Monday, July 15, 2013

Atileetiin Oromoo Beekamaan Biyya Ingilizii Keessatti Fiigicha Mo’atee Alaabaa ABO Balaliisuun Eenyummaa Oromoo Beeksise.

Adoolessa 14,2013
atileetii OromooIlamaan Oromoo bakka jiranitti diddaa gabrummaa agarsiisuu qabsoo wal irraa hin cintne gaggeessaa jiraachuun beekamaa dha. Qeerroon Bilisummaa biyya keessatti,Dargaggootii fi hawaasi Oromoo biyya alaa irraan faajjii fi alaabaa Oromoo ol qabanii aduunyaatti beeksisuu fi diddaa farra Wayyaanee gaggeessuu irratti qooda ol-aanaa taphataa jiru.
Gaafa Adoolessa 14, 2013 Qophii fiigichoo magaalaa leeds,  Biyya UK, ‘’Run For All Leeds 10 kilometers, Jedhamee beekamu irratti Atleetni Oromoo Beekamaan maqaan isaa Guddinaa Dabalee jedhamu mo’atee seenaa atileeti kessatti yeroo jalqabaaf alaabaa ABO ol kaasudhaan gammachuu isaa ibsatee jira.
Akkasumaas Atleet  Guddinaan ilmaan Oromootaan baga gammaddani qabsoo fi kaayyootti jabaadha jechuun dhaamsa isaa dabasee jiraachuu gabaasaan Londonii irraa nu gahe addeessa.

atleta oro20130714_101623_3[1]