Tuesday, September 23, 2014

Hirbuu Dhiigaan Eegalame

Jiituu lammii, Ful. 23, 2014
Halkan dhawaata bari’a. Hanga obsaa fi murannoon itti deeman mallattoo barii lafaa eeru arguu fi dhaga’uu jalqabu. Hangasitti garuu cichaa fi murannoo gaafata. Seenaa qabsoo bilisummaa Afrikaa keessatti Hanga xumura waraana Addunyaa 2ffaa (WWII)tti dukkanni gabrummaa dachee Afrikaa dhuunfate tasuma waan bari’u hin fakkaatu ture. Haa ta’uutii garuu taateen seenaa kana jijjiiru guyyaa isaa eegee  dhalachuu hin oolle. Innis sochii barattoota Afrikaa ti.
Barri 1935 – 1960 bara sochiin barattoota Africa jabinaa fi heddumminaan itti mul’atee dha. Baay’inni dhaabbilee barnootaa dachee Afrikaarratti mul’achuun,  lakkofsi ilmaan Afrikaa mana barnootaa seenan akka dabalu taasise. Lakkoofsi barattoota ilmaan Afrikaa biyya keessaa fi alaatti dabalaa deemuun dammaqiinsa siyaasaa fi hadheeffannoo gabrummaarratti isaan qaban jabeessuu eegale. Dammaqinsaaa fi hadheeffannoo kana keessaa warraaqsi dammaqinsa hawaasaa uumu dhalate. Dhaloota warraaqsa kanaatu dukkana gabrummaa dachii Afrikaa dhuunfatetti daangaa kaa’uun waldhaansoo haaraaf karaa saaqe. Waldhaansoo Diddaa Gabrummaa!
Sochiin jalqabarratti seenaa fi aadaa sabaa dhaadhessuutti fuulleffate, dhawaata bifa fincilaa fi diddaatti geeddaramuun gaaffii bilisummaa kaase. Warraaqsi kun hidda jabeeffatee dhaloota jaarmiyaalee bilisummaaf karra saaqe. Hoogganoota siyaasaa jajjaboo magarse. Tarsimoo fi tooftaa bilisummaa biyyaa dhugoomsan akeekuun qabsoo tarkaanfachiise. Akkaataa kanaan biyyoonni Afrikaa: Gaanaa (1957), Nayijeeriyaa (1960), Seeraliyoon (1961), Keenyaa (1963), Ugandaa (1962), Tanzaniyaa (1961), Tunisiyaa (1956) fi kanneen biroo hedduun Gabrummaa ofirraa cabsuu danda’an.
Akkuma seenaa biyyoota Afrikaa kanneenii faana seenaa Qabsoon saba Oromoo keessa darbe yoo yaadanne, sochiin barattoota Oromoo seenaa fakkaataa qaba. Jaarmiyaa Oromoo walaba (independent Oromo Organization) ijaaruu dabalatee diddaa Oromoon bifa faffaca’een gabroonfattootarrattii geggeesssu bifa qindoome akka qabaatu gochuuf  barattoonni Oromoo seenaa seenaan hin daganne kaayaniiru.  Aadaa, seenaa fi walumaa galatti eenyummaa Oromoo ifa baasuun Oromoo dammaqsaniiru. Akeeka jabaa fi tarsiimoo fulla’aa kaa’uun qabsoo Bilisummaa Oromootti bu’uura jabaa tolchaniiru.
Qabsoon Oromoo haala ulfaataa fi qormaata jajjabaa keessa bahee dhimmoota waan hin danda’amne fakkaatan danuurra aanee isa kaleessa fageenyatti ilaalamee “kuunno ti!” jedhamaa ture har’a dhiyeenyatti “kunoo ti!” akka jennuuf itti wareegamaniiru. Barattoonnii fi Barsiisonni Oromoo carraa dhiphoo bara seenaa qabsoo Oromoo keessatti bara ce’umsaa ykn ‘Charter’ jedhamu keessa argamtetti haajamuun akeeka bilisummaa Oromoo ABOn barsiise saffisaan simataniiru. Akeekni kun hundee jabaa horatee qe’ee Oromoo keessatti akka dagaagu itti cichaniiru. Akeekni Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoo Onnee Oromoo keessatti akka biqilu gatii jabaa baasaniiru.  Ifaan  bilisummaa gaafas qabate har’a balbala Oromoo hundarraa ifa.  Kanatu hidhata qabsoo Oromoo fi sochii brattoota Oromoo gidduu jiru  jabeessa. Kanatu diina yaaddessa.
Har’a sochii barattoota Oromoo addunyaatu beeka. Jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf dubbatanii fi midiyaaleen addunyaallee sochii kana haalaan dhaggeeffatu. Tokkummaa Oromoo jabeessuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo fuulduratti furgaasuu bira darbee  wiirtuu siyaasa Impaayerattii sochoosu danda’eera. Kanaaf jarmayaaleen siyaasaa Impaayerattii maqaa dhahatan hedduun miiraa fi akeeka adda addaatiin sochii kana xiyyeeffannoon hordofuuf dirqamaniiru. Sochiin kun seenaa sochii barattoota Afrikaa keessattillee yoo ta’e sadarkaa dursaatti akka yaadatamu boru seenaan dhugaa bahuuf dirqama.
Kuni yaadannoo seenaa kaleessaa qofa miti. Dhugaa har’aa fi ta’innaa boruullee of keessaa qaba.Qabsoon Oromoo qabsoo si’aawaa (active struggle) shaffisaan of fuulduratti ce’aa jiru ta’eera. Duubbee isaa Qeerroo fi Qarree barattoota Oromoo miliyoonatti lakkaawamantu hiriire. Ka’umsaa fi galma isaanii beeku. Jalqabaa fi xumura imala isaanii yaadatu. Kayyoo fi karoora ofii qabu. Isaan masakamu. Kanaaf Qabsoon kun dhiigaa fi lafee Qeerroo fi Qarree Oromoorraa ijaarame. Hidhata addaa walirraa qabu. Hammeenyii fi gidiraan bifa kamiituu walirraa gargar baasuu dadhabe. Sobaa fi sossobbaan hin dagachiisu. Shiraa fi gooliin hin gufachiisu. Kumoota ajjeesanii kumaatama yoo hidhan, akeekaka sabaa kaayyoo ganamaa  galmaan gahuuf dacha dachaatu bakka bu’a. Inni dhufaa jiru isa argaa jirru caala. Hirbuun dhiigaan eegalame bilisummaan xumurama.
Gadaan Gadaa Bilisummaa haata’u!!
Ani Jiituu Lammii ti!

