Friday, March 4, 2016

FXG Itti Fufee jira – Bitootessa 4, 2014

‪(Ayyaantuu) #‎BilisummaaOromoo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Kun Hubachiisa hatattamaa ti. Wayyaaneen yeroo ammaa kana bakka hedduutti namoota Ukkaamsitee hedhuuf saganteeffattee jirti. Namooti yeroo qabamanis akka gara Maa’ikalaawwiitti geeffaman ajajni kennamee jira. Keessayyuu, Oromiyaa Lixaa irraa namoota hedduu- hojjattoota mootummaa, daldaltoota, barsiisotaa fi qonnaan bultoota kanaan hunda akka faallaa OPDOtti beekaman- hidhuuf saganteeffatanii jiru. Namooti kana dura hidhamanii wabiidhaan bahanis warra irratti xiyyeeffatamee dha.
Ummatni haala kana hubatee qophii barbaachisaa ykn ofeeggannoo akka godhu Qeerroon Lixaa dhaameera!

‪#‎OromoProtests‬
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Gawoo Qeebbee Ganda Sichaawoo Warrabaabboo jedhamutti sababa barattooti mana barumsaa Leeqaa Kaarraa dheengadda hiriira bahaniif Agaaziin uummata reebee ajjeesaa jira. Haadha manaa obbo Shoogalee Tarfaa Tamiimaa kan jedhamtu akkasumas aadde Aashaa Ganamoo hawwan jedhaman reebicha hamaa irra gaheen du’aaf jireenya gidduu kan jiran dhiiga balaqqamaa jiru amma Sichaawoo irraa. Akkasumas Limixi bakka jedhamu sichaawoo irraa adeemsa sa’a lamaa kan fagaatu ganda qubattootaatti namni maqaan isaa Biraanee Kabbadaa jedhamu Agaaziin reebuuf yoo itti kaatu akka aadaa naannootti uleedhaan hanga humna isaa faccisee ofirraa ittisuun hamma tokko turus itti baaya’atanii reebicha guddaa waan irraan gahaniif lubbuun bahuuf jetti.”



FXG – Bitootessa 4, 2016 Kamiseeti (Walloo), konkolachiftooni taaksin hojii dhaabaan. Taxi drivers strike in Kamise (Walloo)
kamise

FXG biffa jabaa taheen Bitootessa 4, 2016 yuunversiitii wallaggaa kessatti dhohee jiran keessatti akkasumas magaalaan akkasumas magaalaan naqamteess raafamaa jirti humni federaalaas yuunversiitii wallaggaa dhuunfatee ijoollee caccabsaa jira. shufeerotaafi uummanni magaalaa naqamtees waliin ta’uun karaa naqamtee irraa gara finffinnee deemu guutummaatti naannoo hora hadiyyaa jedhamutti cufaniiru. Yeroo ammaa kanas makiinonni tokkoyyuu karaarra deemaa hin jiran.Baratoonnis gara uummataatti baqachaa jiru.

‪#‎OromoProtests‬ Wanna nama Ajaa’iban sadii ani sa’a tokko giddutti arge.
  1. Akka suuraa armaan gadii irratti agartu dubartiin Adii kun meeshaa bitattee konkolaata ittin galtu dhabdee aduu saafaa gubu keessa lafa adeemti.
  2. Ijoollen mana barumsaa betel Naqamtee taxi service dhabanii konkolaataa fe’umsaatti akka qoraamii Aduu saafaa kanaan gubachaa galaa jiru.
  3. Namichi gaarii oofu tokko namoota taxi dhabanii dhaabatanitti dhufee “hey namni Campus fi Keellaa ” dhaqu jiraa jedhe itti qoose darbe.
Dhugaadha oolmaan uummata magaala Naqamtee harraa nama ajaa’iba.”
12795445_1289155184444295_1254282117143035470_n

#‎OromoProtests‬-(04.03.2016, ‪#‎BlockingPhones‬, Oromiyaa) The terrified regime is making every thing possible to mute the sound of ‪#‎OromoProtest‬! Staring from 02/03/2016 to today (04/03/2016) they are blocking phone and internet services at Eastern Oromia particularly at Harar and Haramaya. It is kind of try and error methods! The killers and robbers will not last long!
The struggle continues!
====================================
‪#‎BilisummaaOromo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaOromoo‬, Oromiyaa) Wayyaaneen diddaa fi mormiin Oromoo ukkaamsuuf waan dandeesse mara gochaa jirti. Oromiyaa bahaa keessatti guyyoota lamaan darban internet hin hojjatu; bilbilli hin hojjatu. Nama hidhuu fi ajjeessuun immoo akka malee jabaatee itti fufeera. Qabsoon itti fufa!

‪#‎BilisummaaOromo‬-(04.03.2016, ‪#‎DiddaaShawaaBahaa‬, Oromiyaa) Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa keessatti ummanni tarkaanfii Bitootessa 2 bara 2016 fudhateen qabeenya abbootii qabeenyaa wayyaanee barbadeessan. Oomisha oyiruurra jiru dabalatee meeshaa qonnaa fi mootora bishaan harkisu heddu barbadeessan.

#‎BilisummaaOromo‬-(03.03.2016, ‪#‎GaaffiiOromoo‬, Oromiyaa) Diddaa fi moromiin Oromoo godina Booranaa, aanaa Yaabelloo, Magaala yaaballoo keesstti itti fufee jira; diddaan Oromoo kun qabsoo Qeerrootiin kan dhuunfatamtee dha, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.
Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru
Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.

Hiriira FXG Aanaa yaaballoo
Bitootessa 03,2016 Magaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera
12803251_980158832067736_8560027193511252371_n