Thursday, June 5, 2014

#OromoProtests Solidarity Hunger-Strike in Seattle

The #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike in front of the Federal Building in downtown Seattle, Washington, continued for the second day on June 4, 2014.
The 3-day hunger-strike is being organized by the Oromo Community of Seattle to seek justice and appeal to the U.S. government for the several scores of Oromo university and high-school students massacred by the TPLF Ethiopian regime in April and May 2014 as the students were engaged in nonviolent/peaceful protests against the Addis Ababa Master Plan, a plan which aims to expand the administrative boundaries of the Addis Ababa City into the Federally and Constitutionally instituted State of Oromia. In addition to the expansion, the Master Plan will also result in the evictions of millions of Oromo farmers.
Videos and some photos from the Seattle #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike:

SeattleHungerStrike2014_1
OromoProtestsHungerStrikeSeattle2014
OromoProtestsHungerStrikeSeattle20143
OromoProtestsHungerStrikeSeattle20144
OromoProtestsHungerStrikeSeattle20145
OromoProtestsHungerStrikeSeattle20146
OromoProtestsHungerStrikeSeattle20147

Ethiopia arrests 25 in 'terror' sweep


Ethiopian police arrested 25 people accused of plotting attacks in the country and suspected of having links to Somalia's Al-Qaeda-linked Shebab rebels, officials said Thursday.
Government spokesman Shimeles Kemal told AFP that those detained had been trained by the militants in Somalia and were planning a series of attacks in Jimma, about 305 kilometres (189 miles) southwest of the Ethiopian capital and where the arrests were made.
"About 25 people have been apprehended on suspicion of organising an underground terrorist cell," he said, adding that "a number of weapons" were also seized and the suspects likely to be charged.
Ethiopia, which shares a 1,600 kilometre border with Somalia, sent troops into the country in 2011 to help African Union and Somali defence forces fight the Shebab. It currently has around 4,500 troops in the country and has spearheaded a recent offensive against the Islamists.
Neighbouring Kenya has been a frequent target of attacks by Shebab rebels, who have demanded that Kenyan troops leave Somalia and claimed responsibility for last year's attack on the Westgate shopping mall in Nairobi that left at least 67 dead.
Uganda and Djibouti, both contributors to the AU force in Somalia, have also been attacked by the Shebab.
The US and British embassies have upgraded their travel warnings for Ethiopia in recent weeks, alerting visitors and residents to an increased threat of attacks.
Shimeles said while Ethiopia "has been and will remain vulnerable to terrorist attacks," the threat has not necessarily increased.
"I don't think that there is a special risk that warrants an extraordinary alert," he said.
Shebab leaders have vowed to attack Ethiopia to avenge the presence of its troops in Somalia, and last October two Somali nationals blew themselves up while crafting a bomb in Addis Ababa, which police said they planned to detonate at a crowded football match.

ONLF Press Release: ONLF Liberation Army did not take part in the fight between Al-Shabab and Ethiopia on the Somali Border

ONLF Liberation Army did not take part in the fight between Al-Shabab and Ethiopia on the Somali Border
 
ONLF Press Release
June 5, 2014.
ONLF Liberation Army did not take part in the fight between Al-Shabab andEthiopiaon the Somali Border.
A man claiming to be the Governor of Bakool Region of Somalia told the VOA Somali service that a joint ONLF Liberation Army and Al-Shabab forces fought the Ethiopian Army and Somali National Army along the Somalia- Ogaden border on June 2-3, 2014.
The Ogaden National liberation front did not take part in that fighting nor in any other fighting between Al-Shabab and the Army of Ethiopia, whether in Somalia, along the border or inside the Ogaden. This unfounded allegation by the so-called regional governor of Bakool is probably instigated by the Ethiopian regime that controls most ofSomalia. It is a foolish attempt to link ONLF and Alshabab, while justifying the defeat suffered by the joint Ethiopian andSomaliatribal militias.
Although ONLF fights the Ethiopian regime on a daily basis in Ogaden, It does not get involved in the quagmire in the political marshland of Somalia, which the Ethiopia regime is always trying to capitalise on but in the end gets battered and defeated.
As for the Ethiopian surrogates inSomaliaregional administrations posing as Somali officials, it is not the responsibility of ONLF if your tribal militias donned Somali National Army uniforms are thrashed by Al-Shabab. The responsibility lies solely with you, who are incapable of building and managing an effective administration that can create the objective conditions that can bring security and good governance to the Somali people and defeat those who endanger it.
Issued By ONLF

DIINA IRRATTI WAL-TUMSUUF, YEROOTU GA’E !!

