Thursday, April 10, 2014

Finfiinne and Hawassa the Two Ethiopia’s Largest Kush Nations’ (Oromo & Sidama)

Land is Becoming a Battlefield over Which the Settlers Compete Unlawfully Displacing Legitimate Owners!
የሀዋሳ መስፋፋትና የሲዳማ ህዝብፈተና!
By Desalegne Mesa (https://www.facebook.com/mdesalegne) April 09, 2014
ከቅርብ ዓመታት (1950ዎቹወዲህ ከተመሰረተቱት ከተሞች አንፃር ሐዋሳ ጥሩ የሚባልእድገት ጎዳና ላይ እንዳለች የሚታወቅ እውነታ ነው፡፡ በተለይም ተፈጥሮ በለገሰቻትውበት ምክንያት ሁሉም ሰው ለማለት በሚያስችል መልኩ ልቡ ወደ ሀዋሳ ሽፍተዋል፡፡ነጋዴዎች  ጎብኝዎች የመንግሥትና መንግስታዊ ያልሆኑ ድርጅቶች ምርጫና መሰብሰቢያአየሆነች መታለች አዳሬ-ሐዋሳ፡፡ ይህንን የህዝብ ፍልሰትንና ፍላጎት ለማስተናገድናለማርካት ይመስላል የተለያዩ ሰማይ ጠቀስ ህንፃዎች (የማን ናቸው?)መበራከትጀምረዋል፡፡ የተጠቀሱት ሁሉ የከተማዋን ተጨማሪ ውበት ስለምሰጡ ጥሩ ናቸው፡፡ከዚህም ያለፈ የተለያዩ ፀሐፊዎች ስለ ሀዋሳ ውበት፣ ሳቢነት፣ ሳብነቱን ተከተሎ እየተከሰቱያሉትን ወጣ ያሉ ተግባራትንና የሀዋሳ ሂሊውና የሆነው የሀዋሳ ሀይቅ ብክለትናስለተደቀነበት ፈተና ጽፈዋል፤ ለሚመለከታቸው ይጠቅማል ያሉትን አስተያየቶችንምለመሰንዘር ጥረት አድርገዋል፤ የሚሰማ ከተገኘ፡፡ ነገር ግን የዚህ ፅሑፍ አዘጋጅ ትኩረትለመስጠት የሚፈልገው የከተማውን ያልተጠና መስፋፋትን ተከትሎ እተጎዳ ስላለውህብረተሰብና ስለተደቀነበት አደጋ ይሆናል፡፡
ከላይ የተጠቀሱት የከተማይቱ መሳጭ ጎኖች ቢኖሩትም በዛው ልክ ደግሞ የህዝብ መከራየሚያበዙ፣ ከአካባቢ ወጣ ያሉና የምዕራባውያን ባህል መበራከትና ነባሩን የአካባቢውንባህልና ትውፍት በመዋጥ ረገድ ከፍተኛ አሉታዊ ተፅዕኖ ያሳድራሉ፡፡ ይህ ወጣ ያለ ነገርእንዳይከሰት ለህዝብና ባህሉ የሚቆረቆር ስርዓት መገንባትና ስርዓቱን የሚመሩ ሰዎችምየአካባቢውን ባህልና ትውፍት በሰለጠነ መልኩ ለጎብኝዎችና ለአዲስ ከታሚ ህዝብበማቅረብ የባእድ ባህልና አሰራሮች ቦታ እንዲያጡ ማድረግ ኃላፊነት ከሚሰማው የህዝብመሪ የሚጠበቅ ተግባር ነው የሚሆነው፡፡ ነገር ግን ይህ ነገር በሀዋሳ ከተማ ተኩረትየተሰጠው አይመስልም፡፡
