Saturday, December 21, 2013

No Menelik, No Habasha No, Teddy Afro, No Bedele Biraa more in Oromia.

Habashan yaakaa kaleessa hojeetef dhiifma jeechuu manna ama ilee akka kaleessa insiin bituuf deeman jeedha jiru. Oromoon tokko ta'ii, dhaabbilee Oromoo tokko ta'aa. Habasha wagga 130 ol nu qalaa jira. Tewodros, Yohanis, Menelik Haile Silasen Oromoo fayya isaan gubaan, Harka Mirga fi Mila bitaa irra muran, Ijoolee Oromoo hunda qaban biyya alati gurguran, dubartii Oromoo ulfa qalan garatii bassan, Qabeenya Oromoo hunda samaan, Oromoo garbonfatan umurii gutuu mana issan keessa hojeechiftan, lafa Oromoo hunda fudhatan, Seenaaf addaa Oromoo hunda baleessan, Siirni Gadaa akka lamfa hin kaneeti baleessan, Umataa Oromoo walaka ol fixaan, Oromoo akka wal hin horee qama salaa Oromoo hunda isaan muran, Waani isaa Oromoo hin goodhin hin jiru.

 Bara 2013 kana keessa amoo Habashoon ijoole Menelik fi Haile Silase biyya ala jirtu Ginbot 7, EPRP, Moresh, ETC, Arbanyoch, UDJ, kkf wal gurmessan Oromoo Irrati dula jiru. Wagga kana gutuu isaa Oromoo irrati Lola labsan. Ijoolen Oromoo wayee Oromoo akka hin bareesine goocha jiru, Tefaye G/Ab wayee Oromoo Bareesu isaan Dolara 40, 000 kasaruu goodhan bareefama isaa jijiran wayee Oromoo keessa bassan Website  irrati gadii dhisan, kana Malee Tesfaye G/Ab ajeesuuf Mediati ba’aan saganta ajeecha iirati murteessan. Jawar Mohammed ani Oromoo dha jeechun wal qabsisan Jawar Mohammed, Mohammed Ademo fi Abdi Fite lubu baleesuuf saganteefatan. Qoophesitu Aljeezira dabalatee irrrati dulan. Jarsa Oromoo obboo Bulcha Demekssasa fara Uumataa Oromoo kan ta’ee Redio Gemeny Amharfaa irrati waaman xiiqeesuu egalan. Radeon Germany Afaan Amhara wagoota 40 darban hojii fara Oromoo dalaga kan ture dha.

 Oromoon Mediya kamti bayee akka hin dubanee Paltak, Website; TV, Fi Redio Habasha hunda keessati Oromoo irra ugura ka’aan. Ugura isaan egalan kana Oromoon biyya jirtan utuu ilaalcha, amanta fi lagan wal hin qoodiin Habasha hunda irra akka ugura waan hunda irra keessan isiin gafana.  Dhaabbilee Oromoo ABO, WFDOn, OPDOn, OBKn  hundi Habasha Oromoo irrati dula bane kana of irra qabuuf tokko tanee garagaruma  keenya dhiifne akka nama tokko tanee diina lafa keenya irrati nuti duluu of irra qabuu qabna. Kanafuu Oromoo isaan Baleefachuu, Mormachuu fi of irra Ari'uu qabna.

Gummin Paarlamaa Oromoo goochaa Habashoota balalefachuu qoofa utuu hin tanee deebi siirna qabsaa keenuuf,  Oromoo hunda Sochosuuf qoophidha. Habashan utuu goochaa kanafi dhiifama Uumtaa Oromoo hin gafatiin lafa Oromoo keessa Mili ishee akka hin seene goochuuf murteefane jira.

Dulla Habashoon un irrati dulla kana ilaalcheese Gumiin Paarlamaa Oromoo baleefachuu qoofa utuu hin tanee waan goochuu qabnuu akkeekuuf media Oromoo hundan waliin dubachuuf qoophidha.   Qoophin keenya kun amoo tokko Habasha abaruuf ykn Atakaroo ykn gorsuuf miti. Gummin Paarlamaa Oromoo Habasha waliin yoomi ile Hariroo hin qabu, hin feedhus, Habasha hin amanuu, Ogantun Walloo Warqitun Mana hidhatii kan gaddi dhisiftee Meneleik biyya erga gayee booda dura Oromoo dhigga dhangalasuu egalee. Hailu Shawul fi Andargachew Tsige ilee ama iyuu wayee Menelik Marrii kamtu akka hin dhiyeesine dhadhacha jiru. Dhimma kana Iaalchisun Oromoon waan goochuu qabu hunda  qoophisen jira. Hundi dubatamuu yoo bate iyuu. Habashan yakka Oromo irrati gegesanf dhiifm nu goodha bara durii Menelik baleesee jira, kana booda dhifma isiin gafanee waliin hajiranu jeechu manati. Menelik bagga Oromoo fixee wara jeedhun waliin dubachun Dhagga Guurchaati Finca'uu dha, Kaanfuu  Ejjeenoon keenya goocha jara kana Oromoof ibsu dha fi  waan Oromoon goochuu qabuu akkeekuu qoofa. .  

