Saturday, May 3, 2014

Ibsa Ijjannoo Waldaa Qorannoo Oromoo fi Waldaalee Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa

Ijjechaa Barattootaa Oromootiif Ummata Oromoo Ilaalchisee

Seensa:
Nuuti Waldaleen Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa keessaa tiif Waldaan Qorannoo Oromoo yeroo ammaan kanaa mootummaa abbaa irree Impaayeera Itoophiyaatiin sochii mormii barattoota Yunivarsittii, barattoota mana barumsaa sadarkaa adda addaa fi ummmata Oromoo dhaamsuuf jechaa ijjechaa garaa hammeennaan barattoota irratti raawwatameen lubbuun barataa hedduu dhabamuun haalaan nu gaddisiise jira.
Mootummaan Itoophiyaa mootummaa mirga ummattoota Itoophiyaa hiree ofii ofiin murteeffachuu humnaan ittisee karaa seeraan alaatiin angoo siyaasaa ofii dheerrafachuuf tattafataa jiruudha. Mootummaa Itoophiyaa TPLFn durfamu jalatti waggoottan 23 dabran keessatti ummatii Oromoo hiree siyaasaa biyya isaa irratti wal-qixxummaan murtessuu dhabee, akka bineensa bosonaa mootummaan yeroo fedhutti ijjeessu ta’ee jira. Ummatii Oromoo mirga bilisummaan gurmaa’uu, dhaabbata siyaasa fedhu deeggaru, mirgaa odeeffannoo walabaa midiyaa walabaa irraa argachuu, hiriira nagaa bahuu dhorkamee biyya isaa irratti lammii lammaffaa fi garboota ta’anii jiraachaa jiru. Haallii Sabii Oromoo tiif ummattootii Itoophiyaa biro keessa jiran gonkummaa fudhatama kan hin qabneef jijjiramuu kan qabuudha.
Guyyaa hardhaa Camsaa 2, 2014 walga’ii hatattamaa Waldaaleen Hawaasa Oromoo Ameerikaa Kaabaa tiif Waldaan Qorannoo Oromoo godheen ibsa ijjannoo waloo kana baafne jirra. Ibsii ijjannoo kun deeggarsa hawaasi Oromoo biyya alaa keessa jiru sochii didda gabrummaa fi fincila barattoota Oromoo Yunivarsitii Oromiyaa/biyyoleessa keessa jiraniif qabnu muldhisuudhaaf kan qophaa’eedha.
Ibsa Ijjannoo:
  1. Gocha farrummaa ummataa Oromotiif qabu irraa kan ka’e mootummaan Itoophiyaa Ijjechaa seeraan alaa barattoota Oromoo tiif ummata Oromoo hiriira nagaa bahe irratti raawwate cimsinee kan balaaleffannu ta’u keenna ibsina. Ijjeechaa garaa hammeennaan barattoota Oromoo irratti raawwatameef hoggantoota mootummaa abbaa irreetiin ala qaamnii biraa itti gaafatamu akka hin jirre amanna. Ijjechaan bara baraan dhala Oromoo irratti raawwatamu gocha fixiinsa sanyii Oromoo ta’uuti hubbanna.  Hoggantootii mootummaan Itoophiyaa TPLFn durfamu Dhiiga ilmaan Oromoo jissuu irraa akka of-qusatan akkeekkachiifna.
  2. Maqaa misooma qindomina qabuu fiduuf jechuudhaan tarsiisoo mootummaan abbaa irree lafa  Oromoo ummata Oromoo irraa buqqisuudhaan deeggartootaa fi abbaa fedheef kennuuf maqaa “Addis Ababa and Oromiya Special Zone Joint Development Master Plan” jedhuun moggaase raawwii isaaf tattafachaa jiru cimsinee kan balaleeffannu ta’uu ibsina. Karoorrii kun akkuma ummata Oromoo biyya keessa jiruuf dhimmii kun kallatiin ilaalu biratti fudhatama hin qabne, nu Oromoota biyya ambaa jiraannu birattis akka fudhatama hin qabne ibsuu barbaanna. Mootummaan abbaa irree Impaayeera Itoophiyaa qondaaltoota siyaasaa isaa ijjechaa ilmaan Oromoo keessatti kallatiin qooda qaban hatattamaan too’annoo jala oolanii gara seeraati akka dhiihatan akka godhu akkeekachiifna. Galmaa’an gahuu kaayyoo kanatiif dhaabbileen mirga dhala namaatiif falman hudumtuu mootummaa Itoophiyaa irratti akka dhiibbaa godhan gaafanna. Gochaan ummata Oromotiif ummattoota biroo Itoophiyaa Keessa jiran ukkamsuudhaaf mootummaan Itoophiyaan yeroo yerooti fudhatamaa jiru, fixiinsa sanyii namaa akka ta’e hubatamee qaamnii dhimmii Kun ilaalu kan akka International Criminal Court (ICC) qorannoo shakkamtoota yakka kanaa gara seeraati dhiheessuuf barbaachisu amumma akka eegalan gaafanna.