Monday, September 22, 2014

Borana Calender

Views and news from the 4th New World Summit of Stateless States

Dr. Shigut Geleta speaks atmThe New World Summit-Brussels Stateless State
Dr. Shigut Geleta addresses The New World Summit of Stateless State
The New World Summit of Stateless State was held from September 19-21 at Royal Flemish Theatre (KVS) in Brussels, Belgium. Twenty stateless political organisations have been participated on this summit. The Summit was divided in to five sessions. These are: Oppressive State, Progressive state, Global state, New States and Stateless State. Dr. Shigut Geleta has presented on the Oromo issues on the first session and his paper addressed how successive Ethiopian regimes orchestrated the notion of self-determination and attempted to blackmail genuine Oromo Liberation struggle.
shigut4 shigut3 shigut2 shigut1
OPPRESSIVE STATE

A Criminal State: The Blacklisting of the Oromo Liberation Struggle for Freedom and Democracy

The Oromo Liberation Front (OLF) is a political and militant organization that fights for the self-determination of the Oromo people against Ethiopian rule. As a result of the struggle that began after the Ethiopian colonization of Oromia in the late 19th century, the OLF was formed as a secular, military organization that ousted Emperor Haile Selassie during the Marxist-Leninist revolution in 1974. The OLF has also fought the subsequent Derg military regime (1974-1991) in coalition with other military nationalist organizations, such as the Ogaden National Liberation Front (ONLF), the Eritrean People’s Liberation Front (EPLF) and the Tigrayan People’s Liberation Front (TPLF). When the thirty-year civil war finally led to the toppling of the Derg regime in 1991 and the independence of Eritrea, the OLF participated in the mainly TPLF’s dominated Transitional Government of Ethiopia. As the TPLF consolidated its grip on power and continued to negate the political autonomy of the Oromo, the OLF left the Transitional Government in June 1992, which leads to a violent backlash against the Oromo population. Currently, despite being a democracy in theory, both the military regime as well as the political and economical sphere is dominated by the Tigrayan minority. As a consequence, other oppressed ethnicities such as the Ogaden and the Oromo continue their military and political struggle for self-determination. Following Ethiopia’s adoption of the restrictive Anti-Terrorism Proclamation in 2009, the OLF was blacklisted as a terrorist organization along with the ONLF and the Ginbot 7 movement, which lead to large-scale arrests and prosecution of prominent members of these groups, including parliament members and candidates.

