Tuesday, March 18, 2014

TOKKO SHANEE MOOTUMMAA ABBAA IRREE ITOOPHIYAA HANGA BIYYA ORMAATT

BY IBRAHIM ALI 
ibrahimMootummaan abbaa irree Itoophiyaa waggaa 23 guutuu bakka barbaachisutti humnaan, bakka kaanitti immoo mala adda addaa fayyadamuudhaan hanga hardhaa gahee jira. Ani hardha kan irratti xiyyeeffachuu barbaade mala mootumman abbaa irree ITOOPHIYAA itti  fayyadamu keessaa kan yeroo ammaa akka ummati wal basaasuuf meeshaa guddaa taheefi jiru TOKKO SHANEE kan jedhamuu dha. TOKKO SHANEEn OROMIYAA keessatti erga hujirra oolee kan bubbule yoo tahu amma immoo diyaaspooraa keessattis jalqabuuf qophii kan fixatan tahuu himamaa jira, sababi irratti na xiyyeefachises kanuma dha.
TOKKO SHANEEn maal?   Tokko shanee jechuun namoota shan bakka tokkotti ijaaranii , shanan keessaa nami tokko hoogganaa tahee filatama. Namooti shanan kun bakki jireenya isaanii tokko tahuu qaba, akka hordoffiif isaanii tolutti waan ijaaraniif namoota shanan kana wanti jireenya guyya guyyaatti waliiti isaan fidaa jiraachuu qaba, fakkeenyaaf qotee bulaan kan ijaaramu qotee bulaa ganda isaatti dhihaatu waliin,daldalaanis daldalaa waliin ,hojjataa mootummaatis nama shan kan biiroo tokko keessa waliin hojjatan waliin, dargaggootis dargaggota waliin, dubartootis dubartoota waliin, barataanis kan sadarkaa lammaffaa baratu irraa jalqabee hanga koolleejii fi unbaristiitti akka akaakuu barnooti isaanii wal fakkaatuun ijaaramu.
Faayidaan TOKKO SHANEE maal? Mootummaan abbaa irree Itoophiyaa “ TOKKO SHANEE MISOOMAA” jedhee waama, garuu wanti malli kun uumamef misooma osoo hin taane basaasummaa dha, nami tokko yeroo gareen isaa walgahii qabdu gaafii mirgaa yookin waan sirrii hin taane kan mootumman abbaa irree uummata irratti godhu kan arge yoo gaafate ati farra misoomaati jedhamee hordofama, ni qoratama, hujii fi baruumsa irraas ari’ama, mana hidhaattis darbatama, abbaan manaa tokko dhimma dhunnfaatiif karaa deemuu yoo barbaade haaadha manaa isaa dura hoogganaa garee isaa hayyamsiifata, maalif akka deemu, eessa akka deemu, yoom akka deebi’u hooganaa garee isaatif gabaasa. Akka uummata biratti fudhatama qaban fakkeessuufis tokko shanee kanatti fayyadamu, fakkeenyaaf yeroo MALLAS  ZENAWIN du’e uummati fedhii isaatin ala bakka boohichaa naannawa isaatitti qophaahe dhaqee akka boohu, qarshii boohichaaf tahu akka baasu karaa gareetin dirqisiisaa turan , yeroo uummati amantii islaamaa hordofan gaafii mirgaa kaase karaa koomitee filateen gaafataa turetti erga koomitee hidheen booda, akka uummati komitee san nuti hin filanne , bakka nu hin bu’an , koomiteen shororkeessitoota jedhanii hiriira bahan karuma tokko shaneetiin dirqisiisa ture, namni hin bahu jedhe ati shororkeessitoota deeggarta jedhamee farrajama.keesattuu uummati OROMOO mirga isaa kan jaarraa tokkoo ol sarbamee deebifachuuf yeroon inni itti ciisee bule hin jiru, bifa adda addaatin hanga hardhaatti fincilaa jira, fincila uummati oromoo bilisummaf godhu kana dura dhaabachuf mala bahe dha.
Tokko shanee gara biyya ormaatti diriirsanii diyasporaa addaan qooduufi sochii mootuummaa abbaa irree Itoophiyaa balaaleffachu yeroo gara garaa biyyaa adda addaatti bifa hiriiraati fi walgahiitin godhamaa turee fi jiru laaffisuuf qophii fixatanii akka hujiitti galan gidduu kana himamaa jira . Diyasporaa mirga saba isaanii dura faayidaa dhunfaa dursan adda baasuudhaan lafa invastimantii kennuufii, liqaa baankii mijeessuufii, kondominiyemii 40/60 jedhamu irratti dursa kennuufi fi kkf itti fayyadamuu dhaan tokko shanee diyaasporaa keesatti ijaaruu fi babaldhisuu dha. Diyaspora hanga hardhaa rakkinna uummata isaa irra gahu sagalee taheef kara adda addaatin mootummoota addunyaatif akkasumas uummata adduunyaatif dhaggeessisaa ture dadhabsiisuf shira xaxanii jiran.
