Sunday, October 27, 2013

BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN, HUMNA TA’A JIRAACHUU KEENYA MIRKANEESSA !!!!!!

Y.G(2005), kutaa 2ffaa | Onkololeessa 27, 2013
Har’a diinni keenya Biyyaa keessaa fi alatti adda qoodamee kan nu irratti roorrisaa jiru ta’u hubachuun nama hin rakkisu.diinni keenya bifa lamaan nu dura dhaabbatuuf hojjachaa jiru kun, caba keenya ijaan arguuf hanga dadna’an hojjachaa jiraachuu dhala Oromoo eessallee jiruufu dhokataa miti. rakkoon jiru waan jarri kun barbaadanii fi hojjatanis wallaalu irraa miti. Diina bifa lamaa kana dura dhaabbachuu, qaamuma tokkotti dhiifnee teenye haa ilaallu moo, diina irratti walii haa gallu yk ba’a mataa baayyifachaa jiru kana wal irraa qooddannee dura haa dhaabbannu ? isa jedhu qindeeffachuu yk qooda ofii ba’achuuf murteeffachuu dhabuudha.
Rakkoon kun haa jiraatu malee, kaka’umsi har’a argaa jirru kan kaleessa keessa keenya hin turreedha. Kana jabeefatanii waan nuuf hin hafnetti tarkaafachuun ala furmaati biro akka hin jirre irra jireessi walii galuu qofaatu hafa. Har’a Oromoo ykn nama Afaan Oromoo dubbatu kan qabsoo Oromoo keessa Oromoo fakkaate kan socha’u yoo hin ta’iin, dhalli Oromoo wal gawwamsuu yaalu jira natti hin fakkaatu. Hojii fakkeessaa uumee Ummata kana qalbii hatuu kan barbaaduus hagas maraa natti hin fakkaatu. Yoo ka’een deebi’ee taa’a jedhee yaade Yk kan kaleessaa irraa baratus, xiiqii eessaanu nama hin geenyen hiraaraa jiru yoo ta’e malee.
Wayyaanoonni waan wareegamaniif odoo hin taane, har’a jumulaan saba keenyaa kan fixaa jiran, qabeenyaa saaman jiraachisuuf jedhaniiti. Dhugaa jiru odoo beekanii Oromoon Angotti dhufnaan nu dhumate jedhanii yakka dhala namaa irrattii hin raawwatamne nu irratti raawwataa jiru. Warri alaa sochiin Oromoo isaan sodaachisu ammo, wayyaanee caalaa qabsoo keenya diiguuf, yoo milkaa’ef ammo dhabamsiisanii isaanis warra bitamu baree of dura qabanii nu gabroonfachuu barbaadu. Lameenu dantaa isaaniif arreedan. Nuutis dantaa keenyaaf arreeduun waan umamaati. Dantaaf fiigu kana keessa garuu, garaagarummaa qabnuutu jira. Isaan waan yaadan kana milkeessuuf humna qaban gututti itti fayyadamaa jiru. Qabeenyaa qabanis waan deemaniif kana milkeessuuf olfachuuf carraaqu. Nuutiwoo ? kanaafn mata duree kiyya irratti, “BA’AA WAL IRRAA QOODDACHUUN, HUMNATTI GEEDDARAMAA JIRAACHUU KEENYA MUL’ISA ” kanan jedheef. Isaan koree keessaa fi  alaa jedhanii hojiilee hundaa abbaa itti godhanii afuura nu kutuu yaalu. Inni Biyya keessaas alaas. Waan deemaniif kana milkeessuuf miseensa kan ta’ee , kan hin taane hin jedhan. Waan taakkuu tokko isaan tarkaafachiiftu hunda irratti hojjatu . dhimma itti ba’u.nuutiwoo ??????
Kutaa 1ffaa keessatti :-
1. OROMIYAAN MAQAA INVESTIMANTIIN GURGURAMAA JIRAACHU:-
2. AMANTII WAL QABATEE WAAN GAGGEEFFAMAA JIRU:-
3. QABSOO OROMOO DIIGUUF GANDUMMAA BABAL’ISUU:-
Qabxiileen tarrifaman kun ba’aa nutti heddummeessuu fi hegaree keenya dukkaneessuuf shiroota nuu irratti raawwatamaa jiran ta’uu kaaseera. Diina dura dhaabbachuuf adeemsa diinaa qoratanii of harkaa qabaachuun barbaachisaadha. diina dura dhaabbatuun ammo qawwee qofaan miti. Diinnis kan nu dura dhaabbatu qawwee qofaan miti. Waggaa lakkaa’ee dhalootaan nu irratti hojjachaa jira. Dhaloota lama gidduu seenanii qaawwaa ofii keessa sirban ummachuuf arreedaa jiru. Sochii kana Oromoonni Biyya keessaas ta’ee alaa, toftaalee diinaa kana dura dhaabbachuuf shira shiraan fashalsan hojjachuu qaban. Shirri kun kan halkan tokkotti argan odoo hin taane, kan yeroo fudhatan ta’uu ni malan.
4. OROMIYAA NAANNOOLEE BIROON WALITTI HIDHUU :-
Wayyaaneen kana gochuun irra jireessa, dhuka’aa bor nu dhabmsiisu hidhaa jirti jechuu dandeenya. Daangaan Oromiyaa hundi isaa shira kanaan xaxamaadha. Waan boruu bu’ura jireenya keenyaa ta’an hundumaa gama dingdeen jechuudhaa, saboota biroon akka qabamu taasisaniiru. Oromoota waa tattaafate ammo Naannoo biro keessatti akka horatan taasisaa jiran. Walii galatti saboonni Biyyatti keessaas ta’ee humnoonni alaa gama hundaan Oromiyaa keessaa dhimma guddaa akka qabaatan taasisaa jiran. Kun eenyullee jalaa dhokataa miti. Tarii kana furuuf bara Biyya qabannuu jechuu dandeenya. Isumaaf iyyuu har’a seera qabeessummaa fi seeraan ala ta’uu isaa qorachuun barbaachisaadha. dhalli Oromoo dhimmoota nu irratti raawwatamaa jiranitti dhiheenya qabu haala kana fashalsuuf ykn waan godhamu qabu irratti hojjatee kaa’uutu barbaachisa. Wayyaaneen waan hojjattu hundumaaf ragaa hin barbaachifne hundumaa dhabamsiisuu fi ana miti jechuuf akka hojjattu beeku barbaachisa.
