensallee rarraasee qabu gidduu lo’ee WBOtti makama. Yoo waraannillee lafa geeddarate Ganamoon lafa WBOn jiru hinwallaalu. Afuura WBO beeka, jalatti guddate waan ta’eef foolii isaa dhagaha. Hangan achi turetti Ganamoon guyyutti aanan litira shan qabatee qabsoof gumaacha. Nama fuula hinbeekne naannichatti yoo arge fiigee WBOtti hima. Yoo aduun galgalaa’u gala isaa ooffatee warraatti deebi’a. kana kaasuun koo waa irraa barannaafi. “Tarii keessi keenya xiiqomaa laata ….!?” Jedheen. Abbumaaf dhiifna.
Amma doo’annoo koos xumureera, kan na hafe, boruuf milkii hawwee har’aaf nagaa dhaammachuudha Isa dura garuu “ ….. qabsoo sabaa galmaan gahuuf ilmaan Oromoo hundi bakka jiranitti waan danda’aniin hirmaachuu qabu. Waan dirreerra jiru atuu ija keen agarteetta. Oromoon human guddaa qaba. Humna kana warraaqsuun garuu hojii tokkoon tokkoon keenyaa ta’uu qaba. Gaafas warri har’a gargar qoodanii human saba kanaa laaffisuu yaalan abdii kotatu. Sabni keenya ulfinatti baha…”  kuni dhaamsa Jaal Murataatti
.. Anis kana caala waanan jedhu hinqabu. Akka adaa WBOtti dirqamaafi gaafa bobba’an “injifannoodha!” jechuun jaallan hafanitti nagaa dhaammatu. Anis “Injifannoodha!” jechaan hangan saganntaa dhibiitiin sinitti deebi’utti nagaa dhaammadha.

Monday, March 17, 2014

Incarcerated Ethiopian journalist, Reeyot Alemu, spends 1000th day in prison


Reeyot Alemu


In a month when we are celebrating women, today, Sunday March 16th is Ethiopian journalist Reeyot Alemu’s 1000th day of imprisonment for simply doing her job.
A columnist for several Amharic-language newspapers, Reeyot Alemu was one of the first journalists arrested in a 2011 government crackdown on dissent as authorities in Addis Ababa, unnerved by the Arab Spring revolutions, rounded up prominent journalists, intellectuals and political opponents and linked them to a vague terrorism plot.
While in pre-trial detention, she reported being pressured to sign a false confession to implicate co-defendants in imaginary crimes against the state.
Her refusal to cooperate earned her a sentence of 14 years in prison based on her newspaper columns in which she criticized the government’s record on corruption, its attacks on democracy and the rule of law, and the effects of repression on the population.
Her sentence was reduced to five years on appeal but she is pursuing an international appeal at the African Human Rights Commission.
Ms. Reeyot’s indomitable integrity and courage in defiance of the injustice of her imprisonment, has earned her international accolades such as the UNESCO-Guillermo Cano World Press Freedom Prize, the International Women’s Media Foundation Courage in Journalism Award, and a finalist spot for the Sakharov Prize for Freedom of Thought.
She is among eight journalists imprisoned in Ethiopia, Africa’s second worst jailer of journalists after Eritrea.

Koongirasii Federaalistii Oromoo (KFO/OFC) Kora Isaa Kan Shaashamannee Milkiidhaan Xumurate