Gummi Paarlamaa Oromoo 21/12/2013


“OF ILAALLEE” GAAFFII OF GAAFACHUUN , ULAAGAA NAMUMMAATI !

Y.G(2005) | Mudde 21, 2013
Gootummaan Maandeellaa sadarkaa Addunyaattu dorgomaa akka hin qabne, du’a isaan booda huabachuu kiyyatti ofittan gadda. Akkuma koo kana, Maadibaan nama akkasii turee ? jedhee kan of gaafachuu eegalee fi hubannoo kanaa qabaachuu dhabuu isaatti kan of gaafatu hedduu natti fakkaata. Maandeellaan Umurii isaa guutu of kennee murannoon waan inni raawwaten, eenyummaa isaa mirkaneessee jira. Namni na argaa na argaa hin beekne kun, Addunyaa keessa lo’ee seenaa amma kana hojjachuu isaa fi Addunyaa guutuun isatti amanuu isaa , du’a isaan wal-qabatee amma dubbatameef kana, lubbuun wayita jiru, kan dubbatame natti hin fakkaatu.(hanqinni jala bu’uu keenyaa akkuma jirutti ta’ee) Waan maraafuu Maandeellaa irraa kan barachuu barbaadu yoo jiraate, jalqaba adeemsa isaa waliin of madaaluu, itti aansee, adeemsi Bilisummaa maal akka fakkaattu fi barbaaddu ilaalanii  of qopheessuudha.
Maandeellaan Injifannoo sadarkaa addunyaatti nama boonsu kana gonfachu kan adanda’e, keessa ofiii ilaalee fi adeemsa diinaa ilaalee, dhaadannoo “Bilisummaan daandii dheeraa akka qabdu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf yeroo dheeraa akka gaafatu (Bilisummaan boodallee akka irratti hojjatamu qabu)”akeekkatee fi murteeffatee,  daandii dheeraa kana hunda  irra imaluuf ammoo, cichoomiina hin daddaaqamne akka isa barbaachisu of amansiisee kaanis amansiisee tarkaanfachuu isaati jedheen amana. Adeemsa jireenya Maandeellaa kana irraa kan baratamu kan biro, yoo ati humna qabaatte, addunyaan fuula sitti guurte hundi akka si waliin dhaabbattuudha. Kana malees ejjaannoo hin daddaaqamne qabaannaan, kan har’a dantaa isaaf jedhee sirraa galagalu hundi gaaftokko sitti galagalee akka si hammatuudha. Kana hundaaf bu’urri,KAAYYOO ofii yoo nutti qorree irraa dheessinee, yoo nutti ho’e itti fiigne odoo hin taane, yeroo qorraas, ho’aas waliin dhaabbannee irratti hojjachuu qofa. ODAAn bargaagee boonee kan dhaabbatu , hidda yk hundee isaatti abdateetu. Qabsoon Ummata tokkos hundeen isaa nama tokko irraa akka eegalu Seenaa Maandeellaa fi waa’eellan isaa yeroo rakkoos, gammachuus wal irraa hin dheessine irraa barachuun dansaadha.
Namoonni dhuunfaatti adeemsa isaanii ilaalanii of sirreessan, bu’aa argatan irraa ka’anii waloon wal ilaaluu yk gamaagamuun barbaachiisaa ta’u irratti hojjatu.adeemsi kun kaleessa irraa baratanii hegaree isaanii warra tolchuu badadaniif murteessaadha. Namni mana isaattis ta’e bakka maraattu, “of-ilaalii yk daawwiti”n of ilaalee , qaama isaa, uffannaa isaa/ishee, rifeensa isaa kkf tottolfatee Ummatatti asi ba’a. kun hundi maaliif akka ta’ee wal hin gaafannu. Namni isa ilaalu har’a akkam bareedda ? ykn uffannaan kee akkam namatti tola ? yennaa jedhamu gammachuu keessa keenyaa waliif haa dhiifnu. Gammachuun sun hundi of-ilaaliin dursinee of ilaallee dansaa ta’uu keenyatti amanuu keenya irraati. Garuu yeroo hundaa irra keenya ilaallee gaaffii of gaafannee, deebii sirreessii hatattamaa  akkuma ofii laannu, keessa keenya daawwitiin nu mul’isuu hin dandeenye gaafannee, deebii ofii ni laannaa ? isa jedhu ilaaluun barbaachiisaadha,
Maandeellaan Injifannoo addunyaa booji’e kanaaf kan ga’e, waan hundaa hojiin irra aanna, gaaffii keenyas gaaffii Ummataa ta’u hojiin argisiifne diina amansiifna jedhee halkanii fi guyyaa hojjachuun ta’uu miidiyaan guyyuu mul’isaa jira.Gootummaa Maandeellaa kanaaf bu’urri ammo Taaddasaan faa’aa keessa jiru. kana jechuun waanuma of harkaa qabnu gannee barbaachaa jirra jechuudha. Kanaafan of keessa ilaaluun dansaadha kanan jedheef. Seenaa Taaddasaa Maandeellaa qarutti ni dhaadanna taanaan, Taaddasaa faarsuu qofaa odoo hin taane, Taaddasaa taanee argamuu keenyatu alaa nu galcha. Addunyaa irratti kan arginu ilmi gootaa, goota abbaa isaa caalu ta’ee Biyya boonsuu argina. Keenyawoo ? kan seenaa faarsu moo, kan seenaa hojjatu taane dabruu qabna ? Nuuti seenaa Taaddasaa jennee faarsina. Dhalooti itti aanu seenaa abbootii isaa faarsu dhabee, seenaa akaakilee isaa faarsa jechuudhaa ?miidiyaaleen qooqa Oromoon tamsa’anis ta’e kaaniin tamsa’an, waan isaan gurra ummataaf ga’an akka dhaga’amuuf qofaa odoo hin taane, kan har’a jiru akka of ilaalee seenaa yeroo isaa akka hojjatuufi.