በሌላ በኩል የአካባቢው ኅብረተሰብ በኢኮኖሚ እራሱን ችለው ለሌሎች ሀገር በቀልአገልግሎቶችን ማቅረብና መሸጥ በሚችል መልኩ ቀደም ተብሎ ሊቀረጽና ለከተሜነትእራሱን ያዘጋጀ ዜጋ በሂደት መፍጠርም ወሳኝ ጉዳይ ሆኖ ሳለ በዚህ ረገድም ምንምየሚታይ ነገር የለም፡፡ ይልቁንም ከተማ ያለቅጥ እየተስፋፋ ዘራፊዎች” በር እየከፈተይገኛል፡፡ የከተማው አመራር ለአካባቢው ህብረተሰብ ድንገት አካባቢው እንደተወረረያረዳና ከአርሶ አደርነት ወደ ከተሜነት እንደተሸጋገሩ በአንድ ገጽ ማስታወቂያ ያሳውቃል፡፡ከዚህ በኋላ መሬት አይታረስም፤ አርሶ አደር የነበሩ “ከተሜዎችም” አርሶ በምግብፍጆታ እራሳቸውን ከመቻልና የተረፈውንም ለገበያ ከማቅረብ ፋንታ ሊሸምቱ ገበያመውጣት ይጀምራሉ፡፡ በአንድ ጎጆ ስር የተሰበሰቡ የአርሶ አደር ልጆች እያደጉ ሲመጡናየራሳቸውን ጎጆ ቀልሰው መውጣት ቢፈልጉ የሚቻል አይሆንም ምክንያቱም በከተማታቅፈዋላ፡፡ አልፎም ህገ ወጥ ግምባታ ሰሪዎች ተብሎ የሚደርስባቸው እንግልት በጣምከፍተኛ ነው፡፡ በአንፃሩ ደግሞ አከባቡ በከተማ አስተዳደር ስር መታቀፉን ያወቁመሬት ነጋዴዎች” አካባቡን ይወሩታል፡፡ ገዝተው ይሸጣሉ፤ ሽጠውም ይገዛሉ፡፡
አሁን ባለው ተጨባጭ ሁኔታ ሀዋሳ በሁሉም አቅጣጫ በፍጥነት እየተስፋፋች ትገኛለች፡፡አሰፋፉ ደግሞ ቅድመ ጥናት ያልተደረገበትና ወሰን ያልተበጀለት ሲሆን አዲስ ጎብኚዎችናለመኖር በሚወስን ሰው ብዛት ብቻ ድንገት የሚለጠጥ ነው ብሎ ደፍሮ መናገር ይቻላል፡፡የከተማው አስተዳደር ለዚህ አፋጣኝና ዘላቂ መፍተሄ በመስጠት የከተማዋን ወሰንከማበጀት ይልቅ “ነጋዴዎች” እና አዲስ ከታሚው ኅብረተሰብ ሄዶ የሰፈረበትንበመከታተል ብቻ የሀዋሳ ክልል እያደረገ የራሱን የፋይናንስ ምንጭ አማራጮችን ያሰፋል፡፡
ለዚህ ጠሩ ማሳያ የሚሆነው ያለአካባቡ ህብረተሰብ ፍላጎት ተከልለው አዲሱ ሊዝአዋጅ” መሠረት እየተሸነሸኑ ለጨረታ የሚቀርቡና ከህዝብ ዘርፎ መንግሥትን የማበልጸግስራ እየተሰራባቸው ያሉት የሃላዴ፣ የዳቶ ኦዳሄና የቡሹሎ አካባቢዎች ተጠቃሽ ናቸው፡፡በተጨማሪም ከዚህ በፊት ከሀዋሳ ክልል ውጪ የነበሩ አካባቢዎችን ድንገት የከተማውአካል በማድረግና ”ለልማት ተፈልገዋል” በማለት አርሶ አደሮችን ያግድና መሬቱንጦሙን ያሳድረዋል፡፡ ከዚህም አልፎ ወጣቶች ከወላጆቻቸው በሚያገኙት ቁራጭ ቦታ ላይየራሳቸውን ጎጆ እንዳይቀልሱ ይከለክላል፡፡ በዚህም ምክንያት የሀዋሳ አካባቢ አርሶ አደሮችሞፈርና ቀንበራቸውን በተሰቀለበት ከተው ሰንበተዋል፡፡