Koongirasiin Federaalistii Oromoo (KFO/OFC) kora guyyaa kaleessaa, Bitootessa 7, 2014 magaalaa Shashamanneetti waame milkiidhaan raawwate.
Kora kanarratti uummanni baayyeen hirmaateera. Kora kanarratti KFO irraa 1. Kabajamoo Ob. Bulchaa Dammaqsaa, 2. Barreessaa Dhaabichaa Ob. Baqqala Nagaa, 3. Itti-aanaa Dura Taa’aa Ob. Gabruu Uturaa fi 4. Itti-aanaa Dura Taa’aa Ob. Mulaatuu faan argamanii haasawa baldhaa taasisaniiru. Kora kanarratti sagantaa siyaasa dhaabichaa irratti, mirga Oromoo irratti, filannoo 2015, fi haala siyaasa biyyittii irratti mariin taasifameera.
Miseensonni Koraaf Uummata Wamaa turan gaafa Jimaataa Saatii 6f mgaalaa Arsii Nageelleetti jalaa hidhamuunille ibsameera. Qabsoo uummanni Oromoo fi saboonni cunqurfamoon taasisaa jiraniin dimookraasii fi bilisummaa Itoophiyaa keessatti ni fidna dhadannoo jedhuun xumurameera.
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee
Kora Koongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO/OFC) magaalaa Shaashamannee


Sunday, March 16, 2014

‘Unconditionally Stop Impoverishing & Brutalising Your Own People’ the Sidama nation advises the Cadres.

The Sidama nation, as others oppressed nations and nationalities of Ethiopian Empire has endured insufferable injustice imposed on it by colonisers’ during the entire colonial occupation of the last 130 years. Following the conquest, the nation’s ways of life and egalitarian systems were disrupted & obliterated to be replaced with alien and barbaric systems brought by the later. The Abyssinian King Menelik’s army was able to forcefully conquer the Sidama land crushing Sidama’s freedom fighters, simply because of the superiority of its’ European modern weaponry. Ever since, the Sidama nation is obliged to remain subservient to the successive rulers’ unjustifiable systems. Therefore, the assimilating power of the conquerors’ during these periods can’t be underemphasised. 

As recent far as the downfall of Emperor Hailessilassie’s brutal regime in February 1974 (GC), the Sidama nation didn’t have nominal representation albeit official representation was virtually unthinkable. And during emperor Hailesilassie’s feudal era, the Sidama nation was kept under slavery, therefore, Schooling their children was impossible. A very few schools opened in Sidama’s the then province such as Yirgalem and Wolyta Sodo secondary schools were mainly and on some occasions exclusively reserved for the children of colonial settlers (Nefitegnas). This was only drastically changed during the Derg regime (post February 1974 GC) when the Sidama children, like the others oppressed nations’ were able to attend schools, go to colleges and Universities. After their graduation however key employment areas where national decisions are being made remain remote for the sons and daughters of Sidama nation as is the case today.   

There were only two graduates’ from the entire Sidama nation during the pre-Derg era who were able to go to School, thanks to missionaries. They were Professor Desta Hamito (former Haramaya university physicist) and Mr Betana Hotesso Hamano, both of whom have currently retired veterans; although the later fought for the rights of his people throughout his entire life and he is doing so in his 80s. Although the sons and daughters of the nation were able to go to school, during the Derg regime, besides, the leadership including Sidama regional administration, the entire Sidama districts were all were exclusively reserved to non-Sidama Abyssinian settlers; all of whom continually subjugated the nation whilst expropriating its resources such as the current Nairob’s Amhara tycoon Tefera Endale who became billionaire with the wealth of Sidama nation. He has got several buses in Nairobi in addition to others businesses.

The stark difference during Derg’s era was the fact that, there were gallant Sidama personalities who were picked up by the Derg regime to serve its interests, yet have selflessly fought for the fundamental rights of the Sidama nation as a whole. Some of such gallant and selfless Sidama personalities were imprisoned and others were blood coldly assassinated by Abyssinians’ being coordinated by Derg’s officials such as the aforementioned Tefera Endale. From few of those who have been assassinated was Mathewos Korsissa (the then Sidamo province farmer’s association chair-the noblest Sidama personality) for speaking the need to develop Sidama region and protect the rights of its people. One of the others Sidama personalities who were terrorised and unlawfully arrested for years for defending the rights of the Sidama nation was the aforementioned ‘Betana Hotesso Hamano’. He with others Sidamas’ was kept in prison for years and later on released and kept under house arrest. There were also others Sidama heroes and heroines who have publicly fought for the rights of their nation despite their being selected to serve the regime which was in power. I’m not however denying the fact that there also were Sidama renegades who conspired with the rulers during Derg’s era.     

