Friday, January 17, 2014

UNHCR: Nearly 80,000 S. Sudanese fled to Uganda, Ethiopia

January 16, 2014 (JUBA) – At least 78,000 South Sudanese have crossed into neighbouring Uganda, Ethiopia and Kenya in the aftermath of conflict in the new nations, the United Nations said.
JPEG - 30 kb
Displaced people gather around a water truck to fill containers at a United Nations compound which has become home to thousands of people displaced by the recent fighting, in the capital Juba, South Sudan Sunday, Dec. 29, 2013 (AP/Ben Curtis)
Adrian Edwards, a spokesperson for UN refugee agency (UNHCR) disclose that more than half of those fleeing fighting were in Uganda and the Democratic Republic Congo (DRC).

"In all, 42,654 mostly women and children, from Nimule in South Sudan, are now in the Ugandan districts of Arua, Adjumani and Kiryandongo," Edwards said.

"According to colleagues, many men are taking their families to the Ugandan border and leaving them there before returning back to their country. From the refugees we have spoken to we are hearing eye-witness accounts of killings, houses being burnt and shooting," he added.

Kenya, according to Edwards, has also seen 6,778 arrivals of South Sudanese from Jonglei state, with UNHCR expressing concerns about the large presence of children among those fleeing the violence.
He said a joint assessment mission with the UN Children Fund (UNICEF) was underway to find out more about their situation, and the needs, including family reunification or foster care for those who are separated or unaccompanied.
Current estimates, according to UNHCR, show that 10,000 have crossed into West and South Kordofan, two of Sudan volatile states.

"The majorities are nomads and, so far, we have not been able to verify exact numbers due to lack of access," Edwards observed.

The refugee body, however, warned of more displacements should violence continue in parts of South Sudan’s conflict ridden Upper Nile and Jonglei states.

"With fighting still being reported in parts of South Sudan-mainly in the states of Jonglei and Upper Nile – and the slow progress in the political talks in Addis Ababa, we are anticipating further displacement both within and beyond the borders of South Sudan,” said the UNHCR spokesperson.

RISING FIGURES

Meanwhile, UNHCR said internal displacement figures of people had risen from 200,000 last week to 355,000. This, it said, had been fuelled by the fighting, combined with deteriorating living conditions, including a lack of food in some markets.

Despite the challenges, however, the agency said it continues to provide assistance to 230,000 refugees in 10 camps in South Sudan, with assistance from World Food Programme and its other partners.
(ST)