የሲዳማ የባህል ሽማግሌዎች ቁጭ ብሎ ከሚዳኙበት ባህላዊ የዳኝነት ስርዓት ቦታዎች(Gudumaale) ከመገፋታቸውም አልፎ ቡሉኳቸውንና በትራቸውን አስቀምጠውያለወትሯቸው በጉልበት ሥራ የሚተዳደሩና ከእጅ ወደ አፍ የሆነ ኑሮ በስቃይ የሚገፉሆነዋል፡፡ ለዚህም ያልታደሉ አቅም የለላቸው አዛውንቶች ወደ ከተማይቱ ተበትነውየሰውን እጅ ማየት የተለመደ እየሆነ መጥተዋል፡፡ በዚህ ምክንያት ግጭቶችን በባህላዊናቀለል ባሉ መንገዶች ያለምንም ወጪ መፍታት በሐዋሳ አካባቢ እየቀረ መተዋል፡፡ ስለዚህሁሉም የሚካሰስ፣ የሚፋታና ለሙስና የታጋለጠ(ፍርድን በብር የምያገኝእየሆነመተዋል፡፡ወጣቶች ወደ ከተማ ገብቶ በሙያቸው ተወዳድረው እንዳይቀጠሩ በቂ ቅድመማዘጋጃ ነገርና የሙያ ትምህርት ደረጃ ስላላደረሷቸው ጎዳና ተዳዳሪነትና የወጣት ተጧርነትእጣፋንታቸው እየሆነ መተዋል፡፡
በአንፃሩ ደግሞ መንግስትና ተባባሪዎቻቸው ከከተማው በሚገኝ ገቢ ላይራቡ ጠግበዋሉ፡፡እንዳይታረስ የተከለከለው መሬት እየተቆረሰ በልማት ሰበብ ታልፎ ለባለሀብቶችይሰጥና በቅጡ ለምቶ እንኳን መሬታቸውን ለተነጠቁት ቅድምያ የስራ እድል ሳይፈጥሩታጥሮ ይቀመጣሉ፡፡ መሬቱን በመቸርቸር ጥቂት የመንግስት አፈቀላጠዎች በሀብት ላይሀብት  በቤት ላይ ቤት እየደራረቡ መኖራቸውን ቀጥለዋል፡፡ ከላይ የተዘረዘሩትናሌሎችም መዘዞች ዋናው ምክንያት ለህዝብ ያልቆመና የህዝብ ድምፅ ለመስማት ፍቃደኛካለመሆኑም በላይ በሙስና የተጨማለቀ የመንግሥት ስርዓት ሀገርቷን ጨምድደውበመያዙ ነው፡፡ በሌላ በኩል መንግሥት ለከተማ ልማትና እንዱስትሪ ያለው መረዳትናፖልሲ ከከተማ ያለቅጥ መስፋፋትና የጥቂት ሀብታሞች ሰማይ ጠቀስ ህንፃዎች መበራከትየዘለለ አለመሆኑ ነው፡፡
የሀዋሳ ያልተጠና መስፋፋትና አደጋ ለሌሎች የሲዳማ ዞን ከተሞችም እየተረፈ እንዳለለማንም በተለይም በቅርበት ለሚከታተለው ሰው ግልጽ ነው፡፡ ለምሳሌ ወዶ ገነት ካላትየተፈጥሮ ሀብትና ኢኮኖሚ ምንጭነቷ በርካታ የስራ አጦችን በማስተናገድ እፎይታመፍጠር በሚችል መልኩ እራሱን የቻለና የተደራጀ ከተማ መፈጠር ይቻል ነበር፡፡ ላኮ፣ሞሮቾ፣ ዶረ ባፋኖና ቱላም እንደዝሁ፡፡ ግን ምን ያደርጋል አልሆነም፡፡ ምን ቢሆን?
ወጣቱን፣ አዛውንቱንና ሌሎችን የአካባቢውን ነዋሪ ባህል  አኗኗርና እኮኖሚ በማይጎዳመልኩ ከተማ መስፋፋት የሚችልበትንና የራሱ የሆነ ህጋዊ ወሰን (definite city boundary) ቢኖረውና በዚህ ወሰን ውስጥ ብቻ ማደግ(ወደላይና ወደ ጎን)የሚችልበትን አሰራር በጥልቀት በመፈተሽና ተግባራዊ ማድረግና አጎራባች ከተሞችምእራሳቸውን ችለው እንዲቆጠቁጡ ማድረግ ቢቻል የተሻለ ይሆናል የሚል እምነት አለኝ፡፡ 