Of ilaaluun , bakka jiran hubachuudha. Yoo qalbii Ummata ofiif quuqamu qabaanne, Tokkon tokkoo keenya. dirqama sabummaa eenyullee kan itti nu hin dhiibiin garuu raawwachuu qabnu of harkaa qabna. Ammuma daawwitiin of ilaallee irra keenya namaaf tottolchinu , keessa keenyas odoo tottolfannee, Oromoo ta’u keenya qofaan, Waan sabbummaa keenyaaf raawwachuu qabnu lakkoofsa hin qabu. Hundeen isaa keessa ofii ilaalanii socha’uudha. Namni dhimma Ummataa yaadu , dantaa dhuunfaa ykn gaaffii dhunfaa kaasee, qabsoo keessaa ba’ee hin taa’u , yk akka maandeellaa odoo taane jedhee gaaffii of irratti hin kaasu . maaliif jennaan, Maandeellaan, Bilisummaan adeemsa waan ta’eef hanga waggaa 95 guute boqatutti irratti  hojjatee akka hin xumuramne waan beekuuf dhalootallee bakka buusuun akka irra jiru itti amanee tarkaanfataa waan turee fi bu’aa ba’ii isa mudatu maraa keessa yoo dabre qofaa BILISUMMAA harkaan qabachuu akka danda’utti amana waan tureef. kana of keessaa dhabuun ammoo yaadi fi fedhiin keenya hundi habuujuu ta’uu huabchuu qabna.
Bilisummaa caalaa Wanni nama gammachiisu maali ? gabrummaan akka namatti hadhaawu nu caalaa ragaa kan ba’u jira natti hin fakkaatu. Gabrummaan namatti hadhaawu dubbachuu ykn ragaa ta’uu keenya seenaa taasifannee dubbanna taanaan kun qaaniidha. Ammuma kana , gabrummaan nu miidhee jennee addunyaa irratti wayita iyyinu , keessa isaanitti, “maal jarri kun Ummata gootaati ofiin jechaa hin jirtu ?” jechaa gaaffii keenya fudhataniima akka irra taa’aan hubachuu hafnaa laata? asis qabnu achi, addunyaa humnatti amantee, wal balleessuuf meeshaa waraanaa kilo-meetira 2000 ol furgaafamu wal irratti hidhaa jirtu keessatti , yoo beeksifachuuf ta’e malee , sirna jiru irratti dhiibbaa umanii fala tokko nuu fidu jechuun fagoo nu tarkaanfachiisu.
Akka Maandeellaa of kennu . jirenya guutu qabsaa’uu , of ilaalii keessa ofii qabaachuu,daadii dheeraa keessa gufulee hedduun jiraatanis keessa baana jedhanii amanuu , waan lubbuu nama kumaantamaa barbaadu halkan tokkotti xumurama jedhanii yaadu dhiisuu, Bilisummaan booda kan jiru fi Anga’oota addunyaa irraa ykn wayyaanee akka ta’an ta’utti of tilmaamuu dhiisuu , yoo hojjanne qofaa waan yaannu akka argannutti amanuu, Qabsoo jechuun gama maraa kan ilaallatu ta’uutti amanuu, dhaaba irraa qofaa eegne eessallee akka hin geenye kkf qalbifachuun hegaree keenya tolcha. haqa tokkon barru kutaa 1ffaa kana xumura.
Keessa ANC , (Afriikaa kibbaa) warri beekan hedduutu jira. ANCn Maandeellaan hiikamuun bayyaannate, yeroo Angootti dhihaatu, humni isaa hangam akka ture kan beeku waa hedduu barata. Caasaan isaa hangam akka turee fi ammamtu cichee waliin ture ? isa jedhu kan dhaga’e keenya kana ilaalee abdii hin kutatu. ANCn meeshaa of harkaa hin qabu. Garuu cichoomina hin daddaaqamne qaba ture. Ummati ANC irratti waan hundaa gatee osoo taa’ee , waan har’a keessa jiran hin argan. ANCnis, Namoonni isaa dhumaa jiraachuu irraa waan jiru Ummatatti ceesisuu irratti murteeffate ture. Dhuma irratti Faranjoota warra gabroonfattootaa miti, ANC iyyuu caalaatti kan dammaqsee Fincila Ummataati jedhan. Miseensoonni ANC Ummata keessatti waan raajii hojjachaa jiran , Bilisummaa booda kan kaadhimamaniidha.warra gubbaa jiran dabalatee jechuudha.ANCn dikitaatara waan ta’eef Angoo gadhiisuu didee ? ega dikitaatara ta’ee ,warri dikitatarummaan qeeqan maaf Maandeellaaf kabajaa ammanaa kennaniif ?
Haala kanaan yoo of ilaalle maal keessa jirra ? bara 2013 waliin, kutaa 2ffaa keessatti ilaalla. BARRI 2014 BARA MURANNOO ISINIIF HAA TA’U !!!!
Galatoomaa !!!!!!!!!!!