  3. Maatii Wareegamtoota ilmaan Oromoo ijjechaa mootummaan TPLFn raawwatameen dhuman hundaaf gadda guddaa nutti nagahame ibsina. Dhiigii ilmaan Oromoo dhiiga bineensa bosonaa akka hin taane hubannee gumaa isaanii deebisuudhaaf qabsoo gaggeeffamu keessatti deeggarsa nurra barbaadamu godhuudhaaf qophii ta’uu keenna ibsina. Gaddii keessan gadda keennaaf gadda ummata Oromoo cufaa. Kanaafuu,gadda keessan isan waliin dhaabbanne isin sabbarsiisuuf qophii ta’uu keenna ibsina. Galatii ilmaan Oromoo qabsoo mirgaa Oromootiif kufanii bilisummaa saba Oromootiif walabummaa Oromiyaa callaa akka ta’e hubbanna.
  4. Barattoota hidhaman hundaa haala duree tokko malee akka gad dhiifaman cimsinee gaafanna. Hidhaamtoota Siyaasa mana hidhaa Impaayeera Itoophiyaa keessa jiran maraa akka gad dhiifaman cimsinee gaafanna. Ummatii Oromoo Ameerikaa kaabaa keessa jiraannu qabsoo haqaa Oromoo keessatti ummata Oromoo biyya jiru cinaa jiraachuu keenna yeroon  mirkaneessinu ammaan kana jennee amanna.
Qabsa’aan ni kufa, Qabsoon itti fufa!
Tokkummaan Ummata Oromoo haa jabaatu!
Ibsa Waloo Waldaalee Oromoo armaan gadiiti maqaan tarreeffame:
  1. Waldaa Qorannoo Oromoo
  2. Waldaa Hawaasa Oromoo Chicago
  3. Waldaa Hawaasa Oromoo Ohio
  4. Waldaa Hawaasa Oromoo Michigan
  5. Waldaa Hawaasa Oromoo Nashville fi Memphis, Tennessee
  6. Waldaa Hawaasa Oromoo Kentucky
  7. Waldaa Hawaasa Oromoo Seattle
  8. Waldaa Hawaasa Oromoo South Dakota
  9. Waldaa Manguddoo Oromoo Minnesota
  10. Waldaa Hawaasa Oromoo Denver
Brief Translation:
We, Oromo Community Organizations in USA, and OSA jointly prepared this press statement in Afaan Oromoo to condemn the heinous crimes committed against defenseless and innocent Oromo University students and those who joined their just movements in solidarity. We also expressed our readiness to stand in solidarity with the Oromo University Students and the #OromoProtests. We ask the Ethiopian regime to unconditionally release the hundreds of University Students detained by the Federal Security Forces and bring to justice those who ordered the use of live bullets to put down the protest. We ask the Oromo in Diaspora to protest in all major cities where the Oromo live in large numbers and fund raise money to support the victims of the massacre and affected families by covering some of their medical and miscellaneous expenses. We have formed a National committee to coordinate the fund raising activities during rallies and at prayer places (Mosques, Churches). This is a work in progress and seek your support as we go forward. We strongly believed that the regime can only be defeated through concerted and sustained resistance movements which requires our collective material and intellectual resources. The Oromo must be ready to pay the utmost sacrifices the struggle demands to free our nation and heal the broken hearts of its oppressed masses.