This lecture addressed the manner in which blacklisting a political movement as ‘terrorist’ functions as an ideological cover-up of the enforced administrative construct of the Ethiopian state. Apart from the Oromo, who represent the largest ethnic group in the country, many other peoples struggle for independence from the contested state. At what level can we argue that the state of Ethiopia even exists, when its main legitimacy seems to be based on its capacity to suppress the very political majorities that constitute it? The blacklisting of a people’s history thus becomes a way of evading confrontation with the criminal dimensions of the state itself.

Dr. Shigut Geleta is Head of the Oromo Liberation Front’s (OLF) Diplomatic Division.


=>ayyaantuu

Sunday, September 21, 2014

Moving Forward: Sacrificing Time for Oromo Identity

Daandii Ragabaa | 
Irreechaa is a national Thanksgiving Day celebration that repeats once or twice in a year and involves special activities or amusements.

For Oromo, Irreechaa is a good way to pass on cultural knowledge and it helps to build pride in young people and helps them to have confidence when talking with others about their culture and identity. Hence, celebrating Irreechaa means having the confidence that comes from knowing the Oromos have something unique and vital values in their long journey.
The 2014 Irreechaa Birraa festival is one of the main celebration in every year at the beginning of Birraa (the sunny new season after the dark, rainy winter season) throughout Oromia and around the world where Diaspora Oromos live on the theme of “Moving Forward: Sacrificing Time for Oromo Identity”.

A Bicameral “Caffee” (Two-House) Government System in Oromia

By “Reinvent Ethiopia”*
BicameralismOromiyaa20142
Bicameralism (two-house government) is a classical standard in democracy and governance. Many governments, both of the developed and the underdeveloped countries, employ it. In fact, as we will see later on, in some countries, some federal states have two-house governments. Bicameralism is a mode of government where the legislative power is shared between two mutually independent houses (chambers, or “caffee” in Afan Oromo). The power of the two houses can be equal as in the U.S.A., or in some cases, the lower house has more power as in the UK.

In the United Kingdom, the House of Commons (lower house) and the House of Lords (upper house) both draft laws, scrutinize government policies and debate legislation. All laws must be approved by both houses, except laws related to tax and finance, for which the the House of Commons can act solely. The House of Lords is considered the voice and legacy of the Church of England and the Monarchy. Its members are appointed by the Queen with advice from the Prime Minister. All Lords Spiritual of the House of Lords are members because of their ecclesiastical role. The members of the House of Commons, on the other hand, are elected through public vote.

Recently, many Oromo scholars, politicians in exile, and even those in Oromia, online activists, and Oromo rights advocates are engaged in a campaign to raise awareness about the revival and renaissance of the Oromo Gadaa System. For instance, the Oromo Studies Association (OSA) has brought retired and current Abbaa Gadaa’s to tour the Diaspora to teach and raise awareness about the Gadaa System.

The two-house system of the UK has not merely emerged from the need for checks-and-balances between the two chambers of the legislature, but also due to the need to preserve the rich British history and politics – which often has to do with the Monarchy and the Church of England. Anyone even with little knowledge of Oromo history would understand the immense role of the Gadaa system and the Qaalluu institution play in Oromo polity of yesterday, and even today. The Gadaa System was the reason why our ancestral Oromos defeated their enemies, and controlled and expanded their territories successfully. The Gadaa System gave the much needed structure of governance – where distinct roles were assigned for efficient warfare and livelihoods. On the other hand, the Qaalluu institution enforced peace (Nagaa Oromoo) with neighbors, and among Oromo gosa’s (clans) through spiritual teachings.