SEENAA Y.G (2005)    kutaa 2ffaa    | Waxabajjii 5, 2014
Diina irratti wal tumsuuf, waamicha tarrisuun furmaata hin ta’u. Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo adeemsa kana keessa jiran dogoggoratti jiruu jedheen yaada. Muxannoon Qabsoo keessa qaxxaamurree jirru, salphaa miti. Aadaa keenyatti amanna yoo ta’es, waan jiru sirreessuuf karaa salphaa qabna Irraa barbaachuun fardiidha. Dhalli Oromoo Addunyaa kana irra jiraatu hundumtuu, keessa isaatti waan of gaafatuu fi waan ta’uu qabu ilaalchisee keessa isaatti bilcheessee mala malachaa jiraachuun ifadha. Tumsa barbaachisuuf gumaacha irraa eegamu taasisuuf qophiidha. Amma gaaffii guddaan Tumsa kana akkamiin Ummachuu dandeenya ? Tumsa akkamii nu barbaachisa ? Tumsaa fi kaayyoo akkamitti araarsina ?  Daangaan isaa maalii ? Tumsi nuuti barbaannu fi kan addunyaan itti jirtu  wal simaayi  ? akka isaanii taana jennee aadaa keenya keessaa ceenee, waan kolfaa hojjachuu wayya ? moo, Makaanizimii Tumsaa Mataa keenyaa addunyaattu qabannee ba’uu dandeenyu uumnee, bu’ura aadaa fi Gadaa gadi dhaabnee, hegaree keenyaaf yaadutu furmaata nu ta’aa ??? jennee of gaafachuu nu barbaachisa. Sadarkaa kana irra ga’uuf wareegama qaalii kafaluu keenya dagachuu hin qabnu. Karaan nu eeggatu kana irra ulfaataa ta’uu waan maluuf, Tumsa Ummachuun amma shamiza of irraa baasanii geeddarachutti fudhachuu dhiifnee, gadi jabeessinee irratti hojjachuutu hegaree isaa mi’eessa.
Tumsi waan nu barbaachiseef qofaa walitti haa suphamnu yoo jenne, Uffati suphaaf qofaa suphame, deebi’ee isa kaan fudhatee ciramuun ykn bakka biraatii tarsa’uun akka hin hafne beeku qabna. Tumsi har’a dhaabbatu yoo Xiqqaatee, Siyaasa hegaree Oromoo kan dhaloota lamaa, tilmaama keessa galchee tarkaanfachiisuu ta’uu qaba. kan har’aa Furuuf qofaa yoo yaadame, dhaloota boriis rakko wal fakkaataa keessatti gatuudha. Kanaaf waan Namni tokko yaada isaa facaaseef, ykn dhaabni tokko Intarneeta irratti waan Waamicha godheef, gonkumaa furmaati hin dhufu. Intarneeta irratti wanni wal fudhachiisan hin jiru. nuuti waamicha kana gooneef jedhamee kan hojjatamu furmaata hin ta’u . kana akka gaaritti qalbeeffachuu qabna. Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo walitti dhufuu yoo barbaadan , Intarneeta irratti wal waamu maaltu barbaachise.? Walii isaanii dhiiga tokko ta’uutti walii fudhatanii karaa kabajaa qabuun maaf wal hin waamne.? Waggaa waggaan waamciha qofaan eessa ga’u ? dhaloota har’aa jabeessuu moo hamilee cabsuudha ? waan Araaraa, Tokkummaas ta’uu Tumsaa waan gadi taa’anii wal fudhachiisanii Ummatatti waa qabatanii asi ba’an malee, akka hiriyyaa wal hin amannee, Malkaa bu’anitti wal kakisuuf arreeduun badii dabaluu ta’a. wanni nuuti akka salphaatti katabnu hundumtuu waan fafaas, tolaas akka qaban beeku nu barbaachisa. Intarneeta irratti badii jiru tarrisaniif, dhimmi hundi dhumate jechuu dandeenyaa ? kun hojii warra gawwaati . akka kiyyatti dhugaa kanatti aanu fudhachuun dirqii ta’a jedheen amana. Dhugaa baqachuutu har’allee nu miidhaa jiraate hubadhaa .
TUMSA AKKAMIITU NU BARBAACHISA ?          
