Waxabajjii 09,2013 Jimmaa
Muummeen Barnotaa Afoola Oromoo (Oromo Folklore) Kuula Alaabaa ABOn if miidhagsee.Hundeeffaama waggaa 6ffaa Yuuniversitii Jimmaa keessatti sirna ho’aa ta’een kabajate. dungoo diimaa magariisaa diimaa halluu ABO qabsiisuunii fi dungoo qanqee diimaa magariisaa dimaa dhukaasuun qaanqeen halluu alabaa ABO mooraa Jimmaa Yuunivarsiitii keessaa facaasuun guyyaa har’a 8/2013 galgala keessaa sa’atii 12:00 irraa egaluun hanga sa’a 7:30 mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti kabajate. Muummeen Afoola Oromoo (Oromo Folklore) kan hundeeffame Yuuniversiitii Jimmaatti Hayyuu Oromoo Barsiisaa Darajjee Fufaa Biduu tiin bara 2007kan hundeeffaame yoo ta’uu, Muummeen barnootaa kun: Afoolaa ,Afaan, Seenaa, Sabboonummaa, Aadaa , Safuu fi Duudhaa Uummaataa Oromoo bifa barreeffama fi saayinsiitti jijjiruun barsiisuu irraatti kan xiyyeefatudha.
Mummee barnotaa Afoola Oromoo kana mootummaan Wayyaanee, kun imammata qajeelfama ABO ti jechuun yeroo irraa gara yerootti dura dhaabbachaa kan jiruu fi hanga sadarkaa cufsiisuutti illee irraatti hojetaa kan jirtu wayyaaneen dura dhaabbaannaa barsiisotaa fi baratoota Oromootiin kunoo har’aa waggaan 6ffaan isaa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Stedum xiqqichaa keessaatti bakkaa Qeerroon baratootnii fi barasiistotni Oromoo hedduuminaan argamanitti yeroo kabajamuu gammaachuu guddaatu ilmaan Oromootti dhagaahama. Ilmaan Oromoo garbummaa keessaa yoo jiraannee iyyuu bilisummaa keenyaa gonfachuu kan dandeenyu, qabsoo seenaa qabeessaa ilmaan Oromoo dhiigaa isaanii irraatti dhangalasuun nu qaqqabsiisan jabeessinee tikfachaa bilisummaa keenyaa gonfachuuf tokkummaa keenyaa jabeeffaachaa hanga bilisummaan Oromoo mirkanaa’ee mirgi abbaa biyyuummaa keenyaa nuf kabajamutti qabsoo diddaa garbummaa sochii warraqsaa qeerroo bilisummaa FDG biyyaa keessaatti bifa qindaa’een kan itti fufnu ta’a jechuun sagantaa kana irraatti labsii tokkuummaa labsachuun harka walqabachuun walleelee tokkuummaa faarsanii fi qabsoo bilisummaa Oromoof nama onnachiisaan sirbuun Oromummaa isaanii leellifatan.
Sochii warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo irraa gara yerootti jabaachaa jiruun sodaa keessaa galuun mootummaan
Wayyaanee humnotaa basaasa humna ol sagaantaa kana irraatti bobbaasuun Sabboontotaa Oromoo hordofsiisuuf yaalu illee sabboontotni Oromoo basaastotaa Wayyaanee tokkuummaan dura dhaabbaachuun of irraa kan deebisan ta’uun gabafame, keessaattuu basastotni lukkeelee Wayyaanee akka Badhaasaa Firraajaa, Caalii Rattaa, Miilkayas, Haptamuu Rattaa Jedhaman kanneen kannee Afaan Oromoo sirriitti dubbaachuu, barreessuu fi dubbisuu danda’an oddeeffaannoo haala sochii dargaggotaa Oromoo hordofuuf kan ergama diinummaa fudhatanii bakka sagantaan kun gaggeeffaamutti bobbaafaman dargaggotaa Oromoon sagaantaa irraa kan arii’ataman ta’uu gabaafamera.