The Qaalluu institution and the Gadaa System, just like the British Church of England and the Monarchy, require representation and preservation. Oromo are largely followers of Christianity and Islam; nevertheless, the Oromo traditional/indigenous religion (Waaqeffannaa) has become important because of its Oromo identity markers. Occasions, such as Irreecha, attract millions of people from all over Oromia and the Diaspora. From the debate whether Irreecha is a cultural ceremony or a religious practice, it is evident that the roots of the Oromo culture, the parts which have not been influenced by the Abrahamic religions, have to do with the Qaalluu institution and Waaqeffannaa. Therefore, regardless of having fewer followers, the Waaqeffannaa religion has the biggest responsibility to preserve some aspects of the Oromo identity. This is very much true, given the fact that both Christianity and Islam systematically impose or carve their own identities among Oromos, and attempts to make them receptive to Oromummaa has been a failure thus far.

Unfortunately, the Ethiopian Constitution does not give a particular recognition to either of the Gadaa System or the Oromo traditional religion. Ethiopia’s House of Federation somehow attempts to represent some aspects of ethnic identities and diversity, but it miserably fails to even attempt to incorporate some aspects of Gadaa into functional government structures. Note that Gadaa is not just to Oromos – many nations in Ethiopia, such as the Sidama, Konso, Burji, Gedeo, Hadiya, Kambaata and others, have Gadaa-like self-administration. In a country of over 80 ethnic groups, it can be difficult to just incorporate the indigenous egalitarian democratic system, like Gadaa, into functional government structures – leaving behind, for example, the entire monarchical system of the Semitic-speaking Amharas and Tigreans. Yet again, one should understand that there is nothing peculiarly indigenous in the imperial realms of Menelik, Yohanes or Haile-Selassie, and in the elevated role of the Ethiopian Orthodox Church – this increasingly assimilative approach to forming the Ethiopian empire was copied from European monarchies, often with the help of European advisors to these kings. So, which one is worth preserving? The indigenous Gadaa System or a copied repressive imperial system? I ask this question assuming the Amharas and Tigreans would aspire to make the imperial or monarchical system to be represented and have power in their own upper houses.

Although not always the case, a federal State can opt for two-house government structure. In India, that is from which the Ethiopian constitution was largely modeled, six States follow the two-house system. These are Andhra Pradesh, Telangana, Bihar, Jammu-Kashmir, Karnataka, Maharashtra and Uttar Pradesh. Other countries, such as the U.S.A., Australia, Germany, Russia and Argentina, also have many States that employ the bicameral legislative system. These federal States employ bicameral legislature mainly for three reasons: (1) to efficiently solve conflicts within the State, between the State and the federal government, and between two or more States; (2) to draft and pass legislation, and scrutinize government policies; and (3) to provide a forum of independent expertise.
No federal State in Ethiopia has the two-house government. The Ethiopian Constitution grants the full right to the respective State to draft or amend its own constitution and manage its own affair, such as administration (Article 50(5)). Other powers of the States of the federation are given in Article 51 of the federal Constitution. Therefore, there should be no conflict with the supreme law the land if a State opts for the two-house government.

Article 39 (2-6) of the Constitution of Oromia stipulates the right of the federal State to self-administer and determine its own mode of government. Caffee or the Oromia Parliament holds the highest power in the state. This is the only house in the state. The Constitution talks much about the powers, which the State has to develop the culture, language and history of the Oromo people, but not much is done in reality. Given the large swath of territory of Oromia, its immense economic power and the frequent conflicts of interest that State has with the federal government, and the need to incorporate Gadaa democracy into functional government structures, it is pertinent to amend the Constitution and establish an upper house of the State government.

Fortunately, works have been done in the areas of revival of the Gadaa System, and establishing the upper house would not be something to be done from scratch. The recently established Gadaa Council (Gumii Gadaa) consists Abbaa Gadaa’s from all over Oromia and five Odaa’s: Odaa Roba, Odaa Bultum, Odaa Bisil, Odaa Buluq and Odaa Nabee (Hararghe, Arsi, Macca, Guji, Borana, Karrayyu, Tulama, and Wallo). As Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo indicated in his recent speech at the OSA-organized event in the U.S.A., the Council has about 125 seats. These seats are not only left for Abbooti Gadaa. Scholars and other appointed individuals can be part of it. It follows the three major ways through which individuals can become members of upper house: appointments, and indirect or direct elections. In some countries, individuals can be members of upper house because of inheritance, but the Gadaa System does not entertain such membership. Abbaa Gadaa Bayyanaa Sanbatoo has also indicated many seats are reserved for Haadha Siiqqee’s. By virtue of being part of the Gadaa System, the Oromo traditional religion or Waaqeffannaa should also be represented in the house.