Korri Miseensota ABO Irroomsa Gadaa Oromoo fi Torban Dachee Iyyaafate

(Oduu Caayaa Oromoo, 17 January 2014) – Miseensoti ABO kutaa Australia kora waggaa miseensotaa fi hawaasa Victoria magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffatan milkiin xumuran; ibsa ejjannoo murtiilee isaanii beeksisa illee baafatan.
WBOMelbourne2014_2
Kora miseensota ABO kutaa Australia Amajjii 10, 2014 waaree booda eegalame irratti akka ibsametti akeekni korichaa hojii jaarmiyaa kan waggaa darbee gamaggamuun kan bara dhufuf immoo karoora baafachuu dha.
Baniinsa Koraa kana irratti akka ibsametti ,miseensoti ABO konyaalee Perth, Adelaide fi Victoria irraa afeeraman argaman akka walbaran kan godhame yoo ta’u, miseensoti haaromsa fudhatanis waadaa haaromsaa seenuun jaarmiyaatti dabalamanii jiru.
WBOMelbourne2014_3
Kora miseensota ABO Kutaa Australia Amajjii 11, 2014 guyyaa tokkoof gaggeeffame irratti hojiin waggaa darbee akkamiin akka raawwatame gabaasti mul’isu kutaa irraa dhiyaatee jira. Gabaasicha irrattis mariin bal’aa fi gadfagoo gaggeeffamee jira.
Gabaasa dhiyaate irraa akka hubachuun danda’amutti, karaa madda dinadgee, hojii dipilomaasii fi karaa jaarmiyaa hojiin hojjatame hedduu jajjabeessa dha. Akkaataan gabaasti itti dhiyaates, ifaa fi qulqulluu dha.
Gama seeraa fi to’annoos haala qabiinsa maallaqaa fi adeemsa hojii irratti gabaasti dhiyaatee jira. Gabaasa sana keessattis akki itti hojiin hojjatamaa jiru kan darbe irra fooyya’iinsa agarsiisaa akka jiru eeramee jira.
WBOMelbourne2014_4
Marii bal’aa booda gabaasti dhiyaate yaada mana keessaa itti dabalame waliin sagalee guutuun raggaasifamee jira.
Kora Miseensota ABO kutaa Australia kana irratti J/Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi Gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii ALaa, haala qabsoon bilisummaa Oromoo keessaa fi alaan itti jiru miseesnotaaf ibsanii jiran.
WBOMelbourne2014_5
Jaal Gaashuun ibsa kennan keessatti ABO karaa hundaan qabsoon Oromoo jabeessee furgaasuuf hojii jabaatti akka jiru eeranii, keessayyuu miidhaa fi roorroo diinni ummata Oromoo irraan gahaa jiru hundee furuuf ABO gama maraan qiyyaafatee hojjachaa akak jiru hubachiisanii jiran.
WBOMelbourne2014_6
Marii bal’aa fi dheeraa booda miseensoti ABO kutaa Australia kunneen ibsa ejjannoo gamtaan baafatan keessatti qabsoo oromoo karaa hundaan akka jabeessanii furgaasan eeruun, dhibdee karaa addaddaa ummata Oromoo fi baiyyaa Oromiyaa mudachaa jiru xiqqeessuuf ABO seera Irroomsa Gadaa fi Torban Dachee ifatti akka labsu gaafatanii jiru.
WBOMelbourne2014
Korri miseeonsota ABO kutaa Australia kun Amajjii 12 immoo miseensotaa fi deeggartoota ABO naannoo Victoria jiran waliin gaggaeeffamee jira.
Kora hawaasaa kana kan banan J/Umar Osmaan, gaafatamaan ABO Kutaa Australia, ABO hojii kamiyyuu ummata waliin akkakhojjatu ibsanii, akeekni kora hawaasaas dhmma dantaa ummata Oromoo irratti waan dhaabni hojjachaa jiru hawaasaaf ibsuu fi gaaffilee hawaasaaf immoo deebii malchiisu kennuu, akaksumas hawaasti damamqinaan qabsoo keessatti akak hirmaatee qooda isaa gumaachu jajjabeessuuf ta’uu akeekan.
WBOMelbourne2014_7
Kora kana irratti hojii ABOn itti jiru ilaalchisuun J/ Gaashuu Lammeessaa, MGS ABO fi gaafatamaan Damee Odeessii fi Beeksisii Alaa” ibsa bal’aa kan kennan keessatti ABOn yeroo qabsoo eegale irraa kaasee waan faayidaa fi dantaa ummata Oromoo miidhu kamiyyuu qabsoodhaan irra aanaa jiraachuu ibsanii, yeroo ammas qabsoon kun daran jabaatee akka jiru addeessaniiru.
“ABOn qawwee kan lafaa kaase dirqamee ti,” kan jedhan J/Gaashuun, ” qaawwee kanas kan deebisu, yoo gaaffiin ummata Oromoo deebiia rgate qofaa dha, jechuun ejjannoo ABOn mirga ummta Oromoo karaa hundaan eegsisuuf qabu ifatti mirkaneessanii jiran.
WBOMelbourne2014_8
Akka Jaal Gaashuun ibsanitti, ABO mirgaa fi faayidaa ummata Oromoo eegsisuuf karaa hundaan qabsoon gaggeessaa jiru hariiroo fi kallattii ABO kan masakuu dha. “Mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroon jiru, hariiroo qabsoo ti. ABOn haga mirgi ummata keenyaa hin kabajamnetti sirna garboomsaa kamiyyuu waliin araara uumuuf hin deemu; araarri kan dhufu, mirgii fi dantaan ummata Oromoo yeroo kabajame qofaa dha; Bilisummaan Oromoo yeroo dhiibbaa tokko malee murtii ummataan furmaata argatuu dha.”
WBOMelbourne2014_9