ወጣቱንና አምራች ኃይል ብሎም ሁሉንም የአካባቢውን ኅብረተሰብ ወደ ከተሜነትየመሸጋገርያ ጊዜ በመስጠት ከግብርና ውጭ ሌሎችን የገቢ ምንጮችን እንዴት መፍጠርእንደምችሉ በማስተማርና ቀድሞ በማዘጋጀት በተለይም ወጣቱ ክፍል በሙያ የበለጸገ ሆኖወደ ከተማ በመግባት ተወዳደሪ የሚሆንበት አሰራር በጣም ትኩረጥ ተሰተው መጤንያለበት ጉዳይ ነው፡፡
በሌላ በኩል የተቀሩትን ኅብረተሰብ ክፍሎችን (ያልተማሩትን፣ ሴቶችን፣ አረጋውያንናየባህል አባቶችንየነበረውን ባህላዊ ስርዓታቸውን፣ የአኗኗር ዘይቤያቸውንና የገነቡትንማህባራዊ ህይወታቸውን ሳያፈርሱ (ሳይለቁእርሻቸውን እያረሱ እና ባህላዊ ስርዓታቸውንእየከወኑ የሚኖሩበት ቦታ በማዘጋጀት ማስፈርና በከተማው ውስጥ ደግሞ ልጆቻቸውንየሚያስተምሩበትን ቤት መስሪያ ቦታ በመስጠት የከተማውን እድገት እንከን የለሽና የነገእጣፋንታው የጥቂቶችን እጅ የሚመለከቱ ሰዎች የበዙባት ከተማ ከመሆን ማዳንይቻላል፡፡ ማን ይችላልህዝባዊ መንግስት፡፡
አለየለም፡፡ ምን ይሻላልታግለው ህዝባዊ መንግሥት ማቋቋም ነዋ!! ቸር እንሰንብት!