For many reasons mentioned above, the State of Oromia should revise its Constitution and follow the two-house government: where Caffee has the political power while Gumii Gadaa (simply Gumii) can take the model of House of Lords in Britain. The independent Gumii Gadaa has the power to (1) challenge the government and question policies and strategies; (2) scrutinize their implementation; (3) recommend policy objectives; (4) enact laws related to culture, language and history of the Oromo people; and (5) conduct investigations or establish independent inquiry commissions in cases of conflicts, high profile corruptions and mismanagement.

* The writer, “Reinvent Ethiopia,” can be reached at reinvetethiopia@gmail.com


=>gadaa
Gadaa.com

Saturday, September 20, 2014

SBO: Artistootni Oromoo 3 Sirna Wayyaanee Jalaa Miliqan

Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) | Fulbaana 19, 2014
OromoArtistsSBO20143
Artiin Oromoo guddisuu fi hojiilee isaanii ummatatti dhiyeessudhaan tattaaffiin taasisan mootummaa wayyaaneetiin dhiibbaan irra geessifamu hammatuurraa biyya abbaa isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamuu artiist Amiin Huseeni fi Artist Mihrat Waldamaariyam (Haati Shumbee) gaaffii fi deebii SBO waliin taasisaniin ibsan.

Sirba isaa “Baaleen Bu’aa, Baaleen Bu’aa Biyya Loowwanii …” jedhuun ummata Oromoo biratti dhageettii kan horatee fi beekame wellisaan dargaggeessi Artist Amiin Huseen, biyya keessatti artii Oromoo guddisuu fi quuqqaa saba Oromoo ibsuudhaaf bilisummaa dhabuu akkasumas kaasetta dhiyoo kana baaseen walqabatee humnoota tikaatiin doorsisnii fi hiraarri itti hammaachuurraa lubbuu isaa baafachuuf baqachuu gaaffi fi deebii SBO waliin taasiseen ibseera.

Kanaan dura wayta hogganootni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa wayyaaneedhaan yakkamanii hidhaman innis Oromummaa isaatiin yakkamee waggootaaf hidhaa keessa turuu kan ibse Artist Amiin Huseen, erga hidhaadhaa bahee boodas hojiin artii inni hojjetu humnoota tikaa wayyaanee fi dabballoota OPDO amanamtoota TPLF tahaniin ija shakkiin ilaalamaa fi si’a hedduus waamamee doorsifamuu dubbate. Keesssumaa Albama haaraa mata-dureen isaa “Yoomi Guyyaan?” jedhu erga baaseen booda sirbichi akka ummata bira hin geenye danqaa uumuu fi humnoota tikaatiin waajjiratti waamamee doorsisni deddebi’ee irra gahuus ifa godhe.

Artistoonni Oromoo sabboonoon waa’ee mirga saba isaanii fi haala jiruu-jireenya ummataa ibsuuf yaalan rakkoon ulfaataan akka irra gahu kan dubbate dargaggoon Oromoo Artist Amiin Huseen, innis hidha laga Abbayyaatiif qooda laatu gaafatamee diddaa agarsiisuu fi “Boondii bitadhaa jechuu mannaa, boombii bitadhaa jechuu hin wayyuu?” jedhee dubbachuu isaatiin ummata nurratti kakaasta jedhamee humnoota tikaatiin hiraarfamuu ibseera.

“Ummanni Oromoo erga bara Minilik gabrummaaf affeeramee kaasee hiraarri gabroomfattootaan irra gahu irraa hin dhaabbanne” kan jedhe Artist Amiin, “OPDOn dhaaba namoota dhiiga Oromoo hin qabnee fi fira fakkaatanii Oromoo miidhaa ulfaataaf affeeraniin guutamtee dha.” jedheera.