Dhuma irratti ani dhaamsa lama qaba, dhaamsi kiyya ka duraa uummati oromoo kan oromiyaa keessa jiraatu shira mootummaan abbaa irree xaxee, tokko shanee misooma jedhee basaasummaaf itti fayyadamu kana beeknee garee uumame kana finciloota biyya keesatti ka’an cimsuu fi qabsoo bilisummaa oromoo deeggaruf akka itti fayyadamnu jedha. Dhaamsi lammeesso Uummata oromoo kan biyya ormaa keessa jiraatuf yoo tahu balaa mootumman abbaa irree Itoophiyaa nu keesatti uumuf deemu kana gurra qeensinee ofirraa eeguu fi dura dhaabbachuu qabna, tokkummaa keenya daran cimsinee humna, beekkumsaa fi qabeenya keenya qabsoo bilisummaa oromoo galmaan gahuuf haa oolchinu jedha.

Barreessaa qunnamuuf : ibrahimbale13@gmail.com


Leenca Gurmuun Bobba’e Galli – Milkiidha!

Jiituu Lammii – Dirree Qabsoo, Zoonii kibbaarraa
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa! …”
Hanga ijji koo danda’uttan bitaa mirga koo ilaale. Mukkeen gammoojjii aduu dadhabanii baalli irraa harca’ee qoraattii qofti ittafe malee waan ijji koo irra qubattun dhabe. Hundee mukaa tokko jalatti siqeen ammas ija kootiin waa barbaaduu ittifufe. Simbirroota lamaa- sadi ta’anii takka siiquun wal waamaa, takkammoo weedduun wal faarsaa mukarraa mukkatti ce’aa jireenya uumamaa waliin waldhaansoo qaban qofatu miira abdii wayii keessa namaatti yoo uume malee sagaleen abdii tokkollee waan jiru namatti hinfakkaatu. Iccitiin manaa nabaase garuu dhugaa kana waan geeddaruuf lafa lafa onaa fakkaatu kana keessa qalbiin koo waa dhaggeeffachuu hinlakkifne. Gammoojjii gogaa, bakkuma gurri namaa sagalee abdii dheebotu kana keessa abdii abdii caalutu jira. Abdii nam-tokkee qofa osoo hintaane, abdii saba guddaa, abdii saba roorroo ormaa hadheeffatee furmaataaf sochiitti jiruutu achi keessa jira. Otoon kanuma yaadaan buusee baasuu, “… geenyeerra!”  jedhe namni karaa na qajeelchaa ture fuula gara kootti deeffachaa. Haltokko gara isaa miil’adheen ijaafi qalbii kootiin akka qeerransa beela’ee waa adamsuu bosona fuuldura koo jiru sakkatta’uutti deebi’e. Waan ijji koo argu dhugaa ta’uu isaa mameen miiraa gammachuufi rifaasuu walkeessoo tokkoon ka’ee dhaabadhe. Namoonni lama uffata bifti akka magariisuu uffatanii, qawwee gateettirra godhatanii, muka keessaan ulluuqaa gara keenyatti yoo dhiyaatanin arge. Inni dura deemu umriin ga’eessa yoo ta’u, qawween ani kanaan dura argee hinbeekne gateettiirra buufatee nama karaa na qajeelchaa ture nagaa gaafachaa miilaan gara kootti qajeele. Inni ittaanu kaa’ima reefuu yoo ta’u mataan cibiramee gurmuu keessa ciisu waliin yoo irra galchanii ilaalan leenca dheekkame fakkaata. Akka ilmoo haadhaarraa gargar turteen fiigee dabaree dabareen lamaan isaaniittuu harka maradhe. Qalbiin koo giduutti waa hedduu yaadattee imimmaan xiiqii ija koo keessaa harca’uu jalqabnaanan ciniinnadhee gadi dhoowwachaa jara gidduu bu’ee karaa ittifufe. Kabajamoo dubbistoota barruu kanaa, kana booda yeroofis ta’u keessummaa WBO ta’uuf jirtuutii yaadaaf qalbiin dhiyaadhaa!
