Monday, October 28, 2013

Sabboontoti Oromoo 69 ta’an Oromummaan Yakkamuun Mana Murtii Wayyaaneetti Dhihaatan.

BilisummaaOnkoloolessa 24,2013 Oromummaan himatamanii akeeka ABO ummataaf ibsuun gaaffii mirga saba Oromoo yaada jedhuun uummata kakaafataniitu himata jedhuun ilmaan Oromoo 69 ta’an Galmee Tashaalee Bakkashoo jalatti sabboonti Oromoo 33 mana murtii mana murtii Federaalaa olaanaa Lidetaa dhaddacha 4ffaa dhihaachuu gabaasi jiru Qeerroo addeessa.
Kutaalee Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa sababaa Oromummaa isaaniin yakkamuun Oromoonii bakkoota adda addaatti murtiin seeraa alaa itti kennamaa jiraatu illee ummanni Oromoo qabsoo diddaa gabruma takkaa illee hin dhaane.
Onkoloolessa 24,2013 mana murtii feederaalaa dhadacha 4ffaa kanneen dhaabbatan sabboontoti Oromoo 33 kanneen armaa gadii ta’uu beekama.
1. Tashaalee Bakkashoo
2. Tarfeessaa Magarsaa Hundee
3. Alamaayyoo Gaaromsaa
4. Mulaatuu Abdiisaa Goobanaa
5. Lijaalem Taaddasaa Hawwii
6. Hasan Mohaammed Usmaan
7. Addunyaa Lammeessaa Beenyaa
8. Milkeessaa Waaqjiraa Gammadaa
9. Saamsoon Alamuu Qixxeessaa
10. Gammachuu Ammishuu Galgaloo
11. Usmaan Umar
12. Jaarsoo Booruu Raaree
13. Usmaa’el Kaliifaa Muzayyil
14. Guutuu Mul’isaa Gaddafaa
15. Kaffaalee Faxxanaa Gabayyoo
16. Huseen Bariisoo Godaanaa
17. Tolosaa Bachoo Gichoo
18. Kaanuu Gunos Damissee
19. Ittaanaa Sambataa Tuuchoo
20. Abarraa Biqilaa Tolosaa
21. Hirphaa Duubee Deekam
22. Soorsaa Dabalaa Galaalchaa
23. Asfaaw Hangaasoo Baatii
24. Mohaammed Saalim Waaqoo
25. Bashir Daadhii Tulluu
26. Hasan Amaan Saggee
27. Muktaar Usmaan Harbee
28. Alamaayyoo Tolosaa Liiban
29. Tashaalaa Iddoosaa Dirribaa
30. Boontuu Wadaay Buuraa
31. Bulchaa Sooressaa Guyyee
32. Mazgabuu Dabalaa Waaqjiraa

Godina Gujii keessatti diddaan barattootaa dho’e uummata dabalachuun itti fufe!

Gabaasi Qeerroo  Onkoloolessa 27,2013 akka addeessutti,Barattootni Oromoo Godina Gujii gaaffiiwwan mirgaa finiinsuun diddaa dhageessisuu itti fufan. Barattootni Oromoo kunneen qabeenyi Oromoo Oromoof malee alagaaf tahuu hin qabu, tajaajilawwan hawaasaa guutummaa guutuutti Oromoof guutamuu qaban, hidhaa fi ajjeechaan doorsisni dhaabbachuu qaba jechuun gaaffii mirgaa finiinsuu kan eegalan ejjennoo tokkichaan itti fufanii jiran. Rakkoowwan tajaajilawwan hawaasaa aanaa Bulee Horaa keessatti mudachaa dhufee fi rakkoowwan hedduu Nagallee keessatti uumamaniifis Wayyaaneen itti gaafatama haa fudhatu jechuun mana barnootaa keessatti dhaadannoo gamtaan dhageessisaa jiran.
Mootummaan wayyaanee barattoota Oromoo Galgaloo Waariyoo jedhamuu fi kanneen biroo mana hidhaatti ukkaamses guutummaan akka hiiku gamtaan gaafachuun sagalee isaan ii dhageessisaa jiran. Uummatni Oromoos gaaffiin mirgaa barattootni keenya gaafatan gaaffii sirriidha, saaminsi qabeenya lafa Oromoo investeroota halagaan gaggeefamu nurraa haa dhaabbatu jechuun barattoota isaanii waliin hiriiruun diddaa dhageessisaa jiru.
Gama biraan oduun keessa Wayyaanee jiru ,Waraana ittisa biyyaa mootummaa wayyaanee keessatti ilmaan Oromoo hoogganummaan gosummaa irratti hundaa’e haa dhaabbatu jechuun mormii dhageessisan. Mootummaan Wayyaanee keessa isaa bututaa dhufe dura dhaabbachuuf amanamtoota isaa yeroo dheeraa waraana Ittisa biyyaa keessa turaniif muudama kennuun isaa ni yaadatama. Muudamni kun amanamtoota wayyaanee yeroo dheeraa fi lammummaan Tigiree tahan irratti xiyyeeffannoon maaliif kenname jechuun waraanni Ittisa biyyaa Iizii bahaa fi Kaabaa gaaffii mirgaa gaafachaa jira. Waraana keessatti waraanni ijaaramu sabaa fi sablammiin osoo haasa’muu ajajootni maaliif dhaloota Tigiree duwwaa tahu jechuun gaaffii dhiyeessanii jiran. Ajajootni kaabaa fi bahaas gaaffii kanaaf deebii kennuu waan dadhabaniif caasaan ijaarsa ittisa biyyaa kallattii kanneen irraa laamsha’uun sirni bulchinsa waraana ittisa biyyaa rakkoof saaxilamee jira. Adda durummaan ilmaan Oromoo waraana ittisa biyyaa keesaa hojjetan gaaffii kana adda durummaan gaafachaa kan jiran yoommuu tahu sabawwan cunqurfamoo sidaamaa fi Beenishaangulis cinaa dhaabbachaa jiran. Mootummaan wayyaanees gaaffii mirgaa kanaan dhiphina keessa seenuun wal gahii hatattamaa hooggantoota olaanaan finfinnee keessatti gaggeessaa jiran. Wal gahii isaanii kana irrattis gaaffiileen wal fakkaataan mudachuu irraa milkiin itti hin jiran..