To revert back to the former; when the nation was conquered by the brutal Abyssinian army in late 1880s, they haven’t peacefully accepted the said systematic slavery; the slavery which lingers to this date in different form, albeit you (the sons and daughters of the nation are given nominal autonomy-the privileges you use to accumulate your own wealth, torture and dehumanise your own people who have done no crime, but demanded their constitutional rights to be respected). Since the Sidama as others nations and nationalities is driven to live under the said systematic slavery after it became the victims of colonial expansion, the nation made repeated attempts to liberate its people and land with no success.

Using its traditional weapons, the Sidama nation repulsed the first invading colonial Menelik II’s army during the course of its first wave. The modernity of coloniser’s weapons however were incomparable with that of the Sidamas traditional for the sole reason the nation finally become subservience. The biggest weapon the Sidama nation had during the said time was its unity, indefectibility, purpose driven determination to defend their rights; all helping the nation to refuse the invading army. The 1980s Sidama Liberation Movements (SLM’s) heroic struggle has shaken the foundation of the then regime and shown how the nation is capable of defending its rights. In response to Sidama’s resistance, Derg’s regime massacred hundreds of thousands of Sidama civilians during these periods. For instances, the Boricha Sidama massacre of over 700 non-combatant civilians on a single day incident by Derg’s brutal regime is one of the several genocides it’s committed on Sidama people. Besides, the nation didn’t keep silent since it lost its sovereignty. Instead it has sporadically fought all successive Abyssinian regimes during the entire occupation although the success remain distant.

Meanwhile, since the current Tigray People’s Liberation Front (TPLF) led regime assumed power in June 1991, it has picked hundreds of Sidama individuals most of whom are unprepared to do what their predecessors’ have done for the rights of their own downtrodden nation. Before the current regime picks them up, it has to make sure that these groups of people are obedient all the times and never dare asking why for whatever injustices imposed on their nation. For the first time in Sidama history since the conquest, the Sidama nation was given nominal representation although it isn’t genuine one. However, various evidences show that, if the Cadres were brave enough, whose numbers exceed ‘830’ could reflect the interests of their nation. Sadly none of them have done so.

Paradoxically, these cadres remain working contrary to the ethos of Sidama nation’s accepted values on defending national interest of the Sidama in the following manner:-

1.    They order the killings of armless and nonviolent Sidama civilians and unquestionably conspire with those who are prepared to kill.

2.    Continually block the constitutional rights of the Sidama nation to regional self-determination; usually unlawfully imprison, torture, intimidate and virtually terrorise Sidama individuals raising their constitutional rights.

3.    Deliberately impoverish Sidama region and conspire with those officials’ who are deliberately under developing Sidama by blocking all the necessary support the nation needs to develop and grow. For instance, ex late PM Meles Zenawi ordered all development activities supported by Irish aid to be unconditionally stopped & channelled to Tigray, The Sidama development practitioners were obliged to escape for their lives; thus currently all activities were dismantled and few of the remaining once become personal commodity for regional, zone and federal authorities.

4.    The Sidama human rights defenders are often targeted with harassment, intimidation, suppression and repression, imprisonment and physical and psychological torture and terror.

5.    Sidama University students are often picked on by the authorities if they raise the issues related with Sidama national rights.

6.    The Sidama land in Hawassa city is sold and purchased for the benefits of federal, regional and Zone authorities whilst the Sidama civilians are obliged to become beggars during this regime for the first time in Sidama history.

7.    An exorbitant income fetched by the Sidama coffee is systematically milked by the federal and regional officials, and billions of Sidama farmers’ union associations monies were taken away to be sued by TPLF’s representatives under the pretext of development banks, from which the Sidama never benefit.