Imala gabaabaa booda moonaa gootaa –goota  daabee jigaa, kallacha  qabsoo Oromoo, leenca roorroo jibbee gurmuun bosonatti gale, abdii Oromoofi Oromiyaa – WBO geenye. Waraan bakka bakka isaatti battala qabatee of eeggannoon sochii jiru hordofu yoon argu moonaan kun moonaa adda waraanaatti dhiyeenyaan jiru ta’uun tilmaame. Lafa qubsumaa gahee, gaaddifni boqqonnaa erga naaf tolfamee booda bishaan qabbanaawaan naaf dhiyaate. Ittaansuun shaayiin aannan waliin danfe naa gololchamee, dhangaa WBOn qopheesse waliin fuuldura koo gahe. Keessummaa WBO ta’uun akkam nama boonsa seetan! Dhangaa dhiyaate lilliqimsaa yaada sammuu kiyyaa dhaggeeffachuu ittifufe. “….edaa ilmaan saba kiyyaa rasaasa rasaan qolachuutti jiru! ….edaa ilmaan haadha kiyyaa mudhii jabeeffatanii sibiila hidhatanii, diina afaan qawween dabaree wal furee roorroof qe’ee saba isaanii dhuunfate afaan qawweetiin buqqisuuf murannoon diina waliin waldhaansoottii jiru! … edaa goota qabna…! Edaa dhiigni ilmaan Oromo nama gumaa baasuuf qaba! …edaa dhaadannoon diinaa goluma keessattii … !?” Sammuun koo waa meeqa na yaade seetan.
Ilmaan Oromoo kaayyoo dhiigaan isaan qaqqabe dhiigaan galmaan gahuuf karaarra jiru. Ijoolleen WBO- fedhii namummaafi jireenya dhuunfaa hunda tuffatanii qooqa hidhatanii, hidhannoo jabeeffatanii, bilisummaa sabaafi walabummaa biyyaa dhugoomsuu akeeka godhachuun of kennaanii, diina saba isaanii goolu abiddaan kaaraa dhufettii godaansisuuf kuffisanii kufaa jiru. Isaaniif: haadhaa – abbaarra, obbooleessaa – obboleettiirra, dhalaa – ilmoorra, qabeenyaa – qananiirra…. kaayyoo sabaatu caala. Kaayyoof taanaan, wanti isaan waakkatan hinjiru. Tarii warri ammas mamiitti jirtan, akka kiyyaa fagaattanii otoo hindeemneyyuu ilmaan Oromoo mudhii hidhatanii sibiila qabatanii diina haadhaa fuulduratti tarkaanfachaa jiran qe’uma keessanittuu isin qaqqabuuf jiruutii – obsaa …!
Anumaa akkuman callisetti waa hedduu of keessatti dhageeffachaa jiruu jaalli tokko gara kootti siqee “…hinceeka’iin…! Jedhe. Akka loqoda gara biraatti ‘hinmukaayiin…!’ jechuudha. Kabajamtoota keessumma WBO, jaallummaan ijoollee WBO biratti ulfina jabaa ta’uu qalbiitti qabadhaatii amma gara yaada harkaa qabnutti deebina. Jaalli kun qawwee isaa qomatti hirkifatee tamboo isaa harkisaa ijaan karaa bal’aa battala gama keessa qaxxaamuru fageenyarraa  ilaalaa  innis  yaadaan  fagaate.  Aduun  gamoojjii  gogaa  qaama  isaa  qaqee cilaattesseerra. Jajjabinni qaama isaa garuu alaalumaa beeksisa. Takka haala kanaan erga turree booda, haala qabsoon hidhannoo irra jiruufi sochiin uummataa maal akka fakkaatu odeessa gabaabduu walii qoonnee, baakki amma jirru kun lafa waraanni itti ka’uu danda’u ta’uu natti himee mooraa biraatti akka na dabarsan ijoollee WBO sadi waliin na geggeesse.
Fuuldura kiyya imala dheeraatu jira. Bakkan gahe hundatti sochii WBO daawwachaa, lafa dhiyetti, tokkos lamas bulaa, bubbulaa, fedhu aanan fedhu damma, fedhu foon gadamsaa, ykn. saalaafi gugguuftuu kan fedhe murachaa, kalaankalee ciffachaa, akka ilmoo leencaa sooramaa, akka mucaa dhabaa ururfamaa jabina jajjabee, tumsa hawaasaa, jaalala jaallumaa ….. haalkanii guyyaa otuman dinqisiifadhuu dadhabbii qaama koo madaa barruu miila koo otoon hindhaggeeffatiin amna dheertuu deeme. Biyya, bal’aa dirree bilisa wayyaaneef waraanni ishii abjuu baddeenillee garas miil’achuu  hinfeene, kan to’annaa WBOfi leenca gammoojjiin qofaa bulu deemee… deemee… waliin gahuu dhiisii ijaanuu ilaalee akkan hinfullaafne ergan hubadhee booda bakka tokko qubadhee waanan arge xiinxaluu murteeffadhe. Feetan achuma waliin turra.
