Thursday, August 15, 2013

Ibsa Qeerroo Bilisummaa: Murtiin Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa fi Duulli Uummata Oromoo Irratti Baname Qabsoo Oromoo Galii Hin Hanqisu

Gadaa.com
በተለያዩ ዩኒቨርሲቲዎች በሚገኙ የኦሮሞ ልጆች ላይ የተላለፈ ኢፍትሀዊ ውሳኔ እና በኦሮሞ ህዝብ ላይ የተከፈተው ዘመቻ ትግሉን ከግብ እንዳይደርስ አያደርገውም
የወጣቱ (ቄሮ) የነፃነት መግለጫ
እ.ኤ.አ ነሐሴ/2013 የወያኔው ፍርድ ቤት ባዋለው ችሎት በእነ ደቻሳ ዊርቱ መዝገብ በተከሰሱ 24 የኦሮሞ ተማሪዎች ላይ ያስተላለፈው ውሳኔ ከእውነት የራቀና ሆን ተብሎ በኦሮሞ ህዝብ ላይ የተከፈተው ዘመቻ አካል ነው፡፡ በመሆኑም ለዚህ ኢፍትሀዊ ውሳኔ የወያኔ መንግስት እና ቅጥረኞቹ በኦሮሞ ህዝብ ላይ እያደረሱ ለሚገኙት ወደር የሌለው ግፍ እና በደል ከተጠያቂነት አያመልጡም፡፡
የወያኔ መንግስት የኦሮሞ ተማሪዎችን ከተለያዩ ዩኒቨርሲቲዎች በመሰብሰብ “የኢፌዲሪ መንግስት በአግባቡ እና በፍትሀዊነት የኦሮሞን ህዝብ እያገለገለ አይደለም እያላችሁ ህዝቡ በመንግስት ላይ እንዲያምፅ ለማድርግ አስተባብራችኋል ስለዚህ በአሸባሪነት ወንጀል ተጠያቂ ናችሁ” በማለት የከሰሳቸው ሲሆን ችሎት በማቋቋም በኦሮሞ ልጆች ላይ የረዥም እና የአጭር ጊዜ እስራት ብይን አስተላልፎባቸዋል፡፡ የመብት ጥያቄ ለመጠየቅና ሰልፍ ለመውጣት አስባችኋል በማለት ተማሪዎችን ማሰር እና ከትምህርት ገበታቸው ላይ ማባረር ለረጅም አመታት ሲፈፀም የቆየ ነው፡፡ “የኦሮሞ ህዝብ ሰልፍ ሊወጣ ነው ብላችኋል” በማለት ተማሪዎችን በህዝባዊ አመፅ አስተባባሪነት በመፈረጅ አሰቃቂ ድርጊት ከመፈፀሙም በላይ ኢ-ፍትሀዊ ውሳኔ ስለተላለፈባቸው ብሄራዊ የኦሮሞ ወጣቶች ንቅናቄ ይህን ድርጊት በጥብቅ ያወግዘዋል፡፡ የወያኔ መንግስት የኦሮሞ ተማሪዎችን በማሰር እና የኦሮሞን ህዝብ ከመኖሪያ አካባቢው በማፈናቀል የፖለቲካ ችግሩን ለመፍታት መሞከሩ የህዝቡን የፀረ ባርነት ትግል መቀልበስ እንደማይችል እንገነዘባለን፡፡
የኦሮሞ ተማሪዎች በአንድ በኩል የፀረ ባርነት ትግሉን ለማቀናጀት አስባችኋል እየተባሉ እየተወነጀሉና እየታሰሩ የሚገኙ ሲሆን በሌላ በኩል ደግሞ ባልፈፀሙት ድርጊት አሸባሪ ተብሎ በመፈረጅ ትርጉም የሌለው ክስ ቀርቦባቸው የእስር ውሳኔ ከተሰጠባቸው መካከል፡-
1. ተማሪ ደቻሳ ዊርቱ፡- ከሀሮማያ ዩኒቨርሲቲ ከ 8 ዓመት፣
2. ተማሪ ኤቢሳ ራቴሳ፡- ከኦምቦ ዩኒቨርሲቲ 8 ዓመት፣
3. ተማሪ አዳሙ ሽፈራው፡- ከአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ 8 ዓመት፣
4. አቶ በርሲሳ ለሚ፡- የአዲስ አበባ ነዋሪ ሲሆን 4 ዓመት፣
5. መምህር ብርሃኑ እምሩ፡- የኮተቤ ኮሌጅ መምህር ሲሆን 4 ዓመት፣
6. ተማሪ ጌቱ ሳቃታ፡- ከአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
7. ተማሪ ሴና መረራ፡- ከአርባ ምንጭ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
8. ጋዜጠኛ አለሙ ተሾመ፡- የአዲስ አበባ ነዋሪ ሲሆን 3 ዓመት፣
9. ተማሪ ዲሪብሳ ዳምጤ፡- ከአዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
10. ተማሪ ስለሺ ሶሪ፡- ከሃሮማያ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
11. ተማሪ አብዲሳ ጉደታ፡- ከመዳወላቡ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
12. ተማሪ መሬሳ ኃ/ኢየሱስ፡- ከአዲስ አበባ የግል ኮሌጅ 3 ዓመት፣
13. ተማሪ ደሜ ዘሪሁን፡- ከአዲስ አበባ የግል ኮሌጅ 3 ዓመት፣
14. ተማሪ አብዲ ደረጀ፡- ከወለጋ ዩኒቨርሲቲ 4 ዓመት፣
15. ተማሪ አለማየሁ ራጋሳ፡- ከሀዋሳ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
16. ተማሪ ደረጀ ጌቱ፡- 3 ዓመት፣