Tumsi har’a nu barbaachisa wayita jennu, maal jechuu keenyadha ? Tumsa har’a dhaabbatee boruu diigamuudha moo, kan hegareef tolu barbaanna ? yoo ka bor diigamu barbaanna ta’ee narraa haa ba’uuf facaasuu qofaatu ga’a. kan dhaloota boriif yaadamu taanaan, hunda yaada Ilaalchaan  wal fakkaatu tokko taasisanii, kan ilaalchaan waliif ta’uu hin dandeenye akkaataa itti wal tumsu danda’u waloon kaa’ufiitu fala ta’a. Tumsa hundee qabeessa qabu hojjachuutu qoricha. Hojii qulqulaa’aa hojjatanii, tumsa hundee jabaa gadi dhaabuuf jalumaa kaasanii irratti hojjachuu barbaachisa. Tumsi amma nu barbaachisu kan ummataa irra, kan Jaarrmiyaa Siyaasaa Oromoo ti. Kun hundee qabsoo Ummata kanaati. Jarmiyaa Siyaasaa Oromootti aanee, kan miseensootaati. Itti aanee kan jiru kan deeggartootaati. itti aansee kan waldaalee, Afooshaalee fi dhaabilee miti mootummaati. Itti aanee kan miidiyaaleeti. Mee kanneen qofaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Kanneen walitti fiduuf ykn akka wal tumsan taasisuuf qabxiilee murteessoon ta’anii jiran, maal irratti wal tumsuu fi maaliif wal tumsu isa jedhu ilaaluun murteessaadha. Jarri kun akka wal tumsaniif maaltu guutamu qaba ? kunis murteessaadha . mee haala kana walitti qindeessinee wal simsiisuuf, adda baafnee haa gamaagamnu .Dhaabbileen siyaasaa Oromoo amma jiran lakkoofsaan heddummeessuu dhiifnee, kaayyoo qabaniin ilaallee akkamiin wal tumsuu akka danda’an haa ilaallu .
Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti Dhabbilee siyaasaa Biyya keessaa fi alaa walitti qabnee yennaa xiinxallu KAAYYOO lama jalatti ramadaman. Kunis ,Dhaabbilee Siyaasaa “Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo dhugoomsuun Kaayyoo keenya” kanneen jedhanii fi “Itoophiyaa keessatti Sirni Fedaraalizimii Bilisummaa ummatootaa eegu yoo jiraate, Biyya Itoophiyaa keessa jiraachuun ni danda’ama , kanneen jadhamanitti ramaduun ni danda’ama. Lakkofsaan 30 ta’u danda’u. amma egaa TUMSA yennaa jennu, Kaayyoon kun lameen wal haa tumsu yoo jenne, (duuchaamatti) Dogoggora. Akka kaayyootti Kaayyoon Fiiixee lameen irra jiru kun gonkumaa wal tumsuu hin danda’u. Qabsoo keessatti wal takaalaa kan ture kanadha. Kana irra deebisuuf deemnaa ? wanni isaan wal tumsuu danda’an, dhimma Oromoo ilaalchisee DIINA irratti walii galuudha.
Kaayyoon kun lameen akka wal hin tumsinef ijoo kan ta’u, waa lama . Inni tokko, Kaayyoo isaaniitu waliif faallaadha. Inni lammataa ammoo, tokko karaa nagaa hojjanna wayita jedhu, tokko lakkii kun waggoota amma kana hin taanee, qawweee qofaatu nu baasaa kan jedhuudha. Tumsi kana keessatti eeggannu, akka Qaawwaa Lilmoo dhiphaadha. Kanaaf kana hedduu irratti hojjachuu barbaada. Waanuma waamichaan haguugamu miti. Qabsoon illee wal tumsina yoo jenne, taa’anii yeroo fudhatanii akka tatta’uu danda’u irratti marii gadi fageenyaa gaggeessuu gaafata. Warri diinaa ,Itoophiyaa Dimokiraatoofte ijaaruuf, warra Itoophiyaa jigisuu barbaadan balleessuu qabnaa sana waliin kan dhaabbatamu yoo ta’e, akkamiin tumsi dhufuu danda’a ? Kaayyoon kun lameen akka waliif dhaabbatan kan taasisu, kaayyoo isaanii dachaasuu qofaadha. Kun ammoo tokkof wareegama Gootootaatti qoosuudha. Isa tokkof ammoo waan biraa ta’u danda’a.