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA – Kutaa 1ffaa

SEENAA Y.G (2005)
Ummati Afriikaa Kibbaa Maandeellaaf kabajaa qabu sagalee tokkon kan mirkaneesseef, Gootummaa isaan ta’uun mamii hin qabu. Gootummaan Maandeellaa har’a Onnee tokkon tokko lammiilee Afriikaa Kibbaa keessa jiraachuu haasaa fi sochii dhaloota har’aa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Gootummaa Maandeellaaf hundeedha kanan jedhu, Ejjannoo fi cichoomina isaati. Ejjaannoo fi cichoomiina isaaf bu’urri ykn Ejjannoo fi Cichoomiina isaaf bu’ura kan ta’e  waa lama dursee hubachuu fi murteeffachuu isaati. 1. Daandin Bilisummaatti nama geessu dheeraa ta’uu, 2. Appaartaayidii dhabmsiisuuf yeroo dheeraa ykn adeemsa dheeraa akka barbaadudha. Gaaffiin Ummata Afriikaa Kibbaa waan ifa jiruudha. Gaaffiin isaanii kun garuu deebii akka argatu taasisuuf, yaadi Maandeellaa kun lameen bu’uradha jedheen amana.
Ejjannoon isaa lameen kun, hanga lubbuun jirutti murannoon akka hojjatuu qabu isa akeeke. Kanaaf ammoo, cichoomina hin daddaaqamne, akka sibiilaa waa hundaa dandamatee akka tarkaanfatuuf isa gargaaru murteeffachuu isaatu kabajaa har’aa, Addunyaan itti hinaaftu isa goonfachiise. Nuutis Goota keenya irraa baratee Gootummaa addunyaatti mul’isu kana maaf deeffachuu dadhabne? jennee  keessa keenyatti akka of gaafannu nu taasise. Nurraa baratee jennee dubbachuuf nutti salphatu, qabatamaatti argisiisuuf nutti ulfaatu taane argamuun keenya, falmii seenaa dubbachuu keessatti nu hanbisee jira. Nuuti Gootummaa Abbootii keenyaa ni dubbanna. Garuu hin kabachiifne. Diinni nu bitu garuu, seenaa Bittaa abootii isaanii akka isaaniif ta’utti dabareen kabachiifataa jiran. Kun haqa. Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheerachuu fi Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo gaafata kan jedhu kana ofitti fudhannee ilaaluun barbaachisaadha.
1.DAANDIIN BILISUMMAA DHEERAADHA!
Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’utti amanuu dhabuun, laafachuu fi kaleessa kana dhaadatu, har’a kan Ummata ganu ykn nuffanii maraamartoo salphinaa keessatti nama gatu akka danda’u hin shakkisiisu. Dheerachuu daandii keessa waa hedduu jiraachuu akka malu nama akeeka. Daandii Bilisummaa keessa imaluu eegallaan, Miila lama qabaataniif muka lama hin yaabaniin akka dansaatti akka hojjatu hubachuu nama feesisa.sochiin Bilisummaaf taasifamu kan wal irraa hin cinne, miidhaan kamiyyuu yoo dhaqabe, cichoominaan keessa ba’uu akka barbaachisu nama akeeka. Kanaaf maandeellaa hidhaan waggaa 27 isa dhaabu dide. hidhamuun, ajjeefamuun, hiraarfamuun, wal ganuun, dabarsanii wal laachuun, gufachuun, beela’uun, namummaa keessa ba’uun kkf daandii bilisummaa dheeressuu ykn daandii Bilisummaa dheeraa kana keessa jiraachuu dursanii hubatanii, kana keessa dabruuf ammo cichoomiina barbaachisu gamanumaa itti amanuun murteessaa ta’uu nu hubchiisa. Murannoon kun Biyyoota hedduu ykn saboota addunyaa keenyaa hedduu Bilisummaa goonfachiisee jira. Gootummaan ejjannoo kana qabaachuu, Ummata isaanii biratti faarfamaa akka jiraatan isaan taasise. Gootummaan kun kan  wareegamees, kaayyoo bakkaan ga’uuf kan of kennes ni ilaallata.