8.    Few individuals including, anti-Sidama cadres, who is currently assigned to be a minister at the Ministry of Education (Shiferaw Shigute) and others his accomplices become billionaires with the left over from the TPLF bosses and numerous others…. 
These all inhuman activities are taking place in Sidama land with agreements of the entire Sidama cadres none of them speak single word about Sidama nation’s ongoing tragedy, instead they facilitate nations’ predicament. The Sidama cadres explicit or implicit agreements is responsible for the situation the Sidama nation is obliged to live under for unknown and uncertain futurity the nation is obliged to be subjected. On most occasions, the Sidama cadres are the ones’ who pre-plan how to brutalise the Sidama nation by showing the necessary strategies to their federal and regional bosses. Some of the Sidama elders are deceived into believing that the cadres are there for the Sidama nation whilst acting against its interests.
Therefore, mothers and fathers are crying for justice. Children are continually begging for proper meal once a day. Mountains and gorges are crying for justice, liberty and freedom. The Sidama land is asking for Halaale (Sidama nation’s moral code on truth and true way of life) to do justice for the Sidama nation.       
The Sidama nation of all walks of life strongly advise all Sidama cadre messengers of the current TPLF led authoritarian regime, to unconditionally stop killings of the civilians, sponsoring the killings of the Sidama civilians, blocking the Sidama nations constitutional rights to regional self-determination; imprisoning, intimidating, terrorising and suppressing the nation as a whole; deliberately or otherwise implementing anti-Sidama policies of the current regime in Sidama land and entire south; expropriating its resources, looting with looters and brutalising with brutalisers. 

Finally, the Sidama nation strongly advise the entire Sidama cadres to adhere to Sidama nation’s values on justices and fairness and join the Sidama nation’s genuine human rights defenders until the nation asserts its constitutional rights, liberty, justices and equality for all. Moreover, declining to respond such ongoing calls of the Sidama nation, the nation would like all the Sidama cadres to unambiguously know that when the rights time comes they all shall pay ultimate prices for their inhuman and unlawful actions; and the right time won’t be too long.

Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Mancaasuu Irra Darbee Qabeenya Ummataa Magalaa Harar Manca’uuf Gaafatama Qaba Jechuun Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaya Gaaffii Kaasan.

Bitootessa 15,2014 Haroomayaa
Magaalaa Haromayyaa keessatti sababa magaalaa Harar keessatti qabeenyaan uummataa ibiddaan manca’aa hanga har’aatti gubachaa jiruu ilaalchisuun barattootni Yuniversitii Haromayyaa barumsa dhaabanii jiru kana malees  hojjetootni mootummaa gariin hojii irraa walaba of taasisanii jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Gaaffii barattooti kaasan keessatti,ammaan dura baroota bittaa TPLF keessa bosonni Oromiyaa ta’e jedhamee abiddaan gubamaa,bineensi keessaa manca’aa Oromiyaan kennaa uumamaan qabdu akka dhabdu taasisaa turan,bosonoota gubaa turan san yeroo ammaa inveesteroota dhalootaan Tigray ta’aniif baldhinaan hiramee jira. Haalli kun yeroo ammaa ammo gara magaalaatti ce’ee qe’ee daldaltooti Oromoo fi sabooti biro jiran abiddaan mancaasuun itti fufa gochaa hammeenyaa Wayyaaneeti sababaa jedhuun gaaffiin ka’ee jira. Gaaffiin kun Oromiyaa guutuutti akka hin qabanneef jecha dabballootii fi milishoonni Wayyaanee manneen barnootaa fi Yuunivesitiileetti bobba’anii akka jiran gabaasi kun hima.
Gama biraan diddaa barattootaa fi uummataan ka’een wal qabatee xurreen quunamtii fi tajaajilooti kan akka interneetii fi bilbilli naannoo mooraalee Yuuniversitii adda addaa irraa akka citu taasifamee jira.