Gama biraan Sirna har’a barattoota irratti yakka dhiifama hin qabne waliin nagaan hojjachuu barbaanna jedhamaa, Tumsi gama kaaniin hawwiinu akkamitti fudhatama ? gama kanaan waan keessa gadi qabanii ilaallatan hedduudha. Waan kana irratti kana caalaa raga tarrisuu nan danda’a. garuu asi irratti hin tolu. Tumsi asi keessatti hawwinu, akka intarneeta irratti katabnu kanaa hin salphatu kanan jedhuuf kanaafi. Hojii guddaa keessa isaanitti hojjatanii asi ba’uu gaafata. Carraan gama kanaan jiru, kaayyoo akka malee waliif faallaa kun, akka walitti deemu mari’atu, tumsa diinaaf akka hin baaneef wal gorsuun, lammiin hundi irratti hirmaate qajeelchu qaba.  Aadaa keenyatti dhimma ba’anii socha’uu feesisa.yaadoota waloo wal taasisan irratti mari’achuuf, qaamoota walabaa dhimma Oromoo irratti ejjannoo qaban walitti dhufanii yaada gama lameenii qixaan dhaggeeffatanii , waan ta’uu danda’u akka maddisiisan taasisuudha. Waamichi tokko isa tokkof godhu bifa kamiinu fudhatamuus, qulqulummaas, wal dhaggeeffachuus hin uumu. Waan kana irratti wanni hojjatamu waan qophii itti taasisanii furataniidha. Kana irratti abdiin jiru, tarkaanfiin Filitsixeemoonni fudhatan fakkeenya dansaadha. Ilaalcha duraan ture maal irraan akka ga’an hin dubbanne. Garuu Biyya ta’anii addunyaa irratti beekamuuf hojii abshaalummaa ol aanaa gaggeessaa jiran. Hamaaz ilaalcha isaa isa kam fooyyeessee akka obbolaa isaatti makame hin ibsine. Garuu yaada cabsatee dubbii ijoo of harka galchuuf mootummaa waloo dhaabu irratti walii galee sagalee addunyaa hawwataa jira. Hamaaz Israa’eeliif beekumti hin kennu jedhe ammaaf laaffisee, Biyya Filitsixeem labsuuf humna abbaas waliin dhaabbatee jira. Kana irraa ka’ee, Ameerikaan, Chaayinaan, Raashaan beekumtii Filitsixeem mootummaa ta’uu ni fudhanna jechaa jiru. gama kanaan yoo ilaallee Oromiyaa keenya hegareef hawwinu kanaaf waan gufuu ta’uu danda’an ammumaa ilaalu nu feesisa.kana hubannofan kaase.
TUMSAAF KAN WAL WAAMMATU EENYUFAATI ?
Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo Tumsaaf wal waammachuu qabu yennaa jennu ergaa maalii dabarsuu barbaanna ? Dhaabbileen Siyaasaa Oromoo hundumtuu dhimma Oromoo irratti wal tumsuuf waan isaan dhorku hin jiru. waan kaayyoo qabaniin alatti kan jiru jechuu kiyya. Warri kaayyoo tokko qaban Qopha ,qophaa dhaabbatanii Tumsaaf wal waamuun waan fakkaatu miti. Kaayyoo tokko qabaannaan Tumsaaf wal waamu irra , tokko ta’uutu isaaniif furmaata. Kanatu Ummataaf dhaabbachuu mirkaneessa. Kanatu Jabiinas. kaayyoo tokko qabaatanii , dhaabaan garaagar ta’anii yoo wal tumsuuf walii galan illee, wal gufachiisuun waan hin hafne. Ummata kanas bakka meeqa dhaabu ta’a . kanaaf warri kaayyoo wal fakkaataa qaban tumsaaf yoo wal yaaman illee taajjabbii ta’a. kana Mooraa Qabsoo Oromoo keessaa dhabamsiisuun qoricha hegaree keenyaati. Warri Walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummata Oromoo kaayyeeffatan hundumtuu ABO jabaa gadi dhaabuuf hojjachuun dirqiidha. Warri kaayyoo Biraan dhaabbatanis, akkasuma bakka kudhan dhaabbatanii diinaafis humna ta’uu irra, walubummaa isaanii eeggatanii yoo dhaabbatan Tumsaaf qophii ta’uu argisiisa. Dhaaba adda addaa yaada wal fakkaatu waliin yeroo gara garaa wal arganii mari’achuu irra, bakkuma tokkotti waan nu baasu falachuutu dawaadha. Isaan gidduttis, tumsa odoo hin taanee tokko ta’uu qofaatu eegama.
