Caamsaa 21,213 Arbaminc

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Arbamic Damee Caamoo daran jabaachaa deemuun mooraan yuunivarsiitii kanaa waraanaan tikfamaa jira.Mootummaan Wayyaanee diddaa barattootaan eegalame waraanaan marsuun dhaabuuf yaalii gochaa kan jiru daran jabaachuun yuunivarsiitii Arbaminc dame Abbayyaa fi main campus keessatti babalachuun garboomfataa hirriba dhorkee jira.ilmaan oromoo mooraa caamoo keessaa harka 90 kan tahan yoommuu tahu wayyaaneen xiyyeeffannoo damee kana keessatti kennuun dhiibbaa garaa garaa gaggeessaa jira.Ilmaan Oromoo shira wayyaaneef kan hin jilbeeffanne gamtaan gaaffii mirgaa baajatni barnootaaf bahe waraanaaf hin ooliin jiechuun diddaa balaa gaggeessaa jiru.Haaluma kanaan wal qabachuun waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa loogoo qeerroo qabu doormii,mana kitaabaa fi kaaffee irratti maxxanfamee jira.Waraqaaleen dhaadannoo kunneen
1. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha.Kanaaf hundeen buqqisna
2. Qeerroon qeerransa!
3. Oromoon sodaataa hin qabu,Oromoo Kai!
4. ABO gaachana keenya
Kanneen jedhan bakkeewwan hedduutti maxxanfamuun mootummaa wayyaanee rifaatii keessa buusanii jiran.Mootummaan wayyaanees basaastotaa fi waraanaan dura dhaabbachuuf tirtiraa jira.