Fakkeenya gabaabaa dhiheenya miidiyaa wayyaanee irraa dhageenye haa kaafnu.gidduu dabre waajjira , Ummatoota Biyyattii bakka dhalootaa , bakka itti du’an, itti dhalatan galmeessuuf seera haaraa baafatanii jiran. Waan biro keessa odoo hin seenne gaaffiilee muraasa haa kaafnu. Fakkeenyaaf qotate bultoonni maqaa Investimantiin buqqa’an eessatti galmaa’u ? warri har’a Finfinnee weeraree jiruwoo eessatti galmaa’u ? warri Oromiyaa keessaa ba’anii godinaa biraatti dhiibaman eessatti galmaa’u ? yoo jennee gaaffii hedduu kaasuu dandeenya. Qubannaa kana keessa Abbooti Biyyaa buqqisanii weerartoota bakka qabsiisanii hireen magaalaa tokko akka murtaa’uuf sagaleen kenname gara barbaadanitti oofuuf hin mijatuu ? waan gaggeeffamaa jiru kana irratti ammumaa dura dhaabbachuun gaariidha. Wayyaaneen magaaloota Oromiyaa muraasa akka Dirre Dawaa , magaalaa sabootaa jedhanii moggaasuuf irratti hojjachaa jiraachuu haa hubannu.kana ummata keenya haa hubachifnu.
5. FINFINNEE TEESSOO GABROONFATTOOTAA TAASISUU:-
Finfinnee gama hedduun hidhaa keessa galchaa jiran. Finfinneen teessoo Gamtaa Afriikaa ta’uu ishee irraa Abbootiin Biyyaa waan argatan hin jiru.Finfinneen Niwoorkin fakkeessanii yoo ijaaranis bu’aan dhalli Oromoo irraa argatu tokkollee hin jiru. Osoo OPDOn kan Oromoof dhaabbate ta’e, akka heerri Biyyaa ajajuutti , Naannichaaf kan kennamuutu ture. Garuu maal godhu. Hanqaaquu maal irraa maal hin eegani malee.kana malees maqaa Finfinnee haaromsiinaan shirri gaggeeffamaa jiru galiin isaa, teessoo humna Dingadee Gabroonfataa , eenyullee fincila keessatti kaasu hin dandeenye taasisuuf hojjataa jiran.Manneen kondimineeyemii ijaaraman carraan haa jedhan malee ta’ee jedhamee sabummaan kan qoodameedha. Fakeenyaaf, Manni 4 kiloo kaasee hanga Magganaanyaatti ijaarame, Ajajoota waraanaa Hiwaatitu qabate. Bifa kanaan haala magaalaa kana illee itti tu’achuu danda’an qoratanii irratti bobba’an. Naannoo ministeera barnootaa Itoophiyaa boroo kaasee hanga sharaatanitti, ijaarsa kubbaaniyaa Allaamuddiniin hojjatame hundi isaa Abootii qabeenyaa wayyaaneef kenname. Sharaatanii kaasee hanga kaazaanchiis kan jiru wayyaanootatu qabate. Walii gala ilmaan Tigiraayi kuma 500 ol ta’an Finfinnee qubatanii jiran. Nama kana taa’ee qorateef, dhalli Oromoo kan yeroo kamirrayyuu caalaa jette jettee dhiisee waliif birmachuun yeroon kan laatamuuf akka hin taane hubata.
Bakka dhalootaa fi du’aa galmeessina jedhanii kan eegalan, kan qubate kana hundaa seera qabeessa taasisuufidha. Kan buqqa’es achi ofirra moggeessufidha. Kan alaa dhufee achittin dhaladhe jedhefis waraqaa raga laachuufi. Walii gala mirga gaaffii hin qabne, Abbaa Biyyaa kan hin galchine waliif kennufidha. Kan nama raaju galmeen kun Filannoo dura akka xumuramu taasisuuf hojjatamaa jira.Finfinnee keessatti Filannoo itti aanutti kan sagalee kennan, Tigirootaa fi deeggartoota of gurguran qofaadha jechuu dandeenya.
Walumaa gala Ba’aan wal irraa qooddannu lakkoofsa hin qabu . qabxiilee kanaan olii akka fakkeenyaatti hubannoof kan kaaseedha. Kana irraa ka’uun waan dandeenyu maraan diina waan sagal nu qaraa jiru irraa of haa ittisnu. Yeroon keessa jiru carraa keenyaaf tarii isa dhumaa ta’uu danda’a. yoo wal utubne kan itti injifannu, shira diinaa kanaan yoo laafanne, kan diina of irratti goobsinu ta’a. shiroota hedduu gorsa yk yaada Namootaan hanbiseen, qaama ilaallatuuf laachufan murteesse. Yeroon isaa garuu, dhibee lubbuuf nu qabdu keessa keenyatti yoo qabaanne illee, waliif OBSINEE shira keessaa fi alaa of irraa ittisuuf wal haa tumsinu.
GALATOOMAA !!!!!!!!!!!!!!!!!!!
Tan Dabre:
20. Ba’aa Wal Irraa Qooddachuun, Humna Ta’a Jiraachuu Keenya Mirkaneessa !!!!!! Kutaa 1ffa
19. IRREECHI , UMAMA ISAATTI DEEBI’UUN DIRQAMA !!!!!
18. SEENAA GABRUMMAA DHAALUUN YOOM DHAABBATA?
17. SHIRA DIINAA IRRAA OF TIKSUUN, MEESHAA WARAANAA CAALA!
16. MIRGA KEENYA , IRREE KEENYAAN DEEFFANNA !!!!!!!!
15. MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN DHIDHIIBBAAN HALAGAA, LAMMATA CABUUDHA
14. KANNIISA KUMATU, DAMMA HOJJATA!!!!!!!!
13. MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! Kutaa 3ffaa
12. MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! kutaa 2ffaa
11. MANNI GOGAA WARAABEESSAAN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !! kutaa 1ffaa
10. DUKKANNI KAN HAMMAATU, GAAFA BARI’UF JEDHUDHA.”
9. MIIDIYAA BAAYYINA KEENYA IBSU NU BARBAACHISA !!!!!
8. MIILA LAMA QABAATANIIF , MUKA LAMA HIN YAABAN
7. HUNDA DURA, BIYYAA FI UMMATA KIYYAAF !!!!!!
6. “DHAABU DADHABU, HAADHEE BALLEESSUU HIN DADHABU”
5. MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!! kutaa 3ffaa
4. “MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!” kutaa 2ffaa
3. “MATAA NU MARAA JIRUU !!!!!!!!!!!!!!!!!!” kutaa 1ffaa
2. QABSOON OROMOO “CHAAMPIYOONS LIIGII ” MITII !!!!!!
1. WALII GALAN, ALAA GALAN !!!!