Gama kanaan yoo of ilaalle, seenaa hedduu keessa dabarree jirra. Ummati Afriikaa Kibbbaa ijoollee hanga jaarsaa fi dhiiraa dhalaan kan muratanii ka’anii gootummaa raawwatan, cichoomiina Maandeellaa kana irraa barachuu fi kan keessa dabran irraa barachuun, dhaabbatanii deemuun namummaa mitii! jedhanii murteeffachuu isaaniitu kabajaa har’aan isaan ga’e. Maandeellaa fi jaalleewwan isaa “Daandiin Bilisummaa dheeraadha” jechuun isaanii maaliif akka ta’e huabchuun cichoomiinaan wareegama barbaachisu gootummaan kafaluutu, Bilisummaa isaanii mirkaneesse. Hunda irra akeeka Maandeellaa faa’aa, dhalooti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessa jiran illee hubatanii, Gootummaan ala, Bilisummaan akka hin jirre qalbeeffatanii, daandiin kun dheerattus, cichoomiinaan keessa baana jechuun, Fincila wal irraa hin cinnee fi keessa deebii hin qabne qabsiisuun diina Afuura kutanii haqa isaanii fudahchiisanii, humna Ingilizii addunyaan harka jiruu cabsan. Kun gootummaa ol aanaadha. Seenaa gootummaa Barattoota Afriikaa kibbaa kana addunyaan irraa hin dubbanne. Warra abbaa dhimmaa qofaatu dubbata. Addunyaan dantaa ofiif fiigdu seenaa nama boonsu kana maaliif akka hin dhaadhessine, warra Gabrummaa keessa jiruutu hubata.seenaan sun Fiilmii lamaa fi sadii irraa hojjatanii kan dhaaban hin turre.
Daandii Bilisummaa kan dheeressu, diina waliin falmiinu qofaa odoo hin taane,shariikoonni isaanii gaffii Ummata tokko ukkaamsanii yeroo dheeressuu keeaa harka qaban. Addunyaan kan humna qabuuti. Maandeellaanis Ummati isaa hanga humna ta’ee asi ba’utti daandiin Bilisummaa dheerachuu akka malu illee ni hubata. Humnoonni dantaaf dhaabbatan, shariikummaa Ingiliziif jedhanii, Qabsoon Afriikaa Kibbaa Maandeellaan durfamu, kan Ashabbaarii jedhanii qoqqobbii addaa irraan ga’aa turan. Kun Bilisummaa achi dhiiba.nuutis wayyaaneen akkasuma jedhamaa jirra. Addunyaan maandeellaan Ashabbaarii jettee ajjeesisuuf itti duulaa turte, har’a akkas isa dhaadheessuun isaanii yennaa ilaallu, warri dhihaa kun haqa jiru odoo huabtanii akka nama qabanii fi yeroo barbaadanitti michuu akka nama taasifataniidha.
Kun nuuf barnoota ta’uu qaba. Daandiin Bilisummaa dheerachuu hubachuu dhabuu irraa waan miidhamne hin qabnuu? qabna . Daandiin kun dheerachuun kan hin hafne ega ta’ee, kan kaleessaa irraa barannee adeemsa keenyaa fi waan diina irratti yaannu wal irraa akka hin cinnee taasisuuf hojjachaa jirraa? dhalooti har’aa Biyya keessaa wayyaanee waan danda’een dura dhaabbataa jiru, kana irraa maal barachuu qabu? warra daandii dheeraa qaxxaa muranii Ummata isaanii Bilisummaa goonfachiisan irraa maal baranna? Keenya maaf takkaa ho’ee, deebi’ee qabbanaa’a? Maaf waggootaaf itti fufu dadhabe? Ashabbaarii wayyaaneen nu irratti holaltu soda meeqan keenyatu mataa gadi qabatee jiraachaa jira? yoo jenne, deebiin isaa Daandiin Bilisummaa dheerachuu huabtanii kan fagoo fi dhihoo adda baasanii qophaa’uu dhabuutti nu geessa.
2.APPAARTAAYIDII DHABAMSIISUUF ADEEMSA DHEERAA GAAFATA:
Maandeellaan, diinni Ummata isaa gabroomsaa jiru, miidhaa maalii irraan ga’aa akka jiru hubachuun, jecha dhalooti wal harkaa fuudhee irratti hojjachuu qabu akeekeera. Appaartaayidii akka sirnaatti kuffisuun waa tokko.waan inni awwaalee dabre ammoo Hawaasa keessaa dhabamsiisuun waa biraati. Dhaamsi kun bara qabsoo keessa jiranis ta’ee, Bilisummaan booda maal irratti hojjachuuf akka akeekkatan nama hubachiisa. Ingilizoonni yennaa nama gabroomsan humnaan nama cabsuu qofaa miti. Eenyummaa fi maalummaa Ummata tokko harkaa gatanii, akka isaaniin irreeffate bulu taasisu. Keessattu dhaloota giddutti qaawwaa hin duudne uumanii nama qilleensa irra jiraatu yk of wallaalee dhiiguma isaa dabarsee kannu uuamanii, walii isaanii akka wal-nyaatan taasisaa ofii aara galfatanii jiraachuu akka yaadan kan hubate maandeellaan, Qabsoo yeroo sanatti gaggeeffamu cinaan, waan Bilisummaan booda hojjatan karoorfachaa turu isaanii nu ibsa.
Afriikaan Kibbaa har’a dhaloota Biyya dhaalu ummachaa jiraachuun alatti, aadaa ormaa,  jiruu fi jireenya ormaa gabrummaa keessa itti dhufe dhaloota irraa kutuuf hojjachaa jiraachuun ni dubbatama. Akeeki maandeellaa inni guddaan, Haawaasa Appaartaayidi buburreesse dhaabuuf, tarkaanfiin inni guddaan, dhaloota Appaartaayidi hin xuxuqne ummachuudhaa jedhanii irratti hojjachuutu dubbatama. Kanaan mikaa’uun ni himama. Ta’us ammllee duulli Bara Qabsoo eegalame, itti fufee jiraachuu lammiileen Biyyatti bifa gara garaan ibsaa jiran. Ingilizoonni summiin Ummata Afriikaa Kibbaa keessatti facaasan kan dafee dhabamuu miti. bifa sirbaan, shubbisaan, Amantiin, jireenya hawaasummaan, Fiilmiin, Viidiyoon sammuu lammiilee xureessuuf,kkf shirri irratti hojjatame kan dubbatame dhumu miti.
Deezmoon Tuuttuun kana ilaalchisanii kan dubbatan yoomillee kan dagatamu miti. Deezimoon Tuuttun Luba Amntii Addunyaan kabajduudha . garuu waan Amantiin qabsiifamee Ummata isaanii irratti hojjatamaa ture, ibsa gabaabaan addunyaaf ibsan. Akkas jedhan, “Ol jedhaa waaqa kadhaa ! nuun jedhan. ol jennee waaqa yennaa kadhannu, isaan gadi jedhanii Lafa keenya fudhatan ” jedhan. Akeeka maandeellaa bara qabsoo sanaas haala qabatamaa Biyyattii keessan ibsuun ni danda’ama. Yeroo Maandeellaan hiikamu,Maarshi Baandiin Afriikaa Kibbaa gurraacha tokkon alatti hundi isaanii warra adii turan. Har’a garuu adiin keessa jiraachuu waaqatu beeka. waa tokko fageessanii yaadanii irratti hojjachuun yeroo dheeraaf diina injifachuuf nama gargaara.
Qabxiilee, Daandiin Bilisummaa dheeraadhaa jedhuu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf adeemsa dheeraa gaafataa, kana keessaa maal baranna? qabxiilee lamaan kun akkamiin nu ibsan? maal nu qeeqanii maal nu barsiisan? Waan wal irraa citu hin qabne yoo cite miidhaa maalii qaba? Biyyoonni Arbaa kaaba Afriikaa fi giddu galeessa bahaa waggaa lama dura eegalame fi adeemsa Maandeellaa kanaan akkamiin wal fakkaatan? waan wal irraa hin cinnee akka Gibtsootaa gaggeessinee, furmaatatti butachuu maaf dadhabne? gidduu kana Biyyi Gidduu gala Afriikaa a jedhmtu keessatti kan ta’e maal nu akeeka? waan addunyaa irratti ta’u kana hanga yoomitti odoo akkas taanee jennee hawwina?  dhugaan tokko Maddi hawwii kana hundaa Gootummaan Taaddasaa faa’aa MAANDEELLAA kabajaa goonfachiise,   nu keessaa dhibuudhaa laata?
kutaa 2ffaan itti fufa