Walitti Bu’insii Godina Harargee Bahaa Lubbuu Galaafate

Jaallannee Gammadaa

WASHINGTON, DC — Godiina Harargee Bahaa aanaa midhagaa tolaa keessa kan jiran gandeen 6 keessaa hidhattonni bulchiinsa naannoo Somaalee kanneen Liyyuu Poliis jedhaman nama afuur ajjesanii kanneen biroo lama madeessuu isaanii jiraatonni naannoo ibsanii jiru.
Uummanni bulchiinsa naannoo somaalee oromiyaa keessaa kilo meetra 30 seenuun qubachuu isaa fi qonnaa fi qabeenya Oromootaatti ibidda qabsisuun akka baqatan godhu jedhu jiraatonni aanaa midhagaa tolaa.
Sababaa tarkaanfii kanaan kan ka’e uummanni Oromoo abba warraa dhibba shan ta’an manaa fi qe’ee ofii gadhisanii godaanuu isaanii kan ibsan jiraatonni manneenii fi oomishatti ibidda qabsiisan jedhu.
Waajiira bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa midhagaa tolaa keessatti abbaan deemsa hojii walitti dhufeenya uummataa jajjabeessu kan ta’an Obbo Abduul Jabbaar Hamiid waa’ee rakkoo kanaa gaafatamanii namoota lamatu wal dhabe malee waan gara bulchiinsa naannoo ga’e miti jedhan.
Jarreeen wal dhaban lameen garuu gandeen bulchiinsa naannoo lameen irraa ta’uu hubachisanii Liyyuu poliis harka keessaa hin qabu jechuun falman.Sababaa rakkoo kanaaf namni mada’an lama wal’ansa argataniiru garuu kanneen du’an ilaalchisee gara fuula duraatti qorannee ibsina jedhan.
Rakkoon nama lama giddutti uumame battaluuma waan tasgabii horateef uummanni qe’ee ofii irraa godaanan kan jedhu soba jedhu Obbo Abdul jabbaar Haamid.
Mee tana ammoo caqasaa