Karoora Muummicha (Master Plan) Finfinnee; Finfinnee (Addis Ababa) Master Plan

By Ibsaa Guutamaa | May 3, 2014
Ibsaa_GuutamaFinfinnee, lafa Oromoo, bakka jalqaba jaarraa 20ffaa dinni mandheessaa itt ijarachuun buphaa buuqqataa gomgomaa yaase itt buufate, ammas wiirtuu waldhabdee ta’ee hafaa jira. Karooramee, dhiisee, aangoo qaamaan haa ta’u safuun, yoo humna saamamtoota ijaaramanii hin ta’in, kan akka fedha saanii nama irratt hin feene abbaa hirrootaa dhaabu danda’u hin jiru. Oromoon Oromiyaa irratt abbaa biyyummaa gaafachuutt kan ka’e gaafa qabamee eegaleetu.Finfinnee, an Oromo land that the enemy at beginning of 20th century built its nest and laid its eggs that produced voracious larvae, still remains the center of controversy. Planned or unplanned there is no physical or moral force that could stop dictators from imposing their will other than organized will of the dispossessed. Oromo started to demand sovereignty over Oromiyaa since it was occupied. Since then it had never stopped demanding for the lost sovereignty through peaceful means as well as armed struggle.
Ergasii abbaa biyyummaa dhabe deebifachuuf nagaanis hidhannoonis gaafachuu hin dhaabne. Qabsoo bara hedduu fi wareegama guddaa booda, 1991 deebiin fakkeessaa kennamuu eegalaan. Hidhata yeroo Mootii Habashaa waliin gurguddoon Oromoo yawus uumuu yaalaniin akeeka bu’uuraa tokko tokko irratt walii galanii turan. Sunis yeroof “Mootummaa Cehumsaa” dhaabuu, sabooti mirga hiree ofii walabummaa ofiin murteefachuu akka qaban walii beekuu, daangaa Oromiyaa yeroof ulagaan murteessu beekamu, filmaata naannaa naannaatt gaggeessuu fi heera rakkina ijoo godinaa sanaaf furmaata kennuu danda’u waliin wuxinuu, Finfinneen magaalaa addatt fedhi Oromiyaa keessatt eegamuu qabu ta’uu fudhatamu ture. Mootummaan Cehumsaa yeroo raawwatu ummatooti gara fedhanitt cehuu akka muteeffatan amanameetu. Garuu akka abdatamett utuu hin ta’in olhantummaa gola tokkoon qari’uu dandahe. Egaa, gaaffiin Oromo biyya abbaa ofii irratt mo’ummaa qabachuu gana koloneeffataan bacancare jechuu dha.
Kanaaf gaaffiin waa’ee Finfinnee ballisuun Oromiyaa bakka lamatt kutuu yaaduu gaaffii waliigalaa keessatt kan ilaalamu malee isaa guddaa dhiisanii gara xinnaa irratt xiyyeeffachuu akka hin taane hubachuu dha. Kana jechuun tooftaa koloneeffataan fedha Oromoo gara dabarsuuf qabatee xixinnoo fudhate gad bahu itt bobba’u dhiifnee callisnee ilaalla jechuu miti. Fakkaattii isa guddaa keessatt ilaaluu akka hin irraanfanne jechuufii. Oromoon biyya ofii biisoomsanii akka isaanitt tolutt caasatu malee caasama halagaa kamiinuu akka seerawaatt fudhachuuf dirqama hin qabani. Magaaloti empayeritt caalaan saanii soda ummata naannaa irraan kan ka’e tabboota biyyoota kolonawan irratt ijaaramanii. Lafti tabboota sana irra jiranis abbaa qawwee (Nafxanyaa) saaniif hiramanii. Galmistanis masaranis achumarra fannifamanii jiratu. Kanaaf jiraattoti garri caalaan magaalota sanaa Nafxanyaa fi Kiristinnoota. Bara dheeraa booda tabboota irraa gadi bu’uun saaniin kan agarsiisu hammam holola surrii dhiqaa fi raatessaa saaniin “Stockholm Syndrome” (faarmullis miidhamaa akka saree midhaa saanii jala yaasu) ummatoota keessa facaasuun hordoftoota juujuutt jijjiiruu saanii akka amananii. Meeshaan too’annoo ammayyaanis qooda keessaa qaba. Sun ofirrummaa saanii jabeessee biyya abbaa qabu biinxa’uuf uggaa jiru. .