17. ተማሪ ዳግም በቀለ፡- ከአዳማ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
18. ተማሪ ጌታቸው አበራ፡- ከሻምቡ 3 ዓመት፣
19. ተማሪ ሻፊ ሰኢድ፡- ከጅማ ዩኒቨርሲቲ 3 ዓመት፣
20. ጅሬኛ ደሳለኝ፡- 3 ዓመት ከ3 ወር፣
21. አለማየሁ ረጋሳ፡- 3 ዓመት፣
22. ሻሼ ሰኢድ፡- 3 ዓመት፣
23. መምህር ለሚ፡- 4 ዓመት፣ እንዲሁም
24. አለሙ ተሾመ፡- 3 ዓመት እስራት ተፈርዶባቸዋል፡፡
ከላይ ስማቸው የተገለጹት የኦሮሞ ተማሪዎች ያለምንም ጥፋት ከተለያዩ የትምህርት ተቋማት ከትምህርት ገበታቸው በመያዝ የታሰሩ ሲሆን ይህ መንግስት በኦሮሞ ተወላጆች ላይ እየወሰደ ያለው የጠላትነት ውሳኔ የተጨቋኙን ህዝብ ቁስል የበለጠ ያደማል እንጂ ትግሉ እንደማያቆም መታወቅ አለበት፡፡
ብሄራዊ የኦሮሞ ወጣቶች ንቅናቄ የኢፌዲሪ መንግስት በኦሮሞ ላይ የሚፈፅመውን አረመኔያዊ ድርጊት እንዲያቆም በጥብቅ ያሳስባል፡፡
ትግሉ ይቀጥላል! የባርነት አገዛዝ ይወድቃል!
ድል ለኦሮሞ ህዝብ!
ብሄራዊ የኦሮሞ ወጣቶች ንቅናቄ
ነሀሴ 2013 አዲስ አበባ
Murtiin Dabaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Adda Addaa fi Duulli Uummata Oromoo Irratti Baname Qabsoo Oromoo Galii Hin Hanqisu
Ibsa Qeerroo Bilisummaa
Hagayya gaafa 7 bara 2013 Manni Murtii Wayyaanee dhaddacha ooleen galmee barataa Dachaasaa Wiiruu jalatti barattoota Oromo 24 irratti murtii fudhate murtii haqa irraa jallatee fi duula ta’e jedhamee ummata Oromoo irratti baname waan ta’eef jallina haqa Oromoo kanaaf mootummaan Wayyaanees ta’e gartuun sirnicha tajaajiluun miidha hanga hin qabne baratootaa fi addattis ummata Oromoo irraan gahaniif gaafatama jalaa hin bahan.
Baratoota Oromoo Yuuniversitiilee adda addaa irraa walitti qabuun himata “mootummaa EPRDF mootummaa haqaa fi ummata Oromoo sirnaan tajaajilaa hin jiru jechuun ummata mootummaa irratti kakaasuuf qindooftanii waan jirtaniif maqaa shororkeessummaan yakkamtan” jechuun mootummaan Wayyaanee baratoota Oromoo dhaddacha isaa dhaabee murtii hidhaa wagga dheeraa fi gabaabaa irratti murteessee jira. Oromoon mirga akka gaafatuuf jettanii gara fuula duraatti hiriira bahuuf mariyataa jirtu jechuun barattoota yeroo hidhanii fi barnoota irraa ar’inan baroota dheeraaf muldhatee jira. “Ummati Oromoo gara fuula duraatti hiriira bahuuf jettu” jechuun barattoota maqaa qindeessummaan qabamanii yakka gara malee fi murtiin dabaa Wayyaanee irratti jigaa waan jiruuf sochiin dargaggoota Oromoo biyyoolessaa gochaa kana gadi jabeessee balaaleffata. Mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo hidhuu fi ummata Oromoo qe’ee irraa buqisuun rakkoo siyaasaa furuuf tattafachuun qabsoo diddaa ummata Oromoo tasa dhaamsuu akka hin dandeenye kanuma waliin beeksifna.