Ethiopians return home to uncertain future

Saudi Arabia has deported nearly 150,000 Ethiopians in an attempt to create more jobs for locals


More than 150,000 Ethiopians have been deported from Saudi Arabia in the past two months as part of a crackdown on migrant workers aimed at creating more jobs for locals.

They went to Saudi Arabia to escape poverty at home, but many returned with little money and claimed they were abused by Saudi authorities.

Nearly 60 children remain at a transit centre, waiting for their parents to be located. The UN and the Ethiopian government want to ensure that these children are returned to safe homes.
Al Jazeera's Mohammed Adow reports from Addis Ababa.

More at aljazeera

Manni adabaa bakka yakkamaan itti amala isaarraa sirratu dhamoo,kan biraa?

Ittaanaa Guuttataa | Amajji 17, 2014 
Seenaa misooma impaayera itiyoophiyaa keessatti, erga mootummaan wayyaanee gara aangootti dhufe bara 1983 asitti jijjiiramni addaa ta’eera yoo jedhame ragaan kanaa firootaafi miseensota waayyaanee qofa. Qotee bulaan ooyiruusaarraa beebyaa tokko malee ijaarsi gamoowwanii, daandiiwwaniifi kkf dhugaatti saffiseera. Hireen qotee bultoota kanaas ilmaan isaanii waliin daandii bukkee ta’aanii harka isa ol darbuufi gad bu’uu ilaaluu, jecha dhaga’ee inbeenneen buusii kadhachuu, gaddee kofalchiisuu, rakkatee duuromsuu dha. Manneetiin barnootaa fi yaalaa, bu’araaleen misoomaafi wirtuuwwan hayyootniifi dargaggootni Oromoo masaanuuwwan wayyaanee akka korbeessa re’ee itti hidhaman manneetiin adabaa sadarkaa isaanii hineegganne haalaan baballataniiru. Abishaalichi mootummaa wayyaanee MB 1fi manneetii adabaa 2, kellaawwan fayyaa 2fi wirtuulee ilmi oromoo itti mirga namummaa isaa sarbamu baballisuun karooraa guddinaafi tiraanisfoormeeshinii keessatti xiyyeeffannaa addaa argateera. Odeeffaannoowwan garaagaraa akka eeranitti Impaayera Itiyoophiyaa kessatti kan hidhamee jiruu 86% Ilmaan oromoo ta’uun isaa kan isaaf falmuu tokko ille akka hin jirree ta’uusa ni ragaasiisa.
Hiikaan mana adabaa qondaaltota mootummaa wayyaaneefi sirriitti galeeraa kan jedhu deebii inqabu, jarri baruus infedhan, beekaa rafaniiru  akka hiikaa haaraatti, manni adabaa bakka cunqursaan, dararamni, salphinni, dhiittaaniifi ajjechi ilmaan oromoo boquu ol qabatanii gaaffii mirgaa gaafatan itti geggeeffamuudha yoo jenne raawwatee akka soba inqabne kan irra gahe martinuu ni beeka. Ragaa qabatamaa kan fedhu yoo jiraate, dararama ilmaan oromoo ijaan inargu jedhee baqa gara biyyaa ollaatti baqate, maqaa shororkeessummaan qabamee gara mana adabaa Imaapyerattii keessatti kan ajjeefame Inkiiner Tasfaahuun Camadaa, yaadannoo baatiiwwan dhihooti. Ahhhhhh…maal godhu garuu, kan du’e hingaluu ta’eeti malee imimmaan waa’ee isaatiif bu’e garba Indii ta’ee lubbusaa nuu deebisa ture. Kan qabeenyaa biyyattiifi lammiiwwanii saamee duurumu meeqaaf eegumsiifi kunuunsi addaatu godhama, isa mirga isaaf Kan lammii isaaf quqquuqamu, mirga dhalootan argate falmachuu irra callisuurra isa wuxifatu garuu manneetii adabaa sadarkaa garaagaraatu itti jijjiirama. Kan bofaa utuu jennuu jawween lolloqaa dhufee jedhe namichi. Kan Miniilik kaleessaa godaannisni isaa  utuu hin badin, ajjechi Eebbisaa Addunyaafaa kaleessaa utuu nu duraa hinhaqamin, madaan calii calanqoo dheengaddaatti utuu hinfayyin, imimmaanni keenya waa’ee Tasfaahuniifi kanneen biroo utuu nuunqoorin, abbaan torbanii, kan xoofoon isaa guutee, akka hoolaa faasikaa hidamee guyyaa isaafi halkansaa adda baafachuu dadhabee guyyaa du’a isaatii eggatu, ammas jira Gootichi Baqqalaa Garbaa, mirga uumaan ilmaan namootaa maraaf laatee mootummaa wayyaneen maaf inkabajamne jedhee gaafachuusaatiin yaakkamaa kan jedhame  garuu maaliif? Maaliifii? Mee maalumaafi? Ilmi namaa sammuu horiirra adda isa godhu qabaachuun isaa akka ittiin yaaduuf, yaada isaan ukkaamamuurra jedhee baafachuusaan maqaa garaa garaatiin mana adabaatti darbatamuun, gaaffii fi sababa ga’aa malee hamma du’aatti adabamuun, yakka malee qabamanii hattuufi lubbu baaftuu waliin, hayyoomanii, akka budaa namarraa adda ba’aanii dararamuun maalumaaf? Jaarraa qaroomaa keessatti akka baroota durii durii sana jiraachuuf dirqiifamuun ilmaan oromoo hamma yoom tti itti fufa? Duutii ooluu baatus, yeroo malee, karoora ofiifi sabaaf qaban galmaan utuu hinga’in, biliisummaa akka dheebotanitti, abjuu fi fedha ulfa’an da’uuf utuu cinninsifatanii lubbuun darbuu caalaa kan bara kana garaa nama raasuufi hamile qabsaa’otaa buusu injiru. Ta’us qabsaa’aa malee qaanqeen qabsoon yoomuu waan hindhabamneef, yaa mootummaa wayyaanee, manneetii adabaa yakkantoota itti sirreessuuf malee kana caalaa falmattoota mirgaa itti dhabamsiisuuf carraaquuniifi tarkaanfachuun qancara gowwaa si gochuurra waan sindeebisneef, qeesaariifi al-qeesaariin adda baafataa adeemuun abshaalummaa dha.
Mee naa deebisaa, manni adabaa bakka yakkamaan itti amala isaarraa sirratu dhamoo, kan biraa? Gaaffii yeroon hiikuu malaa.
Amajjii 2014 Xumurame!!
Ittaanaa Guuttataatiin