“Karoorri Muummichi Finfinnee” bara mootummaa abbaa gonfoo kaasee itt jirama. Magaalaa tokkoof kan karoorri ba’u rakkina mana jireenyaa fi hojii, guddina warshaa, geejjibaa, lolaa kosii adda addaa, eegumsa fayyaa, tajaajila bishanii fi ifaa kkf argamsiisuun sirna itt gochuu dha. Finfinneen rakkina bishaanii fi ifsaa dhaabbataa qabdi. Furmaati bakka jirutt tajaajila barbaachisu argamsiisuu dha malee karoorri dhibbi baheef ummatichaaf kan bu’u hin jiru. Lafti naannaa Finfinnee jiru kan ummati Oromoo mootii jijjiramu hundaan buqa’aa dhufe irra qubate. Galaanii fi Eekkaa kaasanii dhiibamaa dhufuun, kan fagootti hin godaanin itt hafani. Jireenyi barabaran dhiibamu itt fufuu hin qabu. Hamaa dhufu walii tumsanii ofirraa qola’uun seera uumaati.
Moototi darban yeroo Finfinneef karoora baasan gara caalu bu’aa ofiirraa kaasanii ture. Kara ijaartoti mana dureeyyiirraa qabaa kan kanneen human hin qabnee jigsaa turani. Akeeki ture qondaaloti mootummaa akka itt durooma guddifataniif karaa mijjeessuu malee tajaajila barbaachisu magaalattiif uumuu hin turre. Kanaf balan tokko yoo bu’e oolchuun rakkoo ture. Si’ana lafti kan mootummaati waan jedhameef, mootummaan gola taahitaa irra jiruun adda waan hin taaneef, qaawwaa mana gidduutt argamu hunda yoo gurguratan abbawummaan itt hin dhagahamu. Kanaaf awwaala illee diiguun lafa saa gurgurachaa akka jiran ballinaan himama. Akka aadaa fi amanteett ujuba jeequun yakkaa. Kan barbaadan waa qabatan hunda callaatt jijjiiruu dhaa. Karoorri kun sanaaf carraa guddaa kennaafi.
Egaa, jarri kun ilaalcha jireenya ummata magaalichaa fooyyessuu garaa hin qabani. Tolfatan Karoorra kanis kan wayyooma jiraattota Finfinneef yaadame utuu hin ta’in dira’ina itt sutame akka qabu hubachiisa. Ummata Oromoo, caalaattu Tuulamaa fi Maccaa, kan dura buqqisaniif gaaffii irra jiru utuu hin deebisin bara abbaan biyyaa mirga saa gaafachuutt ka’e kana lafa caalaa kutanii dabalachuu yaaluun waldhabdee jiru babbalisuu malee furmaata nagaa argamsiisuuf fala hin ta’u. Mirga abbaa biyyaa beekanii heera ofii keessa galchuu qofti gahaa miti. Yoo xinnaate heera ofumaa baafatani addunyaatt labsan kabajuun qaroomummaa dha. Miiddhaa hin dhinne uumuurraa koloneeffatoon magaalaa saanii mummicha biyya saaniitt ol deebisanii, Maqalee, Aksum, Gondar yk haaraa ijaarratanii baballifachuu dandahu.
Biyyichii abbaa biraa qabachuun kan darbaniif hin liqimfamnee ture. Kanaaf karoorri saanii eenyufaaf caalaa bu’aa argamsiisa kan jedhu irratt hundeeffame. Jarri ammaa sana irratt dabalanii karooraa tooftaa fi tarsimoo of keessaa qabu baafataa jiru. Lammii saanii fi ofiif ariitiin bu’aa hammami butachuu dandeenya laata jechuun hojiirra oolchuuf si’aawaa jiru. Karoorri kun tokkummaa Oromoo cabsuun fulduratt bulcha koloneeffatoof gufuu akka hin taanett yayyabame. “Xaqilayi Gizati”mootii moototaa caalaa hamaa kan ta’etu dhufuuf deema. Akka ilaalcha saaniitt Finfinneen mooraa raayyaa biyya qabateeti. Dhiphisuu, ballisuu, guddisuu haa ta’u bareechuun bu’aa jara kanaa irraa ka’ee ilaalama. Lafa hedduu Finfinneett dabaluu jechuun abbaa biyyaa irraa buqqisanii mooraa diina saa irratt baballisuu fi halagaa irra qubachiisuu jechuu dha. Sana duuba akka hawwa saaniitt Oromiyaan dhiiga gootota seetiin dhaabbatte diigamtee karaa saamicha yoomuu gaafatama hin qabne mijaawaa argachuuf gaggabaa jiru.
Karoorri amma o’aa jiru kun garri caalu bara Dargii kan xumura argate ture. Sunis biyyoota Tuulamaa, Jillee fi Arsii irraa lafa hedduu kan fudhatu. Gareen bulcha magaalaa Finfinnee kantiiba yerosiin durfamu karoora jedhamuu kanan walfakkaatu Kora Ministorata Mootummaa Cehumsaan akka eebbifamu dhiheessee ture. Utuu waa’een abbaa biyyummaa Oromoon Oromiyaa irratt qabdu hin murteeffamin ilaalamuu akka hin danda’amne miseensota korichaa ABO bakka bu’an waan mormaniif xaxatanii akka deebi’an godhame. Hardha maaltu nu tuqaan saba tokko lafa irraa haquuf mala baafataniin ummatoota empayerittis, addunyaas gowwoomsuu yaalaa jiru. Kun tuffii sabichaaf qaban dur dhoffatan hardha addababayiitt labsaa jiru. Didhaan eenyummaa ofii beeksisuu ilmaan Oromoo irra jira. Ballachuu Finfinnee haata’u dhimma Oromiyaa ilaalu irratt kan murteessuu danda’u abbaa biyyichaa ummata Oromiyaa qofaa. Yeroof qophii ittiin mirga saa kabachiisu hin gumeeffanne ta’aa. Sanaaf malee galtuun Oromoollee booreen akka itt ulfatu beekamu qaba