Gumaata: Dr. Paul T. W. Baxter (1925-2014)

A/salam Ali
Du’a Ulfaattuu
Duutii hunduu ulfaattu jechuun keessan ni mala. Ammoo duutii nama ummataa dalagee, tilmaama guddaa ummataa dhiisee, bira dabreetis ummata faarsee, dhugaa isaa bifa qabatamaa ta’een mul’isee fii mirga isaatiif diinaan mormuun falmatee du’a goddotti laalamati.
Dr. Baxter isaa ganna soddomaa gadii jiru ummata Oromootiin wal baree walitti hidhame. Bara 1950 irraa jal qabee waanuma ummata Oromo osoo dubbatu, barreessu, bakka danda’etti osoo mormuu fii falmatu guyyaan isaa ga’e boqate.
Duuba du’a nama kana fakkaatu akkamitti laalla …? Aadaa Oromo keessatti duuti nama guddaa gaachena hedduu qabdi. Uffachiisanii, weeddisanii, fardaan garmaamanii, meeshaa waraaniitiin doochisanii, eebbisanii, dhaamatanii … guyyaa  bareechesani geegessan.
Dr. Baxter nama awwaala akkasii argachuun male jechuu kiyya akka ta’e ifa gala. Ammaaf yaanni isaa nu wajji tura, ulfinna isaa barriin dheeraaf nu keessaa calaqqisaa deema; … gaafa guyyaan mirga Oromo guututti mul’ate itti deebina.
Jalqaba Oromo baruu:
Dr. Baxter waa’ee Oromo qorachuuf hamilatee, biyya ‘Ethiopia’ seenuuf mootummaa zamana H. Sillaasee gaafate. Hiree biyya san seenee qorachuu dhooggatanii mala birootiin ummata Oromootti ba’uu yaaduu jal qabe.
Kana booda biyya ‘Kenya’ bara 1952-3 keessa naannawa ‘Marsaabeet’ tiifii ‘Solooloo’ tti qoranna sirna jireenna Oromo godhe ragaa doktarummaa (PHD) isaa itti argate.
Kana booda, erga barriin dheeraaf irraa ture booda bara jahaatamman jal qaba keessa biyya (Ethiopia) dhaqee naannawa ‘Kofale’, kutaa ‘Arsii’ keessa qubate.
Asitti warra biyyaatiin walitti ba’ee, jiruu isaanii fudhatee warrooma uummate. Akka afaan isaatiin naa himetti akka aada Oromootti,… lammii biyyaa ta’e. Maqaan ittin waamamu, … maqaa ilma isaa hagafaa dabalatee, … (Abbaa Tiim) ta’ee moggaafame. Kanaa achittis ko’ummaa irraa akk ba’u yaadamee akka sirna gadaattii namoota gadaa isaa keessa turan wajji akka hiriyyoome yaroo wajji dabarsu gorfame, … (isaan keessaa  Balambaras Waaqoo Turi … Goofingiraa tokko).
Mana isaanii dhaqee buluu, wajji nyaatee dhuguu, uffata akka isaanii uffatuu, ulee qabachuu, weedduu horii weeddisuu, … kkf gochuu aanse. Haalli kun ummata keessa seenee akka qoratu godhuu alatti jaalala guddaa isaa argamsiise.
Yaroo kanatti barruu gara garaa akka weedduu aadaa, waa’ee sirna  ateetee, waa’ee hormaata loonii laaluu fii sirna gadaa laalu hubata gahaa wajjiin barreessuu danda’e.
Gama birootiin afaan Oromo barachuuf hedduu itti dadhabee hubannoo afaanii gahaa argate. Kun dhugaa ta’uu haasa’a inni godhaa ture keessatti xiinxalluun ni danda’ama. Kana malee barruudhan isaa keessatti jechoota afaan Oromootin  hedduu akka gargaarame guddisee muldhata.
Ammoo Ka kana hundaa caalu “jaalala inni ummata Oromooti qabaata turee fii hawwii inni barriin dheeraaf baataa ture”. Mirgi ummata Oromo guyyaa tokko akka guutamuu fii argamu  mamii hin qabu ture.
Kanaan wal qabatee rakkinni Oromo keessa jiru hedduu ta’uu guututti nama xiinxallee hubate ta’uun isaa irraa mul’ata. Kana keessa tokko akkaatan sirni ‘Habashaa’ ummata Oromo itti dhuunfate xaxaa hedduu akka qabuu fii keessaa alaan akka rakkinna fiduu danda’u xiinxallaa qabu kaasee dubbataa ture. Qabxii tana kana caala bal’isee ibsuuf bakka hin qabu … kanumaan bira dabra.