Ethiopians demonstrating against the systematic torture of political prisoners in the country.

...
Saturday afternoon demonstrated Ethiopians against the abuse of dissidents in the country . Photo: Eirik Hagesæter

Norway, Bergen

- We demonstrate in order to put pressure on the Norwegian government and the international community, so they can put pressure on the regime in Ethiopia, says EBSSA Tesema to BA.

He explains that many of them are asylum seekers from the region of Oromia in Ethiopia, where the systematic injustice taking place.

WHIPPED AND HUNG

Opposition politicians, journalists and regime critics are subjected to systematic torture at a police station in Addis Ababa, according to a Human Rights Watch report that was presented last week.
The police station is located in the heart of the capital Addis Abbeba in Oromia region.

Torture methods used include blow to the body with hard objects and flogging . Prisoners are also hung from the ceiling in very painful positions, writes Aftenposten.

Merciless

Ethiopia's ruling party, Ethiopian People's Revolutionary Democratic Front (EPRDF), has ruled the country for over 20 years. Following the disputed elections in 2005, the authorities have turned down hard on the opposition.

Anti -terror laws since 2009 have been used to imprison both journalists and dissidents.

It is these conditions that Ethiopians in Bergen want to see end.


With banners with slogans like «Stop the torture of Oromo» and «Stop lavishing ", and the use of megaphones, spread the message to people in the downtown streets.

=>ba (with google translate)