Monday, September 30, 2013

Mootummaan Wayyaanee Ayyaana irreechaa Uummatni Oromoo Nagaan Waaqa Isaa itti Kadhatu Fashalsuuf sakatta’insa jabeessuun Hidhaa Jabeesse

Fulbaana 29,2013 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee aadaa, seenaa fi duudhaa ilmaan Oromoo ukkaamsuuf kan hojjetu ayyaana irreechaa 2013 irratti sakattainsa hedduummeessuun dargaggoota Oromoo yakkees mana hidhaatti ukkaaamse. Mootummaan EPRDF irreecha bara 2012 irratti dargaggoota Oromoo 200 ol diddaa kaasuuf jettu yakka jedhuun ukkaamsuun isaa kan yaadatamu bara 2013 kanas magaala Duukam keessatti jala bultiidhaa qabatee sakattainsa eegaleen Oromoota heddumminaan hidhaa jira. Ilmaan Oromoos uffata aadaa isin uffattan kan ABOti jechuun mana hidhaatti ukkaamse. Dargaggootni kunneen Godina Shawaa lixaa fi Horroo Guduruu irraa ayyaana irreechaa deemaa kan jiran magaalaa Geedoo,Gindebert fi Dukam irratti keellaa tolfachuun dargaggoota hedduu hidhaa akka jirtu gabaasi qeerroo addeessa. Galmee dargaggoota hidhamanii qeerroon faana bu’ee ni gabaasa.
Ammatti magaala Dukam irratti kanneen qabaman keessaa gariin,
1. Dargaggoo Tarreessaa Haayiluu Shawaa lixaa magaala Amboo irraa
2. Dargaggoo Fioomsaa Oljirraa Horroo Guduruu irraa
3.Biqilaa Dibaabaa Ambo irraa
4.Dasgodhaa Ittaanaa magaalaa Baakkoo irraa
Dargaggoowwan kunneen mana hidhaa waajjira Poolisii Bishooftuutti kan hidhaman yoommuu tahu isin mootummaa irratti dargaggoota kakaaftu malee ayyaanaaf hin dhufne jedhamuun qoratamaa jiru. Mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa gaafatu kan dura dhaabbachuu itti kan fakkaate daran diddaa babalisaa jiraachuu qeerroon bilisummaa addeessa.