Ummanni Oromoo biyya keessaa mootummaa aangoorra jiruun rakkoon jabaan irra gahullee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaatiif kutannoodhaan falmaa jabaatti jiraachuu sochii Qeerroo Bilisummaa eeruudhaan kan ibse artist Amiin Huseen, “Dhaloonni ammaa ho’aan, ‘QUBEE GENERATION’ mirga biyyaa fi ummata isaatiif murannoon diina dura dhaabbatee wareegama ulfaataa baasaa jiraachuun bilisummaan dhiyoo tahuu akka agarsiisu addeessa.

Haaluma walfakkaatuun maqaa masoo Haadha Shumbee jedhamuun kan beekamtu Artist Mihrat Waldamaariyamis dhiibbaa sirna abbaa irree Oromoo gabroomfatee jiruun irra gaheen kan kahe hojii ishii hojjechuu dadhabuurraa biyyaa bahuuf dirqamuu gaaffii fi deebii SBO waliin taasisteen ibsiteetti.

Diraamaa fi baacoo adda addaa hojjechuudhaan ummata Oromoo biraa jaalalaa fi dinqisiifannoo guddaa kan horatte Artist Mihrat (Haati Shumbee), waltajjiilee irratti bilisa tahanii akka hin hojjenne danqaan itti heddummaachuu, ajaja qondaalota OPDOtiin hojiin isaanii TV-Oromiyaa irratti akka hin dhiyaanne taasifamuu akkasumas hojiileen artii tattaaffii fi baasii dhuunfaa isaanii hedduu booda baasanis qabiyyeen isaa ykn uffannaan uffatan dhaamsa biraa dabarsa kan jedhuun dhoowwamuurraa rakkoo hamtuuf saaxilamuu ibsiteetti.

Qondaalonni OPDO TV-Oromiyaa keessa hojjetan Afaanii fi Artii Oromootiif kabaja kan hin qabne tahuu fi articha guddisuu fi artistootas jajjabeessuurra hamilee cabsuu fi Afaan Oromoo awwaalanii kan alagaa mul’isuuf akka hojjetaa jiran dubbatte, Artist Mihrat – Haati Shumbee. Dhaabbatni Raadiyoo fi TV Oromiyaa jedhamu maqaadhumaaf hoogganaa qaba jedhama malee, kan akka fedha isaa sukkuumu ergamaa gaafatamaa waajjira Qonnaa Oromiyaa jedhamu Zalaalam Jamaanee tahuu kan saaxilte Artist Mihrat W/ Maaryam, Artistoonni Oromoo akka garaa isaanii Oromiyaa keessa naanna’anii hojii isaanii ummatatti akka hin agarsiisne ajaja qal’aa Zalaalamiin ugguramuu fi kanneen tattaaffii taasisan ammoo doorsifamuu ibsite.

Fincilli Diddaa Gabrummaa ummannii fi Qeerroon Oromoo gaggeessaa jiran dargaggoonni Oromoo hedduun kan irratti wareegaman tahuu isaarraa gaddi nutti dhagahamus, gatii qaalii malee Injifannoon hin argamu” kan jette Haati Shumbee, “Sochiin Daraggoota Oromoo kunis guyyaa tokkummaan Oromoo caalaatti itti mirkanaahee fi Oromoon jirra jedhee socho’ee wal sochoose waan taheef, moo’insa” jetteetti.

Gaaffii fi deebii Artist Amiin Huseenii fi Artist Mihrat W/ Maariyam (Haadha Shumbee) SBO waliin taasisan sagantaa SBO fuula duraa keessatti kan isinii dhiyeessinu waan ta’eef, akka hordoftan isin afeerra.
———————
———————

Artiistiin Oromoo beekamtuu fi sabboontuun Meetii Jamamaa gaafii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO) waliin taasifteen miidhaa mootummaan abbaa irree wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirraan gahaa turee fi jiru jalaa baqachuun biyyaa abbaa ishii dhiiftee godaanuu ibsite.