Oromiyaan Finfinnee irratt fedha addaa qabdi jechuun seenaa ta’uuf deema. Magaalaa Federaalaa jedhanii marii Oromo malee irraa kutanii biyya of danda’e tokko gidduu baasuutt qaxisaa jiru. Amma kan ta’u qabuu walgurmeessanii jarmaa cimfachuun mooraan raayyaa koloneeffataa baballachuu akka hindandeenye karaa barbaachisu hundaan itt bobba’uu dha. Oromoon kanneen cunqursaa deggeranii fi utuu itt himamuu saamicha Oromiyaa irratt qooda fudhataniif itt gaafatamaa haa ta’uu abbaawummaa hin qabaatu. Warraa fi maatii Oromiyaa sossobbaan haa ta’uu humnaan buqqisanii facaasuu caalaa yakki hin jiru. Madaa haaraan kun kan darbe yoo kulkulfachiise kan itt komatamu isuma quba itt dhahaa jiru. Ollaan kan nagaan jiraatu yoo haala tolaa fi hamtuu jalatt qixxee wal kabaje. Kanneen hardha garaa guuttachuu jedhanii dhaloota dhufan gidduuti haddhaa fachaasan akkuma kanneen isaan duraa salphinnii fi giimii hin dhaamne akka isaan eegu barachuu qabu.
Haalli addunyaa jijjiiramus mirgi Oromoo ittuma qoosamaa jiraa. Kanaaf itt gaafatama jalqabaa kan fudhatan Oromoo dha ofiin jedhaa kanneen diinota Oromoof milla dhiqani. Kan itt haanu utuu beekumsaa fi humna qabanii Oromoo ciisanii hanga gorra’amanitt eegan yk yeroo obbolaan saanii akka malee hidhaman, ajjeefamanii fi guraaraman callisanii ilaalani. Inni sadaffaan bu’aa ofii fi lammii saa jedhee kan fixaqacceett bobba’ee fi mirga ilmaan namaatt roorrisuu. Jarri sadan gochaan haa ta’u irra darbuun Oromoo balleessaa, Oromiyaa akka diigaa jiran hubatanii karaa itt harka irraa dachaafatan faluun qooda sabboonotaati. Caasaa Finfinnee kan amma jiru irraa jijjiiruu jechuun qaccee Tuulama dhiibbaa waggaa dhibbaa olii irraa seenaaf hafte ari’anii halagaa afaan, aadaa fi hooda addaa qabu qubachiisuu jechuu dha. Handhurri eenyummaa Oromiyaa, Odaa Nabee kana keessatt argama.
Finfinneen maqaa jijjiirrattee qubsa halagaa erga taatee turteettii. Baballachuus hin dhaabne. Tuulama bakkaa balleessuun eenyummaa Oromoo balleessuu irratt kan aggaamame. Badiisi sana caalee hin jiru. Oromiyaa Lixaatii ka’anii Kaaba, Bahaa fi Kibba deemuuf “Barmeessoo yk Yilaf” halagaa barbaachisuuf deema jechuu dha. Kanaaf iyyaa fi mormiin karaa halleen gaggeeffamu irratt hundi gamtoomuun dirqii dha. Manguddoo Oromtichi laalaa qabsoon qaammi lasha’ee fi iji jaame, Dotii Turaa, siree ciisee irraa “Maaf teessu badnee Iyyaa Iyya dabarsaa!” jechuun radiyoo “Sagalee Oromoo” irratt yoo iyya kaasu kan humna qabu qaammi guutuu ta’ee callisee ilaluun booree taati. Humni Habashaa jalqaba irratt Oromiyaa cabse Tuulama irraa eegalee. Harras Oromiyaa caccabsuun achuma irraa eegalaa jiraa. Dur gosti kaan kan, isaan hin ilaalle se’anii callisanii hanga inni burkutaawutt eeganii. Fardi Tuulama irraa ka’e yoo achumatt dhaabuun hin danda’amne hunda irra buufata. Hundi waliin hiriiree injifannoo galmeeffachuu malee Oromiyaa irraa lafa taakkuu tokko Oromiyoon dabarsanii kennuun badiisa farrifachuu dha. Ilmaan Oromoo eenyumaa ofiin boonan utuu jiranii, Oromiyaan lamuu hin biinxa’amtu. Qabsoon gara hiree ofii walbummaa ofiin murteeffachuu karaa halleen jarjarfamuu qaba. Oromiyaan haa jiraattu!
Ibsaa Guutama
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!
Ebla 2014