Baratooti Oromoo gama tokkoon FDG qindeessuuf yaadaniittu sababa jedhuun yakkamanii hidhamaa gama biraan ammo waan wal hin fakkaanne jecha shororkeessummaa itti maxxansuun himata hiikkaa hin qabneen itti banamee kanneen murtiin irratti kenname keessaa:
1. Barataa Dachaasaa Wiirtuu barataa Yuunivarsiiti Haroo Ammaayyaa hidhaa Waggaa saddetiin (8)
2. Barataa Ebbisaa Raatessaa barataa Yuunivarsitii Amboo hidhaa waggaa saddetiin (8)
3. Barataa Addamuu Shifarraa barataa Yuunivarsiitii Finffinnee hidha waggaa saddetin (8)
4. Obboo Barsiisaa Lammii jiraataa Finfinnee irraa hidhaa waggaa afur (4)
5. Barsisa Biraanuu Imiruu barsiisaa Koollii Kotobee hidhaa waggaa afur (4)
6. Barataa Geetuu Saqqataa barataa Yuunivarsitii Finfinnee hidhaa waggaa 3 fi batii 3
7. Barataa Seenaa Mararaa barataa Yunivarsiitii Arbaa Mincii hidhaa waggaa sadii (3)
8. Gazixeessaa Alemuu Tashoomee jiraataa Finfinnee irraa hidhaa waggaa sadii (3)
9. Barataa Dirriibsaa Damxee Yuunivarsiitii Finfinnee irraa hidhaa waggaa sadii(3)
10. Barataa Silaashii Soorii barataa Yuunivarsiitii Haroo Ammayyaa hidhaa waggaa (3)
11. Barataa Abdiisaa Guddataa barataa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu hidhaa waggaa sadii 3. fi batii 3
12. Barataa Mirreessaa H/Yesuus Finfinnee kolleejjii dhunfaa irraa hidhaa waggaa (3)
13. Barataa Damee Zarihuun barata Finfinnee Koolleejjii dhunfaa hidhaa waggaa (3)
14. Barataa Abdii Darajjee barataa Yuunivarsiitii Wallaaggaa hidhaa waggaa (4)
15. Barataa Alamayyoo Raggaasaa barataa Yuunivarsiitii Hawaasaa hidhaa waggaa (3)
16. Barataa Darajjee Geetuu hidhaa waggaa sadii (3)
17. Barataa Daagiim Baqqalee barataa Yuunivarsiitii Adaamaa hidha waggaa sadii (3)
18. Barataa Geetachoo Abarraa Shaambuu irraa hidhaa waggaa sadii (3)
19. Barataa Shaafii Said barataa Yuunivarsitii Jimmaa hidhaa waggaa sadii (3)
20. Jireenyaa Dassaaleny Waggaa (3)
21. Alamaayyoo Raggaasaa Waggaa (3)
22. Shaashee Sayid Waggaa (3)
23. Barsiisaa Lammii Waggaa (4)
24. Alamuu Tashoomaa Waggaa (3)
Kanneen jedhaman barattooti Oromoo balleessaa tokkoon malee dhaabbilee barnootaa garaagaraa irraa qabamuun keenneen hidhaman yeroo ta’u, mootummaan kun murtii diinummaa lammii Oromoo irratti fudhataa jiru madaa uumata cinqurfamaa daran jabeessaa deema malee akka hin dhinsinee fi qabsoo irraa hin dhaamne beekamaa dha. Sochiin daraggoota Oromoo biyyooleessaa (Qeerroo Bilisummaan) gochaan hammeen Oromoo irratti EPRDF raawwatu kun akka dhaabbatu gadi fageessee beeksisa.
Qabsoon Itti Fufa!Gabroomsaan ni kufa!
Injifatnoon Ummata Oromoof!
Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa (Q.Bilisummaa)
Hagayya 13,2013 Finfinnee