Dr. Baxter nama alagaa ummata Oromootii yaadda’u keessaa ka hangafaati. Erga biyya isaatti deebi’en booda qormaata isaa babal’isuun akka ilmaan Oromo rakkinna jiru ummata isaani hubatan nama godhe. Barattoota Oromo baruumsaaf biyyaa isaa dhaqan … akka waa’ee ummata isaanii irratti xiyyeeffatan tattaaffi guddaa nama godhe. Kana gochuun isaa ceekuu dabalata waan argamsiiseef, mormii ilmaan ‘Habashaa’ qabsoo Oromo irratti godhaa turan madaaluu fii xiqqeessuf karaa banaa dhufe. Bifa kanaan human jirtu walitti harkisuun bu’aa hedduu argamsiisuun hin mormisiisu.
Dhiibbaa barattoota Habashaa:
Barattooni habasha bifa gara garaatiin yaada inni dhiibaa ture (waa’ee Oromo) dura dhaabbata turan. Dhiibbaan kana fakkaatu caalatti isa jabeessaa akka dhufe haasa’a inni godhaa ture keessatti ni mul’ata. Haalli kana fakkaati lakkuma ilmaan Oromo seenaa ummata isaanii tiif mormataa dhufaniin laaffata deeme.
Keessattu OSAn ijaaramuun fii hayyoonni Oromo isa jalatti gurmaa’uun jijjiirama guddaa argamsiise. Hayyoonni Oromo soda malee akka yaada ‘Habashootaa’ dura dhaabbatan hiree hagana jedhamne akka uume Dr. Baxter dubbataa ture.
Lakkuma Oromoonni xiinxallaa isaanii yaada moromaa barattoonni ‘Habashaa’ godhan irratti xiyyeeffataa dhufanii fii hawaassiin Oromo biyyoota gara garaa keesatti ijaaramaniin; … hamilee fii hawwiin namoota alagaa Oromoof falmanii jabaata dhufe.
Ifaajeen Dr. Baxter barriin dheeraaf godhaa dhufe lafatti hin badne. Eddumaa dacha marguun haga ardha barattootaa fii hayyoonni ‘Habashaa’ sodaatanii fii gaabban gahe jechuun ni danda’ama. Haata’u malee ammallee karaa dheeratu nu eeggata. Kana nu hundinu ni hubanna jedhee laala.
OSAn bara 2010 keessaa hubata guutuu wajjiin badhaasa Dr. Baxterii kennuun ni yaadatama. Kun waan hedduu ilmaan Oromo boonsaati. Isaafis of duuba deebi’ee yoo laalu hara galfata akka ture ni hubatama.
Imala Austraaliyaa :
Dr. Baxter bara 1989 keessaa magaala ‘Melbourne’ akka dhufu hawaasa Oromo tiin afeerame. Isa wajjiin Profesaroonni (Hamdeessaa fii Mohamad Hassan) akka dhufan godhame bu’aa guddaa hamilee Oromootii argamsiisan.
Hawaasni Oromo guutumatti akkasuma namoonni dhuunfaan isa beekan akka gadda kanarraa hedduu rifatan bir’aa hin qabu. Ammoo seenaan isaa tiifii argatan jedhee yaada.
Anaanis wal baruun bara kana keessa. Kana boodas yaroo hedduu isa dubbisee barruu gara garaa tiifii gorsa irraa argadhe. Isa beekuun kiyya xiinxallaa fii muxannoo guddaa naa kennetti amana. Akka dhuunfaatti galata guddaa narraa qaba jedhee laala.
Walii galatti duutii Dr. Baxter hamilee ummanni Oromo qabu irratti waan calaqisu qabaata. Namoota akka isaa beekkomsaafii ogummaa guddaa qaban dhabuun nu miidha. Keessattu nama alagaa akka firaatti laalluu fii nuu falmatu dhabuun irdhinna guddaa ta’a.
Ammoo ardha bakka dur hin jirru. Ilmaan Oromo yaada isaa tarkaanfachiisan hedduu qabna. Kun kun obsa guddaa nuu kenna.
Dhumarratti warri isaa akka obsa guddaa argatu hawwii qaba. Gama ilmaan Oromo guddisee gaddi itti dhaga’amuutiinis kanuma jechuu dandeenna. Gumaanni inni ummata Oromoo tiifii biyya Oromootii godhe nu wajji tura. Guyyaa Oromoon mirga ofii gonfate seenaan isaa guututti olka’a. Akka aadaa keennaatti soodduu warqiin cubuuysame maqaa isaatiin dhaabuun yookin erkisuun dirqama keenna hunda ta’a.