Egaa haala kanaan kan irratti xiyyeeffannee qalbii keenya amnsiisuu qabnu, warri tumsa waliif ba’uu danda’anii fi hin danda’iin adda baafachuun heddu gaariidha. Yaadoota gara garaa irraa kaanee yennaa ilaallu, Dogoggora Tumsaa fi Tokkummaa irratti agarruutu jira. Dhaaboota Ilaalchaan wal irraa fagoo ta’an kana Tumsa adda addaa ummachuuf karaan jira. Tokkummaan garuu hin yaadamu. Kan kaayyoon wal fakkaatan ammoo, Tumsa Odoo hin taanee, Tokkummaan dhaaba jabaa dhaabbachuutu dirqama. Kana hubachuun waan hin taane hawwinee ibsaa fi waamicha wal irratti baasaa akka hin jiraanneef nu gargaara.
TUMSAA FI  UMMATA :-
Ummati Oromoo Qabsoo kana keessatti qooda isaa kan gumaachaa jiru, akka miseensummaatti, Deeggaraa fi Lammummaattidha. Kanaan alas jiraachu mala. Akka Lammummaatti sochiin qabsoo kanaaf taasifnu hundumtuu Tumsaaf odoo hin taanee, Dirqama keenyadha. Sochiin Qabsoo Ummata isaaniif taasifamu, akka waldaalee gargaarsaa, waldaalee Amantii, akka Afooshaa fi kanneen kana fakkaataniin kan taasifamu hundumtuu dhimma Oromoo irratti wal tumsuu odoo hin taanee, tokko ta’uutu irraa eegama. Kun dirqama. Fakkeenyaaf dhimma Oromoo irratti hiriira ba’uun yoo barbaachise, warri ilaalcha adda addaa keessa jiran dhimma Oromoo addunyaatti dhageesisuuf wal tumsuu danda’u. Dhimma sabummaa keenya kamuu irratti gonkumaa tumsa yaadu hin qabnu. Kun dirqama keenya. Tokko ta’uu qabna . Hawaasi Oromoo dhaabbilee siyaasaa Oromoo waliin waan taasisan hundaaf tumsa taasisan jechuun qaaniidha.
Kana irratti  Miidiyaalee Oromoo bifa gara garaan hojjatan Ummata isaanii qajeelchuu fi iyya Ummata isaanii dhageesisuuf, barsiisuuf, wal hubachiisuuf, tokko ta’uu qaban. Imaammataa fi hojii miidiyaa wayita ilaallu, hundumtuu akka isaaf mijateetti Ummata isaaf hojjachuuf karaa danda’een miidiyaan banatee jiru, akka dhunfaattis ta’uu walootti tattaafachaa jiru , haalatu bakka tokkotti akka hin hojjannee isaan taasise malee, yaada tumsaa wal keessaa qabaatanii akka hin taane beeku barbaachisa. Tumsi hiikkaa irraa waan walirraa fagootti waan cillaanfatuuf, hiikkaa isaa sapaareshinummaa of keessaa qabu dagannee qaamatti akka hin fudhanne of eeggachuu nu barbaachisa. Miidiyaaleen Oromoo gumaachi qabsoo oromoof taasisan irratti wal tumsanii odoo hin taanee, tokko ta’anii hojjatan jechuu wayya. Jechoota TUMSA , GAMTAA kkf wayita fayyadamnu of eeggachuu qabna. Akkuman gubbaatti ibse, dhaabbileen siyaasaa warri ilaalcha tokko qaban gonkumaa maqaa Tumsaa fi  Gamtaa ummachuu kaasuu hin danda’an. Tokko ta’uun dirqama. Ilaalcha siyaasaa walii faallaatu, Gamtaa dhimma Ummata ofi irratti ummata. Warra Ilaalcha tokko qabuuf Gamataa ykn wal Tumsuu danda’u jennee karaa yoo banne, akka dhaaba Siyaasaa Itoophiyaa 100 ol horannaa qalbeeffadhaa . akka walitti dhiheenyaati walitti qabamanii dhaaba siyaasaa jedhanii dhihaachuuf karaa yoo saaqine rakkoo of irratti dhalchaa jirra jechuudha.kanaafan gadi jabeessee waan kana irratti qiyyaafadhe.
TOKKOMUMMAA FI TUMSI KUN YOOM DHUGOOMA ?