After a long struggle that cost lots of sacrifices pretentious responses started to appear after 1991. By coalition that Oromo elites tried to forge certain objectives were achieved. That was to form a Transitional Government, recognition of people’s right to national self-determination for independence, conducting local elections, and agreement to draft together a constitution that would be solution for chronic regional political problems and recognizing special interest Oromiyaa has over Finfinnee. It was believed that after the end of the transitional administration people will have the opportunity to transit to positions they like best. Not as expected but it was able to transform to supremacy of one political party. Thus it means that the Oromo question of having sovereignty over the fatherland was thwarted by betrayal of the colonial power.
Therefore it is essential that the matter of expansion of Finfinnee to divide Oromiyaa into two has to be considered in light of the general question so that the whole is not overlooked focusing on small segment. That does not means to neglect enemy tactics of coming out with small issues to divert the focus on Oromoo interest. It is meant to remind that seeing things against the big picture should not be forgotten. Oromoo shall liberate their country and structure it in the way convenient to them and have no obligation to accept any structure made by aliens as legitimate. The towns in colonies of the empire were built at top of escarpments for fear of the colonized people around them. The lands on the escarpments are dived among the gun wielders. Churches and palaces were also hanging from there. For this reason most residents of those towns are Nafxanyaa and Christians. Their coming down from the escarpment after so many years shows how confident they became of their brainwashing and hypnotizing work that they believed has created Stockholm Syndrome among the colonized and turned them into meek followers. Modern instruments of control have also their share in that. That strengthened their arrogance that they started daring to further shred a sovereign country.
Design for Mater Plan of Finfinnee is going on since the period of king of kings. A master plan is designed for a city is to solve orderly manner problems of housing for living and working, industrial development, transportation and communications, sewerage, public health, water and energy service etc. Finfinnee has permanent problem of water and light. The solution is to make the services available as it is now. Lands around Finfinnee are settled by people that have come being dislocated by successive regimes. They are remnants of those who were left behind when others went far off moving down from Eekkaa and Galan. Many that were chased away from their holding are still alive hoping to one day go back to where their umbilical cords were buried. The life of ever being dislocated has to stop. To cooperate and defend against all evils together is law of nature.
The past regimes used to start from personal interest when they prepare master plan. Even road constructors used to avoid property of the powerful while demolishing those of the weak. Objective existing then were not to give essential services to town dwellers but to facilitate ways of build personal wealth for public officials. For this reason if any catastrophe befalls access was difficult to help. This time land belongs to the state and the state is not different from the party in power they feel no responsibility to sell any small opening between buildings. That is why it is widely talked that they are desecrating burial grounds and selling the land exhuming and throwing away the remains. Accrediting to faith and culture to disturb graveyard is a crime. What they aim at is turning all they cease into cash. This Master Plan will give them good opportunity for that purpose.
Thus these people have no intention to improve the life of town dwellers except their own. The tactics of this plan shows not intention to improving life of Finfinnee residents but that it is embedded with other tricky machination. Before answering for the first eviction of Oromo people, in particular that of Tuulamaa and Maccaa to try to grab more land and add to the old at a time when owners of the land have started to demand for their rights will only aggravate the conflict and will not be a solution for bringing peaceful settlement to the issue at hand. It will not be enough to recognize the right of natives in one’s constitution. It will be a civilized behavior to at least respect the terms entered into own constitution. Rather than creating not healing injury it would be better if colonizers take back their capital city to Maqalee, Aksum, Gondar or build new ones and expand them as they like
The past regimes cannot accept that the country had other owners. Therefore their planning was based on who should benefit how much? The present ones in addition have gone beyond and are designing a plan with tactic and strategy integrated into them. They are in a hurry to implement the plan and see how much benefit they could snatch for their nation and themselves. This plan is also designed to break Oromo unity so that it will not create any obstacle to colonizers for a long time to come. Something more harmful that “Xaqlay Gizat” (Governorate General) of king of kings is coming up. From the way they look at it Finfinnee belongs to the occupying force. Be it to contract, expand, develop or beautify is considered from the benefit they could squeeze out of it. To add more land to Finfinnee means to expand enemy camp further and settle aliens by evicting natives. After that Oromiyaa, country built by blood of her heroes and heroines will perish if their wishes hold.
The provision that Oromiyaa has special interest in Finfinnee is going to be history. Without consulting with legitimate Oromo they are tiptoeing to curve an independent territory with excuse of creating a Federal citadel. Now what should be done is to go out and oppose in any way available the expansion of enemy camp and the destruction of Oromiyaa. Oromoo do not have responsibility and accountability for those that participate in the plundering of Oromiyaa supporting oppressors despite all forewarnings. There will be no crime greater than uprooting and scattering Oromo family through cajoling or intimidation. If new wounds remind an old one, it is only one that is poking ones finger into it that will be held responsible. Neighbors can live in peace together if they respect each other equally under bad and good situation. Those that are spraying poison among new generation for own present benefit should know that humiliation and umber are waiting for them just like those before them.
Though world situation is changing Oromoo rights are still joked upon. For this those that take the first responsibility are those that call themselves Oromo but engaged in washing enemy feet. The second are those Oromo that lie down and wait until they are slain though they have enough knowledge and capability are passing in silence when their siblings are inappropriately being imprisoned, killed and tortured. The third one is one that commit genocide and other human rights abuses for benefit of one’s nation and oneself. All the three by omission or commission are erasing Oromo and demolishing Oromiyaa for this reason it is the duty of nationalists to find ways and means of getting enemy hands off Oromiyaa. To change the present structure of Finfinnee means to uproot Tuulama and replace them by aliens that have strange language, culture and ethos. The center of Oromo identity, Odaa Nabee is found here. To displace Tuulama means to aim at displacing the Oromo. There will be no destruction greater than that. To cross Oromiyaa from west to east, north and south is going to require pass from aliens. For this reason it is a must for all nationals to cooperate and raise appeals and protests from all direction. It is encouraging and challenging for the young and the capable to hear the old Oromo man, Dotii Turaa, who was paralyzed and blinded from injuries of struggle for justice, crying loud from his bed over radio “Oromo Voice “raising hue and cry.
Habashaa force that first broke Oromiyaa started on Tuulama. Even today the campaign to break Oromiyaa is commencing from there. In the past the other tribes did not take as concerning them and observed when Tuulamaa was being smashed into pieces. A horse that starts from Tuulama is sure to land on the others unless checked on the spot. It is portending destruction on oneself unless all march in cooperation to register victory. As long as there are Oromo off springs that are proud of who they are, Oromiyaa shall never be shredded again. The struggle towards the realization of self-determination for independence has to be hurried from all angles. Long live Oromiyaa!!
Honor and glory for the fallen heroines and heroes; liberty equality and freedom for the living and nagaa and araaraa for the Ayyaanaa of our fore parents!
Ibsaa Guutama
April 2