Art. Meetii Jamamaa gaaffii deebii Fulbaan 17 bara 2014 SBO waliin taasifteen dhiibbaa fi hiraarrii mootummaan wayyaanee ishii fi abbaa warraa ishiirratti raawwachaa tureen gar malee kan miidhamaa fi hiraaraa turte ta’uu ishiitiin biyya abbaa ishee fi ummata Oromoo ogummaa ishiin ishee jaalatu dhiiftee akka baqachuuf dirqamte SBOf ibsitee jirti. Art. Meetiin akka jettetti mootummaan wayyaanee dhiittaa mirgaa ummata Oromoorraan gahaa jiruun kan ka’e yeroo ammaa kana kan yeroo kamiyyuu caalaa ajjeechaan, hidhaa fi dararaan hammaatee jira.

Miidhaan saba Oromoorratti gahaa jiru jabaachaa deemuun wal qabatee artiistoota sabbontoota ta’anii fi kanneen rakkoo ummata isaanii ogummaa qabaniin calaqqisiisan addatti tika wayyaaneetiin irratti xiyyeeffatamuun hiraarfamu jechuun rakkoo artiistoota Oromoo garaaf hin bullu jedhanirra gahu ibsitee jirti.

Artiistoonni sabboontonni garaaf hin bullu jedhan akka hojii ogummaa isaaniin wal qabatu hojjetanii hin jiraannelleen dhiibbaa adda addaa irratti taasisuu fi danqaa uumuun, yeroo barbaachise ammoo hidhuu fi ajjeesuun hojii ijoo mootummaa wayyaanee waan ta’eef, artistiin Oromoo jireenya akkasii keessa jira jechuun SBOf ibsitee jirti.

Art. Meetii Jamamaa anis akkan ogummaan qabuun ummata koo hin tajaajillee fi biyya koo keessatti hojjedhee hin jiraanne ati miseensa ABO ti jechuudhaan humni tikaa fi qondaalonni wayyaanee/OPDO yoo guyyaa ayyaana keenyaa dhuftee nu biratti sirbite malee hin hojjettu jechuun walatajjii na dhorkachaa fi ukkaamsaa adda addaa narratti raawwachaa turan jetteetti. Itti dabaluudhaanis Art. Meetii Jamamaa akka SBOtti himteetti heyyama baafadhee akkan hin hojjenneefis mana qabsiisi, qarshii kuma dhibba shan argisiisi naan jechuun ta’e jedhanii waanan gochuu hin dandeenyeen jiruu fi jireenya na dhorkan jettee jirti.

Art. Meetii Jamamaa itti dabaluudhaan akka SBOtti himtetti abbaa warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa humni tikaa wayyaanee miseensa ABO ti itti jechuudhaan waggoota 10nii oliif hidhee akka dararaa adda addaa irraan gahaa ture fi ishiiniis kophaa ishii daa’ima waliin akka dararamaa turte addeessite. Abbaan warraa ishii Obbo Gammachiis Magarsaa reebichaa fi dararaa irra gaheen miidhaan qaamaa guddaan kan irra gahe ta’uu ibsitee jirti.

Yakki mootummaan wayyaanee OPDO of jala oofuudhaan ummata Oromoorratti raawwacha jiru kana qophaa miti kan jette Art. Meetiin, ummata Oromoo naannawa Finfinnee qeeyee fi qabeenyarraa buqqisuudhaan lafa Oromoo gurgurachuuu fi Oromoo biyya dhablee gochuuf deemuunis kan mataa nama dhukkubsuu fi kan hundi keenyaa tokkummaadhaan irratti qabsaawuu qabnuu dha jettee jirti.

Guutuu gaaffii fi deebii Sagaleen Bilisummaa Oromoo (SBO)n Art. sabboontuu, beekamtuu fi jaalatamtuu Meetii Jamamaa waliin taasise guutummaa isaa sagantaa SBO fuula duraa keessatti akka hordoftan kabajaan isin beeksisna.



=>gadaa

UN appeals to Ethiopia to not use anti-terror laws to suppress human rights

GENEVA (18 September 2014) – A group of United Nations human rights experts* today urged the Government of Ethiopia to stop misusing anti-terrorism legislation to curb freedoms of expression and association in the country, amid reports that people continue to be detained arbitrarily.

 The experts' call comes on the eve of the consideration by Ethiopia of a series of recommendations made earlier this year by members of the Human Rights Council in a process known as the Universal Periodic Review which applies equally to all 193 UN Members States. These recommendations are aimed at improving the protection and promotion of human rights in the country, including in the context of counter-terrorism measures.