Tokkummaa fi Tumsa ummata keessatti arginu, abdii qabsoo Oromoo ti. Tokkummaa warra ilaalcha tokko qaban gidduutti gaggeeffamu hangamuu yeroo fudhatu, irratti hojjatamaa jiraachuu hunduu yaadaa qaba. Hojiin kun akka isa tumsaa, yaada wal danddesisanii kan bira taranii miti. Adeemsa bal’aa kan gaafatu natti fakkaata. Yeroo fedhachuu isaa warri dhimmichi isaan ilaallatu kan wallaalan natti hin fakkaatu. Kun ta’uu diduun miidhaa qabaachuu ni mala. Garuu sochii qabsoo kanaa gonkumaa dhorguu hin danda’u. waanuma amma argaa jirruudha. Waan gaarii akka qabatee asi ba’u abdii kiyya. Warri ilaalcha biraa keessatti gama gamanatti wal ilaalaa jiran tarkaanfii jalqabaayyu hin eegalle. Kun ammoo Tumsa Ilaalcha lameenii boruu waliin mari’achuuf umamuu danda’u irratti rakkoo uumuu hin hafu. Kunis beekamu qaba.
Qabxiileen armaan olitti kakaase kun adeemsa keenyaaf murteessaadha. Waanuma eeggachuu qabnu qofaa eeggachuu, waanuma ta’uu danda’u qofaa irratti abdii horachuu, waan ka’umsa isaa irraa kaasee milkaa’uu hin dandeenye irraa abdii qabaatanii yoo duuba dhaban abdii kutachuu irraa akka of eeggnuuf, callisanii waan argan waliin didichuun, maa irraan akka nu ga’e hubannee, furmaata buqqaasaa irratti hojjachuun gaarii ta’uu odoo hubannee gaariidha. Tarii hiraarrii nu irra ga’aa jiru irraa kaanee, waa tokko odoo hin qulqulleessin hojjachuuf yoo jarjarree ammas bakkuma of jibbinetti deebina. Kanaaf waan ta’uu fi hin taanee adda baafatanii irratti hojjachuun kasaaraa siyaasaa keenya hanqisa. Warri Ilaalcha wal fakkaataa qaban, walii isaanii waamanii Jaarsa waammatanii waliin haasa’uun rakkoo hin qabu. Rakkoo kaayyoo waan hin qabaanneef. Qabxiilee kanaan gadi irratti mari’achuuf waluma dhaggeeffachuu qofaa isaan ga’a. Qabsoon OROMOO ilaalcha lameen kaasee walitti fidee yoo xiqqaate diina irratti akka wal tumsan taasisuuf, humna walbaa lameenif walba ta’e barbaada. Akka buna danfifatanii atis dhiisii , atis kana irraa dhaabbadhu jedhanii bira taran akka hin taane qalbifachuun dansaadha.
Humna Qabsoo Oromoo kana gama hundaan akka wal tumsuuf furtuun dhumaa sochii Ummataati. Sochii Ummata Oromoo addunyaa kana irratti Biyya keessaa fi alatti gaggeeffamaa jiru . y nu jabeessa. Kun jabiinaan itti fufnaan Tokkummaanis, Wal Tumsuunis yeroo gabaabaa keessatti mikaa’uu danda’a. waan hundaa gadi fageessinee haa ilaallu. Aadaa Siyaasaa Addunyaan boruu ittin nu beektu har’a bu’ura isaa keewwachuu baannaan, yeroo addunyaan nu gattee deemtu miilla qullaa fiignee bira ga’uu dadhabuu keenya huabachuuf qormaata nu hin barbaachisu. GALATOOMAA !!
HORAA BULAA !

Kutaa darbee:

Ethiopian Security Forces Say They Have Botched Terrorist Attacks Targeting the Capital City of Addis Ababa

The media in Ethiopia reported that Alshabaab plans to bomb some targets in Addis were foiled after the security forces captured a bomber who is suspected to be a member of Alshabaab.
Security officials in Ethiopia say, Ashabaab have at several times tried to carry out bomb attacks inside Ethiopia but were unsuccessful.
Earlier this week, US and Canadian embassies in Addis Ababa issued alerts that terror groups want to attack Ethiopia and Western interests inside Ethiopia.
In October last year, a bomb killed two Alshabaab members who were trying to plant it.
They incident happened at Bole Mekaa'iil in Addis Ababa. Police believe that they were intending to explode that bomb at Addis Ababa Football Stadium where a match would take place.