Saturday, March 15, 2014

Godina addaa Finfinnee Sulultaa Keessatti Hojjettootii fi Barattooti Lammii Oromoo Ta’an Irratti Qormaati Addaa Akka Gaggeefamaa Jiru Gabaafame.Sababa Kanaan Barattooti Lamas Hidhaman.

OromiaALutaContinua2011FDG
Qeerroo godina addaa naannowaa Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa Bitootess 13/2014 gabaasee jiruun kanaan dura sochiilee mirga abbaa biyyummaa fi Oromommaa falmachuun Oromiyaa keessatti baldhinaan deemaa jiranii fi Yuuniversitiilee fi manneen barnootaa garagaraa keessatti FDG qabatee jiru hanga ammaatti wal harkisee itti fufaa kan jiru gabaasaan isaa bakka karaa adda addaatiin dhiyaataa jira. Gama kaaniin diddaaleen Qeerroon ona Sulultaa gaggeessaa ture addattis aanaalee Akaakoo,Gullee fi kkf gabaafamaa ture.
Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee hojjetoota waajirtoota adda addaa irraa hojjetan kanneen lammiin Oromoo ta’an qorannaa cimaa irratti adeemsisaa ture ammas bifa hin beekamneen itti jira. Torbeewwan kana keessaa Bitooteessa gaafa 12 fi 1aanaa Galaanoo Sabooraa; mana barumsaa Galaanoo Sabooraa kutaa 11 fi 12 baratan top-ten(barattoota sadarkaa qaban) kana jechuun barattoota barumsaan dandeettii qaban kan sadarkaa qaban guyyoota lamaan kana irratti dhimma barumsaan kan wal qabate wal gayii isaan waliin adeemsisani turaniiru.
Barattootni lakoofsaa mana barumsaa kana irraa wal gayii kanaaf carraa argatan hanga nama 52 yoo ta’an barattootni dhimma wal gayii sanii ykn ajandaa jalee Wayyaanee kanaa diiguu fi akkasuma carraa argatan kanatti gaaffii gaafatamuu qaban rakkoolee mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru, saaminsa lafaa,ariyamuu barataa,hoj-dhabdummaa irratti qixa godhachuudhaan gaaffiwwan kanneen kaasuun guyyaa jedhame kana irratti barattoota kanaan gaaffii kanaan wal qabatee diddaa guddaan ka’e, barattoota kana keessaas baratoota hedduu cimoo ta’an nama lama yeroodhaaf qorannee barumsa keessaniitti deebitu jedhuudhaan mana hidhaa magaalichaatti darbamani jiru,
1. Barataa Dhugumaa Ifaa-kutaa 11ffaa
2. Barataa Geetuu Kaffaalee-kutaa 12 ffaa iraa baratan kanneen lamaan gaaffii ABOn amma fudhatee ka’ee jiru gaafachaa jirtu isintu adda dureedha jedhanii qorannoodhaan dhiyeessanii hanga ammaatti mana hidhaa keessatti akka qoratamaa jiran Qeerroon magaalaa godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa gabaasee jira.