OromoProtests – Worldwide Oromo Rallies – All On This Page (To Stop the Addis Ababa Master “Genocide” Plan and to Demand Justice for the Ambo Massacre)

Short Calendar of the Planned Rallies (For Details, please see below):
- München, Germany – May 3, 2014
- London, England – May 6, 2014
- Seattle, Washington – May 7, 2014
- Den Haag, Netherlands – May 9, 2014
Gadaa.com
—————————————-

London, England, The United Kingdom

A big demonstration is organised on 6 May 2014 at 11:00am in front of the Parliament (Old Place Yard, SW1) in London.
This demonstration addresses the current atrocities of Ethiopian government, particularly the killings of peaceful Oromo student demonstrators.
All Oromos and friends of Oromos in the UK are invited to turn up and stand against these evil acts of the Ethiopian dictators.
Please come in black clothes to indicate sadness for innocent Oromo students shot dead by Ethiopian armed forces.
Please forward to your contacts.
The Organising committee
Hiriirri guddaan gaafa Caamsaa 6, 2014 sa’aatii 11.00am irraa jalqabee London, Parlaamaa fuuldura , (Old Place Yard, SW1) geggeeffama.
Oromoo fi firoottan Oromoo biyya UK tti argamtan gochaa hammeenyaa fi ajeechaa ilmaan Oromoo irratti graawwatamaa jiru akka dura dhaabbatan isin beeksifna.
Huccuu/ wayyaa gurraacha uffattanii argamtanii ilamaan Oromoo lubbuun isaanii darbeef gadda keessan akka agarsiiftan kabajaan isin hubachiifna.
Hadaraa dhaamsa kana namoota kaaniifis dabarsaa.
Koree Qindeessituu
—————————————-

Seattle, Washington

Gadaa.com
—————————————-

Den Haag, Netherlands

Waamicha Hiriira Mormii
Gadaa.com
Ajjeechaa bartootta Oromoo’rra ga’aa jiru, akkasumas seeraan ala magaalaa Finfinnee babaldhisuuf gocha Mootummaan Itoopiyaa raawwachaa jiru mormuu dhaan magaalaa Den Haag, Netherlands keessatti hirirri mormii ni gaggeeffama. Namoonni biyya Netherlands keessa jiraattan hiriira kana’rra tti akka argamtan kabajaa Oromummaan waamicha keenya isiniif dabarsineerra.
Guyyaa fi teessoon hiriirri itti gaggeeffamu,
Guyyaa Hiriiraa: Jimaata Caamsaa (Fridag Mei 9-05 2014)
Magaalaa: Den haag
Teessoo: Plein 2, 2511 CR Den Haag (Parlama Nederland)
Sa’a: 12.00n eegalee 14.00n xumuurama
Bifuma wal-fakkaatuun Hawaasinni Oromoo biyya adda addaa keessa jiraatu martinuu guyyaa fi haala isiniif mijate tti hiriira mormii wal-fakkaataa akka gaggeessitan kabajaa Oromummaa tiin isini tti dhaammanna.
Tokkummaan Umna!
Koree Hojii Raawwachiiftuu
Hawaasa Oromoo Netherlands
—————————————-

München, Germany

Irra: Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyyaa Jarmanii
Gara
- Hawaasoota Oromoo
- Misensoota Tokkummaa Barattoota Oromoo Biyaa Jarmanii
- Jaarmayoole Siyaasa Oromoo Biyyaa Jarmanii Kessaatti argamtanii maraaf
Sochii didda biyyaa kessa jalqabame jiru ilaalchise maatikenya fi Marsaale Addaa addaa irra odeffannoo Rafiitii nama dhowwuu dhaggeffacha jirra.
Kana ilaalchse karakenyaan tarkaanfii hatattaman fudhachu qabnu irratti Marii geggessuuf, Walittidhufun dirqama Oromummaa fi yeroo dha jenne amanna.
Kanaafu
Gaafa: Caamsa 03, 2014 (03.05.2014)
Sa’a: 14:00 irra kaase,
Iddo: Schwanthalerstr.80, München itti
Marii kan geggessinu waan ta’ef akka yeroo kanatti iddo caqafametti akka nuf argamtani ykn bakka bu’akessani akka nuf ergitan, waamicha Oromummaa kabajaan dhihessina.
Tokkumaan Humna!
KHG TBOJ irra
Qunnamtiif: khg@tboj.de | khg.tboj@yahoo.com | www.tboj.de
bilbila: 015213802604, 017661459448
UOSE-Germany