AFO urges to uphold Human Rights of Refugees in Kenya

(Advocacy for Oromia, Press Release, 9 April 2014) Advocacy for Oromia requests the Government of Kenya to ensure that the law enforcement agencies to uphold the rights of all those arrested and to treat them in a humane and non-discriminatory manner.
The press release also emphasizes  the need of  internal investigations for the breach of the police department orders as issued by the department.
Advocacy for Oromia understands the security concerns of the Government of Kenya and the steps taken to protect the people who live in the country including asylum-seekers and refugees.
As the government does its search to secure the country, at the same time,  they have to “to uphold the rights of all those arrested and to treat them in a humane and non-discriminatory manner.”  to respect the International law and  human rights.
Advocacy for Oromia has been informed that those arrested are held at various police stations as well as at the Kasarani Stadium in a very poor harsh condition.
Press Release Advocacy for Oromia

Woldhabbii Gosoota Oromoo Gujii fi Booranaa Ilaalchisee Ibsa (Yaada) Liigii Dargaggoota KFO’n Kenname

Dhiyeenya kana gaafa 17/07/2006 kaasee guyyoota afuriif wol faana wolitti bu’insa gosoota Oromoo kibba Oromiyaa Gujii fi Booranaa gidduutti taasifameen lubbuun baay’een dabartee jirti. Liigiin Dargaggoota Koongireesii Federalaawaa Oromoo (KFO) gadda guddaan gorsa, ibsa fi yaada asiin gadii kana dabarsa.
Uummati Oromoo dur dur woggoota dheeraan dura gaadisa tokko jalatti woliin bulaa akka ture seenaan ni hima. Uummatni kun uummata Nuubiyaa fi Meero’ee irraa ergii adda baheen booda kibba Itoophiyaa naannoo Madda Wolaabuu, hayyooti seenaa gariin Haroo Wolaabuu jedhutti Sirna Gadaa jalatti haala cimaan of ijaaree, ofiin of bulchaa ture jira.
Jaarraa 16ffaa keessa tuttuqaa warreen Kirsitaanaa gama kaabaanii fi Islaamaa gara bahaatiin irraan ga’aniin sochii taasiseef sababa akka ta’e prof. Tasammaa Taa’aa barreefama isaanii “periodization and some turning points in Oromo history” jedhu keessatti ni ibsu. Prof. Tasammaan qubsuma uummata Oromoo bara 1800-1870 yoo kaa’aan:
1. Yejjuu, Raayyaa fi Azeeboo – Kaabaa
2. Tuulama fi Macca – Giddu Galeessaa fi Lixa
3. Arsii, Baalee fi Kaarrayyuu – Kibba Baha
4. Ituu, Humbeennaa, Anniyaa, Afran Qalloo (Harargee) – Baha
5. Booranaa fi Gujii – Kibbaa Oromiyaa akka jiratan barreeffamuma kana keessaatti kaa’anii jiru.
Sochii jaarraa 16ffaa kaasanii haga guyyaa hadhaatti gosooti Oromoo kibbaa Booranaa fi Gujiin wareera Minilikii kaasee hanga gabbaarii Haaylee Sillaaseetti, Qayyi-Shibbirii (Goolii Diimaa) dargiirraa kaasee haga bittaa ADWUItti hamtuu/ balaa dhufe hundaa woliin dura dhaabachaa turanii jiran. Woldhabdeen sababa margaa-bisaanii fi barmaatilee duubatti hafoo akka SIDOOMAA, MIRGAAF wol-ajjeesuu fi WOL-DANNABSUU (saamicha loonii) yeroo garaa garaatti wolitta haa bu’an malee obboleeyyan ta’uu isaanii wollaalanii hin beekan. Woldhabbii akkasii ta uumamtulle aaduma jirtuun dubbatanii araaramaa turaniiru.
Bifuma wolfakkaatuun balaa uumamaa bonaa fi hongee wolitti dheetanii waan qaban wolii kennanii, waan qaban woliin hiratanii darbaa turan. Jabana jabanaan bittaa worra Habashootaatiif weerartoota alaa dura dhaabbatanii aadaa fi Sirna Gadaa isaanii tursanii yeroo ammaa aadaa fi sirna Oromoon ittiin beekkamu Sirna Gadaatiin bulaa kan jiraaniif gosa Oromoota hafaniif haala oonnachiisuun barsiisaa fi dabarsaa gudda godha kan jiranii dha. Oromooti kibbaa kun Arsi haga ta’e dabalatee horsiisee (tiffaatee) bulaa kan baay’atan yoo ta’an horii isaanii dabarsanii wolii kenna, namoota bonni horii jala fixe dabaree dabarsaafi (rehabilitate gochaa), jala fi jaltoo wolii ta’anii, durba wol irraa fudhaanii wolitti heerumsiisanii soddoomanii, hamtuu/balaa galee woliin gaddaanii, gammaachuu woliin dhandhamanii wolitti irkatanii hardhaan bayan.