Weellistuu Almaaz Tafarraa Isin Yaamaa Jirti


Gadaa.com
(Oromedia, 17 Amajjii 2014) – Weellistuu Almaaz Tafarraa haala dhukkubsatee tajaajila wal’aansaaf kan oolu gargaarsa lubbuu ishii baraaru akka barbaadaa jirtu gabaafame.
Maddeen keenya Oromiayaa Bahaa irraa akak gabaasanitti, Almaaz Tafarraa yeroo ammaa kanatti dhukkuba ulfaataan qabamtee rakkina gudda akeessatti argamti.
Baroota dheeraaf Afaan Oromoon weellisaa kan jirtu Artisti Almaaz Tafarraa, seenaa muuziqaa Oromoo keessatti hojii gurguddaa hojjachuun kan beekamtuu dha.
Akak gabaasaan keenya ibsetti, hundeeffama baandi Afran Qalloo irraa kaassee haga ammaati keeysaafuu baroota afaan Oromoon wallisuu fi dubbachuun raadiyoo fi kaaseeta cabsa ja’emee ture keessatti hojii ummata Oromoo boonsu hojajchuun kan beekamtuu dha.
Odeeffannoon karaa hawaas-qunnamtii tamsaasamaa jiru akka ibsuttis, Artist Almaaz Tafarraa yeroo Habshaan ilmaan Oromootti hanjamu ture keessattis ta’ee yeroo sanii asitti bilisummaa fi walabummaa Oromiyaaf tan qabsooyte, aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf tan sagalee miidhagaadhaan wallifte, weellistuu seena qabeettii dha.
Yeroo ammaa kanatti dhukkubsattee siree irraa ka’uu hanqattee akka jirtu kan gabaasan maddeen keenya artistooti Oromoo akka Adam Haarun, Kadiir Sa’id, Ali Shabbo, Halloo Daawwe, “fa’aa waliin seenaa dheeraa kan qabdu artistiin kun akkamiin birmannaa lammii dhabdi?” jechuun lammiin gaafatanii jiru.
Artisti lmaaz Tafarraa waan hojii Oromoo guddisuuf tattaaffachaa turteef, diinni hidhee dararaa fi rakkoo guddaa irraan gahaa akak ture kan yaadachiisan maanguddoon Oromoo tokko, “artistii Oromoo seenaa boonsaa akkanaa qabduuf dhaqqabuu dhabuun saalfachiisaadha; hedduu illee qaanessaa dha,” jedhanii jiru.
Ammaan tana rakkoolee ulfaataa keessatti akka argamtu kan nuuf ibse jiraataan ollaa Artisti Almaaz gadafageenya rakkina ishii yoo tarreessu, “Almaaz yeroo ammaa tanatti gargaarsa dhabdee, humna dhabdee, waan nyaatu dhabdee, faayyaa dhabdee, waan mana yaalaa ittin dhayixu dhabdee jirti; ammatti kadhaa malee waan gootu tokko illee hin qabdu,” jechuun haala gaddisiisaa ishiin keessatti argamtu nuuf ibsee jira.
Oduu karaa Facebook faca’e tokko illee akak addeessetti, Artisti Almaaz yeroo ammaa magaalaa Harar araddaa shankor keessa jiraatti. Araddaa keessa boontee, shaggooyyee xabachaa turte keeysa daddeemte miila isii kan dur itti dhichiftu, kan shaggoyye ittin dhichiftuuun, gargaarsa ittiin wal’aanamtu kadhachaa jirti.
Hubachiisa: Kanneen Artisti Almaaz Tafarraa gargaaruuf fedhii qabdan karaa email: dragabaa@gmail.com yoo nu qunnamtan teessoo ishii isiniif kennuu yookaan immoo haala ittiin gargaarsi keessan ishii dhaqqabu isniif mijjeessuu ni dandeenya. Gargaarsa gootaniif dursinee isin galateeffanna!
———————————
 Almaaz Tafarraa, Alii Shabbo fi Hallo Daawee
Almaaz Tafarraa, Alii Shabbo fi Hallo Daawee
Hallo Daawee, Alii Shabbo fi Almaaz Tafarraa
Hallo Daawee, Alii Shabbo fi Almaaz Tafarraa

Unpacking Amhara's self-denial and the Ethiopian identity

Ethiopia Regional map of-FDRE(OPride) - Identity has always been at the core of human socio-political evolution. The institution of slavery was based on identity. Imperialism took place at the expense of different identities. Today, democratic governments around the world struggle to address questions of identity.

Despite this fact, some elites deny the relevance of identity as a strong force for political organizing. For example, in the former Soviet Union, identity was treated as a primordial human nature – a false consciousnesses that ought to be settled through the elimination of classes. But the end of Cold War and the rise of national independence movements disproved communism’s disdain for identity politics.
Still, other groups like the Amhara elites and activists in Ethiopia reject their ethnic backgrounds in favour of an overarching ‘national identity'. Ethiopia has over eighty ethnic groups, all with distinct language and culture. As such, addressing identity issues remains a top priority. It is therefore puzzling to see Amhara elites deny their ethnic background even today when the country's ethnic federalism holds the only chance of survival for the country.

It is true that identity is fluid and negotiable. For example, people lose their languages, culture, and religion taking up a new culture from their surroundings. That is what happened in the case of African-Americans. But while speaking Amharic, dancing to eskista and eating doro wat, can the Amhara elites convince anybody that they are not Amhara? Why do they want to be called Ethiopian and nothing else? Are they not Amhara first?

Despite the presence of objective characterizations visible to the whole world, some groups don't want to be known as the world sees them. Sometimes that kind of self-perception emanates from the desire to be associated with a ‘superior’ identity. For example, some black Sudanese self-identify as Arabs. Arabic language, culture and religion have dominated their life and they want to be associated with the dominant culture instead of their ethnic identity.

Something similar happened to the Amhara of Ethiopia but with different manifestation. Elites from the Amhara ethnic group do not want to disassociate their identity from the broader Ethiopian identity constructed on the bases of their self-perception. In this case, the 'Ethiopian' identity and the Amhara ethnicity were deliberately intermarried, creating an overlapping and confusing perceptions. Amhara rulers forged the boundaries of what is known as Ethiopia through iron and blood. Their descendants, the Amhara elites today, are proud of this legacy.