Amma lafan bubbulee haala jiru xiinxalu gaheera. barruun miila koo hangi lafa tuqu hundi bishaan abbuuqatee lafa ejjachuu na sodaachuutti jira. Bishaan dhiqadhee uffata ergan jijjiirradhee booda haala jiru hordofuuf qophaa’e. Anumaa reefu dugda lafaan gahee sammuun xiqqoo akka shilim jechuu na kajeeluuti wanti tokko deebisee qalbii koo hawate. Waraanni gaaddisa qubatee gariin saddeeqa gariin ammo akkuma fedhii isaatti taphachaa ture huursee lafaa ka’ee “ ….dhiiroo bishaanii …. bishaani…” yoo jedhan dhaga’een “…maaltu maalte’e…!?” jedee anis lafaa ol ka’ee gara jaraattifuula deebise ilaale. Waraana furgaatuu bobbaarra turtee deebitu simachuutti jiraachuun hubadhe. Gaaddisa boqonnaa mijeessaniifi, bishaan dhugaatiin dheebuu erga baasanii booda, ammas warrii kaan bishaan buufatanii warra dadhabee dhufe toora galchanii miila dhiquu aansan. Gochaan inni kun akka isa kaanii  ilaalee callisuuf na hindandeessifne. Qalbii guutuunan raajeffadhe.  Jaala qabsoo jechuun waa hundaa oli. Jaallummaa faayidaarratti hundaa’u miti. Hariiroo naaf godhii – siifan godhaa of keessaa hinqabu. Hariiroo kaayyoofi wal abdachuu, hanga wareegamaatti wal kunuunfachuu….hariiroo dhala namaa gidduutti uumamu keessaa isa fixee ta’uun mirkaneeffadhe.
Amma doo’annaa koo gara xumuruu gaheera. Ta’us garuu dhimmoota lamaan boruuf hinbulfanneen harkaa  qaba.  Mooraan amma  ittargamu  kun  mooraa madoon  keessatti waldhaanamaa jirani. Qabsoo saabaa keessatti sabaa ofiif dhiiga ofii dhangalaasuun, qaamaa- ittihir’achuun, lubbuu- ittiwareegamuun, miira akkamii akka namatti uumu bakkatti argamanii abbichaarraa baruu caalaa ragaan dhiyaatu hinjiru. Kanaaf madoowwan naannoo kiyya jiran xinxaluun jalqabe. Namni nan madaaye jedhee kulkulfatu tokkolleen ijaan barbaadee dhabe. Kaayyoo bahaniifitu laalaa madaa nama hindhaggeeffachiifneef malee, madaatu madaa laafaa ta’eetu miti. Rasaasa qaama keessatti hafte akkuma nama qoraattii walii baasuu achumatti baqaqsanii wal keessaa guru. Warra muratee bayetu akka kana. Madaa ofii otoo hintaane madaa saba isaaniit dhukkbsatu. Isaaniif qabsoorraa hafuun kan danda’amu gaafa lubbuun isaanii wareegamte qofa. Gaafas ulfinaan gaalmee seenaa barri hinmoofessinerraa yaadatamu. Kanaaf kan madaaye yoom akka fayyee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatee dhimma baheefitti deebi’u qofa yaada.
Yaada kana qalbiitti qabachuun akka toluuf jecha seenaa gabaabduu tokko waliin ilaalla. Kanaaf ammo madoo jiran keessaa namtokkon fildhe. Maqaan Murataadha. Haala isaarraa ka’uunan moggaaseef malee maqaan isaa akkas miti. Asumaanis ammo iccitii eeguuf dirqama qabaachuu koos hindagatiinaa. Murataan baatii muraasa dura luqqeettuu isaarra rasaasaan madaaye. Ammaa jaallan qabsoorraa waldhaansa argachaa jira. Madaan isaa fayyee yoo ejjetu qofa xinnuma miilaan gartokkotti dhiibbata. Gaaddifni keenya wal fuullee waan ta’eef warra kaan dura dafee natti madaqe. Hunduma caalammoo amala kolfee taphachuu waan qabuuf moora hunda mukuu baasa. ‘Daamaa’ taphatee yoo qoofu gara kiyya dhufa. Akkaataa roorroon diinaa qabsootti isa baase, milkii duula gaafa innii madaa’ee (humna diinaa guyyaa sana rukutame, meeshaa booji’ame…) tokkoo lamaan naaf seenessa. Murataan amma waa hunda caala guyyaa guutummaatti fayyee muraasa isaatti deebi’ee hidhannoo isaa mudhiitti deeffatu abdiin eega. Kolfaaf gammachuu miira isaarraa dubbifamuun alatti sirbootaaf faaruu qabsoo afaan isaa keessaa hinbu’u.