Haata’u malee seenaa dheeraa biyya Itoophiyaa tana keessaatti baay’innaa fi qabeenya uummata Oromoo kan sodaataniif saamuu kan barbaadan gidduu Oromootaa seenuun wolitti buusanii kaayoo isaanii milkeeffachaa akka turan weerara Minilikii taasisee kaasee hanga guyyaa hardhaati ta’eewwaan muldhatani kanumaa agarsiisu. Kanniin alatti sabuma kana irra kan dhalataniif aannaan saawwaan Oromiyaatiin kan guddatani fedhii hoggantoota siyaasa habashaa guutuuf akkasumas bu’aa yeroo argachuuf jecha saba isaaniitti gara galuun uummata kana wolitti buusaa kan turaniif ammas kan muldhatanii ni jiru.
Gosoota Oromoo obboolloowwaan lama kana giddutti yeroo amma kan muldhates kanan adda hin ta’u. gama biraatiin ammoo mootummaan ADWUI/OPDO gaaffii uummata yeroo deebisuufi gaaffii uummata woldorgommii gosaa (tribal competition) godhee ilaaluu dhiisee fala hatattamaa keennutti irra jira ture. Biyya dimookiraasiin bulaa jira jettuu keessaatti obbooleeyyan lamaan meeshaa ammayyaa hidhatanii dhiiga yoo wol dhangalaasanii fi lafee wolcabsan daawwachuun Oromummaa OPDO gaaffii keessa akka galu taasisa. Raayyaa waranaa Itoophiyaa nageya lammilee biyya bira eeguuf Sumaaliyaa fi Suudanitti yeroo bobbafamutti obboleeyyan lamaan adda-dhoowwuu dadhabee Oromooti 50 ol dhumanii 100 ol madaawan. Kun waan arguu fi dhage’uun nama waan gadiisisuu qofa adoo hin ta’iin gaaffii sammuu fi seenaa nama madeessu.
Uummati tiffatee bulaan meeshaa waranaa hidhatee jiraatu sababa nama dhunfaatiin wolitti bu’uu adoo hin ta’in akkatuma kaleessa aadaa fi sirna bulchiinsa Gadaa ittiin bulaa turaniin furamuu qaba malee gosa fi gosan wolqoodanii yeroo wal ajjeesan waan hin baratamnee qofa adoo hin ta’iin waan nama boochisuu dha. Kana irraa ka’uun liigii Dargaggoota Koongireesii Federaalawaa Oromoo dabalataan dhaamsa (yaada) asiin gadii qaamoota asiin gadiitiif dabarsuu barbaada
Tokkeessoo: Oromoota Gujii fi Booranaa tiif
Biyya kami keessaattuu, saba kamuu keessatti wolitti bu’insi hinuma
jira. Wolitta bu’iisi jiraatuu malee isin uummata kaleessa beelaa fi quufa, baalaa fi hoongee wolgargaartaanii woliin dabarsitanii; wol irraa fuutanii wolitta heerumsiittanii jirtanii, tolaa- soddaa wolii taatanii jirtanii; isin uummata Sirna Gadaatiin buluu woldhaba akkanaa isinirraa hin eegnu wolirraa dhaabadhaa isiniin jenna. Woldhabni keessan kun worra tokkummaa uummata keenna hin jaalanne gammachiisaa jiraa waan te’eefi diinni itti yaadee dhoksaadhaan harka keessaa qabaachuun naqa waan barameef meeshaa diinaa akka hin taanee adaaraa isiinin jenna.
Lammeessoo: Oromoota gadi haaftaniif
Rakkoon obboolleeyyan keenyaa raakkoo keenya hunda ta’uu hubannee hidhii xuuxaa caldhisuu mannaa hayyooti Oromoo, abbootiin gadaa gosa Oromoota dhibii, jaarrolee fi beektooti Oromoo hundinuu rakkoon obboolleeyyaan lamanii kun hammaatee itti fufuun eennullee caalaa nu oromoota kan miidhu; yoo sirraa’e nu Oromoota kan fayyaadu ta’uu hubattanii jidduu seentanii akka sirreessitan Liigiin Dargaggoota keenyaa adaraa isiniin jedha.
Sadeessoo: Mootummaa Naannoo Oromiyaa tiif
Gosti kun lamaan araaramee tokkummaa ifii akka cinsatu abbummaadhaan dhimma kana fudhattanii, akka irratti hojjattan harkaa keessanitti kennina. Murteen isin dabarsitan murtee siyaasa ykn bulchiinsa(administrative solution) bira darbee murtee Oromoota tokkoomsu ta’uun aadaa kalee ittiin bullee araara buusa turreen; sirna bulchiinsa Gadaatiin wol faana akka taasistan isin gaafanna.
WAAQI/RABBI NU NAGEESSU!
Liigii Dargaggoota KFO
Bitooteessa 24, bara 2006
Finfinnee, Oromiyaa