For them, there is a higher ideal built into being Ethiopian than being Amhara. Ethiopia's historiography is told and retold by glorifying the deeds of Amhara rulers while denigrating the brave and patriots among their neighbours.

Every national value or symbol associated with Ethiopia or being Ethiopian is molded in the image of Amhara ethnic group. In essence, for the Amhara elite, Ethiopia has long been the mirror reflection of Amhara ethnicity. Separating the Amhara identity from Ethiopian identity has consequences these elites do not want to accept. If the Ethiopian shell is removed from their back, the Amharas fear that they'd become a small fish in the sea of diverse ethnic groups. Then, they would no longer represent the whole image but only one color of a big rainbow. Their dominant narrative will be altered and their national share of the cake will be reduced. In addition, they would lose claim to the 'one nation, one language, culture, and one flag' mantra.

The Amharic language, Ethiopia's official working language, gave Amhara kids superior status in schools, at churches, work places, and in politics as well as the economic sector. Ethiopia’s laws and history were written and read in Amharic. Ultimately, by displacing local narratives, the Amhara culture became the national culture. The Amhara dress and hairstyles, their dances and other social artifacts were elevated to a higher status, above all 'others.' In some ways, Amharas see themselves as more Ethiopian than other ethnic groups. The possibility of becoming one among equals drives their irrational fear of ethnic politics.
In their rhetoric, Amhara elites make a case for a return to a common Ethiopian identity. However, there have never been a voluntary pact or convention among the country's diverse ethnic groups to create such an identity. Efforts to arrive at a negotiated consensus on the country's national identity were dodged by successive rulers.

Instead of a forced imposition, Ethiopia's survival now depends on the creation of a new state system by all nations and nationalities within its border. Such an arrangement has to come peacefully and based on the will of the people.

Amhara elites and activists often confuse Ethiopia with Habesha. Habesha refers to the residents of ancient Abyssinia, inhabited mostly by Semitic-speaking Amhara and Tigre. Explaining the true origin of Habesha a writer 
states that around first century A.D., some Hamitic-Semitic peoples (Sabaean traders) from South Arabian came into contact with native people and intermarried.

Their offsprings were referred to as “Habesha”, which means “people of mixed blood”. 
Their land (Tigray, Begemdir, Gojam, Northern Shewa, and Welo) was later termed Abyssinia. It was only when the Abyssinia state exhausted its scarce resources that its leaders expended its frontiers South and Westward in order to amass the resources needed to feed their subjects.

He further explains per advice from Count Pietro Antonelli, an Italian with geographic Society mission in Abyssinia, the state of Abyssinia combined with the newly added states of the South and the West, were later referred to as 'Ethiopia'.

Attempts to appropriate the term Habesha to all people in Ethiopia is part of the same assimilationist policy used by successive monarchs, which included changing the names of places in the South of the country to Amharic.In short, Ethiopia or being Ethiopian (defined by country of citizenship) and Habesha are not equivalent words. While the reverse might be true, not everybody that lives in Ethiopia is Habesha.

Several attempts by Oromo elites to come to the political center and arguments in favor of a shared-rule have ended with frustrations. The Amharas either don't believe that Ethiopia can exist under Oromo leadership or they see continued dominance of Ethiopia's politics as
their manifest destiny.

Beneath the Ethiopian mask, Amhara elites believe that the possibility of an Oromo or someone from a different ethnic background ruling Ethiopia deteriorates their superior Amhara identity. That is why Amharas resort to rhetoric about national integrity every time an identity question, particularly that of the Oromo is raised on the national stage.

In other words, Amhara’s viability as a socio-political entity is tied to the pretentious notion of Ethiopian unity. While this concern sounds plausible on the surface, especially considering the centripetal socio-political forces of their adversaries, the main problem lays elsewhere. The Amharas believe that Ethiopia is their creation and it belongs to them. The elite see themselves as the vanguard of the country's tenuous unity. Little do they acknowledge that Ethiopia's existence is predicated on the persecution of Oromo and other people in that country. Even today, they yearn for a return of their oversized and privileged status above all other ethnic groups. Monopolizing the Ethiopian narrative is therefore used as a means to protect that privilege and seek a return to power.

It is time the Amhara elites recognize their wrong self-perception built over a course of a century and accept that they are Amhara first. That's the only way to the middle road, if ever. For an all-inclusive de-ethnicized civic Ethiopian identity to emerge, the Amharas must ditch their insistence on non-existent unity and be guided by the voices of the majority people in the region. In the final analysis, such an arrangement is the only way the country's current borders can be maintained. The ball is now in their court.
--
*Israel Fayisa is a former Oromia Supreme Court judge currently living in exile. He can be reached at israelitansa@yahoo.com