A Proposal To Establish A Legal Defense Fund

Malkaa Guutuu | May 2, 2014
This piece is going to be brief: It is the first of two articles intended to jump-start a swift, deliberative and democratic process that will lead to the formation of a desperately needed Oromo institution, which, if launched successfully, can become a powerful tool we can utilize to avert the looming disaster we are currently facing as a nation.  The disaster is nothing other than the so-called Integrated Urban Development Master Plan of Addis Ababa (IUDMPA) that the entity occupying our land is about to implement, in defiance of its own so-called constitution, gunning down innocent Oromo youth for taking to the streets to peacefully protest the plan, signifying its great contempt for the Oromo people. Make no mistake about it, the IUDMPA is designed with the objective of setting in motion an irreversible process that would ultimately destroy the emerging Oromo identity. If this plan gets implemented somehow, we might as well forget about a common homeland we call Oromia, for which countless of our brave brothers and sisters have paid the ultimate price. The obvious, direct and immediate damage this plan is going to cause – the cleansing of Oromo farmers from around Finfinnee – alone ought to motivate every Oromo with some sense of self-preservation to get mobilized and fight it vigorously.
The Qeerroo are on the frontline and doing their best to defeat this vicious plan at great risk to their lives and limbs; some have been slaughtered by the mafia that has turned our people into shooting targets, with no international media covering the tragedy as of this writing. Facing down a brutal killing machine armed to the teeth, our brothers and sisters in the homeland are putting up courageous resistance against this insidious project. What can the Diaspora Oromo do to assist these valiant efforts by Qeerroo back home? There are a number of things we can do to answer the call of history, and I believe that our plight at this particular juncture calls for the establishment of a Legal Defense Fund – a missing tool in our arsenal to reclaim our country.
The proposed idea seeks to hold to account certain individuals and organizations (foreign or local; small or large) that are benefitting directly and substantially from the plan, which is causing incalculable and perhaps irreparable damage to the Oromo nation. These individuals and institutions must be held responsible, both criminally and civilly, for every Oromo farmer that is robbed of his land, hence livelihood, existence and dignity; for every Oromo life that is lost while opposing the plan; for the likely havoc that the scheme is going to cause, and the ensuing loss of human lives and destruction of property; for the cost on human health and welfare due to the policy’s direct adverse impact on the environment; and for the other quantifiable direct and indirect costs this treacherous undertaking is going to engender.
Cleansing Oromo farmers from their ancestral land – which has been going on for some time at a smaller scale – has been very lucrative for some in the TPLF/EPRDF (Tigray Peoples Liberation Front/the Ethiopian People Revolutionary Democratic Front) and the so-called local and foreign “investors”. The affiliates of TPLF/EPRDF, along with their unaccountable and at large “business partners”, would back-off, if they face a credible threat to their liberty and ill-acquired bounty – a bounty they are reaping by effectively becoming agents of ethnocide. They would abort their imperial dreams, if we did our due-diligence and fought them by using all legal means available to us here in the west. We must identify the criminal ones who are terrorizing our people and charge them with crimes against humanity. We have to target their accomplices (the so-called investors) where it hurts them the most – in their pockets.
Hence the need for a Legal Defense Fund, whose short-term and paramount objectives are to lead the way in our efforts to halt the IUDMPA from becoming a reality, and to bring those responsible for the unfolding disaster to justice. The Fund is anticipated to be managed by our elected representatives, commissioned principally with the objectives of putting together and overseeing a team of world-class legal experts, who will present a compelling case on our behalf to independent tribunals. To make a strong case to a court of justice that deals with these matters (such as the International Criminal Court), we need to properly and carefully document the unfolding crimes the TPLF/EPRDF regime is committing against our humanity, turning our land into the killing field of this era.
I don’t believe we should waste our time and energy appealing to politicians in the west, who are still operating under an international system that values borders and territories more than human beings. It is telling that TPLF/EPRDF regime is butchering our children, while hosting the US Secretary of State – John Kerry. Even the few career politicians driven by humanistic ideals cannot escape the fickle *interest-driven political environment* with which they work. Fortunately, the age in which we live affords us certain opportunities that holds perpetrators of *crimes offensive to human conscience and dignity* accountable, if we get our act together and make our case. There are precedents we can follow: we might even take a page from the Jewish Diaspora’s successful use of similar mechanisms to overcome extreme brutality.
By conservative estimates – based on the latest American Community Survey and certain plausible assumptions – if just half of the Oromo people in the US alone (not including dependents and the likely unemployed adults of working age) contributed $10 a month on average, we can establish a Fund strong enough to take on our tormentors and their accomplices, and make them pay for their crimes. Some of the resources we mobilize for this project initially, could be used to gather evidences showing the extent of TPLF/EPRDF’s brutality against our people; to compile an exhaustive list of the persons and organizations directly involved with, and benefitting from, the IUDMPA; to employ a salaried and competent public relations person to liaise with the public, the media and other entities on behalf of the Fund (hence the Oromo people); and to conduct the other essential functions of the organization.
We should call urgent meetings of all Oromo communities in the Diaspora in the same week – preferably in the next week or so – to deliberate on this crucial matter and elect a committee of prominent and respectable people that would preside over the establishment of the Legal Defense Fund. It turns out that others have already called for meetings of Oromo communities all over the world. But, we must use these forums not just to vent our fleeting anger and frustrations, but also to start the process of forming the proposed institution.
I am calling upon every Oromo with similarly situated ideas and concerns, particularly those with some legal expertise on the issue motivating this article, to offer their feedback and suggestions to perfect this idea, so that it will become a sound platform we may use to defeat the IUDMPA, and save our people from further humiliation. Any Oromo who believes that I am not overstating the risks associated with this plan, has a national obligation to participate in the democratic conversation being solicited. Based on the feedback obtained on this general idea, I will offer my initial detailed proposals re: the specific mandates and objectives of the Legal Fund, and the process guiding its formation and operation, in the next article.