Filannoon Bara 2007 Mallattoo Kufaatii A.D.W.U.I ti.

Galaanaa Alaanoos Irraa Godna Arsii
OPDO.jpg saamtuuAddunyaa kana irratti wanti hundinuu dhuma qaba, yeroo fi iddoon raawwii isaa gargar haata’u malee addunyaa kana irratti wanti osoo hin jijjiiramne barbaraan jiraachaa hafu hin jiru. Maatiin ijoollee horeen, mootummaan mootummootan , ji’oonni waggootan , yaadni dullooman ilaalcha haaraan, dukkanni ifaan, ifni dukkanaan, hiyyummaan dagaaginaan, dagaaginni hiyyummaan ,dimokiraasiin abbaa irreetin ,abbaan irree sirna dimokiraasitiin bakka walbuusaa ykn tokko isa kaanif iddoo gadi lakkisaa jiraata. Mootummoonni masaraa mootii itti ta’an keessatti reeffa isaanii arguu fedhan hundinuu abboota irreeti. Aangoo garmalee jaallachuun yoo abbaa irrummaa isaan ulfeessu, ummanni isaan geggeessan gama isaatin mootummaa dimokiraatawaa da’uuf ciniinsifachuu jalqaba. seeliin abbaa irrummaa warroota biyya bulchan keessa naanna’u kun ummanni mootummaa dimokiraatawaa ulfaa’ee akka oofkaluuf kakaasa. sirni mootii h/sillaasee dargu, dargun a.d.wu.i fi dhaabbilee siyaasaa biroo kanneen osoo hin milkaa’in hafaniif akka ulfaa’uuf sababa ta’anis ummanni oromoos ta’ee saboonni cunqurfamoon biroo hanga har’aatti ija dimookiraasii arguu hin dandeenye.Mootummaan wayyaanee bifa barreeffamaan heera biyyattii irratti namni kamiiyyuu dhaaba siyaasaa barbaade deeggaruufis ta’ee geggeessuf mirga qaba jedhee kaa’ee jira.Dhaaba siyaasaa kam irraayis bilisa ta’ee jiraachuu ni danda’a jedhee jira.Garuu dhugaan jiru faallaa kanaati maalif yoo jenne biyyattiin heeran bulti osoo hin taane labsii fi qajeelfamoota nama dhuunfaa miidhuf jecha yeroo yeroon ba’aniin masakamti. Filannoo bara 2007 ilaalchisee mee cunquraa fi gidiraa mootummaan wayyaanee ummata irraan gahaa jiru haa ilaallu.Mootummaan wayyaanee filannoo dhufu milkiin xummuruuf jecha dhiiga ummataa xuuxaa ofiif haala mijeeffachaa jira. Tarsiimoon inni raayyaa misoomaa fi tokko shanee jedhee diriirse mallattoo cuuphaa miseensummaa wayyaanee ta’uun isaa sabboontota oromoo biratti salphaatti hubatamuu danda’ee jira.Kanaafuu sabboontonni Oromoo kanneen hojjettoota mootummaa ta’an tokko shaneen siyaasa waan ta’eef hin hirmaannu jechuun ija jabinaan mootummaa wayyaanee falmaa jiru.
Haata’u malee garuu mootummaan abbaa irree kun tokko shaneen siyaasa ta’ee dhiisee tarsiimoo mootummaan diriirse waan ta’eef hundumtuu hirmaachuun dirqama jedha. Namni tokko hojjetaa mootummaa hanga ta’etti imaammata mootummichaatti amanee fudhachuun dirqama isaati jedha.Summiin tokko shaneen baattee adeemtu hedduudha,marii tokko shanee irratti namni tokko yaada inni kaase waliin galmeeffamee qaama itti waamama tokko shaneef gabaafama. Kanaan booda waajjiratti nama waamun qorannoon ija nama keessaa baasu ilaalcha fi akeeka namaa hubachuuf. Mootummaan Wayyaanee yoom kanaan gahe jedhee ummata dhiise, hojjettoota mootummaa seektaroota adda addaa irra deemuun yeroodhaa yerootti akka isaan miseensummaa guutan dirqisiisaa jira. Namni kam illee buusii dhaabaa ji’aan mindaa isaa irraa qarshii 25 kutuun dirqama jedha.Najaaladhuu jaalala hin taatu jedha Oromoon namni akeeka fi ergama Wayyaanee hubatee beeku miseensa isaanii ta’uu irra dhiibbaa dhufu fudhachuuf murtoon of qopheessan.Godina Arsii ona roobee gandoota baadiyyaa 32 keessatti buusii ijaarsa dhaaban jabeessinu tokkoon tokkoon qotee bulaa qarshii 120 akka buusu dirqisiisaa jira.Namni ani miseensa waan hin taanef hin buusu jedhee mormu ati lammii biyya kanaamiti jedhamee gidirfama.Namni mootummaa misoomaa hin deggarre farra misoomati jedhamee farrajamaa jira.
Mallattoolee kufaatii Wayyaanee mul’isaa jiran keessaa ; Fincila diddaa gabrummaa Qeerroon finiinsaa jiruudha. Yeroo ammaa kana keessatti waantotni mootummaa wayyaanee rifaasisanii yaaddessuun gidirfamuu baayisaa jiruuf diddaan karaa adda addaan waanmulataa jiruufiidha akka fakkeenyaatti:-
-Hojjettoonni mootummaa jireenyi qaalawee jira hojiin nuti hojjennuu fi mindaan keenya wal hin gitu, akkasumas miseensummaa guutuu diduu irraan mootummaa wayyaanee waliin wal finciluu keessa seenuun mootummicha humna buusee jira
-Barattoonni musliimaa mooraa yuunivarsiitii keessatti uffata sharihaa akka hin uffannee fi akka hin saganne yommuu dhoowwaman tole jedhanii fudhachuu diduu,yaadaa fi dhaamsa wayyaanee fudhatama dhabsiisuudhaan laamashessaa deemuun,
-Qonnaan bultoonni dhugaa jiru hubatanii buusii dhaabaa buusuu diduun fakkeenya gaariidha.
Kanaan wal qabsiisee uummata oromoo keessa deemee bakka jabinnii fi sabboonummaan itti cimaa jiru keessatti tikoota isaatiin toohatamuu fi hordofamuu yaadaa fi sochiin oromummaa yoo jabaate ilaalcha diinummaa fi isin ABO dha jedhuun haaluma salphaadhaan mana hidhaatti darbaa jiraachuudhaan kan beekamaa jiruudha, kunis dura isaatiif haalota aanjefachuu irratti mootummaan wayyaanee jabaatus qabsoon uummataa fi Qeerroodhaan wal deggeree jabaachuun isaa waan yaaddesseef ofiis boqonnaa dhabee uummatas boqonnaa dhabsiisaa jira.

Na dhaqabaa jetti Finfinneen!