“Nan baasa gumaa gootowwan koo;
Nan baasa gumaa!
Qoosaa mit-lubbuun jaallan koo;
Nan baasa gumaa!…..”
Jechuun  yoo  inni  maqaa  gootota  dirree  qabsootti  wareegamaniifi  barattoota  meesha maleeyyii  diinaan  ajjeefaman  dabaree  dabaareen  waamee faarfatu  dhaggeeffachuun waan hunda caala nagammachiisa. Miira xiiqii keessa kootti uuma. Gaafa deemmiin kiyya dhiyaachuu dhagahu waa tokko natti dhaammate. Dhaammannoo isaa kan koo qofa otoo hintaane kan kan Oromoo hunda ilaallatu waan ta’eef xumurattan ittideebi’aa amma seenaa fakkeenyummaa gaarii qabu tokottan deebi’a.
Daa’ima ganna sagaliiti. Yaanniif qalbiin isaa garuu nama jabaa caala. Ammaaf maqaa isaas iccitumaan qabnee yeroof ‘ Ganamoo’ haajennuun. Daa’ima sadarkaa umrii kanarra jiruuf maaltu akka barbaachisu mee sadarkaa guddina hawaasa keessa jirtanirraa ka’aatii yaadadhaa. Ganamoon garuu hiree kana hundayyuu hinarganne. Sababni isaammoo hawaasin inni keessaa dhalate qaama saba gabrummaa jala jiruu ta’uudha. Ganamoon diiramtuu ka’ee warraa isaa biraa gaala waliin bobba’a. Tikseedha. Tarii wanti inni manaa fudhatee bobba’u yoo guddate bishaan xiqqoo kobolaatti naqatu qofa. Yoo waareen ho’u, gaala isaa lafa baalli jirutti geesseetu gara hojii isaa, tarii kan irribaa yoo ka’ellee yaaddatutti fuulleffata. Kobolaa bishaan ittifudhatee bobba’e keessaa bishaan gadi xuruursee gaala haawwicha mirgisaa filatee elma. Kobolaan isaa yoo guutu aannan litira shan gateettirra godhatee gara WBO dhiyeenya isaa jirutti fiiga. Ammaammoo qabsaawaadha! Qoree saphansaafi sigirsoo bineensallee rarraasee qabu gidduu lo’ee WBOtti makama. Yoo waraannillee lafa geeddarate Ganamoon lafa WBOn jiru hinwallaalu. Afuura WBO beeka, jalatti guddate waan ta’eef foolii isaa dhagaha. Hangan achi turetti Ganamoon guyyutti aanan litira shan qabatee qabsoof gumaacha. Nama fuula hinbeekne naannichatti yoo arge fiigee WBOtti hima. Yoo aduun galgalaa’u gala isaa ooffatee warraatti deebi’a. kana kaasuun koo waa irraa barannaafi. “Tarii keessi keenya xiiqomaa laata ….!?” Jedheen. Abbumaaf dhiifna.
Amma doo’annoo koos xumureera, kan na hafe, boruuf milkii hawwee har’aaf nagaa dhaammachuudha Isa dura garuu “ ….. qabsoo sabaa galmaan gahuuf ilmaan Oromoo hundi bakka jiranitti waan danda’aniin hirmaachuu qabu. Waan dirreerra jiru atuu ija keen agarteetta. Oromoon human guddaa qaba. Humna kana warraaqsuun garuu hojii tokkoon tokkoon keenyaa ta’uu qaba. Gaafas warri har’a gargar qoodanii human saba kanaa laaffisuu yaalan abdii kotatu. Sabni keenya ulfinatti baha…”  kuni dhaamsa Jaal Murataatti
.. Anis kana caala waanan jedhu hinqabu. Akka adaa WBOtti dirqamaafi gaafa bobba’an “injifannoodha!” jechuun jaallan hafanitti nagaa dhaammatu. Anis “Injifannoodha!” jechaan hangan saganntaa dhibiitiin sinitti deebi’utti nagaa dhaammadha.