 “Two years after we first raised the alarm, we are still receiving numerous reports on how the anti-terrorism law is being used to target journalists, bloggers, human rights defenders and opposition politicians in Ethiopia,” the experts said. “Torture and inhuman treatment in detention are gross violations of fundamental human rights.”

 “Confronting terrorism is important, but it has to be done in adherence to international human rights to be effective,” the independent experts stressed. “Anti-terrorism provisions need to be clearly defined in Ethiopian criminal law, and they must not be abused.”

 The experts have repeatedly highlighted issues such as unfair trials, with defendants often having no access to a lawyer. “The right to a fair trial, the right to freedom of opinion and expression, and the right to freedom of association continue to be violated by the application of the anti-terrorism law,” they warned.

“We call upon the Government of Ethiopia to free all persons detained arbitrarily under the pretext of countering terrorism,” the experts said. “Let journalists, human rights defenders, political opponents and religious leaders carry out their legitimate work without fear of intimidation and incarceration.”

The human rights experts reiterated their call on the Ethiopian authorities to respect individuals’ fundamental rights and to apply anti-terrorism legislation cautiously and in accordance with Ethiopia’s international human rights obligations.

“We also urge the Government of Ethiopia to respond positively to the outstanding request to visit by the Special Rapporteurs on freedom of peaceful assembly and association, on torture and other cruel, inhuman or degrading treatment or punishment and on the situation of human rights defenders,” they concluded.

 ENDS

(*) The experts: Special Rapporteur on the promotion and protection of human rights and fundamental freedoms while countering terrorism, Ben Emmerson; Special Rapporteur on the rights to freedom of peaceful assembly and of association, Maina Kiai; Special Rapporteur on the promotion and protection of the right to freedom of opinion and expression, David Kaye; Special Rapporteur on the situation of human rights defenders, Michel Forst; Special Rapporteur on the Independence of Judges and Lawyers, Gabriela Knaul; Special Rapporteur on torture and other cruel, inhuman or degrading treatment or punishment, Juan Méndez.

Special Procedures is the largest body of independent experts in the United Nations Human Rights system. Special Procedures is the general name of the independent fact-finding and monitoring mechanisms of the Human Rights Council that address either specific country situations or thematic issues in all parts of the world. Currently, there are 38 thematic mandates and 14 mandates related to countries and territories, with 73 mandate holders.

Special Procedures experts work on a voluntary basis; they are not UN staff and do not receive a salary for their work. They are independent from any government or organization and serve in their individual capacity

For more information log on to: Countering terrorism:

http://www.ohchr.org/EN/Issues/Terrorism/Pages/SRTerrorismIndex.aspxFreedom of assembly: http://www.ohchr.org/EN/Issues/AssemblyAssociation/Pages/SRFreedomAssemblyAssociationIndex.aspxFreedom of expression: http://www.ohchr.org/EN/Issues/FreedomOpinion/Pages/OpinionIndex.aspx Independence of judiciary: http://www.ohchr.org/EN/Issues/Judiciary/Pages/IDPIndex.aspx Rights defenders: http://www.ohchr.org/EN/Issues/SRHRDefenders/Pages/SRHRDefendersIndex.aspx

Torture and Inhuman treatment: http://www.ohchr.org/EN/Issues/Torture/SRTorture/Pages/SRTortureIndex.aspx

UN Human Rights, country page - Ethiopia: http://www.ohchr.org/EN/countries/AfricaRegion/Pages/ETIndex.aspx

For more information and media requests, please contact Claudia Gross (+41 22 917 9187 / cgross@ohchr.org) or write to srct@ohchr.org.

 For media inquiries related to other UN independent experts:Liz Throssell, UN Human Rights – Media Unit (+ 41 22 917 9466/ ethrossell@ohchr.org)

 UN Human Rights, follow us on social media:Facebook: https://www.facebook.com/unitednationshumanrights
Twitter: http://twitter.com/UNrightswire
Google+ gplus.to/unitednationshumanrights
YouTube: http://www.youtube.com/UNOHCHR
Storify: http://storify.com/UNrightswire

 Check the Universal Human Rights Index: http://uhri.ohchr.org/en

=>ohchr