Hawi Chala
Hawwii Caalaa
Teessoo Oromotaa haandhura Oromiyaa
Magaala bareedduu hin qabdu fakkeenyaa
Jituuf magariisa lalistuu fi badhaatuu
Madda burqaa uumaa kan taate hawwattuu
Sabni koo siin gammada sittis ni abdata
Haandhura kooti jedhe ormatti odeeffata
Garuu…….
Garuu yaa Finfinnee amma ati kan eenyuti?
Finfinnee ishee jalaqabaa kanuma duritii?
Lakki! ati jijjiramteetta ishee durii miti
Teessoo alagaa malee kan saba koo miti x2
Oromoon si keessaa hir`atee dinni dabaleera
Bareedinni kee duri sun si dhisee demeera
Yaa lafa seenaa qabdu Finfinnee dubbadhu
Rakkina kee himadhu hundatti odeeffadhu
Hin calisiin maaloo kan garaa kee baafadhu
Rorroo kee hin dhoksiin ifatti lallabadhu
Wayyoo yaa Finfinnee wayyoo yaa biyya koo
Alagaan siin taphate sitti fide rakkoo
Gadadoo sirra jiruuf ilmaan kee gaddaniru
Garaan isaan gubate imimmaan buusaniru
Ajaa`iba rabbii kan kee kun maalumaa
Dinni si balleessuuf halkan guyyaa gamaa
Ati hin dhageenye waan siif qophaa`aa jiru
Jarri hin callisne hin dhisne gitiintiruu
Eenyummaakee daran caalatti balleessuuf
Sanyii lammiwwan kee hundedhaan buqqisuuf
Dinni kee qophaahera toftaa haaraa dirirsuuf
Murannoon ka`eera daangaa kee bali`isuuf
Finfinnee hin callisiin ilmaan kee waammadhu
Dafaa na dhaqabaa jedhi isaanin gaafadhu
Rakkoo kee itti himi kan garaa kee dubbadhu
Ilmaan kee akka gurma`an cimsii itti himadhu
Gadadoon dhufuuf deemu kan duriin adda dha
Bifaa fi akkaataan hammi isaas guddaa dha
Ilmaan koo gurmaa`uun tokko ta`u taanaan
Irree jabeefachuun tokkummaan hiriirnaan
Rorroon koos ni hir`ata rakkinnis ni salphata
Sabni koo jabaannaan naaf fidu furmaata
Dhaamsa dabarsaa jirtii dhagahaa Oromootaa
Haandhurri keessan Finfinneen kan taate jannataa!!!
Bilisuummaan saba cunqursaa jala jiru hundaaf haa ta`u.
Barreesituun walaloo:Hawwii Caalaa


=>ayyaantuu

EU not financing Ethiopia Renaissance Dam: EU ambassador in Egypt

EU ambassador underlines union's support for negotiated solutions in international disputes; says Egypt has requested presidential poll supervision

ethiopia dam
A general view shows construction activity on the Grand Renaissance dam in Guba Woreda, Benishangul Gumuz region March 16, 2014. Egypt fears the $4.7 billion dam, that the Horn of Africa nation is building on the Nile, will reduce a water supply vital for its 84 million people, who mostly live in the Nile valley and delta. Picture taken March 16, 2014 (Photo: Reuters)

The European Union (EU) is not funding the Ethiopian Grand Renaissance Dam, said EU Ambassador to Egypt James Moran in a press conference, the MENA state news agency reported.
Moran underlined that the EU is looking into the issue of the Ethiopian Renaissance Dam since it affects many countries. He also said the EU is ready to help any country that seeks its assistance related to this issue.
Moran underscored the importance of negotiations between countries in dispute, in order to reach solutions that benefit all parties.
Egypt, Ethiopia and Sudan formed a tripartite technical committee to study the possible effects of the Ethiopian Renaissance Dam. But the committee's discussions were thwarted in December when Sudanese President Omar Al-Bashir announced his support for the dam during a meeting with Ethiopian Prime Minister Hailemariam Desalegn.
Egypt's foreign minister, Nabil Fahmy, met last week with his Ethiopian counterpart, Tedros Adhanom, at the two-day EU-Africa Summit in Brussels.
According to Al-Ahram Arabic news website, Fahmy said that his meeting with Adhanom included "a frank and open discussion" on the stance of both Egypt and Ethiopia regarding matters of concern to both states, including Nile water issue and Renaissance Dam.
Meanwhile, Moran said that EU foreign policy chief Catherine Ashton is expected to visit Egypt Wednesday to reaffirm the EU's interest in future cooperation and bilateral relations with Egypt.
He said the EU is keen to help Egypt, especially Upper Egypt that has been lately suffering instability amid general poverty.
Moran also spoke about the EU's supervision of the upcoming presidential elections, saying that Egyptian authorities requested the EU supervise the elections. The union has set a delegation upon this request.
He added that the EU did not supervise the referendum on the constitution that took place in January because the request to supervise it arrived late. 
Egypt's presidential poll is scheduled to take place in May.
About Britain's move to investigate the Muslim Brotherhood, Moran said that this concerns only Britain and not EU countries.